Diinaa'ol Kumaa
Открыть в Telegram
Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.
БольшеСтрана не указанаКатегория не указана
1 384
Подписчики
+124 часа
+17 дней
-1730 дней
Архив постов
1 384
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Haala Itti Hojjettoonni Mootummaa Osoo Wabii Hin Dhiyeessin Liqa maallaqaa Hanga Miindaa Ji'a Afurii Gahuu Danda'u Liqeeffachuu Danda'an Mijeesse.
1 384
Idilee firiiwwan ijoo Murtii kana keessatti xiinxalamuun ibsaman (yeroo himataa fi himatamaan walfalman iyyattuu fi himatamaan dhuguma waldhabanii gargar kan turan ta’uu, sababa kanaan iyyattuun falmii dhimmichaa kan hinbeekne ta’uu fi dhiisuu fi kanaan walqabatan) falmii fi ragaa barbaachisuun qulqulleessee murtii akka kennu jedhee qajeelfamaan dhimmichi gad-deebisuun murteessee jira.
E, Yaada barreessaa
Yeroo himataa fi himatamaan walfalmaa turanitti himatamaa ykn abbaa warraa ishii waliin waldhabdee adda kan bahan waan ta’eef falmicha kan hinbeekne ta’uu iyyattuun ibsitee falmiin dhiyeessite ragaadhaan qulqullaa’u waan qabuuf MMWO gaa’elli waan hindiigamneef falmicha hinbeektu jechuun hindanda’amu jechuun tilmaama fudhachuun hanqina akka ta’e ifadha.
Haata’u malee namoonni otuu nagumaanaatii waliin jiran falmii irratti dhiyaate murtiin eega irratti kenname booda Haadha Warraa ykn abbaa warraa ykn miseensa maatii ykn na fira dhihoo ta’e biroo qindeessuun akkaataa SDFHH kwt 358n iyyata mormii dhiyeessuun dhimma ofduuba deebisuun qabatamaan kan baratamedha. MMWO dhimmicha kallattii kanaan kan ilaale fakkaata waan ta’eef Dhaddachi Ijibbaataa MMWF garuu kallattii kanaa dhimmichi sirritti waan ilaale hinfakkaatu.
Haala addaan yeroo tokko abbaan warraa fi haati warraa otuu gaa’elaan jiran waldhabanii gargar kan jirataan ta’uun kan hubatamu yoo ta’eeyyuu haalli addaa kun ragaan mirkanaa’uun akkuma jirutti ta’e abbaan warraa fi haati warraa gaa’elaan hanga jiranitti walumaan akka jiraatan, bakka tokko kan jiraatan, bultii isaani walumaan mariidhaanckam gaggeeffatan fi waldeeggaruu fi walgargaaruun kan bulan ta’uun bu’aalee ijoo gaa’elli gama dhuunfaa walfuutotaan hordofsiisu waan ta’eef falmii dhimma dhuunfaas ta’ee waaloo isaanii ilaalchisee isa tokko irratti ka’u inni kaan hinbeeku jedhamee kan yaada my waan hintaaneef nibeeku tilmaama jedhu fudhachuun yeroo hunda all hanqinaatti ilaalamuu hinqabaatu .
1 384
himataa fi abbaa warraa but shii giddutti gahgeeffamee ture sababa abbaa warraa ishii waliin waldhabdee bakka biraa jiraachaa turteef kan hinbeekne ta’uu kaastee akka sababaatti falmitee jirti.
C, Murtii Manneen Murtii Naannichaa
Manni murtii Aanaa falmisiisee ragaa eega dhagahe booda mormii himataa kufaa gochuun lafichi qabiyyee Iyyattuuf gaafa gaa’ela raawwattoota kennameef ta’uu ragaan hubachiisuu ibsee murtii duraan kenne akkaataa SDFHH kwt 360n jijjiiruun falmii keessaa akka bahu kan murteesse yoo ta’u MMO G/Arsiitis komii himataa Hindhiyeessisu jechuun murtii MMA cimsee jira.
Himataan ammas komatee MMWO Dhaddacha Dhaabbii Bahaatti yemmuu ol’iyyatu iyyattuun himatamaa waliin abbaa warraa fi haadha warraa ta’anii otuu waliin jiraatan, gaa’illi isaanii diigamuu ragaan agarsiisu bakka hinjirretti falmii himataa fi himatamaa gidduu ture hinbeektu jechuun sirrii ta’uu fi dhiisuu irratti komii himataa dhiyeessisee iyyattuu waamee eega falmisiise booda iyyattuun hmatamaa waliin Haadha Warraa f abbaa warraa waan ta’aniif falmii himataa fi himatamaa (abbaa warraa ishii) gidduu ture nibeekti jedhamee tilmaamama jechuun murtii MMA fi ajaja MMO diigee iyyannoo mormii murtii iyyattuu kufaa gochuun murteessee Dhaddachi Ijibbaataa MMWOtis murtii Dhaddacha Dhaabbii Bahaa cimsee jira.
D, Murtii fi Hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWF
Jalqabarratti namni kamiiyyuu dhimma dantaa irraa qabu irratti otuu inni hinbeeknee fi keessatti hirmaatin isa duuba falmamee murtiin dantaa isaa tuqu yoo kenname iyyannoo mormii Murtii dhiyeeffatee dhimmicha keessa seenee falmachuu akka danda’u SDFHH kwt 358 jalatti tumamuu isaa Dhaddachi Ijibbaataa akka qajeeltoo bu’uraatti kaasuun ibsee jira. Haata’u malee kana jechuun namni falmiin jiraachuu beeku tokko yaada gaariin alatti dhimmicha otuu dhibaawummaa isaatiin taa’ee bu’aa dhumaa eegee dhimmicha ofduuba deebisuuf iyyannoon mormii Murtii dhiyeessu fudhatama kan hinqabne ta’uu hiikkoo dirqisiisaan kanaan dura galmee Lkk 56795, 40229, 93987 fi kanneen biroo irratti kennamuu isaatis dhaddachichi yaadachiisee jira.
Dhimma falmii keessa irrattis iyyattuun mormii murtii dhiyeessite yeroo himataa do abbaan warraa ishii walfalmaa turan abbaa warraa ishii waliin waldhabdee gargara bahanii akka turanii fi sababa kanaan falmichi jiraachuu kan hinbeekne ta’uu kaastee kan falmite yoo ta’u waamamaan gama isaan dhimmicha kan beektuu fi yaada gaariin bu’aa eegdee himatamaa waliin waliigaluun iyyata kan dhiyeessite ta’uu ibsuun mormee jira. Kanaaf iyyattuun falmii dura ture otuu beektu yaada gaariin ala bu’aa dhumaa eegdee kan iyyata mormii kana kan dhiyeessite ta’uu fi dhiisuun firii ijoo dubbii dhimmichaa mirkanaa’uu qabu akka ta’e Dhaddachi Ijibbaataa xiinxalee jira.
Haata’u malee Manni Murtii Waliigala Oromiyaa iyyattuu fi himatamaan abbaa warraa fi haadha warraa waan ta’aniif waliin hindubbatan, falmiin jiraachuu hin beekan jedhamee hinyaadamu jechuun iyyattuun falmicha akka beekuu hinoolle tilmaama idhatame malee ragaadhaan qulqulleessee miti. Bu’ura kanaan gaa’elli isaanii yoo diigamuu baateeyyuu yeroo himataa fi himatamaan walfalmanitti himatamaa waliin waldhabdee gargara kan baatee fi waliin akka hinturre iyyattuun ibsuun kan falmite waan ta’eef qabxiin kun ragaadhaan ifatti otuu hinqulqullaa’in haadha warraa waan taateef qofa falmicha nibeekti jedhamuun tilmaamni fudhatame mirga dhagahamuu fi falmachuu iyyattuu heeraan heeraan eegame kan faallessuudha jechuun Dhaddachichi murtii jalaa qeeqee jira.
Akkasumas qabxii firii ijoo ragaadhaan qulqullaa’uu qabu ragaan sirnaa otuu hinqulqulleessin murtiin kennamu hanqina hooggansa falmii dhimmaa kan qabu fi mirga haqa madaalawaa argachuu kan miidhu waan ta’eef dogongora bu’uraa ijoo seeraa ta’a jedhamee kanaan dura galmeewwan adda addaa irratti hiikkoon kan kenname ta’uu galme Lkk 43845 fi 37105 ta’an all fakkeenyaattis caqasuun dhaddachichi yaadachiisuun murtiin Manneen murtii jalaa gama kanaanis hiikkoo kenname kana kan faallessudha jechuun qeeqee walumaagalatti ajaja Dhaddacha Ijibbaataa fi murtii Dhaddacha Dhaabbii bahaa idilee MMWO diiguun MMWO Dhaddachi
1 384
Iyyannoo Mormii Murtii: Iyyyataan Falmii Duraa Kan Beeku Ta’uun Akkamitti Murtaa’uu Qaba? Tilmaamaan Moo Ragaan?
============================================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 358, Murtii Dh Ijbt MMWF Glmee Lkk 56795, Galmee Lkk 37105 ta’erratti Kanaan Dura Kennamee Turee fi Galmee Lkk 247348 ta’erratti gaafa 05/02/2017 kenname waliin kan xiinxalame
============================================================
A, Seera fi hiikkoo seeraa kanaan dura kenname
Dantaa ykn mirga ta’erratti gareewwan lama walfalmuun murtiin eega kenname booda qaamni 3ffaan waan murtaa’e irraa dantaa/mirga ofdanda’e qaba jedhuu fi falmiin gareewwan lamaan giddutti gaggeeffamuu isaa quba otuu hinqabaatin isa duuba murtiin kenname murtichi dantaa/mirga koo miidhaa kan jedhu yoo ta’e murtichi raawwatamuun duratti iyyannoo mormii Murtii dhiyeeffachuun galmee sochoofatee dhimmicha keessa seenee falmachuu akka danda’u SDFHH kwt 358 jalatti tumamee jira.
Kanaa walqabatee yeroo hedduu iyyannoo mormii Murtii haala kanaan dhiyaatu irratti gareen kaan deebii yoo kennu iyyataan dhimmichi irratti yeroo falmiin gaggeeffamu kan beeku ta’uu fi bu’aa murtii dhumaa eeguun yaada dabaan iyyannoo kan dhiyeesse akka ta’e ibsuun otuu falmitti hingalin gamanumaan iyyannoo kufaa akka ta’u yeroo mormiin kaasu bal’inaan nimul’ata.
Manneen murtiitis iyyataan falmii dura ture kan beeku ta’uu fi dhiisuu isaa akka ijootti qabachuun ragaan bitaa fi mirgaa dhagahuun jal-Murtii kan Kennan ta’us firiiwwan dubbii adda addaa hariiroo iyyataa fi gareewwan falmii kaan gidduu turee fi jiru qofa ilaaluun yaada iyyataan falmii dura ture nibeeka jedhu tilmaamaan kan murteessan akka ta’es hoj-maanni qabatamaa niagarsiisa.
Akkasumas namni falmii dura ture beekuu fi quba qabu yaada dabaatiin (bad faith) bu’aa/murtii dhumaa eegee dhimmichi duubatti deebisuun ykn dafee fala akka hinarganne gochuun garee mirgi murtaa’eef miidhuuf iyyannoo momii dhiyeessuu akka hinqabne ykn hindandeenye Dhaddachi Ijibbaataa glme Lkk 56795 ta’erratti kanaan dura hiikkoo dirqisiisaa kan kenne yemmuu ta’uu falmii ture kan beekuu fi yaada dabaan (bad faith) bu’aa dhimma ergee kan dhiyaate ta’uun ragaadhaan ifatti qulqullaa’ee murtaa’uu akka qabus galmee Lkk 37105, 43845 ta’ee fi kan biroo irratti Dhaddachi Ijbta hiikkoo kan kenne ta’uunis nibeekama.
Ammas qabxiidhuma ijoo iyyataan akkaataa SDFHH kwt 358n dhiyaatu falmii dura ture kan beeku ta’uu isaa tilmaamama fudhachuuni moo ragaa dhagahuun murtaa’uu qaba kan jedhu irratti Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee Lkk 247348 ta’erratti gaafa 05/02/2017 hiikkoo duraan kenne cimsuun murtii haaraa kennee jira.
B, Dhimma Amma Dhiyaate Gabaabinaan
Falmii qabiyyee lafaa himannaa waamamaan Dh Ijbt himatamaa jalaa ( abbaa warraa iyyattuu Dh Ijbt iyyattuu mormii Murtii Mana Murtii jalaa kan taate) irratti mana Murtii Aanaa Honqolloo Waabeetti dhiyeesseen falmiin gaggeeffamee qabiyyeen falmiif sababa ta’e kan waamamaa Dh Ijbt ykn himataa jalaati jedhamee himatamaan(abbaan warraa iyyattuu mormii murtii) akka gad-lakkisuuf galmee haadhoo irratti murtaa’ee ture .
Haaluma kanaan himataan ykn waamamaan Dh Ijbt himannaa raawwii galmee Lkk 14280 ta’erratti dhiyeessuun raawwiin eegalamee adeemsa irra otuu jiru iyyattuun Dh Ijbt (haati warraa himatamaadhaa) qabiyyeen lafaa murtiin irratti kenname kan waliigaltee gaa’elaa irratti gaafa himatamaa waliin walfuudhan lakkaa’ameefi yeroo sanii kaasee otuu harka ishii hinbahin waggoota 23 oliif itti fayyadamaa jirtu ta’uu, falmiin himataa fi abbaa warraa ishii himatamaa giddutti gahheeffamuu isaa kan hinbeekne ta’uu fi gaafa ajajni raawwii dhiyaatu kan barte ta’uu ibsuun iyyannoo mormii murtii akkaataa SDFHH kwt 358n dhiyeessitee murtichi ka’ee falmii keessa galtee akka falmattu gaafatte.
Himataan ykn waamamaan Dhaddacha Ijibbaataa deebii kenneen iyyattuun dhimmicha otuu beektuu abbaa warraa ishii (himatamaa) waliin waliigaluun mirga himataa miidhuuf bu’aa murtii dhumaa ilaaltee dabaan iyyannoo dhiyeessite ta’uu ibsuun kufaa akka ta’u kan gaafate yoo ta’u iyyattuun gama ishiin yeroo falmiin
1 384
“Gaarummaaf...!”
Imaltoota hedduu ta’anii osoo karaa dheeraa geejjibaan imalaa jiranuuu, konkolaataan karaarratti gommaan dho’ee dhaabatan. Hanga konkolaachisaan gommaa geeddarutti imaltoonni harca’anii qilleensa fudhachuu jalqaban.
Achumaan namichi tokko konkolaachisaatti siqeetu, “Yaa namana wanti kun gaarummaaf ta’e hin aariin. Tasgabbaa’ii hojjedhu. Yoo Waaqni eeyyame malee nagaan hin galani. Suuta jedhii xumuri” jedheen.
Amala shofeerota tokko tokkoo beektu mitiiree? “Maal haadhakee sigalche? Kan gommaan naguburra atimmoo maalsaa nagorsita? Gaarummaaf gommaan dho’ee awwaara/dhukkeerra naciibsaa?” jedhee ofirraa ifate. Namichi ammoo deebisee, “Eeyyeen gaarummaafi; hin aariin. Waan godheef Waaqatu beeka”jedheen. Shofeerri kan duraa caala aare. “Namittii nanaa inumaa ana waliin hin deemtu. Qarshiikee siif deebifna. Lafoo deemi” jedhii raddaaatii/gargaaraan akka maallaqasaa deebisuuf ajaje. Namichi “Maaloo goodaatti nan gatiinaa” jedhee kadhatullee, shofeerichi didee ofirraa gaggeesse. Ofiif imaltoota kaan fudhatee sokke. Achumaan namichi “Of biraa ana hambisuun keessan kuniyyuu gaarummaafi; karaa nagaan isiniif hawwa!” jedhee miilaan imaluu jalqabe.
Osuma miilaan/lafoo imaluu, konkolaataa Ambulaansiin wayii itti dhufte. Harka itti qabee dhaabsise. Akka isa fudhatu gaafate. Shofeerri Ambulaansii ammoo eeyyameefii seensise. Imala itti fufan. Waan konkolaataa biraa keessatti isa muudate itti hime. “Gaarummaaf akka ta'e amaneen ture. Kunoo Waaqni si naaf kenne” jedhee galateeffate. Gidduutti Shofeerri Ambulaansii fincaan fincaa’uuf konkolaataa dhaabe. Gadi bu’ee fincaa’eetu yeroo oldeebi’u, balbala konkolaataa harka ofiirratti cufee quba ofirraa kute. Qubichi akka malee dhiigee dhiigni dhaabachuu dide. Namichi sun ammoo akka amalasaa “Yaa namana gaarummaaf ta’e dhiisi; hin aariin!” jedheen.
Yoo kana shooferri Ambulaansii qubni irraa cite sun akka malee aare. “Konkolaachisaan duraa sun dhugaa qaba. Akkam nama aarsita seete? Quba narraa cite, qaamakoo hir’ate gaarummaafi jettaa? Bu’i nabiraa, inumaa ana waliin hin deemtu” jedhee of biraa buuse. Namichis erga bu’een booda, “Atuu of biraa na buusuunkee gaarummaafi” jedhee lafoo imaluu itti fufe. Konkolaachisaan Ambulaansii osoo aariin imalaa jiruu, Shiftoonni bosona keessaa itti bahanii, Afa-muuzii Qawwee itti qabanii konkolaataa dhaabsisan. Shiftoonni kun qarshiis, Warqiis, bilbilas namarraa hin barbaadan. Isaan waggaatti altokko Waaqa isaaniif nama 1 wareegu ture. Nama 1 qalanii Waaqa isaaniif aarsaa dhiyeessu. Shooferichi “waan barbaaddan fudhadhaa; ana garuu nan tuqiinaa” jedhee boo’e. Isaan garuu didanii fudhatanii deeman.
Bakka aarsaa itti dhiyeessan gahanii qaluuf Albee gadi baasan. Yeroo qaluuf jedhan, shiftoota keessaa inni tokko qubni shofeerichaa citaa ta’uu arge. Akka seera shiftoota kanaatti namni qaama hir’uu Waaqa isaaniif hin dhiyaatu. Achumaan shiftoonni “Kuni qubni citaadha; dhiisaa kan biraa barbaaddanna” jedhanii gadi dhiisani. Yeroo kana shofeerichis “Waan yeroo qubnisaa citu namichi jedheen yaadate. “Dhugumayyuu gaarummaaf qubnikoo cite. Namichis gaarummaaf ana biraa bu’e. Osoo ana bira jiraatee, gaafa anaan qubni citaa ta’uu baran isammoo qalu ture” jedhee Waaqa galateeffatte.
Achimaan ofirra deebi’ee namicha karaatti gate sanas fudhatee, waan isa muudates itti hime. Waaqa galateeffatanii osuma imalanuu, konkolaataan jalqaba gommaan dho’e sun garagalee imaltoonni hundi du’anii argan. Wanti marti gaarummaaf akka ta’e hubatanii sokkan.
Maal jechuu barbaadeeni? Ogeessa fayyaa waggoota 40 ol hawaasa tajaajile duuriyyoonni reebuun gaarummaaf ta’eefi. Waaqni salphina fakkeessee isa kiise. Duuriyyoota hawaasa rakkistus akka seeraan gaafatamaniif sana godhe. Eeyyeen wanti hundi gaarummaaf ta’e!
1 384
Ragaa baankii (bank receipt) tokko qofti jiraachuun waliigaltee liqii (debt contract) jiraachuu isaa hin mirkaneessu.
Akkasumas, sanadiin ergaa maallaqaa baankii (bank transfer document) maallaqni ergame akka jiru qofa agarsiisa malee:
maaliif akka ergame,
liqii ta’ee akka kenname moo,
yookaan akka amaanaa (trust) ta’etti akka dabarfame,
kanneen kana mirkaneessuuf ragaa seeraan fudhatama qabu miti.
Kanaafuu, sanadiin baankii qofti: 👉 waliigaltee liqii seeraan jiru mirkaneessuuf gahaa miti.
Madda: Murtii Mana Murtii Waliigalaa federaalaa lakk. Galmee
221476), Onkololeessa 28, 2015 A.L.I.
1 384
Qajeeltoowwan seera ragaa wayita jennu (....☝️☝️kan armaan olii irraa kan itti fufe...), qajeeltoowwan dhimmoota: 👉Rogummaa (Relevance) Ragaa hogganan, 👉Ragaan ijoo dhugumatti falmisiise waliin hariiroo cimaa qabaachuu (Materiality), 👉Amanamummaa (Reliability), 👉Dirqama Hubachiisuufi tilmaama seeraa (Burden of Proof & Presumption) kkf ilaallachuu danda'a. 👁️Madaalliin ragaa adeemsa itti ragaa fudhatamummaa qabu tokkoof hanga ulfaatina ykn amantaa kennamuufii qabuu adda baafannudha. Madaalliin ragaa Lojikii, muuxannoofi aadaa seeraa biyyoonni qaban irratti hundaa'ee kan raawwatamudha. (Kanaaf, tumaaleen seeraa haala itti tokko tokkoon ragaatiif ulfaatina kenninuufi yoo dogoggorri raawwatame sirreessinu tarreeffamaan nuuf hin teenye jechuudha) ✅Madaalliin ragaa kun qajeeltoowwan bu'uuraa kan qaban ta'uun barreeffamoota garaagaraa irratti kan ibsamanidha. Isaanis: 👉Firiiwwan dubbii beekamaa, amala namaa beekamaafi walfakkaattummaa ragootaa waliin ilaaluun, 👉Ragaa biroodhaan deeggaramuu, 👉Amala ragaa, dandeettii ragaa, hariiroo garee waliin ragaan qabu, jechoota faallaa ragaan dursee kenne waliin ilaaluu, 👉Ragaalee hedduun walfakkaataafi bilisa ta'an, 👉Dhimmoota yakkaa keessatti qajeeltoo akka nama qulqulluu ta'eetti ykn gochicha hin raawwanneetti tilmaamamuufi sadarkaa mirkaneessa ragaa, 👉Firiiwwan dubbii manni murtii akka mirkanaa'etti amanee fudhatu (hubannoo irratti fudhatu) (Judicial Notice) ✅Adeemsa kana keessatti manneen murtii sababa itti ragaa tokko fudhatanii tokko immoo kuffisan ykn sababa itti ulfaatina ol'aanaa kennaniif ibsuu qabu. Fakkeenyaaf, SDFY duraanii kwt 149(1) ilaaluu dandeenya.
1 384
Manneen Murtii Qabiyyee Ragaa Isaaniif Dhiyaate Sirnaan Osoo Hin Ilaalin Yoo Darban Dhimmi Akkasii Dhaddacha Ijibbaataatiin Ilaalamuu Ni Danda'aa? Dogoggora Madaalliin Walqabatuufi Seeraan Walqabatu Akkamitti Adda Baafannaa? Dhaddachi Ijibbaataa Dogoggora Jalatti Uumame Qeeqee Ofiif Madaalee Murteessuu Ni Danda'aa? ^^^√√√^^^^^^√√√√√√^^^^^^^√√√√√√^^^^^ Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Hiikkoo Seeraa dhaddacha gaafa 19/02/2015 ooleen Lakk.Ga.220292 ta'e irratti kenne keessatti: 👉"Adda dureedhaan hojiin Dhaddacha Ijibbaataa, dogoggora bu'uuraa seeraa manneen murtii jalaa wayita firiiwwan dubbii ragaadhaan mirkanaa'an irratti hundaa'uun hiikkoo seeraa kennan uuman yoo jiraate, adda baasuun akkaataa seeraatti sirreessuu yemmuu ta'u, kanarra darbuun dhimma mana murtii jalaatti madaalamee ejjennoon irratti qabatame ilaalchisee ofiif ragaa madaalee seerri murtii kennuuf isa dandeessisu hin jiru. Ragaa hin madaalu jechuun garuu manneen murtii jalaa qabiyyee ragaa isaaniif dhiyaate sirnaan osoo hin ilaalin kan darban yoo ta'e, ykn dhimmi ragaadhaan mirkanaa'eefi gudunfaa manni murtichaa irra gahe qajeeltoo seera ragaa kan cabseefi adda adda ta'ee yeroo argamutti, Dhaddachi Ijibbaataa dhimmoota akkasii hin ilaalu jechuu miti. Haalli akkasii wayita mudatu, dhimmichi dhimma madaallii ragaa osoo hin taane ragaa qajeeltoon seera ragaa cabe waliin ilaaluu ta'a. Wanta ragaan hin jenne jedheera jechuun jecha ragaas haa ta'u qabiyyee isaa jijjiiruudhaan seera qajeeltoo madaallii ragaa sarbuun hir'ina uumamu waan ta'eef dhimmichi dhimma ragaa osoo hin taane qabxii seeraa waan ta'eef dhaddachi Ijibbaataa dhimmicha ilaalee sirreessuuf aangoo qaba" jedheera. ❓As keessatti gaaffiin ka'u, "Qajeeltoo Madaallii Ragaa", "Qajeeltoo Seera Ragaa" "Qabxii Seeraa" jechuun maal jechuudha kan jedhudha. 👉Dhaddachi Ijibbaataa MMWF haala itti manneen murtii jalaa madaalan dogoggora ta'uu ibsee, qeeqee, ofiif madaalee wayita itti balleessadha jedhus ni jira. (Galmee Lakk.209136 ilaali) Dogoggora Madaallii Ragaatiin Walqabatu Vs. Dogoggora Hiikkoo Seeraa Kanaan Walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo Lakk.Ga.234012 irratti kenne keessatti: ".....Haa ta'u malee, Manni murtii ragaa madaaluudhaaf aangoo qabu: 👉 Wayita ragaa fuudhu mirga Wal qixa dhagahamuu gareewwanii yoo kabajuu baate, 👉Dirqamni mirkaneessuu (burden of proof) kan eenyu akka ta'e yoo adda hin baasne ta'e, 👉Dhimma fudhatamummaafi rogummaa ragaa ilaalchisee sirna hordofamuu qabu kan hin hordofne yoo ta'e, 👉Madaallii irratti ragaa gareewwanii hunda waliin yoo madaaluu baate, 👉Dhimmoota sadarkaa mirkaneessa ragaa (standard of proof) addaatiin mirkanaa'uu qaban sadarkaa barbaadamuun mirkanaa'uu isaa kan hin agarsiisne yoo ta'eefi 👉Seerotaafi qajeeltowwan ragaa seerota bu'uuraa keessas ta'e seerota adeemsaa keessa jiran kan hin kabajne yoo ta'e, dhimmichi dhimma madaallii ragaa osoo hin taane dogoggora hiikkoo seeraafi itti gaafatamummaa qabu Manni murtii bahuu dhabuu waan ta'uuf dhimma dhaddacha Ijibbaataatiin ilaalamu ta'uu isaa galmee lakk.172206fi galmeewwan biroo irratti hiikkoo seeraa dirqisiisaa kenneera jechuun ibseera. (....itti fufa..👇👇👇.)
1 384
Sababoota murteessoo bu'uura waliigaltichaa miidhu hin taaneen waliigaltee haquu akka hin qabne hubachiisa.
✍️✍️✍️✍️
Tumaaleen kunniin raawwii waliigaltee amansiisaa gochuuf sababoota xixiqqoon waliigalteen akka hin haqamne eeggumsa seeraa taasisan dha.
🙏🙏🙏🙏
👉👉👉MMWF Dh.Ij lakk galmee 203358 irratti jildii 26 ffaa irratti haala maxxanfameen abbootiin seeraa ulaagaa murteessaa waliigaltee haqsiisu madaaluu akka qaban fi waliigaltee bu'uura seeraan taasifameef eegumsa gochuu akka qaban seerichaan itti gaafatamummaan akka kennameef agarsiisa jechuun ulaagaa bu'úuraa waliigaltee haqsiisaniif hin haqsiifne sirnaan madaaluu akka qaban hiikkoo dirqisiisaa kenneera.
👉👉👉👉👉
Hiikkoo kana keessatti yeroon waliigaltee tokko itti raawwatamu darbuun isaa qofti hanga waliigaltee isaanii keessatti yeroo dirqisiisaa taé yeroon murtaa’e kun yoo darbe waliigaltichi gatii kan dhabu ta’uu ifatti hanga waliigaltee keessatti hin ibsamnetti akka ulaagaa buúuraa waliigaltee diigsisu dha jennee fudhachuu hin dandaámu jedheera.
👉👉(furmaanni= SHH kwt 1889 ff). Jildii 10ffaa, Lakk. Galmee 42897 irrattis yaada fayyaalummaa xiinxaluun hiikkoo kenneera.
Kanarraa waanti hubatamu, Aangoon mana murtii gaaffii garee tokkoon dhiyaatuuf haaloota waliigaltee tokko diigu dandeessisan yaada fayyaalummaa garichaa madaalee (the power to assess the circumstances) murtii itti kennuu qaba.
☝️☝️☝️☝️☝️
Policy behind Good Faith:
The policy of certainty in transactions protecting the reasonable expectation of the parties; preventing opportunism and abuse of right; promoting Commercial reasonableness and efficiency and Upholding the integrity of the judicial process.
Akka waliigalaatti gareen waliigale bu’aan eegan sun tilmaamamaa akka ta’u, daldalli haqa qabeessa akka ta’u, mirga ofii akka maleetti akka hin fayyadamne ittisuu fi adeemsi falmii amanamaa taasisuuf kan kaayyeffate dha jechuun ni danda’ama.
(የአንድ አገር ኢኮኖሚያዊ ዕድገት ብሎም በዜጎች መካከል ጥሩ የሆነ ማህበራዊ መስተጋብር እንዲኖር በማድረግ ረገድ ከፍተኛ ሚና አለዉ)::
Imaammata olitti ibsame kana galmaan gahuuf, Abbaan Seeraa gaaffii diigamuu ykn haqaminsa waliigaltee yeroo dhiyaatuuf sababaa fi haalota olitti ibsaman yaada fayyaalummaa jiraachuuf dhabuu (fact) madaaluun ykn hiikkoo itti kennuun (Good faith as an interpretative tool) daldalli ykn gabaan amanamaa akka ta’u ykn namni dirqama seene tokkoof amanamaa akka ta’u taasiisuu ykn waliigalteen tokko haala bu’a qabeessa ta’een hiikuun (1737) hariiroon namootaa yaada fayyaalummaan akka qajeelfamu taasisuu irratti gahee guddaa taphatu.
👉👉👉👉👉👉
Waliigalteen erga hundeeffameen booda gareen waliigale jecha waltahiinsaa isaanii kabajuu qabu haala kanaan, raawwii dhimma waliigaltee amansiisaa gochuunn imaammata olitti ibsame galmaan gahuun ni danda’ama.
👉👉👉👉 Yoo kun hin taane, namoonni amantaan gabaarraa qaban laafaa akka taú taasisa.
👉 Hawaasni seerichaa fi mana murtii irraa amantaa akka qabaatanii hariiroo isaanii cimsuu akka dandaániif murtiin kenninu yaada fayyaalummaa garee waliigalee tilmaamama keessa galchuu barbaachisaa ta’a.
1 384
YAADA QAJEELUMMAA (FAYYAALUMMAAN) (GOOD FAITH) ...
👉👉👉👉👉
.WALIIGALTEEN TOKKO YEROO HUNDEEFFAMU, YEROO RAAWWATAMUTTIS TA’E YEROO DIIGAMU, YEROO HIIKKOON ITTI KENNAMU QAJEELTOO SEERAA YAADA QAJEELUMMAA (FAYYAALUMMAAN) (GOOD FAITH) AKKA BARBAACHISU!
👉👉👉👉
Haala raawwii qajeeltoo kanaa (the good faith principle) sanadoota idil Adunyaa adda addaa keessatti hammatamee jira.
👉 Isaan keessaa muraasni:
✔️ (Chaartarii Mootummoota Gamtoomanii kwt 2(2)) Charter of the United Nations,
✔️conventions as the UN Convention on the Law of the Sea and
✔️The UN Convention on the Sales of Goods, Vienna Convention (keewwata 26 jalatti waliigaltee biyyoota gidduutti taasifamu akkaataa itti hiikamu) fi sanadoota kanneen biro keessatti hammachiifameera.
👉Manni Murtii Idil Addunyaa (The International Court of Justice) qajeeltoo seeraa kana murtii isaa hedduu keessatti bu’uura murtii isaa taasiseera.
👉👉👉👉👉👉
Qajeeltoon seeraa ‘good faith’ jedhu SHH keessatti yeroo 66, yaada ‘bad faith’ jedhu yeroo 21 walumaagala yeroo 87 irra deddeebiin yaadoota kana tumuun hariiroo gaariif eegumsa taasisuuf uwwisa baláa seerichaan argatee jiru dha.
👉Seera HH kitaaboota hunda keessatti ibsamaniiru.
👉Qajeeltoo seeraa kana SHH kutaa waliigaltee ykn kitaaba 4ffaa keessatti ibsame yoo laallu:
👉👉👉👉👉
Hayyuun seeraa, seera Waliigaltee biyya keenyaa irratti ibsa barreessan (a prominent legal scholar and commentator) George krzeczunowicz (SHH kwt 1713 tiif ibsa kennan irratti ‘‘Yaadi fayyaalummaa (good faith), gareen waliigale tokko dirqama gareen biraa qabu akka hin bahanne gocha dhorku kamuu ykn gocha Kaayyoon waliigaltee tokko akka hin milkoofne taasisuu ykn gareen biraa akka waliiglateetti akka hin raawwanne waan danqu kamuu raawwachuu irraa akka of qusatu kan dabalatu dha.’’ Jedhu.
👉👉👉👉
Commenting on Article 1713, Krzeczunowicz wrote that the requirement of good faith also implies that a party must do nothing that could disable him or the other party from performing their contractual obligations.
The parties undertake to do nothing which may compromise that performance.
Waliigaltee keessatti dirqamoota hedduu gareen waliigale waliif qabu garuu immoo waliigaltee keessatti hin ibsamne jiraachuu malu.
Yaadi Fayyaalummaa (It’s an implied covenant) dha jedhama.
Fkn dhaabbata daldalaa tokko gurguree ka'ee cinaa isaatti daldala wal fakkaatu hundeessuun hojii daldalaa gaggeessuu.
Kun waliigaltee keessa jiraachuu baatu illee cinaa isaatti daldala wal fakkaataa banuu akka irra hin jirre dha.
Hayyuun koodii SHH wixneessan fi ibsa ball'aa irratti barreessuun beekaman Rene David, ibsa kennaniin ‘’good faith is sufficient to impose on him the necessary obligations of not setting up such a competing enterprise.’’
The principle of Good faith in contract law means that parties must not only do what the contract literally says, but they must also act honestly and fairly in performing their duties and enforcing their rights.
✍️Kana jechuun garuu yaada garee waliigalerraa baanee waliigaltee hiikna jechuu miti.
✍️Manni Murtii garee waliigaleef waliigaltee hin uumu.
✍️Gareen waliigaltee hundessu tokko daangaa seerichaan taa'e osoo hin darbiin dirqamoota waliif qaban murteessuuf bilisa dha. (SHH kwt 1711, 1714 (2), fi 1733 ilaallata)
✍️✍️✍️
Yaadi fayyaalummaa Waliigalteen yeroo hundeeffamu qofa osoo hin taane yeroo waliigalteen raawwatamuttis ta’e yeroo sababaan diigamu ykn hiikkoon yeroo itti kennamu qajeeltoo kana buúureffachuu akka qabnu seerichi ni akeeka, SHH kwt 1713, 1732 ilaaluun ni danda’ama.
✍️✍️✍️✍️✍️
Bu’aan waliigaltee akkaataa waliigalteetti raawwachuu dhabuu keessaa tokko waliigalteen akka haqamu (cancellation) gaafachuu yoo ta’e illee; gaaffiin naaf yaa haqamu jedhu sababiin xixiqqaa akka hanqinaatti mudateef qofa waliigalteen diigama jechuu miti.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Waliigaltee diiguuf ulaagaan murteessaa waliigalticha bu’uuraan miidhuu danda’u jiraachuu akka qabu SHH kwt 1784 fi 1785 irraa kan hubatamu dha.
✍️✍️✍️✍️
(A contract shall not be cancelled except in cases of breach of a fundamental provision of the contract.)
1 384
Namni Tokko Ragaa Abbàa Alangaas Ta'ee Dhiyaatee Ragaa Himatamaas Ta'uu Ni Danda'aa? Haala Itti Jechi Miidhamaan Akka Ragaa Ittisaattis Kenne Fudhatama Dhabuu Jiraa?
=======//=======///=======///=====
Namni yakkaan himatame miidhamaa dhuunfaa ragaa ittisaa taasisee yoo dhiyeeffateefi miidhamaan kunis gochichi raawwatamuu dhabuu isaa ibsee jecha ragummaa isaa yoo kenne, jechi ragummaa miidhamaa kun dhiibbaadhaan amansiisamee ykn faayidaadhaan kan argame ta'uu abbàan alangaa yoo hubachiise malee himatamaan ofirraa hin ittisne jechuun kan hin danda'amne ta'uu ibsuudhaan murteesseera.
(Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Galmee Lakk.137545(Jildii 22ffaa)
በወንጀል የተከሰሰ ሰው የግል ተበዳይን በምስክርነት ያቀረበና የግል ተበዳይም ድርጊቱ ያለመፈፀሙን በመግለጽ የምስክርነት ቃል የሰጠ ከሆነ ዐ/ሕግ የግል ተበዳይ የምስክርነት ቃል በድለላ ወይም በጥቅም የተገኝ መሆኑን ለማረጋገጥ አስካልቻለ ድረስ ተከሳሽ ክስን አላስተባበለም ሊባል የማይገባ ስለመሆኑ፡-
የወ/መ/ሥ/ሥ/ሀግ/ ቁጥር 149(2)
(የሰ/መ/ቁ.137545 (ቅጽ22))
1 384
በወንጀል የተከሰሰ ሰው የግል ተበዳይን በመከላከያ ምስክርነት ያቀረበና የግል ተበዳይም ድርጊቱ ያለመፈፀሙን በመግለጽ የምስክርነት ቃል የሰጠ ከሆነ ዓቃቤ ሕግ የግል ተበዳይ የምስክርነት ቃል በድለላ ወይም በጥቅም የተገኘ መሆኑን ለማረጋገጥ እስካልቻለ ድረስ ተከሳሽ ክሱን አላስተባበለም ሊባል የማይገባ ስለመሆኑ
ሰ/መ/ቁ.137545 (ቅጽ 22)
