cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

GUMAATA👌

👉𝐃𝐡𝐚𝐚𝐦𝐬𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐦𝐮𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐢𝐛𝐬𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 👉Beeksisa Hojii haaraa yeroo yerootti 👉Oduufi Odeeffannoo 👉Barnootaa fi 👉Bashannansiisuu Taajajila isin nu irraa argattanidha!

Больше
Рекламные посты
1 141
Подписчики
Нет данных24 часа
-27 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

MALKAA: Jatani Ali Scholarship (Borana University). Cognizant of its mission to contribute to human resource development efforts of our country (with particular focus on education of pastoralists' boys and girls), Borana University hereby heralds to the University community, friends, partners and all concerned that a block account has been opened to launch the eagerly- awaited " MALKAA: Jatani Ali Scholarship"! The general objective of the Scholarship is to contribute to human resource development by playing both enabling and excelling roles i.e by making weak students strong and strong students stronger. In particular, we aspire to: 1. Contribute to an improved access and quality of general education 2. Reach out to needy students, at all levels, with material and financial support 3. Tuition waiver to postgraduate students 4. Raise community literacy and numeracy skills Dear colleagues, friends and partners, this is a call of history. The University management firmly believes that a positive - impact making and meaningful development must start with self-reliant attitude and collective agency. We may start small today but will grow bigger tomorrow because we value and trust our collective efforts. All concerned are, therefore, cordially invited to respond through contribution of ideas and resources in order to render this grand initiative a reality. Account number: 1000625003702 Bank: Shaleka Jatani Ali Branch, Commercial Bank of Ethiopia, Yaballo Office of the President @gumaat @gumaat
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
#Dhageessaniittuu🙏 #DACHOO_MULTIMEDIA Ogummaa, barnootaan, Muuxannoo gaazexeessummaan kan dabaalameefi kennaa uumamaan kan badhaadheen sagantaalee qopheeffattan isiniif miidhaksina. #Tajaajiloota nuti kenninu: 👉Beeksisa waltajjii, Eebba, Cidhaafi kan biroo, 👉Beeksisa Sagalee Iddoo Jirtanitti Sin Biraan ni Geenya, 👉Karaa Toora “Facebook’ keenyaa siniif maxxansina, 👉Leenjii Gaggabaabaa Fayyadama Kominikeeshiniifi Midiyaa Dargaggootaafi Gaggeessitootaaf ni Kennina (Sanbattan 2’n Finfinneefi Magaalota Naannoo Finfinneetti dhiyootti Galma Mijeeffattanitti). Jabaatanii Jabaa Ta’u! Waloomaniit Milkaa'u! 👉Gatii madaalawaan tajaajila milkaa'aa fi miidhagaa ni kennina. #Argama: Karaa Fuula Facebook koo #Dachasa_Labata’ Inbox Gochuun nu Argachuu ni Dandeessu. #Finfinnee 👉DACHOO MULTIMEDIA Fakkeenya Dhalootaa! Bilisa Ne qaxalee bifaafi harki faranjii fakkaatu #Loogoo👇 bareedaa kana waan naaf hojjetteef galatoomi! #Share gochuun namoota biroos akka dhaqqabsiistan abdiin qaba. @gumaat @gumaat
Показать все...
Warri dafqee dafqasaan Maatiifi qomoosaa sooru Warri dhara baqatee Dhugaatti gale koolu Warri qarshii tokkotti Karaa dharaa hinbarbaanne Warri dafqnee nyaachuun Araadatti qabamne. Warri teessoo yaabbatee Sabasaa gooluu hin beekne Warri dafqee nyaachuutiif Matumaa of hin qeeqne Baguma hundaa daadeenyee Guyyaa kan keenya geenye ! Kabajamoo dafqaan bultoota addunyaa kana maraaf ! @gumaat @gumaat
Показать все...
5👍 1
Фото недоступноПоказать в Telegram
Kabajamtoota maatii gumaataa maraaf  May 4, 2024, at 12 p.m. Yookan Ebla 26 fuldura keenya irraa eegaluun koodii DV keessaniif isinii kenname link armaan gadii irra galchuun ilaallachuu dandeessu. Carraa Gaarii 🙏 dvprogram.state.gov/ESC/. Kuni karaa tokkicha ittiin ilaallachuu dandeessu waan ta'eef gara namoota deemuun maallaqa kaffaltan irraa bilbila harkaa keessan fayyadamuum of qusadhaa @gumaat @gumaat
Показать все...
👍 1
Kabajamtoota maatii gumaataa maraaf May 4, 2024, at 12 p.m. Yookan Ebla 26 fuldura keenya irraa eegaluun koodii DV keessaniif isinii kenname link armaan gadii irra galchuun ilaallachuu dandeessu. Carraa Gaarii 🙏 dvprogram.state.gov/ESC/. Kuni karaa tokkicha ittiin ilaallachuu dandeessu waan ta'eef gara namoota deemuun maallaqa kaffaltan irraa bilbila harkaa keessan fayyadamuum of qusadhaa
Показать все...
Xalayyaa Jaalalaa Imalaan daandiin dhabu Qillessatu isaaf karaa Nyaadhee maafin gabbdhu ... Dhugee maaf naan sifaa'u... Narraa ciisi yaa garaa 🙏 Otoon suuraakeen argiin Waggootan lakkofsisee Boraatiinkoo naan hiluu Ciisinikoo na doorsise Harmee na deesse ganee Abbakoo irraanffadhee Hiriyyoottan dagadhee Kunoo galaa naqaadhee ... Erguman manaa ba'ee Guuyyooni kuma darbee ... Kitila ta'uuf deema Tasan badaan jiramoo Si bira gahuun deema !? Sagaleen boraatiikoo Maqaakee natti kaasaa Abjuuf yaaddoon maqaakee Hirribarraa na kaasa... Kanaaf.. Kanaaf nyaachaa soofameen Biilla garbuutti ba'e Ganama, galgala, guyyaa hin jedhuu Maqaakee lafan kaa'uu Kana soofee na nyaata Nyaadhee suga naan ta'u 😓 Gurraachi Lixa Afrikaa Ilmii Taaddasaa Birruu Gaanfureen gurrachoota Gootichi Madeellayyuu Waggoota digdaamootaaf Abjuun qaba dhaadate Hin jedhu matumayyuu Maaliif natti barfate 💪 Maarree nan ceepha'iin yaa garaa Garaakoo garaa xiiqii Abdii kutannaa dhiisii Kaayyookee qofaaf fiigii Waca warra har'umee Sagalee lolaa dhiisi Galaana ta'i malee Dololoo ta'uu dhiisi Guyyoonni kuni darbe Nii Jetta guyyaa sanaa Ana bututtuu sanatu Har'a ga'ee addana 👌 Kanaaf cisee yoon ka'u Kanaaf bahee Yoon galu Kanaaf yeroon soorradhu Kanaaf yeroon boqodhuu Imimmankoo harcaaseen Dafaqa kiyyaan kukkuuleen Yaadee yaada yaachiseen Rakkoo dachee nyaachiseen Xalayyaan siif barressa Na dhaghi lubbuuko Kaayyoko na dhageessaa? Lubbukoonis haa dhuftu Maaltu walirraa seenasa Abdiin muratiin malee Gadheen abdatiin malee Waaqan dagatiin malee Lafa yaadde nii geessa 🙏 . GALATOOMAA ! ©Walqixxee Indaalee Guuttataa Ebla, 19 Halkan Walakkeessa Galatoomaa Kabajamtuu jaalalleekoo kan taate Kaayyookootiif No need of tag, photo, like and share just read it 🙏
Показать все...
👍 5
Фото недоступноПоказать в Telegram
Показать все...
Baga Ayyaana Gootota Oromoo geessan ! Har'a warra jiru taane guyyaa Gootota kabajna boru yoo darbinee ammoo goota taane tarree goototaa hirriirra Seenaa Gabaabaa Nimoonaa Xilahuun (1986-2014GC) ==== Nimonaa Tilaahun Imana Godina Wallaga bahaa Magalaa Jimmaa arjootti bara 1986GC dhalate. Nimoonaan abbaa isaa Obbo Xilahuun Imaanaa fi haadha isaa Aadde Laaqechi Indaalammaa Mul’ataa irraa godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Arjootti dhalate. Barnoota isaa kutaa tokkoo eegalee hanga kudha lamaatti achuma magaalaa Arjootti baratee xumuruun barnoota sadarkaa olaanaatti fufuuf bara 2004GC yuunvarsiitii Finfinnee seene. Baruma kana diddaa barattoota Oromoo dhimma Finfinnee waliin walqabatee ka’een murtii jal’aa mootummaa wayyaaneen barattoota Oromoo 400 ol ta’an irratti dabreen, Nimoonaa Xilahuun waggaa tokkoof barnoota irraa arihatame. Nimoonaa Xilahuun (1986 2014GC) Waggaa tokko boodas barumsa isaatti debi’ee bara 2005-2007GCtti “BSc / Banking and Insurance “ dhaan eebbifame. San booda bara 2007GC keessa godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimibitti/magalaa Shanootti mindeeffamee achitti hojii eegale. Achitti utuu barsiisuu hiriyoota isaa biraa konkolataan Patrol/3F kan jedhamuun humnooti tika wayyanee ukkaamsanii fudhatan. Haga ji’a tokkootti Mayikalawwitti dhoksaan hidhamee mana dukkana akeessatti gidiraa guddaa argaa ture. Dhiibbaa fi iyyannaa qaamota miran namoomaatiin dhiyaachaa tureenis, himannaan itti banamee gara mana Hidhaa Qaallittiitti dabarfame. Manni murtii Wayyaanees dhaddecha jallootiin murtii jalloo waggaa 11 akka hidhamuuf itti murteesse. Nimoonaan mana hidhaa Qaalittii, Zuwayii fi Qilinxoo keessaatti garafamaa ture; Reebicha garmalee irra ga’eenis dhibeef saaxilame. Mana hidha akeessatti wal’aansa gahaa waan dhabeef hedduu miidhame. Dhukkuba kanaan erga hiraarfamee boodas, bara 2012GC keessa gara Hospitalaa Xiqur-Anbassaatti geeffamee ture. Haata’uutii, wal’aansa garaa baqaqsaa godhameef iyyuu sirnaan otuu madaan isaa hin qoorin gara mana hidhaa Qaallititti deebifame. Achitti doorsisaafi dararaa guddaattu irra ga’aa ture. Dhukkubni isaa itti hamaachaa waan dhufeef, dhiyeenya kana gara Hospitaala Xiqur-Anbassaatti deebisan. Garuu, qaamni laafee, bututee waan jiruuf dhibee san irraa dandamachuu dadhabee Waxabajjii 6, bara 2014GC ganama barii keessaa saatii 6:00 irratti lubbuun isaa addunyaa kana irraa dabarte. Sirni awwaalcha Nimoonaa Xilahuun bakka warrii fi lammileen hedduu argamanitti bakka dhalootasaa Arjotti raawwatee jira. “Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa. @gumaat
Показать все...
Yeroo sana Magarsaa Barii Dura Taa’aa jechuun H/ Duree ABO ta’ee filame. Gama biraan ammo haalli yeros dirree bahaa keessatti mul’ataa ture qabsoo hidhannoo gochuuf kennataa ykn mijataa ture. Elemoo |Qilxuu jaallan biro wajjin bara 1975 falmaa diinaa wajjin adeemsifame keessatti wareegame iyyuu jaallan dirree keessatti hafanii fi kanneen yeroo sana soomaliyaa irraa biyya seenaa turan namoonni akka Abdulkariim Ibrhaahimfaa (Jaarraa Abbaa Gadaa) KG ABO wajjin quba wal qabaachuun qabsoo hidhannoo finiinsuuf sulula Gobellee seenaa turan. Mootummaa Soomaaliyaa fi Dargii gidduuttis lolli jalqabame. Haala kanaan bara 1977 walgahii gidduu ABO lammaffaa dhoksaan Finfinnee keessatti gaggeeffamee caasaa jaarmayaa haala yeroo waliin tarkaanfachu danda’u tolchuu dabalatee murtiilee adda addaa dabarse. Akka kanaan qaama hojii raawwatu Ajaja Siyaasaa fi Waraana Olaanaa jedhu, miseensota shan of keessa qabu akka hundeeffamu murteesse. Miseensota shanan keessa Magarsaa Barii dura taa’aa, Gadaa Gammadaa itti aanaa dura taa’aa, Leencoo Lataa barreessaa, Mo’ee Abdoo gaafatamaa siyaasaa fi hawaasummaa, Baaroo Tumsaa itti gaafatamaa hariiroo alaa godhe filate. Kana malees gara tooftaa qabsoo hidhannootti akka fuulleeffatamu fi miseensonni irra jalaan gara dirree qabsoo hidhannootti akka socho’an murteesse. Haaluma kanaan, Fulbaana bara 1977 Magarsaa Bartiifaa gara dirree qabsootti deemanii hoggansa laachuuf imalanii konyaa Arba Guugguu bakka Martii jedhamtutti qubatan. Achumarraan gara Harargee ce’anii saglii Badhoo Dachaasaa fi Raggaasaan durfamuun simatamanii naannoo Bookee Guddaa jedhamu qarree Saaqqataa ganda Aliyyii Gulubee fi Sheek Mohaammad Dooyee jedhamutti WBOtti makaman. Adeemsa hoggansa qabsoo hidhannoo gara naannoo kanatti godhaa turan milkii heddu argamsiisuus sirna jaarmayaa fi heera bulmaata waraanaa tolfame sadarkaa qondaalota waraanaatti iyyuu waan hin hubatamneef Magarsaa Bariifaa bakka garaa garaatti kora gaggeessuun hubannoo guddaa laatan. Ergasii kutaalee Oromiyaa bal’aatti socho’u eegalan. Haata’u malee Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa wareegamu isaaniin waraanni abdii kutatee ture irra deebiin ijaaran dhaaban. Hayyuu duree ABO Magarsaa Barii, itti aanaa hayyuu duree Gadaa Gammadaa, miseensota koree gidduu Abboomaa Mitikkuu, Iggazuu Bantii ajajoota waraanaa torba dabalatanii qaama jaarmayaa ABO Somaaliyaa jiru sirna qabsiisuuf murteessuun garas imalaa osoo jiranii hidhattootaan marfaman. Haala kanaan Ebla 15, 1980 gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamutti, Magarsaa Barii fi namootni isa wajjiin jiran hundi waliin ajjeefaman. waliin du'un(Tokkummaan wal faana dhabamuun isaanii) dhalootaa seenaa beekuufi seenaa kabajuuf akka inni garaagarummaa Amantiifi gandaa injifatuuf mooraa jabaa ta'ee tokkummaa Oromoo keessatti isaan eegeera! Aarsaan Shinniigaa isa garaagarummaa nu keessatti ajjeeseedha! @gumaat @gumaat
Показать все...