cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Al~RAYYAAN Dawa Group

( وهذا كتب أنزلنه مبارك فاتبعوه. وأتقوا لعلكم ترحمون ) Yaa ummata Muhaammed Qur'aana jala deemaa, itti dalagaa, isa kijibsiisuu, nama isa kijibsiisu jala deemuu sodaadhaa Akka rahmata rabbii argattaniif { Al An'am 6:155 }

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
550
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

IBNUL-QAYYIIM -Rabbi rahmata isaf haa godhuu- akkana jedhe :- " Osoo gabrichi cufa hafuura baafatuun, nabiyyii irratti salawaata buusee haqa ergamaa rabbii hin guutu " اللهم صلي على سيدنا محمد وعلى آله وصحبه وسلم
Показать все...
As wr wb
Показать все...
Ayyaama Tashriiq (Guyyoota 3n Iidaa) Ayyaamu-ttashriiq, guyyoota guyyaa Iid al Ad-haatti aanan 3n ji'a ZulHijjaa keessa jirani. Isaanis ZulHijjaa guyyaa 11, 12fi 13ti. Sadarkaa guyyoota kanaa laalchisee Qur’aanaafi Hadiisa Ergamaa Rabbii Muhammadﷺ irraa qabxiiwwan tokko tokko ... Rabbiin Qur’aana isaati guyyoota kana laalchisee akkas jedhe.. *وَاذْكُرُوا اللَّهَ فِي أَيَّامٍ مَّعْدُودَاتٍ* {Guyyoota lakkaawamoo san keessa Rabbi yaadadhaa} (al-Baqarah 2:203) Guyyoota lakkaawamoo kana hayyoonni Islaamaa hedduun guyyoota 3n Iid al Ad-haa booda jiran(Ayyaamu-ttashriiq) tahuu irratti waliif galan. Ergaman Rabbii Muhammadﷺ guyyoota kana ilaalchisee Hadiisa isaatiin {Guyyoonni sun kan nyaataa, dhugaatii fi Rabbiin itti yaadatani} jedhe. Guyyoota kanniin keessa sagalee olfuudhanii Salaata hunda booda Takbiirtaa godhuun kanaafi karaa taate. Akka Rabbi yaadannuufi! Qalmi Ud-hiyyaa guyyoota 3n kana itti fufa. Yeroo tanattiis ALLHU AKBAR jechaa Rabbi guddisan. Hujaajjoonnis guyyoota 3n kana Takbiirtaa godhaa(Rabbi guddisaa) dhagaa Jamaraatti darbatan. Guyyoonni kunniin guyyoota nyaatanii dhuganii keessatti gammadan waan taheef soommanuun dhoorkaadha. Ergaman Rabbii Muhammadﷺ {Guyyoota nyaataa, dhugaatii fi Rabbiin itti yaadattan sanitti hin soommaninaa} jedhe. NUURALHUDAA Soora Qalbii Muslimaa
Показать все...
Baga Rabbiin Ayyaana Eid Al-Adahatiin isin gahe warra baraa kan bara hedduu Rabbii nuhaa godhu.
Показать все...
#HUBADHU: "Ilma namaa wajjin yero jiraattu jireenya ke ilma nama kanaa wajjin jiraattu hunda arruma haala gaarin wajjin jiraadhu.! maalif yoo jette? Namni tokko erga #du'een😭booda waa'e isa yaadaa yoo ooltes waan tokko gochuufi hin dandeessu. yoonif #rabbii ke araarama isaaf kadhatteef male. kanaafu nama tokko erga #du'een booda waa'e isa yaadde cinqachu oso hin taane nama #jaallattu❤️hunda arruma haala #gaarin wajjin jiraadhu toltu itti dalagi .!@AlRAYYANDG
Показать все...
As wr wb
Показать все...
Aalimni Guddaan sa'uudii saalih Al-Foowzaan Jedhaman akkas Jedhani Ilmii Barbaadanii Barachuun Ibaadaa Sunnaawanii Irra Sadarkaa qaba Namni Taa'ee Ilmii Hiriyyoota Isaa waliin Qu'atu Nama Halkan Guutuu Salaataaf Dhaabbataa bulu Caala Maalif ? Nama Ilmii Baratutu Beekumsaan Rabbii Gabbara Aalimni Ibaadaa Halkan Salaatee Guyyaa Soomaa Jiraatu Immoo faaydaan isaa isuma irrati gabaabbata Ati yoo Ilmii Baratte Nafsee Kee Fayyadda Namallee Ni Fayyadda.
Показать все...
Irra Caalaan Guyyoota Torbaanii Kam Akka Tahe Beeytaa ? •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• • Rabbiin keenya Subhaanahuu Wata’aalaa torbaan keessa Guyyaa 7 uumee Guyyoota San keessaa Guyyaa Jumu’aa irra caalchise. • Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam “irra caalaan guyyaa aduun keessa baatee Guyyaa Jumu’aati, Guyyaa kana keessa Abbaan keenya Aadam Uumame, guyyuma Kana keessa Jannata see si Fame, Guyyuma kana keessa ammaas Jannata keesaa baafame. Guyyaan Qiyaamaatiis Guyyuma kana keessa tahuuf taa’a” jechuun nuuf himan. • Sadarkaa Guyyaa kanaatiif Suuraan Qur’aanaa takka Suuratul Jumu’aa jechuun yaamamte. • Guyyaan Jumu’aa Sayyida Guyyaati. Guyyaa kana keessa muslimni torbaan guutuu wal hin arkin Masjiida Rabbiitti walitti qabamee Salaata Jumu’aa wajjiin salaatee gammada. Ammallee Guyyaan Jumu’aa iidaa torbaanii kan Ummata Muslimaati. • Guyya Jumu’aa kana keessa Yeroo Takka tan Gabrichi isii keessa Du’aa’ii godhate waan kadhate Rabbirraa arkatuutu jira Yoo haraam taate malee. • Obboleeyyam Islaamaa walumaa galatti Guyyaan Jumu’aa sadarkaalee Gurguddoo asii olitti dubbanne Kanaaf ammallee kanneeen hafan hedduudha Qaba, Kanaaf Guyyaa kana keessa akkaan Rabbitti dhihaannee kheeyrii haa oomishannuu. • Nuti hundi haajaa qabnaa guyyaa kana keessa ibaadaa, salaata, zikrii, Du’aa’ii, sadaqaa, fii akkasuma ibaadaalee biraa heddummeessuun kheeyrii guyyaan Kun Qabu irraa qooda haa fudhannuu. • Rabbiin Warra Guyyaa kana keessa isa kadhatee milkaawe Irraa Nu Haa Taasisuu. Rabbiin yaadaa fii muraada keenya hunda nuuf haa guutuu. Obboleeyyan kiyya barreeffama kana dubbisaatii Share Waliif Godhaa. Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran By: Ibsaa Dhugaa https://www.instagram.com/ibsaa_dhugaa/
Показать все...
#Haasawa_Haalaan_Bareedaa_Nama_Towbaa_Isaa_Irra_Turuu_Barbaadeef.." 👉Mee dubbisaa waliifiis SHARE godhaa.. Gurbaan tokko Imaam ibraahim Ibn Ad-hamitti dhufee ja'een.. " Yaa Imaam Diliin dhiisuu dadhabe, towbadhuus ittumaan deebi'a.. Mee maal furmaata naaf dhaamta akkaan towbaa irra turu".. Gaafiin kuni cimaadha.. irra hedduun keenya haalli kunis nu qunnama.. Dilii irraa towbannee ammas daddeebinee keessa buuna.. Imaam Ibraahiimiis, jechoota 5 amma siif dubbadhu kana sirritti na hordofi ja'een:.. 1) "Yoo dilii dalaguu feete, Rizqii Rabbii hin nyaatin" ja'een.. Gurbaaniis:.. "yaa imaam, wanni dachii gubbaa jiru hundinuu Rizqii isaatii.. duba akkamitiin ykn maal nyaadheen jiraadha?" ja'een.. Imaam Ibraahiim:.. "Duba Rizqii isaa nyaachaati isatti dilooytaa?? kuni nama sammuu qaburraa hin eeggamu." ja'een Gurbaan: "mee tan lammaffaatoo maali?" ja'ee gaafate.. Imaam Ibraahiim:.. 2) "Yeroo dilii dalaguu feete, dachii rabbii gubbatti hin dalaginii, tan biraa laalladhu" ja'een.. Gurbaan: "yaa imaam dachiin hundi tan Rabbiitii bakka biraa taniin dhaqu hin qabu.." ja'een Imaam Ibraahimiis: "Duba ati, rizqii isaa nyaachaa, dachii isaa gubbaa jiraachaati dilii isaa daleeydaa?/" ja'een Gurbaaniis: " sadaffaa ergaa teetii as kenni" ja'een.. Imaam Ibraahiim: 3)" Yeroo dilii dalaguuf deemtu bikka Rabbiin sin arkine dhaqii dalagi" ja'een Namtichiniis hedduu ajaa'ibee, akkana ja'een: "Hay addunyaa tana gubbaa bakkummaan inni itti nan arkinee huu hin jiru gaa" jennaan Imaam Ibraahimiis: "Duba ati Rizqii isaa nyaachaa, dachii isaa gubbaarratti, bikka inni itti si arkutti dilii isaa daleeydaa..??" jachuudhaan deebiseef.. Gurbaan: "mee tan afraffaatoo maali..??" Imaam Ibraahiim: 4) "Hoggaa duuti ykn malakulmawtiin sitti dhufe, ani amma du'uu hin fadhuutii, niin toowbadhaa xiqqo booda natti deebi'i ja'ii ofirraa oofi".. ja'een.. Namtichiniis:.. "Hay du'a namni tokkolleenuu ifirraa deebisuu hin dandayu gaa.." ja'een.. Imaam Ibraahiim: "Duba ati Rizqii isaa nyaachaa, dachii isaa gubbaa jiraachaa, bakka inni si arkutti dilii daleeydee, kha gaafa duuti sitti dhufte ofirraa deebisuu hin dandeenye, dilii Rabbii keetii akkamiin daleeydaa??".. Gurbaan: "Mee tan shanafaattoo maali?" jachuun gaafate.. Imaam Ibraahiim: 5) "Gaafa dirree qiyaamatti malaa'ikaan ibiddaa (Zabaaniyaan) ibidda jahannamitti si darbuuf sitti dhufan.. ani isin waliin gara ibiddaa hin deemu" ja'ii wajiin deemuu jalaa didi ja'een.. Gurbaaniis.. "ani akkam ja'eetiin jalaa hafuu dandaha. hoggas dirqama kiyyaa.." ja'een.. Imaam Ibrahiim: "Duba ati rizqii isaa nyaachaa, dachii isaa gubbaa jiraachaa, bakka inni si arkutti dilii hojjachaa, khani du'a ofirraa deebisuu hin dandeenye, guyyaa qiyaamaatiis lubbuu tee ibidda irraa nagaya baasuu hin dandeenye, akkamiin dilii Rabbii daleeyda" ja'een.. Namtichiniis, "naaf gahe, naaf gahe, naaf gahe.. wallaahi yaa imaam, gorsa bareedaa naaf kennite.. ganaa diliitti hin deebi'u" jachaa biraa kute.. Obbaleeyyan kiyya yeroo lubbuun teenya dilii nu hawwite jachoota kana haa yaadannu.. Dilii irraa dhaabbachuuf sababa nuuf taha ja'eetiin amana.. Gorsa irraa fudhattaniis comment nuuf barreeysaa.. nu hundinuu akka wal fayyadnuu!!?
Показать все...
قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى الله ُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ : { مَنْ سَأَلَ اللَّهَ الْجَنَّةَ ثَلَاثَ مَرَّاتٍ ، قَالَتِ الْجَنَّةُ : اللَّهُمَّ أَدْخِلْهُ الْجَنَّة، وَمَنْ اسْتَجَارَ مِنْ النَّارِ ثَلَاثَ مَرَّاتٍ ، قَالَتِ النَّارُ : اللَّهُمَّ أَجِرْهُ مِنْ النَّارِ }. 📚 رَوَاهُ التِرمِذِي. 🌸«::::::::::::» «:::::::::::»🌸 Ergaman Rabbii(ASW) Akkana ja'e. 🌼 Namni Yero Sadi Rabbii isaa yo jannata kadhate dubas Jannanninis akkana ja'a:- Ya Rabbii nama kana Jannata Sensisii. 🌼 Ammas Namni Yero Sadi yo Ibiddarra Maganfate Ibiddi Jahannamis akkana ja'a:- Ya Rabbii nama kana Ibidda Irra Tiksi. ✍Tirmiizitu gabaase ✴Rabbin Rahmata isatin warra jannata kannefi ittin qananiyse nuha godhu.Ammiin Allahu Ammiin Ya Rabbal Alamin 👐👐👐👐👐 ⬇⬇⬇⬇⬇ @ALRAYYANDG @ALRAYYANDG @ALRAYYANDG
Показать все...
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.