cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

ICCITII JIREENYA

jechaa fi gorsaa akkasuma barsiisa macaafa qulqulluu fi jechoota soraata sammuu ta'an channel kanarra in argattuu.gammachuun koo beekumsaa argachuu keessani !!!!!!!! @addako irraan karaa keessa naa qunnaamuu dandeessuu gorsiif yaadni keessan na jabeessa.

Больше
Рекламные посты
198
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

#Amanannaa_Isa_Dhugaa_Tokko!        ☆☆☆☆☆ Osoo Waaqayyo sin gargaarree, jabinaafi obsa osoo siif hin laannee, guyyoota ati darbuu hin dandeenye hedduutu jiru. Argitee! Kanaan booda, qorumsa ulfaataa sitti dhufu hundumaaf, amanannaa dhugaa tokko qabda! Gaafa gadi jettu kan ol si qabu; gaafa mataa gadi qabattus, warra si tuffatan duratti kan si kabaju; Waaqayyoon qabda isa galateeffadhu🙏🙏🙏❤         ☆☆☆☆☆
Показать все...
Jireenya jiraattu akka yaaliitti hinjiraatin! Har'i guyyaa kee dhumaa ta'uu danda'a. Kaleessi kan hindeebine darbeera. Bor kan itti of abdattu miti. Jireenyi jiraattu kun hawwii nama hedduu ta'uu danda'a. Jireenyi kee gatii qaba. Gati-qabeessummaan jireenya kee hiika kan qabaatu, yeroo ofii keef, maatii keef, hiriyaa keef gatii laattudha. Waan qabdutti gammadi! Wantoonni ati qabdu waan ati hinqabne ni caalu! Sanaafis uumaa kee galateeffadhu!🙏
Показать все...
#Gatiin_Bilisummaa_Meeqaa? Saree tokkotu jeedala huuqqattee jirtu argee akkana jedhaanii; "Yaa firakoo! Maaliif akkana of dadhabsiifta? Kanarraan cinatti, beelaafi balaa gammoojjiifi bosonaatti of laattee jirta! Kanarra, namatti dammaqi! Yoos, nyaataafi bakka jireenyaa bilisa ta'e argatta." Jeedallis gara saree sanaa ilaalaa, "Maalinni mormakee irra jiru kun?" jechuun gaafattiin. Sareenis "Cancala" jechuun deebisaafii. Dhumarratti, jeedalli dubbiin kun ajaa'ibsiise akkana jetteen; "Gabrummaatti furdachuurra, bilisaan huuqqachuu yookaan beela'uu wayya!" Wayyamoo wayya! •Animmoo, gatiin bilisummaa hin madaalamun jedha. Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Показать все...
Yaaddoon hammam iyyuu egeree kee hin jijjiiru, gaabbiin hammam iyyuu seenaa kee darbe hin jijjiiru. Nagaan kan argamu Fudhachuu. • Mudaa kan hin qabne fudhachuu. • Mirkanaa’uu dhabuu fudhachuu. • Kan hin to’atamne fudhachuu. Waan tokko hubachuu, obsuu ykn illee dagachuu hin qabdu, garuu yoo nagaa barbaadde fudhachuu qabda.
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Atumtuu ofiif gahaadha! Ati ofiikeef gahaadha! Namni jireenyakee irratti gooftaa ta'ee lafa kanarra kaa'ames tokko hin jiru. Akka fedhetti jireenyakee gidduu galuufis namni tokko mirga hin qabu. Namni kamuu akka gadditu si gochuuf haaboos ta'e mirga hin qabu. Akkanuma, jireenyakeef gahaa akka hin taanetti akka yaaddu namni si gochuuf mirga qabu hin jiru. Hin jiru! Atumtuu ofiif gahaadha! Qal'aa taatu furdaa, gabaabaa taatu dheeraa, adiis taatu gurraacha, ati ofiikeef gahaadha. Namni sirriin yookaan gahaan sirra siif caalu hin jiru. Kun kana ta'ee osoo jiruu, eenyuma laata inni akka waan ati ofiikeef gahaa hin taaneetti kan yaada kaasuu danda'u? Sii mooji! Namni kamiyyuu fedhaafi filannoo garagaraa qaba. Kanaaf akka garagaraattis dhadhama jireenyaa horachuu danda'a. Filannoon nama biraa kan nama biraati, filannoon kankee immoo kanuma keeti. Namni filannoo dhuunfaasaa jireenyakee keessa sutuuf mirga qabus tokko hin jiru. Akka namni biraan si eegutti deddeebi'uu dhiisuu malta, akkanuma beekumsaafi gahumsa sirraa barbaadan hin qabdu ta'a. Kana jechuun ati jireenyakeef, ofiikeef gahaa miti jechuu miti. Yeroo kana akka nama biraatti yookaan ija nama biraan guutuu  fakkaachuu dhiiftus, ofiif garuu guutuudha. Eeyyeen, ati ofiif gahaadha! Sekoondii tokkoofuu gonkumaa akka nama hir'uutti of hin fudhatiin, hin yaadiinis! Ati nama kabajamuu, jaallatamuu, amanamuufi harkarra qabamuun maluufiidha. Eeyyeen, atumti kun! Nama keessaas namni dalagaakeetti amanu, jabinakee beekuufi filannookee kabaju in jira. Dhugaadha, namni nama keessaa nama ta'e kan filatamaa ta'uukee hubatu, kan naannoosaa jiraachuunkee addunyaasaa bareechu ni jira. Kanas nama hundarraa eegda osoo hin taane, nama sirrii irraati. Nama akkanaa egaa obsaan eegii filadhu! Nama hundaaf guutuu akka hin taanes hin dagatiin. Ta'us garuu ati ofiikeef guutuudha. Akkanuma, nama siif adda ta'eef guutuudha. Namoonni tokko tokko gara jireenyakee dhufanii si ceepha'u, yaadas sirratti kennuun miirri ofiikeef gahaa ta'uu dhabuu akka sitti dhagahamu gochuu yaalu. Ati garuu isaaniin hin dhagahiin. Akka oduun isaanii oduu waa'ee hin baafneetti, dhiisiis bira darbi. Akka nama biraatti osoo hin taane akka dhuunfaakeetti jiraachuuf uumamte. Dhugaadha! Seenaa nama biraatiinis osoo hin taane, kanumakeen goota taata. Mana kankee keessa jiraatta, deemsa dhuunfaakeerra deemta, bareecha kankeen faayamta, fakkaattii dhuunfaakeen argamta, beekamtiima keetinis mul'atta. Eeyyeen kanumakeen! Yoo namni biraan si jibbes dhimmasaati. Ati nama biraa garaa gahuuf qofa miti kan jiraattu! Garuu ofiikeef gahaa ta'uun siif gahaadha. Sababni isaas ofiif kan ati kaa'amte. Ati nama biraa, namni biraanis si ta'uu hin danda'u; ati nama addaati! Nama ofiif maludhas! Sababa namni sitti gammaduu dhiiseefis hin jijjiiramiin. Kun homaa tokko rakkoo hin qabu. Rakkoo kan qabu sababa ofii jijjiiramuu qabduuf jijjiiramuu yoo baattedha. Eeyyeen, deemsakeetu siif murteessa. Gammachuu keetus siif caala. Atumtuu ofiif gahaadhaatii, ofumakee ta'i! Be yourself; that's enough! Atumtuu ofiif gahaadha! Galatoomaa!🙏🏻 Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!      
Показать все...
"𝘕𝘢𝘮𝘰𝘰𝘵𝘢 𝘏𝘶𝘯𝘥𝘶𝘮𝘢𝘵𝘵𝘪 𝘈𝘮𝘢𝘭𝘢 𝘎𝘢𝘢𝘳𝘪𝘪 𝘈𝘨𝘢𝘳𝘴𝘪𝘪𝘴𝘪. 𝘎𝘢𝘳𝘶𝘶 𝘕𝘢𝘮𝘰𝘰𝘵𝘢 𝘔𝘶𝘳𝘢𝘢𝘴𝘢 𝘘𝘰𝘧𝘢 𝘏𝘪𝘳𝘪𝘺𝘺𝘰𝘰𝘮𝘧𝘢𝘥𝘩𝘶 .𝘏𝘪𝘳𝘪𝘺𝘺𝘶𝘮𝘮𝘢𝘢𝘢𝘯 𝘉𝘪𝘲𝘪𝘭𝘢𝘢 𝘚𝘶𝘶𝘵𝘢 𝘎𝘶𝘥𝘥𝘢𝘵𝘶𝘶𝘥𝘩𝘢. 𝘉𝘪𝘲𝘪𝘭𝘢𝘢𝘯 𝘒𝘶𝘯 𝘎𝘶𝘥𝘥𝘢𝘵𝘦𝘦 𝘍𝘪𝘳𝘪𝘪 𝘎𝘰𝘥𝘩𝘢𝘤𝘩𝘶𝘶𝘥𝘩𝘢𝘢𝘧 𝘉𝘢𝘭𝘢𝘢𝘸𝘸𝘢𝘯 𝘎𝘢𝘳𝘢𝘢𝘨𝘢𝘳𝘢𝘢 𝘋𝘢𝘯𝘥𝘢𝘮𝘢𝘵𝘦𝘦 𝘒𝘦𝘦𝘺𝘴𝘢 𝘋𝘢𝘳𝘣𝘶𝘶 𝘘𝘢𝘣𝘢" *𝘏𝘪𝘳𝘳𝘪𝘺𝘺𝘢𝘢 𝘏𝘪𝘯 𝘉𝘢𝘢𝘺𝘺𝘪𝘴𝘪𝘯 𝘛𝘰𝘬𝘬𝘰𝘰𝘧 𝘓𝘢𝘮𝘢 𝘈𝘮𝘢𝘯𝘢𝘮𝘢𝘢 𝘘𝘢𝘣𝘢𝘢𝘥𝘩𝘶𝘶 𝘞𝘢𝘭𝘪𝘪𝘯 𝘑𝘪𝘳𝘢𝘢𝘥𝘩𝘶! * 𝘈𝘵𝘪𝘪𝘴 𝘏𝘪𝘳𝘪𝘺𝘺𝘢𝘢 𝘒𝘦𝘦𝘵𝘪𝘪𝘧 𝘈𝘮𝘢𝘯𝘢𝘮𝘢𝘢 𝘛𝘢𝘩𝘪𝘪 𝘑𝘪𝘳𝘢𝘢𝘥𝘩𝘶! @addako
Показать все...
Isa qabnu irratti haa xiyyeeffannu! Bara duriiti jedhama. Namicha ogeessa, akkanuma waa beekuu danda'u tokkotu muka jala taa'ee kadhata godhata ture. Yeroo kadhannaaf ol jedhu kana, mukicha irraa imimmaan fuula isaatti gad cophuu eegale. Kadhannaa isaa xumuratee yommuu ol ilaalu, quuroo tokko mukicharratti arga. Quuroon kun akka malee boo'aa jira. Imimmaan fuulasaatti cophaa ture edaa quuroo kana irraati. Yeroo kana argu namichi, "Yaa Quuroo nanaa, maal taatee boossa? Maaltu si mudate?" Jedhee gaafatan. Quurichis; "Gammachuu dhabeen jira. Namni na argu hunduu na ajjeessuuf dhagaa natti darbata. Yeroo damee mukaa irra taa'us, namni na argemoo na hin argine jedheen dhiphadha. Maaliif akka akkas namni na jibbu hin beeku. Kanatus gammachuu na dhorkata. Jireenyis na jibbisiisee jira" jedha, mataa buusee. Yeroo kana namichi ogeessi waa beekuufi waan inni jedhu raawwachuu danda'u sun akkana jedhaan; "Ani ogeessadha. Waan barbaadde siif gochuu nan danda'a, waan garaakee natti himadhu." Quurichis, "Gooftakoo, yoo eeyyamakee ta'e gara daakkiyyeetti na jijjiiri" jechuun itti himata. "Akkuma ati jette gara daakkiyyeetti sin jijjiira. Garuu sanaan dura, daakkiyyee bira deemtee hammam gammadduu akka isheen taate adda baafatta" jedhaanii namichi. Quuroon kunis, barbaachaaf balali'ee qajeele. Barbaacha yeroo dheeraan boodas, daakkiyyee sana argate. Itti dhiyaatee akkana jedheenii; "Ati baay'ee miidhagduudha. Miidhaginakeen cinatti namoonni baay'ee si jaallatu. Umama baallee qaban keessaa kan akkakee gammadoon tasumaa hin jirani." Yeroo kana dhageessu daakkiyyeen; "Mee na dhiisi! Maal kootu bareeda amma. Halluu lafa guute keessaa adiin na uume uumaan! Koochoo ittiin balali'uu hin dandeenyes naaf kennee, naachi yoom na nyaata jedhee osoon yaadda'uu gammachuu isa kami kan ati odeessitu? Simbirroota keessaa kan hunduma caalaa gammaddu yoo barbaadde gara Piikookii deemi. Isheen halluu garagaraan kan faayamteefi baay'ee kan hawwattudha. Paarkii keessatti arachuus dandeessa." Daakkiyyeetu jedhaanii. Akkuma daakkiyyeen akkana jetteen  piikookii barbaachaaf gara paarkiitti balali'ee qajeele, quuroon sun. Achis gahee gara piikookiitti dhiyaachuun, "Piikook yaa ishee halluu gosa garagaraan faayamtee uumamte nanaa, ati uumama addaa ilmaan namaan jaallatamtedha. Carraa qabeettiidhas! Simbirroota keessaa kan akkakee gammachuu qabus waan jiru hin se'u!" Jedha. Piikookiin kunis akkanaan deebii deebifti; "Namaan jaalatamuunkoo maal naaf godhee? Umuriikoo guutuu paarkii keessatti natti cufamee akkan hidhamaa ta'u na godhe malee! Faaya meeshaalee garagaraafis akkamitti akka barbaadan osoo beektee al takkaafuu nan hawwitu ture. Ani garuu hawwiinkoo, aluma takkaa osoon akkakee kana ta'ee balal'eema du'ee nan du'en jedhaa amma!" Quurichis waan dhagahe kana ajaa'ibsiifachuun balal'uun qilleensarra asiif achi deddeebi'uu eegale. •~~> Yeroo baay'ee xiyyeeffannoo keenya waan qabnurra osoo hin taane, waan hin qabneefi kan keenya hin taanerra godhanna. Haala kanaan gammachuu keenya gaaffii jala galchina. Gammachuun dhugaan garuu waan qabnu irratti xiyyeeffachuun dhufa. Akkasiin dorgommii yookaan birqabni hin barbaachifne jireenya keessaa bakka dhaba. Waan qabaniif bakka kennuu keessa waan dhaban argachuuf of qopheessuutu jira. Akkanuma, uumaa isa waan qubnu sana nuuf kennes galateeffanna. Kanaafuu, waan qabnu irratti xiyyeeffannee waan hin qabneef ifaajuu wayyan jedha.           Galatoomaa!🙏🏻 Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!       
Показать все...
𝟏𝟐 𝐊𝐞𝐲 𝐥𝐞𝐬𝐬𝐨𝐧𝐬 𝐟𝐫𝐨𝐦 "𝐌𝐢𝐧𝐝 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐠𝐞𝐦𝐞𝐧𝐭 𝐍𝐨𝐭 𝐓𝐢𝐦𝐞 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐠𝐞𝐦𝐞𝐧𝐭". 1. Being productive today isn't about time management, it's about mind management. 2. Time management optimizes the resource of time. Mind management optimizes the resource of creative energy. 3. Not all hours are created equal: If you write for an hour a day, within a year you'll have a book. But you can't instead simply write for 365 hours straight, and get the same result. 4. The First Hour Rule is simply this: Spend the first hour of your day working on your most important project. 5. If you start your day working on the most important thing, there's less of a chance for other things to get in the way. 6. Sometimes your mind is better-suited to think creatively. Sometimes your mind is better-suited to think analytically. 7. The point of time is not to fill as much life as possible into a given unit of time. The point of time is to use time as a guide to living a fulfilling life. 8. A one-hour increase in average daily sleep raises productivity by more than a one-year increase in education. 9. When you randomly switch from one activity to another, your energy leaks...If you're doing that all the time, little of your energy is going toward traction. 10. A Harvard study found that the busier knowledge workers were, the less creative they were; this study found that as workers became more busy , they did less creative thinking activities such as; brainstorming. They reported fewer insights and their work was also rated as less creative by their colleagues . 11. Noise level can also affect your ability to think creatively...studies suggest that a background noise level of about seventy decibels is optimal for idea generation. 12. Things are not difficult to make; what is difficult is putting ourselves in the state of mind to make them.
Показать все...