Abbaa Aniis Channel
رفتن به کانال در Telegram
Seerota,labsii,dambii,qajeelfamootaa, maanuwalii fi Odeeffannoo garaagaraa chaanaalii irraa argattanudha. @abbaaanis
نمایش بیشتر1 885
مشترکین
-224 ساعت
-27 روز
-1230 روز
آرشیو پست ها
1 885
Repost from Tolaa Bariisoo Gadaa
#Oduu_Ammee!
Qabxiin Qormaata Seensa Manneen Barnootaa Bultii Addaa Beekame.
-----------
BBO - Qaammee 5/2018 Qabxiin Qormaata Seensa Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa Sad. 2ffaa Galchuu Dandeessisu Murtaa'eraa.
Haaluma kana bu'uureeffachuun Barattoota Qormaataa Seensaa 80%, Qabxiin Ministrii 15%fi Tiraansikriiptii 5% walitti 100% qabameen barattootni dhiiraa 78%fi ol, dubartiif 75%fi ol galmeessisan filamaniiru.
Kanaafuu, #Maqaafi_MB_Itti_Ramadamtan immoo, Chaanaalii Telegramii keenya keessa galtanii akka ilaallattan isin beeksifna.
#Hubachiisa: Hanga Manneen Barnootaa Waamicha Isiniif Taasisanitti Qophooftanii Akka Eegdan Haa ta'u.
1 885
Repost from Tolaa Bariisoo Gadaa
Ramaddii Barattoota MBBA Bara 2019.pdf
@OromiaeducationbureauCenter
1 885
sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
16)Dandeettiin raawwachiisummaa miseensa milishaafi Gaachana Sirnaa akka cimu qaama dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun leenjii adda addaa ni kenna; akka kennamu ni taasisa; bu’a qabeessummaa isaa ni hordofa;
17)Hawaasni Gandichaa seera, aadaafi duudhaa bu’uureeffachuun waldiddaa akka hiikkatuuf Manni Murtii Aadaa akka cimu ni hojjeta; ni qindeessa;
18) Manneen Murtii Aadaa fooyya’aa akka deeman hojii gargaaru kamiyyuu ni hojjeta;
Dambii Gurmaa’insa Gandoota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe lakk 250/2016 Keewwata 42
✍️ Waajjirri Nagaa fi Milishaa caasaa nagaa fi tasgabbii uumuuf diriiree yommuu ta'uu milishaan qaama nageenya naannoo ta'ee hojiin isaanii mirgaa fi walabummaa lammiiwwanii kabajuun, nama yakka raawwate seeraan qabee battalumatti qaama angoon ifatti kennamteef dabarsuu qaba malee qaama murtii murtessuuf ykn adabbiif nama hidhuu miti. Kana malees Seeraa alaa nama hiidhuun seeraa yakkan kan nama adabsiisu tahuu beektanii, Qaamni ol'aantummaa seeraa kabachiisuuf hoojjetu ofiifiis ol'aantummaa seeraa kabajuun dirqama tahuu hubatanii mirgootaa laammileen bu'uuran qaban kabachiisuu irratti haa hoojjetuun Dhaamsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadari👂
Maddi:- Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar
1 885
⛤ Karam Tamaam ⛤:
𝙈𝙞𝙡𝙞𝙨𝙝𝙖𝙖𝙨 𝙩𝙖'𝙚𝙚 𝘾𝙖𝙖𝙨𝙖𝙖𝙣 𝙂𝙖𝙣𝙙𝙖 𝘼𝙧𝙖𝙙𝙙𝙖𝙖 (𝙂𝙖𝙣𝙙𝙤𝙤𝙩𝙖) 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙣𝙖𝙢𝙖 𝙝𝙞𝙙𝙝𝙪𝙪 𝙣𝙞 𝙙𝙖𝙣𝙙𝙖’𝙪?
Heera mootummaa fi seerota dhimma kanaan wal qabatan waliin haa ilaaluu.
Akkaataa Heera Mootummaa Rippabliika Dimokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa (HMFDRI) keessatti ibsametti,
bilisummaan namootaa mirga bu'uuraa lammilee waan ta’eef seeraa ala sarbamuu hin qabu. namni kamiyyuu sababa seeraan ala ta'een bilisummaa isaa dhabuu hin qabu jechuun sababa seeraan alaatiin qabamuu ykn hidhamuu akka hin qabne Heera Federaalaa Dimokraatawaa Rippabliika Dimokraatawaa Itoophiyaa Keessaattis eegumsa addaa taasiseefii jira. Akkaataa Heera Mootummaa Rippabliika Dimokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa (HMFDRI keessatti ibsameetti, Heeri kana keessatti angoon qaamolee seeraa bastuu, seeraa hiiktuu fi seeraa raawwachiiftuu ifatti kan tumame jira. dabalatan akka Naannoo Oromiyaatii dhiheenya Bulchiinsi motummaa Naannoo Oromiyaa Dambii haaraa Dambii Lakk 250/2016 Dambii Gurmaa'insi caasaa Gandoota Naannoo Oromiyaa jechuun kaayyoo tajaajila mootummaa gara uummataatti gadi buusuufi qulqullina kenna tajaajilaa mirkaneessuuf kan diriirseedha. Caasaan Gurmaa’insa Gandoota kun uummanni baasii fi dhamaatii malee dhiyeenyaan tajaajila haqa qabeessa akka argatu, Hariiroo mootummaa fi uummataa cimisuuf kan kaayyeffatan. Caasaalee haaraa Dambii kanan hundeffamaan keessa tokkoo Waajjira Nagaa fi milishaatii.
Akkaataa Dambii Gurmaa’insa Caasaa Gandaa Lakk. 250/2016 Keewwata 42 jalatii angoo fi daangaan gahee hojii Waajjira Nagaa fi Milishaa akka armaan gadiitti tumame jira.
42.Aangoofi Hojii Waajjira Nagaafi Milishaa
Aangoofi hojiin seerota birootiin kennameef akkuma eegametti ta’ee, Waajjirri Nagaafi Milishaa Gandaa aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:
1) Nagaafi tasgabbiin Gandichaa akka eegamu ni hojjeta; ummanni akka hirmaatu ni taasisa; qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjeta;
2) Ka’umsa rakkoolee nageenyaafi walitti bu’iinsaa qorachuun adda ni baasa; akka furamu ni hojjeta; qaama dhimmi ilaalu ni beeksisa;
3) Hawaasa Gandichaa gidduutti walkabajuufi wal danda’uun akka jiraatu qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ni hojjeta;
4) Manni Maree nageenyaa Gandichaa akka cimu ni hojjeta; ni deeggara;
5) 5) Sochii meeshaalee waraanaa seeraan alaa ni to’ata; qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjeta;
6) Qubannaan seeraan alaa Gandicha keessatti akka hin gaggeeffamne ni to’ata; tarkaanfiin akka fudhatamu ni taasisa;
7) Hojiiwwan qaamolee haqaafi nageenyaatiin hojjetamu ni deeggara; namoota yakka raawwatanii Gandicha keessa socho’an adda baasuun qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; ragaa qabachuun ni hordofa;
8) Gandicha keessatti qabeenya waliinii madda rakkoo nageenya akka hin taane qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;
9) Qaamolee nageenyaafi ummataa qindeessuun bu’uuraalee misoomaa Gandichaa keessatti argamaniif eegumsa barbaachisaa ni taasisa;
10)Humnoota nageenyaa Gandichaa kanneen akka Milishaafi Gaachana Sirnaa ol’aantummaan ni hooggana; ni qindeessa; humnoota nageenyaa biroo waliin qindoominaan ni hojjeta;
11)Humna milishaa Gandichaa ni filachiisa; akka leenji’an ni taasisa; hidhannoo akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta; ni bobbaasa; ni bulcha;
12)Akkaataa ulaagaa baheetiin miseensa Gaachana Sirnaa ni filachiisa; akka leenji’an ni
taasisa; ni gurmeessa; akkaataa barbaachisummaa isaatti ni hidhachiisa; hojiitti ni bobbaasa; ni hordofa;
13)Akkaataa hojimaata diriireen miseensota milishaafi Gaachana Sirnaatiif uffanni seeraa akka guutamu ni hojjeta; ni qindeessa;
14)Tajaajila poolisii hawaasaa Gandichaa ol’aantummaan ni hooggana; hojiiwwan oppireeshinii qaamolee nageenyaa Gandichaan raawwataman ni qindeessa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;
15)Raawwii hojii Gaachana Sirnaa Gandichaa ni hordofa; ni deeggara; gabaasa raawwii hojii isaanii qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii
1 885
Share Foormii_Walii_galtee_Hojii_akkaataa_Labsii_Dhimmaa_Hojjetaa_fi_Hojjechiisaa.docx
1 885
A/Taayittaa W/Koonistiraakshinii irraa Godinaalee 21 fi Magaalaa 23f.
Join👉https://t.me/binimoslawyer
1 885
Waardiyyoonni Neetwoorkiiwwan Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom (taaworii,keebilii,faayibarii ,saatalaayitii fi kanneen biroo) eegan ,hojjetaa dhaabbataa dhaabbatichaa ta’anii yaa qacaraman murtiin jedhu faallaa heeraatii?=======================================================
MMF Yaa’ii isaa Idilee Bara Paarlaamaa 6ffaa,Bara Hojii Waggaa 5ffaa ,Yaa’ii Idilee 1ffaa 27/01/2018 ooleen galmee lakk.727/2015 ta’e irratti Iyyataa Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom fi Waamamaa Waldaa Hojjetoota Bulee Tolee Aggaaroo ilaalchisee yaada Murtii Koree Calaltuu Heeraa haquun ijoo armaan olii ilaalchisee Murtii kenneera.=========================================================================
Bu’uura Murtichaatiin firiin dubbii mirkanaa’e;Dhaabbanni Iyyataa , bu’uuraaleen neetwoorkiiwwanii(taaworii,saatalaayitii,optical fibers ,keebilii ,anteenaa kkf) Waardiyyoota leenjii milishaa fudhataniin akka eegamuuf barbaadee bu’uuruma kanaan hojjettoonni (miseensonni waamamaa) karaa Bulchiinsaaf Nageenyaa filatamnii hojii eegumsaa dhaabbata Iyyataaf hojii eegumsaa hojjechaa turuu,hojii hojjetaniif dhaabbanni iyyataa miindaa ji’aa fi faayidaalee biroo kafalaa turuu, haa ta’u malee dhaabbanni iyyataa miseensota waamamaa kan qacareefi bulchus Waajjiraalee Bulchiinsaafi Nageenyaati kan jedhuun waliigaltee hojii kan hin kennineef ta’uudha.============================================================================
Boordiin Hojjetaaf Hojjechiisaa Kibba Lixa Oromiyaa murtii kenneen, Waajjirri Bulchiinsaaf Nageenyaa bajata Mootummaatiin kan bulu malee ejensii hojjetaaf hojjechiisaa wal quunnamsiisu yookaan bobbaa hojii kan kennu waan hin taaneef , labsiin lakk.464/1997tiis aangoo miseensota waamamaa qacaree bulchuufi tarkaanfii fudhachuu waan hn kennineef , dhaabbanni Iyyataa mkiseensota waamamaatiif waliigaltee hojii barreeffaaa akka kennuuf jechuun kan murteesse yoo ta’u , Manneen Murtii Sadarkaan jiran Murtii kan cimsan yoo ta’u, Koreen Calaltuu heeraatiis hiikaa Heeraa hin barbaachisu jedhee Iyyata Dhaabbata Iyyataa kufaa taasisanii jiru.=============================================================================
Manni Marechaa Yaa’ii idilee isaa guyyaa armaan oliitti taa’een, barbaachisummaan labsii lakk.464/1997 fi bu’uuraalee Misoomaa erga ibsee booda, dhaabbatichi tajaajila eegumsa neetwoorkiiwwanii argachuuf jecha qaamolee bulchiinsaaf nageenyaa sadarkaan jiran waliin dubbachuun tajaajilli eegumsaa kennamaa kan ture malee, Bulchiinsaaf Nageenyi ejensii hojjettoota Dhaabbata Iyyataaf dhiyeessu waan hin taaneef waamamtoonni hojjettoota Dhaabbata Iyyataati jechuuf hin danda’amuu.Bulchiisaaf Nageenyi Aanaalee irra jiran , bu’uuraalee Misooma neetwoorkii Dhaabbata Iyyataa akka eegaaniif bu’uura dirqama labsii lakk.464/1997 tiin kennameen miseensota waamamaa kan Ramadan waan ta’eef milishoota kana kan ramadu , kan to’atu , yoo balleessan tarkaanfii kan fudhatu Bulchiinsaaf Nageenya malee Dhaabbata Iyyataa waan hin taaneef murtiin Waamamtooni hojjettoota dhaabbii Dhaabbata Iyyataa yaa ta’an jedhamee kenname tumaa Heera Mootummaa keewwata 79(3) Abbootiin Seeraan malee haalota birootiin hin geggeeffaman isa jedhu cabsee argamee jira jechuun murtii sadarkaan kenname bu’uura HM keewwata 9(1) tiin raawwatiinsa dhabsiisee jira.
1 885
#QAJEELFAMA_HAARAA
Qajeelfama Jijjiiraa Barsiisootaa fi Hooggansa Manneen Barnootaa Haaraa Fooyyaa'e Bahe Qajeelfama Lakkoofsa 12/2018
Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa BINIMOS
0911932736 / 0927795673
Join👉https://t.me/binimoslawyer
#SHARE
1 885
Qajeelfama 'Night Duty' Ogeessota Fayyaatiif bara 2018 baheedha.
t.me/HaaBarruu
facebook.com/HaaBarruu
1 885
Qajeelfama Jijjiirraa Barsiisotaa fi Hoggansa Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa Adoolessa Bara 2017 Hojiirra Ooleedha.
=•=•=•==•=•
#Join 👉 t.me/HaaBarruu
#Follow 👉 facebook.com/HaaBarruu
1 885
Qajelfama Qophii fi Hojii irra Olmaa Pilaanii Haaromee Nannoo Oromiyaa Murteessuuf bahe Lakk 27/2017 Biiroon Pirezdaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa baase.
