cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Caayaa Beekumsaa🙈❤️

Gorsa beektoota Waalaloo jaalala Baacoo Mammaaksa Oddeeffanoo haaraya qabatama argaatu dandeessu ❤️ ❤️

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
181
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Miskiina humaan qabne Yatiima rakkataa Waan qabduun gargaari Bitadhu jannata Yaa nama muslima Dhagahi wahiin sitti hima Ilmaan abbaan qabne Ijoollee yatiima Isaan san yaadadhu Sadarkaan khe ni cima Boru ni rakkattaa Ardha baankii kaayyadhu Xiqqoo qabdurraa Miskiina sadaqadhu Aduunyaan tun ni dhumtii Boruuf ol kaayadhu Qabeenyi ardha qabdu Beekhi siif qormaata Miskiina gargaaruun Arkkadhu furmaata Dadhaba itti dhihaadhu Waan qabduun gargaari Rokkoo itti jiru kanarraa Me xiqqollee baraari Atiis boru siraaxi si eeggataa Ajrii tanaan dabari Yooniif gad baane laalle Miskiina meeqa jira Sinqii guyyaa boruutiif jannee Ha dhaabbanu isaan bira Rakkataa meeqa jiraa Khan jiraachu walaale Humna qaamaallee dhabee Waan takka hin hammaalle Me bira dhaabbadhu Bareechiif hamilee Namni waan qaburraa Miskiina gargaare Rabbumaaf jecha niyyatee Toolche hojii hegeree Inni sun milkaawe Karaa sirri agare Qormaata qophaaweef Milkiidhan dabare Nama meeqa jira Kha garaa si boreeysu Haadha yatiima fa Tan kharaarra teeysu Waa itti khanitu malee bira hin khutin Rabbi si ha milkeeysu Wanni ardha khannatu Boru si dhaqqaba Gaafa namuu rakkatu Guyyaa akkan jabaa San jalaa najaa bahuuf Miskiina harka qaba Hangam qabaatullee Duniyaan hin guutamtuu Gandi hirdhuun qabne Akhiira akka toolfatu Dhabaan heduudha Yoo sirri gadlaallee Kan haalan cinqatee Jiraachu walaale Kan ollaa kanyaatii jalqabee Kan jiru fagoollee Me gamtaan ha gargaaru Hundi waliigallee Waan qabnu hunda baasne Yoo jiruma teenya toolfanne Miskina rakkataa osoo garruu Dantaa takka dhabnee Duuba maal deebifna Gaafa fuula rabbii dhaabbanne Walalo tana Video isii asirra arkachu Ni dandeysan Subscribe Godhaa Galatooma 👇 https://youtu.be/-F4TVbOSDqI t.me/Suhye_bi
Показать все...
WALALOO Yatiima Gargaara Jattu

WALALOO #YATIIMA_GARGAARA Jattu By Bishaaro Abdii Channel khana Subscribe Like Share Godhaa Galatooma #Bisharo Abdi official #KHADIIJA D.GROUP

Namni Rabbirratti irkate rakkina kamiyyuu ni injifata! Namni Muslimaa haalli rakkisaan kamiyyuu yeroo isa muudate, sodaa fi dhiphinaan gadduu osoo hin taane, waadaa Rabbii isaa yaadachuun isumrratti irkoo jabeefachuu qaba. Rabbiin subhanahuu wata'aalaa akkana jedha: قُل لَّن يُصِيبَنَا إِلَّا مَا كَتَبَ اللَّهُ لَنَا هُوَ مَوْلَانَا ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ (51)   “Jedhi, “Wanta Rabbiin nuuf katabe malee homaa nu hin muudatu. Inni tiiksaa keenya. Warroonni amanan Rabbiin irratti haa irkatan.” Suuratu At-Tawbah 9:51 Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa
Показать все...
Wanti ati gootu marti wanta ati yaaddedha. Gochi kee martinuu bu'aa yaada keetiti. Yeroo tokko tokko akka carraa /unconsciously/ wanta hin yaadne gochuu dandeessa. #Share @Caayaa Beekumsaa
Показать все...
Faallaa Bara durii keessa haayyuun cimaan tokko ka'e. Yaadota inni kaasuniifii barumsa inni kennuun hordoftoota hedduu horate. Namoota wal lolan ni araarsa, waldhabdee biyyattii keessa jiru ni fura, lammiileen biyya sanaa naamusaafi jaalala biyyaan akka ciman isaan taasisa ture. Haayyun kun sammuu ajaa'ibsiisaa qabaatus bifti isaa fokkisaadha ture. Yeroo tokko intala bareedduun tokko ennaa inni barsiisu argitee waan tokko yaadde. Gaafa inni barumsa isaa xumuree waltajjii irraa bu'u eegdee akkas jetteen "Ati haayyuu cimaadha. Animmoo bareedduu biyya kanaati. Osoo mucaa waliin godhannee bifti isaa anatti, sammuun isaa ammoo isinitti baha. Kanaan ammoo haayyuu waan hundaan guutuu ta'a" jetteen. Haayyuu kunis qalbisee erga ishee ilaalee booda akkas jedheen "Tarii bifti isaa anatti, Sammuun isaa ammoo sitti yoo bahe hoo?" jedheen. Hir'ina kee guutuf yaaluu caala jabinni guddaan hin jiru. Hir'uu ofii namootatti hirkatanii guutuu fakkeessuu caala ammoo gowwummaa guddaan hin jiru. Akkuma hayyichi jedhan wanti ati yaadde ofittummaan waan ta'eef faallaa ta'ee badii hamaa geessisuu danda'a. #Share @Caayaa Beekumsaa!
Показать все...
Показать все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

"Jireenya koo keessatti karaa hundaan milkaa’aa ta’uuf yaaleera: Akka daldalaa tokkootti, akka nama hojii beeksisaa hojjetu tokkootti, , akka barreessaatti, akka abbaa manaa fi abbaa ijoolleetti. Yeroon milkaa’inaaf carraaqaa ture, jireenyi waan baayyee na baarsiifteetti" jedha. Richard Branson Milkaa'ina isaa keessatti bu'aa bayii hedduu darbuu isaaf haga amanuun namatti ulfaatutti taatee ajaa'ibaa keessa tare namni kun. Tokkoon tokkoon taatee jiruu isaa keessatti jechoota inni adda dureen itti amanuuf hojiirra oolchu kanneen armaan gaditti caqafaman kana. Kitaabichi ka hiikametu naaf kenname. Anis dubbiseen itti gammade. Ofiikeetti amani. Hundinuu akka danda’amu amani. Jireenyi kee karaa hundaan guutuu haa ta’u. Abdii hin kutatin. Callisii Godhi (Just Do It) Akka danda’amu amani. Karoora qabaadhu. Jireenya kee sirriitti jiraadhu. Abdii hin kutatin. Qophaa’ii eegi. Ofitti amani. Namoota gargaari. Gammadaa Ta’i. Gammadi, cimii hojjedhu; maallaqni ofii isaa ni dhufa. Yeroo hin gubin-Carraa of hin dabarsin. Ilaalcha poozatiivii qabaadhu. Si gammachiisuu baannaan waan biraa hojjedhu. Hin sodaatin! Rakkoo si mudatu dursii tilmaamii mo’adhu. Ofitti amani. Abjuu fi kaayyoo kee duukaa bu’i. Hin gaabbin. Waadaa seente hin irraanfatin. 'Chaaleenjii' Of Godhi. Guddaa yaadi. Wanta haaraa yaali. Yoomiyyuu yaali. Of Danda’aa Ta’i Mataa kee danda’i Abjuu qabaadhu garuu kan dhugaarratti hundaa’e haaa ta’u Namoota wajjiin hojjedhu. Yeroo Ammaaf Jiraadhu (Live the Moment) Jireenya kee jaalladhuu, gammadaa jiraadhu. Yeroo qabdutti gammadi. Jireenya kee taa’ii madaali. Sekondii hundatti fayyadami. Hin gaabbin. Maatii fi Hiriyoota Keef Iddoo Guddaa Laadhu. Maatii kee fi hiriyoota keef dursa kenni. Amanamaa ta’i. Rakkina hin sodaatin. Qarshiin ittiin hojjechuuf uumame. Namoota sirrii filadhu; gaarii kan hojjetan badhaasi. Namootaaf Ulfina Kenni. Namoota kabaji. Waan sirrii hojjedhu. Maqaa gaarii qabaadhu. Haqaan hojjedhu. Gaarummaa hojjedhu. Xiqqoollee haa taatu addunyaa kanaaf jijjiirama fidi. Namoota gargaari. Miidhaa hin geessisin. Namoota gargaaruu akkamitti akka dandeeessu yaadi. Dhuma irratti, "wan hundaaf barnoota gaarii kan siif kennu, hojjechuu qofa" jedha. Seenichi nama kanaa waan jabaadha.❤🙏 @Caayaa Beekumsaa
Показать все...
Caayaa Beekumsaa 💔💔🖐
Показать все...
#Jibbamnus Homaa miti nu jibbanis Turree lafaa kaana Rabbi nun jibbin malee Bor bullee barii yaana ...................................... Namni yoo si jibbes Mi'aa kee hadheessee Soba sirra tuulus Dhugaa fafakkeessee ................................... Cubbuun si faalanus Dhugaa fakkeessanii Hin badu ni galaa Haqni kan keessani ................................. Homaa sin godhanuu Murtii Rabbiin ala Dhugaan bultee galtii Yoo turtes galgala ..................................... Rabbi biraan tahin malee Namni sin godhu homaa Hamileen sin cabin Laaltee warra doomaa ........................................ Namni gagarmaameef Kayyoon keen maseenu Waan fedhe haa jedhu Jechi uree sin seenu ....................................... Diriiraadha jedhanis Hin diriiru tulluun Cubbuu haxaawanis Hin badu qulqulluun ............................... Haqni gadii jedhee Waan bade fakkaatus Bariinis dheeratee Dukkanni hammaatus .................................. Abshir homaa mitii Dukkanni nun goolu Dukkanni dheerateef Bari'uun hin oolu .................................... Didimmisee baay'atus Bulee ganama bari'a Ifti guyyaa dhufee Dukkana ari'a #By 👉 @Aliyyee360
Показать все...
Gaafa namni ganamaan hirriba irraa si dammaqsu hin jirreef galgala rafuuf eenyullee sin eegne; gaafa waanta barbaadde kam hojjechuu dandeessu. Maal jettee waamta, QOFUMMAA moo BILISUMMAA? @kallattii1 @kallattii1
Показать все...
👉Jireenyaa namni biran jiraate jiraatte nan jiraadhee hin jedhiin! Of taatee osoo hin taane ofii kee akkaata namichi itti jiraatu keessatti fakkeenyumma fakkeesite miiccirte cabsun hambifte waan jirttuf. Ammayyun ati inni sii keessa jiru awwaalamee jira. Ati inni dhugaan sii keessa jiru kan inni muul'atu gaafa ati Jireenyaa mataa keetif akkata mataa keetti jiraachu dandeessedha. Akka abaaluun sirbaan mormaa nama Jal'isaa malee shubbisaa nama hin baarsiisu waan ta'eef. Jireenyii Jireenyaa kan jedhamu gaafa akkata mataa ofitti ofitti-amanamumma ofittiin jiraataniidha. Adeemsaa mataa ofii keessas of geggeessuu yoo danda'aniidha. Kana malees, Jireenyaa milkaa'ina fi dhugooma abjuuf mul'ata ofii keessa argaameef Jireenyaa abjuuf mul'ata keessa ofii jiru milkessuf daandi gubbaa jiruus yoo jiraataniidha. Jireenyii adeemsi isa abjuuf mul'ata isa hordoofe hin sochoonne, yoo adeeme iyyuun galmaa hin gahu. Galmaa qabatamaa tokko gahuf adeema jiru waan hin qabneef. 👉Addunya kun namoota hundumaaf akka ta'utti Jireenyaa mataa isaani isan barbaadan filaanno gootefi dhiyeesite jirti. Kan ofiif ta'u filaate jiraachun gahee abbaati. Sabaabinsa, Jireenyaa jiraannu mirgaa nu filaachiisu malee kan akka nutti dirqaaman keessa jiraannuf nu dirqiisisu waan hin jirreef. Addunya kanarra Jireenyaa ati jiraattu kan siif murteessu; nama miti, haalaa miti, firaaf oorma miti, maatiif hiriyyaa miti. Filannoo keeti! Kunis, jireenyaa jiraachun qaba jette ati of jiraachiisuf, akkasumaas Jireenyaa jiraachuf yaaddes dhugummaan jiraatte argamuuf garaa kee guutuu, saammuu keetin itti amante Jireenyaa ATI dhaamatuf dhaarratudha. Garuu, Gosawwaan jireenyoota baayee kana keessa kan kee kan ta'ee wanta keessa kee jiru ykn namummaa keessoo kee wajjiin kan wal fudhatu tokko filaanno mataa kee godhaachun, gosaa Jireenyaa filaatte Kanas itti dadhabde tattaaffii mataa keetin kan ofii kee itti milkessuf adeemtu tokko yoo hin qabaatin; jireenyaa haalaan, namootan, firaan, maatiin, hiriyyaanif waantootan akka jiraattuf affeerramte jiraatte argamta. Sabaabinsa, sabaaba gahaf waanta qabatamaa itti jarreen kana amaansifte kufa gochuun bira darbu dandeessu waan hin qabnef. Akkasumaas, atumti kan kee fi kan kan hin taanes adda baafatte waan hin hubaatinif. Warrii milkaa'an akka isan jiraatanif gosti Jireenyaa filataamani dhiyaachufi dhiisani miti. Qaamoolee Jireenyaa ofii barbaadan akka isaan jiraatanif isaan affeerran kanatti, isaa adeema jiraanif mul'ataf abjuu, akkasumaas kaayyoo milkessuf tattaaffii gubba jiran itti agarsiisaniti bira darban. Akkasumas, jireenyaa jiraachu barbaadanif isaanif ta'us dursani waan filaatanif Jireenyaa jiraachuf filaatan sanatti amanani jiru malee warroota cina isaanif heeyyamammo miti. Kanaafuu, waan adeema jiraanif qabachuuf waan adeema jiraanifis sirritti adda baasani beekun diinnota karaa keenya gubbatti nuu qunnaamanif deebii gaha akka kenninuf, akkasumaas, ofitti amanamumman deebii keenya itti himnuuf humnaa nuuf ta'u. Kana malees, gaaffii akkamittan jiraadhaf Jireenyaa maaliin jiraadha jedhani kan of gaafatanifis deebii sirrii ta'ees argaama. Kanaafuu, Jireenyaa mataa kee jiraatte argamuuf; mul'ata, abjuu fi kaayyoo ofii kee milkessu dandessuu qabadhu! Akkaata ofii keettis jiraatte argamuuf, waantoota ofii kee keessoo kee jiraan namumma kee isaa gaarii hubadhu! Hamman danda'u irran isiniif qoode! Ulfaadha! ✍WameraanToleeraa Bantii tin] Yaadaf; @Gorsajireenya_bot irratti na quunnama! Join share join share 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @Gorsa_jireenya @Milkaainajireenyaa
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.