fa
Feedback
𝐌𝐀𝐑𝐒 𝐓𝐞𝐜𝐡𝐧𝐨𝐥𝐨𝐠𝐲

𝐌𝐀𝐑𝐒 𝐓𝐞𝐜𝐡𝐧𝐨𝐥𝐨𝐠𝐲

رفتن به کانال در Telegram

Welcome to our STEM channel . This is your one-stop destination for all things related to Science, Technology, Engineering, and Mathematics (STEM).

نمایش بیشتر
9 286
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز
آرشیو پست ها
𝗗oonaa𝗹𝗱 𝗧𝗶𝗿𝗮𝗮𝗺𝗽𝗶 irratti y𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶𝗻 a𝗷𝗷𝗲𝗲𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺e Pireezidaantiin duraanii Doonaald Ti
+2
𝗗oonaa𝗹𝗱 𝗧𝗶𝗿𝗮𝗮𝗺𝗽𝗶 irratti y𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶𝗻 a𝗷𝗷𝗲𝗲𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺e Pireezidaantiin duraanii Doonaald Tiraampi duula na filadhaa kutaa Peenisilveeniyaa , Kaawuntii  Baatileer keessaatti waltajjiirraa haasaa osoo gaggeessaa jiranu itti dhukaafameetu jedhama. Sadaasa keessa Paartii Rippabilikaan bakka bu’uun pirezidaantummaaf kan dorgoman Donaald Tiraamp madaa’anii gara hospitaalaatti geeffamuu isaa gabaafameera. Gareen duula filannoo gama isaatin, Tiraamp miidhaan salphaan irra gahuu fi amma nagaa ta'uu beeksiseera. Pirezidaanti Joo Baayiden yaalii ajjeechaa pirezdaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti raawwatame jedhamee shakkame ''namni hundi balaaleffachuu qaba'' jechuun, morkataa isaanii bara 2024 kana dubbisuuf akka karoorfatan ibsan.

#Qormaata_Biyyoolessaa Qormaanni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa har'a kennamu eegaleera. Qormaanni kun Adoolessa 3-11/2016tti mars
+3
#Qormaata_Biyyoolessaa Qormaanni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa har'a kennamu eegaleera. Qormaanni kun Adoolessa 3-11/2016tti marsaa lamaan akka kennamu ni beekama. Qormaanni marsaa jalqabaa barattoota saayinsii hawaasaaf Adoolessa 3-5/2016 ni kennama. Qormaanni Afaan Ingiliffaa fi Herregaa sagantaa qormaata guyyaa har'aatiin ni kennama. Bara kana barattoonni 700,000 qormaata kutaa 12ffaa toora interneetii fi waraqaa irratti ni fudhatu jedhamee eegama.

WON TON Jedhama. Namoota muraasa Invite Gochuun Dollara 8 yookin Tooni 1 argachuu ni dandeettu. Liinkii kanaan jalqabu ni dan
WON TON Jedhama. Namoota muraasa Invite Gochuun Dollara 8 yookin Tooni 1 argachuu ni dandeettu. Liinkii kanaan jalqabu ni dandeettu👇 https://t.me/wontonairdrop_bot?start=6317165022

#KUTAA_12FFAA Sagantaa guyyaa qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 fudhatan:- ➭ Qoramtoonni saayinsii hawaasaa Roobii (03/11/2
+1
#KUTAA_12FFAA Sagantaa guyyaa qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 fudhatan:- ➭ Qoramtoonni saayinsii hawaasaa Roobii (03/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Herregaa Kamisa:- (04/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Ji'oograafii Jimaata:- (05/11/2016)       Ganama :- History       Guyyaa  :- Economics  ➭ Qoramtoonni saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016 fudhatu. Kibxata:- (09/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Maths Roobii (10/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Physics Kamisa:- (11/11/2016)       Ganama :- Chemistry       Guyyaa  :- Biology ➭Qoramaanni Bara 2016 magaalota filatamoo ta'an keessatti barattoonni filataman toora interneetii kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni kan hafan Yunivarsitiiwwan keessatti waraqaan ni fudhatu jedhameera. ➭ Magaalota filatamoo 25 qormaanni kutaa 12ffaa toora interneetiin itti kennamu fuulduratti ifa ni ta'a.   Share Gochuu Hin Dagatinaa!!  

#DV2025 Injifattoonni Viizaa Diversity 2025 har'a ni ifooma. Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2025 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u. NB. Lakkoofsi mirkaneessaa yeroo iyyanni guutamu kan kennameedha. Lakkoofsi kun kan jala bade Forgot Confirmation number jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa Mirkaneessaa haaraa karaa email argachuu ni danda'a. Bu'aan Dv galgala sa'aatii 1:00tti kan ifoomu ta'a. Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jira / Imeelii kana / barreeffama kana kan ergaa jirru" jechuun qaamotni #sobaa waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhan dhaamaniiru. Hubadhaa, iyyataan tokko DV 2025 argachuu fi dhiisuu isaa karaa marsariitii armaan olitti ibsame qofaan beekuu danda’a. Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.

Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera. Guyyaan qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 barattoota saayinsii
+1
Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera. Guyyaan qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 barattoota saayinsii Hawaasaaf Adoolessa 3 hanga Adoolessa 5tti, barattoota saayinsii uumamaaf Adoolessa 9 hanga Adoolessa 11/2016 yoo ta'u, qormaatichi toora interneetii fi waraqaan yuunivarsitiiwwan keessatti ni kennama. Qorattoonni saayinsii hawaasummaa waraqaan fudhatan Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 Adoolessa 7, 2016tti gara yuniversitii ni seenu jedhameera.

"Qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa magaalota filataman keessatti toora interneetidhaan ni kennama" - Prof. Birhaanu Nagga Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 magaalota filatamoo keessatti toora interneetii irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa, "Qormaanni kun guutummaan guutuutti toora interneetii irratti kennamuu kan hin dandeenye ta'us magaalota naannolee filataman keessatti akka kennamuuf hojjetamaa jira" jedhan. Barattoonni naannolee hunda keessatti filataman qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan beeksifameera. Kanneen hafan qormaata isaanii haala idileetiin akka Fudhatan ibsaniiru. Daarektarri Madaallii Barnootaa fi Qormaata Doktar Ishetuu Kabbadaa akka jedhanitti; Qormaata kana toora interneetii irratti gaggeessuuf hojiin qophaa'inaa hojjetamaa aka jirus himaniiru. Barattoonni qormaata yaaliitiin akka shaakalan ni taasifamuu jedhaniiru. #MoE

Qormaanni barattoota sagantaa sirreeffamaa bara 2016 jalqaba ji'a Waxabajjii keessa kennama. - Ministeera Barnootaa Qormaanni
Qormaanni barattoota sagantaa sirreeffamaa bara 2016 jalqaba ji'a Waxabajjii keessa kennama. - Ministeera Barnootaa Qormaanni barattoota sirreeffamaa jalqaba ji'a Waxabajjii keessa guyyoota 15f Yuunivarsiitii mootummaa qofa keessatti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Rakkoo bara darbe mudate irra aanuuf qormaanni sirreeffamaa yunivarsiitiiwwan mootummaa qofa keessatti kennamuuf akka jiru himameera. Akkasumas qormaata kana keessaatti dhibbeentaan 70 jalqaba baatii Waxabajjii keessa guyyoota 15 f karaa toora interneetii fi waraqaatiin  too'annaa cimaa waliin akka qophaa’u ibsameera. Bara kana barattoonni kuma 78 ol ta'an yuunivarsiitii mootummaa keessatti barnoota sirreeffamaa fudhachaa akka jiran ibsameera. Barumsi sirreeffamaa Muddee irraa eegalee hanga dhuma baatii Waxabajjii 2016tti kennamaa kan jiru yoo ta’u, bu’aan isaanii %30 adeemsa barnoota yunivarsiitiiwwanii irratti hundaa’ee fi %70 ammoo qormaata giddugalichi qopheesse irratti hundaa’uun akka ta’e ibsaniiru.

#ExitExam Qormaanni ba’umsaa yoom kennama? Xalayaa Ministeerri Barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoof Ebla 9/2016 barreesseen
#ExitExam Qormaanni ba’umsaa yoom kennama? Xalayaa Ministeerri Barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoof Ebla 9/2016 barreesseen, Qormaanni ba’uumsaa waxabajjii 14 hanga 21/2016tti akka kennamu ibsameera. @tikvahethafaanoromoo

Baga gammaddan! Yuunivarsiitii Jimmaa Yuunivarsiitiin Jimmaa sagantaa barnoota garagaraatin leenjisaa kan ture barattoota 778
Baga gammaddan! Yuunivarsiitii Jimmaa Yuunivarsiitiin Jimmaa sagantaa barnoota garagaraatin leenjisaa kan ture barattoota 778 guyyaa boruu Eebla 5/2016 giddugala Siivikii Haacaaluu Hundeessaatti ni eebbisiisa. Kanneen keessaa 26 diigrii sadaffaa,350 diigrii lammaffaa fi 402 leenjitoota diigrii jalqabaa guyyichatti ni eebbisiisa. Eebbifamtoota keessaa qormaata xumuraa biyyaalessaa fudhatanii qabxii olaanaa kan fidan Yuunivarsiitichatti barattootni Inistitiyuutii fayyaa 379 keessatti argamu.

Lammiileen Itoophiyaa seeraan alaa daddabarfaman #Malaawiitti doolaara 1000n ‘gurguramu’ Lammiileen Itoophiyaa karaa Maalaawii qaxxamuranii gara Afrikaa Kibbaatti godaanan Maalaawii keessatti tokkoon tokkoon isaanii dolaara 1000n gurguramaa jiraachuu aanga’oonni Maalaawii saaxilan. Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa Maalaawii Kaampii Godaantota ‘Dzaleka’ jedhamu keessa bakka godaantota seeraan alaa Itoophiyaarraa dhufan itti ugguraman argachuu beeksiseera. Godaantoonni kunneen hanga firoottan isaanii Itoophiyaa irraa qarshii gaafatame kaffalaniitti mana kana keessa ugguramanii taa’u. Ministirri Nageenya Biyya Keessaa Maalaawii Ken Zikhaalee Ngomaa ibsa laataniin, lammiileen Itoophiyaa lama, Ahmad Muhaammad Kondoo fi haadha warraa isaa Damoraah jedhamtu, haala ulfaataa ta’een godaantota Itoophiyaa 31 kutaa tokko keessa ugguranii kaa’an to’annoo jala ooluu ibsaniiru. Akka ministeerichi ibsetti, godaantonni Itoophiyaa seeraan ala daddabarfaman kunneen jalqaba Maalaawii seenuuf doolaara 200 akka kaffalan dirqisiifamu. Erga Maalaawii seenan booda ammoo kutaa itti ugguraman keessaa bahuuf dolaara 1000 akka kaffalan dirqamaa jiraachuu ibsameera. #AS

Yunivarsitii Finfinnee fi Yuunivarsiitii Haramayaatti barnoonni fayyaa hawaasaa sadarkaa doktoreetiitti akka kennamuufi jedhame. Sadarkaa biyyaatti barnoonni fayyaa hawaasaa jalqabaa kan ta'e, sadarkaa doktoreetiin (Doktor of Public Health ) Yunivarsiitii Finfinnee fi Yuunivarsiitii Haramayaatti akka eegalamu Ministeerri Fayyaa beeksiseera. Sagantaan barnoota fayyaa hawaasaa kun sadarkaa doktoreetiin bara dhufu dhaabbilee barnootaa lamaanitti ni jalqaba kan jedhame yoo ta'u, kana ilaalchisuun sagantaan jalqabsiisa magaala Finfinneetti, bakka hayyoonni adda addaa itti hirmaanitti gaggeefameera. Hayyoonni Yunivarsitii Finfinnee fi Haramaayaa sagantaan barnoota kun banamuu waliin wal qabatee, barruu sirna barnootaa fi dhimmoota kanaan walqabtan irratti xiyyeefate dhiyeessuun irratti mari'atame yoo ta'u, gaggeessummaa fayyaa hawaasaa, hooggansa, komunikeeshinii fi dandeettii yaaduu kalaqaa dameewwan barnoota keessatti barsiifamuu qaban keessaa akka ta'e himama jedhameera. Barnoonni kun fayyaa hawaasaa hubachuu fi rakkoo fayyaa walxaxaa adda baasuu fi furuuf, ogeessota hawaasa weerara fi balaa fayyaa adda addaa irraa baraaruu danda’an oomishuuf gumaacha guddaa akka qabus ibsameera.

Caffeen Oromiyaa Mirga Himatamuu Dhabuu Miseensa Caffee Obbo Taayyee Danda’aa kaase. Bu’uura Heera Fooyya'aa Naannoo Oromiyaa
+1
Caffeen Oromiyaa Mirga Himatamuu Dhabuu Miseensa Caffee Obbo Taayyee Danda’aa kaase. Bu’uura Heera Fooyya'aa Naannoo Oromiyaa 1994 Fooyya’ee Bahee Keewwata 48 Keewwata xiqqaa 6 jalatti ibsameen, Miseensi Caffichaa kamuu yeroo ummanni isa filate amantaa irraa dhabetti, akka seeraatti, miseensummaa Caffeerraa gaggeeffamuu akka danda’u tumamee jira. Bu'uuruma kanaan, Caffeen Oromiyaa Yaa'ii idilee 6ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa taa'aa jiruun mirga himatamuu dhabuu Kab. Obbo Taayyee Danda'aa Araddoo dhiyaateef irratti mari'atee sagalee calmaan raggaaseera. Obbo Taayyee danda'a Muuddee 2/2016 Too'annoo jala ooluun isaa kan yaadatamuudha.

Galmeen barattoota qormaata ba’iinsa kutaa 12ffaa bara 2016 fudhatanii gaggeeffamaa jira. Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Q
+1
Galmeen barattoota qormaata ba’iinsa kutaa 12ffaa bara 2016 fudhatanii gaggeeffamaa jira. Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata akka ibsetti hojiin galmee barattootaa qorumsa fudhatanii Gurraandhala 3/2016 irraa eegalee hanga Gurraandhala 30/2016tti kan hojjetamu ta’uu ibseera. Bakkeewwan galmeen itti jalqabame akka jiran kan ibsame yoo ta'u, Daarektarri tajaajila kanaa obbo Tafarraa Fayyisaa naannoleen galmeen itti hin jalqabne galmeen akka jalqabu ibsaniiru. Galmeen barattoota qormaaticha sagantaa idilee fi galgalaan fudhatan manneen barnootaa keessatti kan raawwatamu yoo ta’u, galmeen barattoota qormaata dhuunfaa, fageenyaa fi interneetiin baratanii qormaata fudhatanii waajjira biiroo barnootaa godinaa fi aanaaletti argamanitti kan adeemsifamu ta'a. Bara 2016tti barattoonni kuma 870 ol qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ni fudhatu jedhamee eegama.

#Exitaexam Qormaanni ba'uumsaa/ExitExam/ bara 2016 Roobii Fulbaana 6 irraa eegalee ni eegala. Sagantaa qormaataa yunivarsiitiiwwan irraa haaromfame faayila armaan olii keessatti hammatameera. Akka sagantichaatti barattoonni fayyaa guyyaa qormaata jalqabaa qormaata isaanii ni fudhatu.

Qormaanni ba'iinsaa [ Exit Exam] dheerateera. Guyyaan qormaata ba'iinsaa walakkeessa waggaa 2016tti kennamu dheerachuu isaa "
+1
Qormaanni ba'iinsaa [ Exit Exam] dheerateera. Guyyaan qormaata ba'iinsaa walakkeessa waggaa 2016tti kennamu dheerachuu isaa "Tikvah Ethiopia" Ministeera Barnootaa irraa mirkaneessu danda'eera. Qormaanni ba'iinsaa Ammajjii 27 hanga Gurraandhala 01, 2016tti kennama jedhamuun isaa kan yaadatamuudha. Sagantaa haaraa ministerri barnoota beeksiseen qormaanni kun Gurraandhala 06 hanga 09/2016tti kan kennamu ta’u beekkameera. Qoramtoota haaraaf qormaatni moodeela Guraandhala 27 hanga 30/2016tti kennama. Guyyoota itti aanan keessattis tarreen qormaatamtootaa gara dhaabbilee barnoota olaanootti akka ergamu ibsameera.

Badhaasa Birrii kuma Baankii Oromiyaa irraa‼️ Liinki Kana Start Godhuun Isinis carraa keessan yaala‼️ https://t.me/official_o
Badhaasa Birrii kuma Baankii Oromiyaa irraa‼️ Liinki Kana Start Godhuun Isinis carraa keessan yaala‼️ https://t.me/official_oromia_bank_bot?start=686792855

"Yeroon galmee dheerateera" - Ministeera Barnootaa Ministeerri Barnoota yeroo galmee qormaata ba'iinsaa dheerachuu beeksiseer
+1
"Yeroon galmee dheerateera" - Ministeera Barnootaa Ministeerri Barnoota yeroo galmee qormaata ba'iinsaa dheerachuu beeksiseera. Bara 2016 qormaata ba'iinsaa fudhatuuf yeroon galmee Ammajjii 08/2016 irraa eegalee Ammajjii 15/2016 akka xumuramu jedhamuun isaa kan yaadatamuudha. Haa ta'u malee gaaffii qoramtootaa hubannoo keessa galchuun yeroon galmee hanga Ammajjii 20/2016tti dheerachuu isaa Ministeerri Barnootaa ibseera. Guyyaan qormaata ba'iinsa Ammajjii 27/2016 hanga Gurraandhala 1/2016 tti akka kennamu irra deebiin ibseera. Ministeerri Barnootaa haalawwan biroo akkaataa hojimaata kanaan dura ibsameen akka raawwataman cimsee ibseera: https://t.me/tikvahethAFAANOROMOO/5826?single

#Update Ministeerri Barnootaa akkaataafi gosa barnootaa barattoonni kutaa 12ffaa bara 2016 qoramuu qaban irratti ibsa kenne.
#Update Ministeerri Barnootaa akkaataafi gosa barnootaa barattoonni kutaa 12ffaa bara 2016 qoramuu qaban irratti ibsa kenne. Buu'uuruma kanaan dameewwan lamaanuu ykn Dameen Saayinsii Hawaasaa fi Saayinsii Uumamaaf gosa barnootaa isaan qoraman irratti ministeerichi beeksiseera. Barattoota Saayinsii Uumamaaf 👇👇 Afaan Ingiliffaa Herrega Fiiziksii Keemistirii Baayoloojii fi Aptiituudii Yemmuu ta'u, Saayinsii Hawaasaaf Ammoo:- 👇👇 Afaan Ingilizii Herrega Seenaa Ji’ograafii Ikkoonomiksii Aptiituudii dha. #Hubachiisa 1.Qormaanni Ikkoonomiksii bara 2016 kutaa 12ffaa irraa qofa kan ba'u ta'a. 2. Gosa barnootaa Ikkoonomiksii irraa kan hafe gosti barnoota biroo kutaa 9-11ffaa irraa eegalee kaarikulamii duriin kan qophaa’u ta'a. 3.Gosti barnootaa kutaan 12ffaa  kaarikulamii haaraa amma barataa jirtan irraa kan ba'u ta'a.

#MoE #ExitExam Bara barnootaa 2015 irraa eegalee Qormaanni Bahiinsa Yunivarsitii (Higher Education Exit Exam) barattoota digr
+1
#MoE #ExitExam Bara barnootaa 2015 irraa eegalee Qormaanni Bahiinsa Yunivarsitii (Higher Education Exit Exam)  barattoota digrii jalqabaaf kennamaa akka jiru ni beekkama. Ministeerri Barnootaa bara 2016 #Walakkaatti qormaata bahiinsaa qoramuuf barattoonnii eegaa jiran Ammajjii 27-Gurraandhala 1/2016tti kan kennamu ta'a jedheera. Dorgomtoonni qormaata ba’iinsaa ji’a Adooleessa 2015 fudhatanii darbuu hin dandeenyee  fi Ammajjii 27 - Gurraandhala 1, 2016tti #irradeebiin qormaata fudhachuuf eegaa jiran hundi, galmaa'uu fi dhaabbata qormaataa (yunivarsiitii mootummaa) itti qoraman karaa linkii kanaan filachuu ni danda'u (https://qormaata.ethernet.edu.et) jedhameera. Kanaaf Ammajii 08 hanga Ammajjii 15, 2016tti kaffaltii galmee Birrii 500.00 karaa "Tele Birr" qofaan kaffaluun galmaa'uu akka dandeessan Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Iyyattoonni deeggarsa dabalataa yoo barbaadan lakkoofsa bilbilaa +251 118 13 21 76 ykn email registration@ethernet.edu.et tiin deeggarsa argachuu akka danda’an ibsameera. Ministeera Barnootaa, qoramtoonni eebbifamtoota qormaata ba’iinsaaa yeroo jalqabaaf fudhachaa jiran karaa dhaabbata isaaniitiin galmaa’anii kaffaltii tajaajilaa akka kaffalan ibsuun odeeffannoo qormaataa barbaachisaa ta’e karaa dhaabbata isaanii akka argatan akeekaniiru.