cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Milkaa'ina jireenyaa✍

YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN! ✓GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFAA Channel dabalataa:👉 @GOLA_JAALALLEEWWANII_2nd Facebook: yaadaaf: @MilkiiMilkaainaa_bot

Больше
Рекламные посты
20 486
Подписчики
+824 часа
+267 дней
+28130 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Показать все...
☆𝐉𝐎𝐈𝐍☆
☆𝐁𝐄𝐒𝐓 𝐓𝐄𝐋𝐄𝐆𝐈𝐑𝐀𝐌 𝐂𝐇𝐀𝐍𝐍𝐄𝐋☆
☆𝐀𝐝𝐝 𝐲𝐨𝐮𝐫 𝐜𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥☆
✦𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐩𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐢𝐨𝐧✦
Namni nuti irra caaluuf carraaquu qabnu nu isa kaleessaati. Mudannoo, dogoggoraafi balleessawwaan keenya kaleessaa irraa barannee sammuu keenyaafis dhiifama gochuun haala, ilaalchaa fi amala keenya fooyyessuun gaariidha. Kaleessa irraa baratama malee; kaleessa keessa hin jiraatamu! Kaleessa ofiirraa baratanii jireenya ofii gara fuulduraa bareeffachuun immoo gamnummaadha. Mudannoowwan irraa barachuun immoo gara argannoo haaraatti nama geessa. Akka of argannu nu taasisas. Akkasumas daandii jireenya haaraa, jireenya isa boqonnaafi aara galfiin guutamettis nu geessuu danda'a!
Показать все...
👍 3
Namni haqaatiis beekkamaadha Namni dharaatiis beekkamadha Kan nama rakkaa jiru ammoo nama hogguu laaltu nama gaarii keessi isaa ammoo summii baadhatee deemu, Weyta haasawu arraba nama dhugaa dubbatuutiin haasawa isaa bareecha, immoo keessi isaa hamtuun inni baadhatee deemu silaa gaara gubbaa kaayani gaarri addaan dhoohee faca'a RABBIIN keessaa fi gubbaa keenya nuhaa bareechu.
Показать все...
"Amba dadhaban jedhe namichi ka isaa dadhaban" Mammaaksa
Показать все...
Jireenya keessatti namoota hunda jaalachuun aarsaa tokko maleedha, sababniis waan jaalachuu qabduuf jaalatta akkasuma sababa malees akkasumatti waan isaan qabduuf jaalatta waan ta'eefi. Waa'ee isaanii baruufis ta'ee keessatti qooda fudhachuun itti gaafatamummaa qabaachuu hin dandeessu. Immoo nama tokko kan jireenya keetitti dabalamee, dabaltee atis kan isaatti dabalamtee si dabalatee waliin jiraatuu feetu tokkoof aarsaa guddaa kanfalta, akkasumaas sababoota hedduu waliin jaallata. Waa'ee isaatirrattis qooda qabaachuu fi itti gaafatamummaa mataa keetii fi isaas ni qabaatta. ✍S.U 📢JOIN & 🔗SHARE ╔══════════════════╗ 📚JOIN: @milkaainajireenyaa 📚JOIN: @milkaainajireenyaa 📚JOIN: @milkaainajireenyaa ╚══════════════════╝
Показать все...
👍 18 1
.... garaankee nyaata dhabee akka hin beelofneef, qaamnikee dhukkuboota hanqina nyaataatiin akka hin hubamneef, maashaaleefi seelonni qaamakee dadhabanii dalagaa isaanii akka raawwataniif, ..., gosoota nyaata adda addaa yeroosaa eegdee sooratta taanaan ati qaama keetiif baay'ee yaadda jechuudha. Ati namni kun kunuunsa qaama keetiif goote kana sammuu keettillee hirdhisuu hin qabdu. Kanammoo obboleessa kee sibiraa waan nyaatu dhabee agabuu oolee buluuf xiqqoo qabdurraa qooddeefii yoo beela oolchite, deeggarsa humnikee danda'u hundumaan namoota deeggaramuu qaban ilaaltee yoo deeggarte, gochaa gaarii hundumaa raawwachuu keessatti yoo qooda fudhatte fa'aa sammuu keetiif yaadde jedhama. Gama biraatiin gochoota kana lamaan walduukaa yoo raawwattu qaama keerraa jalqabdee hanga xiinsammuu keetti of kunuunsaa jirta. .....
Показать все...
👍 11 6
Repost from Lammii Motivation
✍ Dandeettii Afur qarshii guddaa siif argamsiisan 1.👉 Dandeettii Amansiisuu 💪Daldalaa fi industirii hedduu keessatti namni akka malee barbaadamu 👉Nama nama amansiisuu danda'uudha 👉Amansiisuu jechuun yaada kee nama biroo irratti fe'uu osoo hin taane👉Sammuu nama itti dubbattuu san keessatti wanta barbaadduu fi isa fayyadu facaasuu yookiin biqilchuudha 💪 Kabajamoo Business keessatti maamilli kee gatii ati jetteen akka bitu yoo barbaadde customer kee akkamitti akka qabattu beekuun dirqama 💪Maamila qabachuuf immoo ijoon 👉Product si bira jiru akka isa fayyadu beeksisuu fi amansiisuun gahee kee isa duraati 💪 Kanaaf position barbaadde irra yoo jiraatte dandeettii amansiisuu keetii fooyyessuu qabda 2.👉 Dandeettii Hogganuu 💪Jireenya keessatti galii ati argattu kan murteessu 👉Itti gaafatamummaa ati ba'atteedha 💪 Company fi hojii mataa keetiitiin Milkaa'uuf dandeettii hogganuu keetii cimsuu qabda 💪Hogganuu jechuun bakka(Position) irra jiran jechuu qofaa miti 💪Namoota si jala jiran guddisuu fi jajjabeessuu jechuudha 💪 Namoota sitti dhufan fedhii isaanii guuttee 💪 Yeroo biroo akka isaan deebi'an godhuu danda'uudha 💪 Kabajamoo dandeettii hogganuu kee yoo fooyyesite galii fi sadarkaan jireenyaa keetis fooyya'aa dhufti Kanaaf dandeettii hogganuu kee jabeessi 3.👉 Dandeettii Rakkina Furuu 💪 Addunyaa keenya kana irratti namoonni 👉Rakkina Maallaqaa hin qabne 💪Warra rakkina namoota baay'ee fureedha 💪Kaayyoo fi hojii tee keessatti dursi rakkina namootaa furuu fi Jireenya namootaa fooyyessuu yoo ta'e 💪Ati imala guddinaa eegaltee jirta 💪 Kabajamoo rakkina namootaa furuu jechuun 💪💪💪 Dandeettii fi kalaqa qabdu fayyadamtee jireenya manaa fi maatii keetii akkasumas hawaasa keetii fooyyessuu jechuudha 💪Manni ati keessaa baate rakkina Maallaqaa qaba yoo ta'e mul'ata keetiin qarshii argattee furuu qabda 💪San bira kutaa ollaa hanga biyyaa deemuu qabda 💪Hin dagatin namoonni rakkina namootaa furuu irratti xiyyeeffatan 💪Rakkinni isaanii yeroo hunda furamaa jireenyi isaanis jijjiiramaa deema Kanaaf rakkina qabdu gadi taa'i adda baasi gochaan furi achi booda 👉Namoota rakkina akkasii keessa jiran akkamitti akka baate itti argisiisi gaafas rakkina furte jedhama 4.👉 Dandeettii Waan haaraa uumuu 💪Jaarraan amma keessa jiru carraa fi balbala guddinaa hedduu qabatee dhufee jira 💪Carraa kanatti fayyadamuuf immoo 💪Yaadaa fi kalaqa addunyaa guddachaa jirtu kana madaalu burqisiisuu qabda 💪Gaafa dur san kalaqa qabattee hawaasa bal'aa bira ga'uuf baay'ee ulfaata ture amma garuu sekondii tokkotti kennaa kee addunyaa biraan ga'uu dandeessa kuni carraa addaati 💪 Kabajamoo rabbiin waan hunda uumee xumuree jira samii gaditti wanti haaraan uumamu hin jiru beekamaadha garuu immoo 💪Kanuma dura jiru bifa si fakkaatuun bareechitee yoo ol baaste addunyaan ammaa harka lamaan sirraa fudhatti 💪Hin dagatin rabbiin siifi Albert Einstein ija tokkoon ilaala akkuma isaaf kennaa addaa kenne siifis Kennaa bareedaa kenne 💪Barbaaddee argachuun hojii mataa keetiiti 💪Akka kalaqaa fi wanta haaraatti market ammaa irratti kan barbaadamu hin jiru Kanaaf kabajamoo👉 Of-gaafadhu 💪Maal dandeessa? 💪 Yeroo ijoollee turte maal jaalatta ture?? 💪Deebisi 💪 Nama kalaqaa ta'i Maallaqaaf hin rakkattu ✍Isin kana keessaa kam kessatti ramadamtu? kamtu keessani? 👉 Comment jalatti naaf barreessaa Lammii Motivation @Lemimotivation @Lemimotivation Yaadota akkanaa hedduu argachuuf Chaanaalii kana join godhuu hin dagatinaa namoota birootiif share godhaa "Dhaloota Mul'ata qabatee Mul'atu Uumaa jirra"
Показать все...
👍 36 11
Показать все...
👍 1
☆𝐉𝐎𝐈𝐍☆
☆𝐁𝐄𝐒𝐓 𝐓𝐄𝐋𝐄𝐆𝐈𝐑𝐀𝐌 𝐂𝐇𝐀𝐍𝐍𝐄𝐋☆
☆𝐀𝐝𝐝 𝐲𝐨𝐮𝐫 𝐜𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥☆
✦𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐩𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐢𝐨𝐧✦
Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabaniimmoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ilaaltu jara kana akkamitti ilaalta? Akka natti fakkaatutti waan sitti tolu miti. Atis egaa yeroo waan tokko yaaltee osoo fiixaan hinbaasiin ofduuba deebitu kanuma fakkaatta. Oromoon yeroo mammaaku “Qeerransa eegee inqaban, qabnaan ingadhiisan!” jedha. Akkuma kana jabinni namaas kan beekamu gaafa waan dadhabe deebisee irbaata dandeettii isaa taasifatudha. Gootummaan nama tokkoos kan beekamu yeroo waan salphaa fiixaan baasu osoo hintaane, yeroo waan maqaa qabuufi sammuu namaa gararraa tahe hojjatee agarsiisudha. Akka beektonni jedhanitti waan fiixaan baasuu indandeenye jalqabuurra waan fixuu danda'an jalqabuu yookaanimmoo dhiisuu wayya jedhu. Namoonni nuti jaboodha jennee waamaa oolluufi namoonni Addunyaa kanaaf fakkeenya ta'anii waantota adda addaa hojjatanii lafa kaa'an baay'een isaanii namoota kufaatiin michuu taasifatee turedha. Hammuma kufan dogoggora ofiirraa barataa adeemu. Jireenyimmoo mana barnootaa gaariidha waan ta'eef, haala gaariidhaan nama barsiifti. Osoo kufaatiin hinjirree jireenyi hinjiru. Qorteetu nama qoraafti. Qoraaftees gaara nama baafti. Qormaanni qoraasuma milkiiti. Kufaatiinimmoo yaaliirraa dhufa. Sammuun teessu gidiraa qofa yaaddi. Namni taa'uu guddisus huuba lafaa fuudhee ka'a jedhama mitiiree? Akka dhaabbilee barnootaafi dhaabbilee hojii adda addaatti qoramaniitu qormaaticha darbu yookaan kufu. Akka yaaliifi boqonnaalee Addunyaa jireenyaattimmoo kufaniitu baratu; kufaatiirraas baratu. Namoonni tokko tokko yoo waan irra deebiin yaaluu kaafteef abdii kutannaa sitti himu. Sanaafimmoo furmaanni irra deebiin yaaduufi irra deebiin yaaluu qofadha Gorsa xinsammuu Fi seenaa ajaa'ibsiisoo Adda addaa argachuuf... Channel telegram kana join godhaa @milkaainajireenyaa @milkaainajireenyaa
Показать все...
13👍 8
Показать все...
☆𝐉𝐎𝐈𝐍☆
☆𝐁𝐄𝐒𝐓 𝐓𝐄𝐋𝐄𝐆𝐈𝐑𝐀𝐌 𝐂𝐇𝐀𝐍𝐍𝐄𝐋☆
☆𝐀𝐝𝐝 𝐲𝐨𝐮𝐫 𝐜𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥☆
✦𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐩𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐢𝐨𝐧✦