cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

AWA

Art_With_Attitude

Больше
Финляндия1 738Язык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
632
Подписчики
Нет данных24 часа
-37 дней
-2230 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

  • Фото недоступно
  • Фото недоступно
  • Фото недоступно
  • Фото недоступно
  • Фото недоступно
FIICHEE-OROMIYAA Hagayya 10/2023 ykn 04/2015 Ijaarsa Galma Diida Heexoo Galmi Amantii Waaqeffannaa Diida Heexoo sochii ijaarsa Galma Waaqeffannaa jalqabe. Galmi Diida Heexoo Giddu Gala Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Kaabaa; Konyaa Ficheetti kan argamu sochii ijaarsa Galmaatiif taasisaa jiruun qophiin diizayinii xummuramuudhan miseensotnii Galmaa fi hawaasni deeggartoota waaqeffannaa ta’an galii ijaarsaf ta’u walitti qabuun eegalamee jira. Galmi kun teessoo Giddu Gala Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Kaabaa yoo ta’u lafa mataa isaa qabu irratti sochii ijaarsa Galmaa taasisaa jiruun haaldureen xummuramee sochiitti seenee jira. Kanaaf miseensotni fi hawaasni keenya jaalattoonni sagantaa kanaa gumaata dhalootummaa dhaloota boruutif ta’u kana irratti deeggarsa ogummaa fi diinagdee taasisuudhan akkuma kanaan dura Galma Warra Abbaa Oromoo ijaaraa turre ammas hirmaannaa gochuudhan Galma abboota keenyaa haa ijaarru jechuudhan waamicha dhalootummaa isinii taasisna! Galmi Diida-Heexoo lafa tajaajila Galma Waaqeffannaa bulchiinsa magaalaa Fiichee irraa waggoottan arfan darban dura kan argatee fi Galmichi yeroos ijaarrame saffisaan dabalaa dhufuu hordoftoota amantichaarraa kan ka'e waan hanqateef bal'isee ijaaruun barbaachisee argame! Ammas alaa ol nu haa yaasu; Galmaa wal nu haa taasisu Waan hojjennu hundaaf Ayyaantummaan Dhalootaa nu haa milkeessu jenna! Koree ijaarsa Galma Diida Heexoo Gadaan Quufaa Gabbina Barri Roobaa Nagaa nuuf haata’u!
Показать все...
00:40
Видео недоступно
7.80 MB
Фото недоступно
Фото недоступно
#Eenyummeessaalee(accounts) maaliif uggurama/cufama? ******** Jara warra soddaas tahee ijoollee keenya muraasatu #eenyummeessaalee(accounts) keenya Marsaalee hawaasaa nama hedduu cufsiisuudhaan muuxannoo qabu. Dhugaa dubbachuuf taanaan yeroo ammaa Marsaalee hawaasaa irratti #eenyummeessa(account) nama tokkoo uggursiisuun baay'ee salphachaa dhufeera, akkuma salphaatti uggursiisuun danda'amu salphumatti deebifchuunis ni danda'a. Garuu akka Oromootti, Hayyoota barnootaan sadarkaa olaanaa irra jiran dabalatee namootni dhuunfaa fi dhaabbileen hedduu rakkoo walfakkaataa deddeebiidhaan muldhatu kana irraa hubannoos muuxannoos hin qaban, #eenyummeessaa(account) isaanii rakkoon mudatus dandamachiisuu hin danda'an. Yoon ukukkubuu baadhe yoo xiqqaate guyyatti namootni 3 -hanga-5 dhuunfaan ykn dhaabbilee irraa akka dhuunfatti naaf ykn OICT Solutions irratti ergaa erganii rakkoo #eenyummeessaa(account) ugguramee irratti deeggarsa nu gaafatu. Namootni deeggarsa akkasii nugaafattan ragaa bahuu dandeessu waggoottan 5n darbaniif namoota ykn dhaabbilee rakkoo akkasiitiif nudubbisan #Bilisaan deeggarsa gochaafii turre, ammas gochaa jirra, osoo #kafaltii itti gaafannee akka dhuunfattis akka dhaabbataattis faayidaa nu gahee nurraa hafu funaanuu dandeenya ture, garuu ogummaa qabnuun hawaasa keenya bilisaan tajaajiluu caala waan nama gammachiisu waan hin jirreef tajaajila bilisaan kenninu kanattis #Gammachuu daangaa hin qabne qabna. Deeggarsa bilisaan goonu kanaanis hanga ammaatti dhaabbilee dhibbatamaan lakkaawaman, namoota dhuunfaa dhibboota hedduuf #eenyummeessaan(account) isaanii akka deebi'u gooneerra, akkasumas #eenyummeessaalee(accounts) dhibbaatamaan lakkaawamu deebisuufii hin dandeenye. #sababni deebisuu dadhabneef maal akka tahe barruu kana keessatti isin hubachiisuuf yaala waan taheef irraa barattu jedheen abdadha. Marsaalee hawaasaa heddu keessaa, kan hawaasni keenya irratti hedduumatu #Feesbuukii kana waan taheef, hardhaaf Feesbuukii qofa haa ilaallu: - Feesbuukii Walirratti cufsiisuun akkamitti danda'ama? Yeroo ammaa Feesbuukiin akka biyya keenyatti sababoota gurguddoo 7f #eenyummeessaa(account) nama tokkoo ugguruu ykn cufuu danda'a. Isaanis: 1)ffaa Xalayaadhaan: Gareen seera dayeeffatee dhaabbata Feesbuukii damee Keeniyaa jiru wajjiin waliigaluudhaan #eenyummeessaale(accounts) barbaade sa'aatii/daqiiqaa barbaadetti cufsiisuu danda'u jira. Kunis dhaabbaticha keessa jiran (Keeniyaa jiraniif) faayidaan dhuunfaa eegamee #eenyummeessaalee(accounts) barbaadan sa'aatii barbaadanitti qilleensarraa akka buusan godhama. Hojiin kun garee 2n hojjatama. Gareen tokko qaama seerummaa kan qabu yoo tahu gareen 2ffaa qaama seerummaa osoo hin taane firummaadhaan kan gurmaaye damee isaanii Naayiroobii fi Washington DC keessa kan buufateedha. Gareen duraanii deeggarsa qaama mootummaa Itoophiyaa kan qabu yoo trahu, Gareen 2ffaan Warra Soddaa keessaa Qaamota adda addaa(Abbootii qabeenyaa, miidiyaalee, Activistoota, haangawoota olaanoo naannichaa...) tiin deeggarsi kan godhamuuf, ajajnis kan kennamuuf ... Akkuma waliigalaattuu, Dhaabbatni Feesbuukii Damee Keeniyaa jiru Qabiyee Afaanota Itoophiyaa gulaaluuf kanneen ramadaman olaantummaa warra soddaatiin kan too'atame waan taheef hojiin isaanii guddaan dirqama dhaabbatni Feesbuukii itti laate osoo hin taane daldala dhuunfaa Mootummaa fi Abbootii qabeenyaa/namoota isaanii dhiibbaa uuman ykn mallaqa gurguddaa itti dhangalaasan giddutti taphachaa jiru. Kanaafiidha, Barreeffamni Feesbuukii Afaan Oromootiin barreeffame tokko Arrabsoo, Maqaballeessiifi kkf qaba jedhamee daqiiqaa muraasatti yoo haqamu, Barreeffamni Afaan Amaaraa waan fedhan, waan garaasaanii barreessanis hin haqamu. Asumaan waa'ee garee hardha #eenyummeessaalee(accounts) namoota saba Amaaraa irratti duulaa jiru cufsiifna jechuudhaan #eenyummeessaalee(accounts) namootaa walitti funaanaa jiru xiqqoo isiniif kaasa:
Показать все...
Gareen kun, Washington DC irraa kan too'atamu yoo tahu maqaa 'Ethiopian Network Against Hate Speech' jedhamuun Marsaalee hawaasaa heddu qabu. isaan keessaa #Telegram irratti garee miseensota Kuma 180 ol kan qabu bakka hojmaneen guddaan itti-hojjatamuudha. Namoota amma #eenyummeessaalee(accounts) isaanii funaanaa jiran kana walitti qabanii Garee sana keessatti maxxansu. sababa walfakkaataa filatanii gabaasa(report) godhu. Akka seera Feesbuukii ammaatti yoo xiqqaate namootni 10 fi isaa ol sababoota walfakkaataa filatanii #eenyummeessaa(account) kee gabaafnaan(report) goonaan Feesbuukiin qilleensarraa si buusa. Kanafuu gaafa carraan sigahee Garee miseensota Kuma 180 qabu keessatti maxxanfamte ati isaaniin waa jechuullee baattu sababa wayiitiin waliigalanii sigabaasu, qirincaafiin isaanii dhaabbata feesbuukii keessatti hidda gadi fageeffate ammoo akka hin deebinetti fageessee qotee si awwaala. Baha Afrikaatti Qabiyyee Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Afaan Tigiree fi Afaanota Itoophiyaa biroo kan gulaalu warra damee Keeniyaa kana waan taheef dhugaa fedhe qabaadhu, ati ilaalcha faallaa garee sanaa qabda taatee isaan harka buunaan deebi'uuf carraan qabduu baayee gadi aanaadha. - #eenyummeessaalee(accounts) bifa kanaan cufaman carraan deebi'uu baayee gadi aanaadha. 2)ffaa #eenyummeessaa(account) Nama biraa fakkaachuu[Pretending to be someone]. Namni tokko piroofaayilli kee maqaa nama tokkootiin akka moggaafame yoo arge, suuraa fi odeeffannoo isaa yoo agarsiise, si gabaasuuf mirga qaba. Eenyummeessaa(account) akkasii cufsiisuuf namootni baay'een gabaasuun dirqamaa miti, Ragaa eenyummaa kee dhugaa agarsiisu(passport/hayyama konkolaachisummaa) sirrii qabachuudhaan qofa iyyattanii Eenyummeessaa(account) maqaa keessaniin baname cufsiisuu mirga qabdu. 3)ffaa: Maqaa sobaa fayyadamuu(Using a fake Name)n odeeffannoo sobaa facaasuu 4)ffaa: Seeraafi Dambii dhaabbatichaa cabsuu 5)ffaa: Yaada Arrabsoo fi Nama Mufachiisu Maxxansuun #eenyummeessaa(account) keenya cufsiisuuf haala mijeessa 6)ffaa: #eenyummeessaa(account)n nama tkkoo yoo hatame ni uggurama ykn cufama. #eenyummeessaa(account)n nama tokkoo cufamuu Feesbuukiin yoo mirkaneeffate ni cufa. Akkasumas sabootni akka hirdhina umrii, hariiroo miidhaa geessisuu fikkf sababoota #eenyummeessaa(account) keenya cufsiisuuf sababa tahuu danda'aniidha Marsaalee hawaasaa #eenyummeessaalee(accounts) cufame ykn uggurame tokko deebifnee argachuuf yoo xiqqaate ulaagaalee maalii guutuu qabna? ******** - Maqaan #eenyummeessaa(account) keenyaa isa Passport/hayyama-konkolaachisumma nuti qabnu waliin walfakkaachuun dirqama - Suuraan ykn fuulli #eenyummeessaa(account) keenyaa isa Passport/hayyama-konkolaachisumma nuti qabnu waliin walsimachuu qaba - Umriin keenya #eenyummeessaa(account) keenyaa isa Passport/hayyama-konkolaachisummaa keenya irra jiru waliin walfakkaachuun dirqama - #eenyummeessaa(account) keenyaa isa dhugaa tahuu ragaalee biroo adda addaa dhiyeeffachuu yoo dandeenye... - #eenyummeessaa(account) keenyaa kan fudhate hattoota(hackers) yoo tahe ragaalee qaatamaa dhiyeessinee Feesbuukitti gabaasuu... - Dhaabbilee dhiyeessii telekoomii adda addaa #eenyummeessaa(account) keenya iratti fayyadamuu Feesbuukiin hin hayyamu waan taheef dhaabbata Feesbuukii dubbifnee eenyummaa keenya sirrii bilbila kallattii(LIVE) seennee mirkaneessuudhaan #eenyummeessaa(account) keenya mirkaneessinee deebifachuu dandeenya.... Tooftaalee ijoo kanarraa waan baayee barattu jedheen yaada, ibsa dabalataa yoo barbaachise irra deebiidhaan hubachiisuu ni dandeenya.... GALATOOMAA! Via: Abdisa Bancha Jara
Показать все...
Фото недоступно
Показать все...
Фото недоступно
A teenage Monalisa
Показать все...
Фото недоступно
Traviscot Utopia
Показать все...