cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Osee Smart

😍nudhihaadha ❤jaalalaan nurraa baradhaa 🎧nashidan relax of goodhaa 😘hadisan of yaadadhaa 🤔seena sahabatin qalbi if jisaa Khana hunda arkachuuf duba maltu join godhu sin dhorke 👇👇👇 This is official Osee Smart Channel

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
156
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

😍😍😍As Wr Wb😍😍😍 Sadarkaa Salaatni halkanii qabu Salaatni halkanii sunnaadha. Garuu ibaadaa akkaan Rabbittiin dhiyaatan keessaayi. Namoonni rabbiin isaanii laaffisee halkan dhaabbatanis gabroottan isaa gaggaarii warra tahani. Rabbiin akkana jedha: وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَتَهَجَّدۡ بِهِۦ نَافِلَةٗ لَّكَ عَسَىٰٓ أَن يَبۡعَثَكَ رَبُّكَ مَقَامٗا مَّحۡمُودٗا “Halkan irraas isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) sunnaa siif taateen sagadi; Gooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha.” Ammas Rabbiin mallattoo gabroota isaa gaggaarii yeroo nuuf himu akkana jedha: قَلِيلٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مَا يَهۡجَعُونَ۞وَبِٱلۡأَسۡحَارِ هُمۡ يَسۡتَغۡفِرُونَ۞ “Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan. Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhataniidha.” Rabbiin ol tahe ammas aayaata biroo keessatti akkana jedha: وَعِبَادُ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلَّذِينَ يَمۡشُونَ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ هَوۡنٗا وَإِذَا خَاطَبَهُمُ ٱلۡجَٰهِلُونَ قَالُواْ سَلَٰمٗا۞وَٱلَّذِينَ يَبِيتُونَ لِرَبِّهِمۡ سُجَّدٗا وَقِيَٰمٗا “Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deeman; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaaman” (nagaa) jedhaniidha. Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha” وعن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله – صلى الله عليه وسلم – قال: (ينزل ربنا عز وجل كل ليلة إلى سماء الدنيا حين يبقى ثلث الليل الآخر فيقول: من يدعوني فأستجيب له. من يسألني فأعطيه. من يستغفرني فأغفر له. متفق عليه Ergamaan Rabbii ﷺ Hadiisa Abii Hureeyraa irraa odeeffameen akkana jedhan: Rabbiin keenyaﷻ halkan hunda gara samii Addunyaa kanaatti gadi bu’ee yeroo halkan sadaffaa (xumuraa) tahuuf ka’e akkana jedha: ‘Eenyutu na yaammata isaafin owwaadhaa; Eenyutu na kadhata isaafin kennaa; Eenyutu Araarama na gaafata isaaf Araaramaa’ Jedha. Yaa Rabbii gabroota gaggaarii fuula kee argachuuf halkan dhaabbatan nu taasisi! Join 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 @osishaa_xahaa @osishaa_xahaa 🌺🌺🌺🌺 @osishaa_xahaa 🌹🌹🌹🌹 ✅✅✅✅ @Osishaa_xah..... https://t.me/osishaa_xahaa
Показать все...
Osishaa_xah........

As Wr Wb Ashamaa horddofttota keenya Channel kiyya kana kessatti Gorsaa, Nashiidaa, Diraamaa, Walaloo fi baacoo garagaraa wanttoota nama boharssan ni arkkattu Channel kiyya #Join @osishaa_xahaa godhaa na horddofaa yaadaa fi gaafii yoo qabaattan @Oskaar53

Показать все...
🕌Ramadan Kariim🕋

#towbaa_show#carcar_barcaa#Ane_Tube#maazing_show#Bareentoo_tv#roras_tube#yasu_birra#bultum_multmedia#Aadam_tube#riyoo_tube#hamaza_sheik_jabir#Hamzaa_Leenca_i...

" Manzuumaa 34ffa qophii kiyya ittiin jira, Yoo RABBIIN jedhe guyya lama ( 2) booda waraabbii eegaluufan deema, isinis du'aa'iidhaan na gargaaraa. Jazaakumullaahu " ●Raayyaa Abbaa Maccaa Join shere👇 @Raayyaa_Abbamaccaa
Показать все...
•••WANTOOTA IRRA CAALOO TA'AN••• •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• ◆◆Irra caaltuun Jaalalaa ...Rabbii fi Rasuula(saw) jaallatuudha . ◆◆Irra caaltuun yeroon namni Rabbitti dhihaatuu ...Sujuuda keessatti . ◆◆Irra caaltuun imimmaanii ...tan sodaa Rabbiitiif buutu, ◆◆Irra caaltuun Amantii ...tan Islaamaati . ◆◆Irra caaltuun Ummataa ...kan nabi Muhammadi(saw), ◆◆Irra caalaan kitaabaa ...Furqaani . ◆◆Irra caaltuun qaraatii Qur'aanaa ...Tajwiidaan qara'uudha . ◆◆Irra caalaan Hadiisaa ...Sahiiha . ◆◆Irra kabajamtuun manaa ...Ka'abaadha . ◆◆Irra kabajamaan dhagaa ...Hajar Al- Aswadi . ◆◆Irra caalaan torbaanii ...guyyaa Jum'aati . ◆◆Irra caaltuun ji'oowwanii ...Ramadaana . ◆◆Irra caaltuun ulee ...tan nabi Muusaati (as) . ◆◆Irra caaltuun yaabbii ...tan nabi Suleeymani(as) . ◆◆Irra caalaan nabiyyootaa ...nabi Muhammadi(saw) . ◆◆Irra bareedaan namaa ...Abbaa keenna Adami(as) . ◆◆Irra qaaliin meeshaa ...tan Jannataati . ◆◆Irra ol aantuun Jannataa ...Firdowsi . ◆◆Irra caalaan maqaa kabajaa ...Gabricha/ ttii Rabbii jedhamuudha . ◆◆Irra jabaan namaa ...kan yoo Aare of qabuu dandahu . ◆◆Irra kabajamaan namaa ...kan Rabbi sodaatu . ◆◆Irra caaltuun dubartii ...tan naamusa isii eeggattu . ◆◆Irra ol aantuun(fiixeen) duniyaa ...Jaartii gaarii qabaatu . ◆◆Irra caaltuun Jaartii ...tan ajaja jaarsaa 99% fudhattu . ◆◆Irra caalaan dhiirsaa ...kan jaartii isaa biratti haala gaarii qabu . ◆◆Irra caaltuun bultii ...tan wal Jaalalaan diiniin jiraatani . ◆◆Irra caalaan barsiisaa ...kan Qur'aana barsiisuu . ◆◆Irra caaltuun tarkaanfii ...tan gara Masjiidaa deemtu . ◆◆Irra caaltuun teessumaa ...tan Masjiida keessaati . ◆◆Irra gaariin arrabaa ...kan zikrii baayyisu . ◆◆Irra caaltuun jireenyaa ...tan Mu'uminaati . ◆◆Irra bareedduun sagalee ...tan Qur'aanaati . ◆◆Irra argisiiftuun daawwitii ...Hadiisaa fi Qur'aana . ◆◆Irra caalaan beekumsaa ...hamma beekanitti dalaguudha . ◆◆Irra caaltuun suuraa Qur'aana ...Al- Faatihaadha . ◆◆Irra caaltuun Aayata Qur'aanaa ...Aayaat Al-Kusiyyi . ◆◆Irra caaltuun zikrii ...Laa Ilaaha Illallnama . ◆◆Irra caaltuun du'aa'ii ...Al-Hamdu Lillaah . ◆◆Irra amanamaan Ummata kanaa ...Abuu Ubeedaadha . ◆◆Irra iimaana qabeessi sahaabaa ...Abuu Bakri . →RABBUMATU BEEKA !!! @AlfajriInshad
Показать все...
Soomanni Maali? Afaan Arabaatiin Soomana jechuun if qabuudha. Shari’aatti Nyaataa fii dhugaatii akkasumas waan soomana balleeysurraa if qabuun Rabbiif Ibaadaa godhuudha. Sadarkaa Soomanni qabu: Soomanni sadarkaa guddoo qaba. Warri Soomanaa guyyaa qiyaamaa hulaa kophaa tan Ar-Rayyaan ja’amtuun yaamamuuf taa’an. Galata Soomanni qabu Rabbuma qofaatu beeka. Rabbiin guutumaan guututti waan warra Soomanaatiif qopheeyse nu hin beeysisne garii qofa irraa nuuf akeeke. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Hadiisa kheeysatti waan Rabbiin soomana laalchisee je’e hoggaa dubbatu akki je’e: “Rabbiin ol tahe Soomanni anaafi, anaatu galata Isaa deebisa je’e” Bukhaarii: 1904 Hadiisa Bukhaarii fii Muslim Gabaasan Kheeysatti Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam: “Jannata kheeysa Hulaa Al-Rayyaan ja’amtuutu jira, Guyyaa Qiyaamaa Warra Soomaneetu Isiidhaan Seena, Isaan malee Namni biraa Tokkolleen hin seenu. Warri Sooamanaa mee? Ja’anii yaamaniin; Hogga Isaan seenan hulaan sun ni cufamti.” Bukhaarii: 1896 muslim: 1152 Soomanni guyyaa qiyaamaa magantaa dhaabbattee siif falama. Rasuull sallallaahu aleeyhi wasallam: “Soomanaa fii Qur’aanni guyyaa qiyaamaa gabrichaaf magantaa seenan. Soomanni ni ja’a: Yaa Rabbi! Nyaataa fii feedhii Isaa irraa Isa dhorge, Magantaa Isaan na dhaabi. Qur’aannis ni ja’a: Yaa Rabbi! Halkan rafuun isa dhorge, Magantaa Isaaf na godhi. Akkasitti lamaanuu Isaaf magantaa seenan.” Sahiihul Jaamii’i: 3882 Baga Gammade Baatii Ramadaanaa geeysee Baatii Quraanni kheeysatti bu’e, Baatii Araaramaa. Baatii Salaata Taraawii fii Tahajjudaa. Baatii Towbaa. Baatii Sheeyxaanni hidhamtu. Baatii Hulaaleen Jannataa banamtu. Baatii Hulaaleen Jahannam cufamtu. Baatii Arjummaa fii Tola Olinsaa. Baatii Ibiddarraa Itti Bilisooman. Baatii Halkan Leeylatul Qadrii kheeysa jiru. Baatii Du’aa’ii. Baatii Qabsoo. Baatii galanni dalagaa Gaariin dachaa tahu. Baatii tana gahuu keetiif gammadi. Irraa fayyadamuufis karoorfadhuu itti seeni. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e: “Baatii Ramadaanaa hoggaa seene, Sheeyxaanni ni hidhamti, Hulaaleen Ibiddaa ni cufamti, Hulaaleen Jannataa ni banamti. Lallabaan ni Lallaba: “Yaa Nama kheeyrii barbaadu gama kheeyrii as gargali, Yaa Nama hamtuu barbaadu hamturraa gabaabbadhu. Warra Rabbiin Ibiddarraa Bilisoomsuutu jira halkan hunda kheeysatti.” Bukhaarii: 1898 Tirmizii: 682 Soomanni Ramadaanaa arkaana Islaamaa shanan irraa tokko. Rabbiin Qur’aana kheeysatti akka soomannu nu ajajee jira. Rabbiin ol tahe akki je’e: “Yaa warra amantan Soomanni akkuma warra isiniin duraa irratti dirqama godhame isnirrattillee dirqama godhamee jira.” Al-Baqaraa: 186 Ramadaana soomanuun dirqama kan godhame bara Hijiraa lammaffaa baatii Sha’baan kheeysa ture. @osishaa_xahaa
Показать все...
#Towbaa Nama ta'ee kan badii hin dalagne inuma hin jirre , garuu garaagarummaan jidduu keenna jiru dafanii towbachuu fi towbaa dhugaa towbachuu keessaa jira ... Share👇 @Bilaal_taha @Bilaal_taha @Bilaal_taha @Bilaal_taha
Показать все...
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته miizana ⚖keessan ilaalaa kayiriifi sharrii isaa kamtu caala ! ⚖ dhugaa dubbachuutti yeroo ammaa sharrii😡keenyatu caalaa maaliif" akka naan hinjennemmoo! hojii keenya rabbitu beeka an garuu yerootti hundaa'eetanii ↘️maaliifuu abbaan toltuun koo haacaaluu jedhe⚖ kunooti👇👇👇 ⬜️ol kaafadhu miizaana kee⚖ ⬜️zikrii rabbiitiin ثقل ميزانك بذكر الله.: ♥️-سبحان الله🌿 ♥️-والحمد لله🌸 ♥️-لا إله إلا الله🌴 ♥️-الله أكبر☀️ ♥️-سبحان الله وبحمده✨ ♥️-استغفر الله💜 ♥️-اللهم صل على نبينا محمد🖼 @osishaa_xahaa❤️ @osishaa_xahaa❤️
Показать все...
ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ﷺ✨ 🌺 ﷺ🌺 🌺🌺JUMA MUBARAK 🌺🌺 👇👇👇 @osamaShekXahaa
Показать все...
Guyyaa qiyaamaa. ... " jedhan Ergamaan Rabbii ( s.a.w ) “Guyyaa qiyaamaa, guyyaa gaddisa isaa malee gaaddisni biroo tokkollee hin jirre sana Rabbiin namoota torbaa gaaddisa ufii jala taasifata." (Isaanis) 1ffaa, bulchaa biyyaa kan karaa haqaatin bulchu 2ffaa, dargaggeessa ibaadaa osoo godhu ibaadaa irratti guddate 3ffaa, Namicha qalbiin isaa masjiidaan waliin walitti hidhamte 4ffaa, Namoota lamaa kan Rabbiif jecha wal jaalatan, kan yommuu walitti dhufanis tahee yommuu gargar bahani Rabbiif qofa tahe 5ffaa, Namicha dubartiin bareedduu taatee fii tan sadarkaa guddaa qabdu takka wal wajji haa sagaagalaniif isa yaamtee inni garuu "Rabbii kan koo sodaadha!" Jedheetiin dide 6ffaa, namicha sadaqaa kennatu, kan sadaqaan inni kennatu sun dhoksaa tahuu irraa kan ka'e yommuu harki isaa mirgaa kennatu harki isaa kan bitaa waan tokkoyyuu kan irraa hin beekne. 7ffaa, namicha yommuu kophaa isaallee jiru Rabbii isaa zakkaru kan ijji isaa imimmaaniin guuttamtu." (Sahiih Bukhaarii, lakk. Hadiisaa 660) Yaa Rabbii warra guyyaa qiyaamaa guyyaa gaaddisa kee malee gaaddisni biroo hin jirre sana warra gaaddisa kee jala taasifaman irraa nu taasisi! Yaa Rabbi Yaa Allah! @AlfajriInshad T.me/AlfajriInshad
Показать все...

New Neshida Afeeramaa😍😍 @AlfajriInshad
Показать все...
CARRAARingtone.mp34.46 KB
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.