cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Walaabuu News

Dhugaa ummata Kenya goda jiru hundaa qonnee baafna kun wa'adadha telegram Koo kana @Walabujillo going godha

Больше
Страна не указанаЯзык не указанКатегория не указана
Рекламные посты
179
Подписчики
Нет данных24 часа
Нет данных7 дней
Нет данных30 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Показать все...
Oduu - BBC News Afaan Oromoo

BBC Afaan Oromoo irratti Oduu, Odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koottaa.

Muumichi ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad walgahii idilee mana maree bakka bu'oota uummataa Kamisa har'aa (Adoolessa 7, 2022) gaggeeffame irratti gaaffilee miseensotaan dhiyaataniif deebii kennaniin haala nageenyaa biyyi amma itti jirtu ilaalchisuun ammatti ‘‘Itoophiyaatti daldaltoota du’aatu bobba’ee jira’’ jedhan. Akkasumas gaaffii haala haleellaa tibbana lammiileerratti raawwataman ilaalchisuun dhiyaateef, ‘‘Itoophiyaan ammaan dura nageenya keessoo ishee qofa osoo hin taane kutaawwan addunyaa biroottiyuu biyya nagaa kabachiisuuf hirmaachaa turte amma garuu daqiiqaa fi sa’aatiidhaan oduu gaddaa dhagahaa oolla’’ jedhan. Gaaffii ‘mootummaanis hamma yoomiitti gadda kana dhagahaa tura?’ jedhuufis mootummaan hanga dhiigni lammii tokkootuu sababa hidhattoota kanaatiin dhangala’uun dhaabbatuutti tattaaffii taasisu itti fufa jedhan MM Abiy. “Shororkeesitoonniifi hidhattoonni lammiilee nagaa ajjeesanii nuqoruu dandahu malee imala keenyarraa nudhaabuu hin danda’an. Mootummaas balaawwan akka kanaa yeroo mudataniitti callisee akka ilaaleetii fudhatamuu hin qabu. Mootummaana waan kana dhaabuuf waan danda’u hunda gochaa jira” jedhan. ‘‘Guyyaa guyyaadhaan poolisiin ni du’a, loltuun ni du’u’’ jechuun, Daraashee, Gaambeellaa, Amuruuttii fi Dambidoollootti qaamoleen nageenyaa ajjeefamusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Qaamooleen nageenyaa lubbuusaanii wareeganii lubbuu namoota nagaa tiksaa jirus jedhan. ‘‘Qaamoleen nageenyaa lubbuu isaanii wareeganii nageenya lammiilee kabachiisan kunneen faayidaa addaa argatanii osoo hin taane aarsaa lammii isaanii tiksuuf kanfalan waan ta’eef kabajatu malaaf’’ jedhan. Dhimma Shororkeessummaa Shororkeessummaa gama ilaaluun ammoo, shorokeessummaan yeroo ammaa guutuu addunyaatti qorumsa cimaadha malee addatti Itoophiyaa qofatti waan raawwatamaa jiru akka hin taanes eeran. “Bara 2020 keessa Ameerikaatti namoonni kuma 20 caalan shororkeessitootaan ajjeefamaniiru. Ji’oota jahan darban qofa Loos Aanjelesitti namoonni 172 ajjeefamaniiiru. Kutaalee kaanittis akkanuma. Ameerikaatti ji’oota jahan darban namoota kumaatamaan lakkaa’aman shororkeesitootan ajjeefamaniiru. Kanaaf dhimmichi rakkoo addunyaati,” jedhan. Shororkeesummaan wanta adda ta’eefi Itoophiyaa qofatti qaamoleen nageenyaa Itoophiyaa qofti ittisuu dadhaban qofa godhanii ilaaluun hin barbaachisu, kan jedhan MM Abiy, ‘‘shororkeessummaa saba wajjin walqabsiisanii ilaalunis sirrii miti. Alshabaab yoo fudhattan gara caalu kan ajjeese Somaaloota” jedhan. Shoroorkeessitoonni akka Shanee fi qaamoleen shororkaa biroo ofii isaaniitii miilaa fi sammuu hin qaban, gaafa qaamni wayii miila kennuuf deemanii miidhaa geessisu jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad. “Namoota nagaa ajjeessuun bu’aa siyaasaa argamsiisu hin qabu garuu amala shororkeesitootaati. Nama nagaa ajjeesuun garuu karaa kamiinuu fudhatama hin qabu” jedhan. Mootummaan lammiilee caalaa odeeffannoo shororkeesitootaa dursee argata kan jedhan Dr. Abiy, fedhiin shororkeesitootaa akka hin milkoofneef ammo uummanni mootummaa wajjin qindoomee biyya baraaruu qaba jedhan. “Torbee tokko kana keessatti si’a jahaa oli shororkaa uumuuf yaaliin taasifamee fashalaa’eera. Namoota bifa addaa qaban osoo hin taane warruma nufakkaatu, kanneenuma afaanuma keenya dubbatutu rakkoo geessisa. Nuti loltuu miiliyoona 100 hin qabnu waan ta’eef nama hundaaf loltuu ramadnee eeguu hin dandeenyu. Gaafa asiin eegnu achiin balaan gaha” jedhan.
Показать все...
Cuunfaa!... -------------------- Cuunfaa gabaabdu kana booda wal- irraa fagaanna. Impaayera Itiyoophiyaa hin suphinu. Kun haqa. Suphaa impaayera mormiinaanuu itti hidhamnee dararamne. Garuu fira siyaasa fakkaacha summii biifu ni balfina. Biyya Oromiyaa ni ijaarra. Kunis haqa. Oromiyaa ijaaruuf hangafti tokkumma dha. Qabsoon tokkumma hin qabne dinkii dha. Hin guddatu. Murni badii tokko jira. Gariin namaa seesee jedhee waama. Warra beekutu beeka. Bullukkoo dhaaba guddaa uffatanii socho'u. Murni kun as Ameerikaa, Awurooppa fi Awustaraliyaa taa'ee waraana hoogganu malee du'een argama jedha. Waraanni 'stove' ho'ifachaa hoogganan hin jiru jennaan nutti duulan. Murni kun nama dhuunfa qeequ fi itti duuluun beekama. Murni har'a Dr. Tsagaye fi Itana leellisu, kaleessa hayyoota kana dhukkeetti dabala ture. Beekaa fi wallaalan murni kun hin qeeqne ykn itti hin duulle hin jiru. Murni kun, Marroon waraan mooraatti deebisaa jira jechuun; duula diinnilleen hin goone irratti banan. Gubannee!, dhiifne. Marroon takka Sudaan, takkammoo Uganda jira jedhanii olola bal'aa godhan kanas tuffannee dhiifne. Har'a garuu fira fakkachuun as munyuuqu. Aha!, wal-beekna. Firaa fi shira qabani gangalchu. Murni kun, marsaa hedduuf; Oromoo, amantii fi lagaan qooduun balaa uumuu yaalaani irraa fashale. Ammallee sanumatti jiru. Gabaabatti!, murni kun asii fi achii labuun ariitiin aangoo butuu barbaada. Osoo hin carraaqiin angoon butamu hin jiru. Angoon, Ifaajii gaafata. Ejjennoon keenya ifa. Jaarmiyaa siyaasa haqaan qabsaahu qabna. Innis, A*B*O--W*B*O jedhama. Birkii siyaasa fi waraana qaba. Hogansa qaba. Oromiyaa walaba ijaaruuf, tokkummaa Oromoo itichuuf beelaa fi dheebuun qabsoo finiinsa jira. Dhumarratti, dhimma alaaba irratti, dhaaba lamatu ibsa baase. Isaanis, A*B*O fi A*B*O--W*B*O dha. Dubbiin as jira. Dubbii rarraaseen dhiisa. Isa hafe, bara barrii mirgisee dubbanna. Hagasittu nagaan jiraadha.
Показать все...
Mala’ikaan Rabbiin guddaan haala addaatiin uume Maaykroo sakandii takka keessatti hawaa guutuu naanayuu ni dandaya. Kun ilma namaatiif ulfaataa taha malee, Rabbii waan hunda uumeef salphaadha.
Показать все...
5. New Horizon = saa’aa tokko keessatti kilomeetira 58,600 Qorattoonni dhiheenya kana Pluutoon plaaneetii miti jechuun plaanetoota duraan beeknu keessaa baasaniiran. Pluutoon pilaaneetii fakkaattus amaloota pilaaneetiiwwan kuuwwan qaban waan hin qabneef dwarf Planet jedhamuun moggaafamte. NASA’nis qaama haalaan nurraa fagaattee fi Pilaaneetii keessaa haqamte tana qorachuudhaaf Maashina New Horizon jedhamu gara hawaa erge. New Horizonis saa’aa tokko keessatti kilomeetira 58,600 imaluudhaan Pluutoorra naannayee qorachuutti jira. 4. Voyager 1 = saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 61,200 Bara 1977tti Maashinni kun waan hawaa kana keessatti haalaan nurraa fagoo jiru akka qoratuuf jecha ergame. Maashinni kun waggaa 30 booda bara 2013 bakka yaadamu dhaqqabe. Beekumsa ilmi namaa amma qabuunis maashinni fagoo deemuu dandayes isa Voyager 1 jedhamu kana. Yeroo ammaa kanatti kilomeetira biiliyana 22.2 lafarraa fagaatee argama. Achi dhaqqabuuf saa’aa tokko keessatti kilomeetira 61,200 fiigaa ture. Meeshaan kun waggaa 40 booda dhaamsa garagaraa gara lafaa ergaa jira. Qorannoo isaa bara 2025tti xumuree gara lafaa ni deebi’a jedhamee eeggama. 3. Galileo Spacecraft = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 174,000 Maashinni kun Plaaneetii Jupitar jedhamtu akka qoratuuf bara 1989tti ergame. Juppitarii, ji’aa fi atmoosfeera Juppiter eega qoratee geesseen booda bara 2003tti ergama isaa xumuree jira. NASA’n Meeshaa kana gara lafaa deebisuu hin barbaanne, achuma baqqaana (atmosphere) Juppiter keessatti akka caccabu taasifame. Yeroo gara Jupitar fiigu kanattis saffisni isaa saa’aa tokko keessatti kilomeetira 174,000 gahuu dandayeera. Saffisa kanaan namni tokko daqiiqaa 14 keessatti lafarra naannayee fixuu ni dandaya. 2. Helios 1 fi Helios 2 Maashinoonni lamaan kunniin bara 1970moota keessa Aduu akka qorataniif jecha ergaman. Waan oowwaan wal qabatu qorachuudhaan dhaamsa gara lafaa ergaa turan. Maashinoonni kunniin lamaan dhibbeenta 70 kan tahu mootummaa Jarmaniitiin too’atamu. Helios 1 saa’aa tokko keessatti kilomeetira 238,000 fiiga, Helios 2 ammoo kilomeetira 247,000 fiiga. Ergama isaanii xumuranii dhaamsa gara lafaa erganii turan. Haa tahu malee yeroo ammaa kana walqunnamtiin lafa waliin qaban addaan citeera. Yeroo xumuraatiif kan dhaamsa erganis Helios 1 bara 1986 fi Helios 2 ammoo bara 1980 ture. Bakki isaan jiranis hin beekamu. 1. Parker solar Probe = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 343,000 Akkuma Helios Maashinni kunis aduu akka qoratuuf ergame. Saffisini isaa garuu waan haga arraa ilmi namaa oomishe hunda caala. Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 343,000 fiiga. Maashinni kun qajeela gara aduu deemaa jira. Adaduma adutti dhihaatuun saffisini isaatis dabalamaa deema. Waan ilmi namaa oomishe keessa kan ammaan tana haalaan adutti dhihaatee jirus isa kana. Akka NASA’n jedhutti Maashinni kun aduutti dhihaatee qoratuuf tattaaffii godha. Bara 2024tti saffisini isaa dachaan dabalee saa’aa tokko keessatti kilomeetira 692,000 ni gaha jedhamee eeggama. Maashinni kun August 12, 2018 gara hawaa Qajeelfame. Akka saayintistoonni karoorsanitti waggaa 7 keessatti ergama isaa ni xumura jedhamee eeggama. Garuu ammas aduurraa hedduu fagoo jira. Hubadhaa! Maashinni kun sa’aa 1 keessatti KM 343,000 fiiga. Kana jechuun sa’aa 1 keessatti hoggu 15 ol Finfinnerraa ka’ee Ameerikaa New York dhaqee deebi’uu dandaya jechu. Gabaabinaan daqiiqaa 2 keessatti itiyoophiyaarraa ameerikaa gaha jechu. Kanarraa ammoo aduun tun hangam takka dachiirraa akka fagaattu hubachuun nama hin dhibu. Aduun hangana dachirraa fagaattu tun fageenya kanarraa nama gubdi. Subhan Allaah, Rabbiin uumaa waa hundaa tahe qulqullaaye. Asirratti waan takka isinii dabaluu barbaanna. Halkan Mi’raajaa Rasuulli ﷺ Baytal Maqdis irraa gama samii bahanii deebi’uun beekamaadha. Namoonni gariin ilma namaa dhamaasuuf jecha, akkamitti halkan takkaan samii dhaqanii deebi’uun dandayama jedhan. Kunoo akkuma amma isinii dhiheeysine meeshaan Ilmi namaa tolchehuu saffisa ajaa’ibaa kanaan gama samii fiigutti jira. Meeshaan Rabbiin guddaan tolche hoo? Tana isinumti if gaafadhaa.
Показать все...
Yeroo haalaan dhiphatte tana dhaqqabuuf jecha ilmi namaa teknolojii garagaraa hojjachutti jira. Inni kaleessa dhageenye arra jijjiiramee sadarkaa biraa irra gaheera. Adaduma lakkofsi baraa dabalaa deemuun meeshaan haarawa uumamus waan haarawa qabatee dhufutti jira. Makiinaan jalqaba bara 1886 Jarman keessatti oomishame saa’aa tokko keessatti kilomeetira 16 qofa deemuu dandaya. Namni makiinaa kanaan deemu Adaamaarraa ka’ee finfinnee gahuuf saa’aa 6 ol isa barbaachisa jechuudha. Istaandaardii amma jiruun namni Adaamaa ka’ee Finfinnee seenuuf sa’aan tokko gahaadha. Haa tahu malee makiinaa Ispoortii kan Bugatti Chiron Super Sport jedhamuun yoo gufuun jiraatuu baatee daqiiqaa 15 keessatti finfinnee dhaqqabuun ni dandayama. Saffisini kun if duras dabalaa akka deemu eeggama. Barruu tanaan meeshaa ilmi namaa oomisheefi saffisa jabaa qabu isinii dhiheessina. 10. Air Force hypersonic rocket Sled = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 10,600 Meeshaan kun hadiida baaburaa irra kan fiigu yoo tahu, rookkeettiiwwanii fi saatalaayitoota gara hawaa ergaman furgugeessuudhaaf tajaajila. Wayta meeshaan kun dhukaafamu ija keessan libsannaan isin jalaa bada. Kanaafuu haga ija keessan duraa dhabamutti ijuma banattanii eeguu qabdan. Lafti teenya gama mudhii lafaatiin kilomeetira 40,075 bal’atti. Haala kanaan meeshaan kun lafarra naannayee fixuudhaaf saa’aa 4 qofa itti fudhata. Yoo kun ajaa’iba isinitti tahe kan biraatis ni qabnaa nu faana turaa. 9. NASA X-43 (Xayyaara shofeera hin qabne) = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 11,000 Xayyaarri Shofeera malee qilleensa gubbaa akka allaattii burraaqu kun dhaabbata qorannoo Hawaa NASA jedhamuun oomishame. Xayyaarota haga ammaa ilma namaatiin oomishaman keessaallee isa saffisa guddaati. Dhaabbanni NASA kun xayyaarota X-43A, X-43B fi X-43C jedhaman oomishee jira. Inni duraa bara 2001 osoo barrisuuf qophitti jiru rakkoo teeknikaatiin dhoohee bittinnaaye. Isarratti hundaa’uun bara 2004tti lamaan hafan milkiin lafaa ka’anii barrisuu dandayaniiru. Yeroo ammaa kanatti xayyaarri akkanaa kun akka hin oomishamne mootummaa Ameerikaatiin dhoorkameera. 8. Space Shuttle Colombia and Discovery = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 28,000 Saatalaayitiiwwan qorannoo hawaatiif ergaman keessaa Space shuttle Colombia fi Discovery kanneen jedhaman isaan ijoodha. Lakkuulee jedhamuun kan beekkaman saatalaayitiiwwan kunniin sa’aa takkatti saffisa kilomeetira 28,000 qabu. Lafarra naannayanii fixuudhaaf saa’aa tokkoo fi daqiiqaa muraasa itti fudhata. Space Shuttle Colombia inni jedhamu isa irra deddeebidhaan gara hawaa ergameedha. Yeroo 27 milkiin gara hawaa ergamee deebi’eera. Yeroo 28ffaa milkiin eega gara hawaa ergameen booda wayta ergama isaa xumuree gara baqqaana (Atmosphere) lafaa deebi’utti bara 2003 caccabee, qorattoota qabatee ture 7nuu ajjeeseera. 7. Apollo 10 = Saa’aa tokko keessatti kilomeetira 40,200 Meeshaan ajaa’ibaa NASAdhaan hojjatame kun tajaajila qorannoo ji’aatiif jecha gara hawaa ergame. Apollo’n kaayyoo tokko qabatee gara addeessaa ergame. Innis addeessarra qubatee waan achirra jiru hunda akka qoratuuf ture. Garuu milkaayuu hin dandeenye. Ji’arra yeroo 31 naannayee qubatuu waan dadhabeef gara dachii deebifameera. Yeroo deebi’u sanittis harkisni lafaa itti dabalamee saa’aa tokko keessatti kilomeetira 40,200 fiiguu dandayeera. Isatti aanee kan ergame Apollo 11 addeessarra qubatuu dandayeera. 6. The Stardust Space Probe = Saa’aa tokko keessatti kilomeetra 46,500 NASA’n meeshaa kana koomeetii wild 2 jedhamurraa biyyee fuudhee akka dhufuuf jecha bara 1999tti gara hawaa erge. Akkuma ergametti waggaa 7 booda bara 2006tti biyyee fuudhee deebi’eera. Maashinni kun eega baqqaana lafaa gad dhiiseen booda hawaa keessa sa’aa tokko keessatti kilomeetira 46,500 fiigaa ture. Saffisa kana fayyadamee biyyee fidee dhufuudhaaf waggaa 7 itti fudhate. Koomeetiin Wild 2 jedhamu kun lafarraa kilomeetira 829,890,390 fagaatee argama.
Показать все...