1 655
مشترکین
-424 ساعت
+47 روز
-530 روز
در حال بارگیری داده...
کانالهای مشابه
ابر برچسبها
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
اوت '26
اوت '26
+57
در 0 کانالها
ژوئیه '26
+69
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '26
+18
در 0 کانالها
Get PRO
مه '26
+47
در 1 کانالها
Get PRO
آوریل '26
+25
در 1 کانالها
Get PRO
مارس '26
+11
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '26
+10
در 1 کانالها
Get PRO
ژانویه '26
+21
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '25
+30
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '25
+24
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '25
+12
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '25
+14
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '25
+11
در 1 کانالها
Get PRO
ژوئیه '25
+14
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '25
+35
در 1 کانالها
Get PRO
مه '25
+47
در 2 کانالها
Get PRO
آوریل '25
+30
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '25
+13
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '25
+43
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '25
+91
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '24
+188
در 1 کانالها
Get PRO
نوامبر '24
+51
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '24
+42
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '24
+29
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '24
+51
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '24
+87
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '24
+219
در 0 کانالها
Get PRO
مه '24
+170
در 2 کانالها
Get PRO
آوریل '24
+206
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '24
+152
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '24
+184
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '24
+236
در 2 کانالها
Get PRO
دسامبر '23
+371
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '23
+60
در 1 کانالها
Get PRO
اکتبر '23
+275
در 0 کانالها
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 26 اوت | 0 | |||
| 25 اوت | +4 | |||
| 24 اوت | +5 | |||
| 23 اوت | +3 | |||
| 22 اوت | +1 | |||
| 21 اوت | +2 | |||
| 20 اوت | +1 | |||
| 19 اوت | +1 | |||
| 18 اوت | +1 | |||
| 17 اوت | +2 | |||
| 16 اوت | +1 | |||
| 15 اوت | +7 | |||
| 14 اوت | +4 | |||
| 13 اوت | +1 | |||
| 12 اوت | +4 | |||
| 11 اوت | +2 | |||
| 10 اوت | +2 | |||
| 09 اوت | +3 | |||
| 08 اوت | +4 | |||
| 07 اوت | +2 | |||
| 06 اوت | +1 | |||
| 05 اوت | 0 | |||
| 04 اوت | 0 | |||
| 03 اوت | +2 | |||
| 02 اوت | +2 | |||
| 01 اوت | +2 |
پستهای کانال
Marsaa 3fffaa
Baayina nama=15
Carraa 1ffaa= 1000.
Carraa 2ffaa= tikeeti 1 tola.
Qarshii=100 qofaan.
CBE=. 1000306962004.
B.T.M
1.
2.
3.
4.Abdii✅✅
5.Abrish✅✅
6.Tase ✅✅
7. Tigist ✅✅
8.Teedii ✅✅
9.
10.
11.Fetene✅✅
12.Balinesh✅✅
13.
14.
15. Ababa ✅✅
Kan Boruu bahuu.
Carraa keessan qabadha.
| 2 | Qaxaleewwan ijoollee Ifa Boruu Malkaa Sooddaa baayyee , baayyee siniif gammadeera bakkuman jirutti akkan milkaa'ina keessan hawwaa ture gammachuu kiyyas isiniif ibseera.
#IJOOLLEE BU'AA DHAMAATII OFII FI BARSIISAA GALMAAN GEESSU. IJOOLLEE NAMA HIN CEERSINE. | 27 |
| 3 | JIRAACHUUDHAAF
• Nama kaayyoo taate, waan adeemtuf beekaa dha.
• Nama mul'ataa taate, waan hojjettuuf bu'aa isaa dursii argi.
• Nama karooraa taate, waan kaayyoof mul'ata kee ta'e tooran hojjedhu.
• Nama hojii taate, kaayyoo fi karoora kee irratti hojjetaa cimaa ta'aa.
• Obsa qabaadhu hin ariifatin firii hojii fi mul'ata keetii arguuf.
Ejjennoo Cimaa fi Guddaa ta'e kan addunyaa kana injifattee ittiin addunyaa kana irra jiraattu qabaadhu.
Firri kee amala keeti, amala kee siireeffadhu. Sababni isaa namni ormaa firummaa sittii hin qabne amalli kee yoo itti tole gaarii ta'ee si jaallata; Namni firaa immoo yoo ati fira isaa taate amalli kee gadhee ta'ee si jibba.
Kanaafuu addunyaa kana irraa nama hundumaa wajjin fira taatee jiraachuuf amala gaarii fi qajeelaa bilisa ta'e qabaadhu.
Jireenya hawaasummaa naannoo kee keessa jiraattu keessatti hirmaannaa gaarii fi yaada gaarii ta'e hammeenya irraa bilisa ta'e qabaadhu.
Ati waaqa miti waan hundumaa dandeessee kophaa jiraachuu hin dandeessu. Hangaa lafa kana irra jirtutti Waaqaa gaditti birmataan guyyaa rakkoo kee fi birmataan yeroo rakkina kee namummaa, amalaa fi yaada gaarii ta'een namatti siqii, jaalladhu garuu hin amanin, wajjin jiraadhu, namaaf birmadhu yoos siif birmata.
Siyaasa jireenya addunyaa kanaa hubadhuu xiinxali. Kan siif mijatuu fi siif tolu hojjedhu.
Akkasumaan hojii namni biraan oollaa keetti ittiin milkaa'een hojjettee milkaa'uuf oollaa keetti hinaaftuu hin ta'in.
Yoo inni oollaa keetii buna danfisee gurgure atis buna danfistee hin gurgurin.
Ati immoo shayii danfisii gurguri. Inni shayee barbaadu immoo si biraa dhuga malee isa buna gurguree argite yoo buna gurgurte ati hojjetaa siin hin jedhan nu hinaafsise namichi oollaa keenyaa tokko siin jedhu.
@BarsiisaaAy | 166 |
| 4 | GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA:
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema, Maaliifin uumamee bari.
2. Seera uumaa (natural law) kabaji.
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu.
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.
8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.
10. Hiriyaa gaarii filadhu
11. Mul'ata qabaadhu.
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
13. Hanga duututti barataa ta'i.
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu.
17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi.
18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu.
19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin.
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin.
27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.
28. Qorichoota si macheessan dhaabi
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi.
30. Ganamaan dammaqi
31. Ispoortii hojjedhu
32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu.
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i.
34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.
37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin
38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi.
39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in dhala namaaf jiddugaleessa ta'i.
40. Ofii gaarii ta'ii "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu.
Horaa bulaa deebanaa.
@BarsiisaaAY | 250 |
| 5 | Haalli tokko illee, akkaataa jabina sammuu keenyaa irratti hundaa’uun namaaf garaagarummaa guddaa qabaachuu danda’a.
Yeroo sammuun keenya dadhabaa ta’u, rakkoon xiqqoon illee waan hin danda’amne fakkaachuu danda’a; sodaachuu ykn dafnee abdii kutachuu dandeenya.
Yeroo sammuun keenya madaalawaa ta’u, haala sana tasgabbiidhaan ilaalla; rakkoo sana akka qormaataa furuu dandeenyuuttis ilaalla.
Garuu yeroo sammuun keenya cimaa ta’u, haala rakkisaa akka carraa barachuu, guddachuu fi of fooyyessuuf nu gargaarutti ilaalla.
Sammuun cimaa jechuun rakkoo tokko illee dhabuu jechuu miti. Rakkoo wajjin ilaalcha gaarii fi ija jabinaan wal’aansoo gochuu jechuu dha.
Obsa, naamusa, barachuu fi ofitti amanamummaa qabaachuun sammuu kee leenjisi.
Yaadadhu: haala hunda to’achuu dhiisuu dandeessa, garuu deebii ati haala sanaaf kennitu to’achuu dandeessa.
Akkaataa itti yaaddu jijjiiri; akkaataa jireenya itti fuuldura dhaabbattu illee jijjiiruu dandeessa.
@BarsiisaaAY
Al hudaa chanaal irraa. | 384 |
| 6 | • • • #GATII_OFII_BEEKUU • • •
-----------------------------------
Yeroo tokko namni waa’ee #gaggeessummaa irratti #leenjii kennuuf jedhu qarshii abbaa dhibbaa haaraa ta’e tokko ol kaasee, “Namoota #leenjitan kana keessaa namni dhuma leenjii kana irratti qarshii kana fudhattanii galuu barbaaddan jirtuu?” jedhee gaafate. Namoonni hedduun harka ol kaasan. Itti fufee #qarshii sana harka isaatiin sukkuumee erga jedhee booda ammas tarii isa baay’ee sukkuumame kana namni fudhachuu barbaadu yoo jiraate jedhee gaafate. Ammas namoonni hedduun #harka ol kaasan. Ammas utuu hinkenniniif yeroo sadaffaaf #qarshicha lafa buusee irra ejjetee, lafatti sukkuumee erga bututeefi xuraa’ee booda fiixee isaa qabee lafaa fuudhuun ammas namootni fudhachuu barbaadan yoo jiraataniif jedhee gaafate. Ammas namoota hedduutu harka baase. Isaan booda akkas jedhe, “#Firoota koo, waan guddaa tokko bartaniittu jedheen amana. Qarshiin kun bareedaas ta’e, sukkuumamees, lafa bu’ee yoo rirriitamee xuraa’e illee amma iyyuu barbaadamaadha. Sababni isaas yoo sukkumames, xuraa’es, lafatti dhiitames #gatiin isaa hinhir’isne. Gatiin isaa amma iyyuu qarshii dhibba” jedhe. Itti fufuun “Hundumti keenya haala nu marsee jiru, jireenya keessa jirru olitti baay’ee #barbaachisoodha. Haalli keenya #gatii keenya gadi hinbuusu” jedhe.
#Maal_Jechuuf
-----------------
Yeroo tokko tokko hundumti keenya haala addaa addaa irraa kan ka’e ilaalchi nuti ofiif qabnu gadi bu’aa ta’a. Haa ta’u iyyuu malee gatii nuti qabnu wanti gadi buusu homtuu hinjiru. Kanaaf, #ilaalcha keenya sirreeffachuu, akka nama gatii hinqabnee, akka nama bu’aa buusuu hindandeenyeetti of ilaaluu irraa yaada keenya kaasuu qabna. Haalli #gaariinis ta’e hamaan nu mudatan kan ilaalcha nuti ofiif qabnu gadi buusan yookaan ol kaasan ta’uu hinqaban. Yoo isa kana keessa jiraanne hatattamaan keessaa ba’uun daran barbaachisaadha. Sababiin isaa jireenya #rakkoo keessa nu jiraachisa. Jireenya tasgabbii hinqabne akka nuti qabaannu nu taasisa. Isa kana irratti hojjechuun gaariidha. Gatiin keenya immoo #Waaqayyo mataa isaati. Inni gatii waan nutti godheef eenyu iyyuu gatii nudhabsiisuu hindanda’u. Ati nama kabajamaadha. Gatiin keenya miindaa, qabeenya, beekumsaafi dhaabbii keenyaan hinmaadalamu. Hubadhu! namni namuma, ulaagaan isaas nama ta’uudha!
#Gatiinkee guddaa waan ta’eef tilmaamuu hindandeessu!
@BarsiisaaAY | 492 |
| 7 | Qabeenya qabduun jireenya kee hin safarin. Jireenya Onnee namoota siif rifataniin, kolfa ati uumte, fi jaalala ati qooddatteen safari.
— Jireenyi dhugaan waan qabduun osoo hin taane, bu'aa gaarii ati jireenya namoota biroorratti fiddeen madaalama.
🖌@BarsiisaaAy | 439 |
| 8 | "POWER of VISION"
Maddi rakkinaa inni guddaa fi hangafaa namoota sirrii iddoo dogoggoraa taa'aniini dha. Namoota abjuu nama biraa keessa jiraatan ykn jiraachuun ofii isaanii dadhabsiisan. Rakkinni rakkoo tahee umurii akka dheeratu kan taasisu isaan ofii isaanii ilaalcha nama biraan of bocani dha. Ofii isaanii dhiisuu nama biraa ta'anii namoota ofii isaanii dibamaniin dha.
Namni ati mootii taata, ati doktora taata fi kkf jedhamani yeroo tahetti waan jedhaman sana tahuuf ni yaalu. Kallattii kamiinis tahu wanta jedhaman sana tahanii ni argamu. Namoonni akka kanaa madda rakkinaa ijoo tahuun ni beekamu. Abjuu nama biraa fiixaan baasuuf jireenya isaanii boqonnaa malee jiraatu. Gaaffii keessi isaanii isaan gaafatu deebisuu irra Wanta namni biraa isaanii hawwe sana keessatti ofii isaanii ilaalanii kallattii namni biraa boceef irra ofii isaanii deemsisuu filatu. Galma ofii dhiisanii galma namaa irra deemu. Galma nama biraa galmaan gahuuf yaadu. Yeroo kanatti madda rakkinaa tahuun argamu. Ofii isaanii madda rakkinaa tahuu hubachuu hin dandahamu maalifii abjuu nama biraa keessa waan ofii isaanii dhoksaniif dhokatanii jiraachuu filatu.
Abjuu nama biraa keessa ofii kee keessee adunyaa tana balleessuu, faaluu, rakkisuu irra abjuu dhabuu wayya. Maaliif? Waan hin qabne waan beektuf waan qabaachuu qabdu sana immoo guyyaa tokko qabaachuuf barbaaduu ni eegalta.Haala kanaan ofii keenyas dhabnee, dhalootaa dhabaa deebna. Nama falaa tahuu irra adunyaa faalaa jiraanna. .
Abjuu kee haatii fi abbeen kee siif hin beekani. Mul'ati kee eenyummaa bira hin jiru. Abjuun hin dhaalamu. Abjuun hin hatamu. Abjuun yaada wanta hin qaqqabamne gara wanta qaqqabamuutti jijjiiru dha.
Abjuun beeluun fi dheeboo keessaa kan nama baasu dha. Abjuun dhalootaaf faloo ta'uu, rakkina ija furmaataan ilaalu tti karaa nu baasu nu agarsiisa.
Abjuun kee eenyummaa kee ti. Eenyummaa kee sirrii keessa jiraa dhu.
@BarsiisaaAY | 680 |
| 9 | Maqaa Barsiisota qormaata seensa univ darbanii | 489 |
| 10 | Onnee si jaalatu gonkumaa hin miidhin. Sababni isaas tarii onneen sun lammata si jaallachuu hin danda'u ta'a.
━━━━━━━━━━━
@BarsiisaaAY | 1 501 |
| 11 | 𝗦𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗱𝘂𝗯𝗯𝗶𝘀𝗶
"Milkaa'inni xumura miti; kufaatiin immoo dhuma miti. Wanti guddaan itti fufanii deemuu dha."
— Winston Churchill
"Barnoonni meeshaa addunyaa itti jijjiirtan isa humna guddaa qabu dha."
— Nelson Mandela
"Wanti Har'a ati gootu boru kee ni murteessa."
— Mahatma Gandhi
"Namni of moo'ate, nama kuma moo'ate caala."
— Lao Tzu
"Carraan hojii cimaa uffatee dhufa; kanaaf namoonni hedduun isa hin beekan."
— Thomas Edison
"Jireenyi akka biskileetii dha; madaallii eegsisuuf socho'uu qabda."— Albert Einstein
"Abjuu kee yoo hin hordofne, namni biraa abjuu isaa akka hojjettu si qacara."
— Steve Jobs
"Nama guddaa kan si taasisu beekumsa qofa osooo hin taane namuusadha.
@BarsiisaaAY | 1 491 |
| 12 | ✍️ Mammaaksa Oromoo
➊. Akka hin cabne beekaaf bishaan dhagaatti bu'a.
➋. "Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka," jette xaddeen.
➌. "Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne."
➍. Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate.
➎. "Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte," jedhe namichi tafkiidhan.
➏. Anatu farda se'ee harreetti okoo haame.
➐. Baay'attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu.
➑. Bofti qal'ateef eegee hin qaban.
➒. "Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay'eedha," jette qurxummiin.
➓. Barcuma irra taa'anii muka hin hamatan.
➊➊. Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata.
➊➋. "Cilee ta'uuf gubanne cilee taanees gubanne," jedhe mukti.
➊➌. Daa'imni hin boonye dugda haadhaa irratti du'a.
➊➍. "Deemi teenya okkoteen raafuu barte," jedhe namichi gogorrii qalachuuf qabee harkaa baanan.
➊➎. Dhugaa fi lubbuun gaafa rabbiin jedhe baati.
➊➏. Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.
➊➐. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan.
➊➑. Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte.
➊➒. Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe'atan.
➋✿. Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se'a.
➋➊. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti.
➋➋. Gowwaan fardaa ergisaatiin boona.
➋➌. Hoolaan gaafa qalame samii arga.
➋➍. Hammaarranis hammaatanis dhuma hin ooltu.
➋➎. Hiriyaan wal hin amanne laga hundatti waliif kakata.
➋➏. Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu.
➋➐. Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta'u.
➋➑. Ijaa fi saree ganda hin lagan.
➋➒. Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe.
➌✿. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu.
➌➊. Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa jedhee namichi hatticha dhama'een.
➌➋. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya.
Maddi :Fuula miidiyaa Hawaasaa irraa. | 618 |
| 13 | #Choice • Chance • Change
Jireenyi guyyaa guyyaan filannoo nuuf dhiheessiti. Filannoon keenya immoo gara murtiitti nu geessa. Addunyaa kana irratti tarkaanfiin kamuu murtoo irraa eegala.
Osoo hin murteessin dura, waan murteessitu sana haalaan hubachuun isa hangafadha. Yeroo ga'aa fudhattee itti yaaduudhaan dhimmicha gadi fageenyaan xinxali!
Jireenya kee keessatti murtoon tuffatamu hin jiru. Murtoon xiqqoo hin qabdu. Murtoon dogogoraa xiqqoon gatii hin barbaachifne si baasisuu waan dandeessuuf, murtoon ati tuffattu tokko illee jirachuu hin qabu.
Yeroo miirri kee ol ka'ee jiru baay'ee gammaddee yeroo jirtu waadaa kamuu seenuu irraa of qusadhu! Yeroo miirri gadi bu'ee jiru, Yeroo gadditee jirtu immoo murtoo kamuu hin murteessin! Murtoo kamuu murteessuuf miira madaalamaa si gaafata.
Namoonni milkaa’inoo yeroo hundumaa gochaa isaaniif itti gaafatamummaa fudhachuun beekamu. Namoota akkan ani yaadu qofatti yoo yaadde ati sirriidha jedhu irraa of eeggannoo godha.
@BarsiisaaAy | 563 |
| 14 | Caaseffama Haaraa sadarkaa Naannoo Fi Gola Oromiyaa Hunda | 581 |
| 15 | Alkoolii yeroo dheeraa fi baay'inaan dhuguun qaama hunda irratti miidhaa geessisuu danda'a. Isaan keessaa:
Sammuu: yaadannoo hir'isuu, dandeettii yaaduu gadi buusuu.
😷Onnee: dhiibbaa dhiigaa olkaasuu, onneen guddataa dadhabuu (cardiomyopathy), onneen sirnaan hin rukutamne (arrhythmia).
😷Tiruu: dhibee tiruu dukkanaa'uu (fatty liver), hepatitis alkoolii, fi cirrhosis.
😷Kaansarii: carraa kaansarii afaanii, qoonqoo, ujummoo nyaataa, tiruu, mar'imaanii, fi harmaa dabala.
😷Dandeettii ittisa dhibee: qaamni dhibee ofirraa ittisuu ni laafa.
😷Narvii: harka fi miilli akka mudhii ykn gubatan (peripheral neuropathy).
😷Rakkoo walqunnamtii saalaa.
😷Hanqina nyaataa: keessumaa hanqina Vitamin B1 (Thiamine).
🎵Mallattoolee yeroo dheeraa:
👍Fuulli fi ijaan halluu bifa keelloo (jaundice)
👍Harka raafamuu.
👍Dadhabbii yeroo hunda
👍Miila fi garaa keessaa bishaan kuufamuu.
Alkoolii irraa of qusadhaa!
Fayyaa hin dhabiinaa!
Via Dr Yoosan Abarraa(Hakima waligalaa)
@BarsiisaaAy | 539 |
| 16 | HARIIROO MAATII
Jireenya ofii boriif jecha waan baayye dhoksu, obsus ture malee namni kaayyoo jireenyaa qabu maatii ofii miti namuma biraa waliin jiraatuyyuu hatuu fi sobuun hin malle .
Nama gooyyomsaa, acabarbaraa,ykn waliin dhahaa nama sobaa nama waliin jiraachuun ni ulfaata .
Namni nama malee hin jiraanne hin jiraanne jechuun hin ulfaatu.
Amanamummaan kee ibsituu namummaa keeti. Nama kamiiniyyuu waliin yeroo dheeraa fi hariiroo gaariin jiraachuuf akkasumas fudhatamummaa fi kabaja argachuuf , amanamummaan waan akkaan murteessaadha.
Waaqa birattis akkasuma mitiiree?
Dhugaa seeraa fi seenaanis beeku yoo dubbannee, Hubannes Qabeenyi jaarsaaf jaartii kanuma waliiniiti.
Wal shakkuu jechuun of shakkuu jechuudha. Walii isaanii shakkuu hin qabaniin dhaamsa obbolummaati.
@BarsiisaaAy Irraati | 561 |
| 17 | Beekumsa Nam-tolchee (AI) Barattoota fi Barsiisota Fayyadan
Meeshaalee fi aplikeeshiniwwan Beekumsa Nam-tolchee (AI) gurguddoon hojii da'waa fi barnootaa keessatti gargaaran kanneen armaan gadiiti:
1. ChatGPT (chatgpt.com)
Kitaabotaa fi barreeffamoota gurguddoo gabaabsuuf gargaara.
Karoora barnootaa, gaaffilee, fi qormaata qopheessuuf ni fayyada.
Barreeffamoota gara afaanota hedduutti hiikuuf dandeettii guddaa qaba.
Qorannoo fi odeeffannoo walitti qabuu irratti gargaarsa kenna.
Hubachiisa: Odeeffannoo shari'aa mirkaneeffachuu fi dhimma fatawaa irratti isa qofa irratti hirkachuu dhiisuun barbaachisaadha.
2. Gemini (gemini.google.com)
Qorannoo gochuuf, xiinxaluu fi gabaabsuuf baay'ee fayyada.
Tajaajiloota Google adda addaa (akka Drive, Docs) wajjin walitti hidhata qaba.
3. Copilot (copilot.microsoft.com)
Sanadoota (documents) barreessuu fi barreeffama dhiheenyaa (presentations) qopheessuuf gargaara.
Meeshaalee barnootaa fi da'waa qopheessuuf baay'ee mijataadha.
4. Perplexity (perplexity.ai);
Meeshaalee qorannoo maddoota (sources/references) agarsiisan keessaa isa hunda caaluudha.
Odeeffannoo mirkaneeffachuu fi maddoota kitaabotaa ariifatti argachuuf fayyada.
5. NotebookLM (notebooklm.google.com);
Kitaabotaa fi faayiloota (PDF) mataa keetii itti fe'uun, barreeffama sana keessaa gaaffii gaafachuuf si hayyama.
Barattoota beekumsaa qabxiiwwan (notes) fi qorannoowwan isaanii irra deebi'anii ilaaluuf ni gargaara.
ChatGPT: Gabaab
Guduunfaa: Teeknooloojiin kunniin yoo ogummaan itti fayyadaman, hojii barnootaa tajaajiluu keessatti humna guddaa fi yeroo qusachuu danda'u.
@BarsiisaaAY | 562 |
| 18 | #Dhaloota_Sodaan_bite!
Dhaloonni ammaa kuni dhaloota sodaaf bitamedha. Dhaloonni sodaan bitame haala hundumaa keessatti sodaatu isa argata.
Namoonni nan jaallatani jedhee ni sodaata; Nama isa jaallatu yoo argatu immoo deebisee akka isa hin jibbineef ni sodaata.
Fudhatamummaa na dhaba jedhee ni sodaata; Nama fudhatamummaa kennuuf yoo argatu immoo deebisee akka isa hin dhiibbanneef ni sodaata.
Nama waliin ta'uu ni sodaata; Nama irraa baqatee kophaa jiraachuus ni sodaata.
Nama isatti dhiyaate akka hin miineef ni sodaata; Namicha yoo miidhe ammoo irra deebi'ee namicha irraa adda bahuu yoo yaadu namicha nan miudha jedhees ni sodaata.
Osoo hin fuudhiin kophaakoo hafuufii jedhee ni sodaata; Erga fuudhee garuu nan miidhama jedhee waan yaaduuf fuudhuus ni sodaata
Waan sodaatuuf hirribni isa hin fudhatu; Hirribni waan isa fudhachuu dideefis ni sodaata.
Akka hin daldalleef kisaaraa sodaata; Akkumatti yoo taa'es hiyyummaa sodaata.
Garaa jabaatee erga bahee balaa ni sodaata; Sodaatee yoo hafe namoonni sodaattuu naan jedhu jedhee yoo yaadus ni sodaata.
Sodaa irraa ka'uun Ta'uu fi gochuu kan qabdu osoo hin godhiin waggaa 100 hamma jiraattu sodaakee injifattee ol jettee waggaa 10f kaayyoodhaan jiraattee yoo dabarte siif wayya.
Sodaa injifatanii jiraachuun alatti milkaa'inni tokkollee hin jiru!
@BarsiisaaAy
SHARE SHARE SHARE | 163 |
| 19 | XIYYEEFFANNOOF
1, Dubbachuun dura, Yaadi!
2, Mallatteesuun dura, dubbisi!
3, Barsiisuun dura, baradhu!
4, Gorsuun dura, hojiin agarsiisi!
5, Muruun dura, safari!
6, Ajjeessuun dura, bakka buusi!
7, Xiinxaluun dura, hubadhu!
8,-> Amanuun dura, mirkaneeffadhu!
9, Du'uun dura, qalbii geeddaradhu!
10, Murteessuun dura, qoradhu!
11, Hojjechuun dura, karoorsi!
12, Dhukaasuun dura, ilaami!
13, Deemun dura, abdii horadhu!
14,-> Qoosuun dura, adda baafadhu!
15, Nyaachun duraa hojjedhu!
16, Dhiibuun osoo hin taane malaan hojjadhu!
17, Taa'uun dura iddoo ilaalladhu!
18, Yeroo dubbattu, waan ijoo qofa
dubbadhu!
19, Yommuu aartu, dafii tasgabbaa'i!
20,Yommuu mariyattu, hubataa ta'i!
21,Yeroo murteessitu, gara kuteessa ta'i.
22,Yommuu, rakkattu, dafii mala barbaadi.
23, Yommuu fudhattu, lakkaa'i!
Yaadoota dabalataa argachuuf
@BarsiisaaAY share godhi. | 519 |
| 20 | Osuma dubbistani yeroo gaha yoo qabattani fi fedha hojii Online qabaattan waan arman gadii yaalaa.
Code erga App sana buustani fayyadamtan 3410992 dha.
Win big prizes in the game generous rewards await your participation!https://h5.toptdcloud.com/h5/index.html#/share_gamePage?uid=3410992 | 93 |
