cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Naardos Official

Dhugaa dubbachuun, soba tuffachuudha. Dhugaanis ilma waaqayyo abbaa isa ta'e yesuusi. Nus isuma Lallabna ✊ Inni fayyisaa keenya...! https://t.me/+-EGH3ylN5t5hZDM0 @Naar_dos @Naar_dos

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
1 191
مشترکین
+424 ساعت
+47 روز
+3230 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Waaqayyoo aangoo kooti, Gaachanaa koo tis, Garaan koo isa in amanata Anni gargaarsa argadheera Kanaafis garaan koo in ilaalcha (Far28:7)
نمایش همه...
3
WARRA IYOOBIIN CEEPHAʼANEliifaaz: Tarii nama Temaan isa biyya Edoom taʼuu hin oolu. Ermiyaas 49:7 irratti Temaan, wiirtuu ogummaa biyya Edoom akka taate ibsameera Namoota Iyoobiin ‘jajjabeessan’ keessaa Eliifaaz jalqaba irratti kan dubbate, umriidhaan waan hunda isaanii caaluu fi iddoo guddaa waan qabuuf taʼuu hin oolu. Siʼa sadii kan dubbate siʼa taʼu, namoota lamaan caalaas yeroo dheeraadhaaf dubbateera Ceephoo sobaa: Amanamummaa Iyoob qabu irratti kan gaʼise taʼuu isaa irra iyyuu, Waaqayyo tajaajiltoota isaa irratti amantii akka hin qabne dubbateera (Iyo 4, 5) Eliifaaz, Iyoob qajeelaa akka taʼetti kan of ilaalu, hamaa fi Waaqayyoon kan hin sodaanne akka taʼe dubbateera (Iyo 15) Eliifaaz, Iyoob sassattuu fi murtoo kan jalʼisu akka taʼe, akkasumas namni Waaqayyo duratti faayidaa akka hin qabne dubbateera (Iyo 22) ✅Biildaad: Sanyii Shuʼaahii ti. Naannoo Laga Efraaxiis jiraatee taʼuu hin oolu Lammaffaa irratti kan dubbate isa ture. Siʼa sadii kan dubbate yommuu taʼu, dubbiin isaa gaggabaabaa fi kan Eliifaaz caalaa Iyoobiin kan miidhu ture Ceephoo sobaa: Ijoolleen Iyoob cubbuu akka hojjetan, balaan isaan irra gaʼe kan isaaniif malu akka taʼee fi Iyoob iyyuu Waaqayyotti akka hin amanne dubbate (Iyo 8) Iyoob nama jalʼaa akka taʼe dubbate (Iyo 18) Namni amanamaa taʼuun isaa faayidaa akka hin qabne dubbate (Iyo 25) ✅Zofaar: Naaʼimaaticha kaaba dhiha biyya Arabaa jiraachaa ture taʼuu hin oolu Sadaffaa irratti kan dubbate isa siʼa taʼu, warra kaan caalaa garmalee Iyoobiin ceephaʼeera. Siʼa lama qofa dubbate Ceephoo sobaa: Iyoob sobduu akka taʼe dubbachuudhaan isa ceephaʼe; akkasumas yakka hojjetu akka of irraa fageessu isatti hime (Iyo 11) Iyoob nama jalʼaa fi cubbuutti gammadu akka taʼe dubbate (Iyo 20)
نمایش همه...
Ermiyaas 49 — LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA

Kun Weebsaayitii Dhugaa Baatota Yihowaa seera qabeessa taʼe dha. Weebsaayitiin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessanitti fayyadamuudhaan qorannaa gochuuf gargaara.

[Hojii Ergamootaa: 18:9 Gooftaan gaaf tokko halkan mul'ataan Phaawulositti dubbatee, "Hin sodaatin dubbadhu malee calluma hin jedhin!] @Naar-dos
نمایش همه...
🕊Ayyaanni Waaqayyo Jiraataa isiniif haa baay'atu maatii waaqayyo dhiigaan bitate nana🤝 #AFFEERRAAA_KABAJAMAA               👇👇👇 ✍Barumsa hafuuraa 🎸Faaruu adda addaa 📚Kitaabilee hafuuraa fi kkf argachuuf kunoo #Telegram_Channel keessan #Join akkasumas #Share godhaa!               ⤵️⤵️⤵️   #Join ♨️ @DhagaaJiraataa7   #Join ♨️ @DhagaaJiraataa7   #Join ♨️ @DhugaaWaaqarraa   #Join ♨️ @DhugaaWaaqarraa
نمایش همه...
👍 1
MAALIIF KADHANNAAN KEE DHAGA'AMU DIDEE BEEKTAA? Kadhanaan kee akka dhagahaamuuf yoo barbaaddee gaafa kadhatu akkamiin akka kadhadhu qabduu icciitii guddaa kana dhagahii🙏🙏 1ffaa AMANTIIN KADHACHUU “Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf.” — Yaq. 5:15 2ffaa HAAFURAAN KADHACHUU “Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa!” — Efe. 6:18 3ffaa GALATAAN KADHACHUU “Garaa galateeffatuu fi yaada dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa!” — Qol. 4:2 Ergaa kana adaraa namootaaf sheerii gochuun obboloota kee biraan gahii🙏🙏🙏🙏👏👏
نمایش همه...
Photo unavailable
Faaruu ajaa'ibaa kanaan akka eebbifamtan affeerraa kooti! #Akka_Jirutti_Jira🎺🎷🪘🥁🎸🎼         👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://youtu.be/x3xKBUPfLuQ?si=ziRHazsIXp1_bYha&fbclid=IwZXh0bgNhZW0CMTEAAR1ge39vd_zUUoYeejcrOJYFQSWl2eWEKLDcF-YFykHU1JEB5r2wo_Hr8Fc_aem_AXMoBCSyQ9vu7OeZRqW-crW97Mq4Obixw58Gb783hrkW1fJrw5QeV7xV25gX97soydczhyUC5xCg_-nWc31O1TZS
نمایش همه...
Nagaan gooftaa keenya yesus kirstoos namoota hundumaaf haa ta'u. Baga guyyaa du'a ka'uu gooftan keenyaatin sin gahe. Waaqayyoo keenya du'aaf arfii du'a fannoo irraatti cinqaarsee furtuu si'ool fi angoo du'aa cabsee jireenyaatti nu ceesiiseera maqaan isa bara baraan haa ulfaatu. ...Yommus Yesus deebisee, "Mana qulqullummaa kana jigsaa! Ani immoo guyyaa sadiitti deebisee isa nan dhaaba" isaaniin jedhe.” 🔛Yoh. 2:19 Gaafa inni akkas jedhe dubbaattu yihoodonni akkas ittin jedhani Yihudoonni immoo, "Mana qulqullummaa kana ijaaruun isaa waggaa afurtamii ja'a fudhate, ati immoo guyyaa sadii keessatti deebiftee isa dhaabdaa ree?" jedhanii gaafatan. 🔛 Yoh. 2:20 Yesus ammaayyuu waa'ee Mana isa lafarra isa Isaan jedhan sana jedha miti, guyyaa saditti du'aa ka'uu dandaa'u itti dubbaacha ture Isaanis Fuudhani isa dararsuutti ka'ani. Yesus garuu akkuma dubaatte fannoo gubbaa irraatti jechoota baayyee erga dubbaatte booda, ✅Eloo'i Eloo'i lamas sabaktani jedhe 🔛Marq 15:34 ✅Haadha koo ilaa ilmaa kee 🔛Yoh 19:26_27 ✅Yaa abbaa waan godhanif hin beekani 🔛Luq 23:34 ✅Nan dheeboodhe 🔛 yoh, 19:28 ✅Dhuguman sitti hima har'a ana wajjiin jannata galta jedhe 🔛 luq, 23:43 ✅Yesus sagalee guddaadhan iyyee Yaa abbaa ✅hafuura koo harka keettan kennadha jedhe 🔛Luq,23:46 ✅Fiixaan ba'eera jedhe mataa isa jal'isee hafuura isaa kenne. 🔛Yoh 19:30. Yesus fannoo gubbaarratti erga fannisani Gadi buusani Awwalanin booda , iddoon awwalcha yesus akkas egdootan eegamu godhan, ergaman Waaqayyoo dhufe dhagicha awwalicharra bane dubartonni shittoo dibuuf osoo yaada'a adeemanu akkaa inni hin jirree iddoon Awwalcha isas duwwaa akkas ta'e fi isa jiraata warra du'an keessa maaf barbaaddu jechuun deebisanif. 🔛Mat. 28 ⁵ Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, "Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa! ⁶ Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa ka'ame ture iyyuu ilaalaa! Akkuma jedhe guyyaa saditti Mana haaraa ijaaree, nuti immoo gaafas, du'aa bara baraa irraa gara jireenya bara baraatti darbineerra. XUMURAMEERA.
نمایش همه...
👍 2
Madaa malee mudaa qabu farfaana haara far Daseti Eebbifama
نمایش همه...
❥︎𝐍𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐡𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐮! ❦︎ 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐟 𝐬𝐚𝐛𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐧𝐠𝐚𝐥𝐚'𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐠𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 fi 𝐧𝐮𝐮𝐟 𝐝𝐮'𝐞𝐞 𝐝𝐮'𝐚 𝐧𝐮 𝐨𝐨𝐥𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢. 𝐀𝐧𝐢 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐧𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐞𝐞𝐟, 𝐖𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐧 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐢𝐧𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐠𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐟𝐞𝐝𝐡𝐚 𝐤𝐨𝐨𝐭𝐢. 𝐃𝐡𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚! ❣︎ Gatii baasuu dhiiga dhangalaasee, du'uuf du'aa ka'uu Yesuusiin warra jiraatoo taanee!. W/yohaannis 3:14-16 ☀︎︎ Gatii baasuun kan barbaachisuuf, namoota wal lolan lama walitti araarsuufi. Kunis salphaadhumatti hojii Araaraa jedhama. Kunis kan ta'u namoota wal dhaban lamaan gidduudhaa diinuummaa baasee firuummaa uumuu jechuudha! ☀︎︎Gatii baasuun Yesuus sababa sadii qaba, innis 1𝐟𝐟𝐚𝐚, Addunyaan harka cubbuu jalatti waan kufteef, kana jechuun dhala namaa umurii, saala, qomoo, garee amantii kamiyyuu osoo hin fo'iin waan hacuuceef jechuudha! Roomaa 3:23 Roomaa 5:12 Inni 2𝐟𝐟𝐚𝐚, 𝐁u'aan cubbuu hamaa waanta'eef, kana jechuun; nama Waaqayyootti addaan kan fageesse waan ta'eef! Efeeson 2:1 Efeeson 2:13 3𝐟𝐟𝐚𝐚, 𝐍amni cubbuu ofii isaatiin ofitti fide kanaaf hiikkaa yookaan furmaata argamsiisuu waan hin dandeenyeef! Galatiyaa 2:16 Roomaa 3:22 Roomaa 3:28 1phex 1:18-19 Egaan kanaan olitti kan tuqaman kana irraan kan ka'e Yesuus namoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe gatii baasuun isa Onnachiise! Gatii baasuun Yesuus bifa jaha qaba isaaniis 𝐀, Ajajamuu(obedence) 𝐁) Aarsaa(sacrifice) 𝐂) aAraara(reconcillation) 𝐃) Dhiifama(penal substitution) 𝐄) Mo'iinsa(conquest) 𝐅) Waajjuu(redemption) isa jahaffaa kana gaafa ibsinu kana jechuun bittaa cubbuufi seexanaa jalaa gatii kaffaluun baasuu jechuudha. Egaan obbolotakoo nuun hidhaa cubbuu jalaa baasuudhaaf Yesuus dhiiga isaa dhangalaasee gatii baasuun barbaachise, gatii kanas fannoo gubbaatti fannifamuun raawwate! Maatewos 20:28 Qolosaayis 1:13-14 Egaan saba Waaqayyoo bu'aan dhangala'uu dhiiga isaatiin arganne keessaa tokko isa kana. Karaa biraan dhiiga yesuusin bu'aan arganne 𝐀) Waaqayyotti nu dhiyeesse Efeeson 2:13 Efeeson 1:7 𝐁) Addunyaaf waaqaaf lafa irratti nagaa buuse! Qolosaayis 1:20 ★Egaan obboolotakoo, dhalli nama sababa cubbuutiif waaqayyo irraa fagaachuu ilaallee turre, egaan erga akkas ta'e booddee namni waaqayyoo wajjin deebi'ee walitti dhufeenya uumuu dadhabe, haala kanaan immoo yoo itti fufe waaqayyo irraa bara baraan adda bahee Hafuu isaati. Kana akka hin taaneef waaqayyoo karaa ilma isaa gooftaa yesuus namni araara akka argatu godhe. Namni kristoosiitti amanuun waaqayyo wajjin walitti dhufeenya uumuu danda'a. Du'uu yesuusiin wantoota raawwataman muurasa haa caqasnumee 1, humna du'aa mo'eera 2, du'uu isaatiin waanjoo cubbuu namoota irraa kaaseera! Qolosaayis 2:14 3, kakuu abdii irraa fagaatanii kan turan deebiseera! Efeeson 2:12-13 4) du'uu isaatiin namoota haaraa uume! Efeson 2:14-17 5) duuti gooftaa yesuus karaa fayyinaa isa filaannoo hin qabnedha! Yesuus yemmuu fannoo irratti du'e gatii cubbuu kaffaleera. Haata'u malee kan isa kanatti amneetu dhiifama cubbuu argachuu danda'a. Yesuus fannoo irra taa'uun gidiraa wajjin kan walqabatudha. Dhalli namaa sababa cubbuu isaatiif gidirfamuu kan qabu inni achirratti nuuf raawwate! 2qor 5:21 Maatewos 27:45 ✯Egaan jallatamoota waaqayyoo Yesuus du'ee boolla keessatti hin hafne, Abbaaf ajajamuudhaan isa gammachiiseera inni humna cimaan du'aa kaasuun bakka ulfinaan geessisseera! Filph 2:1-11 Du'aa ka'uun yesuus bu'uura amantii kristiyaanaati du'aa ka'uun osoo hin jiraannee kristiyaanummaan hin jiru. Yesuus du'aa ka'uun kristiyaanonni akka du'a booda abdii qabaatan godheera 1phex 1:3 Karaa biraas du'aa ka'uun yesuus gooftummaa isaaf abbummaa waldaa kristiyaanaa ta'uu agarsiisa 1Qor 15:20-58 Guyyaa fayyinaa Amma!
نمایش همه...
👍 2
Photo unavailable