Jetteere.............!
Chanaalii kan banneef oduuwwaan haala yeroo wajjiin wal qabatan hatattaaman isin biraan gahuuf tahe ammas qophiilee bashanna
БольшеСтрана не указанаЯзык не указанКатегория не указана
179
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней
- Подписчики
- Просмотры постов
- ER - коэффициент вовлеченности
Загрузка данных...
Прирост подписчиков
Загрузка данных...
I won a $3.00 reward from ClipClaps, open ClipClaps to share bonus with me. #eyJpZCI6IjI2NTM1MTA5IiwidHlwZSI6MX0=# https://www.clipclaps.com/?activity_spin=26535109
Фото недоступноПоказать в Telegram
🎁Safaricom ethiopia ሽልማት🎁
በተጠቃሚዎች ዘንድ እውቅናን ለማትረፍና ደንበኞችን ለማብዛት የቴሌግራም bot ከፍተናል
በውስጡም ብዙ ሽልማቶችን አዘጋጅተናል።
🎁ለእርስዎ እና ለ2 ጓደኛዎ የ 3000 ብር ስጦታ
🎁smart phone( s21 ultra)
🎁Asus personal computer
ይህንን ለጓደኞችዎ በመላክ ተሸላሚ ይሁኑ
ማሳሰቢያ! ይህ ሊንክ የሚያገለግለው ለ Muaz ብቻ ነው
https://t.me/Safaricom_ethiopia_new_bot?start=r03937947420
Hey! Come watch funny videos with me on ClipClaps! There is a $1 sign up reward.
https://h5.cc.lerjin.com/propaganda/#/community?clapcode=5065289386
Muaz Mustefa:
Galatooma channel join gochuu hin dagatinaa galatooma!https:5065289386
#Anis_sagaleedha!
Hojjannee jijjiiramna
Quban qabnu namatti
Jennee hojii barbaacha
Ceenee baarii gamatti!
~
Harka namaa kajeeluu
Hiyyummaatti hafuu jibbaa
Gammoojjii qaxxaamurree
laafnee mogoleef jilbaa!
~
Gariin karaatti taanee
Galaa qurxummiif naachaa
Gadadoo jiruu moo'uuf
Lubbuu woreega laachaa
~
Deemsaan koomee ciccinnee
Aduu saafaan waadamaa
Bibir'ataa as geenye
Qabamuudhaaf gaadamaa!
~
Garuu.......
Akka garaa ta'aaree
Marqaan galaa ta'aaree?
Kan yaadne faallaa ta'ee
Bitaacha nutti galee
Rakkoon baqanne asittis
Lakkuu nurratti dhale!
~
Alagaan alaguma
Jabduudha biyyi ormaa
Jiraachuu nu dhorkite
Kokkee nu qabde morma
~
Mankaraarree hojjannee
Jijjiiramuu dharraanee
Rakkoof biyyarraa baanee
Gidiraatti rarraane!
~
Mirga namummaallee
Nurraatii sarbanii
Qabanii hidhaatti
Dirqiin nu darbani!
~
Hidhaanuu hidhaadhaaree
Azaaba biyya lafaa
Gubaadhaan affeelamnee
Kunoo ciccinne nafaa!
~
Kumaan bakka tokkotti
Nutti cufan balbala
Jiruun imimmaan taate
Ganamaafi galgala
~
Dabareen wal gaggeessuu
Taate keenya hireeni
Daarree beelaan dhumanne
Dhibee irbaataaf cireeni!
~
Osoo lammii qabnuu
Homaa wallaalamnee
Festaaliidhaan duunee
Isaan awwaalamne!
~
Du'aaf guyyaa eegganna
Maal jetturee yaa firaa
Gidiraan biyya lafaa
Kan kana caalu jiraa?
~
Dhufee nubaasa jennee
Abdannee kootummaani
Iyya keenya dhaga'uu
Maaf dide mootummaani?
~
Dhaabbileen siyaasaa
Kan bulchuuf morkatu
Akkamiin lammii ofii
Sagalee dhorkatu?
~
Gaafa bal'oo nu fedhaa
Gaafa rakkoo nu gantaa?
Meerre majilisaaf
Dhaabbileen amantaa?
~
Aktiivistiin keenya
Osoo arguu miixuu
Dhimma lammii isaa
Maaf waan tokko hin xiixu?
~
Rakkinaaf manaa baane
Nutoo hin qabnuu cubbuu
Firaaf aantii osoo qabnuu
Wareega baafnaa lubbuu?
~
Lammileen biyya alaa
Maaf nuun birmatu ka'ee
Sagaleen dhageessisuu?
Fuuldura embaasii ba'ee
~
Gaafa dhimma siyaasaa
Dafee harki diriiraa
Gidiraa keenya argaa
Ummanni maaf callisa
Nuuf hin ba'uu hiriira!
~
Duroo lammiif birmatee
Fuudhee biyyatti galaa
Maaliif ijaan nulaala
Dippiloomaasiin alaa!
~
Orma dhageessuu laata
Sagalee addaan footanii
Rakkoof biyyarraa baanaan
Alagaa nu gootanii?
~
Du'a lammii keessanii
Gammadduu akka cidhaatti
Abdii sinirraa kunnee
Dhumnuu mana hidhaatti!
~
Lafti namaan bareeda
Lammii ofiitoo biyyaa
Gamaa gamanni yaa'ee
Nuun dhageessisuu iyya?
~
Adaraa yaa ummataa
Nuti ilmaan keessanii
Hidhaa biyya ormaatti
Nun laalinaa teessanii!
~
Akka isiniif birmanne
Gaafa hongeefi beelaa
Gurmuun nuuf birmadhaatii
Nurraa dhaabsisaa eelaa
~
Hidda dhiiga keenyaatu
Wiirtuu keessanii maddaa
Qaamni keessan madaadha
Xiqqumallee nuuf gaddaa!
~
Kunoo waggoota lamaaf
Harka marannee teenyaa
Rabbii guddaa gaditti
Sin qofa abdiin keenya
~
Callisaan laaltu taanaan
Lubbuu lammiitii baatuu
Gaaffii biyya lamaanii
Nama taajjabbii taatu!
~
Guyyuu lubbuu gabbaraa
Dadhabneerra turmaata
Tokkummaan ka'aa iyyaa
Nuuf barbaadaa furmaata!
✍️... @Riyaad_Raayyaa tiin
gaaffii 1
mootummaa jechuun maalidha?
deebii : mootummaa jechuun gartuu uummataa naannoo keenya keessa jiraaatan(maqaa dheeruu hin barbaaduu)birrii furdaa kan nyaatan,ofii isaaniifi haadha warraa isaaniif konkolaataa gatii guddaa kan bitan, ijoollee isaanii barnootaaf biyya alaatti kan ergan, giiftii isaanii bittaaf gara Dubaayitti kan ergan, maatii isaanii yoo mataan dhukkube illee wal'aansisuuf Indiyaatti kan ergan, mana gurguddaa kan ijaaran .
yeroo uummanni #zayitiin birrii 700 gale jedhee maraatu yeroo uummanni booranaa goginsa sodaate Loon birrii kuma 50 birrii 500n gurguratu.😭😭
utuu isin ta'ee deebii kanaaf 10n keessaa meeqa kennituuf ?👍
qormaata kuftee aaruu dandeessa
jaalalleekeen wal loltee akasuma aaruu dandeessa
garuu
garuu na amani bilbillikee chaarjii fixee chaarjiirra keessee hojiikee xumurtee manaa ba'uuf yeroo chaarjiinkee amma iyyuu 3% siin jedhu caaalaa wanti nama aarsu hin jiru.😡😡
😂😂😂😂