cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Qabsuura Qulqullootaa

Asirratti seenaa qulqulloota manni amantaa keenya Ortodoksii Tewaahidoo guyyaa guyyaan yaadattutu dhiyaata. Madda : Kitaaba #Sinkisaaraa; barreeffamoota Dn Yordaanoos fi Peejii 'kegedilat andebet'

نمایش بیشتر
فنلندة2 274زبان مشخص نشده استدین و مذهبی47 037
پست‌های تبلیغاتی
1 727
مشترکین
+424 ساعت
+367 روز
+11030 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiin nuti ni fayyone'' {Isa. 53:5}
نمایش همه...
@Qabsuuraqulqullootaa @Qabsuuraqulqullootaa Torbee himaamaatii keessa ayyaanni kabajamu waan hin jirreef qabsuura qulqullootaa hin dhiyeessu. Yoo fedhaa fi heyyama Waaqayyoo ta'ee fi ittiin nu gahe Tinsaa'ee booda walitti deebina ...✍ @Qabsuuraqulqullootaa
نمایش همه...
26
🌺 #Himaamaatii Egaa har'a waaree boodaa sa'aatii 6 eegalee torbeen Himaamaatii seenee jira. Torbeen kun gidiraa ayihuudonni wallaalummaa isaanii irraan kan ka'e Gooftaa fi Fayyisaa keenya #Iyyasuus_Kristoos irraan gahan kan itti yaadannuudha.  Gooftaan keenya Iyyasuus Kristoos nuuf jecha samii irraa gadi bu'ee badii tokko osoo hin qabaatin aayihudotaan gidiraa heddu argee, foon isaa hamma ciccitutti garafamee, dhiiga isaa lolaasee fannoo irratti nuuf fannifamuu isaa gaafa yaadannu ni gaddina, ni boonya! Garuu seexanaan bitamuu jalaa nu baasee Gannatii nuuf banuu isaa gaafa yaadannu ni immoo gammanna. Egaa torbee kana guyyaa Qidaamees dabalatee isa durii caalaa soomaa fi sagadaan oolama. Kadhannaan #Qiddaasee guyyaa kamisaa qofa gaggeeffama. Mana Kristaanaa keessatti torbee kana kitaabota waa'ee dhukkubbii Gooftaa keenyaa dubbatan kan akka Raajicha #Isaayyaas, Faaruu Daawiit, Raajicha Eermiyaas fa'atu dubbifama. #Fannoo dhungachuunis torbee kanaaf ni hafa. Namni yoo du'e kadhannaan 'fitaatii' hin godhamuuf. Harka wal fuudhanii nagaa wal gaafachuun dhoorkaadha. 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 “
Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiin nuti
ni fayyine.” 😭{Isa. 53:5} 🌷@Qabsuuraqulqullootaa
نمایش همه...
😭 11👍 9
✞ ምስጋናዬን ለአምላኬ አቀርባለሁ ምስጋናዬን ለአምላኬ አቀርባለሁ በማደሪያው ገብቼ እሰግድለታለሁ ኤልሻዳይ ነው ጌታ ሁሉን ቻይ ይፈጸማል አምናለሁ የልቤ ጉዳይ (፪) ዘንባባዬን ይዤ እንደ ህጻናቱ ሆሳእና ልበለው ሰግጄ በፊቱ ምንም ባዶ ብሆን እውቀት ቢጎድለኝ ለስሙ ልዘምር ከልካይም የለኝ (፪) አዝ___ ምላኬ በፊትህ ቃል አለብኝ እኔ ቋንቋዬ መዝሙር ነው ያንተ እንደመሆኔ በአሚናዳብ ደጃፍ በቅድመ ታቦቱ ያ የክብርህ ኡደት ጠራኝ ማህሌቱ (፪) አዝ___ የህይወት ትርጉሜ አንተ ህ ደስታዬ ስህን ማገልገል ክብሬ ነው ስራዬ ለታመነው ጌታ ምስክር የሆኑ ከብረው ተመለሱ ለበረከት ሆኑ (፪) አዝ___ መነሻዬ አንተ ነህ ጉልበቴና ክብሬ መድረሻዬም አንተ መደምደሚያ ቅጥሬ በጽዮን ተራራ ስትገለ ያኔ ነጩን ልብስ አልብሰህ አስነሳኝ ለቅኔ (፪)              
نمایش همه...
ምስጋናዬን.m4a5.49 MB
10👍 2😭 2
🌺 Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen! Sinkisaara Ebla ⓱ 🌿Baga sanbata 8ffaa sooma guddichaa Hosaa'inaadhaan isin gahe! Hosaa'inaa jechuun "maaloo amma fayyisi " jechuudha. Guyyaa kana qulqulloonni Kiruubeelii fi Suraafeeliin sodaadhaan guuttamanii zufaanii isaa kan baatan Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kristoos gadi of qabee dugda harreetirra taa'ee gara Iyyaruusaaleem seeneera. Ummannis zanbaabaa (meexxii) qabatanii faarfachaa simataniiru. Ijoolleen da'imman afaan aannanii kan cubbuu hin qabnes gammachuudhaan farfataniiru. Ayyaanni Hosaa'inaa ayyaanota gurguddoo Gooftaa keenya Iyyasuus kristoos keessa isa tokkoodha. Sanbata Hosaa'inaa waare boodarraa jalqabee immoo Himaamaatiin ni seena. Torbeen Himaamaatii torbee dhukkubbii fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus kristoos itti yaadannuudha. Torbeen kun seera mataa isaas qaba. Baga ittiin isin gahe ! 🌷@Qabsuuraqulqullootaa
نمایش همه...
2
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen! Ebla ⓱ 🌿 Guyyaa kana manni Kristaanaa duuka bu'oota 12n keessaa tokko kan ta'e duuka bu'aa qulqulluu Yaa'iqoob yaadattee oolti. Abbaan duuka bu'aa kanaa Zaabdewoos jedhama. Haati isaa immoo Maariyaam baawufiliyaa jedhamti. Yohaannis abbaan wangeelaa immoo obboleessa isaa quxusuudha. Duuka bu'aan Yaa'iqoob hundumaa dhiisee Gooftaa fi fayyisaa keenya iyyasuus Kistoos duukaa bu'e. Waggoota 3f ji'a 3f Bakka Gooftaan keenya oole wajjiin oolee bakka inni bule wajjiin bulee wangeela sagalee dhugaa isarraa baratee jira. Duuka bu'oota sadan (Pheexiroos, Yaa'iqoob fi Yohaannis) Gooftaan keenya Iyyasuus Kristoos filatee gara Tulluu Taaboor ol baase keessa Yaa'iqoob isa tokko ture. Achittis iccitii heddu argeera. Duuka bu'aan Yaa'iqoob kennaa afaanota heddu beekuu qaba ture. Afaan namaa qofa osoo hin taane kan beeyladootaas kan sinbirrootaa fi kan bineensota bosonaas ni beeka ture. Kanaaf bakka deeme hundatti akkuma salphaatti wangeela lallaba ture. Duuka bu'aan kun namoota heddu barsiisee amansiisee cuuphee kristaana taasiseera. Warra cuuphe immoo amantaan jajjabeessee  Bataskaana ijaareefii biraa deema ture. Duuka bu'aan kun tajaajila wangeelaatti jabaatee lubbuu heddu gara Kristoos deebisuu danda'ee jira. Boodarra garuu akkuma hojii duuka bu'oota boqonnaa 12 lakkoofsa 1 haga 2 irratti barreeffamee jiru mootichi Heroods jedhamu tajaajila duuka bu'aa kanaatti inaafee seefiidhaan duuka bu'aa qulqulluu Yaa'iqoob ajjeesse jira. Guyyichis guyyaa akka har'aa kana ture. Kanaaf manni Kristaanaa guyyaa kana guyyaa duuka bu'aan kun wareegamummaan itti boqate jettee yaadatti. Waaqayyoof galanni haa ta'u! Eebbi qulqullicha kanaa nurraa adda hin bahin!! Nutis tajaajilatti akka jabaannuuf Waaqayyo nu haa gargaaru ! 🌷@Qabsuuraqulqullootaa
نمایش همه...
4👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
🌿Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen! Ebla 16 ✟ Bartuu Qulqulluu Yohaannis abbaa wangeelaa kan ture booda biyya Armaa jedhamtu takka irratti Phaaphaasii ta'ee muudamee hoolota Kristoos (kristaanota) tiksaa kan ture duuka bu'aan Qulqulluun #Antiiboos guyyaa kana harka ayihuudotaatti wareegamummaan boqatee jira. Eebbi isaa nurra haa bulu! Waaqayyoof galanni haa ta'u! ✟ Ayyaanota ji'aa 1, Kidaana Mihiratii 2, Aabbaa Abunaafiir 3, Qulqulleettii Elsaabeex (haadha Yohaannis Cuuphaa) 3, Qulqulluu Yohaannis kan wangeelli warqee 4, Aabbaa Daani'eel " Yaa Maariyaam ati dubartoota keessaa kan eebbifamtedha. Firiin gadameessa keetis kan eebbifameedha. Mudaa tokko malee Waaqa kan deesse Yaa durboo Maariyaam aduun dhugaa si keessaa bahe, Gooftaan nu uume nuu dhalate, arjummaa kaattuusaatiin (Koochoosaatiin) ofitti nu dhiyeesse.  Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu ". {Galata Maariyaam, jimaata } 🌷@Qabsuuraqulqullootaa 🌹@Qabsuuraqulqullootaa
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
9👍 2
🌷Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen ! Sinkisaara ebla bulii 15 ✞ Hayyoota amantaa 318tan manaafiqii aariyoos jedhamu abaaranii mana kristaanaa irraa adda baasan keessaa tokko kan ta'e qulqulluun aabbaa #Niqoolawoos guyyaa kana ni yaadatamu. Ameen Eebbi isaanii nurra oolee haa bulu! ✞ Raajii wareegamaa qulqulluu Giyoorgisiin hojjetu ilaaltee Kristoositti amantee san boodas qabsuura jabaa kan goote qulqulleettiin Illaskindiriyaan guyyaa akka har'aa kana wareegumummaan boqattee jirti. Ameen kadhannaan ishee nurraa adda hin bahin! ✞ Mormi qulqullicha cuuphaa yohaannis Waggoota 15f koolaan samii irra balaliitee wangeela lallabaa turtee  guyyaa akka har'aa kana boqatte. Qulqulluu Yohaannis cuuphaan mooticha heroods jedhamuun "haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun siif hin heyyamamne " jedhee waan mormeef Mootichi heroods jedhamu qulqullicha Yohaannisitti dheekkamee qabee mana hidhaatti darbatee ture.   Mootichi kun gaafa ayyaana guyyaa dhalootaa (birthday) isaa kabajatu intalli obboleessa isaa sirba sirbiteefii isa gammachiistee turte. Mootichi kun gammachuu irraa kan ka'e intala kana ofitti waamee "waan barbaadde na gaafadhu siifan laadhaa "jedhee waadaa galeef.   Intalli kunis deemtee haadha ishee waliin mari'atte. Dubartiin kun durumayyuu sababa ittiin Yohaannis ajjeesistu barbaadaa waan turteef carraa kanatti fayyadamtee ''morma Yohaannis cuuphaa kutii naaf laadhu jedhiin'' jettee intala ishee gorsite. Mootichi kunis gara jabinaan morma qulqulluu Yohaannis irraa mursiise. Dubartiin kun mataa qulqullicha Yohaannis harkaan fuutee itti qoosuuf yoo jettu battaluma sanatti mataan qulqullicha kanaa koola baastee samiirra balaliite. "Haadha manaa obboleessa kee fuudhuun siif hin heyyamamne " jettee samiirra balali'aa dubbatte. Mataan qulqullicha Yohaannis waggoota 15f iddoo gara garaatti wangeela lallabaa turtee guyyaa akka har'aa kana Arabiyaa keessatti boqattee jirti. Waaqayyoof galanni haa ta'u! Kadhannaan qulqulluu Cuuphaa Yohaannis nurra adda hin bahin! Ameen!! Baga ittiin isin gahe ✟ 🌷@Qabsuuraqulqullootaa
نمایش همه...
7
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.