cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Naardos Official

Dhugaa dubbachuun, soba tuffachuudha. Dhugaanis ilma waaqayyo abbaa isa ta'e yesuusi. Nus isuma Lallabna ✊ Inni fayyisaa keenya...! https://t.me/+-EGH3ylN5t5hZDM0 @Naar_dos @Naar_dos

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
1 249
مشترکین
+224 ساعت
+37 روز
+4930 روز
توزیع زمان ارسال

در حال بارگیری داده...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
تجزیه و تحلیل انتشار
پست هابازدید ها
به اشتراک گذاشته شده
ديناميک بازديد ها
01
❍ Channel kanneen hunda qabduu? ❍ Promotion tolaa barbaadduu? ❍ "Kuni walitti qabama channelee telegram filatamooti!" 1. ADD FOLDER 01 2. ADD FOLDER 02 3. ADD FOLDER 03 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬     👇💐💏❤️❤️💐 ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 01   █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬     👇💐💏❤️❤️💐 ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 02   █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬      👇💐💏❤️❤️💐 ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 03    █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ❍ Itti Gammadaa ❏ Free Waver: @Getu_Abera ❏ Promotion: @hopepromotion ❏ @bittaafigurgurtaachannel
220Loading...
02
Argama jireenya koo atti!
440Loading...
03
Ittii Eebbifamaa
520Loading...
04
QOTIYYOO DIIMAA (ARRABAA OFII EEGGACHUU) Qotiyyoo diimaa kana dallaa keessatti jabeessanii eeguu barbaachisa. Yeroo waan qotuu qabu qotuun barbaachisaa ta'etti immoo gadi baasuun ni barbaachisa. Kanaa achi dallaa cabsee bahuudhaan qe'ee nama baay'eetti ibidda naqa. "Namni giddu-galeessatti haasa'u tokko guyyaa tokkotti jechoota 18,000 dubbata, kun immoo waggaatti yeroo herregamu, kitaaba tokkoon tokkoo isaa fuula 400 qabu kitaabota 132 ta'a." jedhama. Kitaaba Dr. Mallasee Waguu (እስቲ ምላስህ) Jedhu fuula 21 irraan dubbise. Kunneen immoo utuu ija Waaqayyootiin ilaalamanii kan faayidaa qaban moo kanneen faayidaa hin qabnetti baay'ata laataa? Of haa gaafannu! Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha:- "Ani isinittan hima, namoonni dubbii yaada malee afaan isanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru. Dubbii kee hundumaan siif in faradama, dubbii kee hundumaanis sitti in faradama." Jedha. (Mate. 12:36-37) Har'a namni hin argu hin beekus ta'a, tokkoon tokkoo haasaha keenyaa garuu galmeen Waaqayyoo qabee kaa'uu isaa irraanfachuun hin barbaachisu. Gaafa gaafatamnu maal deebisuuf jirraa? Kaachoo uumamaatti kan ibidda naqu, biyyas kan balleessu dubbii akka malee fi bakka maleetti haasahamudha. Of haa eeggannu! Eebbifamaa! Vy Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa
570Loading...
05
✨ Telegram Channels: xinsammuu fi kitaabilee PDF 👇👇 ____ ➊ Click join 10K+ Channels         ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ 1. ADD FOLDER 01 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ____ ➋ Beekumsa Dabalataa              👇👇👇👇          👉✨banaa✨👈          👉✨banaa✨👈                👆👆👆👆 2. ADD FOLDER 02 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ____ ➌ Xinsammuu 💌 Join 💌 💌 Join 💌 💌 Join 💌 3. ADD FOLDER 03 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❒ Contact me: @Getu_Abera ❏ Promotion: @hopepromotion ❏ @bittaafigurgurtaachannel
260Loading...
06
Media files
570Loading...
07
Ani dhuguman isiniin jedhaa dafqitanii dafqa keessan xuruurfattan malee badhaadhumni hin dhufu, kan badhaadhumaa waan biraatii jiraachuun hin dandaa'amu. Kanaaf gowoomsaa gama miidiyaa hawaasummaa, mar-sariitiwwan garaagaraan tamsaa'a oolan ilaaltanii hin sobaminaa, yeroo keessan keessaas dagattanii daqiiqaa tokko hin kenninaafii! Akkuma dubbiin Waaqayyoo jedhu dafqaa, dafqa adda keessanii nyaadhaa! Kan hin hojjenne hin nyaatin akkuma sagaleen Waaqayyoo jedhu hojjedhaa nyaadhaa! Waan ulaagaa hojii hin guunneen seexanni isin hin sobin! “Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti hamma deebituttis, dhamaatee dafqitee buddeena in nyaatta" jedhe.” — Uma. 3:19 "Yommuu isin bira turre iyyuu, "Namni hojii hojjechuu hin barbaanne midhaanis hin nyaatin!" jennee isin abboomneerra. Amma immoo isin keessaa kaan hojjechuu dhiisanii dhibaa'ummaatti in jiraatu; ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan, hojii namaa keessa lixuu isaanii garuu in dhageenya. Namoota akkasii kana gab jedhanii akka hojjetan, kan isaaniis nyaatanii akka jiraatan maqaa gooftaa Yesus Kristosiin in abboomna, in gorsinas. - 2 Tas. 3:10-12
572Loading...
08
KUTAA 559 BADHAADHUMA QILLEENSARRAA ~~Ulfa Hin Dhalanne~~ ••• Handhuura 'Cryptocurrency' kan ta'an ergituwwan badhaadhuma qilleensarraa hedduun fuula miidiyaa hawaasaa kana cufa dhuunfataa jiru. Isaan kunneen ulfa hin dhalanne dhaloonni kun garaa guuttatee deemuudha. Yaad-rimee sammuu dhalootaa keessa jiru fakkaatu garuu ulfa abjuuti. Ulfa sobaa! Hanga har'aa ilmoon namaa harka maratee taa'ee qilleensa abootuun badhaadhe hin jiru. Kaan dafqee dadhabee, kaan ammoo karaa qaxxamuraan dabee giiphii isaa guuttate. Lamaanuu daandii wal fakkaataan qabeenya argamu ta'uus baatan gatii nama baasisan qabu. Dhalli namaa karaa jal'inaa badhaadhu oolee bula malee harka qul'aatti hafuuf jira, ni hafas. Garuu akkuma dubbiin Waaqayyoo ajajutti isa dadhabee karaa qajeelinaa hojjete Waaqayyo in eebbisa. Waan qabu irrattis umurii ni dheerata. Kana waa malee hin kaafne. Seexanni guyyoota gara dhumaa kana fedhii yaada garaa dhalootaa bareechee waan beekuuf labata dhibaa'ummaan dha'ee fudhatee qileerra ittiin jooraa oola. Qilleensuma itti agarsiisee achi keessaa maallaqa hammarraadhu jedhaan. Isa silaa yeroosaa waan toora qabu hojjetee dabarsu dhaloonni isa hamaa kana waliin akka bubbee ta'aa oola. Dubbiin daldala qilleensarraa kun dhaloota dhibaa'ummaa leenjise, joonjessee qilleensa aboochisaa harka qul'aa hambise. Maqawwan hedduun baadhadhuma qilleensarraan moggaafamanii afarfamaa jiran kunneen hundi isaa soba, soba adiidha. Gola namoota qubaan lakkaa'amanii dureessa taasisee miliyoonota ammoo qul'aa dhaaba. Keessumaa dhaloota kanaaf waa'een hojii kan isaaf galu biyya gama lixaa kana xiqqoo yoo dhandhameedha. Kana jechuun koo gama Afrikaa hojiin hin jiru, namni hojjetus hin jiru jechuu koo miti, aadaa hojiitu hin jiru jechuu barbaadeeni malee. Achumattuu inni sammuun isaa banameef hojiis ta'e aadaa hojii beeka. Garuu irra caalaan dhalootaa qilleensa duukaa gulufaa oola. Taa'ee badhaadhuus ta'e, jiraachuu waan barbaaduuf waan karaa qaxxaamuraa dhuftu ciisee gaada. Beekuun kan nurra jiraatu kachachaltuun warra lixaa fi Awurooppaa jiraatan namoota qubaan lakkaa'aman gama Afrikaa fi biyyoota hiyyeeyyii akka Afrikaa irraa qabachuun boorsaa dhala hiyyeessaa gogsaa oolu. Garuu ofiisaaniitii maallaqni akkamiin argamuu akka danda'u bareechanii beeku. Isa kan keenyaa garuu qilleensarra kaasaa oolu. Kun maqaa daldalaa qilleensarraa jedhuun sammuu dhalootaa warra adoochaa jiraniifan dubbadhe. Tibba kana immoo waanuma oodaa tokkon argaa jira. "TapSwab, Yescoin" kanneen jedhaman kan 'Crypto Statis' ta'an kan gama Telegram qabateen dhaloonni abjuumaan sooromaa jira. "Callisteema appilikaashinii 'TapSwab' bantee tuttuqxa isumatu maallaqa siif ta'a" jechaa jiru. Anis namoota utuu "screen" bilbila isaanii reebanii keessa darbanii daalacheessan hedduun arge. "Kottu in nyaattaa" jedhe Abbaan Lataa jedhama. Obboleessa/obboleettii koo gowoomsaa akkasii dhiisi! Dhuguma sammuun kee kanatti amanaa? Callistee "tap, tap" gochuun maallaqni gadi roobu dhuguma waan jiru sitti fakkaataa? Hubadhu! Namni kana si goosisaa jiru appilikeeshinii tokko gabaatti baafatee baay'ina nama banee tuttuqeen qaama irraa fayyadamaa ta'u qabaachuu mala ta'a. Namoonni isa jala hiriiranii afaan-faajjii uumanis fayyadamoo ta'uu malu ta'a. Ati immoo yeroo kee, "screen" bilbila kee fi quba kee ofumaa daalacheessite. Mucha gowoomsaas gototaa oolte. Ammas irra deddeebi'ee dubbachuu kanan fedhu bineensichi addunyaasaaf haala mijeeffataa jiru hunda dura dhaloota dinagdeen laamshessuu irratti hojjeta. Sababni isaa addunyaa haaraa keessatti dhaloota dinagdeen jabaa gara barbaadetti oofuu waan hin dandeenyeef erga dhaloota dinagdeen golgoleessee booda addunyaa isaa keessatti akka loonii gara barbaadetti oofuudha fedha. Cryptocurrency' n maallaqa addunyaa haaraa isa kan bineensichaa ta'uu eenyu iyyuu dagachuu hin qabu. Kanaaf waanti maqaa daldala qilleensarraa qabu achi jalatti ramadama ykn "statis" isaa qabaata.
653Loading...
09
Media files
10Loading...
10
✍️ Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa. ✍️Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa! ✍️Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aasoo wal qabna. ✍️Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa! ✍️ Egaa akka nama sabbataan hidbatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa! ✍️Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa! ✍️Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu. ✍️ Fayyina akka gonfoo sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa! ✍️Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa! ✍️ Ani immoo dhoksaa wangeelaa ija jabinaan beeksisuudhaaf yommuun afaan saaqqadhu, dubbiin akka anaaf kennamutti, anaaf kadhadhaa! ✍️Akka dubbachuun anaaf ta'utti ija jabinaan akkan dubbadhuuf anaaf kadhadhaa! Ani funyoo sibiilaatiin lafan hidhametti iyyuu wangeela isaa lallabuudhaaf Kristosiif afaan ta'ee ergameen jira. (Ef 6:10-20)
862Loading...
11
“Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu.” — Efe. 6:16
1042Loading...
12
“Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa.” — 1Yoh. 1:7
1851Loading...
13
💬💬𝙀𝙧𝙜𝙖𝙖 𝙂𝙖𝙣𝙖𝙢𝙖𝙖💬💬 📖Isa. 25 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ❝¹ Yaa gooftaa, ati Waaqayyo koo ti, ani sin galateeffadha, maqaa kees nan jajadha; wanta dur akeeki isaa qopheeffame, isa dinqisiisaa fi amanamaa sana, amma raawwatteetta; ² ati mandarattii akka tuullaa kosii in goote, ishee masaraa qabdus in onsite, iddoo baqaa isa kan ormaas in diigde, inni immoo bara baraan deebi'ee mandara ta'ee hin ijaaramu; ³ kanaafis sabni jajjaboonni ulfina siif in kennu, mandaroonni warra jal'ootaas si sodaatu.❞ #Ameen_Eebbifamaa👏 #Jesus_saves #I_am_a_witness       📍Join Us📍 @DhagaaJiraataa7 @DhagaaJiraataa7 @DhugaaWaaqarraa @DhugaaWaaqarraa
1710Loading...
14
Chaalenji tokkoo yoo darbite chaalenji 2ffatu dhufa isaa biras yoo darbite 3ffaatu dhufa isaa biras yoo darbite 4ffaatu dhufa isaa biras yoo darbite 5ffatu dhufa isaa biras yoo darbitee 6ffatu dhufa.................. . . . . . . . . . . . . Chaalejiichi wan dhabatuu miiti atti gaaru humna ittin isaa mootu,Fulaa Goftaa keetti gadii jeedhi isaa kadhadhu. Eeyyeen Rakkinni wan haaraa mitii jaabadhu kadhadhu.
1660Loading...
15
Media files
2102Loading...
16
Afurii nama yoo nagaa qabatee jireenya namummaa namatu nagaa qabata. “Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u, yaa obboloota ko. Ameen.” — Gal. 6:18
1970Loading...
17
KUTAA 468FFAA DIINNI KEENYA EENYU DHA? Dubbistanii #Share gochuu hin dagatiinaa Diinni keenya eenyu gaafii jedhuun wal qabatee deebiin keenya heddu ta’uu danda’a, fkn kuun keenya mana keenyaa jalqabee hamma iddoo oolmaa keenyaatti kan nurraa hin fagaanne fi nutis kan isa irraa hin fagaanne diinnikoo nama jechuu dandeenya. Kuun keenya immoo lakkii namni maal nagodhe, namumayyuu kan ana irratti kaase seexana waan ta’eef diinnikoo seexana jechuu dandeenya, kuun keenya immoo lakkii diinnikoo namas seexanas miti, diinnikoo bara, qilleensa, haala ykn jireenya mataa kootiti jechuu dandeenya. Gareen kuun immoo lakkii diinni mataa koo anuma, ani matuma koon injifachuu dadhabe jedha. Qaamonni armaan olitti ka’an kun hundumti diina keenya ta’uu hin danda’an ilaalcha jedhu hin qabu, garuu isa macaafni qulqulluun diina jedhee irratti yaada kaase irrattin walii galee barreeffama xinnoo kanaan diinni keenya namaa fi seexana jedhee waan gabaabduu kaasuun barbaade 1ffaa. Diinni keenya:- 1. Nama “...ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa...!” [Mat 5:43-46] “Yesuus itti fufee, ani garuu isin warra dhageessaniin, diinota keessan jaaladhaa, warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha. Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniif kadhadhaa! Namni maddii kee gara tokko yoo sikabale, isa gara kaaniis itti qabi! Namni kootii kee yoo sirraa fudhate qomee kee iyyuu isa hin dhowwatin” [Luq 6:27-29] “Iddoo tokkotti immoo, diinnikee yoo beela’e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetinis gaabbee akka inni yeella’u in goota” jedhamee caafameera!” [Rom 12:20] Namoota akkamiitin macaafni qulqulluun diina kan jedhuun? 1,Namoota nu jibbaniin, Namoota jabaachuu, dhaabachuu, dandamachuu, guddachuu fi argachuu keenya hin barbaannen. Namoota nu jibbuu irra darbanii kufaati fi du’a keenya barbaadanii fi eeganiin, Namoota nu dhiibaniin, 2,Namoota sobaan waan baay’ee nu irratti dudubbatanii fi nu hadheessaniin, Namoota nu arrabsaniin fi Namoota nu ari’achuudhan gidiraa gara garaa nurraan ga’aniin fi kkf. [Mat 5:11, 43-46, Luq 6:27-29, 3Yoh 1:10] Dhiibbaan namni nama irraan ga’u dhibba! Akkuma dhugaan wangeelaa nuun jedhutti jiraachudhaan injifachuutu nu irra jira malee. Kana hunduma nama, nama faana jiraatutu beeka! Diina namaa kana akkamitti injifanna ykn ittiin mormina? 1.Kadhachuufidhaan [Luq 6:28, Mat 5:44] “...ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa...!” [Mat 5:43-46] 2. Eebbisuudhaan [Luq 6:28] Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniif kadhadhaa! [Luq 6:28] 3.Jaalachuudhan [Mat 5:44, Luq 6:27] “...ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa...!” [Mat 5:43-46] 4.Gaarii gochuufidhaan [Rom 12:20, Luq 6:27] “...warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha. [Luq 6:27] “Iddoo tokkotti immoo, diinnikee yoo beela’e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetinis gaabbee akka akka inni yeella’u in goota” jedhamee caafameera!” [Rom 12:20] 5.Ijaa ba’uu dhiisudhaan [Rom 12:19] “Michoota koo! Ijaa baasuu fi dheekkamsa Waaqayyotti dhiisaa malee, ofii keessaniif ijaa hin baafatinaa! ”Jaalannus jibbinus diina keenya isa ta’e nama injifachuu kan dandeenyu akkuma macaafni qulqulluun nugorsu faallaa waan hamaa inni nurratti godhuu gochuufidhaan malee hamaa hamaadhan deebisuudhaan miti. Kiristoos mataan isaa addunyaa rakkiftuu kana kan injifate meeshaa waraanaa ammayyaatiin utuu hin ta’in jaalalaan ykn injifatamuudhan! “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa nan danda’a” [Fil 4:13] Egaa Walumaagalatti diinni keenya nama yeroo jennu hiikkaa akka macaafni qulqulluun nuun jedhun qabneetu dha.waanto nuyi hubachuu qabnu namni kam jaallatte diina namaa ta'uu hin barbaaddu, garuu humni duuba isaa jiraatte akka namni suun nama kam biraa irratti hamaa godhutu jira.kana boqonnaa itti aanu keessatti baranna. Amen Eebbifamaa Diinni keenya enyuu kan jedhu kutaa lammaffaan itti fufa...... YESUUS NI DHUFA
2451Loading...
18
✍️Kaayyoon waaqayyo dhala namaaf qabu jireenya bara baraati.
1420Loading...
19
✍️Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseer ✍️ Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise. ✍️ Kanaafis waa'ee nyaataa fi dhugaatiitti, waa'ee guyyaa ayyaanaatti, waa'ee baatii lakkaa'uutti yookiis waa'ee Sanbata eeguutti, namni tokko illee isinitti hin faradin! ✍️ Isaan kun gaadidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos. ✍️ Namni gad deebi'ee ergamoota waaqa irraa waaqessuu jaallatee, mul'ata arge tokko tokkoon himuudhaan sababii ga'u utuu hin qabaatin yaaduma garaa isaatiin of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin. ✍️ Namni akkasii, Kristos mataa dhagnichaatti, isa guutummaan dhagnaa ittiin sooramee, buusaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee, guddina Waaqayyo biraa argatuunis guddatu sanatti hin jabaatu. Qol 2:14-19 Eebbifamaa.
1770Loading...
20
Nama Waaqayyo wajjiin jiru Lafa Onaatu iddoo bashannanaattii.
1770Loading...
21
Iddoo waaqefannaa Gammoo gurguddaan asi ol ijaramee haalisa bareedufi nama hawwatu akkasumas meshaa qaqaliin ittin faarfatan iddoo haarsa irratti dabaree wal dhoowwaani fi namoota uffannaan issani gati qaqaali ta'e uffatani sagaleen issani fufuurdisani iddoo harsaara quqqufa'a asifi achi sosocha'a demman osoo hin tanee, dhugummati nama lapheen issaa caphe fula gooftaa durati qullaa'e fi nama akka yaada issaa barbada. Gamoonis Waaqayyoof Birqii miiti. Laftii fi sammin kuniyyuu hojii harka isaa wan ta'ef. Eyyeen Waaqayyo laphee nama barbada.Iddoon boqonnaa afuura Qulqulluus laphee keenyadha maale charchii bareedaa miiti. HoE. 7 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁴⁸ "Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru immoo, manneen harka namootaatiin hojjetaman keessa hin jiraatu. Raajichi akkuma jedhu iyyuu, ⁴⁹ 'Bantiin waaqaa teessoo koo ti, laftis ejjeta miilla kootii ti. Mana attamii anaaf ijaartu ree? Yookiis iddoon boqonnaa kootii isa kam? ⁵⁰ Isaan kana hundumaas harka kootu hojjete mitii ree? jedha gooftichi'.
2200Loading...
22
🚸 Channel barattoota gargaaruuf qophaae kanatti dabalamaa,... Join here...
240Loading...
23
💌 .... OPEN👇 kan jedhu tuquun affeerraa channel isiniif dhiyaatetti dabalamaa!     👇💐💏❤️❤️💐👇 ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️OPEN⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜⬜⬜️️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜⬜⬜️️⬜️ Dhugumatti Sagantaa keenyatti bohaaraa irraa ni barattu!🌟 . AddToFreeWave: @Gech_Ab
320Loading...
24
❍ "Kuni walitti qabama channelee telegram filatamooti!" 1. ADD FOLDER 01 2. ADD FOLDER 02 3. ADD FOLDER 03 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬     👇💐💏❤️❤️💐 ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 01   █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬     👇💐💏❤️❤️💐 ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 02   █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬      👇💐💏❤️❤️💐 ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥ █     FOLDER 03    █           ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ ❍ Itti Gammadaa ❏ Free Waver: @Getu_Abera
450Loading...
25
1677 SAGALEE HAAROMSAA =================== Sagaleen nama lafa onaa keessaa lallabu tokkoo, “Waaqayyoof karaa tolchaatii haraa, lafa duwwaa keessattis karaa Gooftaan keenya irra adeemu qajeelchaa! Dachaan hundinuu ol haa kaafamu, tulluun, gaarris hundinuu haa kuffifamu! Inni bu’aa-ba’iin diriiraa haa ta’u, Inni wal caccaalaanis wal haa qiqixxaatu! (Isa 40:3-5) Kunoo, guyyaan koo inni sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Ani Eliyaas raajicha isiniif nan erga. (Mil 4:5) Kana fudhachuus in barbaaddu yoo taatan, Yohannis kun Eliyaas, isa dhufuuf jiru sana. (Mat 11:14) Yohannis Cuuphaan ‘Eliyaas isa dhufuuf jiru’ jedhamuun isaa, hafuura Eliyaas irra tureen kan wal fakkaatu jechuudha malee, Eliyaas isa ol butamee ture sanatu deeb’ee Yohannis Cuuphaa ta’ee dhufe jechuu miti. Dhufaatii Yesus Hoolummaa Isaa fi Leencummaa Isaatiin dhufuu Isaa dura haaromsi guddaan akka ta’ee fi akka ta’uuf jedhu dhugaan Macaafaa nu hubachiisa. Gaara ulfinaa sana irratti Musee fi Eliyaas bartoota sadanitti mul’ataniiru. Yeroo gaaricha irraa gadi bu’an gaaffiin bartootni kaasan, waa’ee Masihii dura dhufuu Eliyaas gaafatan—gaaffiin kun gaaricha irratti Eliyaasiin arguu isaanii waliin wal qabatee keessatti uumame ta’a. Garuu deebiin Yesus kenne, Eliyaas akka dhufee fi akka namoonni waan barbaadan isa irratti hojjetan, innis Yohannis Cuuphaa ta’uu isaa gad itti qabee ibseef. Tajaajilli Yohannis Cuuphaan kennaa ture ‘Sagalee lafa onaa keessaa iyyu—iyya haaromsaa’ jedhama. Sagaleen haaromsaa lafa onaa keessaa iyyaa ture sun akka namoonni dhaabbata amantaa Yihudootaa keessaa gara dhaabbata amantaa haaraatti jijjiirrataniif utuu hin taane, akkasumas warri ormoonni gara dhaaba amantaa haaraatti akka jijjiirramaniif utuu hin taane, xiyyeeffannoo guddaan akka yaadni garaa isaanii jijjiiramuu—haaromsa guutummaa namaa irratti godhamu ture. “Yaada abbootaa gara ijoollotaatti, yaada ijoollotaa gara abbootaatti deebisuuf” kan jedhu haaromsa bu’uura irraa ta’e kan namoota hundumaa mootummaa dukkanaa keessaa baasee gara mootummaa ifaatti geessu ta’uu isaa agarsiisa. Kaayyoon haaromsaa dhaabbata amantaa jijjiiruu utuu hin taane, guutummaa namaa jijjiiruu dha. Jijjiiramni kam dhufuu kan dursu sagalee haaromsaa ti. Sosochiin hafuuraa (Revival) haaromsa dursee yoo dhufe bu’aan argamu hin jiraatu. Baruma jiraataa jirru kana keessa iyyuu waldoota utuu haaromsi yaadaa keessatti hin ta’in, garuu rivaayivaaliin keessatti ta’aa turan utuu isaan kufaatii akka malee yaaddessaaf saaxilamanii argineerra. Haaromsi jijjiirama yaadaa—nama jijjiirame qofa hammata. Yohannis Cuuphaan namni hojii haaromsaa guddaaf dhalate hamma yeroon isaa ga’utti dubbii guddaa sana of keessatti qabatee lafa onaa keessa taa’e. Gaafa yeroon isaa ga’e haaromsa dhoose. Tajaajila ‘Karaa qajeelchuu—jijjiirraa yaada garaa’ tulluun akka gadi kufu—oftuulummaan namoota keessa guute akka keessaa dhangala’u, dachaan akka ol kaafamu—warra gatamoo fi dagatamoon akka humna godhatanii ol ka’an labse. Yohannis kan karaa qopheessaa tureef ‘Guyyaa fayyinaa—Iyubeleyuu’ ture. Guyyaan Waaqayyo biratti jaallatame guyyaa Yesus—Yoshuwaan—Fayyisaan ilmaan namootaa hundumaaf hojii fayyinaa sana raawwatee dha. Iyubeleyuun bara birmadummaa, bara boqonnaa fi bara aara-galfii ti. Yeroo Yohannis namoota cuuphaa ture, namoonni hundinuu gara isaa dhaqanii sirreeffama fudhataa turan. Warri qaraxxoonni, warri loltoonni, Farisoonni, barsiisonni seeraa fi warri tuffatamoon hundinuus gara isaa dhaqanii maal gochuu akka qaban isa gaafannaan, akkamitti akka isaan jiraachuu qaban itti hime. Yohannis Cuuphaa bira deemnaan tulluun tulluu ta’ee itti hin fufu; dachaanis dachaa ta’ee itti fufuu hin danda’u. Sababni isaa sagaleen haaromsaa hafuura dhiibbaa guddaa dhaloota irratti uumuu danda’uu dha. Egaa dhufaatii Masihii isa jalqabaatiif haaromsa lallabaa kan ture Yohannis Cuuphaa dha. Haaromsi waggaa kuma lama dura jalqabe kun hamma gaafa Yesus deebi’ee dhufuutti itti fufa. Yohannis Cuuphaa booda kan haaromsa itti fufee jiru Waldaa Kristiyaanaa ti.
1650Loading...
26
Raajonni waa’ee dhufaatii Masihii yookiin waa’ee ‘Guyyaa Waaqayyoo’ isa jedhamuu yommuu raajaa turan hima tokko keessatti raajii gurguddaa lama walitti qabsiisanii ti. Innis dhufaatii Yesus isa jalqabaa fi dhufaatii Yesus isa lammaffaa ti. Dhufaatii Yesus isa jalqabaatiin haaromsa uumameen namoonni Yesus Kristositti amanan ‘Ijoollee Waaqayyoo’ jedhamuu fi Hafuura Qulqulluu argataniiru. Garuu Haaromsa deebi’ee dhufuu Yesus isa lammaffaatiin ta’uun foon-qabeessa hundatu Gooftaa Yesusiif jilbeenfata. Akkuma dhufaatii Yesus isa duraatti Yohannis Cuuphaan haaromsi geggeeffame, dhufaatiin Yesus isa lammaffaan ta’uu dursees haaromsi guddaan ta’uun akka irra jiru Phexros Mana Qulqullummaa keessatti lallabeera. Durumaa jalqabee Waaqayyo afaan qulqulloota raajota Isaatiin dubbachaa kan ture raawwate, hundumaa hamma iddootti deebisutti garuu, Yesus waaqa irra turuutu Isaaf ta’a. (HoE 3:21) Akkuma Yohannis Cuuphaan ergaa haaromsaa guddaa qabatee lafa onaa keessa ture, har’a biyya lafaa ishee lafa onaatti fakkeeffamtu keessa teessee sagalee haaromsaa guddaa of keessatti qabattee kan jirtu Waldaan Kristiyaanaa yeroo isheen dho’iinsa haaromsaa guddaa itti taasiftu fagoo miti. Haaromsi taatee addaan hin cinnee dha. Erga gaafa Yesus hojii fayyina ilmaan namootaa raawwatee gara Waaqaatti ol ba’ee kaasee haaromsa godhamaa jiruun guyyoota hundumaa namoonni yaada garaa isaanii geeddarachuun gara Mootummaa Waaqayyootti dabalamaa jiru. Lubbuu haaraan gara Mootummaa Waaqayyootti dabalamaa adeemuun dhugooma haaromsaa ti. Dhufaatii Yesus Isa lammaffaa jala akka takkaa ta’ee hin beeknetti namoonni sonaan baay’een gara Mootummaa Waaqayyootti dabalamuuf jiru. Sagaleen abdii Yesus akka deebi’ee dhufu nuuf kenne waggoota kuma lama lakkoofsiseera; ammas waggoonni hafanii jiran dhufaatii Isaa akka waan turee, yookiin akka waan hafeetti namoota hubannaa hin qabneen yoo dubbatame illee, garuu dhufaatii Yesustu hafe utuu hin taane, Inni namoota hundumaa gara fayyina dhugaa kanatti akka dhufaniif eeggataafii jiraachuu Isaa ti. Kanaaf, “…hundumaa hamma iddootti deebisutti garuu, Yesus waaqa irra turuutu Isaaf ta’a” kan jedhu kun haaromsi guddaan ittiin dhaloonni gara mootummichaatti ta’an akka ta’ee hin beeknetti ta’uuf akka jiru waan eegamaa jiruu dha. Ammatti kristiyaanonni baay’ee barbaachisoo ta’an warra miseensa waldaa guutanii iddoo awwaalchaa argachuuf deddeebi’an utuu hin taane, kristiyaanota haaromsaatu nu barbaachisa. Kristiyaanonni haaromsaa warra dhufaatii Yesus isa lammaffaa saffisiisanii dha. Kristiyaanonni haaromsaa warra, “Yesus kottu!” jedhee faarfannaa fi lallaba isaa qopheessee faarfatu yookiin lallabu qofa utuu hin taane, warra waan akka dhirsi Waldaa Kristiyaanaa dhufee Misirroo geesse fuudhuuf halkanii fi guyyaa dammaqanii misirrottii qopheessanii dha. Yesus Misirroo heeruma hin geenye fuudhuuf hin dhufu; kanaafuu Misirroottiin nyaata madaalamaadhaan ga’oomtee dhirsa ishee eeguu qabdi! Vy mark Yadeta
2120Loading...
27
Kan nutti ittiin biyyaa lafaa caaluu qarshiidhani miiti.qarshii yoo ta’e kan nu caalaa qabutu jira. kan ittin issan caaluu tokkoo abdiidha. abdiin kenyaamo kan biiftuu gadi miiti. du'a gaararratu abdii qabna. ABDIINI NAMA IN YEELLAASISU!
1680Loading...
28
Waaqayyoo aangoo kooti, Gaachanaa koo tis, Garaan koo isa in amanata Anni gargaarsa argadheera Kanaafis garaan koo in ilaalcha (Far28:7)
1870Loading...
29
WARRA IYOOBIIN CEEPHAʼAN ✅Eliifaaz: Tarii nama Temaan isa biyya Edoom taʼuu hin oolu. Ermiyaas 49:7 irratti Temaan, wiirtuu ogummaa biyya Edoom akka taate ibsameera Namoota Iyoobiin ‘jajjabeessan’ keessaa Eliifaaz jalqaba irratti kan dubbate, umriidhaan waan hunda isaanii caaluu fi iddoo guddaa waan qabuuf taʼuu hin oolu. Siʼa sadii kan dubbate siʼa taʼu, namoota lamaan caalaas yeroo dheeraadhaaf dubbateera Ceephoo sobaa: Amanamummaa Iyoob qabu irratti kan gaʼise taʼuu isaa irra iyyuu, Waaqayyo tajaajiltoota isaa irratti amantii akka hin qabne dubbateera (Iyo 4, 5) Eliifaaz, Iyoob qajeelaa akka taʼetti kan of ilaalu, hamaa fi Waaqayyoon kan hin sodaanne akka taʼe dubbateera (Iyo 15) Eliifaaz, Iyoob sassattuu fi murtoo kan jalʼisu akka taʼe, akkasumas namni Waaqayyo duratti faayidaa akka hin qabne dubbateera (Iyo 22) ✅Biildaad: Sanyii Shuʼaahii ti. Naannoo Laga Efraaxiis jiraatee taʼuu hin oolu Lammaffaa irratti kan dubbate isa ture. Siʼa sadii kan dubbate yommuu taʼu, dubbiin isaa gaggabaabaa fi kan Eliifaaz caalaa Iyoobiin kan miidhu ture Ceephoo sobaa: Ijoolleen Iyoob cubbuu akka hojjetan, balaan isaan irra gaʼe kan isaaniif malu akka taʼee fi Iyoob iyyuu Waaqayyotti akka hin amanne dubbate (Iyo 8) Iyoob nama jalʼaa akka taʼe dubbate (Iyo 18) Namni amanamaa taʼuun isaa faayidaa akka hin qabne dubbate (Iyo 25) ✅Zofaar: Naaʼimaaticha kaaba dhiha biyya Arabaa jiraachaa ture taʼuu hin oolu Sadaffaa irratti kan dubbate isa siʼa taʼu, warra kaan caalaa garmalee Iyoobiin ceephaʼeera. Siʼa lama qofa dubbate Ceephoo sobaa: Iyoob sobduu akka taʼe dubbachuudhaan isa ceephaʼe; akkasumas yakka hojjetu akka of irraa fageessu isatti hime (Iyo 11) Iyoob nama jalʼaa fi cubbuutti gammadu akka taʼe dubbate (Iyo 20)
2842Loading...
30
[Hojii Ergamootaa: 18:9 Gooftaan gaaf tokko halkan mul'ataan Phaawulositti dubbatee, "Hin sodaatin dubbadhu malee calluma hin jedhin!] @Naar-dos
2540Loading...
31
🕊Ayyaanni Waaqayyo Jiraataa isiniif haa baay'atu maatii waaqayyo dhiigaan bitate nana🤝 #AFFEERRAAA_KABAJAMAA               👇👇👇 ✍Barumsa hafuuraa 🎸Faaruu adda addaa 📚Kitaabilee hafuuraa fi kkf argachuuf kunoo #Telegram_Channel keessan #Join akkasumas #Share godhaa!               ⤵️⤵️⤵️   #Join ♨️ @DhagaaJiraataa7   #Join ♨️ @DhagaaJiraataa7   #Join ♨️ @DhugaaWaaqarraa   #Join ♨️ @DhugaaWaaqarraa
3150Loading...
32
MAALIIF KADHANNAAN KEE DHAGA'AMU DIDEE BEEKTAA? Kadhanaan kee akka dhagahaamuuf yoo barbaaddee gaafa kadhatu akkamiin akka kadhadhu qabduu icciitii guddaa kana dhagahii🙏🙏 1ffaa AMANTIIN KADHACHUU “Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf.” — Yaq. 5:15 2ffaa HAAFURAAN KADHACHUU “Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa!” — Efe. 6:18 3ffaa GALATAAN KADHACHUU “Garaa galateeffatuu fi yaada dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa!” — Qol. 4:2 Ergaa kana adaraa namootaaf sheerii gochuun obboloota kee biraan gahii🙏🙏🙏🙏👏👏
3262Loading...
33
Faaruu ajaa'ibaa kanaan akka eebbifamtan affeerraa kooti! #Akka_Jirutti_Jira🎺🎷🪘🥁🎸🎼         👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://youtu.be/x3xKBUPfLuQ?si=ziRHazsIXp1_bYha&fbclid=IwZXh0bgNhZW0CMTEAAR1ge39vd_zUUoYeejcrOJYFQSWl2eWEKLDcF-YFykHU1JEB5r2wo_Hr8Fc_aem_AXMoBCSyQ9vu7OeZRqW-crW97Mq4Obixw58Gb783hrkW1fJrw5QeV7xV25gX97soydczhyUC5xCg_-nWc31O1TZS
2530Loading...
34
Nagaan gooftaa keenya yesus kirstoos namoota hundumaaf haa ta'u. Baga guyyaa du'a ka'uu gooftan keenyaatin sin gahe. Waaqayyoo keenya du'aaf arfii du'a fannoo irraatti cinqaarsee furtuu si'ool fi angoo du'aa cabsee jireenyaatti nu ceesiiseera maqaan isa bara baraan haa ulfaatu. ...Yommus Yesus deebisee, "Mana qulqullummaa kana jigsaa! Ani immoo guyyaa sadiitti deebisee isa nan dhaaba" isaaniin jedhe.” 🔛Yoh. 2:19 Gaafa inni akkas jedhe dubbaattu yihoodonni akkas ittin jedhani Yihudoonni immoo, "Mana qulqullummaa kana ijaaruun isaa waggaa afurtamii ja'a fudhate, ati immoo guyyaa sadii keessatti deebiftee isa dhaabdaa ree?" jedhanii gaafatan. 🔛 Yoh. 2:20 Yesus ammaayyuu waa'ee Mana isa lafarra isa Isaan jedhan sana jedha miti, guyyaa saditti du'aa ka'uu dandaa'u itti dubbaacha ture Isaanis Fuudhani isa dararsuutti ka'ani. Yesus garuu akkuma dubaatte fannoo gubbaa irraatti jechoota baayyee erga dubbaatte booda, ✅Eloo'i Eloo'i lamas sabaktani jedhe 🔛Marq 15:34 ✅Haadha koo ilaa ilmaa kee 🔛Yoh 19:26_27 ✅Yaa abbaa waan godhanif hin beekani 🔛Luq 23:34 ✅Nan dheeboodhe 🔛 yoh, 19:28 ✅Dhuguman sitti hima har'a ana wajjiin jannata galta jedhe 🔛 luq, 23:43 ✅Yesus sagalee guddaadhan iyyee Yaa abbaa ✅hafuura koo harka keettan kennadha jedhe 🔛Luq,23:46 ✅Fiixaan ba'eera jedhe mataa isa jal'isee hafuura isaa kenne. 🔛Yoh 19:30. Yesus fannoo gubbaarratti erga fannisani Gadi buusani Awwalanin booda , iddoon awwalcha yesus akkas egdootan eegamu godhan, ergaman Waaqayyoo dhufe dhagicha awwalicharra bane dubartonni shittoo dibuuf osoo yaada'a adeemanu akkaa inni hin jirree iddoon Awwalcha isas duwwaa akkas ta'e fi isa jiraata warra du'an keessa maaf barbaaddu jechuun deebisanif. 🔛Mat. 28 ⁵ Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, "Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa! ⁶ Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa ka'ame ture iyyuu ilaalaa! Akkuma jedhe guyyaa saditti Mana haaraa ijaaree, nuti immoo gaafas, du'aa bara baraa irraa gara jireenya bara baraatti darbineerra. XUMURAMEERA.
2702Loading...
35
Madaa malee mudaa qabu farfaana haara far Daseti Eebbifama
2482Loading...
36
❥︎𝐍𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐡𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐮! ❦︎ 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐟 𝐬𝐚𝐛𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐧𝐠𝐚𝐥𝐚'𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐠𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 fi 𝐧𝐮𝐮𝐟 𝐝𝐮'𝐞𝐞 𝐝𝐮'𝐚 𝐧𝐮 𝐨𝐨𝐥𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢. 𝐀𝐧𝐢 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐧𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐞𝐞𝐟, 𝐖𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐧 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐢𝐧𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐠𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐟𝐞𝐝𝐡𝐚 𝐤𝐨𝐨𝐭𝐢. 𝐃𝐡𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚! ❣︎ Gatii baasuu dhiiga dhangalaasee, du'uuf du'aa ka'uu Yesuusiin warra jiraatoo taanee!. W/yohaannis 3:14-16 ☀︎︎ Gatii baasuun kan barbaachisuuf, namoota wal lolan lama walitti araarsuufi. Kunis salphaadhumatti hojii Araaraa jedhama. Kunis kan ta'u namoota wal dhaban lamaan gidduudhaa diinuummaa baasee firuummaa uumuu jechuudha! ☀︎︎Gatii baasuun Yesuus sababa sadii qaba, innis 1𝐟𝐟𝐚𝐚, Addunyaan harka cubbuu jalatti waan kufteef, kana jechuun dhala namaa umurii, saala, qomoo, garee amantii kamiyyuu osoo hin fo'iin waan hacuuceef jechuudha! Roomaa 3:23 Roomaa 5:12 Inni 2𝐟𝐟𝐚𝐚, 𝐁u'aan cubbuu hamaa waanta'eef, kana jechuun; nama Waaqayyootti addaan kan fageesse waan ta'eef! Efeeson 2:1 Efeeson 2:13 3𝐟𝐟𝐚𝐚, 𝐍amni cubbuu ofii isaatiin ofitti fide kanaaf hiikkaa yookaan furmaata argamsiisuu waan hin dandeenyeef! Galatiyaa 2:16 Roomaa 3:22 Roomaa 3:28 1phex 1:18-19 Egaan kanaan olitti kan tuqaman kana irraan kan ka'e Yesuus namoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe gatii baasuun isa Onnachiise! Gatii baasuun Yesuus bifa jaha qaba isaaniis 𝐀, Ajajamuu(obedence) 𝐁) Aarsaa(sacrifice) 𝐂) aAraara(reconcillation) 𝐃) Dhiifama(penal substitution) 𝐄) Mo'iinsa(conquest) 𝐅) Waajjuu(redemption) isa jahaffaa kana gaafa ibsinu kana jechuun bittaa cubbuufi seexanaa jalaa gatii kaffaluun baasuu jechuudha. Egaan obbolotakoo nuun hidhaa cubbuu jalaa baasuudhaaf Yesuus dhiiga isaa dhangalaasee gatii baasuun barbaachise, gatii kanas fannoo gubbaatti fannifamuun raawwate! Maatewos 20:28 Qolosaayis 1:13-14 Egaan saba Waaqayyoo bu'aan dhangala'uu dhiiga isaatiin arganne keessaa tokko isa kana. Karaa biraan dhiiga yesuusin bu'aan arganne 𝐀) Waaqayyotti nu dhiyeesse Efeeson 2:13 Efeeson 1:7 𝐁) Addunyaaf waaqaaf lafa irratti nagaa buuse! Qolosaayis 1:20 ★Egaan obboolotakoo, dhalli nama sababa cubbuutiif waaqayyo irraa fagaachuu ilaallee turre, egaan erga akkas ta'e booddee namni waaqayyoo wajjin deebi'ee walitti dhufeenya uumuu dadhabe, haala kanaan immoo yoo itti fufe waaqayyo irraa bara baraan adda bahee Hafuu isaati. Kana akka hin taaneef waaqayyoo karaa ilma isaa gooftaa yesuus namni araara akka argatu godhe. Namni kristoosiitti amanuun waaqayyo wajjin walitti dhufeenya uumuu danda'a. Du'uu yesuusiin wantoota raawwataman muurasa haa caqasnumee 1, humna du'aa mo'eera 2, du'uu isaatiin waanjoo cubbuu namoota irraa kaaseera! Qolosaayis 2:14 3, kakuu abdii irraa fagaatanii kan turan deebiseera! Efeeson 2:12-13 4) du'uu isaatiin namoota haaraa uume! Efeson 2:14-17 5) duuti gooftaa yesuus karaa fayyinaa isa filaannoo hin qabnedha! Yesuus yemmuu fannoo irratti du'e gatii cubbuu kaffaleera. Haata'u malee kan isa kanatti amneetu dhiifama cubbuu argachuu danda'a. Yesuus fannoo irra taa'uun gidiraa wajjin kan walqabatudha. Dhalli namaa sababa cubbuu isaatiif gidirfamuu kan qabu inni achirratti nuuf raawwate! 2qor 5:21 Maatewos 27:45 ✯Egaan jallatamoota waaqayyoo Yesuus du'ee boolla keessatti hin hafne, Abbaaf ajajamuudhaan isa gammachiiseera inni humna cimaan du'aa kaasuun bakka ulfinaan geessisseera! Filph 2:1-11 Du'aa ka'uun yesuus bu'uura amantii kristiyaanaati du'aa ka'uun osoo hin jiraannee kristiyaanummaan hin jiru. Yesuus du'aa ka'uun kristiyaanonni akka du'a booda abdii qabaatan godheera 1phex 1:3 Karaa biraas du'aa ka'uun yesuus gooftummaa isaaf abbummaa waldaa kristiyaanaa ta'uu agarsiisa 1Qor 15:20-58 Guyyaa fayyinaa Amma!
2701Loading...
37
Media files
1940Loading...
02:14
Video unavailable
Argama jireenya koo atti!
نمایش همه...
👍 2🥰 2
01:12
Video unavailable
Ittii Eebbifamaa
نمایش همه...
3🥰 1
QOTIYYOO DIIMAA (ARRABAA OFII EEGGACHUU) Qotiyyoo diimaa kana dallaa keessatti jabeessanii eeguu barbaachisa. Yeroo waan qotuu qabu qotuun barbaachisaa ta'etti immoo gadi baasuun ni barbaachisa. Kanaa achi dallaa cabsee bahuudhaan qe'ee nama baay'eetti ibidda naqa. "Namni giddu-galeessatti haasa'u tokko guyyaa tokkotti jechoota 18,000 dubbata, kun immoo waggaatti yeroo herregamu, kitaaba tokkoon tokkoo isaa fuula 400 qabu kitaabota 132 ta'a." jedhama. Kitaaba Dr. Mallasee Waguu (እስቲ ምላስህ) Jedhu fuula 21 irraan dubbise. Kunneen immoo utuu ija Waaqayyootiin ilaalamanii kan faayidaa qaban moo kanneen faayidaa hin qabnetti baay'ata laataa? Of haa gaafannu! Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha:- "Ani isinittan hima, namoonni dubbii yaada malee afaan isanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru. Dubbii kee hundumaan siif in faradama, dubbii kee hundumaanis sitti in faradama." Jedha. (Mate. 12:36-37) Har'a namni hin argu hin beekus ta'a, tokkoon tokkoo haasaha keenyaa garuu galmeen Waaqayyoo qabee kaa'uu isaa irraanfachuun hin barbaachisu. Gaafa gaafatamnu maal deebisuuf jirraa? Kaachoo uumamaatti kan ibidda naqu, biyyas kan balleessu dubbii akka malee fi bakka maleetti haasahamudha. Of haa eeggannu! Eebbifamaa! Vy Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa
نمایش همه...
👍 2 1🥰 1
Photo unavailable

🥰 3👍 2 1