cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

SELF DEVELOPMENT

#Waan dhala namaa fayyaduu fi kan yoomuu itti yaadatamtu dalagi! ✓Barruuwwan barsiisoo ✓Ergawwaan hayyootaa(qoutes) ✓Dubbiiwwaan kaka'uumsaa ✓Gorsa(advice) ✓Carraa hojii biizinesii(Business opportunity)tiif JOIN👈godhaa! 💌@Abdifayera_2023

نمایش بیشتر
فنلندة3 318زبان مشخص نشده استآموزش94 946
پست‌های تبلیغاتی
489
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
+2830 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi. 🤜🤛👇🤜🤛
نمایش همه...
Soorata sammuu
Leenjii walitti fufaa
Soorata fooniif
JOIN
CHANNALII WAA'EE FAYYAA NI ARGATTU, NAMNI TOKKO MALLATTOO DHUKKUBA ISAA IBSACHUUN MAALUMMAA ISAA BARUU NI DANDA'A. KANAAF NAMOONNI FAYYAA ISAANIIF HAA DUBBISAN. 👇👇👇👇👇
نمایش همه...
Fayyaa sammuu
Maalummaa dhibee sammuu
Mallattoolee dhibee sammuu
Yaala dhibee sammuu
Rakkoolee saalquunnamtii
Waa'ee Gaa'elaa
👆👆🖕🖕Join us
#JECHOOTA_JIREENYA_ KEENYAA JIJJIIRRU DANDAA'AN_10 KAN LEGENDARY DALE CARNEGIE:- 👉YOO HOJJIIRA OOLCHINE!!!! 1. "Milkaa'inni waan barbaadde argachuudha. Gammachuun waan argattu barbaaduudha." - Dale Carnegie 2. "Namoonni waan hojjetan keessatti yoo bashannanan malee yeroo muraasaaf milkaa'u."- Dale Carnegie 3. "Falmii tokko irraa karaan hundarra gaarii ta'e argachuuf gargaaru irraa fagaachuu qofa." - Dale Carnegie 4. "Lafa irratti karaan namoota biroo irratti dhiibbaa uumuu danda'u waa'ee waan barbaadan haasa'uu fi akkamitti akka argatan agarsiisuu qofa." - Deel Kaarneegii. - Dale Carnegie 5."Sodaan waan kamiyyuu hin jiru jechuun ni danda'ama yoo akkas gochuuf yaada kee qofa murteessite ta'e jechuun ni danda'ama. Sababni isaas yaadadhu, sodaan sammuu keessatti malee eessayyuu hin jiru." - Dale Carnegie 6. "Namoonni biroo siif fedhii akka qabaatan gochuuf yaaluun waggaa lama keessatti namoota biroof fedhii qabaachuudhaan ji'a lama keessatti hiriyyoota baay'ee horachuu dandeessa." - Dale Carnegie 7."Addunyaa kanarra namni hundi gammachuu barbaada-karaan itti argattu tokkotu jira. Innis yaada kee to'achuudha. Gammachuun haala alaa irratti hin hundaa'u. Haala keessaa irratti hundaa'a." - Dale Carnegie 8. "Daffiin keenya yeroo baayyee hojii irraa osoo hin taane, yaaddoo, mufannaa fi aariidhaan kan dhufudha." Dale Carnegie 9. "Yoo dandeesse namoota biroo caalaa ogeessa ta'i; garuu akkas itti hin himin." - Dale Carnegie 10. "Waa'ee ofii keeti nama tokko qofa waliin haasa'i sa'aatii dheeraaf ni dhaggeeffata." - Dale Carnegie https://t.me/Selfdevelopment_A
نمایش همه...
SELF DEVELOPMENT

#Waan dhala namaa fayyaduu fi kan yoomuu itti yaadatamtu dalagi! ✓Barruuwwan barsiisoo ✓Ergawwaan hayyootaa(qoutes) ✓Dubbiiwwaan kaka'uumsaa ✓Gorsa(advice) ✓Carraa hojii biizinesii(Business opportunity)tiif JOIN👈godhaa! 💌@Abdifayera_2023

❤‍🔥 1
Repost from N/a
#JECHOOTA_ROY_T_BENNETT ANI BAAY'EE JAALADHUUF YEROO HUNDAA IRRAA DEDDEEBI'EE DIBBIISU #10 #SIIF 1.Ofitti amani. Waan yaaddu caalaa ija jabeessa, waan beektu caalaa dandeettii qabda, waan yaadde caalaa dandeettii qabda." -Roy T. Bennett 2. Sodaa sammuu kee keessa jiruuni hin dhiibamin. Abjuu garaa kee keessa jiruun geggeeffami male." -Roy T. Bennett 3.Wanta to'achuu hin dandeenyeef yaadda'uu mannaa humna kee gara waan uumuu dandeessutti jijjiiri." -Roy T. Bennett 4. "Jireenyi qormaata karaa irratti mul'atu fudhachuu, gara fuulduraatti tarkaanfachuu filachuu fi imala sana mi'eeffachuudha." -Roy T. Bennett 5. "Jijjiiramuu fi guddachuu kan jalqabdu erga naannoo mijataa keetiin ala tarkaanfattee booda qofa." - Roy T. Bennett 6. "Amala namoota biroo to'achuu hin dandeessu, garuu yeroo hunda akkaataa itti deebii itti kennitu filachuu dandeessa." -Roy T. Bennett 7. "Yeroo kee aarii, gaabbii, yaaddoo fi jibbaan hin gubin. Jireenyi gammachuu dhabuudhaaf baay'ee gabaabaa dha." -Roy T. Bennett 8. "Yaadannoowwan kee kan darbe dandeettii egeree keetii hin daangessin. Imala jireenyaa kee irratti waan galmaan gahuu dandeessuuf daangaa hin qabu, sammuu kee keessatti malee.-Roy T. Bennett 9. "Wanti darbe bakka wabii ykn barruumsaati malee bakka jireenyaa miti; ammas*2 kan darbe bakka barumsaati malee bakka jireenyaa miti." -Roy T. Bennett 10. Wanta haaraadhaaf bakka kennuudhaaf jecha waan durii kana booda si hin tajaajille gadhiisi." -Roy T. Bennett Bonus 1"Kophaa kee yoo dhaabbattellee waan itti amantu dhaabbachuuf ija jabaadhu." -Roy T. Bennett Bonus 2ffaa #Ilaalchi filannoodha. Gammachuun filannoodha. Abdiin filannoodha. Gaarummaan filannoodha. Kennuun filannoodha. Kabajni filannoodha. Filannoon ati gootu kamiyyuu si taasisa. Ogummaadhaan filadhu." -Roy T. Bennett #Ifa_itti_fufaahttps://t.me/mindgrowithhomeb
نمایش همه...
MIND GROWTH HOME (BNG+)

Cultivate your curiosity and expand your horizons with our Telegram channel! Join us for daily doses of inspiration.

JECHOOTA_NAMOOTA BEBEEKAMO_5_fi_bonus_2_SIIF 1. Dadhabbiin keenya inni guddaan harka kennachuudha. Karaan milkaa'inaaf mirkanaa'aan yeroo hunda yeroo ol dabalataan yaaluudha." Thomas A. Edison 2. "Waan bittiinaa'aa irraa barbaadi. Wal dhabdee irraa, waliif galiissaa barbaadi. Rakkoo gidduutti Carraan jira." Albert Einstein 3. "Guyyaa haaraa wajjin humni haaraa fi yaadni haaraan dhufa."Eleanor Roosevelt 4. "Abdii qabaachuun amantii gara galma ga'iinsaatti geessudha. Abdii fi ofitti amanamummaa malee wanti hojjetamuu hin danda'u. Helen Keller 5. "Ija kee urjii irratti, miila kee immoo lafa irra kaa'i." Theodore Roosevelt 👉. "Kaayyoo kee galmaan ga'uudhaan wanti argattu akka kaayyoo kee galmaan ga'uudhaan waan taatu barbaachisaa miti." Henry David Thoreau 👉. "Furtuun namoota si ol kaasan, kanneen argamuun isaanii waan hunda caalu si waamu qofa waliin ta'uudha." Epictetus Join 👇👇👇 https://t.me/mindgrowithhomeb
نمایش همه...
MIND GROWTH HOME (BNG+)

Cultivate your curiosity and expand your horizons with our Telegram channel! Join us for daily doses of inspiration.

👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
👍 2❤‍🔥 1
01:29
Video unavailableShow in Telegram
8.20 MB
Jechoota hayyoota addunya 1) Balaa namatti dhufe injifachuuf tarkaanfiin jalqabaa waanta raawwate galataan fudhachuudha.Rakkoo si mudate akkuma jirutti fudhachuuf eeyyamamaa ta’i.(William James) 2) Jireenyi Kenya waanta yaadni keenya uumudha.(Mark Awurias) 3) Sammuu Keenya keesaatti Jannataa fi Gaanamiin uumuu ni dandeenya.(Milten) 4) Amma rakkinni si rakkisutti ati hin rakkatiin.(Jecha Ameerikaanotaa) 5) Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu waanta lamatu jira.Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu yoo ta’u,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu beektota qofa. Madda:Kitaaba saayikooloojii(ICCITII MILKAA’INAA) kan Norman V.Pill barreesse. Qannoo Addisuu Afaan Oromootti hiikee Hinseenee Makuriyaa akka gulaaletti.Fuula 224-229 tti kan jirurraa. Namoonni kitaabicha hundasaa dubbiftan carroomtaniittu.Aadaa kitaaba dubbisuu haa dagaagfannu. 6) Namni waan qabutti hin gammanne osoo maaluu argatee hin gammadu.(Hoomer, Abbaa walaloo Giriik) 7) Waa fudhachuu irra waa kennuuti caalaa nama gammachiisa.(Kitaabicha keessaa) 8) Namni guddaan(real man) eenyumaanuu of hin madaalu.(kitaabicha keessaa) 9) Namoonni baayyeen sababii kophaa ta’aniif mukaa’u;Ani garuu nama Mukaa’aa waliin jiraachuutu na mukeessa(Ifargan Gudeta,Alex) 10) Yoo nama jabaa ta’uu barbaadde jireenya kophaatti gammaduu bari.(Alex) 11) Namoonni bayyeen addeessa kan koraniif namoota jalaa isaan utuban waan qabaniifi. @Selfdevelopment_A @Selfdevelopment_A
نمایش همه...
👍 1
ABDII KUTACHUU FI ABDII QABAACHUU !! ━━━━━━━━━━━━━━ ❏ Wantoota guddaa sodaachisoo ta'an keessaa tokko abdii kutachuudha. Utuu jiranii abdii kutachuun farra dhala namaati. Namni utuma lubbuun jiruu, utuu soorata nyaatee jiraatuu abdii kutata taanaan mataa isaattis, maatii isaattis, biyya isaattis, addunyaa irra jiraatuttis ba'aa sodaachiisaa ta'a. Kanaaf abdii kutuurra mormaa cituu wayya. Sababni isaa jiraa abdii dhaberra isa du'e wayya waan taheefi. Ariifattee na jalaatii hin aariin ragaan waan deeggaramen dubbadhaa jiraati. Inni du'e seenaa isaa, karoora isaa, waanuma isa ilaalu hundumaa fudhatee gara lafa jalaatti waan darbeef bu'aas miidhaas hin fidu. ❏ Jiraan abdii dhabe garuu bu'aa yoo dhabes miidhaa qabaafan, "jiraa abdii dhabe irra du'aa wayya" jedhe. Namni Nyaata Addunyaa Kanaa nyaatee, dhugaatii ishee dhugee, biyyoo addunyattii irra miilla isaatiin adeemee, oksiijinii tolaatiin jiraatee faayidaa guutuu argachaa  ofiisaatif faayidaa dhaba. Kanaaf addunyaan kun karaa nama kanaa kisaaraa olaanaa keessa jirti jechuudha. Adaraa kee obbolee koo hamma hafuura baafattutti abdii hin kutatin! Tolee? Waliif galleerra mitii? ❏ Goototni yeroo baay'ee karoora isaanii jijjiruu irra lubbuu isaanii kennu. Kana jechuun lubbuu isaanii caalaatti karoora isaanii jaallatu jechuudha. Karoorri kee qabeenya keeti, kanaaf karoora keef jiraachuutti abdii hin kutin. Wantoota abdii nama kutachiisan keessaa tokko KUFAATII dha. Yoo itti fayyadamteef kallattiin milkaa'inaas kufaatiidha. Sababni isaa namni kamiyyuu kufaatii irraa barachuu waan danda'uuf kufaatiin barsiisaa namaa isa hangafa. Fakkeenya Namoota Kufanii Milkaa'anii Keessaa: ❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha. ❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha. ❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe. Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne. ❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha. Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i! Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa karaa dhaabachuuf dhiisuun suma harka jira. Haala yeroon jijjiirutti hirkatta taanan utuu ija hin godhatin hafta, seenaa kees biddeen ati nyaattee balleessiteef boolla awwaalaa isa si abaaraa hafu qofatu yaadata. ❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!! Haalli har'aa hin amanamu: ➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta. ➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta. ➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam! ➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta! ➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta! ➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta! ➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta! ➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata. Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira. Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama. Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti. Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!
نمایش همه...
👍 2