cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

ERGAA JIREENYA

✔Jireenyi Kristoosinii! Baga nagaan dhuftaan! Bal'inaan ergaan karaa channel kana dabarsinu 👉Barnoota gara gara kan sagalee waaqayyo bu'uureeffatan 👉Faarfaanna 👉Walaloo Fi 👉Ergawwaan barsiisof bashanaansiisoo ta'an jabiinaan argaatu.Nuu waalin tura

Больше
Финляндия1 758Язык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
571
Подписчики
Нет данных24 часа
-17 дней
-530 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

😍 Gatii guddaa waan baastuuf Yesuus siif jedhe fannifamee si fayyise. Gatii kee dhugaatti kan murteessu hafuura waaqayyoo isa hafuura keetti qabatee jiruudha.😍 @Ergaa_Jireenya
Показать все...
1》#Bara haaraaf karoora haaraa! 2》#Bara darbeef ceephoo isaa! ✍ Mata-dureen kun yaadoota dheeraa of keessa qaba. Garuu mee tuqa muraasa kana na caqasaa.👇👇 1》👌 Namoonni hedduun jijjirama bara ilaalchisuun karoora haaraa baafatuu.Nammoonni karoora sani harka dhibba hojji irra oolchan muraasa. Warreen kan isa xumuratan soroorsaanni, isa galmee sani irratti hafee bara itti aanutti dabarfatu.Karoora sani kanas xumurachuuf carraaqii guddaa taasisu. Kan karoora homa osoo hin baasiin akkasin jiraatanis hin dhiban. --- Ati garee isa kam keessa jirtaree? Har'a waa tokko si yaadachisuun barbaada. Yeroon Warqeedha inni jedhamu hafee, Yeroon jireenya ta'eera. Bara haaraa, Torbee haaraa, Ji'aa haaraa irraa jirraa. Bakka ka'u qabdu ka'i ifaajjaa kee eegalii. 2》Barri wan fidu qaba. Waan fudhatee deemus qaba. #Ceephoon baroota garuu, nyaatu yaadaf qalbii, dhukaa buustu jilbaa, sakaltu karoora, sansalataa deemsa, dhorkituu boqonnaa, abdii kutachistuuf gababsitu umuriiti. Marree obbolee bu'an ceephoo maaliidha? Hub:- CEEPHOON ani jechaa jiru, dogoggora qaama lamaaf sana olitti uumaamuuf isa situ balleessee, natu balleessee, maal qaba osoon akkasitti abalun mufachisuu baadhe jennee isa dhiifamaa gaafannu miti. Adeemsa jireenya keessaatti wanta nu mudatuf, isaa booda keessa gaabbiidhan of cirruu sana jechuu kooti. 👉Dhugaadha, inni ati gaariif yaade, hamaa ta'e sif deebii'eera. 👉Dhugaadha, namni ati antee koo jettee diinaa sitti ta'eera. Dhugaadha, bakkaa hin maleetti salphina guddaa salphateetta. 👉Dhugaadha, Wanti ati ta'u qaba jettee hafee, kan ati hin yaanne hedduun jireenya kee irratti ta'eera. 👉Dhugaadha, Lafti ati keessa darbitee sif hin malu ture. Dhugaadha, Osoo dhugaa qabdu jallootan dhugaan kee dhokateera. 👉Dhugaadha, wanti ati dhaggeessef argitee abdii si kutachiseera...... Haa ta'u iyyuu malee #Kaleessi darbeera, har'i kennaadha, boruu immoo guyyaa haaraadha. 👉Kaleessa irra baradhu. 👉Har'a immoo jiraadhu. 👉Boruuf abdii horaadhu. 😍Waa murteessuun yeroo barbaduus, garuu baay'ee sitti hin barfaattiin.Isa darbe dagaadhu. Waan jijjiruu dandeessu jijjiri. "Inni ta'e hundi waa malee hin taane, kan ta'uuf jiruus, waa malee hin ta'u". Jabaadhu! Waliin wal irraa waa barannaa nu waliin tura. Argamni yaadoota keenyaas kunooti, isiniis maatii ta'a👇👇👇 @Yesuus_In_Dhufaa @Ergaa_Jireenya @Gaaela_Milkaaaa ❤️ Isinan mararfadhaa😍
Показать все...
" Bara dhufutti Yaaqoob hidda in yaafata, Israa'el hudhee in daraara, iji inni godhatus biyya lafaa irra in guuta." (Macaafa Isaayaas Raajichaa 27: 6)
Показать все...
#Adeemsa_irra_Jirtu! Haali fi bakki keessaa jirtaan, kan namaatti hin tolee, nufisiisaa, isiin kan hin ginnee fi "ofi koo bakka kanataan argadha jedhe hin yaane" kan nama jechisiisu ta'u iyyuu, "Bagan haala kana keessaa darbee" kan jettan haalota akkasi uumuu dandeessuu.Haala akkasi uumudhaaf garuu; Adeemsa irra jiraachu qabdu. 1) BARNOOTA :- Bakka jirtaniifi haala keessa jirtaan hunda irra barnoota fudhaadha.Haalonni jireenya tokko tokko, haalota adeemsa jireenya irra malee gonkummaa hin baratamaan. 2) Murtii :- Bakka jirtaniifi haala keessa jirtaan keessa bahuuf, murtee barbaachisuu murteessaa.Wanti ijoon haala keessa jirtan osoo hin taane, haalicha keessa turu dhiisuuf; filannoofi murtee isiin gotaniidha. 3) Karoora :- Haala fi bakka jirtaani bahuuf karoora barbaachisaa karoorsaa. Haala keessa jirtaan keessaa bahuuf murtee qofti ga'aa miti.Karoora itti yaadameefi hojjii irra ooluu danda'u; daangaa yeroo waliin ka'un dirqama. 4) Sochii :- Haala fi bakka jirtaani bahuuf, sochii barbaachisaa godha. Barnoota, Murtii fi karoora booda yeroo isa eegdanii socho'uu yoo dandeessaan, gargaarsaa eenyuu malee, "eenyummaa murteessaa qabatanii mataa ol-qabachuun keessaan waan hin hafneedha". Wantota oliitti heeraman yoo hojji irra oolchittaan dhugaadhummaatti haala fi bakka jirtaan keessa bahuun eenyuummaa keessaan dhugaadhaan bilchatani bakka sirriif waan sirriitti bahuu isiniif ta'a. Join for more👇👇 @Ergaa_Jireenya Isinaan mararfadhaa😍
Показать все...
GA'UMSA DHOKATAA KEESSA KEE JIRU HUBADHU ! - ✍Waan qabdu hundumaan waa utuu hin hojjetiin tarii akkasumaan jireenya kee qisaasessaa jirta ta'a. Waaqayyo waan addunya kana fayyadu tokko si keessa kaa'eera-itti fayyadami. Osoo hin du'iin dura dandeetti kee gad lakkisi. Humnaa fi jabina keessa kee jiru bu'aa mataa keef akkasumas warra kaaniif itti fayyadami. Nan amana, Kitaabonni, Faarfannaawwan, hojiiwwan aartii, daldalawwan, walaloowwan, kalaqawwanii fi investimentiiwwaan hedduu ijoolleen koo akka itti fayyadamaniif Waaqayyo si keessa kaa'e hedduun ni jiru. Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru guutummaa isaa baastee hamma itti fayyadamtutti abdii hin kutatiin, sababni isaa #Wantota_koo_waliin_du'uuf #mirga hin qabdu. Qabeenya, badhadhummaa fi kennaa ajaa'ibsiisaa si keessa awwaalamee jiru dhaloota dhufu jalaa hin saamiin. #QAJEELFAMAWWAN 👌Milkaa'uu yoo barbaadde, daandii haaraa irra deemuu baradhu.Karaalee milkaa'inaa beekamoo ta'an irra hin deemiin. 👌Namni kamiyyuu hamma amane caalaa darbee deemuu hin danda'u. 👌 Guyyaan hundi dhiirotaa fi durbartoota sodaan dandeettii dhokataa isaanii akka gad hin baasne isaan dhorke gara awwaalaatti erga. 👌 Kufaatiin milkaa'ina dhabuu miti. Kufaatiin yaaluu dhiisuudha. 👌 Wanti ati kanaan dura hojjatte ga'umsa dhokataa kee miti. Ga'umsa dhokataan waan ati hojjechuu dandeessu garuu hamma ammaatti hin hojjetiin jirtudha. 👌 Waaqayyo wantota hundumaa ga'umsa dhokataa waliin uume. 👌 Jireenya keessatti wanti battalatti ta'u hin jiru. 👌 Isa amma taatee jirtutti hin quufiin. 👌 Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru guutummaatti utuu itti hin fayyadamiin hin du'iin. 👌 Guddina keef gufuun guddaan wanta ati kanaan dura haala milkaa'aadhaan hojjettedha. Maddi:- Kitaaba Understanding your potential jedhu, Eebbisaa Baayisaa akka hiiketti. Guutummaa isa barbaada dubbisa, kitabicha hedduu jaallattuu. join for more ur tg channel @Ergaa_Jireenya
Показать все...
KUTAA 4ffaa #Bara_Kana_Gaaelli_Namoota_Maaliif_Umurii_Dheeraa_Dhaba? "Warri wal fuudhan akka gargar hin baane nan abboma; kanas gooftaatu abboome malee ana miti," "haati mana abbaa manaa isheetti gargar hin ba'in!" 1Qor 7:10 ✍Barri kun; bara gaa'elaatti galu fi gaa'ela diiguun baay'ee salphaa ta'edha. Kanaf sababa kan ta'u immoo tuqa muraasni👇👇👇 1) Murtoof jarjaruu! Namoonni hedduun murtoofi hubannoo ga'a malee, miira fi fedhiidhan dhuunfamanii, nama akka tasas haa ta'u duraan beekan wajjiin, baay'ee osoo hin turiin, sardamuun gara gaa'elaatti galu. Turtii xiqoo booda garuu, akkuma sardama galan; sardamaa ba'u. Guyyaa, torbee, ji'afi waggaa keessaatti namoonni hedduun iyyaata gaa'ela diiguu baatani gara mana murtii fi mana amanta deemu. Tokkoof lama miti namoonni heddunis gaa'ela diigaa oolu. Manni murtii fi abbootiin amantaa( gaggeessitoonni waldaa kiristiyaanaa) kanaf raggaadha. 👌Dursani wal qorachuun, miirafi fedhii walii beekuun, yeroo ga'a wajjiin qabachuun, dugda duba walii qorachuuni fi kkf gaa'ela dura wantoota godhamu qabaniidha.Wanti ariitiidhaan murteeffaamu qabu jiraatu iyyuu, gaa'ela irratti garuu yeroo fudhatanni fedha waaqayyo ta'uf dhiisuu isa adda baasun dirqama nama hunda ta'u qaba.Bu'aan isa dadhabiidha, #Mana boru keessa hin jiraanne har'a akka hin ijaareef, fedha waaqayyoo dhageeffadhu. Feeti waaqayyo akkamiin beekama kan jedhu kutaa itti-annuun ilaala. 2) Hamilee wal buusu.! 👉Gaa'ela keessaatti, wal kabajuun, jaalala jechaaf gochaan walitti agarsiisuun baay'ee murteessaadha. Hidhata gaa'ela keef; bifa, ogummaa fi haala uffaanna isa yookaan ishee hin jajuuf yoo ta'e, Yeroo hunda akka homaa gochu hin dandeenyef gocha hin jirree kan itti dubbaatu taanaan, Wanti hidhanni gaa'ela kee gootu yookaan godhu, kan miira homaa sif hin keeninnee yoo ta'e, ala irra qaamni bira kan jajuuf taanaan; gara sana dhageeffaachutu dhufa. Adeemsa keessaa si biraatti fudhatama akka hin qabneetu itti dhaga'ama.Kun immoo murtoo gargar ba'insaaf nama saaxilaa. Kanaaf:- wan qabu / qabdu jajiif, kan hin qabneef immoo hamileesi. "Afaan tolaan haafaa toolaa caala" jedha Oromoon. 3) Iftoominaa waliif dhabu.! 👉 Iftoominaa yemmuun jedhu, kana namni kamu ni hubaata. Wanti nama bira dhokfattuu jiraachu mala. Garuu hidhata gaa'ela kee, erga dhaagnaa kee isa ala irraatti wayyaan dhokfaattu itti agarsiistee, waan goote darbiite, waan gochuuf yaade, waan qabdu, kaayyoo, mul'ata, abjuu fi karoora kee gara fuldura hunda hin dhokfaattiin.Akkasuma jaalala dhugaa akka jaalattuu itti himi. --" Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana.; isaan lachanuus #Foon tokko in ta'u. Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!. W/ Maatewos 19:5-6 Uum 2:24 Itti fufa.... Join for more👇👇 @Gaaela_Milkaaaa @Gaaela_Milkaaaa Isinan mararfadhaa❤️
Показать все...
" Inni hiyyeessota awwaara keessaa in kaasa, warra dhaboos tuullaa kosii keessaa ol in kaasa; gurguddootaa wajjin isaan in teessisa, teessoo ulfinaas akka isaan dhaalan in godha; utuboonni lafaa kan Waaqayyoo ti, inni utuboota sana irra biyya lafaa in kaa'e." (Macaafa Saamu'el Isa Duraa 2: 8)
Показать все...
(Ibroota 12 ) ------------ 6 Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba,nama akka ilmaatti fudhatus in reeba" in jedha. 7 Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda'aa! Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta'u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kam ree? 8 Adaba hundinuu barsiifamuudhaaf argatan keessaa, utuu hin argatin yoo haftan garuu isin ilmaan abbaa hin beekamneettii dhalattan malee, dhuguma ilmaan isaa hin taatan. ... 11 Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta'a.
Показать все...
@Yesuus_in_dhufaa Yemmuun dhaqee iddoo jiru sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif; deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha. --Wangeela Yohannis 14:3 ✍ Karaa, dhugaafi jireenya inni ta'e Yesus kristos nu fayyisee biyya lafaa ishee rakkinaan guutte kana keessatti nu hin dhiisu, akka nuti bara baraan gammadaa isaa wajiin jiraannutti deebi'ee dhufee gara ofii isaatiitti nu fudhata malee. ✍ Inni yeroo deebi'ee dhufutti warra isatti amananiif bowonnaa bara baraa, warra isatti hin amannetti immoo firdii bara baraa faraaduudhaaf dhufa. Jireenyi bara baraa, ibiddi bara baraas lamaan isaanii iyyuu kan guyyoota muraasaa osoo hin taane kan bsra baraati. ✍ Qulqulloonni warri isatti amanan hundi jijjiiramuun dhaqna haaraa isa hin badne uffatanii mootummaa waaqayyoo keessa gammadaa; faarfachaa bara baraan jiraatu. Warri isatti hin amanne garuu kuufama ibidda fi dhagaa boba'uu keessatti gubachaa; Raammoo hin duuneen nyaatamaa bara baraan jiraatu. 👌Ibiddumti xiqoon yeroof yoo nama gube mal akka nama godhu mee itti yaadi...🔥🔥 🙍‍♂🙍Obboleessaa ko obboleetti ko waaqayyo bara baraan dhiphachuu kee hin jaallanne waan ta'eef karaa fayyinaa siif qopheessee jira. Kanaaf atis jireenya yeroof jiraattuu jettee, Jireenya bara baraa dhiiste gubannaa bara baraa hin filatin. Yesus kristositti amanii boqonnaa bara baraa kana keessaa qooda qabaadhu. 👉Kan itti amantee jirtuus goonfoon ulfinaa kee akka si dura hin fudhatamneef amantii keeti jabaadhu. "Inni wanta kana hundumaa dhugaa baasises' "Haa ta'u! Ani dafee nan dhufa" in jedha. Ameen! Kottu, gooftaa Yesus"*! Ayyaanni gooftaa Yesus hundumaa wajjin haa ta'u.! Mul'ata Yohannis 22:20-21 Kaayyoon keenya galmaa keenya isa bara baraatti wal cimsuudha. Linkii kanan nu argatu 👉Nu waliin ta'a👇👇👇 Join @Yesuus_in_dhufaa @Yesuus_in_dhufaa @Ergaa_Jireenya @Gaaela_Milkaaaa #Isinan_Mararfadhaa😍
Показать все...
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨ Gaagurri damma hin qabne Kan gagaafi kan jiisaati Gatiin ilma namaa immoo Akkuma hojiisaati Madaalliin hojii keetii Gaariis haa ta’u hamaa Meeshaa namaaf safarteen Bulee siif safarama Wal qixxee waamamaaree? Kan gudunfeefi kan hiike Dhiyaate lafarratti fagaate Rabbi biratti Ni fudhatta gatii kee Waan hin kaa’iin fuudhuudhaaf Hin hiixatiin yaa tiruu Ingirdaada facaaftee Garbuu haamuun hin jiru! ፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨ Like 👍 Godhi
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.