cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

NUREDIN OROMOO

Nuredindawud

نمایش بیشتر
فنلندة3 163زبان مشخص نشده استآموزش89 145
پست‌های تبلیغاتی
629
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+47 روز
+2630 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

#BARSIISAA!....... Barsiisaan dhaloota gahoomsuu bira darbee biyyi kun of barsiisaa malee jiraachuu hin dandeessu yoo jedhame waan dhugaa irraa fagaate natti hin fakkaatu. Sababni isaa 𝙗𝙖𝙧𝙨𝙞𝙞𝙨𝙖𝙖𝙣;- Hayyuu waa kalaquu(𝘽𝙚𝙚𝙠𝙖𝙖𝙙𝙝𝙖), Nama biyya bulchuudha(𝙈𝙤𝙤𝙩𝙞𝙞), Eegduu biyya eeguudha(𝙒𝙖𝙧𝙖𝙖𝙣𝙖), Mirkaneessituu fayyaati(𝘿𝙤𝙤𝙠𝙩𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖), Sammuu namaa qotee kan misoomsudha(𝙌𝙤𝙩𝙩𝙪𝙪), Ka'umsa beekumsa dhala namaati(𝙆𝙞𝙩𝙖𝙖𝙗𝙖), Hubachiistuu mirga namummaati(𝘼𝙗𝙗𝙖𝙖 𝙎𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖), Balleessituu doofummaatii(𝘽𝙖𝙣𝙩𝙪𝙪 fi 𝘾𝙪𝙛𝙩𝙪𝙪), Waan egereef ta'u kan beeku(𝘼𝙮𝙮𝙖𝙖𝙣𝙩𝙪𝙪 ykn 𝙍𝙖𝙖𝙜𝙙𝙪𝙪), Mi'a dheedhii kan jijjiirudha(𝙒𝙖𝙖𝙧𝙨𝙝𝙖𝙖), Agarsiistuu kallattii jireenyaati(𝙆𝙤𝙤𝙢𝙥𝙖𝙖𝙨𝙞𝙞), Falmaa mirga namaati (𝘼𝙗𝙪𝙪𝙠𝙖𝙖𝙩𝙤𝙤), Qusataa yerooti(𝘼𝙩𝙞𝙞𝙡𝙚𝙚𝙩𝙞𝙠𝙨𝙞𝙞), Dhaloota milkeessa, Karaa sirrii kan baasu(𝙏𝙞𝙧𝙖𝙠𝙩𝙞𝙧𝙖), Morkataa Gabrummaati (𝙌𝙖𝙗𝙨𝙖𝙖'𝙖𝙖), Argannoo haaraa kan maddisiisudha(𝙌𝙤𝙧𝙖𝙩𝙖𝙖) fi kkf waan baay'ee isaanitu kan ani hin tuqiin hafee jira. Kanaafuu barsiisaan mi'eessituudha yoon jedhe waan ittiin barsiisaa ibsu dhabeen itti fakkeessee jecha kanatti fayyadame. Mi'eessituun yoo waan nyaatamu tokkoo keessaa dhibe maal akka ta'u hubachuun isaa nama hin rakkisu ifaadha. Barsiisota 𝙗𝙞𝙮𝙮𝙤𝙤𝙩𝙖 guddatanii fakkeenya fudhanne yoo ilaalle iddoo guddaa 𝙗𝙖𝙧𝙨𝙞𝙞𝙨𝙖𝙖𝙛 qabu. Haala 𝙢𝙞𝙣𝙙𝙖𝙖 ykn 𝙠𝙖𝙛𝙛𝙖𝙡𝙩𝙞𝙞 isaanii illee yoo ilaalle hojjettoota jiran keessaa gatii olaanaatu kaffalamaaf. 𝘼𝙛𝙧𝙞𝙠𝙖𝙖 keessaa illee fagoo otoo hin deemin ollaa biyya keenyaa kan taate fknf #𝙆𝙚𝙚𝙣𝙞𝙮𝙖𝙖 yoo fudhanne gatiin barsiisaaf kaffalamu olaanaadha. Hojjettoota biyya ishee keessaa 𝐦𝐢𝐧𝐝𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐧 kan barsiisaati. Biyya kana keessatti garuu hangam akka ta'ee wal nama hin gaafachisu! Garuu, ani #nu qofaaf mindaan haa dabalamu jechuu koo miti.....! Barsiisaa abbaa ogeessota maraa!♥️👌
نمایش همه...
#BEEKSISA_GUYYAA_QORMAATA_MADAALLII_GAHUMSA_OGUMMAA_BARSIISUMMAA --------------------- Waajjira Barnootaa Godinaalee 21fi Bul. Magaalota 23tiif ------------------ BBO- Caamsaa 30/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kallatti hedduun irratti hojjachaa jiraachuun ni beekama. Qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gaheen barsiisaafi hogganaan mana barnootaa hundaa ol murteessaafi wanti bakka isaanii bu'u gonkumaa kan hin yaadamneedha. Kanaafuu, barsiisaafi hoggansa mana barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qabu kana gahumsa isaa mirkaneeffachuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan biiroon keenya barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa Qormaata Madaallii Gahumsa Ogumnaa qoruun mirkaneeffachuuf guyyaa qormaataa kanaan dura Waxabajjii 09/2016 jedhamee ture fooyyessuun #Waxabajjii_13/2016 ta'uusaa xalayaan ergameera. Kanaafuu, barsiisotni kanaan dura qormaataaf filatamtan; #Barsiisotni_Manneen_Barnootaa_Sadarkaa_1ffaafi #Sadarkaa_2ffaa keessatti barsiistan gamanuma qophii barbaachisaa ta'e akka taasiftan, #Waajjirri_barnootaa_Godinaaleefi_Magaalotaa_barsiisota akka kakaaftaniifi qopheessitan ergaan dabreera. #Guyyaan_qornaataa-13/10/2016 #Kanqoratamu:- B/saafi HMB #Iddoon_qormaataa:- Yunivarsiitii filame keessatti #Haalli_qormaataa:- 'Online' fi waraqaan ta'a #Sa'aatiin qormaataa:- Ganama Sa'aatii 4:00tti eegalama. #Ogummaan_Barsiisummaa_HANDHURA_Ogummaa_Hundaati! 🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/ 📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
نمایش همه...

Guyyaan qormaataa MGO barsiisota manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaaogummaa barsiisummaa keessa jiranii gara Waxabajjii 9, 2016 jedhamee kan ture gara Waxabajjii 13tti beellamameera
نمایش همه...
ℕ𝕒𝕞𝕠𝕠𝕟𝕟𝕚 /ℚ𝕒𝕒𝕞𝕠𝕟𝕟𝕚 𝕕𝕙𝕚𝕞𝕞𝕚 𝕜𝕦𝕟 𝕚𝕝𝕒𝕒𝕝𝕝𝕒𝕥𝕦 𝕚𝕥𝕥𝕚 𝕞𝕦𝕕𝕕𝕦𝕦𝕕𝕙𝕒𝕒𝕟 𝕪𝕖𝕣𝕠𝕠 𝕜𝕖𝕖𝕤𝕤𝕒𝕟𝕚𝕥𝕥𝕚 𝕗𝕒𝕪𝕪𝕒𝕕𝕒𝕞𝕒𝕒
نمایش همه...
👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Nuredindaw
نمایش همه...
NUREDIN OROMOO

Nuredindawud

22/09/2016 #Hubachiisa #Qormaata_kutaa_6ffaafi_8ffaairratti dhimmoota #xiyyeeffannoo_barbaadan:- ---------------------- Biiroon Barnootaa Oromiyaa seenaa keessatti isa jalqabaafi adda ta'e barattoota miiliyoona 1.4 ol ta'aniif qormaata Naannoo kennuuf qophii xumureera. Qormaata Naannoo kan fudhatan barattoota #kutaa_6ffaa 731,955 #kutaa_8ffaan immoo, 672,500, #walitti_barattoota 1,404.455 yoo ta'an, #Caamsaa 29-30/2016fi #Waxabajjii 4-5/2016tti walduraa duubaan qormaata kan kennu ta'uun beekameera. #Baay'inni #barattoota_qormaata_fudhachuuf_qophaa'anii (kutaa 6fi 8 qofti) lakkoofsa biyyoota addunyaa hedduu(#Jibuutii_dabalatee_baay'ina #ummata_biyyoota_70 ol ta'an kan caaludha. Akka naannootti barattoota heddummina hanganaa qaban qoruu jechuun humna namaa, maallaqaafi meeshaalee hedduun kan irratti dhangala'e ta'uun beekamaadha. Kanaafuu, Qormaatni kun akka galma gahu hawaasni, maatiin baratttootaa, caasaan mootummaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaa sadarkaan jiru, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, abbootiin amantii, caasaan barnootaa sadarkaan jiru, qaamni waraqaa qormaataa geejjibsaa jiru, qaamni waraqaa qormaataafi iddoo qormaataa hordofu hundi #firiin_barattoota_keenyaa_akka_jalaa_hin_qisaasamne qormaatni raabsamee, kennameefi waraqaan deebii qormaataa hanga Biiroo Barnootaatti deebi'utti, #keessattuu_Gumiin_Tiraansiformeeshiinii_Barnootaa_Oromiyaa_sadarkaan_jirru_hundi_xiyyeeffannoo_olaana_kennuun_hordofuu qabna. #Xiyyeeffannoowwan; #Waraqaan_qormaataa_yeroo geejjibamu_konkolaataa irratti/bakka kuufamutti roobni akka hin tuqne, bakka wanti waraqaa nyaatu hinjirre(hantuuta),fi kkf hin jirre taa'uu qaba. #Qormaatni_hannaaf_akka_hin-saaxilamne, #Iddoon_Qormaatni_itti_kennamu nagaa kan qabuufi waca hin qabne. #Qormaata_booda,_waraqaan_deebii of eeggannoon saamsamee gara BBO akka dhufu hordoffii wal irraa hincinne gochuu milkaa'inaaf haa hojjannu.. #CARRAA_GAARII ! -BBO- 🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/ 📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
نمایش همه...

👍 3
👉 Click here for more.......
Beeksisa k/Barsiisotaa QMGO 50% hanga 69% qabdan hunda leenjii gabaabaan isinii kennamee BBO'n gara hojiitti isin bobbaasuun barbaadeeti
نمایش همه...
Beeksisa Galmee K.Barsiisotaa MGO 50% hanga 69% qabaniif.pdf4.04 KB
Photo unavailableShow in Telegram
Barsiisonni Dippiloomaa Sagantaa IDILEE, GALGALAA, GANNAA fi DHUMATORBEE barattanii eebbifamtanii fi qabxii MGO 50 fi isaan ol galmeessitanii hanga ammaa kan hin qaxaramne Hanga Waxabajjii 5/2016 galmaa'aa!
نمایش همه...
Beeksisa Ariifachiisaa.xlsx0.64 KB
Beeksisa Haaraa.pdf3.67 KB