Fampersie Law Update
Открыть в Telegram
FAMPERSIE LAW UPDATE LAW • JUSTICE • LEGAL AWARENESS Beekumsa Seeraa, Hubannoo Mirgaa fi Haqaa Seera baradhu • Mirga kee beeki • Haqa hubadhu.
БольшеСтрана не указанаКатегория не указана
613
Подписчики
+424 часа
+1197 дней
+11930 дней
Архив постов
Repost from Desalegn B.
Bu’uura Seera Adeemsa Falmii Yakkaafi Ragaa Haarayaatiin Dhimmoota Yakkaa Akkamiitu Araaraan Furmaata Argachuu Danda’aa? Manni Murtii Himatamaafi Miidhamaan Akka Araaramaniif Kakaasuu (Jajjabeessuu) Ni Danda’aa? Waliigalteen Araaraa Kun Qabiyyeewwan Akkamii Qabaachuu Qabaa? Araarri Kun hoo Bu’aa Seeraa Akkamii Hordofsiisaa?====√√√√√======√√√√√√=====√√√√
✅Seerri Adeemsa Falmii Yakkaafi Ragaa Haarayaan, Labsiin Lakk.1410/2018 boqonnaa (2), Kutaa (2), keewwata 158 irraa hanga 162 jalatti waaée “ARAARAA” addatti kan hoggane yemmuu taú, seerichi “Äraarri” karaalee filannoo dhimmoota yakkaa irratti murtiin itti kennamu sadan keessaa isa tokko ta’uu ifatti ibseera. ✅Seerichi kaayyoo araaraas ibseera. Haala kanaan kaayyoon araaraa, yakkoota irra deddeebiifi himannaawwan dachaa hirísuun, miidhamaa dhuunfaafi himatamaa ykn maatii isaaniifi hawaasa isaan keessatti argaman gidduutti waldhabdee uumame hambisuun nagaa mirkaneessuu akka taétti tumeera. ✅Kana malees, seerichi, araarri qajeeltoo ittiin hogganamu kan qabu taúu tumeera. Bu’uura kanaan, araarri murtiin dura yeroo kamiyyuu taasifamuu kan danda’u ta’uu; Yakki iyyannaa dhuunfaatiin ykn hidhaa salphaadhaan adabsiisu kamiyyuu araaraan furmaata argachuu kan danda’u taúu; Araarri kan taasifamu shakkamaan ykn himatamaanifi miidhamaan dhuunfaa dhimmicha araaraan xumurachuuf yoo waliigalaanifi waliigalteen isaaniis seeraafi safuu kan hin faallessine yoo taé qofa taúufi Araarri gaaffii iyyannoo himatamaa, miidhamaa dhuunfaafi dursitoota hawaasaatiin yookiin kakaastummaa qorataa poolisii, abbaa alangaafi mana murtiitiin raawwatamuu kan danda’u taúu ifatti ibseera. ✅Dabalataan, wayita gochoonni tokkoo ol raawwataman haala itti furmaanni araaraa kennamuu dandaús seerichaan tumameera. Haala kanaan, gochoota yakkaa shakkamaan ykn himatamaan miidhamaa irratti raawwate keessaa tokko araaraan kan xumuramuu dandaú taée, inni biroo immoo kan hin dandeenye yoo taé, kan araaraan xumuramuu dandaú qofti araaraan furmaata argachuu kan danda’u taúu; shakkamaan ykn himatamaan yakkoota araaraan xumuramuu dandaán tokkoo ol yeroo tokkotti raawwatee yoo argames dhimmichi araaraan xumuramuu kan danda’u taúu; garuu, yakkamaa irra deddeebii yoo taé dhimmichi araaraan furmaata argachuu kan hin dandeenye taúun tumameera. ✅Itti fufuun, seerri kun waaée qabiyyee waliigaltee araaraafi bu’aa waliigaltichaa kan tume yemmuu taú, bu’uura kanaan waliigalteen araaraa qabiyyee isaa keessatti addatti “eenyummaa nama waliigaltee araaraatiin itti gaafatamummaa fudhateefi hanga itti gaafatamummaa” hammachiisuu kan qabu taúufi dhimma waliigaltee araaraatiin xumurame ilaalchisee yeroo kamiyyuu himannaan ykn oliyyannaan dhiyaachuu kan hin dandeenye taúun ibsameera. Seerichi, sadarkaa itti araarri raawwatame irratti hundaaée tarkaanfii abbaan alangaafi manni murtii fudhatan kan tume yemmuu taú, haala kanaan, abbaan alangaa sanadni waliigaltee araaraa raawwatame seeraafi safuu kan hin faallessine taúu isaa mirkaneeffachuun galmeessee galmicha kan cufu taúu; himanni dhiyaateera yoo taés himannicha kan kaasu taúu; Manni murtii immoo dhimmicha ilaalaa jira yoo taé, araarichi seeraafi safuu kan hin faallessine taúu mirkaneeffatee sanada araarichaa galmeessee galmee kan cufu taúun tumameera. Join:-@desberofMM Desalegn B.
Repost from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
Labsii Yakka Malaammaltummaa Afaan Oromootti hiikame
https://t.me/binimoslawyer
📢 ODUU GAMMACHIISAA!
Seerri Adeemsa Falmii Yakkaa fi Seerri Ragaa Haaraan, Labsii Lakk. 1410/2018, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliffaan qophaa’ee Paarlaamaan raggaasifamee ture gara Afaan Oromootti hiikamuun xumuramee isiniif dhiyaateera.
Seerri kun akkaataa Paarlaamaan baaseen, qabiyyee fi kaayyoo isaa osoo hin jijjiirin, of eeggannoo guddaadhaan gara Afaan Oromoo Waaltawaatti hiikameera. Hiikkaan kunis qulqullina afaanii fi sirrummaa hiika jechoota seeraa eeguun qophaa’eera.
Hiikkaa kana keessatti namoonni sirrummaa fi qulqullina hiikkaa isaa mirkaneessuuf yeroo isaanii kennanii gulaalan hundi galata guddaa qabu. Gumaacha isaanii kanaaf galata guddaa isaaniif qabna.
📚 Seericha hiikame PDF dhaan argachuu ni dandeessu!
Seerichi guutummaatti PDF dhaan karaa Telegram Channel keenyaatiin isiniif maxxanfameera. Kanaafuu, link armaan gadii cuqaasuun seericha buufachuun dubbisuu fi hojii keessan keessatti itti fayyadamuu dandeessu.
🔗 Link Telegram Channel: [ https://t.me/fmfbchrmlum ]
⚖️ Fampersie Law Update — Odeeffannoo Seeraa Waytawaa fi Barbaachisaa!
Odeeffannoo seeraa, jijjiirama seeraa, ibsa seeraa fi barreeffamoota ogeessota seeraatiifis ta’e hawaasa bal’aaf barbaachisoo ta’an yeroo yeroon argachuuf Telegram Channel keenya JOIN gochuu hin dagatinaa!
Galatoomaa!
Fampersie Abdella
📍 Harar, Itoophiyaa
📅 Onkololeessa 2019
Akkuma beekamu, Seera Adeemsa Falmii Yakkaa fi Seera Ragaa Haaraa, Labsii Lakk.
1410/2018 bahe Waxabajjii 17 bara 2018 Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataa Paarlaamaadhaan Raggaasifamee ture Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliffaa qofaan qophaa'ee raggaasifamee jira.
Haa ta'u malee, hawaasni fi qaamoleen hojii Manneen Murtii Oromiyaa keessatti hojjetan keessaa hedduun Afaan Amaaraa haala gahaa ta'een waan hin beekneef, seera kana Afaan isaan sirritti hubachuu fi hojii isaanii keessatti itti fayyadamuu danda'anitti hiikuun barbaachisaa ta'ee argameera.
Kanaafuu, Seera Adeemsa Falmii Yakkaa fi Seera Ragaa Haaraa, Labsii Lakk.1410/2018 kana Dadhabbii fi Turtii yeroo Ji'a Lamaa Oliitiin gara Afaan Oromootti hiiknee qopheessinee jirra. Kaayyoon hiikkaa kanaas, abbootii seeraa, abbootii alangaa, ogeessota seeraa, qaamolee raawwachisummaa seeraa fi hawaasa bal'aa, keessumaa immoo hawaasa bal'aa Afaan Oromoo dubbatu, seera kana sirriitti hubachiisuu fi hojii irra oolmaa isaa keessatti akka itti fayyadaman taasisuudha.
Kanaafuu Seericha Hiikame Guyyaa Wixataa Karaa Telegram Channel Keenyaatiin kan isiniif maxxansinu taha.
Namoonni Seera Hiikame kana yeroo keessan kennitanii Sirrummaa isaa Gulaalaa turtan.
Lalisa Aliyi
Kenedi Shimeles
#Abdi_Yusuf
Qixxeessaa Birhanuu Birruu
Galata guddaa qabdu.
Hanga isiniif maxxanfamutti Link gadii kanaan seenaati Telegram Channel keenya join godhaa nu jajjabeessaa.
https://t.me/fmfbchrmlum
👁Wixineen labsii Seera Adeemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa yeroo dheera dura yoo xiqqaate waggaa Shan/5 dura wixineeffamee Mana Marii(Paarlaamaan) raggaasifamuuf sodaatamee bira taa’amaa ture, Labsii Lakk.1410/2018 jedhamee guyyaa dheengaddaa (24/07/2018) Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa(Paarlaamaan) sagalee caalmaatiin mirkanaa'ee jira.
Wixineen kuni Seera Deemsa Falmii Yakkaa Bara 1961 bara Mootummaa Haylesillaasee bahee hanga ammaatti biyyi teenya ittin hojjechaa fayyadamaa jirtu kuni fooyyeessuuf yeroo dheeraa kan fudhate ta’ullee yeroo ammaa Seera Ragaa dabalatee wixinneeffamee ragaasifamee jira. Wixineen Raggaasifame kunis Mirga Lammiilee biyya tanaa dhimma yakkaatiin walqabatanii jiran irratti adeemsa qorannoo yakka fi hanga murtii fi murtiin boodallee jiran kan hammate ta’ee, Mirga Lammiilee akka malee kan eeguufi Aangoo qaama raawwachiiftuun Kanaan dura akka feeteen shakkamtoota ittiin rakkisan hunda dhiphisuun mirga namaa caalatti kan eeguudha. Hojiirra oolmaa mirgoota namaa Kanaan walqabatee san Gaafii Hunda keenyaati? Bullee walumaan ilaalla? Sababni isaas wixineen dheengadda raggaasifame kuni haala Kanaan duraatiin addatti Mirga namaa kan eeguu ta’ee kan of keessatti hammatee dhufe
👉Adeemsa kenniinsa murtii keessatti mirgoota shakkamaa, himatamaa fi namoota sababa yakkichaatiin miidhamanii kan kabajuufi kabachiisu ta'uu;
👉Wixinichi Heera Mootummaa, qajeeltoowwan waliigalteewwan idil addunyaa fi Seera Yakkaa waliin kan wal simu ta'uu isaa
👉Wixinichi mirga namoota xiyyeeffannoon addaa seeraan kennameefii, kanneen akka dubartootaa, daa'immaniifi qaama miidhamtootaa kan mirkaneessu ta'uu;
👉Rakkoolee uummata biratti ka'umsa komii ta’aa turan kan furu ta'uu isaati.
Wixinee Kanaan walqabatee addatti wanti jarattii iyyisiisaa jiru tokkommoo: Kanaan dura Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Magaalaa Finfinnee keessatti Manni Murtii Hundeessuun Aangoo isaaniitiis bu’uura Labsii Aangoo Manneen Murtii Naannoo Keenyaa Murteessuuf Caffeedhaan bahe, Labsiin Lakk.216/2011 kwt 24(3) jalatti, Manneen Murtii Naannoo keenyaa Magaalaa Finfinnee keessatti "Dhimmoota Dantaa Mootummaa Naannichaatiin walqabatan" irratti aangoo kan qaban ta'uu ibsuun, akka agarsiistuutti:
(a) Dhimma yakkaa abbootii aangoo fi hojjattoota Mootummaa Naannichaa aangoo fi hojii isaaniitiin walqabatee raawwatame yookiin irratti raawwatame;
(b) Dhimma qabeenya Mootummaa Naannichaa irratti yookiin mooraa keessatti, yookiin dallawa
mana hojii Mootummaa Naannichaa irratti raawwatamee fi kkf jechuun tarreessee jira.
Wixineen Labsii Seera Adeemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatiin dheengadda ragga’e kunis keewwata 25(3) jalatti akka jetti:
"የኦሮሚያ ፍርድ ቤቶች በክልሉ መንግስት ባለስልጣናትና ሠራተኞች ላይ ከኃላፊነታቸውና ከስራቸው ጋር በተገናኘ በሚፈፀሙ ወንጀሎች ላይ ብቻ የዳኝነት ሥልጣን አላቸው" jedha. (Manneen Murtii Oromiyaa Magaalaa Finfinnee keessa jiru Dhimma yakkaa abbootii aangoo fi hojjattoota Mootummaa Naannichaa aangoo fi hojii isaaniitiin walqabatee raawwatame yookiin irratti raawwatame qofa irratti Aangoo qaba.) akka waan jechuuti.
Wixineen labsii amma mirkanaa’e kunis dhimmoota Labsii Aangoo Manneen Murtii Oromiyaa hundeessuuf caffeedhaan bahe Labsii lakk.216/2011 Kew. Keewwata 24(3) jalatti tarreeffaman keessaa tokko qofa dhimma yakkaan walqabatu qofa keessaa luqqisee waan fudhate fakkaata. Ta’uus garuu Tokkichumaan kunuu manneen murtii Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Keessatti hundaa’anii jiraniif beekkamtii waan kenne fakkaata. Jarattiin Miseensa Paarlaamaa keessa jirtu dabalatee hawaasni isaaniitiis erga Wixineen kuni Paarlaamaan raggaasifame booda kanumaaf iyyaa jiran. Jarri keenya kan miseensa Paarlaamaa keessa jiraniis akka jaraa kanatti waan saba isaaniif ta’uu fi hin taane irratti bartee durattii kan Paarlaamaa keessa taa’anii Harkuma baasuu qofa baran san keessaa bahanii akka jaraa kanatti yaada kennuufi mormii garagaraa dhiyeessuun itti haa baruun dhaamsa keenya.
Bitooteessa 26, Harar.
Fampersie Abdella
DHIMMWF Hiikoo dirqisiisa gaafa guyyaa 28/7/2013 lakk.galmee 188480 ta'ee irratti kenneen
Falmii daangaa irratti gareen walfalmitootaa hamma daangaa darbamee isa sirri ibsuuf kan hin dirqamsiifamnee yoo ta'uu, hammi daangaa darbamee yeroo ogeessaan safaramu hamma gaafatamee oli yoo ta'elle seerummaan hamma gafatame qofa irratti kennama jechuun hin danda’amu. Falmii daangaa irratti ragoonni himataa, himatamaan lafa himataa daangaa darbee qabachuu yoo hubachiisan meetira (kaaree) meeqatti qabatame kan jedhu ibsuuf hin dirqamani. Meetira(kaaree, heektaara) meeqattu darbamee qabatame kan jedhuuf Manni Murtii bu’uura sdfhh kwt 136tin ogeessan qulqulleessee murteessuu qaba.
Gama biraatin DHIMMWF jiildii 28ffaa lakk. Galmee 165593 ta'e irratti, falmii qabiyyee lafa magaalaas ta'e lafa baadiyyaa daangaa darbame lafti kiyya qabame jechuun hanga ykn bal’iina lafaa daangaan darbame jedhame yeroo himanni mana murtiiti dhihaatu bal’iina lafa ragaa nama fi ogeessaan qulqulla'ee dhihaatu bal’iina lafaa himata keessatti ibsame dhihaate kan caaluu yoo ta'e manneen murtii dirqama hanga himata keessatti gaafatame qofa murteessuu akka qaban S/D/F/H/H kewt 182(1) fi 224(1) bu’uura taasisuun murtii dirqisisaa kenneerra. From Yordanos D. Law Page.....
Waliigalatti yakkoota dachaan/ daddabalamaan himannaawwan hedduu himatamuun, yakki ulfaataa ta’uu fi adabbii ulfaatu kan hordofsiisu ta’uun qofaa isaatti akkaataa SDFY kwt 63nis ta’e kwt 67(1(a))tiin mirga wabii kan daangeessuuf gahaa akka hintaane murtiin kun hiikkoo duraan kennamee ture irra deebiin yaadachiisuun kan cimsedha.
Follow me on 👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.facebook.com/mirdadrumi2003
https://t.me/speaklawinabsentia
Yakka Daddabalamaa Hedduun Himatamuun Mirga Wabii Dhoorkisiisuuf Sababa Gahaadhaa?
============================================================
Heera Mootummaa kwt 19(6), SDFY kwt 63 fi 67(1(a)) fi, Murtii Dh Ijbt MMWF glme Lkk 275196 ta’erratti gaafa 27/06/2017 kenname waliin kan ilaalame
============================================================
Namni yakkaan himatame kamiiyyuu haala addaa seeraan tumameen yoo ta’e malee mirga wabiitiin toohannaa jalaa bahee alaa deddeebbi’ee dhimma isaa hordofachuu akka danda’u Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa kwt 19(6) jalatti tumamee jira.
Akkasumas haalonni addaa mirgi wabii ittiin daangeffamuu danda’u SDFY kwt 63, 67(1(a)) fi labsiilee biroo fkn akka Seera Deemsa Falmii fi ragaa addaa yakka malaammaltummaa Labsii lkk 882.2007 keessattis ifatti tumamanii argamu. Kana keessaa mata duree gubbatti ibsame har’aa kanaan kan ilaalame haala addaa SDFY kwt 67(1(a)) jalatti tumameedha.
Dhimmichi MM sdrk jalqabaa Federaalaatti kan eegale yemmuu ta’u AA iyyataa mirga wabii kan ta’e himatamaa yakka namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuu fi toohachuuf kan bahe Labsii Lkk 1176/2012 kwt 12 fi 18(1) jalatti himannaawwan 10n himatee jira. Himatamaanis yakki ittiin himatame mirga wabii kan dhoorku waan hintaaneef wabiin akka bahu MMtti iyyannoo dhiyeeffate/mirga wabii gaafate.
AA yaada kenneen yakka daddabalamaan himannaawwan 10 jalatti himatamuu isaa fi balleessaa yoo jedhame waggaa 15n ol adabamuu waan danda’uu SDFY kwt 63 mirga wabii kan dhoorku ta’uu fi otuma hindhoorku jedhameeyyuu yakkichii fi adabbiin hordosiisu ulfaataa waan ta’eef himatamaan mirga wabiin yoo bahe sodaatee baduu danda’a waan ta’eef SDFY kwt 67(1(a)) tiin gaafichi kufaa akka ta’u jechuun mormee jira.
MM sdrk jalqabaas yaaduma AA fudhatee himatamaan balleessaa yoo jedhame adabbii itti murtaa’uu danda’u sodaatee baduu waan maluuf wabiin yoo bahe dirqama wabummaa seene kabajee nidhiyaate jedhamee kan amanamuu miti jechuun mirga wabii himatamaan gaafate kufaa godhee jira. MMO federaalaas Murtii MM jalaa cimsee jira.
Kanumaan himatamaan Dh Ijbt MMWF tti kan iyyate yoo ta’u Dh Ijbt gama isaa glm Lkk 275196 ta’erratti ilaaluun murtii gaafa 27/06/2017 kenneen Murtii Manneen Murtii jalaa dogongora hiikkoo seeraa bu’uraa qaba jechuun diigee himatamaaf mirgi wabii eegamuu qaba jechuun MM sdrk jalqabaa wabii gahaa jedhu waamaisee toohannaa jalaa akka baasu qajeelfamaan dhimmicha itti deebisee jira.
Sababiin Dh Ijbt ibses 1) himannaawwan 10n himatamuun adabbii hidhaa waggaa 15 oliin adabsiisuu akka danda’u ifa ta’ullee kophaa isaa otuu hintaane miidhaa gahe waliin ilaalamuu qaba. Miidhaan gahe immoo waan hinjirreef adabbii waggaa 15 ol adabsiisuu kan danda’u ta’uun kophaa isaatti ulaagaa SDFY kwt 63 kan guutu waan hintaaneef sababiin gama kanaan dhiyaate bu’ura seeraa hinqabu jedheera.
Akkasumas 2) himatamaan ulfina yakka raawwatee fi adabbii ulfaataa itti murtaa’u gamanumaan sodaatee baduu danda’a sababa jedhu ilaalchisee jalqabarratti yakka ulfaataan himatamuun bakka seerri ifatti mirga wabii daangessu hinjirretti adabbii cimsuu ykn ulfeessuu irraan kan hafe mirga wabii dhoorkuuf rogummaa hinqabu. Adabbii sodaachuu danda’a kan jedhus adabbii sodaachuun amala uumamaa nama hundaati malee amala addaa himatamaa kan qofaa waan hintaaneef sababii biroo gahaa ta’een yoo deeggarame malee kophaa isaatti SDFY kwt 67(1(a)) kan guutuu miti.
Kana malees 3) sababiin AA kaasee fi Manni Murtii jalaa mirga wabii himatamaa ittiin daangesse hiikkoo dirqisiisaa sababoota lamaan olitti ibsaman kana caqasuun kanaan dura glm Lkk 67874, Lkk 131863, Lkk 134228 fi lkk 253740 irratti kennamee tureen fudhatama kan hinqabne murtaa’ee kan jiru waan ta’eef gama kanaanis murtiin Manneen Murtii jalaa hiikkoo duraan kenname kanas kan hinhordofnedha.
ilaalchisee darbinsa yeroo seera addaatiin tumame raawwii qaba?
✍#Musalawyer
📚Barnootaa fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa barsiisoo itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇👇
Facebook page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
Telegiram page:https://t.me/musalawyer
isaa murtii dirqisiisaa kannee jira.
📘Dhiyeenya kana immoo manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi Ijibaataa lakk galmee 229085 ta’e irratti dhaddacha gaafa caamsaa 28/2015 ooleen mana qabeenyaa waliinii jaarsaa fi jaartii ta’e waligaltee ganda keessatti taasifameen erga gurguramee booda bitataan waliigalteen bittaa raawwatameefi manni murti manicha akka harka isaatin gahu himannaa yeroo dhiyeefatu
❇️Jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko qofti waliigalteen gurgurtaa manaa jiraachuu fi maalaqas bitataa irraa fudhachuu isaa amanee inni tokko immoo waliigalteen gurgurtaa mana kan hin jirree fi barreefama waliigaltee irrattis kan hin mallatesin tahuu ibsun yoo falme mana qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta’e waliigaltee fi hayyama nama waliigalteen jiraachuu isaa kaadeen ala gurguramuu sababa hin dandeenyeef waliigaltichi akka diiggamu seerummaan kan gaafatameefi jaarsaa fi jaartii keessa jiraachuun waliigaltee nama tokkon kan haalame tahuu irra dabree waliigaltichi qaama waliigaltee mirkaneessuuf aangefame birati kan hin taasifamin waan ta’eef barreefama waliigaltee irraa mallattoon jiru kan nama kaadee tahuu fi dhabuu qulqulleessuun kan hin barbaachifnee fi waliigalteen jaarsaa fi jaartii lameeniitu iddoo hin jiretti waliigalteen gurgurtaa mana taasifame bu'aa waan hin qabneef manni murtii akka diigamu murtii kennuun isaa sirriidha jechuun murteesee jira.
📕Haaluma kanaan manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaatatis jildii 13ffaa lakk galmee 61808 ta'e irratti waliigalteen waliigaltoota garee lamanii jidduutti taasifame kan raawwatame yoo ta’es waliigaltichi faayidaa fi mirga garee 3ffaa kan tuqu yoo ta’e kanuma ibsuudhaan waliigaltichi akka diiggamuuf mana murtiitti himannaa dhiyeefachuun kan danda’amu ta'uu isaa murtii dirqisiisaa kannee jira.
✅Haa tahuu garuu jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko qofti qabeenya waliinii irratti waliigaltee taasisuun fakkeenyaaf inni tokko qofti qabeenyicha kan namaaf gurguru yoo ta’e gareen hayyama isaa hin kennin waliigalteen gurgurtaa kun diiggame qabeenyi gurgurame akka deebi’uuf waggaa lama keessatti mana murtiitti himannaa yoo dhiyeefachuu baate furmaanni isaa maal ta'a?
✅Seera maatii oromiyaa keewwata 85 (2) jalatti gareen hayyama isaa hin kennin waliigaltee gareen biraa nama biroo waliin kopha isaa taasise mana murtiitiin akka diiggamuuf waggaa lama keessatti yoo himannaa hin dhiyeefatin waggaa lama booda dhiyeefachuu hin danda’u jechuun kan tumee jiru waan taheef gareen hayyama isaa hin kenniin waliigaltichi gaafa raawwatame irraa kaasee waggaa lama keessatti akka isaaf diigamu mana murtiitti yoo himannaa dhiyeefachuu baate wagga lama booda himannaa dhiyeefachuu hin danda’u jechuudha.
📒Manni Murtii Waliigala Federaalaa dhaddachi ijibaataa jildii 19ffaa lakk galmee 103721 ta’e irratti akkaataa seera maatii jalatti tumamee jiruun jaarsaa fi jaartiin qabeenya gaa’ila keessatti waliin qaban bulchuuf walqixa mirga kan qabanii fi waliigalteen isaan lameeniitin ala waliigaltee nama tokko qofatiin qabeenya waliini nama sadaffaaf kan dabru yoo ta’e namni qabeenyi kun hayyamaa fi waliigaltee isaatiin ala qaama sadaffati dabre yeroo seeraan kaa’ame keessatti mana murtiiti himannaa dhiyeefatee waliigaltichi akka diiggamu yoo gaafachuu baate gocha fi waliigalteen hayyama isaa malee raawwatame akkuma ragga’eti tura jechuun seera maatii federaalaa keewwata 68 fi 69 waliin walqabsiisuun murteesee jira
✅Sababni seerichi waliigalteen garee tokko qofaan taasifame kun gareen hayyama hin kenniin waggaa lama booda akka isaaf diigamuu himannaa dhiyeefachuu hin danda’u jechuun tumeef kunis mirga garee 3ffaa fi nageenyi gabaa bittaa fi gurgurtaa akka eeggamuufi.
📘Dhimma tokkof yeroo himannaan itti dhiyaachuu qabu ilaalchisee seera addaatin darbinsi yeroo kan tumamee jiru yoo ta'e jaarsaa fi jaartii keessa namni tokko qabeenya waliini irratti sababa hayyama isaa malee waliigalteen rawwatameef waliigaltichi akka naaf diigamu jechuun yeroo himannaa dhiyeefatu dhimmicha ilaalchisee darbinsa yeroo waggaa lama seera maatii jalatti tumamee raawwii qaba moo dhimma falmiif sababa ta'e
📕Seera maatii oromiyaa keewwata 75 jalatti jaarsaa fi jaartiin tokko tokkoon qabeenya dhunfaa isaanii bulchuu fi galii irra argamus sassaabachuu fi itti ajajuuf bilisummaa guutuu akka qabu tumamee jira
✅Qabeenya gaamtaa jaarsaa fi jaartii jechuun immoo qabeenya isaan lachuu waliin qabanii fi qabeenyi kunis kan guyyaa gaa'ila isaanii raawwatan waliin argatanii fi haala addaattin qabeenya dhunfaa tahuun yoo mirkanaa’e malee qabeenyi gaa'ila isaanii keessatti karaa kamiinuu argame hundi qabeenya waliiniiti jechuudha (Tilmaama waliigalaa)
✅Waliigaltee kennaatiin yokiin jecha dhaamootin haala addaattiin yoo ibsame malee kennaadhan yokiin dhalmayaan qabeenyi gaa'ila keessatti argame hundi qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta'a
✅Qabeenyi jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya dhunfaa isaanii gurguruun argatan yokiin qabeenya dhunfaa isaaniitin jijjiiruun argatan qabeenya dhunfaa garee sanii tahuun mana murtiitin yoo mirkanaa'e malee qabeenya waliini taha.
✅Carraaqqii dhunfaa jaarsaa fi jaartiin yokin qabeenya dhunfaa yokiin waliinii irraa firiin ykn bu'aan argamu qabeenya waliiniti.
📕Seera maatii Oromiyaa keewwata 82 fi kan federaalaa keewwata 66 jalatti jaarsaa fi jaartiin qabeenya waliin qaban hunda yokiin gartokkee isa isaan keessaa namni tokko akka bulchu yoo waliif galan malee jaarsaa fi jaartiin qabeenya waliin qaban kan walumaan bulftan tahu ifatti tumamee jira
✅Haa tahuu garuu jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko dandeeti hin qabu jedhamee yoo murtaa'e fakkeenyaaf yoo maraate yokiin mirgi qabeenya bulchuu seeraan yoo irraa fudhatame yokiin sababa kamiinuu qabeenya walii isaanii bulchuu yoo hin dandeenye inni kaan kophaa isaa qabeenya waliinii kan bulchu taha jechuudha
✅Bu’uruma kanaan seera maatii Oromiyaa keewwata 84 fi kan federaalaa keewwata 68 jalatti akka tumamee jiruti waliigalteen qabeenya waliinii isaanii irratti garee 3ffaa waliin taasifamu seera qabeessa tahuuf kan dirqama hayyama jaarsaa fi jaartii barbachisu kanneen armaan gadii kana.
📗Qabeenya Waliinii kan hin sochoonee fi qabeenya sochoo'aa gatiin isaa qarshii dhibba shanii (500) ol ta'e gurgguruuf,jijjiiruf,kireesuuf, qabdiidhan yokiin wabiidhaan kennuuf yokiin haala biroo kamiiniyyuu namoonni biroo mirga akka irratti argatan gochuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa.
✅Maalaqa qarshii dhibba tokko (100) ol yokiin qabeenya waliinii gatiin isaa qarshii dhibba tokko (100) ol tahe kennaadhan nama biraatiif dabarsuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa
✅Qarshii dhibba shanii (500) ol namaaf liqeessuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa
📕Akkaataa armaan olitti ibsame kanaan waliigalteen qabeenya waliinii ilaalchisee taasifamu kana jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko hayyamaa isaa yoo kennuu baate yokiin inni tokko qofti kophaa isaa waliigaltee nama biroo waliin yoo raawwate fakkeenyaaf abbaan warraa kophaa isaa qabeenya waliinii kan gurgurgu yoo ta’e,kophaa isaa maalaqa qarshii dhibba shan kan namaaf liqeessu yoo ta’e haati manaa maal gochuu dandeessi? Furmaanni isaa hoo maal ta'a?
📚Jaarsaa fi jaartiin osoo waliif hin galin inni tokko qofti qabeenya waliinii irratti qaama 3ffaa waliin waliigaltee kan taasisu yoo tahe fakkeenyaaf inni tokko qofti kophaa isaa qabeenya waliinii kan namaaf gurguru yokiin namaaf kennu yoo ta'e,inni tokko qofti kophaa isaa qarshii dhibba shan ol kan namaaf liqeesu yoo ta’e gareen hayyama isaa hin kennin gaafa waliigalteen raawwatamuu isaa beeke irraa kaasee yeroo ji'a jaha keessatti yokiin haaluma kamiinuu gaafa waliigalichi raawwatame irraa kaasee waggaa lama keessatti mana murtitti iyyachuun waliigaltee san akka diigamu taasisuu kan danda’u tahuu isaa seera maatii oromiyaa keewwata 85 jalatti tumamee jira.
📘Manni Murtii Waliigala Federaalaa dhaddachi Ijibaataa jildii 16ffaa lakk galmee 90959 ta'e irratti qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta'e isaan lameen keessaa namni tokko kophaa isaa waliigaltee kennaatiin nama biroof dabarsuu kan hin dandeenyee fi waliigalteen kennaa kopha isaatiin taasise bu'aa tokkolee kan hin qabne tahuu
𝗚𝗮𝗮'𝗶𝗹𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗤𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗝𝗮𝗮𝗿𝘀𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗝𝗮𝗮𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗿𝗶 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮?
📗Gaa'illii gamtaa jaarsaa fi jaartiiti malee gamtaa qabeenyaa waan hin taaneef jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya dhunfaa qabaachuu fi horachuu ni danda'u.
✅Karaaleen qabeenyi dhunfaa jaarsaa fi jaartii itti argamu inni jalqaba jaarsaa fi jaartiin qabeenya osoo gaa'ila waliin hin hundeefatin dura dhunfa dhunfaa isaaniitin qaban gaa'ila boodas waliigaltee fuudhaa fi heerumaatin qabeenya waliinii akka ta’u yoo murteefatan malee qabeenyuma dhunfaa isaanii ta'ee itti fufa.
✡Erga gaa'ila hundeefatanii booda jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaa isaanii karaa lama gurguddoon horachuu danda’an
📌Kunis inni jalqaba qabeenyi dhiirsaa fi niitiin gaa'ila keessatti waliin osoo hin tahin dhunfaan kophatti dhaalaan maatii isaaniirra dhaalaanii fi kennaadhsn dhunfaan nama biroo irraa argatan qabeenya waliinii osoo hin tahin qabeenya dhunfaa isaanii taha
✅Seera maatii federaalaa keewwata 57 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 72 jalatti qabeenyi abbaan warraa fi haati warraa guyyaa fuudhaa fi heeruma isaanii raawwatan dhunfaa isaaniti qabanii fi erga wal fuudhan booda dhaalan maatii irraa yokiin kennaan nama biroo irraa dhunfaa isaaniti argatan kanuma dhunfaa isaanii taha jechuun ifatti tumamee jira.
👉Jarsaa fi jaartiin Gaa'ila keessatti qabeenya tokko kennaan dhunfaa isaaniiti nama biroo irraa argachuun kan dhunfaa isaanii taasifachuuf namni kennaa isaaniif kennu qabeenya kennaan isaanif dabarsu ilaalchisee jaarsaa fi jaartii keessa isa tokko yokiin abaaluufin kanne jechuun ifaa ifatti ibsuun akkasumaas akkaataa seera rogummaa qabuutiin ulaagaan waaligalte kennaa qabeenya kanaatis guutamuun qabeenyichi isaan keessa nama tokko qofaaf kennamuun isaa haala shakkii hin qabneen yoo ibsamee qofa qabeenyi kun qabeenya dhunfaa nama kennameefii san taha malee yoo haala kanaan ibsamu baate qabeenyi kennaan argame kun qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii tahuun isaa waan hafu miti jechuudha.
📌Karaan inni lammaffaan jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya tokko dhunfaan horachuu danda’an qabeenya dhunfaa isaaniiti gaa'ilan duraa fi gaa'ila keessatti qaban gurguruun qabeenya biroo bituun yokiin kan birootiin jijjiruun qabeenyi argatan qabeenya dhunfaa isaanii taha
🔴Seera maatii federaalaa keewwata 58 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 74 jalatti abbaan warraa fi haati warraa qabeenya tokkoon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu kanuma dhunfaa nama sanii taha jechuudhan ifatti tumamee jira.
👉Haa tahuu garuu qabeenyi karaa lammaffaa kanan argame kun gareen qabeenya kana haala kanaan argate yeruma san mana murtiitti qabeenyiin haala kanaan argadhe kun kan dhuunfaa kiyyaa naaf tahe akka naaf mirkaneefamu jechuun iyyatee manni murtii yoo hin mirkaneesiniif qabeenyichi qabeenya dhunfaa tahuun isaa hafee qabeenya gamtaa jaarsaa fi jaartii akka tahu seera maatii Oromiyaa keewwata 74 (2), 78 (2) kan federaalaa keewwata 62(2) jalatti ifatti tumamee jira.
📘Jaarsaa fi jaartiin qabeenya osoo wal hin fuudhin dura dhunfaa isaaniitin qaban, qabeenya erga wal fuudhan booda kennaa fi dhaalmayaan kophati dhunfaan argatan, qabeenya tokkon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu qabeenya dhunfaa yommuu ta'u qabeenya dhunfaan qaban kana jaarsaa fi jaartii keessaa abbuma dhunfaan qabuutu kophaa isaa bulfata.
🔰#Gaa'ila keessatti jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaan qaban kana namuma qabeenyicha dhunfaa isaatiin qabuutu kophaa isaatti bulfachuun akka ofii barbaade godha malee gareen biraa qabeenya kana isaa waliin bulchuu fi itti ajaju hin danda’u jechuudha.
