cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Oromia Global Media

Ergaa fi dhaamsa keenya #share gochuun nuu faana turaa. OGM ummata irraa ummataf

Больше
Россия101 647Язык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
865
Подписчики
Нет данных24 часа
-67 дней
-3130 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступноПоказать в Telegram
Показать все...
Barsiisaan Qormaata Kutaa 12ffaa Qoruuf Gara Yuunivarsiitii Gondar Imaale, Ajjeefamuu Isaa Ministeerri Barnootaa beeksise. OGM:-August 4/2023 Barsiisaan Yuunvarsitii Gondaaritti qormaata kutaa 12ffaa qoruuf gara Yuunivarsiitii Gondar imaale ajjeeffamu isaa Ministeerri Barnootaa ifoomse. Barattootni qormaataaf Naannoo Amaaraa Yuunivarsiitii Gondar seenanii turan, (lakkoofsaan kuma 16 ol)ta'an, qormaata kaleessa waaree boodafi har'a ganama kennaman akka hin fudhanne Ministeerri Barnootaa beeksise. Akka Ministeerri Barnootaa ibsetti, rakkoo nageenyaa naannichatti mudateen qormaata addaan cituu bira darbee walitti dhukaasa hidhattoota Amaaraa Faannoo jedhamaniifi humna nageenya Mootummaa gidduu taasifamaa tureen barsiisaan qormaata qoruuf garas deemefi poolisootni Federaalaa hojii eegumsa Yuunivarsiitichaarra turan lama ajjeefaman. Barsiisaan ajjeefame kunis, barsiisaa Yuunivarsiitii Walqixxee irraa qormaata kanaaf gara Gondar deeme Gargaaraa Piroofeesara Taaddasaa Abbabaa jedhamu ta'uu Yuunivarsiitichi ibsa gaddaa baaseen mirkaneesse. Barattootni qormaata addaan kutan kunneen yeroo biraa haala mijeeffameefi kan qoraman ta'uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Показать все...
Hayyuu Islaamaa Sheikh Abdulaxiif  dabalatee manguddootni Walloo waggoota lamaaf mana hidhaa naannoo Amaaraa keessatti dararamaa turan gad lakkifamanii jiru. OGM:-July 14/2023 Oromoonni sababa siyaasaa fi eenyummaa isaanii hidhaman akka gad lakkifamaniif irra deddeebiin uummanni gaafachaa turee Sheikh Abdulaxiif wayita mana hidhaatii bahanitti magaalaa Kamiseetti dureewwan amantaatiin simannaan godhameefii jira. Hayyuun kun ergaa dabarsaniin yoomillee taanan tokkummaa keessan tikfadhaa jedhan. https://www.facebook.com/ormiaglobalmedia2019
Показать все...
Magaalaa Jigjigaatti manneen daldalaa 900 ol ibiddaan barbadaa'an 𝐎𝐆𝐌:-Adoolessa 8/202 Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti halkan edaa ibiddi ka’een qabeenya irratti miidhaa guddaa akka qaqqabe gabaafameera. Ibiddi guddaan magaalaa Jigjigaa giddugala daldalaa 'Taiwan' jedhamtutti halkan edaa ka'e kun manneen daldalaa fi qabeenya gabaa keessa jiran irratti balaa guddaa geessiseera. Dhaabbanni raadiyoo fi televijiinii naannichaa akka gabaasetti gareen hojii ibidda dhaamsuu naannichaa fi gareen ibidda dhaamsuu magaalaa Hargeesaa irraa ergame ibidda kana to’achuu danda’aniiru. Sababa balaa ibiddaa kanaan manneen daldalaa 932 barbadaa’uun miidhaa qaqqabe qorachuuf koreen ijaaramuus beeksiseera.
Показать все...
Awwaardii Haacaaluu Hundeessaa marsaa 2ffaa tiin Badhaasa Umurii Guutuu    bareessaa fi Gaazexeessaa Abuu Bakar Muusaa badhafaameera. Badhaasa kanas mucaa isaa Zuulfaa Abu Bakar Muusaatti kennamee jira. Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇 Facebook-https://www.facebook.com/ormiaglobalmedia2019 Telegram- https://t.me/oromiaglobalmedia
Показать все...
Manni Maree Dhimmoota Islamummaa Fedeerala Walgahii Arifachisaa Har'a Hootelaa Ummati Ta'een Ibsa ejjannoo abbaa qabxii 11 Basee. OGM:-May 27/2023 Nuti miseensonni yaa'ii waliigalaa, mana maree ulamaa'ii fi miseensonni mana maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoolee Caamsaa 19/2015 mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatiin waamamnee dhimmoota waaktawaa ummata Muslimaa irratti marii gooneen ibsa ejjannoo kanaa gadii baafneerra. 1. Adeemsa diiggaa masjiida magaalaa Shaggaritti taasifamaa jiru ilaalchisee guyyaa kaleessaa muslimoota magaalaa Finfinnee naannawaa masjiida Anwaariifi Nuuritti diiggaa masjiida kana balaaleeffatan irratti haleellaa raawwatameen muslimoota qulqulluu lubbuub darbaniif Allahaan shahiidummaan (wareegamummaadhaan) akka isaan simatu, maatii, firaafi aantee isaaniitiif Rabbi jajjabina akka kennu gaafanna. Kanneen miidhaan irra ga’es Rabbi akka dafee fayyisu kadhanna. 2. Gareen walabaa taatee kaleessa magaalaa Finfinnee masjiida Anwaariifi Nuuritti mudate akkamiin akka mudateefi sababa ka'umsa du'aafi miidhaa qaqqabee bakka mootummaafi mmani maree islaamummaa jirutti qoratu akka iijaaramu gaafanna. 3. Naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti diiggaan masjiidaa jumlaadhaan bifa Islaamaafi muslima tuffateen gaggeeffamaa jiru hariitiin akka dhaabbatu, akkasumas lafa bakka masjiidota diigamanii bu'u mootummaan naannichaa kennuun hariitiin dafanii akka ijaaraman gochuun hawaasa Muslimaas dhiifama gaafachuun akka kiisu hubachiifna. 4. Mootummaan naannoo Oromiyaattis ta'u naannolee biroo biyya keenyaatti bakkoota amantiitiif kabajniifi eegumsi malu akka kennamu ykn godhamu, akkasumas masjiidota kaartaa dhowwachuufi ta’e jedhanii rakkoolee birokraasii baay'isuun kanneen hawaasa hiraarsaniif mootummaan xiyyeeffannaa malu kennuun rakkina kana akka furu ni hubachiifna. 5. Bilisummaa amantaa heera mootummaatiin beekamtiin kennameef faallessuun kutaalee biyyattii garaa garaatti keessumaa godina Guraagee Gunchireetti gochi barattoota muslimaa addatti barnoota irraa hari'uu hatattamaan fala akka argatu. Rakkoowwan walfakkaatoon bu'uura irraa furuuf mootummaan akka heera rakkoowwan jibba islaamaatiin muslimoota irra ga'u haambisuufi qaamolee sarbama mirga amantaa raawwatan adabu akka.baasu gaafanna. 6. Ummanni muslimaa dhaabbata bakka isa bu'u mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa cinaa dhaabbachuun tattaaffiin mirgoota amantii kabachiisuuf taasifamu karaa seera qabeessaafi nagaa ta'een qofa akka ta'u waamicha goona. 7. Kabaja amantaa inumaayyuu ammoo mana Rabbii kan ta'e masjiida salphisuun waan baay'ee keessa namaa hubuu inumaa miira keessa nama galchu ta'uu qaamoleen nageenyaa hubachuun hawaasatti dhukaasuu irraa akka of qusatan hubachiifna. 8. Hawaasni Muslimaa gaaffii mirgaa isaa kabachiifachuuf dhaabbata isaa majlisa cinaa dhaabbachuun qabsoo seera qabeessa gaggeessu shira qaamolee dhimma isaaniitiif ityi fayyadamaniifi akka madda babal'ina rakkootti itti fayyadamanii irra akka of eeggatu waamicha taasifna. 9. Gaaffii mirgaa hawaasa muslimaa kan kabachiifnu tokkummaafi waldhaga'uun waan ta'eef hawaasni muslimaa milkaa’ina adeemsa kanaatif masjlisa sadarkaa sadarkaan jiran waliin akka dhaabbatu waamicha goona. 10. Mootummaan qaamolee jibba Islaamaa qabaniifi caasalee mootummaa garaa garaa keessa jiran calaluun qaamolee mootummaafi ummata walitti busuufi biyya keenya gaaga'ama badaa keessa galchuuf hojjataa jiran sakatta’ee ejjannoo fudhachuun caaseffama isaa akka qulqulleessu waamicha goona. 11. Adeemsa marii biyya keenyaa keessatti hawaasa muslimaa baay'inaan hirmaachisuun rakkoowwan, gaaffiiwwaniifi ajandaalee hawaasa muslimaa barootaaf harkifamaa dhufan kaasuun biyya lammiilee Itiyoophiyaa hunda walqixxummaafi haqqummaan keessummessitu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti gahee keenya akka ba'annuuf waamicha goona. Caamsaa 19/2015 Finfinnee.
Показать все...
OGM:-February 2/2023 Kirikira lafaa hamaa Tarkiin hanga ammaatti namoonni 500 caalan du'aniiru. Lakkoofsi namoota du'anii kanarra dabaluu danda'a jedhameera. Waggaa 40 keessatti balaa akkasii arganii akka hin beekne jiraattonni ibsaniiru. Balaan kirikira lafaa kun Tarkii fi Siiriyaa keessatti lubbuu gaaga'aa jira.
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Artist Sonnaf Aadam magaalaa Adaamaa mana hidhaa akka jiru dhagahame. OGM:◇Oduu January 24/2023 Dargaggeessi muuziqeessaa hojii isaatiin jaalala horate Sonnaf humnoota tikaa mootummaatiin butamee mana hidhaa magaalaa Adaamaa keessa akka jiru maddeen gabaasaniiru. Torban hedduudhaaf mana murtiitti osoo hin dhiyaatin hidhaa keessa akka turee barameera. Dargaggoo artistii Sonnaf muuziqaa akka Ame Ho, Fontu Fonif, Mandela Oromo, Dhuga Seba, Of Ta'i, Wal Nyatee, Boreta fi kanneen biroo hedduu hojjeteera. Artistiin kun yakka tokkollee akka hin raawwanne maddeen ibsan, dargaggeessi muuziqeessaa haqa malee hidhame kun akka gadi lakkifamu himaniiru. Maddii:◇OMN https://www.facebook.com/ormiaglobalmedia2019?mibextid=ZbWKwL
Показать все...
Фото недоступноПоказать в Telegram
Показать все...