cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Больше
Рекламные посты
32 595
Подписчики
-724 часа
+447 дней
+2 44130 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

PM Abiy`s Conflict Resolution Roadmap: National Dialogue, Transitional Justice and DDR #Oromia #Ethiopia
Показать все...
😁 2 1
Godina Lixa Harargee keessatti ajjeechaan milishoota Sirna PP'n jiraattota irratti hammaatee jiraachuun dhagaa'ame. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Caasaaleen murna bilxiginnaa ergaa dabaa kolonel Abiy Ahimed irraa fudhachuun duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiran gochoota diinummaa isaanii uummata irratti jabeessanii jiru. Bara Oromummaan yakka ta'e badii tokko malee rasaasa murna PP'n namni hedduun lubbuu isaanii dhabaa jiranitti uummanni Oromoo yeroo irraa gara yerootti eegdota bulchiinsa abbaa irree impaayera Itoophiyaan miidhaa guddaan irra ga'uun qe'een isaa goolamaa jira. Haaluma kanaan Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti milishoonni bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesaniiru. Namoota du'an keessaa ammaaf kan maqaa arganne, Juhaar Abraahim, Maammad Zakkoo, Ibsaa fi Shaamux kan jedhaman yoo ta'an namoota maqaan isaanii hin beekamin hedduus ajjeesanii bishaanitti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Показать все...
👍 8😭 1
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti dargaggoon tokko hidhattoota sirnichaan ajjeefamuun hidhaa fi reebichi jiraattota irratti raawwatus jabaate. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Koloneel Abiy Ahimed barcuma aangoo isaa tikfachuuf jecha waraana naamusa waraanummaa fi meeshaa maaliif akka baatu hin beekne, golee Oromiyaa mara keessatti bobbaasuun lubbuu ol adeemtootaa badii tokko malee Oromummaa qofaan yakkuun, dhiiga namoota qulqulluu guyyaa guyyaan dhangalaasaa oolu. Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee ganda Jaldeettii keessatti gaafa Caamsaa 3,2024 waraanni murna gabroomfataa PP gandichatti bobbaafaman dargaggoo tokko kan maqaan isaa Ahimed Muhiddiin jedhamu mana isaanii deemuun fuula namootaa duratti gadi baasanii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, ganduma Jaldeettii keessaa guyyuma sana ammoo namoota hedduu reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhanii jiraachuu maddeen keenya himaniiru. Dargaggoon hidhattoota sirnichaan ajjeefame kun nama siyaasa kamiyyuu keessaa hin qabnee fi hojii qonnaa hojjechuun maatii isaa jiraachisu ta'uu jiraattotni himuun, waraanni shiftaa kunneen gaaffii tokko osoo hin gaafatin gadi baasanii fuula namootaa duratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu isaanii dubbatan. Ajjeechaan dargaggoo qonnaan bulaa kana irratti raawwate jiraattota gandichaatti yaaddoo fi rifaatuu guddaa uumee kan jiru yoo ta'u, carraan ilmaan keenyaas kanuma laataa jechuun guddoo yaadda'uus dabaluun ibsaniiru. Guyyuma dargaggoo kana ajjeesan Caamsaa 3,2024 ganda Jaldeettii keessaa namoota maqaan isaanii Hiddee Umar, Abduu Sayyoo, Adam Abduu, Ahimed Ibraahim, Sa'id Ibraahim fi Adam Ibraahim jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwachuun mana hidhaatti darbataniiru, namoonni hidhaman kunneen badii qabaatanii osoo hin taane Oromummaa qofaan yakkaman jechuun maddeen aanaa Baatee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Показать все...
Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti milishaan sirnichaa tokko maanguddoo tokko cuubeen wawwaraananii miidhaa jabaa irraan ga'uun beekame. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Namoota qaroo sabaa ta'an akkasumas jaalatamummaa hawaasa isaanii keessatti qabanii fi hawaasni isaan dhaga'u hordofee ajjeesuu fi miidhaa qaamaa irraan ga'uu irratti xiyyeefatee Oromiyaa golee mara keessatti hojjechaa geggeessuu itti fufanii jiru. Guyyaa dheengaddaa jechuun Caamsaa 4,2024 godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Huruta Dooree iddoo addaa Dildila Jaarraa jedhamutti jaarsa biyyaa kan ta'e nama maqaan isaa Jaarraa Dhugoo jedhamu milishaan sirnichaa kan sabaan Amaaraa ta'e tokko mana isaatti itti ol seenuun cuubeen waraanee ajjeese, jedhee erga biraa deemeen booda maatiin fuudhanii mana yaalaa dhaqqabsifachuu himan. Yeroo ammaas haalli maanguddoon kun itti jiran hedduu kan nama yaaddeessuu fi uummanni Oromoo lafuma isaa irratti humnoota finxaaleeyyii Amaaraa kanaan ajjeefamuun isaanii hedduu yaadessuus ibsan.
Показать все...
Godina Jimmaatti qonnaan bultoonni fi daldaltoonni rakkina hamaa keessa jiraachuun beekame. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Akkuma Oromiyaatti sirni bilxiginnaa qotee bulaa dararuu itti fufuun, godina Jimmaatti ammoo addumaan ija baasee dararaa takkaa taasisee hin beekne mul'isuun qotee bultoota qe'ee fi qabeenyaa isaanii irratti hiraarsaa jiraachuu dubbatu. Raayyaa ittisa impaayerattiif deggersa akka godhaniif kan gaafataman qotee bultoonni fi daldaltoonni godinichaa qotee bulaan qarshii 1000-2000 fi daldalaan ammoo qarshii 2000-5000 akka kaffalaniif dirqamsiifamaa jiru. Namni qarshii jedhame hin laanne ammoo "deggeraa WBO'ti" jedhamee hidhamaa waan jiruuf sodaa cimaa akka qaban jiraattonni dubbisne himan. Gatiin boqqolloo bara darbee KG 12.5 qarshii 200 ture, baranammoo qarshii 1500 ga'uun karaa Waldaa Gamtaan dhoksamee daldaltootatti gurguramuun qotee bulaan ooyiruu fi daa'imman isaanii agabsuu irra hanga qarshii 5000'tti dhoksaan bitaa jiru jedhan. Dabalataanis, dargaggoota Oromoo gara waraanaa geessuuf uummata hiraarsuu itti fufanii jiraniin, hawaasni yoo ilmaan isaanii gara dirree waraanaa hin erginu jedhan, qarshii 20,000 akka adabamaniif tumni irratti tumamee jiraachuus himaniiru.
Показать все...
👍 3
Godina Lixa Shaggar aanaa Amboo keessatti namoota hidhuun jabaate ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Araada hawaasa nagaa hidhuu fi hiraarsuu kan qabu qaamni impaayera Itoophiyaa maqaaf bulchaan jira jedhu manneen hidhaa keessatti doorsisaa fi dararaa ulfaataa ilmaan Oromoo irratti taasisan jabeessanii itti fufanii jiru. Lixa Shaggar aanaa Amboo keessaa nama maqaan isaa 'Geetushaa Olii' jedhamu obboleettii isaa waliin gaafa Caamsaa 01,2024 kan qaban yoo ta'u, sababa Oromummaa isaanii qofaaf badii tokko malee akka hidhaman jiraattonni gandichaa ONMtti himan. Jiraattonni godina Lixa Shaggar dhiittaa mirgoota namoomaa fi hiraarfama sirnichi irratti gochaa jiruun hedduun bakkeewwan itti dhalatan gadhiisuun iddoo biraatti godaanaa akka jiranis himaniiru.
Показать все...
👍 4 1
Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ONM-ABO Caamsaa 6-2024 itti dhiyaadhaa! Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibraan Baddaa Daraar waraana faashistii PP godina Booranaa ona Dilloo ganda Hoboq keessatti guyyaa kaleessaa Caamsaa 5,2024 fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira. Itti dhiyaadha! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa: Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Afaan saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromooti, Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa
Показать все...
👍 26👏 3 2🔥 1🏆 1
Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ONM-ABO Caamsaa 6-2024 itti dhiyaadhaa! Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibraan Baddaa Daraar waraana faashistii PP godina Booranaa ona Dilloo ganda Hoboq keessatti guyyaa kaleessaa Caamsaa 5,2024 fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira. Itti dhiyaadha! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa: Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Afaan saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromooti, Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa
Показать все...
👍 2
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Caamsaa 6-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa: Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Afaan saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromooti, Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa
Показать все...
9
Oduu Galgala ONM-ABO Caamsaa 6-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:- Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Afaan saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromooti, Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa!
Показать все...
👍 10 3🥰 1