cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

TIKVAH AFAAN OROMOO

Больше
Рекламные посты
29 071
Подписчики
+2124 часа
+1207 дней
+51630 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Iraan Ibraahiim Raayisii raawwatame. Balaa Heliikooptaraan muudateen kan du'an Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Iraan Ibraahiim Raayisii kaleessa raawwatameera. Sirni awwaalchaa Ibiraahim Raa'isii bakka qulqulluu jedhamu magaalaa Mashaad keessatti raawwateera. Balichaan waliigalaan lubbuu namoota torbaa darbuun kan yaadatamuudha. Ministirri Dhimma Alaa biyyattii balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban kaleessa sirni awwaalcha isaanii raawwatame. Sirni awwaalchaa Ibraahiim Raayis har'a bakka hoggantoonnii fi aanga'oonni biyyoota 68 olii argamanitti raawwatamuu Reuter fi BBCn gabaasaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 7 1
Yakkamaan barattuu Daraartuu Lammeessaa ajjeese adabbii cimaa waggaa 18n adabame. Yakkamaan barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa kan turte Daraartuu Lammeessaa cuubeen waraanee ajjeese adabbii cimaa waggaa 18 adabameera. Namni Yohaannis Margaa Itichaa jedhamu Caamsaa 9, 2016 ALI ganama naannawaa sa’aatii 2:54tti Daraartuu Lammeessaatin cuubeen waraanuun ajjeesuu isaan yakka ajjeechaan himatamee ture. Abbaan Alangaa namni kun yakka ajjeechaa kana raawwachuu qorannoo taasisuun ragaa namaa fi yaalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Asoosaaf dhiyeesseera. Manni murtichaas yakkamaan seera yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Diimookiraatawaa Riippablika Itoophiyaa tumaa keewwata 539 muraa 1 ‘A’ jalatti tumame darbuu isaa mirkaneesseera. Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha guyyaa har’aa ooleen himatamaa Yohaannis Margaa irratti adabbii cimaa waggaa 18 itti murteessuu ragaan qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa Asoosaa irraa argame ni mul’isa. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 20 10😢 6
Фото недоступноПоказать в Telegram
Finfinneetti manni jireenyaa diigamuun lubbuun nama tokkoo darbe. Finfinneetti balaa manni jireenyaa diigameen lubbuun nama tokkoo darbuu Komishiniin Hoggansa Hojii Balaafi Sodaa magaalichaa beeksise. Ogeessi qunnamtii ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo odeeffannoo DhPItiif kennaniin, har’a Caamsaa 15 bara 2016 Kutaa Magaalaa Boolee aanaa 7 bakka addaa Yarar jedhamee waamamutti, hojjettoota gamoo nama dhuunfaa hojjetaa turan keessaa tokkorratti manni jireenya nama dhuunfaa jiguun lubbuunsaa darbeera. Balaan kun kan mudate hojjettoonni hojiirra otoo jiranii manni nama dhuunfaa qarqararra ture diigamuusaatiini jedhan. Hojjettoonni yeroo balaa komishinicha reeffaa nama du’ee biyyeefi dhagaan irra tuulamee ture qotanii baasuun poolisiif dabarsanii kan kennan yoota’u, reeffasaa baasuuf sa’atii 1:30 akka itti fixe himaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 5😢 1
Фото недоступноПоказать в Telegram
Lammiin Keeniyaa gaara yaabbachuun beekamu fiixee gaara Everestitti dhiyaatee erga dhabamee booda reeffi isaa argame. Namni ganna 40 Jooshuwaa Cheeriyoot jedhamu nama imala gargaaraa ture lammii Neeppaal waliin Roobii darbe achi buuteen isaanii dhabame. Lammiin Keeniyaan kun gargaarsa oksijiinii dabalataa malee nama Afrikaa jalqabaa gaara Everesti irra bahe tahuuf ture. #BBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 8😢 4👏 3
#Palestine🇵🇸 Guyyaa har'aa Ayarlaand, Noorweey fi Ispeen beekamtii biyyummaa Filisxeemiif akka kennan ifatti beeksisaniiru. "Guyyaan har'aa Filisxeem biratti guyyaa baayyee seena qabeessadha" jedhan. Muummichi ministeeraa Ayarlaandi Siimoon Haaris, "Har'a Ayerlaand, Noorweeyii fi Ispeen walabummaa Filisxeemiif beekamtii kenninee jirra. Murtee kana hojiirra oolchuuf tokkoon tokkoon keenya tarkaanfii biyyaalessaa kamiyyuu ni fudhanna" jedhan. Muummichi ministeeraa itti dabaluudhaan, " #torban_itti_aanan keessatti biyyoonni hedduun tarkaanfii barbaachisaa kana fudhachuuf nu waliin akka ta'an ni amanna" jedhaniiru. Mootummaan Aayirlaandi beekamtiin biyyummaa kun furmaata mootummoota lamaa kan deeggaru ta’uu fi nagaa waaraa naannichaaf barbaachisaa ta’uu ibseera. Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez fi Ministirri Dhimma Alaa Noorweey Ispeen Baart Iid biyyoonni isaanii Caamsaa 28 irraa eegalee Mootummaa Filisxeem beekamtii akka kennan ifatti beeksisaniiru. Muummichi ministeeraa Ispeen Peedroo Saancheez, ''lolli garee shororkeessummaa #Hamas irratti godhamu seera qabeessa ta'us, MM Beeniyaamin Netaaniyaahuun pirojektii nagaa Filisxeem hin qaban'' jedhan. Muummichi ministeeraa Noorweey Jonaas Gaahirr Istoor, "beekamtiin Filsxeem yoo hin jirree, Giddu Galeessaa bahaa keessatti nagaan jiraachuu hin danda'u" jedhan. ''Filisxeem biyya walabaa ta'uuf mirga bu'uuraa qabdi,'' jedhan. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 44 8👏 3😢 1
01:44
Видео недоступноПоказать в Telegram
.
Показать все...
👍 3
#Keeniyaa #USA Affeerraan kabajaa Pireezidant Baayidan gita isaanii Keeniyaaf taasisan waggaa 16 booda US bulchaa biyya Afrikaaf affeerraa kabajaa goote isa jalqabaati. Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waamicha kana hordofee gara Ameerikaa imalaniiru. Pireezidant Rutoon yaa'ii waloo Kongireesii Ameerikaarrattis haasaa akka godhan ni eegama. Mootummaan Keeniyaa imala Ruutoo ilaalchisee ibsa baase keessatti ''tarkaanfii seena qabeessa'' jechuun hariiroo biyyoota lamaanii waggoota 60f ture gara sadarkaa olaanaatti kan siqsu ta'uu ibse. Erga bara 2018 biyyootni lameen hariiroo isaanii gara sadarkaa ''walta'iinsi tarsiimawaatti'' ol guddisisuus beeksise. Affeerraan Pireezidant Baayidan Ruutoof dhiyeessaniifi daawwannaan isaanii kun hariiroo biyyoota lameenii cimsuun caalatti Keeniyaan naannoo Baha Afrikaatti michuu amanamtuu US ta'uushee agarsiisaa jedha ibsi imala Ruutoorratti kenname. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 15
Фото недоступноПоказать в Telegram
Daa'imman gara miliyoona 9tti dhiyaatan barnoota ala ta’aniiru - #UN Itoophiyaa keessatti daa’imman miiliyoona 8.85 ta’an barnoota ala ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa'immanii (#UNICEF) beeksise. Haalli barnootaa biyyattii haala rakkisaa keessa akka jiru kan ibse UNICEF, sababni guddaan kanaa walitti bu'iinsa kutaalee biyyattii hedduu keessatti hammaataa dhufe ta'uu akeekeera. Ji’oota sadan jalqabaa bara kanatti (Amajjii, Guraandhala fi Bitootessa) biyyattii keessatti lakkoofsi manneen barnootaa cufaman dhibbeentaa 18n dabaluu isaa kan ibse UNICEF, lakkoofsi manneen barnootaa miidhaan irra gahe dhibbeentaa 4.5 dabaluu ibseera. Akka odeeffannoo UNICEF irraa argametti, biyyattii keessatti manneen barnootaa 6,770 miidhaan kan irra gahe yoo ta’u, manneen barnootaa 6,410 cufamaniiru. Kana malees, Itoophiyaatti hongee fi lolaa adeemsa barnootaa gufachiisuun lakkoofsi daa’imman gara mana barumsaa deeman hir’isuu isaa UNICEF ibseera. AS @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 10😢 1
Фото недоступноПоказать в Telegram
#Wallaggaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii gara Naqamtee eegaluufi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Waxabajjii 10 bara 2016 eegalee torbetti guyyaa 4 balallii gara godina Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamteetti akka taasisu beeksise. Dhimma kana ilaalchisee daandiin qilleensichi xalayaa yuunivarsiitii Wallaggaatti ergeen, ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Naqamtee waggootaaf sababa rakkoo nageenyaan addaan citee ture deebi’ee eegaluun gara xumurarra jiraachuu ibseera. Daandiin Qilleensichi xalayaa isaa kanaan, ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Naqamtee xumuramee Caamsaa 24 balalii yaalii, Waxabajjii 10 ammoo balalii idilee akka eegalu yuunivarsitichi gahee isarraa eegamu akka bahatu waamicha dhiyeesseera. Bara 2010 ALI kan eegalameefi birrii biiliyoona 1.3n ijaaramaa kan jiru Buufata Xiyyaaraa Naqamtee ijaarsisaa dhibbeentaa 95 gahuu ibsameera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 39 8
Hujjaajota marsaa jalqabaaf gaggeessaan raawwatame. Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa hujjaajota bara 1445ffaa marsaa jalqabaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti gaggeessaa taasiseera. Hujjaajonni Itiyoophiyaa hardha irraa eegaluun sirna hajjii raawwachuuf Su'ud Arabiyaa seenuu eegalaniiru. Sirnichi bakka qondaaltonni olaanoo Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa fi hoggansaafi hojjettoonni Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa argamanitti gaggeeffameera. Barreessaan olaanaa Mana Maree Ol’aanaa Sheek Hamid Muusaa "sirni Hajjii imala irraa kaasee hanga deebi’anitti tajaajilli isaa teeknooloojiin kan deeggaramee dha" jedhan. Bara darbe hujjaajonni kuma 11 kan imalan yoo ta’u, bara kanas hujjaajonni kuma 12 ol gara iddoo sanaa akka deeman yaadachiisaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Показать все...
👍 19 8