BUBBEE MEDIA
رفتن به کانال در Telegram
Welcome to BUBBEE MEDIA Telegram. https://t.me/BUBBEEMEDIA Facebook. https://www.facebook.com/profile.php?id=100074170995645
نمایش بیشتر8 177
مشترکین
-124 ساعت
-227 روز
-6630 روز
آرشیو پست ها
8 177
+1
#Breaking_News
#Oduu _Ammee
Iraan humna qilleensaa fayyadamuun buufataawwan US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiraniifi naannoo Iraaq Kurdistaan keessa jiran barbadessaa jirti. Iraan Guyyaa har'aa ganama irraa eegaluun buufatawwaan waraanaa gurguddo Amerikaa baha giddu galeessaatti argaman jeettii fi humna qilleessa biroo itti gadi roobsaa jirti.
Lammiileen iraan kuma dhibbaan lakkawwaman dandittii bahanii du'a gaggeessaa isaanitiif gadda ibsachaa jiru.
Israa’el immoo Gama isheetin haleellaa walirraa hin cinnee Teehiraan iddoo garaagaratti rawwachaa jirti. Halellaa humni qilleensaa Israa’el rawwachaa jiruun qondaaltonni olaanoo Iran 30 ol du'uun himameera
Maddi. Miidiyaa mootummaa Israa’el fi Iraan
BUBBEE MEDIA ©️
Share @BUBBEEMEDIA
Share @BUBBEEMEDIA
8 177
Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, ajjeefamuu beeksise
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, haleellaa US fi Israa’el Teehiraan irratti gaggeessaniin ......
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.facebook.com/100074170995645/posts/922227096926315/?app=fbl
8 177
Qormaatni Madaallii Gahumsa Ogummaa Barsiisotaafi Hoggansa Manneen Barnootaa Guyyaan Beekameera
Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa naannichaa yeroo yeroon qormaata madaallii gahumsa ogummaa barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa mirkaneessu kennaa turuun ni beekama.
Bara kanas qormaata marsaa kanaa fudhachuuf fedhiin warri 'online'n galmaa'an:-
Barsiisotniifi hoggansi manneen barnootaa:-
(kutaa 1-6)
(kutaa 7-8) fi
(kutaa 9-12) walumaagalatti barsiisota 24,592f Akka Biyyaatti Guyyaafi Sa'aatii Walfakkaatu Keessatti Kan Kennamu Ta'uu Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Ergaa Dabarseera.
Guyyaa Qormaataa :- Bitootessa 28/2018,
Sa'aatiin Qormaataa :- Ganama Sa'aatii 3:00 - 5;00 tti kennama.
Haala Qormaataa :- 'Online' kompitaraan.
Iddoo Qormaataa:- Waajjirri Barnootaa Godinaalee, Magaalotaa, Kutaa Magaalotaafi Aanaaleetti kuta ICT keessatti kennama.
Barsiisummaan Handhuura ogummaa maraati.
BUBBEE MEDIA ©️
Share @BUBBEEMEDIA
Share @BUBBEEMEDIA
8 177
DHIMMA FILANNOO BARA KANAN WALQABATEE BEEKSISA MINISTEERRI BARNOOTAA BAASE IRRATTI GAAFFII BARATTOOTA MOORAA.
Ministeerri Barnootaa xalayaa dhaabbilee barnoota olaanotiif ergee tureen yaadni duraan barnoonni filannoo dursa akka xumuramu jedhu yaadamee ture Suni hafe barattoonni Filannoo(Caamsaa 24) booda barnoota kan itti fufan tahu dubbateera. Kuni immoo kan tahu barattoonni yeroo murtaa'af mooraa gadhiisanii filannoon erga xummuramee booda mooratti deebi'udhani.
Barattoonni deemanii filatanii deebi'uuf guyyoonni isaan barbaachisan qofti yaadamee akka isaaniif eeyyamamu fi filatanii akkuma deebi'aniin barnoota isaanii akka itti fufan Ministeerri Barnootaa fi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa waliin dubbachuun walii galtee irra gahaaniiru.
Kana waan ta'eefis guyyoota isaaniif eeyyamame keessatti deemanii filatanii deebi'uu akka danda'aaniif eeyyamni akka isaaniif kennamu tahu ibsaniiru
Barattoonni Filannoo filachuuf dirqama qabuu?
Akka Ministeerri Barnootaa ibsetti barattoonni yeroo isaanif kenname keessatti deemanii filannoo biyyaalessaa filatanii akka deebi'an jedhameera.
Barattoonni deemanii filannoo filatanii deebi'uuf yeroo hangamiitu kennama? Kaffaltii geejjibaa hoo eenyutu kanfala?
Barattoonni mooraa gadhiisanii filannoo erga filatanii gara mooratti deebi'anii barnoota isaanii itti fufu kan jedhu malee yeroo hangamiif akka turanii fi Mallaqa gejjibaa eenyutu kanfala kan jedhu Wanti ifatti dubbatame hin jiru.
✍Erga filannoon diimokiraasidha jedhamee barataan mooradhaa akka bahu gochuun maalif barbaachise?
✍Barataan Filachuu hin barbaadu jedhe hoo mooratti hafuu ni danda'aa moo dirqamaan gaggeeffama?
✍Barataan Fageenya 600KM-700KM fi isaa ol deemee maatii isaa biratti galu akkam taha?
✍Dhugumatti yaadni kuni hojiirra nii oolaa?
BUBBEE MEDIA ©️
SHARE @BUBBEEMEDIA
SHARE @BUBBEEMEDIA
8 177
#ODUU_AMMEE
Qormaanni Exit Exam fi Eebbi
Baratoota bara 2018 Filannoo booda jedhame.
Barattoonni filannoo biyyoolessaa erga filatanii booda barumsa isaanii akka itti fufan himameera
BUBBEE MEDIA
Share BUBBEE MEDIA
Share BUBBEE MEDIA
8 177
#WAAMICHA
Yuunivarsiitii Jimmaa
Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaa
Barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitii Jimmaatti leenji'uuf galmooftanii calallii marsaa darbitanii maqaan keessan baheef guyyaan galmee Gurraandhala 18 fi 19 bara 2018 Waajjira Reejistiraara Yuunivarsiitii Jimmaa (Mooraa Guddichatti) jedhameera
Yeroo galmeef deemtan ragaawwan barnootaa orijinaalaa fi kooppii lama lama, akkasumas suuraa gurdii qabattanii akka dhuftan jedhameera.
Warri maqaa keessan hanga ammaatti hin ilaallanne file armaan olii irraa ilaaladhaa!
BUBBEE MEDIA
Share BUBBEE MEDIA
Share BUBBEE MEDIA
8 177
#EXIT_EXAM
Sagantaa Qormaata Bahumsaa(Exit Exam) Walakkeessa Kan bara 2018
Exit Exam Schedule Mid-year of 2018
Qormaanni bahumsaa walakkeessa bara 2018 Gurraandhala 17 hanga 27 bara 2018 tti akka kennamu ibsamee ture. Gutummaa Sagantaa qormaata kan department garaagaraa document armaan olii irraa dubbisaa.
CARRAA GAARIII 🙏🙏🙏
BUBBEE MEDIA ©️
Share @BUBBEEMEDIA
Share @BUBBEEMEDIA
8 177
DINQISIISOO
Dubartiin Suuraa armaan olii irratti argitan kuni 'Jessica Cox' jedhamti. Lammii biyya Ameerikaati. Harka lamaanuu hin qabdu. Tattaaffi fi Ejjennoo cimaa qabachuu ishee irraa kan kahe nama jalqabaa addunyaa kana irratti miila qofa fayyadamuun xiyyaara oofe taatee galmee dinqisiisoo addunyaa irratti galmooftee jirti. Kana malees gosa ispoortii tekuwaandoodhaan qabattoo gurracha(black belt) kan qabduudha
Osoo harka lamaanuu hin qabaatin Xiyyaara oofun akkamitti danda'ama?
BUBBEE ©️
Share @BUBBEEMEDIA
Share @BUBBEEMEDIA
8 177
#EXIT_EXAM(qorumsa bahumsaa)
QORMAATANI #EXIT_EXAM ERGA KENNAMUU EEGALEE MIIDHAA MOO FAAYIDAA ARGAMSIISAA JIRA?
Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam irratti qorannoo gaggeeffamaa tureera
Bu'a qabeessummaan Qormaata Bahumsaa kuni dhaabbilee barnoota olaanoo irratti qorannoon taasifamaa ture yeroo dhiyootti ni ifooma jedhaniiru.
• Qormaatichi faayidaa maalii fide?
• Rakkoon inni fide hoo maali?
• Gara fuulduraatti hoo maaltu sirreeffamuu qaba?
Odeeffannoowwaan kanneen sassaabamuu isaanii ibsaniiru. Keessattuu barattoonni kufan ykn qabxii darbiinsaa hin fidne eessatti akka argaman, maal akka hojjetan, maal akka yaadan beekuu fi bu'a qabeessa akka ta'aaniifis maaltu akka hojjetamuu qabu kan jedhu irratti murtee irra gahuuf kaayyoo qorannoo kanaa akka ta'e ibsaniiru.
Bu'aa qorannichaa akkuma ifoomen kan isin biraan geenyu taha.
BUBBEE MEDIA ©️
Share @BUBBEEMEDIA
Share @BUBBEEMEDIA
8 177
#Qormaata_Biyyaalessaa_kutaa_12ffaa
Ministeerri Barnootaa “Qormaatni xummuraa kutaa 12ffaa kan bara kanaa guutummaa guutuutti online'dhaan kennama jedhe.”
Ministeerri barnootaa ibsa kenneen, qormaata bara 2018 kutaa 12ffaa bara kanaa guutummaan guutuutti online'n kennamuuf qophii duraa taasifamaa jiraachuu beeksise.
Ministeerri barnootaa Piroofeesar Biraahanuu Naggaa, “Qormaata xumuraa kutaa 12ffaa bara kanaa guutummaan guutuutti interneetii ykn online irratti ni kennama” jechuun dubbatan.
Waggoottan lamaan darban, qormaanni waraqaadhaa fi online'n kennameera; amma bara kana garuu qormaata xummuraa Kutaa 12ffaa guutummaa guutuutti online'n kennamuuf qophii dursaa taasifamaa jira jedhan.
Kanaaf, gargaarsi adda addaa naannoleef godhamaa jira; teeknoolojii gahaa, interneetii gahaa fi humna gahaa akka qormaata irratti argamuuf Itiyoo Telekoom waliin mari’achuudhaan hojjetamaa jiras jedhan.
rakkoo yeroo qormaataatti uumamuu malu hambisuuf, kompiitara gahaa, network gahaa fi tajaajila humna qabu akka qophaa’u irratti xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Barattootaafis leenjii gahaa akka kennamu ni taasifama.
BUBBEE MEDIA ©️
Share @BUBBEEMEDIA
Share @BUBBEEMEDIA
8 177
For Ethiopian Faculty of Business and Economics departments(Economics, Management, Accounting, PADM, Marketing,...)
✔Afaan Oromoo tutorial on the course "Ethiopian Business Law" from teaching material(module).
Tutor: Oliyaad Baraticha
Medium: Telegram private group
Fee: 150birr
Inbox: @OLIYADMEKURIA
BUBBEE MEDIA ©️
Share @BUBBEEMEDIA
Share @BUBBEEMEDIA
8 177
Ministeerri Barnootaa wixinee qajeelfama manneen barnootaa fagoo qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa waggaa lama walitti aansuun dhibbenta 25 ol fiduu yoo dadhaban hayyama isaanii akka deebisan kan gaafatu qopheessee jira.
Sababa kanaaf Ministeerri kun wixinee qajeelfama "Raawwii Sagantaa Barnoota Fagoo" irratti hawaasni barnootaa fi qooda fudhattoonni yaada akka kennan qopheessee jira.
Wixineen qajeelfama kanaa hojiirra oolmaa barnoota fagoo fi qaawwi raawwii barattootaa yeroon dabalaa akka dhufe agarsiisa.
Akka wixinee qajeelfama kanaatti wiirtuun barnoota fagoo hayyama argatee hojii eegale barattoonni isaa dhibbeentaa 50 ol qormaata biyyoolessaa kutaa 8ffaa waggaa lama walitti aansuun yoo hin darbine hayyama isaa deebisuun dirqama ta’a, kanaafis dhaabbati barnoota fagoo hayyamni isaa haqame irra deebi’ee hayyama kennuu hin danda’u.
BUBBEE MEDIA ©️
SHARE @BUBBEEMEDIA
SHARE @BUBBEEMEDIA
8 177
BAGA GEESSAN
Hordooftoonni Amantaa kiristaanaa Hundi keessanuu baga Ayyaana Cuuphaa kan bara 2018 Nagaan geessan.
Ayyaanichi kan:-
Jaalalaa
Gammachuu
Tokkummaafi
Milkaa'inaa hunda keenyaf yaa tahu.
"Kan Amane kan, cuuphames nii fayya. Kan hin amanne garuu itti murteeffama" mar 16:16
Ayyaana Gaariii ❤️
BUBBEE MEDIA ©️
Share @BUBBEEMEDIA
Share @BUBBEEMEDIA
اکنون در دسترس! پژوهش تلگرام ۲۰۲۵ — مهمترین بینشهای سال 
