ru
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Открыть в Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Больше
1 178
Подписчики
+124 часа
+17 дней
-1430 дней
Архив постов
Code 34 BIOLOGY SURE 100%.1B2D3B4A5A6D7B8D9C10A11D12C13D14D15C16A17B18D19B2021A22A23D24C25C26B27B28C29D30C31A32A33B34B35B36D37A38A39D40D42B @KUUSHJIRRAA JOIN TAYAA

Qormaata Gaarii! Yaa waaqa koo maal naan jettaa jettee guyyaaf halkan kan yaaddu bor gaafan qoruumsaaf seenu maal deebisu jettee kan aaddu Harka namaatii abdii dhabdee kan roraatu rakkoo jibbaa hunduu didee si doorsisee yoo baayyates rakkoon dhibbaan Guyyaan dhufu maal qabaree maal deebiseen eessa dhaqaa jettee hin yaadda'in koodee koo atuu qabdaa bakka baqaa Rakkoon har'aa yoo baay'ates abdii hin kutin deemi jabaadhuu humna du'aa kaasii sochoosi obsa jabaan deemii baadhu Uumaan kan kee siif dhaabbataa of hin dhoorkin wanta feetu abdiin deemi abdii kaayyoo hin mamin akka ceetu Na dhaga'i yaa koodee koo sittan himaa ilaamee firaa abdiin deemi ni moo'attaa abdii keessa injifannootu jiraa karaa @dinnedid_bot kan nuuf ergame @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Asham Yaa qomoo koo Qomoo dhiigaaf tiruu Nagaa Fayyaa qabduu? Akkam jirtan jiruu? ~~~ Nutu waliif firaa Sanuu dhiigaaf lafee Walumaan dhaadannaa kan biraas yoo hafe ~~~~ Tokkummaadhan baanee Bar waliif falmannaa Jaalala facaafnee Firii isaa haamnaa ----------- Jibbii milkii hin qabuu Dhiisi karaa badii Firaa kee Oli qabdee Tokkon qabin gadii ---------- Jibbi jibbamaadha Akka Summii bofaa Furtuun Milkaayinna Jaalaluma qofaa! @dinnedid_bot kan nuuf ergame @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Sirritti isin beeknaa Gaafa lola aduwaa Isin sirbaan lolchiistuu Oromoon lolee du'a Seenaa haqaaqxanii Doofaan ajajjani Amma reefu tole Wandaboon kabajjani Warra lolee moo'e Seenaatiin tuffattuu Gaafasis harras kunoo Wandaboo uffattu! karaa @dinnedid_bot kan nuuf ergame. @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

ADAWAA Adawaa maqaa gootaa Adawaa maqaa guddaa Adawaa ashaaraa seenaa Adawaa Duulaa Muddaa Labooba injifannoo guca sabaaf sab
ADAWAA Adawaa maqaa gootaa Adawaa maqaa guddaa Adawaa ashaaraa seenaa Adawaa Duulaa Muddaa Labooba injifannoo guca sabaaf sabootaa galaana diina hare baataa seenaa abbootaa Mallattoo wal-qixxummaa kallacha sab-daneessaa ramaca seenaa keetii maaltu gad qabbaneessa? Adawaa kuusaa seenaa hunda galeessa maqaa galmee dhiiga keenyaan barraa'e Seenicha maaltu haqa. HIIKI HIN HIIKTAA! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Baga Kabaja Ayaana ADAWAA Waggaa 125 ffaan Nagaan isin Gahe @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa
Baga Kabaja Ayaana ADAWAA Waggaa 125 ffaan Nagaan isin Gahe @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Bishaanichis Hin Gogu! Nu balleessuuf jedhanii yoo yaadanis isaan nuti tasumaa hin badnu qurxxummiidhaaf bishaanii kormi mucha hin qabu yoo elmanis hin bu'u bishaanichis hin gogu qurxxummiinis hin du'u Qurxxummichi itti tolee bara baraan jiraataa dheebotu bishaan dhugee achuma keessaa nyaata tasumaa fala hin ta'u dhugaa jiru dhoksuun tulluu qofaa dhiibuudhaa galaana ummataa gogsuun! ✍Lati @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Amalaaf naatoo keen qalbii kiyya mootee onnee koo bantee seentee mana dhuunfaa kee goote Akkan si jaalladhu ragaa kootu kumaa jalqabaaf dhumni koo guduunfaan koo suma ✍@dera_zreal Isinis jaalallee keessaniif barreessuun karaa @dinnedid_bot tiin nuuf ergaa qilleensarra isiniif oolchinaa. @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Ani kun... Kan utuu hidhii xuuxuu Firii jiruu hin xuuxne Ani kun hawwaadha Hawwaa hawwiin hin guunne Kan utuu 'bor' eeguu Qaroo ijaa dhubbe Ani kun qilleensa Obboleessa bubbee... Takka na waxala Takka ammoo na waada Ani kun- huummoodha Bulee ka'een aada Ani kun hafteedha Haftee gobaa fi gufuu Kan takka dhaabbachuuf Si'a dhibba kufu ✍walo_lataa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

sticker.webp0.26 KB

sticker.webp0.26 KB

QALLADHEERA! Rakkina jireenyaa hin se'in Inni anaan kan na qallise imimmaan soba kootii yoom ciibsee na raffise? Waanan dhiise na hin se'in midhaan nyaadhee dhuguu hirriba nagaa rafuu mitii an dhiiseera muguu Lubbuun du'ee boolla hin buunee nan jiraafoo qooda hin baanee lubbuun bulee harra ga'uun jiruu maqaa qofaa hin taanee?? Rakkinni saba kootii erga na rakkisee akka jirma jigee maafan ciisa callisee?? ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

RA BI Official PAGE "BARA DUKKANAATUU MOOHATAMNEE HIN GALLE"! Channel koo kana jalatti! -Waan Haaraa fi waqtaawaa -Oolmaa Oromiyaa,Oromoo️ -Odeeffannoo yeroon wal qabatu -Gorsa, seenaa, Siyaasa biyyaa .....fi waan hedduu! Yaada fi Gaafii @RVoro_bot dhaan koottaa!! https://t.me/KUUSHJIRRAA

BOOREE! Gadheen nama hin safartu alagaan namaa hin hiltuu garaan booree hin baafanne halkanuu raftee hin bultuu Dukkanaan karaa joorti dafqa booree dafqiti hammuma seenaa yaadattu sagal boochee harqiti Mana gumaa ilaaltee wayaa ofirraa cirtii garaan booreef boorattu gootota keessa jirti!!!! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

GALAANNI NA NYAATE! Kan dur siif jira jedhu harra na gatee fiigee erga namnin abdadhu waadaa naaf gale diigee firaaf aanteetu dabarsee diina hamaatti na laatee riqicha abdii koo tures reef gaalaanni nyaatee Jedhee maafan dhiphadhee abdii koo borii balleessa rakkinni harraa kun ni caalaa kan kaleessaa? Kanaaf......... Abdiin kankoo maseenee mullanni koon hiyyoomuu garba rakkoo moo'ee doloolloon hin nyaatamu Gufuu xurree kooti jedhee maafan lakkaa'a huuba bara sanyii abiddaa daaratu na gubaa!!!! ✍@dera_zreal JOIN&SHARE @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Umaakoo-Waaqakoo Deebisi-Dhugaakoo! Feetu aannan godhii Ubbootti raasi feetu bubbee godhii qilleensarra kaasi feetu bishaan godhii dhagaa keessaa yaasi Yaa waaq! irraanis jalaanis dhugaa koo naaf baasi Dharaan waxalameen gubii baraa nuffee YaaWaaq! murtii dhaddachakee yoomin jedhaa uffee!!!! ✍@dera_zreal JOIN @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

HIN TA'U? Har'i tokko bor kan biraa Guyyaa jalaan guyyaan jira Nuugiin fakkaattus akka talbaa Mixiin bokoktus akka arbaa Barri dhufee barri darba Tokkoon kufan tokkoon ka'uu Abdii kutachuun hin ta'u! ✍@dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Leexummaan haa badu Biyyeetti haa makamu Du'ee awwaallame Lubbuun haa dhabamu ❣ ❣ Wal wajjiin jiraachuun Margee haa lalisu Worra wal jaalatus Waaqni haa eebbisu! ✍ ●✥-- @IlmaAyu --✥● #HappyValentinesDay Worra wal jaalatu biraan naaf gayi karaa keessaan kan nuuf ergame. isinis @dinnedid_bot nuuf ergaa. @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

DIDIMALEE! Fuulakee hin kenniin gurbaa Hundaaf hin hiriin garaa Madaalii dursa beeki Hiriyaa gaariif yaraa! Ilkaan kee agarsi
DIDIMALEE! Fuulakee hin kenniin gurbaa Hundaaf hin hiriin garaa Madaalii dursa beeki Hiriyaa gaariif yaraa! Ilkaan kee agarsiiftee Har'a kolfiteef taanaan Yommuu miilla sidhiitu Nomatter"jetta taanaan --- Hamma keesisa faree Sibaasa kiiloo gubbaa Haadhoo kee fillee ta'u Fuula kee hin kenniin gurbaa!! Har'a Saree siin jedhee Yoo dhiifte kolfiteefii Boru gadhee siin jedhaa Kuni hin hafuu eegi. ✍@dera_zreal join&share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

OF-KENNAA KOOF! Isa ati nuuf of laatte hamaatti deebisanii maqaa kee xureessanii jibbaan si eebbisani Akka ijaaf adaamii garg
OF-KENNAA KOOF! Isa ati nuuf of laatte hamaatti deebisanii maqaa kee xureessanii jibbaan si eebbisani Akka ijaaf adaamii gargar nu fageessanii maaf faarsite jedhanii dhaddacha na geessani waan baayyee dubbatanii waan baayyee odeessani abidda daraa hin qabneen garaa koo bobeessani Naaf duutee naaf dhiphattee kan naan gaafanne gatii waaqa uumaa gaditti OF-KENNAA kooti ati!! ✍@dera_zreal SHARE @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa