cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Lafaa fii Lafee Teenya

Seenaa Lafa teenyaatii fii tan Lafee teenyaa tan dhabnee fii tan harkaa qabnullee addaan baafnee Haa barannuu waliis Haa Barsiifnuu

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
204
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Waldaan Tokkummaa Muslimoota Magaalaa Jimmaafi Naannoo Isii guyyaa har'aa 20/06/2013tti hundeeffamaa jira. ****************************** Ummanni Muslimaa magaalaa Jimmaafi naannoo isaa 'Waldaa Tokkummaa Muslimoota Magaalaa Jimmaafi Naannoo Isii' jedhamu guyyaa Sambata xiqqaa gaafa 20/06/2013tti hundeeffamuu irra jira. Saganticha irratti ulamoonni magaalaa Jimmaa, hayyoonni Yunivarsitiifi magaalichaa, dargaggoonni, dubartoonniifi daldaltoonnis irratti hirmaataniiru. Kaayyoon waldichaa tokkummaa cimsuudha. Akkuma beekamu Islaama keessatti tokkummaan lafee dugdaati. Tokkummaadhaan amantichi galma ga'a; jireenyi hawaasummaa, diinagdeen, barnoonni, nageenyiifi kkf tokkummaa irratti hundaa'a. Kanaafuu Rabbiin tokkummaatti nu ajaje. Isin ummata tokkoo nutti hime. Karaan keessanis karaa tokkicha jedhe. Gurmuu tokkummaa Muslimaatiin tawhiidni Rabbii batamee deemame. Tokkummaan Rabbiifi tokkummaan ummata Muslimaa yoomuu kan adda ba'uu miti. Garuu yeroo ammaa sababa adda addaatiin tokkummaan boora'aa deemaara. Sababa siyasaa, mazhaba adda addaa, bu'aa addunyaa, kutaan wal qooduu, naannummaafi gosummaa tokkummaan Muslimaa laafaa jirachuun waan haalamuu miti. Amma garuu Muslimoonni dammaqanii tokkummaa ofii eeguun dirqama ta'a. Kan Jimmatti geggeeffamaa jiru kun fakkeenya gaariidha. Kutaaleen biroos waan kana bifa adda addaatiin hojjataa jiru. Ammas itti fufuu qabu. Rabbiin tokkummaa kana galmaan nuuf haa ga'u. Nama ittiin milkaa'us nu haa taasisu. Share fii Join Godhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇 @Yaadaafiihaada @Yaadaafiihaada @Yaadaafiihaada 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Показать все...
Fiinxaan baasa jaee Wanniin an jalqabuu Fedhii tiyyaa wajjin Walnaaf hin qarqabuu Hanteeyfadhee jiruu Gad taa'ee qubachuuf Fiinxaa fiinxi hiree Walnaaf hin dhaqqabuu Nama kooti ja'ee Kaniin an fi qabuu Wajjin jiraachuudhaaf Haada meeqa irbuu Odumaan kolkoluu Natti seena cubbbuu Yoon obsees natti cimee Fageeysee na darbuu Wanniin wali tuulu waljalaa bororaa Tarkaanfumaan fuudhu numaan gatantaraa Maaliif yaanni kan koo Gayuu dide bakkaa? Taniin jaare hunda Tan diigamteen arkaa Tan jiiyde haa jiidyu Ammaas niin jaarradhaa Waan rabbiin naaf qoode Wiliidhaan afadhaa Tan dabarteefii miti Tan dhuftuufiin tashadhee If duraan saayisaa Ka rabbii koo qabadhee Tattaafatan dhiisu Carraaqa hin hifadhuu Haalaa fi jireenya Hangaan injifadhuu If booda hin deebi'u Rakkoo irraa sodaadhee Haalaa fi jireenya irraa Waa hedduun baradhee Shantam shubbisaa @Yaadaafiihaada
Показать все...
"Qeerroo kuma shan wareegnee jijjiirama fidne. Waarri gaafas taa'anii nu daawwachaa turanii fi warri gaafas Wayyaanee waliin dhiichisaa turan miidiyaa dhuunfatanii galma qe'ee keenyaa keessa naanna'aa yeroo shubbisan jiraannee arguurra du'a filanne. Of-ajjeesaa hin jirru, osoo sana ta'ee funyoo mormatti kaawwanna ture. Qabsootti jirra, sana nuuf hubadhaa. Kabajaa keenyan akka duunu nuuf hayyamaa! Dhaloota kana sodaa dhaalchisuu hin feenu! Isin qabsoo itti fufaa, Oromoon saba guddaadha, waan akka har'aa kana heddu ce'ee jira. Qabsoo akkuma nuti dhaalle, nurrattis hin dhaabbatu. Gahee keenya baahannee darbuu barbaadna!" ---- Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa ---- Mana Hidhaa Qaallittiirraa Oromo Political Prisoners Defence Team https://t.me/ferhanabdulselam
Показать все...
GORSA GABAABAA Waliif Dabarsaa! _ Adaduma Qabsoon Oromoo jabaatte PP'n ciniinnattee Namoota jajjaboo fi Ummata Biratti Fudhatama Qaban Hidhatti Guuruu Dandeessi. Yoo Fancilli Barattootaa kun jabaatee kan itti fufi tahe muddama Keessa Qeerroowwan, Abbootii Amantaa, Jaarsolii Biyyaa dabalatee Hidhamuu Dandahu. Tuni Amaluma Abbootii Irree gaafii Ummataa keessummeessuu hin feenee hundaati. Humna Hidhate bobbaasanii Ajjeechaa, Hidhaa, Doorsisaa fi Qabeenya qabsaahotaa saamun Sagalee ummataa Ukkaamsanii gaafii sabaa Qancarsuu barbaadu. Gaafii deebisurra Gaafataa Dararuu Filatu. Duris kanumaatu Ture ammas kanuma argaa Jirra. Dhugaa jirtu tana hubannoo keessa galchuun Ummatni Keenya Qabsoo eegale Daran cimsee itti fufuu Qaba. Namni kaayyof Dhaabbate hanga kaayyoo isaa galmaan gahutti tattaaffii hin dhiisu. Dandahu fiigee kaayyoo isaa bira gaha Dadhabu suuta tiratee bira gaha malee Abadan harka kennee hin gabroomu. Qabsoon hadhooftudha Murannoo, Wareegamaa fi Aarsaa nama gaafatti Duuba maaltu Fala? Qabsoodha Tokkummaadha. Jaarmaya. Tarsimoodha Wanni Jala muramee beekkamuu qabu. Qabsoon Oromoo Hin dhaabbattu. Ummanni Oromoo Aarsaa barbaachisu Kafalee Kaayyoo qabsoo isaa Galmaan gahuun waan hin Oolledha. Qabsaawaa hidhuun galma Qabsoo hin hanqisu. Tarii Yeroof nu danquu dandaha Garuu Abadan Qabsoon Addaan hin Dhabbaatu. DHAAMSA! Wacaa fi Olola Dabballee PPtiif bakka hin kenninaa! Yeroo Teessan Waa'ee jaraa osoo haasoftanuu Ifirraa hin gubinaa. Isaan Hanga dandahan Qabsoo danqaniii Isin dhamasuu barbaadu waan taheef Jala hin fiiginaa. Qabsotti Fuulleffachuu qabna @khabiiroota @khabiiroota @khabiiroota
Показать все...
KAAYYOO FI Kiyyoo:👇 Namni #KAAYYOO qabu #Kiyyoo fedhees keeysuuf keeysaan baheetuma KAAYYOO isaa bira gaha. Gaafa inni kiyyoo keeyseef keeysaan bahee Kaayyoo isaa bira gahe Abbaan kiyyoo kaaye Kaayyoo waan hin qabneef Kiyyotti gala. Kaayyoo bira gahuun akkaan waan jabaattuuf kiyyoo keeysa si galchu malti. Kiyyoon takka takka tan gubbaan isii kiyyoo tan keeysi isii kaayyootu jira. Gaafa akkanaa kana KAAYYOO bira gahuuf kiyyoo seenuun dirqama taha. Kiyyoo dheeysuun ammoo KAAYYOO kaateef irraa si fageeysa, siifii KAAYYOO tee wal habaabsa. Kanaaf kiyyoo akkanaa tana seene jettee hin rifatin, hin dhiphatin, hin rakkatin, hin waywaatin. Kiyyoo akkanaa seenuun KAAYYOTTI SI GEEYSA waan taheef. Karaa KAAYYOO kee biraan si gahu kana seenuuf gammadi malee hin gaddin. Ati ka kiyyoo namaaf kaayees nama kiyyoo keeysa seene laaltee KAAYYOO isaa hanqise jettee hin gammadin. Kiyyoon ati keeyseef Karaa KAAYYOTTI ISA GEEYSU malee Karaa kaayyoo isaa isa hanqisuu miti. Kanaaf hedduu rifatanii waywaachuunii fi Gammadanii utaaluuniis hedduu gaarii miti. Dubbiin karaa fi akka yaadanitti osoo hin tahin karaa fi akka Rabbiin Karoorsetti taati. Rabbiin laaftumatti kiyyoo keeysaan KAAYYOO biraan nu haa gahu.🤲 Adem Dhalate Gurraandhala 8,2021. https://telegram.me/ademchannel
Показать все...
Adem Dhalate

Where you may get new ideas on new issues.

Jawar Mohamaad_ Waraana_Tigiraay_Afaan Oromoo(2).pdf1.20 KB
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.