cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Dr Zakir Naik Afaan Oromoo

Barnoota Dr Zaakir Naik Afaan Oromootiin akkasumatti Sheekkotii amantii wal bira qabanii barsiisan salpatti argachuuf Ikhwaanii join godhaa. @DrZakirNaikAfaanOromoo Namoonni yaada qabdan garee Teenya Join godhaa. Yaada keessan nuuf.. @Ne4Je2

Больше
Рекламные посты
14 893
Подписчики
+924 часа
+567 дней
+25930 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Repost from Jemal Sheikh Bakri
Muharram guyyaa borii sagal; gaafa Kibxataa 10 ta'a. Kanaafuu Boriifi Iftaan haa soomannuu. @JemalSheikhBakri1
Показать все...
👍 9🥰 3
Rabbiin tokko☝️ @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показать все...
👍 9
Фото недоступноПоказать в Telegram
Dhiira Ajaa'ibaa! Daa'iin beekkamaan Ustaaz Xaaliburidallah Hussen (Abdurahmaan Hussein) naannoo Sidaamaa guutuu Islaameessaa Jira. Guyyaa arraa qofa naannoo tanatti paastara waldaa 37 ol hogganu dabalatee Nama 348 Akka gara Islaamummaa dhufaniif Sababa taheera. Islaamummaa keessatti gaala qaqqaalii kudhan sadaqachuurra Namni 1 Sababa keetiin qaceeluutu caala. Ustaazni kuni garuu biyya guutuu qacheelchuuf Sababa tahaa Jira. Rabbi Isahaa tiiysu!
Показать все...
👍 61 46🤣 7
Odoo addunyaa kanarraa hin deemneen duratti fedhinnaa kee Rabbiif kennuun muslima ta'i. Irrattis jiraadhuu deemi! @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показать все...
22👍 3
Фото недоступноПоказать в Telegram
Harka isaarratti namoota hedduutu amantii isalaamaa seene.....Sochii isaa tana gufachiisuf hidhan eega mana hidhaa seene namoota 30 oltu harka isaa irratti islaamawe ‼ Obbolessa keenya kana maqaan isaa Bilaal Maydoo Ja'ama........Nama Haarawa Islaamaa tahee gosa Hamar ja'amtu tan kibba Itiyoopiyaa kessatti argamu kessaa bahe‼ Sabni Hamar kun irra guddaan isaanii Uffata hin uffatan warra amantiin Islaama hin dhaqqabin kessaa turan Rabbiin gurbaa kana sababa godhee namoota hedduutu gama Islaamaa dhufe ‼ Sochii Isaa kana laalanii da'awaa isaa qancarsuuf isa hidhan.... Inni da'awaa isaa hin dhaabne mana hidhaa kessatti Namoota 30 eega mana hidhaa seena harka isaarratti gara islaamaa dhufan...... Islaamni tuqan ni guddata jechuun hoggaa hojiin mullatu ‼ FatiiAhmed @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показать все...
👍 35 8👏 4😁 2
Rabbiin waan ati jaalattu akka siif tursiisu yoo feete, waan Rabbiin jaalatturra isaaf turi atis. Imaamu Ahmad bin Hanbal @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показать все...
👍 32
Фото недоступноПоказать в Telegram
Allaahu Akbar Haqaan deemnaan eenyullee si dhabamsiisuu hin danda'u yoo murtoon Rabbi irraa hin dhufne. Obboleessi keenya Bilaal Mqayidoo erga islaamummaa fudhatee hojii da'awaa bal'aatti ture. Namoonni hedduun harka isaatti islaamummaa fudhataa yoo dhufan garuu qaamoleen garaa garaa shira xaxuun tibbana isa hidhuun kan yaadatamuudha. Isaan hojii guddaa kana irraa isa dhaabsisuu yaaduun kana godhan. Waan waa hunda to'atanillee isaanitti fakkaate. Garuu haqa hin too'atan, gootummaa hin gaadi'an. Bilaal erga dheengadda hidhamee kunoo mana hidhaa keessatti da'awaa isaa itti fufuun namoonni 30 ol gara islaamummaatti akka dhufan godheera. Allaahu Akbar. © Amar Temam @DrZakirNaikAfaaOromoo
Показать все...
62👍 26
Qeesiin tokko skeeka tokkoon akkana jedhe; mee akkamitti sammuun dhiira tokkoo haadha manaa tokkoo ol baachuu danda'a? Jedhee gaafate. Garuu anaaf hin liqinfamu jedhe, jennaan; Sheekni sammuun kee hoo akkamitti Rabbii sadii baachuu danda'e ?Jedheen. Qeesiin; Cal'isee ofirraa deeme.. Deebii ajaa'ibaati😉 Xaahir Galatoo @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показать все...
👍 40😁 17
Ni'imaa (tola) Rabbiin nuuf kenne sagaltamii sagal dagannee tokkicha nu hanqate barbaachatti gaddaan umurii fixaarra. https://t.me/glababor/1256 ******* Rabbiin galateeffachuun qajeelfama Islaamaa bu'uura keessaa isa tokko. Garuu baay'een keenya ni'imaa Rabbii kumaatama dagannee rakkoo nu mudate qofa yaadannee gaddina. Gadda baay'isuun addunyaafi aakhiraa keenya balleessa malee homaa nuuf hin tolu. Mootiitu ministeera isaatiin "maaliif yeroo hunda khaadimni kiyya hiyyeessi homaa hin qabne kun gammadee ani osoon qabeenya guddaa qabuu ofitti gadda?" jedhee gaafate. Ogga kana ministeerichi "mee qajeelfama sagaltamii sagaliitiin isa qormaatii ilaali" jedhe. Mootichis "qajeelfamni 99 maali?" jedhee gaafate. Ministeerichis "hulaa khaadimichaa irra diinaara 99 kaa'ii gubbaa isaatti diinaarri 100 kun kennaa keeti jedhii barreessi" jedheen. Khaadimichi yeroo argu diinaara kana gammachuun fudhatee ol galee lakkaa'e. Yeroo kana 99 ta'e. Tokko eessa dhaqe jedhee barbaaduu jalqabe. Mana keessaa dhabanii maatiin hundi bakkeetti ba'anii barbaaduu jalqaban. Osoo isa barbaadanii hirriba malee bulan. Maatiinis wal shakkee walitti dallane. Khaadimichi ilmaan isaatti aaree gadde. Ganama yeroo mootii bira dhufu hirriba malee bulee fuula guuraa dhufe. Achumaan mootichi edaa nutis ni'imaa 99 Rabbiin nuuf kenne dagannee tokkittii Rabbiin nuuf hin murteessin barbaacha gaddatti umrii fixaarra jechuu hubate. Kanaafuu hin gaddin Rabbumatu jira. Hanga dandeesseen hojii bareedaa hojjataa jireenya keetti gammadi; bashannani.
Показать все...
Gali Ababor Official

Ni'imaa (tola) Rabbiin nuuf kenne sagaltamii sagal dagannee tokkicha nu hanqate barbaachatti gaddaan umurii fixaarra. ******* Rabbiin galateeffachuun qajeelfama Islaamaa bu'uura keessaa isa tokko. Garuu baay'een keenya ni'imaa Rabbii kumaatama dagannee rakkoo nu mudate qofa yaadannee gaddina. Gadda baay'isuun addunyaafi aakhiraa keenya balleessa malee homaa nuuf hin tolu. Mootiitu ministeera isaatiin "maaliif yeroo hunda khaadimni kiyya hiyyeessi homaa hin qabne kun gammadee ani osoon qabeenya guddaa qabuu ofitti gadda?" jedhee gaafate. Ogga kana ministeerichi "mee qajeelfama sagaltamii sagaliitiin isa qormaatii ilaali" jedhe. Mootichis "qajeelfamni 99 maali?" jedhee gaafate. Ministeerichis "hulaa khaadimichaa irra diinaara 99 kaa'ii gubbaa isaatti diinaarri 100 kun kennaa keeti jedhii barreessi" jedheen. Khaadimichi yeroo argu diinaara kana gammachuun fudhatee ol galee lakkaa'e. Yeroo kana 99 ta'e. Tokko eessa dhaqe jedhee barbaaduu jalqabe. Mana keessaa dhabanii maatiin hundi bakkeetti ba'anii barbaaduu…

👍 14 3
Ilaallus ni agarra, dubbifnus ni barra, madaallus ni hubanna, fageessinees ni yaanna, fageessinees ni agarra. Karaa dharaa fi dhugaa addaan baasaa ni jiraanna. Ifaa yoomiyyuu hin dhaamne, kan yoo qabatte si biraa hin hafne, kan yoo addunyarraa deemtes wabii siif ta'u, kan qiyaamattis ittiin milkooftu qabadhu, Sunis Islaamummaadhaa baradhu. Dhugaa ta'uusaa qoradhu, qalbisii hubadhu, irratti jiraadhu, gara hojiitti geeddaradhu... @DrZakirNaikAfaanOromoo
Показать все...
31👍 11🥰 2👏 2
Выберите другой тариф

Ваш текущий тарифный план позволяет посмотреть аналитику только 5 каналов. Чтобы получить больше, выберите другой план.