CHALA LAWYER🤞
رفتن به کانال در Telegram
Bio: “💫" Seeraa beekuu dhabuun itti gaafatamummaa jalaa nama hin baasu."🤞
نمایش بیشترکشور مشخص نشده استقانونی4 076
936
مشترکین
+124 ساعت
+37 روز
-130 روز
در حال بارگیری داده...
کانالهای مشابه
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
ابر برچسبها
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
سپتامبر '26
سپتامبر '26
+8
در 1 کانالها
اوت '26
+7
در 1 کانالها
Get PRO
ژوئیه '26
+13
در 2 کانالها
Get PRO
ژوئن '26
+9
در 0 کانالها
Get PRO
مه '26
+70
در 2 کانالها
Get PRO
آوریل '26
+7
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '26
+8
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '26
+5
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '26
+12
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '25
+20
در 1 کانالها
Get PRO
نوامبر '25
+79
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '25
+43
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '25
+944
در 2 کانالها
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 12 سپتامبر | +1 | |||
| 11 سپتامبر | +1 | |||
| 10 سپتامبر | +1 | |||
| 09 سپتامبر | +1 | |||
| 08 سپتامبر | +1 | |||
| 07 سپتامبر | 0 | |||
| 06 سپتامبر | +1 | |||
| 05 سپتامبر | 0 | |||
| 04 سپتامبر | 0 | |||
| 03 سپتامبر | 0 | |||
| 02 سپتامبر | +1 | |||
| 01 سپتامبر | +1 |
پستهای کانال
#በወንጀል_ሕጋችን፦ ስርቆት፣ ከባድ ስርቆት፣ ውንብድና፣ ዝርፊያ እና መሸሸግ ልዩነታቸው ምንድን ነው?
ብዙዎቻችን እነዚህን የንብረት ወንጀሎች በማደባለቅ እንጠቀማቸዋለን። ነገር ግን በኢትዮጵያ ወንጀል ሕግ መሠረት እያንዳንዳቸው የተለያየ የድርጊት ዓይነት፣ የቅጣት መጠን እና ሕጋዊ መለኪያ አላቸው።
ልዩነታቸውን በጥቅሉና በግልጽ እንደሚከተለው እንመልከት፦
1️⃣ ስርቆት (Simple Theft)
የሌላውን ሰው የሚንቀሳቀስ ንብረት ባለቤቱ ሳይያውቅ ወይም ሳይፈቅድ፣ ለራሱ ወይም ለሌላ ሰው ለማድረግ በማሰብ በደባ ወይም በስርቆት መውሰድ ነው።
ምንም ዓይነት ኃይል/ዛቻ (Violence) የሌለበት፣ በስውርና በደባ የሚፈጸም ነው።
2️⃣ ከባድ ስርቆት (Aggravated Theft)
ሕጋዊ ትርጉም፦ ስርቆቱ የተፈጸመበት ሁኔታ፣ ቦታ፣ ወይም መንገድ ወንጀሉን ከባድ የሚያደርገው ሲሆን ነው።
ዋና መለያዎች፦
# በሌሊት፣ በቡድን፣ ወይም መሣሪያ/መሳሪያ መሰል ነገሮችን በመያዝ ከተፈጸመ፤
# መቆለፊያ በመስበር፣ በር/መስኮት በመስበር ወይም የመግቢያ ቁልፍ አስመስሎ በመስራት ከተፈጸመ፤
# በእምነት ማጉደል ወይም በሥራ አጋጣሚ (ለምሳሌ፦ ዘበኛ፣ አጋዥ) ከተፈጸመ።
3️⃣ ዝርፊያ (Robbery)
የሌላውን ሰው ንብረት ለመውሰድ ሲባል ኃይልን (Force) መጠቀም ወይም በሕይወትና አካል ላይ አደጋ ለማድረስ ማስፈራራት/መዛተት ነው።
ከስርቆት የሚለየው ቀጥተኛ ኃይል፣ ጥቃት ወይም የዛቻ ድርጊት (Violence or Threat) የሚታከልበት በመሆኑ ነው።
4️⃣ ውንብድና (Brigandage / Banditry)
በቡድን በመደራጀት ወይም መሣሪያ በመታጠቅ መንገድ በመዝጋት፣ በሕዝብ ወይም በግል ንብረት ላይ ጥቃት በማድረስ የሚፈጸም እጅግ ከባድ የዝርፊያና የሽብር ድርጊት ነው።
በታጠቀ ቡድን የሚፈጸም፣ የህዝብን ሰላምና ጸጥታ በከፍተኛ ደረጃ የሚያናጋ እና ከግል ንብረት አልፎ የማኅበረሰብ ደህንነት ላይ አደጋ የሚደቅን ነው።
5️⃣ የስርቆት ዕቃ መሸሸግ (Receiving or Storing Stolen Property)
አንድ ንብረት በስርቆት፣ በዝርፊያ ወይም በወንጀል የተገኘ መሆኑን እያወቁ ወይም መጠራጠር ሲገባው ንብረቱን መግዛት፣ መረከብ፣ ማስቀመጥ ወይም መሸሸግ ነው።
ግለሰቡ በስርቆቱ ድርጊት ላይ ቀጥታ ባይሳተፍም፣ በወንጀል የተገኘውን ንብረት በስውር በመያዙ ወይም በመግዛቱ ተጠያቂ ይሆናል።
6️⃣ ከባድ መሸሸግ (Aggravated Storing/Concealment)
የሌላውን ሰው ወንጀል መሸሸግ ወይም የተሰረቀ ንብረት መረከብ በከባድ ሁኔታ ሲፈጸም ነው።
ዋና መለያዎች፦
#ድርጊቱን የተለመደ ሙያ ወይም ንግድ (Habitual Business) አድርጎ ሲይዘው፤
# በከባድ ወንጀል (ለምሳሌ፦ በዝርፊያ ወይም በውንብድና) የተገኘ ንብረት መሆኑን እያወቁ ሲሸሽጉ፤
# በስፋትና በከፍተኛ ደረጃ የተደራጀ የመሸሸግ ድርጊት ሲሆን።
“ህግን አለማወቅ ከተጠያቂነት አያድንም!”
የወንጀል ሕጋችን የንብረት መብትን ለማስከበርና የዜጎችን ደህንነት ለመጠበቅ ለእያንዳንዱ ድርጊት እንደ ከባድነቱ መጠን የተለያየ የሕግ ተጠያቂነትና የቅጣት እርከን አስቀምጧል።
| 2 | 15ቱ በይርጋ የማይታገዱ የፍትሐብሄር ጉዳዮች
1. እናት የምታቀርበዉ የመካድ ክስ፡-
አንዲት እናት የምታቀርበው የተመዘገበው የልጇ አባት አውነተኛ አባት አለመሆኑን በመግለፅ የምታቀርበው አቤቱሰታ በይርጋ እንደማይታገድ ሰበር በመዝገብ ቁጥር መቁ 167286 መጋቢት 27 ቀን 2011 ዓ.ም
2. የድምፅ ብክለት፡-
የባለቤትነት የህግ ጥበቃ አላማ ባለሀብት ንብረቱን በሚገለገልበት ጊዜ የጎረቤቱን ርስት ጥቅም የሚቀንስበት ወይም የሚጎዳበት ማናቸውም ከመጠን ያለፈ ነገር ከመስራት መከላከል ሲሆን በይዞታ ላይ የድምፅ ብክለት/ሁከት ሲፈጠር የይርጋ ጊዜን መሰረት በማድረግ ውሳኔ መስጠት ስህተት ነው ሲል ሰበር በቅፅ 11 በመዝገብ ቁጥር 42824 ላይ አስገዳጅ የህግ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
3. የአስተዳደር መመሪያ ክለሳ፡-
የአስተዳደር መመሪያን እንዲከለስ ለፍርድ ቤት የሚቀርብ አቤቱታ በማንኛውም ጊዜ እንደሚቀርብ አዋጅ ቁጥር 1183/2012 አንቀፅ 53(2) አስቀምጧል፡፡
4. የመፋለም መብት፡-
የማይንቀሳቀስ ንብረትን አስመልክቶ የሚቀርብ የመፋለም ክስ በይርጋ ቀሪ እንደማይሆን ሰበር በቅፅ 10 መ.ቁ 43600 ላይ አስገዳጅ ትጉም ሰጥቷል፡፡
5. የውርስ ክፍፍል ጥያቄ፡-
ወራሾች በህጉ በተቀመጠዉ ጊዜ ዉርሱን አጣርተው የክፍፍል ጥያቄ ለማቅረብ የይርጋ ገደብ የሌለው መሆኑን ሰበር በቅፅ 10 በመ.ቁ 38533 ላይ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
6. የአደራ ንብረት ለማስመለስ፡-
አንድን ንብረት በአደራ የሰጠ አካል በውሉ የመመለሻ ጊዜ ያልተቀመጠ እንደሆነ በማንኛውም ጊዜ መመለስ እንደሚችልና የይርጋ ገደብ እንደሌለው ሰበር በቅፅ 10 መ.ቁ 48048 ትርጉጥ ሰጥቷል፡፡
7. ቀጣይነት ያለዉ የዉል መጣስ፡-
የውል መጣስ በዚህ ቀን ተጀምሮ በዚህ ቀን ቆሟል ለማለት በማይቻሉ ውሎች የውሉን ባህሪ ታይቶ ይርጋ እንደሌለው ሰበር በቅፅ 6 መ.ቁ 28686 ትርጉም ሰጥቷል፡፡
8. ህገወጥ ዉል፡-
ውሉ ህግን የሚቃረን ከሆነ ውሉ ቀሪ እንዲሆን አቤቱታ በማንኛውም ጊዜ ሊቀርብ እንደሚችል ሰበር በቅፅ 12 መ.ቁ 43226 ላይ አስገዳጅ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
9. ንብረቱን በጋራ የሚጠቀሙ ወራሾች የዉርስ ጥያቄ፡-
የውርስ ሀብቱን ወራሾች በጋራ እየተጠቀሙ ከሆነ የውርስ ይጣራልኝ ጥያቄ ለማቅረብ የይርጋ ገደብ የሌለው መሆኑን ሰበር በመ.ቁ 216383 አስገዳጅ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
10. የወራሽነት የምስክር ወረቀት፡-
ወራሸ የሆነ ሰው የወራሽነት የምስክር ወረቀት እንዲሰጠው በማንኛውም ሰዓት ማቅረብ እንደሚችል ሰበር በመ.ቁ 236246 አስገዳጅ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
11. የዉርሱን ሀብት በጋራ አስመዝግቦ የሚገኝ ወራሽ የውርስ አቤቱታ ለማቅረብ ይርጋ እንደማያግደው ሰበር በመዝገብ ቁጥር 151868 አስገዳጅ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
12. ሟች ከሞተ በኋላ ወራሾች የሚያቀርቡት ክስ፡-
ሟች በህይወት እያለ ንብረቱን በያዘዉ ሰዉ ላይ ከሞተ በኋላ በወራሾች የሚቀርብ ክስ ይርጋ አያግደውም ሲል ሰበር በመዝገብ ቁጥር 213601 አስገዳጅ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
13. የወለድ አግድ ውል፡-
የወለድ አግድ ውልን መነሻ በማድረግ የማይንቀሳቀስ ንብረትን በመያዣ የሠጠ ሰዉ እዳዉን በማንኛዉም ጊዜ ከፍሎ ንብረቱን ማስመለስ እንደሚችል ሰበር በቅፅ 13 መ.ቁ 72463 ላይ አስገዳጅ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
14. የመንግስትን መሬት በህገወጥ መንገድ መያዝ፡-
በህግ ወጥ መንገድ የተያዙ መሬቶች መኖራቸውን ሲረዳ የሚመለከተው አካል በየትኛውም ጊዜ ክስ መስርቶ ማስመለስ ይችላል ሲል ሰበር በመዝገብ ቁጥር 93013 ላይ አስገዳጅ ትርጉም ሰጥቷል፡፡
15. ዳግም ዳኝነት፡-
ፍርድ ቤት የመጨረሻውን ፍርድ ፣ ውሳኔ ወይም ትእዛዝ የሰጠው በሀሰት ተዘጋጅቶ የቀረበን ሰነድ ፣ ሀሰተኛ የምስክርነት ቃልን ወይም መደለያን ወይም ወንጀል ጠቀስ በሆነ ተግባር መሰረት በማድረግ የተሰጠ ሲሆንና አቤት ባዩም ፍርድ ከመሰጠቱ በፊት አስፈላጊውን ትጋት አድርጎ ለማወቅ ያልቻለ መሆኑን ሲያስረዳና ይህንን ተግባር ቢገለፅ ኖሮ ፍርዱን የሚያስለውጥ መሆኑን ማስረዳት ሲቻል ውዳኔውን የሰጠው ፍርድ ቤት ጉዳዩ ድጋሚ የሚያየው ሲሆን ይህንንም የጊዜ ገደብ አልተቀመጠለትም። | 19 |
| 3 | 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐂𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐕𝐬 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡.𝐈𝐣.𝐌.𝐌.𝐖.𝐅.
=====================
𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐘 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐢𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐧𝐧𝐞,𝐡𝐚𝐚𝐭𝐚'𝐮 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐊𝐞𝐰 555 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐪𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮 𝐭𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮 𝐲𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞𝐫𝐚.
⭕𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮 𝐭𝐚'𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚
⭕𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮:-
✔𝐋𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐦𝐚𝐚𝐟
⭕𝐌𝐮𝐝𝐚𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐦𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢𝐝𝐮𝐮
✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐲𝐤𝐧 𝐬𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐦𝐚𝐚𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢
⭕𝐇𝐢𝐫'𝐢𝐬𝐮𝐮
✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨
✔𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨
✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐦𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚
⭕𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐭𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐥𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐞
✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨
✔𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨
✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐦𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚
⭕𝐁𝐢𝐟𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐛𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮
✔𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐬𝐮𝐤𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧
✔𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐢𝐟𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐥'𝐚𝐭𝐮𝐮𝐧
⭕𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧𝐢𝐲𝐲𝐮 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢
✔𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚
✔𝐃𝐡𝐮𝐤𝐤𝐮𝐛𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐪𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚𝐡𝐞 𝐢𝐟𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚.
𝐃𝐡𝐈𝐌𝐌𝐖𝐅 𝐋𝐚𝐤𝐤 𝐆 219862 𝐭𝐚'𝐞 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐋𝐚𝐤𝐤 𝐆 156521 𝐭𝐚'𝐞 𝐜𝐚𝐪𝐚𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧,𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐬𝐚𝐛𝐚𝐛𝐚 𝐫𝐞𝐞𝐛𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐞𝐞𝐟 𝐥𝐚𝐟𝐞𝐞𝐧 𝐜𝐚𝐛𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚'𝐞𝐞,𝐛𝐨𝐨𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐥𝐚𝐟𝐞𝐞𝐧 𝐬𝐮𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐞 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐞 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐬𝐚𝐥𝐩𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚.𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮𝐮𝐟 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐚𝐚 i𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚. | 34 |
| 4 | Darbiinsa Yeroo Raawwii Murtii; Murtiin Tokko Guyyaa Murtaa’ee Kaasee Yeroo Hangamii Keessatti Raawwiif Dhiyaachuu Qaba?
============================================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 384 fi Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa glm Lkk 35018 ta’erratti gaafa 18/02/2001 kennamuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfame
==============================
Namni beela bahuuf haalli addaa fi amalli addaa yoo jiraate malee miidhaan nyaachuu akka isa barbaachisu Saayinsiin fayyaa kan ibsu yoo ta’u irraa caalaa fi baratamaanis bilcheeffatanii nyaachutu gorfama. Otuu hinbilcheessin fayyaa namaafis ta’ee pyscho namaafis hintolu.
Haaluma kanaan midhaan bilcheeffachuu qofa otuu hintaane kan bilchaate yeroodhaan myaatamuu baannaan ammas summi’aayuu ykn faayidaan ta’uun isaa beekamaadha.
Namni haqni ykn mirgi ykn dantaan isaa jalaa tuqame iyyannoo ykn hamannaa isaa qaama abbaa seerummaa , yeroo hedduu Mana Murtiitti , qabutti dhiyeeffatee kabachiifachuu kan qabu yoo ta’u kanas daangaa yeroo seeraan ibsame ykn hiikkoo seeraan kennameen ibsame keessatti fayyadamuu yoo hafe mirgi isaa kan daangeffamu akka ta’e beekamaadha.
Akkasumas murteessifachuu qofa otuu hintaane waan murtaa’eef yeroodhaan hordofatee raawwachiifachuunis barbaachisaa akka ta’e duraanii hubachuun miidhaa irraa nama oolchaa.
Jecha biraatiin akkuma nyaanni bilchaate yeroodhaan nyaatamuu yoo baate faayidaan ala ta’uu danda’u murtiin tokkos yeroodhaan raawwiif yoo dhiyaachuu baate daangaa yeroon daangeffama. Kunis SDFHH kwt 384 jalatti galmeen raawwii murtii altokko baname sababa adda addaan giddutti yoo cufames hanga waggaa 10 giddutti deebi’ee socho’uu akka danda’u tumamee kan jiru yoo ta’u abbaan mirgi murtaa’eef yeroo waggaa 10 keessatti akka fedhe galmee raawwii sochoofachuun raawwachiifachuu akka danda’u kan agarsiisudha.
Haata’u malee guyyaa murtiin kenname ykn nyaatichi bilchaate irraa kaasee waggaa 10 keessatti murtiin raawwiif yoo dhiyaachuu baate darbiinsa yeroo waggaa 10n kan daangeffamu akka ta’u Dhaddachi Ijbta MMWF SDFHH kwt 384 caqasuun galmee Lkk 35018 ta’erratti hiikkoo dirqisiisaa gaafa 18/02/2001 kennuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfamee argama.
Kanaaf, namoonni mana murtiitti waa isiniif murtaa’e ykn fira ykn hiriyaa murtaa’eef qabdan yeroo barbaanne raawwachiifanna jettanii nyaata bilchaate ol hinkaahinaa dafaa raawwachiifadhaa, akka yeroodhaan raawwachiifatan hubachiisaa.
#jemal k keweti | 71 |
| 5 | Dhimma Maatii Keessatti Daantaa Daa’immaniif Dursa Kennuu fi Haala Dirqamni Qallabaa Itti Raawwatamu Ilaalchisee tumaalee Seeraa fi Murtii Dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa
==========================================
Heera Mootummaa kwt 36(2), Konveenshiinii Mirga Daa’immanii Idil-Adunyaa kwt 9(1-3), SMO kwt 105(4) fi 222(2) fi, Murtii Dh Ijbta glme Lkk, 23632 Jld 5ffaa, glme Lkk 45819 Jld 10ffaa fi glme Lkk 237498 kan hinmaxxanfamne
==================================
Falmiis ta’ee hariiroo kamuu daa’imman keessatti argaman ykn ilaalu kamiiyyuu keessatti mirgii fi eegumsi dantaa daa’immanii dursaa fi xiyyeeffannoo addaa argachuu akka qabuu fi murtiin kennamuus ta’ee tarkaanfiin fudhatamu kamuu dantaa daa’imaa haala daraan ol’aanaa ta’een (the best interest of the child) kan mirkanesse ta’uu akka qabu Konveenshiiniin Mirga Daa’immanii Idil Adunyaa bara 1989 bahe kwt, 3(1-3) jalatti ifaan tumamee jira.
Biyya Itiyoophiyaatis miseensa waliigaltee sanada kanaan ta’uu caalaayyuu Heera Mootummaa Federaalaa kwt, 36(2) jalatti kanuma tumuun mirkaneessitee jirti.
Kanuma bu’ura gochuun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimma maatii keessatti yeroo kamiiyyuu mirgii fi dantaan daa’immanii xiyyeeffannaa dursaa argachuu akka qabu heera Mootummaa kwt, 9 fi 36(1) akkasumas konveenshiinii mirga daa’immanii olitti caqafame kwt, 3 xiinxaluun galmee lkk, 23632 ta’erratti hiikkoo dirqisiisaa kennuun murtiin laate Jld 5ffaa keessatti maxxanfamee jira.
Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kwt 36(2) fi SMO kwt222(2) jalattis mirgii fi dantaan daa’imaa dursa argachuun mirkanaa’uu akka qabu tumamee haaluma walfakkaatuun kan tumame ta’uunis nihubatama.
Akkaataa raawwii kanfaltii qallaba daa’imaa ilaalchiseetis namni dirqama qallaba daa’ima kennuu itti murtii dirqama isaa ji’a ji’aan ykn yeroo murtaa’aa Mana Murtiin ajajametti kanfaluun akka raawwatu gochuun kan baratamee fi beekamaa ta’uun isaa ifa yoo ta’u kunis amala isaatiin qallabni otuu hinkuufamne bifaan ykn mallaqaan hanga yeroon ykn sababiin dirqama qallaba kennuu hafaa taasisu gahuutti yeroo yeroon kanfalamuun dantaa qallaba fudhataaf irra caalaa filatamaadha jedhamee waan amanamuufidha.
Haata’u malee qallaba kennaan yeroo jedhame eegee ji’a ji’aan kan hinkanfalle ykn gara fuulduraa ittifufee kanfaluuf galii kan hinqabne/eeyyamamaa hintaane yoo ta’e ykn haala biroo kamiinuu hinkanfalu jedhamee yoo amaname haalli raawwii dantaa daa’imaa caalatti mirkaneessuu danda’u kan biroo Manni Murtii murteessuuf dirqama akka qabu Dhaddachi Ijibbaataa yeroo adda addaatti hiikkoo kennaa turee jira.
Haaluma kanaan yeroo haalli olitti ibsame mudate ykn argame Manni Murtii qabeenya socho’aa ykn hinsochoone ammatti qallaba kennaan qabu dhoorkuun gurguruudhaan ykn gahee qooda qabeenyaa isa gahu irraa hanga qallaba daa’imichi waggaa 18 guutuutti barbaachisuu shakagamuun hangi walmadaalu qabamee ykn block accountn kaahamee ji’a ji’aan ajaja Mana Murtiin daa’imaaf akka oolu murteessuu akka qabu glme Lkk 45819 ta’e Jld 10ffaa keessatti maxxanfamee argamuu fi akkasumas glme Lkk 237498 ta’erratti gaafa 05/02/2016 (kan hinmaxxanfamne) irratti Dhaddachi Ijbt MMWF murtii kennee jira.
Akkasumas hiikkoon murtiilee kana keessatti kennames Dhaddacha Ijibbaataa mataa isaa dabalatee Manneen Murtii hunda irratti dirqisiisaa akka ta’es beekamaadha. | 887 |
| 6 | ⚖️Kanneen olitti ibsamee kana dabalatee hiikkoowwan shoorarkeessummaa wajjiin walqabatanii ibsaman photo barreeffama kanaan wajjiin walqabatee isiniif gadi dhiifame irraa ni argattu.
🙏Dhaamsi keenya haawaasni namoota nageenya lammilee booreessuuf yakkoota shoorarkeessummaa tarkaanfachiisuuf sochoo'an irratti qaama Mootummaa wajjiin hoojjechuun nageenya isaa akka mirkaneessuu.
❓Akkasumas qaamooleen sadarkaa adda addaa irra jiran bifa faallaa seeraa ta'een kaayyoo mataa isaanii tarkaanfachiisuuf jecha namoota qulqulluu yakkoota shoorarkeessummaa kanaa wajjiin hidhata hin qabne sababoota adda addaan ati shoorarkeessaadha jechuun lammilee qulqulluu irratti gocha fokkisaa raawwatan yakkoonni shoorarkeessummaa jechuun maal akka tahe labsii kana irraa hubachuun akka sirreessitan jenna.
| 51 |
| 7 | 💥Ati shoorarkeessaadha, ati shaneedha jechuun maqaa walitti moggaasuun baratamaa ta'aa dhufeera kana bira darbees yeroo mirgi uumamaa dhala namaa Heeraa MFDRI beekkamtii argatan itti sarbamu darbee darbee ni mullata kana irratti nutiis hawaasni yakki shoorarkeessummaa maal akka ta'e akka hubatuuf yakkoota shoorarkeessummaa wajjiin walqbatan beekuun irraa akka if qusatuu fi nageenya isaa akka eeggatu akkasumas daangaa mirga Heeraan lammiileef kenname gaafachuufi shoorarkeessummaa jidduu jiru akka baruuf gaafiiwwan gaditti ibsaman kana bu'uura godhachuun hubannoo seeraa akka armaan gadiitti isiniif qopheessinee jirra👇
❓Shoorarkeessummaan maali? Mirgi Heeraan beekkamtii argate kanneen akka sochii hojii dhaabuu, hiriira nagayaa bahuuf adeemsi raawwatamu akka yakka shoorarkeessummaatti ni ilaalamaa? Gocha shoorarkeessummaa raawwachuuf doorsisuu, karoorfachuufi qophaahuu, raawwachuuf shiruu, sobani doorsisuu, deeggaruu, kakaasuu, qabeenya qabuu, dhaabbata shoorarkeessaa hogganuu fi miseensa ta'un leenjii fudhachuun yakkoota raawwataman kanneen akkamiiti adabbiin hoo hangami kan jedhu waliin haa Ilaalluu?
⚖️Labsii Yakka Shororkeessummaa Ittisuu fi To’achuuf bahe lakkoofsa 1176/2012 keewwata 3 jalatti gocha shororkeessummaa yeroo ibsu👇
💫3. Gocha shoroorkeessummaa
1. Namni kamiyyuu kaayyoo siyaasaa, amantii ykn ilaalchaa adeemsifachuuf jedhee, ummata ykn kutaa hawaasaa murtaa’e tokko shororkeessuuf ykn mootummaa, mootummaa biyya alaa ykn dhaabbata idil-addunyaa dirqisiisuuf:
👉A. Qaama namaa irratti miidhaa cimaa kan geessise;
👉B. Jireenya namaa balaaf kan saaxile;
👉C. Nama kan hidhe ykn kan bute;
👉D. Qabeenya, qabeenya uumamaa ykn naannoo irratti miidhaa olaanaa kan geessise; ykn
👉E. Tajaajilli uummataa ykn hawaasummaa akka hin kennamne haala cimaan kan gufachiise yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa kudha saddeetii gahuun adabama.
✍️2. Kaayyoo keewwata kanaa keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame raawwachiisuuf, gochi raawwatame nama ajjeesuu ykn Hambaalee seenaa ykn aadaa ykn bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaa cimaa kan geessise yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudha shan hanga hidhaa umrii guutuutti ykn du’aan ni adabama.
💫4. Haala Addaa
Keewwata kana keewwata(3) keewwata xiqqaa (1) qubee (E) jiraatu illee, tajaajilli
uummataa kan gufate mirga seeraan beekamtii argate kan akka sochii hojii dhaabuu, hiriira nagaa, walga’ii/waltajjii ykn mirga kana fakkaataan hojiirra oolchuuf adeemsa raawwatame irraa sababa ka’e yoo ta’e, gocha shororkeessummaa ta’ee hin lakkaa’amu.
💫5. Gocha shororkeessummaa raawwachuuf doorsisuu
1. Gochi shororkeessummaa keewwata (3) jalatti ibsamee raawwachuuf namni doorsise/ dhaadate/ kamiyyuu hidhaa cimaa waggaa tokko hanga shanii gahuun
ni adabama.
2. Bu’uura Keewwata kana keewwata xiqqaa (1)’n doorsisni kan gaafachiisu namni doorsise gochaa nan godha ykn nan gochisiisa jedhe raawwachuuf haala jiru ykn carraa jiru ykn doorsisni raawwatame hawaasicha ykn kutaa hawaasaa murtaa’e sana irratti shororka uume ykn uumuu danda’u yaada keessa galchuun ta’a.
💫6. Gocha shororkeessummaa raawwachuuf karoorfachuu fi qophaa'uu
1. Namni kamiyyuu yakka shororkeessummaa labsii kana keewwata (3) irratti ibsame raawwachuuf gocha karoorfachuu kan raawwate yoo ta'e, hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa torbaa gahuun ni adabama.
2. Namni kamiyyuu gocha shororkeessummaa labsii kana keewwata (3) keessatti ibsame raawwachuuf gocha qophii kan raawwate yoo ta'e, hidhaa cimaa waggaa shan hanga waggaa kudha lamaa gahuun ni adabama.
💫7. Yakka shororkeessummaa raawwachuuf shiruu(saduu/xaxuu).
Namni kamiyyuu yakka shororkeessummaa labsii kana keewwata (3) keessatti ibsame raawwachuuf ykn akka raawwatamu gochuuf kan shire yoo ta'e, hidhaa cimaa waggaa han hanga waggaa kudha lamaa gahuun ni adabama. | 45 |
| 8 | #Seera_Beekuun_Mirga;Kabachiisuun Immoo Dirqama!🫵🏼
Kabaajamtootaa fi jaallatamtoota hordoftoota koom, akkaam jirtu?🙌🏼🤌🏼
Yeroo baay’ee "Seera mana murtii fi ogeeyyii seeraa qofa fayyada" jennee yaaduudhaan darbuuf yaalla. Garuu dhugaan jiru kanaa miti! Seerri #amala, jireenya, mirgaa fi dirqama keenya guyyaa guyyaa kan to’atu fi ittiin geggeeffamnu dha.
#Seera_Beekuun_Maaliif Barbaachisaa?
1. #Mirga Keessan Isin Dhandhamsiisa:
👉🏼Mirga keessan yoo hin beektan ta’e, namni biraa akka isin sarbu karaa banta. Seera beekuun mirga keessan kabachiisuuf meeshaa isa duraati.
2.#Hidhaa fi Baasii Hin Barbaachisne irra si oolchaa.
👉🏼Dogoggora seera beekuu dhabuutiin Yakka ati gootu Mirga socho'u kee sarbuun hidhaa ykn qarshii guddaa isin kaffalchiisa.
3.#Nagaa fi Tasgabbii Hawaasaa Uuma:
Hawaasni seera kabaju fi beeku kaayyoo tokkoon waliin jiraata; yakka irraa of qusata, mariidhaan dubbii fixa.
#Waan_ta’eef nuufis uummata keenyaafis hubannoo seeraa gahaa ta’e uumuun dirqama keenya ta’a. Kanaafuu, fuula kana irratti mata dureewwan seeraa kan jireenya keenya guyyaa guyyaa yeroo baay'ee nu qunnaman bu'uura seeraatiin maalummaa isaanii afaan uummata keenyaan barruulee fi viidiyoolee gaggabaabaadhaan isiniif dhiheessan jira. | 45 |
| 9 | Labsii Lakk.1178 afaan oromootti hiikame.pdf | 38 |
| 10 | 👉Maqaa daldala yokaan taapheellaan Maalii?
👉Maqaa daldalaa maxxanfachuu dhabuun Itti gaafatamummaa yakkaa ni hordofsiisaa?
👉Gatii Meeshaalee Daldala fi tajaajilootaa maxxanfachuu dhabuun hoo?
👉Yeroo adda addaatti daldaltoota maqaa daldalaa fi gatii hin maxxansine irratti gama yakkaan himanni irratti hundaahuun ni adabamu ta'uus adabbiin qoftiin kan barsiisu waan hin taanef mata duree kana fudhachuun akka itti aanu kanatti hubannoo Seeraa qopheessinera
👇
💥Maqaa daldalaa
👉Labsiin galmee fi hayyama daldalaa lakk 980/2008 kwt 5(1) irratti namni kamiyyuu galmee daldalaarratti osoo hin galmaa’iin hayyama hojii daldalaa argachuu akka hin dandeenye ibsa
👉Hayyama hojii daldalaa fudhatama qabu osoo hin qabaatiin ammoo hojii daldalaa hojjechuun
waan hin danda’amneef, galmee daldalaarratti osoo hin galmaa’iin daldaluun dhorkaa ta’a jechuu dha.
👉Akka naannoo Oromiyaatti qaamni aangoo galmeessuu qabu Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaati Qaamoleen kanneen galmee daldalaa yoo raawwatan maqaan galmaa’uuf dhiyaate faayidaa
daldaltoota biroo fi kabaja namaa kan hin miine ta’uunsaa mirkaneeffachuun maqichi gaazaxaatti akka bahu taasisa. Gaazaxaan maxxanfamee guyyaa kudha shan keessatti namni maqichi akka hin galmoofne mormu kan hin dhiyaanne yoo ta’e ykn sababa birootiif maqichi galmaa’uu kan hin qabne ta’uun kan hin murtoofne taanaan, qaamni galmeessu maqicha soneessuun abbaa maqaa sanaatiif waraqaa ragaa laata isaadha maqaa daldalaa jechuun kan fudhannu.
✍️Labsiin lakkoysa 813/2013 Labsii dorgommii daldalaa fi eegumsa shamtootaa keewwata 18 jalatti daldalaan kamiiyyuu maqaa daldala isaa bakka ifa ta’ee muldhatuutti maxxansuu qaba. Jechuun kan ibsu yo tahu daldalaan maqaa daldalaa iddoo ifa ta'etti hin maxxansineef immoo itti gaafatamummaa yakkaa akka hordofiisu labsuma kana Keewwata 43/6 jalatti ifaan tumamee jira
💥Gatii Meeshaalee Daldala tajaajilootaa maxxansuu dhabu.
⚖️Labsii kana Keewwata 15 jalatti
✍️1. Daldalaan kammiyyuu gatii meeshaalee daldalaa fi tajaajilootaa mana daldalaa keessatti iddoo ifatti muldhatuutti maxxansuu yookiin meeshaalee daldalaa irratti hapheesssuu qaba
✍️2. Gatiin meeshaa yookiin tajaajilaa kanfaltii taaksii fi kanfaltiiwwan seerummaa qaban biroo
haammachuu qaba.
👉Jechuun ifaa tumamee kan jiru yo tahu daldalaan gatii hin maxxanfatin immoo yakkaan akka nama gaafachiisu Labsii kana Keewwata 43/6 jalatti haala armaan gadii kanaan kan tumamee jiruudha.
⚖️Keewwata 43 Adabbiiwwan Yakkaa
👉6. Daldalaan kammiyyuu yookiin namni daldalaa hin taanee tumaalee keewwata kanaa keewwata xiqqaa 1)_(5)tti jiran yookiin labsii kana raawwachiisuuf danbii, qajeelfama yookiin beeksiisa uumataa bahuu bira darbuun gocha raawwateef adabbii maallaqaa qarshii 5000_50,000 gahuun fi hidhaa salphaan ni adabamaa jedha.
💥Xumura irratti daldalaan kamiiyyuu maqaa daldalaa isaa iddoo Ummataf ifa ta'etti akka maxxansuu fi gatii Meeshaalee Daldala fi tajaajilootaas iddoo ifa ta'etti maxxanfachuun adabbii yakkaa Jala kan nama baraaru tahuu hubattanii Daldala keessan karaa seera qabeessa taheen akka adeemsiftan jenna. | 81 |
| 11 | 𝐐𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐁𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐎𝐟𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐁𝐢𝐭𝐚𝐦𝐞 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚. =============//==============
👉Namni tokko mana naa ijaari ykn naaf biti jechuun nama biraatif qarshii erga ergee booda manichi maqaa nama ergameef saniin yoo bitame ykn waliigalteen yoo seennamee fi kaartaaniis maqaa isaatiin yoo jiraate namichi qarshicha erge sun manicha naaf gadhiisi jechuun gaafachuu danda’aa? furmaanni isaa maalii?
Qabeenya hin sochoone ilaalchisee falmiin yeroo ka’u gosa ragaa dhiyaachuu qabu ilaalchisee sirnaan madaaluun barbaachisaadha. Namnii maqaa isaatiin kaartaan jiraachuu fi maqaa isaatiin waliigalteen raawwatamuun isaa bu’uura SHH kwt 1195 tin tilmaama abbaa qabiyyummaa kan fudhachisuudha. Ragaaleen kanneen qarshii himatamaan ergeen bitame jechuudhaan qofa ragaa namaatiin fashaaleessuun hin danda’amu.
👉Akka qajeeltootti waliigalteen mirgaa fi dirqama kan uumu namoota waliigaltee raawwatan jidduutti qofadha. Namni tokko waliigaltee sana keessatti fayyadamaan waliigaltee nama dhuunfaa eenyu akka ta’e haala ifa ta’een hanga hin ibsineetti waliigalteen sun namoota waliigaltee seenaniin ala faayida qaama 3ffaatiif(nama qarshiicha ergeen) raawwatame jechuun hiikoo kennuun akka hin danda’amne SHH kwt 1733 irraa ni hubatama.
Kanaafuu mana falmii kaasee ilaalchisee namni waliigaltee raawwate sun faayidaa nama qarshii ergeef sanaaf ta’u isaa waliigalticha keessatti haala ifa ta’een kan hin ibsinee yoo ta’e waliigalteen kun faayida nama biraa kan qarshicha ergeef taasifame jechuun ragaa namaatiin mirkaneessuun hin danda’amu. Dabalataan waliigalteen taasifame maqaa nama qarshicha ergameefin ta’e akkasumas kaartaan manichaa maqaa namicha bitateen yoo ta’e namnii qarshiicha erge maniicha naaf haa gadhiisu jechuun gaafachuu hin danda’u.
👉Namni qarshiicha erge sun qarshii ergee sana seera biraatiin gaafachuu wanti isa dhoorku hin jiru. waliigalteedhaan ykn badhaadhina seeraan alaa ykn seera biraatiin gaafachuu ni danda’a.
👉MMWFDHI Lakk.Galmee 165930(26/6/2011 murtaa’e), 162719(30/5/2011 murtaa’e), 207885(26/5/2014 murtaa’e) | 72 |
| 12 | Ragaa jijjiirachuun sababiin deeggaramuu kan qabu ta’us qaama mirga falmachuu fi dhagahamuu waan ta’eef yoo seeraan ifatti tumame malee akka feeteen daangeffamuu hinqabu
==========================================
SDFHH kwt 224 fi 91; Dhaddachi Ijibbaataa MMWF glme Lkk 45984 ta’erratti gaafa 26/05/2002 murtii kenname
====================================
Murtii kana keessatti ragaa al tokko akkaataa SDFHH kwt 224n himannaa ykn deebii waliin walqabatee dhiyaate akkaataa SDFHH kwt 91n himannaan ykn deebiin yoo fooyya’e malee jijjiiruun hindanda’u seerri jedhu kan hinjirree fi ragaa qofa jijjiirachuuf iyyannoo dhiyaate akkaataa kwt 91 himannaa ykn deebiin fooyya’u malee hinjijjiirattu jedhamuun bu’ura seeraa kan hinqabne akka ta’e Dhaddachi Ijbta murtii kana keessatti ibsee jira.
Akkasumas ragaa jijjiirachuuf sababiin kan barbaachisu ta’uu fi akka fakkeenyaattis ragaan teessoo keessaa dhabamuun ykn jijjiirachuun, sababa dahuumsa irra jiraachuu fi kkf ragaa jijjiirachuuf sababa gahaa ta’uu akka danda’u murticha keessatti caqamee jira.
Kana malees himannaa ykn deebii sababa ragaa jijjiirachuun barbaadameef qofa fooyyessuu otuu honbarbaachisin iyyannoo kakuun deeggarame qofaan ragaan jijjiirachuu kan danda’amu akka ta’ee fi MM iyyannoo dhiyaate garee faallaa beeksisuun akka yaada kennu carraa kenneefii dhagahuun irraan kan hafe ragaa ibsa tarree ragaa SDFHHA kwt 224 dhiyaate irra hinjirre jijjiiruu hindandeessu jedhee akka feeteen mirga ragaa jijjiirachuu daangessuu akka hinqabnes Dhaddachi Ijbta hiikkoo ifa ta’e kennee jira. | 69 |
| 13 | Dambii Lakk. 257/2018 “Dambii Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa (MESOB) Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe.”
=========================
🔵 2. AANGOO FI HOJII WIIRTUU TAJAAJILA TOKKOFFAA (MESOB)
🟢 Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa aangoo fi hojiiwwan armaan gadii qaba:
1️⃣ Karoora hojii Wiirtichaa sadarkaa irraa jirutti qopheessuu, raawwachuu, gamaaggamuu fi gabaasa raawwii qaama itti waamamuf dhiyeessuu.
2️⃣ Tajaajilamtootaaf tajaajila kennamu ga’oomsuu fi akka misoomsu taasisuu; yamuu misoomu hojii irraa oolchuu.
3️⃣ Haala kenninsa tajaajilaa ilaalchisee dhaabbilee tajaajila mootummaa waliin mari’achuu fi yaada murtii qaama itti waamamuf dhiyeessuu.
4️⃣ Bu’uuraalee misoomaa teeknolojii waayitawaa ta’an adeemsa keessaatti cimsuun, karaa itti tajaajila kennamu fooyya’aa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuu.
5️⃣ Sirna dhaabbilee tajaajila kennan biro waliin qindoomuun itti hojjechuu fi waligaltee raawwachuu.
6️⃣ Kenniinsa Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa (MESOB) irratti osoo hin murtaa’iin kenninsa tajaajila tooraarraa yookiin socho’aa na miyeessuu; tajaajila ni kenna.
7️⃣ Manneen hojii mootummaa Federaalaa fi Naannichaa hunda waliin tajaajila Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa keessatti kennamu babal’isuuf qindoominaan hojjechuu; yeroo yeroon gamaaggamaaf marii ni gaggeessuu.
8️⃣ Dhaabbilee dhuunfaa, bu’uura waliigaltee manneen hojii mootummaa waliin raawwataniin tajaajila akka kennan, waligalame Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa keessatti akka diriirsan ni hojjechiisuu; rakkoolee mudatan akka furaman ni taasisaa.
9️⃣ Bu’aa qabeessummaa tajaajila teeknolojii qaama aangoo qabuun misoomsuu madaaksaa; hojii irra ni oolchaa; leenjii fi hujarsa yookiin workshop akka dagaagu ni taasisaa.
🔟 Itti quufinsa, lammiilee, hordoffii, deeggersaafi gamaaggama gaggeessuun tajaajiloota mootummaa fi damee dhuunfaa Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa’n ala kennaman gara Wiirtichaatti akka dhufan yaada murtii Biirichaaf ni dhiyeessaa; yammuu mirkanaa’u hojii irra ni oolcha.
1️⃣1️⃣ Galtee kenninsa tajaajilaa ta’an ni gurmeessaa; akka guutaman ni taasisaa.
1️⃣2️⃣ Bu’aalee tajaajilaa tola ooltummaa deeggaran yookiin namoota rogummaa qaban biro adda baasuun yookiin leenjisuun tajaajila ni kenna.
1️⃣3️⃣ Tumaalee seera rogummaa qabuun tumaame akkuma eegametti ta’ee, amala gaarifii qajeelummaa hojjettootaa, pirootokoolii iddo hojii fi hojii guyyaa sa’aa hojii fi sirna uffannaa Biirichaan diriire hojii irra ni oolcha; qajeelfama dhimma kana ilaalchisee Biirichaan bahu hojiirra ni oolcha; maanuwaliifis sadarkaa Biirichaan bahe hojii irra ni oolcha.
1️⃣4️⃣ Lammiileef haala addaan tajaajilli kennamuuf qabu kanneen maanguddoo, qaama miidhamtootaa, dubartootaa, ulfaa, raayyaa ittisaa fi biyyaa fi misoomsota poolisii tajaajila dursa akka argatan ni taasisa. | 79 |
| 14 | ✍#Mirga_Wabii_fi_Hamma_Wabii:
I.☔#Mirga_Wabii:-
✔Mirgi wabii mirga bu'uuraa dhala namaa seerota idil Addunyaa,heeraa fi seera Biyyattiitiin beekamtii kan argateedha.
♠️Karaan gaaffii mirga wabii shakkamaa eegamuu danda'u afuriidha.Isaanis:-
#1ffaa,xalayaa ajaja qabiinsaa irratti mirga wabii eeguun,mirga wabii shakkamaa eeguun ni danda'ama.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,53 fi 65;
#2ffaa,shakkamaan Waajjira/Qajeelcha Poolisiitti wabii waamee yookiin wabummaa mataa ofiitiin bahuu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28;
#3ffaa,Poolisiin shakkamaa Mana Murtiitti dhiheessuun,Manni Murtii yeroo beellamaa poolisiin gaafatu dhorkuun(eeyyamuu dhiisuun) mirga wabii shakkamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,59 fi 63;
#4ffaa,shakkamaan iyyata mirga wabii Mana Murtiitti dhiheeffachuun,Manni Murtii iyyata gaaffii mirga wabii dhiyaate Abbaa Alangaa yookiin qorataa poolisii deebii/yaada irratti kennisiisuun mirga wabii himatamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
✔Namni(shakkamaan) kamiyyuu too'annaa jala jiru tokko sa'aatii 48 keessatti Mana Murtii dhihoo jirutti mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuf mirga qaba.Manni Murtiis haqaaf jecha shakkamaa/nama too'annaa jala tursuun yoo barbaachise malee yookiin yakka ittiin shakkameef seerri mirga wabii kan dhoorku yoo jiraate malee mirga wabii eeguu qaba,Heera Mootummaa keewwata 19(3)(4)(6) fi seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29(1) fi 64.
✔Mirga wabiitiin gadhiifamuun qajeeltoo yoo ta'u,yeroo muraasaaf too'annoo jala turuun haala addaati yookiin hambifannoodha.Haalli addaa kun dhiphatee hiikamuu qaba.
✔Nama yakkaa raawwachuutiin shakkamee too'annaa jala oolfame tokkoof mirgi isaa yookaan ishee jalqaba karaa Waajjira/Qajeelcha Poolisiitiin eegamuu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28.
✔Bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28 tiin poolisiin wabiidhaan yoo gadi lakkisuu baate;Mana Murtiitti gaaffii mirga wabii barreeffamaan dhiheeffachuun ni danda'ama. | 86 |
| 15 | Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Seera Ragaa Haaraa
https://t.me/maftulawyer | 99 |
| 16 | ''Namni seeraa fi sirnaan yoo hin geggeeffamne, bineensa ta’a.”
“ሰው በሕግ እና ሥርዓት ካልተመራ አውሬ ነው የሚሆነው"" | 126 |
| 17 | ⚖️𝐐𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐮 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐟 𝐡𝐚𝐚𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮 𝐲𝐤𝐧 𝐦𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐠𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐭𝐚'𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐮 𝐲𝐤𝐧 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐫𝐨𝐠𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐮𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐞𝐞 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐚𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐚𝐣𝐚𝐣𝐚 𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐛𝐚𝐫𝐬𝐮 𝐝𝐡𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐠𝐠𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝐬𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 ,𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐇𝐇 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐠𝐚𝐝𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮 𝐛𝐮'𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚.𝐉𝐢𝐥𝐝 21𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐋/𝐆: 126017 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐚 2009 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐚.
⚖️𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐡𝐚𝐠𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢( 𝐟𝐢𝐫𝐝 𝐡𝐢𝐝𝐞𝐭?)𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐚𝐝𝐝𝐚 𝐜𝐢𝐭𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐠𝐚𝐝𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐮 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐭𝐮𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐜𝐚𝐛𝐬𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐝𝐢𝐢𝐧𝐚𝐠𝐝𝐞𝐞 𝐛𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐨𝐨𝐥𝐥𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚.
✒️𝐃𝐡𝐈𝐌𝐌𝐖𝐅,𝐋𝐆: 176890 𝐟𝐢 240930
Via👉Chala | 136 |
| 18 | Seera Ragaa: Jechi amantaa SDFY kwt, 35n kenname dirqama malee bilisaan kan kenname ta’uun akkamitti mirkanaa’a?==============================
Namni yakkaan shakkame tokko jechi adeems qorannoo yakkichaa keessatti mirgoota ijoo qabu keessaa tokko mirga ogeessa seeraa qunnamuu fi hangasitti mirga caldhisuu yoo ta’u dirqama tokko malee jaalatee fi itti amanee bilisummaa guutuun jecha isaa W/ra Poolisii dhimmicha qoratutti akkaataa SDFY kwt 27(2) kennuu akka danda’u tumaalee heeraa fi SDFY rogummaa qaban irraa nihubatama.
Akkasumas jecha amantaa W/ra Poolisiitti kenne sana Mana Murtiitti dhiyaatee akkaataa SDFY kwt, 35n yoo kenne booddee himannaa irratti dhiyaatuuf ragaa akka irratti ta’u ibsamee jira. Jechi amantaa SDFY kwt, 27(2) kenname ragaa biroon yoo deeggarame malee ofii isaatti yakka raawwatame jedhameef shakkamaa ykn himatamaa balleessaa gochuu akka hindandeenye saayinsiin seera ragaa waliigalaa kan akeeku ta’uu caalaayyuu Dh Ijib MMWF yeroo hedduu hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira. Gama biraan jechi amantaa akkaataa SDFY kwt, 35n kenname yeroo himannaan dhiyaatutti himatamaan dirqamee fedhii koo malee kan kennedha yoo jedhe fedhii isaatiin kan kenne ta’uun ykn kan hindirqisiifamne ta’uu fi dhiisuun akkamitti mirkanaa’a, qabxiin jedhu garuu hedduu falmisiisaa ta’ee mula’ta. Qabatama jiruunis ejjannoon adda addaa kan jiran yemmuu ta’u sana keessaa lama hedduu kan beekamudha.
Ogeeyyiin hedduun jecha mantaa akkaataa sdfy kwt, 35n Mana Murtii duratti kenname abbaan seeraa ulaagaalee seeraa guutuu isaa mirkaneessee, fedhii fi bilisa ta’ee shakkamaan kennuu isaa qulqulleefatee, dubbisee fi mallatteessisuun kan fuudhu waan ta’eef yeroo falmiin ka’etti jechichi bilisummaadhaan dirqama tokko malee kan kenname akka ta’etti tilamaamni kan fudhatamnu ta’uu fi garuu immoo himatamaan dirqamee kenne kan jedhu yoo ta’e dirqamee kennuu isaa ragaadhaan hubachisuu akka qabu falmu.
Gama biraan ogeeyyiin biroo immoo jalqabumaayyuu dirqamni balleessaa himatamaa mirkaneessuu jalqabaa kaasee hanga dhumaatti Abbaa Alangaa irra kan jiru ta’uu (legal burdon of proof) fi hanga Abbaan Alangaa dirqama isaa kan bahutti himatamaan akka nama qulqulluutti kan ilaalamu (presumption of innocence) ta’uun qajeeltoo seera ragaa fi heeraa waliigalaa ta’uu kaasu. Kana malees haalli qabiinsa shakkamaa yeroo qorannoon gaggeeffamutti poolisii harka waan ta’eef carraan dirqisiifamuu isaa jiraachuu fi kunis hanga Manna Murtiittis dirqiin akka amanu doorsifamuu akka danda’u qabatamaan bal’inaan kan jiru waan ta’eef jechichi himatamaan bilisaan kenne jedhamuun seerris ta’ee bu’urri qajeeltoo ragaa tilmaama fudhachiisu akka hinjirre falmu.
Akkasumas isuma akkaataa sdfy kwt, 132n eega himannaan irratti dhiyaate booda mana murtii duratti amanuuyyuu Manni Murtii barbaachisaa yoo ta’e ofeegannoon ilaalee akka hinamannetti fudhatee ragaa Alangaa Dhagahuu akka qabu tumamee kan jiru waliin yemmuu ilaalamus jecha 35n kenname bilisaan kennamuu isaa himatamaan yoo haale dirqamni mirkaneessuu kan Alangaati jedhu.
Muxannoon biyyoota birootis yemmuu ilaalamu kan biyyoota hedduu ejjannoo 2ffaa kana kan agarsiisu yoo ta’e akka fakkeenyeetti Afrikaa Kibbaa fudhachuun nidanda’ama. | 86 |
| 19 | #Namni_Tokko_Hojii_Daldala_Eegalee_Yeroo_Hangamii_Keessaatti_Hayyama_Daldalaa Baafachuu Qaba?
Bu'uura Labsii Galmeessaa fi Kenna Hayyamaa Lakk. 980/2008 kwt. 23tiin Namni Hojii Daldalaa irratti bobbahuuf yaada qabu Dursee Qaama hayyama Daldalaa Kennutti iyyachuu akka qabu tumee jira.
Itti Dabaluudhaan labsicha kwt. 22(1) jalatti Namni Tokkolleen osoo hayyama Daldalaa hin qabaatin hojii daldalaa irratti gonkuma hirmaachuu akka hin dandeenye kan tume yommuu tahu.
Namni kana darbee osoo hayyama Daldalaa hin qabaatin hojii daldalaa irratti bobbahe adabbii hidhaa wagaa 7 hanga 15 fi Adabbii Maallaqaa Qr. 150,000 hanga 300,000tiin kan adabsiisu tahuu Labsicha kwt. 49(2) jalatti ifaan tumee jira.
Walumaagalatti Namni tokko hojii daldalaatti osoo hin bobbahin dura hayyama hojii daldalaa baafachuu akka qabu tumaa seeraa kanarraa hubachuu dandeenya. | 80 |
| 20 | Yoo himanni sirratti dhihaate rifachuu irra tasgabbaa’uun maaliif barbaachisaadha?
👇
Ega kaa namoonni hedduun waamichi mana murtii ykn himanni yeroo isaan ga’u ni rifatu, ni yaadda’u. Haa ta’u malee, adeemsa seeraa keessatti rifachuun dogoggora guddaa akka raawwatamu nama saaxiluu danda’a.
“Himanni si ga’uu jechuun murtiin si irratti kenname jechuu miti; kun jalqaba adeemsa falmii ti.”
Kanaaf, yeroo himanni isin ga’u sababoota ijoo'' 5'' kanaaf tasgabbaa’uun barbaachisaa dha:
1. Mirga keessan kan seeraan isiniif kenname sirriitti fayyadamuuf
Mana murtii keessatti deebii ittisaa kennuuf, ragaa barreeffamaa qopheessuuf fi ragaa-baatota dhiyeessuuf yeroo seeraan murtaa’e jiraachuu danda’a. Yoo tasgabbaa’anii guyyaa fi yeroo hordoftan, yeroo seeraan murtaa’e osoo hin dabarin deebii keessan kennuu fi mirga keessan fayyadamuuf isin gargaara.
2. Himata isin irratti dhiyaate sirriitti madaaluuf
Sammuun tasgabbaa’aa yoo qabaattan, qabiyyee himataa, ragaa namaa fi ragaa sanadootaa, akkasumas ciminaafi hanqina ragaa sanaa sirriitti qorachuu dandeessu.
Akkasumas dhimichi dhimma hariiroo hawaasaa (civil) moo dhimma yakkaa (criminal) akka ta’e adda baasuun barbaachisaa dha.
3. Dogoggora miiraa irraa of eeguuf
Yeroo rifannaa ykn aarii keessa jirtan, nama isin himate waliin wal loluu, doorsisuu ykn falmii hin barbaachifne keessa seenuun rakkoo dabalataa fiduu danda’a.
Akkasumas, ragaa balleessuuf ykn dhoksuuf yaaluun ofii isaatii itti gaafatamummaa seeraa dabalataa fiduu danda’a. Kanaaf, of to’achuu fi tasgabbaa’uun filannoo gaarii dha.
4. Abukaatoo ykn ogeessa seeraa waliin marii bu’a qabeessa gochuuf
Dhimma keessan abukaatoo ykn gorsaa seeraatiif ifatti, bal’inaan fi dhugaa jiru osoo hin dhoksin ibsuun barbaachisaa dha.
Kunis ogeessi seeraa haala dhimmicha sirriitti hubatee tarsiimoo ittisaa mijataa ta’e akka qopheessu isa gargaara.
5. Araaraa fi mariidhaaf balbala banaa taasisuuf
Himanni hundi gara mana murtiitti deemee falmiidhaan xumuramuu qaba jechuu miti.
Keessumaa dhimma hariiroo hawaasaa keessatti, dhimmicha marii, waliigaltee, araaraa ykn karaa furmaata falmii alaa (Alternative Dispute Resolution—ADR) fayyadamuun furuuf carraan jiraachuu danda’a. Kanaaf tasgabbaa’uun filannoowwan jiran sirriitti ilaaluuf gargaara.
💡Gabaabumatti Seerri miira caalaa yaada sirrii, adeemsa seeraa fi ragaa irratti xiyyeeffata.Kanaaf, yeroo himanni isin ga’u:Hin rifatinaa, Himata sana sirriitti dubbisaa, Guyyaa fi yeroo mana murtii hubadhaa, Ragaa fi sanadoota barbaachisan qopheessaa, Ogeessa seeraa waliin mari’adhaa, Mirga keessan karaa seera qabeessa ta’een eeggadhaa.
Himanni isin ga’uu = murtiin isin irratti kenname jechuu miti. Himanni jalqaba adeemsa falmiiti waan ta'eef🙏 | 105 |
