ru
Feedback
Diinaa'ol Kumaa

Diinaa'ol Kumaa

Открыть в Telegram

Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.

Больше
Страна не указанаКатегория не указана
1 384
Подписчики
Нет данных24 часа
+37 дней
-1730 дней
Архив постов
Konveenshiniiwwan_ILO_bu'uuraa_Afan_Oromootti_hiikaman_1.pdf9.21 KB

Proclamation No. 1110-2019 REFUGEES PROCLAMATION_2.pdf9.05 KB

Teessoon kiyyas beekkamaa waan ta’eef seera jalaa hin miliqu,Kanaafuu, Mormiin A/Alangaa dhiyeesse kufaa ta’ee mirgi wabii akka naaf eeggamun gaafadha jechuun falmachuun ni danda’ama. M/Murtiis yaada bitaa fi mirgaa seera rogummaa qabu waliin madaaluudhaan ajaja/jalmurtii barbaachisu kan kennu ta’a, kunis Mirga wabii Eeyyamuu yookiin dhorkuudha. ✅ Akka seeraatti gaaffiin Mirga wabii kun sa’aa 48 keessatti furmaata argachuu qaba.(s/d/f/y/kewt.66). Qabatama jiru garuu isiniifan dhiisa,keessattuu gara oliitti. ➪Sababoota armaan gadiitiin m/murtii mirga wabii shakkamaa hafaa gochuu/dhorkuu ni danda'a.[Seera Deemsa Falmii Yakkaa Keewwata 67 fi 63(1)] ✏️ 1) Shakkamaan/tuun bu'uura waraqaa wabii guutamee dhiyaatuun dirqama wabummaa raawwachuusaaf/isheef kan shakkisuusu ykn kan itti hin amanamne yoo ta'e, ✏️ 2) Shakkamaan/tuun wabiidhaan kan gadi lakkifamu/tu yoo ta'e yakka biroo ni raawwachuu danda'a jedhamee kan tilmaamamu yoo ta'e, ✏️ 3) Shakkamaan/tuun wabiidhaan kan gadi lakkifamu/tu yoo ta'e ragaa sossobuu, maallaqaan bituu, ykn ragaa gosa kamiiyyuu balleessuu danda'a/deessi jedhamee yoo tilmaamame, ✏️ 4) Yakki shakkamaan/tuun ittiin shakkame/te yakka murtii adabbii du'aan ykn hidhaa umrii guutuun ykn hidhaa cimaa waggaa 15 fi sanaa oliin adabsiisu ta'ee miidhamaa dhuunfaan yakki irratti raawwatame du'aaf kan yaaddessu yoo ta'e gaaffiin mirga wabii dhiyaate kufaa ykn hafaa ta'uu ni danda'a. ✍️ Sababoota kanneeniin ala namni kamiiyyuu mirga wabii heeraaf seeraan kennameef irraa mulqamuu hin danda'u. Dargaggoonni umriin isaanii gaa'ilaaf hin geenye dhimma mirga wabii, himannaa fi qorannoo ilaalchisee adeemsa mataa isaa danda'een (akkaataa Sdfy keewwata 171-180tti) fi tumaalee seera yakkaatiin kan ilaalamu waan ta'eef mata-duree biraatiin kan ilaallu ta'a. ✍️ Mirga wabii irrattii #Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waligalaa_Federaalaa_Jildii_24ffaa_Lakk_Galmee_182050 ta’een ‘’sababa yakki himatamaan raawwateen hamma miidhaa qaqqabe ilaalchisee Abbaan Alangaa keewwata seera himannicha hundeen hanga miidhaa yakkichaan dhaqqabe ibsuu dhabuun; himatamaan mirga wabiitiin yoo gadi lakkifame dirqama wabii kabajee dhihaachuu hin danda’u tilmaama jedhuun fudhachuun mirga wabii kan dhorkisiisuu miti, shakkamaan yakka biraatiin kan barbaadamu yoo ta’e malee mirga wabiin bahee dhimma isaa hordofatuu qaba’’ jechuun sdfy keewwata 67,Labsii Lakk.882/07 fi 434/1997 waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture. Jilduma 24ffaa kana Lakkoofsa Galmee 182266 ta’e irratti seerri deemsa falmii yakkaa keewwattoonni 63 fi 67 himatamtoota irratti akkaataa kamiin raawwatiinsa akka qabu tokko tokkoon ibsuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture�. ✏️ Dhaddachi ijjibaataa mana murtii waliigala Federaalaa Lakk.Galmee 233903 gaafa 8/2/2015 kenne.(Hin maxxanfamne)✍️✍️ ✍️ Dhimma yakkaa irratti teessoon jireenya himatamaa/shakkamaa iddoo biroo ta'uun isaa fi haala hojii isaatiin iddoo adda addaa socha'uun isaa qofti mirga wabii isa dhabsiisuu hin qabaatu. ✍️Bu'uura Heera FDRI kwt 32 tiin namni kamuu mirga socho'uu qabaachuu isaa faana yeroo ilaalamu iyyataan biyyattii keessatti iddoo barbaadutti socho'ee iddoo jireenya isaa murteessuuf mirga qaba. ✍️ kanaafuu iyyataan jiraataa iddoo biraa ta'uun isaan qofti mirga wabiidhaan bahuu bu'uura Heericha kwt 19(6) tiin mirkanaa'e akka mulqamu gochuu fi bu'uura heericha kwt 25 tiin namni kamuu seera fulduratti walqixa ta'uu fi eegumsa argachuu kan sarbu waan ta'eef fudhatama kan qabu miti jechuun murtii kenneera. Hubannoo xiqqoo yoo argattaniif jedheeni,keessattuu Namoonni Ogummaa seeraa hin qabne ! Itti fayyadamaa ➠𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 Federaalaa kenne Himanni yakka daddabalamaan dhiyaachuun qofti mirga wabii himatamaa hin dhoorkisiisu jechuun dhaddachi ijibbaataa murtii lakk.galmee 275196 ta'e irratti gaafa 27-6-2017 kenneera.

#MIRGA_WABII (s/d/f/y/kew.64) Mirgi Wabii Mirga bu’uuraati, Heeraanis eegumsi kan godhamedha. ✅ Heera MFDRI fi Heera M/N/Oromiyaa Kewt.19(3)(4) jalatti Namni to’annoo jala oolfame tokko,sa’aa 48 keessatti M/Murtii dhiyoo jirutti dhiyaatee, Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu akka danda’u fi M/Murtiis haqaaf jecha to’annoo jala tursuun yoo barbaachisaa ta’e malee, Mirga wabii eeyyamuu akka qabu tumameera. ✅ Mirga wabiin gadi Lakkifamuun qajeeltoodha (Principle), yeroo muraasaaf to’atamuun immoo muraa addaa(Exception) dha. Muraan addaa immoo dhiphatee hiikkamuu qaba. ✏️ Namni Yakkaan Shakkamee to’annoo jala oole tokko, Mirgi wabii isaa jalqaba, Waj/Poolisiitti eeggamuu ni danda’a. s/d/f/y/kewt.28. Bu’uura keewwata kanaatiin Poolisiin wabiidhaan gadi Lakkisuu yoo dide, Mana Murtii tti iyyannoo mirga wabii dhiyeeffachuun ni danda’ama. ✅ Angoo M/Murtii ilaalchisee, Iyyataan Mana Murtii Sadarkaa Kamittiyyuu Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’a. s/d/f/y/kewt.64(3). Mana Murtii Aanaatti Mirga wabii gaafatee kufaa kan ta’e/kan dhorkame yoo ta’e immoo M/M/Itti aanutti Ol Iyyachuun mirga. 💥 #Mirgi_wabii_kan_gaafatamu:- ✅ 1ffaa, Namoota Ajaja M/Murtii malee, to’atamanii osoo M/Murtii hin dhiyaatiin jiran bu’uura s/d/f/y/) keewwata 64 tiin Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’u. Ykn Namoonni Murtii/Adabbii malee to’annoo jala jiran tiin Mirga Bilisummaa qaamaa (habeas corpus) M/Murtii aanaatti gaafachuu ni danda’u. ✅ 2ffaa, Namoonni Yakkaan shakkamanii Poolisiin to’annoo jala oolchee bu’uura s/d/f/y/kewt.59(2)tiin Yeroo beellamaa hanga guyyaa 14 gaafate irratti, Yeroon beellamaa jalqabas ta’ee dabalataan kennamuun barbaachisaa miti, Mirgi wabii akka naaf eeggamu jechuun gaafachuu ni danda’u, ✅ 3ffaan, Namni A/Alangaa Himannaa Yakkaa irratti dhiyeesse, Dhaddacharratti dhiyaatee Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’a. ⚖️ Iyyataan ykn Shakkamaan yookiin Himatamaan, Mirga wabii yoo gaafatu, yeroo hunda A/Alangaa yookiin qorataan Poolisii yaada kan itti kennu ta’a.kewt.66. 💥 Yaadni kunis maal ta’uu danda’a:- ✅ 1ffaan A/Alangaa Yakkichi Mirga wabii kan hin dhorkine yoo ta’e, Mirgi wabii yoo eeggameef mormii hin qabnu jechuu danda’a, ✅ 2ffaa, Mirga wabii kan mormu yoo ta’e immoo bu’uura s/d/f/y/kewt.63 tiin ykn 67 tiin ykn seerri addaa yoo jiraates ibsuudhaan mormii dhiyeessuu ni danda’a. ⚖️ S/d/f/y/kewt.63 Yakki Ittiin himatame murtii du’aa yookiin Adabbii Hidhaa Cimaa waggaa 15 yookiin isaa ol, kan hin adabsiifne yoo ta’e fi Namni Yakki irratti raawwatame sababa miidhaa irra gaheetiin kan hin duune yoo ta’e,M/murtii Mirga wabii eeguu ni danda’a. ✅garagaltoon hiikoo keewwata kanaa, ulaagaawwan kun yoo guuttaman mirgi wabii dhorkamu kan danda’u ta’uu isaati. ✅ S/d/f/y/kewt.67 Ulaagaawwan Mirga wabii dhorkisiisan tarreessa, isaanis:- Dirqama wabummaa seene kan hin raawwanne ta’uun yoo hubatame, Wabiin yoo gadi Lakkifame yakka biroo raawwata jedhamee yoo tilmaamame, Ragoota bituudhaan (sossobuudhaan) yookiin waan isaan mirkaneessan ragaan akka badu godha jedhamee yoo amaname mirgi wabii dhorkamuu ni danda’a. ✅ Egaa, akkuma olitti ibsame, Mirgi wabii falmii bitaa fi mirgaati. Namni Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafatu,sababa isaa ni ibsa, A/A/ ykn Poolisiinis sababa mormeef ni ibsa,Madaalliin kan mana murtiiti. ✅ Kewt.67 kun akka seeraatti dhiphatee hiikkamuu osoo qabuu, yeroo baay’ee, akka qajeeltootti A/A/ fi Qorataan Poolisii yeroo mormii dhiyeessan mul’ata. Falmiin Nama Mirga wabii gaafatee kan ta’uu qabu:- ✅ Yakkichi Mirga wabii kan hin dhorkine ta’uu, ✅Dirqama wabummaa seene kan raawwatu ta’uu isaa, ✅ Wabiin yoo bahe Yakki biroo raawwatu akka hin jirre, ✅ Wabiin yoo bahe Ragaan balleessus akka hin jirre, fakkeenyaaf Qorataan Poolisii ragaa Namaa dhagahee waan jiruuf ragaan ani balleessu hin jiru jechuu fi ragaa barreeffamaa yoo ta’e immoo ragaan kun qaama dhimmi ilaalu irraa waan dhiyaatuuf angoo kiyya jala waan hin jirreef ragaan ani balleessu hin jiru,

+1
FDRE National Child Policy.pdf4.55 KB

+4
CONCEPT AND IMPORTANCE.pptx393.75 MB

+9
Yakkoota Malaammaltummaa Oromic.pdf4.68 MB

photo content

Araarama kennuu namoota yakka hojjatanitti gochuun, miidhaa cimaa namoota yakka hin hojjanne irraan gahuu jechuudha."

+5
1692 Labsii Lakk. 1161-2012.pdf3.14 KB

Qaj_lakk_18_2012_Qabeenya_Abbaa_Idaa_Taaksii_Qabanii_Gurguruu.pdf21.01 MB

Labsii Beenyaa Lak. 1336 (Fooyya'iinsa).pdf1.88 KB

➭ Dambii Lafti Faayidaa Uuummataaf Jecha Yommuu Gadi Lakkifamu Beenyaa Kanfalamuu fi Kaafamtoota Misoomaa Deebisanii Dhaabuuf Mana Maree Ministeerotaatin Bahe Lakk.472/2012 Afaan Oromootti Kan Hiikame
https://t.me/Fuula_Hubannoo_Seeraa

Repost from Diinaa'ol Kumaa
beenyaa shalaguu.pptx1.48 KB

Sirna fi Hanga Shalagii Beenya.pptx0.90 KB

Repost from Diinaa'ol Kumaa
Labsii Magaalota Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Repost from Diinaa'ol Kumaa
Dambii_lak_250_2016_Dambii_Gurmaa'insa_Aanaalee_fi_Gandootaa.pdf4.36 KB

Labsii_Pilaanii_Magaalotaa_Naannoo_Oromiyaa_Lakk_258_Bara_2016_1.pdf12.72 MB

qajeelfama hojii gannaa 2017,2018.pdf1.87 MB

➭ዛሬ የጸደቀውን የገቢ ግብር አዋጅ ➭Labsii gibira galii haaraa har'a mirkanaa'e Maddi:- @LawStudentsUnion tgm channel🙏 💫Karam Tamaam