fa
Feedback
Oromic Mindset 🧠

Oromic Mindset 🧠

رفتن به کانال در Telegram

Ilaalchakee jijjiiruun jireenyakee jijjiiruu ni dandeessa. Ilaalchi waan hundumaati. Carraa business fi leenjii ijaarsa namoomaa argachuuf👉 @keba41 Phone: 0912645484 0941787814 t.me/keba41 Gatii kee jiraatta! gatii ofiif laadhu!

نمایش بیشتر
670
مشترکین
+124 ساعت
+67 روز
+2930 روز
آرشیو پست ها
photo content

Kun abdii qofa miti. Seera dha. 🔥

"Akkuma namni yaada garaa isaa keessaa qabu taʼe, inni akkuma sana." (Fakkeenya 23:7) Waaqayyo hafuura sodaa utuu hin taane, hafuura humnaa, jaalalaa fi of-qabuu siif kenneera. Gaaffiin kun yeroo baay’ee namoota biratti ka’a: “Maalif sooressoonni sooresa ta’an?” “Maalif hiyyeeyyiin hiyyeeyyii ta’an?” Namoonni hedduun deebii isaa alaan barbaadu — carraa, maatii, mootummaa ykn haala jireenyaa komatu. Garuu dhugaan isaa gadi fageenya qaba; keessaa maddu dha. Soorummaan ofiin dhugaa miti. Hiyyummaanis ofiin dhugaa miti. Lamaan isaanii iyyuu yaada nuti amannee fudhanne gara jireenyaatti dhufe qofa. Mee fakkeenya haa ilaallu. Namoonni lama maatii tokko keessatti dhalatan. Magaalaa tokko, mana barumsaa tokko fi haala wal fakkaataa keessatti guddatani. Tokko sooressa ta’e. Tokko hiyyeessa ta’e. Garaagarummaan isaanii maal ture? Garaagarummaan isaanii waa’ee soorummaa, waa’ee ofii isaanii fi waa’ee jireenyaa maal akka amanan ture. Tokkoon, “Aniis sooressa ta’uu nan danda’a” jedhee amane. Kan biraan, “Nuti gonkumaa sooressa hin taanu” jedhee amane. Lamaan isaanii iyyuu akka amantii isaanii ta’eef. 95% jireenyi keenya eessaa dhufa? Qorannoon saayinsii dhugaa ajaa’ibaa tokko mirkaneesseera; sammuun namaa keessaa 5% qofa beekumsa guutuun hojii irra oola. 95% garuu osoo hin beekin, osoo hin yaadin, sammuu keessaa (subconscious mind) keessatti waan kuufame irraa maddu. Har’a waan si mudatu, soorummaa ykn hanqina ati qabdu, jaalala ykn kophaa ta’uu ati keessa jirtu, fayyaa ykn dhukkuba ati qabdu — kun hundi baay’inaan sammuu kee keessaa keessatti waan amantii ta’ee kuufame irraa maddu. 👉 Oduu gammachiisaan garuu kana: Hireen namaa harka isaa keessa jira. Jireenya kee jijjiiruuf haala alaa jijjiiruun dirqama miti. Yaadaa fi amantii kee sirreessuun qofti ga’a. Hanqinniis ta’e badhaadhinni dhugaa kee miti; amantii kee dha. Namni “Maallaqa hin qabu” jedhu baay’ee yeroo maallaqa dhabuu isaa qofaaf miti. Rakkoon isaa: “Yeroo hunda na jalaa bada,” “Anaaf hin ta’u,” “Soorummaan kan namoota biraati” jedhee amanuu isaa ti. Amantiin kun sammuu isaa keessa guuteera. Sammuun keessaa immoo waan amane hojii irra oolcha. Badhaadhinni nama badhaadhina amanuuf haala uumamaa ta’a. Maaliif? “Soorummaan anaaf uumamaa dha” jedhee amana. Yoo yeroo muraasaaf dhabes, “Deebi’ee ni dhufa” jedhee amana. Waan amanuuf ni ta’aaf. Jaalallis ta’e jibbi, namoota biroo irraa qofa hin dhufu. Baay’een keenya jaalala alaan barbaanna — nama biraa irraa, haala irraa ykn carraa irraa. Garuu dhugaan isaa, jaalalli keessaa burqa. Jibbis keessaa burqa. ✅ Addunyaan akka daawwitii dha; waan keessa kee jiru siif agarsiisti. Iyyesuus Kiristoos waggoota 2,000 dura jechuun: “Wanti nama keessa galu nama hin xureessu; wanti nama keessaa ba’u isa xureessa.” — Maarqoos 7:15 Wanti hundi keessaa ba’a. “Kanaaf isinitti nan hima; waan kadhattan hundumaa akka argattanitti amanaa, isinis ni argattu.” — Maarqoos 11:24 Utuu hin taane dura akka ta’eetti amanaa. Kun jechuun “Assumption” dha — waan barbaadde akka siif raawwatameetti guutummaatti yaaduu. “Amantiin kee si fayyiseera.” — Luqaas 17:19 Yesuus, “Dinagdeen si fayyiseera” hin jenne. “Kadhannaan si fayyiseera” hin jenne. “Amantiin kee si fayyiseera” jedhe. Sababni isaa amantiin bakka wanti hundi irraa jalqabu dha. Kanaaf jireenya kee jijjiiruuf furtuun: 🌅 Ganama yeroo dammaqxu: “Har’a yaada akkamii nan filadha?” jedhii of gaafadhu. Sammuun kee akka lafa qonnaa ti; waan itti facaafte siif biqilcha. 🔁 Deddeebisii dubbadhu. Waan amantu ta’utti hamma geessu dubbadhu. Jechi sun yeroo dheeraaf sammuu kee keessaa keessa seenee qubata. Yeroo sammuun keessaa fudhatu, jireenyi kee jijjiirama. 👉 Utuu hin rafin dura: Kun yeroo murteessaa dha. Yeroo hirribni si qabutti sammuun kee keessatti yaadni salphaatti fudhatama. Yeroo sana waan barbaaddu akka argatteetti yaadi. Galateeffadhu. Rafi. Halkan guutuu sammuun kee yaada sana irratti hojjetti. Haala jiru jijjiiruu eeguu irra, amantii kee waa’ee haala sanaa jijjiiri. Sababni isaa: Yaadni kee yoo jijjiirame, addunyaan kees ni jijjiiramti.

photo content

Torban kana maaliin dabarsuuf? Galii hangamii argachuuf? Socila media fayyadamtanii bu'aa buusuuf maal karoorfattan? Qaamaan hojjettanii galii akkamii argachuuf jirtu? Bilbilaan galii akkamii hojjechuuf jirtu? Iddoo kamiyyuu teessanii kan hojjechuun danda'amu argachuu ni dandeessu! Kutannoo cimaa nama qabuuf nama 4f carraa kana nan kenna! Bilbila: 0912645484 Telegram: t.me/keba41

Ati isa kam?
Ati isa kam?

Maaliif Wiixata Sodaatta? 🧠 Baay’een keenya yeroo boqonnaa keessa jirru kanatti yeroo boruu yaadnu, miira dhiphinaa tokko nutti dhaga’ama. “Bor Wiixata dha” jennee yeroo yaadnu, ol'aantummaan keenya gadi ni bu’a; dhiphinni keenya ni dabala. Garuu yeroo tokko dhaabbattee of gaafatteettaa? Kan ati sodaattu Wiixata mataa isaa moo jireenya Wiixata keessa jiraattu sana? Dhugaan isaa kana: Wiixata kan ati jibbitu hojii baay’ee waan qabduuf miti; fedhiin keessaa kee (passion) fi hojiin ati hojjechaa jirtu waan wal hin simneefi. Yoo bakka sanaaf hin uumamne ta’e, hojiin sun hojii osoo hin taane “mana hidhaa” siif ta’a. 1️⃣ Dogoggorri guddaan “mindaa” qofa hordofuu dha Yoo sammuun kee waan itti gammadu hin hojjenne, maallaqni dhuma torbee ykn ji’a irratti argattu duwwaa kee guutuu hin danda’u. Namoonni milkaa’an Wiixata kan hawwan, guyyaan sun guyyaa abjuu isaanii itti mul’atan waan ta’eef. Garuu siif Wiixanni mallattoo dhiphinaa yoo ta’e, yeroon karaa kee irra deebitee ilaaltu amma dha. 💡 2️⃣ Wiixanni diina kee miti Wiixanni namoota mo’ataniif carraa haaraa dha; namoota mo’amaniif ammoo sababaa haaraa dha. Yoo wantoonni akka jijjiiraman barbaadde, Wiixanni akka jijjiiramu hin eegin; ilaalcha Wiixata irratti qabdu jijjiiri. Kophee siif hin taane kaawwattee fiigicha hin jalqabin; hojii sammuun kee jaallatu filadhu. Yeroo san torbeen guutuun akka Dilbataatti siif ta’a. 3️⃣ Boruu hafuura haaraan simadhu Ati waan guddaadhaaf uumamte. Bor yeroo Wiixanni ta’u, “Maaliif dhufte?” hin jedhin; “Maal irratti hojjedhee fayyadamu?” jedhii ka’i. Jijjiiramni murtee irraa jalqaba. Har’a galgala Dilbataa ofii keetiif waadaa gali. Hin sodaatin, hin baqatiin... isa qunnami, itti fufi! ✨ Ati hoo? Bor Wiixata akkamitti eegda? A. Gammachuudhaan (hojii ani jaalladhu waan hojjedhuuf) B. Dhiphinaan (hojiin natti ulfaata waan ta’eef) C. Dirqamaan (mindaa qofaaf waan hojjedhuuf) Yaada keessan nuuf qoodaa. 👇 📌 Yaadachiisa: Hiriyoota jijjiirama barbaadaniif qoodaa (share godhaa). Wal jajjabeessinee hawaasa keenya abdii fi kaka’umsaatiin haa guunnu. t.me/keba41 Waliin hojjennee waliin haa jijjiiramnu! Barri bara hojiiti! Ka'i!💪 Guyyaakee injifadhu🚀🛡

photo content

photo content

Har'aa fi murtee waggaa 5 duraan murteesse yoon ilaalu gammachuu guddaadha. Utuu yeroo sana kanan kiisaa qabu qarshii 5 qofa. Kan akkaawontii koo irraa immoo qarshii 1 fi saantima 33 ture ilaalee osoon ofirra dabarseera ta'ee har'a nama of ijaaree kaayyoo fi mul'ata isaaf cichee hojjetu hin ta'un ture! Garuu hojiin waaqayyoo dinqiidha! Tasuma tasa si barsiifata malee sin miidhu. Amma wanta inni na uumeef argachuukoo caalaa maaltu na gammachiisa. Argadhees ittiin jiraachuu! Namni namaaf akka uumame hubadheera! Namni nama keessaan akka jiraatu! Waaqni tasuma hiyyummaaf dhabisa carraa godhee namaaf hin laanne. Sammuu ittiin hiyyeessas sooressas ta'uu dandeenyu nuuf kenne malee! Inumaayyuu Qabeessa malee dhabaa akka taanu hin barbaadu! Akkuma abbaan ijoolleesaaf yaadu Uumaan ofii gaaruma namaaf yaada! Gaarummaa Waaqayyoo arguuf immoo Ija keenya banuun nurra jiraata. Ija jijjiiramaa, Ija guddinaa, Ija Obsaa, Ija kutannoo, Ija murteessuu! Nama godhee nu uumeetu Akka nama taanummoo Daawwitiin nu gorse. Daawwit akka irraan kaanneef akka yaadannu nutti hime. Yaa mucaakoo nama ta'i= Isa uumamteef, Gatii sirra jiru jiraadhuudha! Guduunfa: Madda jijjiiramaaf ta'an hedduutu nu marsee jira. Luka keenya haa sochoosnu itti haa deemnu. Jijjiiramatti deemu malee jijjiiramni namatti hin deemu! Waaqni harka jijjiiramaaf luka jijjiiramaati kan nuuf kenne! Sammuu hojjetu erga nuuf kennee ittiin haa hojjennu! Isinis ni dandeessu! Murteessuu qofa! t.me/keba41 0912645484

photo content

“Ogummaa of haaromsuu!” – Ilaalcha Sammuu kee durii caccabsi 🧠✨ Namoonni baay’een, “Ani akkanuma amala dhaabbataan qaba; jijjiiramuu hin danda’u” jechuun of amansiisu. Garuu saayinsichi yaada kana soba ta’uu isaa mirkaneesseera! Niuroopilaastiisitiin (Neuroplasticity) jedhamu, amala dinqisiisaa sammuu keetiiti; sammuu kee akkuma “laastikaa” ykn “dhoqqee” ta’ee jijjiiramuu akka danda’u nutti hima. 💡 Iccitii “karaa sammuu kee”: Sammuu kee keessatti niuroonoota kan jedhaman, biliyoonaan lakkaa’aman, walitti hidhamanii jiru. Waan tokko irra deddeebitee yoo goote (fkn: of tuffachuu, sodaachuu, yookaan gaddaan jiraachuu), karaan sun akka daandii asfaaltii ta’ee cimaa deema. Waan haaraa yoo eegalte immoo, karaan sun jalqaba akka bosona cufaa fakkaata; yeroo irra deemtutti garuu suuta suuta qulqullaa’ee daandii ta’a. Amala durii jijjiiruuf tarkaanfii 3n kana fudhadhu: 1. Waan si hin mijanne keessatti hojiitti seeni: Sammuun kee yeroo hunda tasgabbii fi mijannaa barbaada. Ati garuu yaada ta’ee qormaata haaraa yoo kenniteef, karaa niuroonoota haaraa ijaaruu ni jalqaba. (Fkn: ganama barii ka’uu) 2. Guyyaa 21 obsii ce’i: Amala haaraa (habit) tokko ijaaruuf sammuu keetiin yoo xiqqaate guyyaa 21 ni barbaachisa. Yeroo kana keessatti sagalee “hin danda’u” jedhu ni dhaga’ama; sun eenyummaa durii keeti. Hin dhaggeeffatiin! 3. Sammuu kee nyaachisi: Viidiyoon ati ilaaltu, kitaabni ati dubbistu, haasawni ati dhaga’u hundi ijaarsa sammuu keetiif meeshaa dha. Qurxummii yoo galchite, mana qurxummii ni ijaarta; milkaa’ina yoo galchite immoo milkaa’ina ni ijaarta. Gabaabumatti: Amalli kee qooda kee (carraa kee) miti. Ati injineera sammuu keeti. Har’a irraa eegalii daandii durii caccabsi; daandii haaraa kan milkaa’inaa qopheessi! 💡 Har’a irraa kaaseen, amala badaa tokko “jijjiiruu barbaada” jettu maalidha? Yaada kee komentiirra barreessi; har’uma karaa jijjiiramaa jalqabi! 👇 “Yaada Sammuu kee duraanii yoo hin jijjiirne, jireenyi kee hin jijjiiramu!” 🚀🔥

photo content

🧠 Yaadaa jirtaa... Moo yaada keessatti cuuphamtee jirtaa? Namoonni hedduun yaadni sammuu isaanii keessa deddeebi’u waan jiruuf “yaadaa jirra” jedhu. Garuu lamaan isaanii tokko miti. 🔹 Yaaduu → Dammaqinaan ta’a → Kaayyoo qaba → Furmaata rakkoo argamsiisa 🔹 Yaada keessatti cuuphamuu (overthinking) → Yeroo hunda yaadda’uu → Waan darbe irra deddeebiin yaaduu → Waan hin uumamne yaaduu → Of komachuu → Namoota biro irratti murteessuu Sammuun yeroo hunda ni hojjetti... garuu yaaduun dhugaa ta’e yeroo hunda hin jiraatu. 🚗 Akkuma konkolaataa mootorri isaa ibsamee guyyaa guutuu hojjetu garuu iddoo isaa irraa hin sochoonee dha. ━━━━━━━━━━━━━━━ Namoonni hedduun kan dadhaban: ❌ Baay’ee waan yaadaniif miti ✅ Yaadota hedduu hin barbaachisne waan isaan harkisaniifidha! ━━━━━━━━━━━━━━━

photo content

👇👇👇 🧠💎 “Hattuu Dhokataa" Sammuu kee (The Dopamine Trap): Maaliif Homaa osoo hin Hojjetiin Dadhabda? Dubbisaa koo! Har’a waa’ee miira kee qofa osoo hin taane, waa’ee saamicha baayoloojikaalaa sammuu kee keessatti adeemaa jiru irratti haa mari’annu. Guyyaa guutuu hojii qaamaa guddaa tokko illee osoo hin hojjetin ooltee, garuu sammuu kee akka ba’aa guddaa baateetti ulfaatee fi dukkanaa’ee (Brain Fog) sitti dhaga’amee beektaa? Dadhabinni kun kan maashaalee miti; kan sirni badhaasa sammuu (Reward Circuitry) jeeqame irraa madde dha. Sammuu kee keessa “Dopamine Trap” jechuun ol'aantummaa doopaamiinii keessatti kufee jira. 1. Doopaamiinii fi “Instant Gratification” 🧪 Doopaamiiniin keemikaala sammuu (Neurotransmitter) yeroo galma tokko hawwinee fi hojii tokko raawwachuuf nu kakaasu dha. Akka uumamaatti, doopaamiiniin yeroo hojii cimaa hojjennee bu’aa argannu baay’inaan madda ture. Har’a garuu algorizimiin miidiyaa hawaasaa sammuu keenya “Supernormal Stimuli” jechuun kaka’umsa uumamaa ol ta’e keessatti cuuphee, hojii malee gammachuu salphaa (Cheap Dopamine) akka argannu taasiseera. 2. Wal-madaallii Sammuu (Homeostasis) Jeequu ⚖️ Yeroo hunda suuraalee fi sagaleewwan saffisaan jijjiiraman keessatti yoo lixxe, sammuun kee wal-madaallii isaa (Homeostasis) tikfachuuf jecha fudhattoota doopaamiinii (Dopamine Receptors) ni xiqqeessa. Bu’aan isaa: - Fedhiin dubbisuu ni hir’ata. - Hojii hojjechuu irratti kaka’umsi ni bada. - Barachuun ulfaataa fakkaata. - Waan milkaa’ina dhugaa fidu hundi akka waan nama nuffisiisuutti sitti mul’ata. 3. Dadhabbii Murtii (Decision Fatigue) 📉 Yeroo hunda “scroll” gochuun, sammuun kee sekondii hunda keessatti: “Kan kana ilaalaa moo darbaa?” jedhuun murtii xixiqqaa kumaatamaan lakkaa’aman ni murteessa. Kunis Decision Fatigue jechuun dadhabbii murtii uuma. Guyyaa dhuma irratti humna sammuu (Willpower) murtoo gurguddaa fi jijjiirama jireenyaa fiduuf barbaachisu si dhabsiisa. Mala “Mana Hidhaa Dijitaalaa” Kana Irraa Ba’uu (Neuro-Reactivation) • Dopamine Fasting (Sooma Doopaamiinii) Guyyaatti yoo xiqqaate sa’aatii lamaaf, keessumaa ganama, bilbila fi kaka’umsa dijitaalaa irraa fagaadhu. Sammuun kee callisaa fi nuffii akka baratu godhi. Kun sirna narvii kee haaromsuuf ni gargaara. • Deep Work (Hojii Xiyyeeffannoo Gad-fagoo) Yeroo dheeraaf hojii tokko irratti qofa xiyyeeffachuu shaakali. Kun dandeettii sammuu haaromsuu (Neuroplasticity) fayyadamuun xiyyeeffannoo kee deebisanii ijaaruuf si gargaara. • Badhaasa Tursiisuu (Delay the Reward) Bilbila kee hojii jalqabaa hin godhin. Dura hojii ulfaataa xumuri; sana booda akka badhaasaatti fayyadami. Ergaa Xumuraa: Dubbistoota koo! Sammuun kee qabeenya guddaa (Cognitive Capital) ati qabdu keessaa isa guddaa dha. AlgoriImoota gammachuu salphaa kennanitti hin kennin. Guddinni fi milkaa’inni dhugaan keessatti argamu: - Callisa, - Xiyyeeffannoo, - Hojii bu’a qabeessa keessatti malee, jeequmsa dijitaalaa keessatti miti. 🔥🦁 Har’uma sammuu kee bilisa baasi! Never Give Up! Harka hin jenniin! Gaaffii Qorannoo: Sa’aatiin itti fayyadama bilbila kee (Screen Time) sa’aatii 24 darban keessatti meeqa ture? Deebii kee komentiin barreessi; furmaata isaa irratti karaa saayinsaawaan waliin mari’anna.

photo content

photo content

Jijjiiramni Hin Oolu; Garuu Karaan Inni Itti Dhufu Filannoo Kee Dha! Jireenya keessatti jijjiiramni karaa lama qofa irratti mul’ata. Tokkoffaan filannoo kee dha; inni lammaffaan garuu osoo si irratti hin dhufin wayya. 1. Jijjiirama Fedhii Keetiin Dhufu (Jijjiirama Dammaqinaa) Kun jijjiirama ati of keessaa fi hubannoo guutuun filattu dha. Dandeettii kee keessaa hubachuun, ofii kee wajjin araaramuun, ba’aa yaadaa hin barbaachifne gadi dhiisuun tarkaanfii ofiin fudhattu dha. Jijjiiramni kun keessaa gara alaa kan mul’atu, to’annoo kee jala kan jiru fi tasgabbii siif kennu dha. Har’a irraa kaastee of jijjiiruuf qophooftee tarkaanfachuu jalqabda. 2. Jijjiirama Dirqamaan Dhufu (Jijjiirama Rakkoo) Kun yeroo filannoo biraa dhabdu irratti si mudatu dha. Jijjiiramuu barbaaddee miti; jireenyi hanga ati jijjiiramtuutti si dirqisiisuun kan dhufu dha. Karaan jijjiiramaa kun baay’ee ulfaataa, nama miidhuu fi dhiphisaa ta’uu danda’a. Maaliif Karaa Lammaffaa Filatta? Sababni isaa jijjiiramni dirqamaan dhufu yeroo karaa ba’iinsaa dhabdu irratti waan dhufuufi. Dhugaa fuulduratti dhaabbachuuf sodaattee, jijjiirama fudhachuuf mormitee yoo turtu, dhuma irratti yeroo jireenyi si dirqisiisu jijjiiramni sun madaa fi gatii guddaa waliin dhufa. Xumura Dhugaa: Jijjiirama sodaachuun hojii ofittummaa (ego) ti. Yoo fedhii keetiin of jijjiiruu jalqabde, jijjiirama dirqamaan dhufu irraa of baraaruu ni dandeessa. Har’a of gaafadhu: “Fedhii koo irratti hundaa’ee of jijjiiraan jira moo filannoon koo hanga dhumatutti eeggachaa jira?” 💬 Yaada kee comment keessatti nuuf qoodi. Jijjiiramaaf haa kaanu! Jijjiiramni dhimma filannooti! Waan filatan jiraachuun dhimma dirqamaati! Tole yoo jette waan siif ta'u filadhu! Lakki yoo jette Siif filatama! Sitti fe'ama! t.me/keba41 0912645484

🛑 #Aartii Sa’aatii 24 Guyyaa Tokkoo Fayyadamuu: Amaloota Dinqisiisoo 7 Jireenya Kee Dhiphina Irraa Bilisa Baasan! 🧠⏳ “Hundumti keenya sa’aatii 24 walqixa ni arganna. Garuu garaagarummaa dhugaa jireenya keenya keessatti uumuu kan danda’u baay’ina yeroo nuuf kenname osoo hin taane, xiyyeeffannaa (Attention) fi kaayyoo (Intention) yeroo sanaaf kenninuudha. Guyyaa guutuu dadhabbiin osoo si hin mo’in qulqullinaan akka fayyadamtuuf qajeelfamoonni olaanoon 7 armaan gadiiti ni ilaalla: 📌 Qajeelfamoota Milkaa’inaa fi Xiyyeeffannaa Guyyaa Guyyaa 7n ☀️ 1. Guyyaa Karooraa fi Hubannoon Jalqabi (Begin the Day Deliberately) 👉 Sa’aatiin jalqaba guyyaa kee guyyaan kee guutuun akkam akka ta’u murteessa. Ganama yeroo dammaqtutti hin ariifatiin; battalumatti bilbila ykn iskiriinii hin ilaaliin. Guyyaa sana keessatti bu’aa hiika qabu tokko galmaan ga’uuf murteeffadhu. Guyyaa kee jeequmsa osoo hin taane nagaa fi tasgabbiidhaan jalqabuun xumura gaarii siif fida. ⚡ 2. Sa’aatii Humna Kee Ol’aanaan Eegi (Protect Your Prime Hours) 👉 Guyyaa guutuu keessatti humna fi kaka’umsa walqixa qabaachuu hin dandeessu. Kanaaf yeroo sammuun kee baay’ee dammaqee fi xiyyeeffannaan kee cimaa ta’u adda baafadhu. Hojiiwwan guguddoo fi barbaachisoo yeroo kana keessatti jeequmsa irraa fageessii hojjedhu. Yeroo humni kee gadi bu’u immoo hojii salphaa fi idilee hojjechuu dandeessa. Akkamitti humna kee akka itti fayyadamtu beekuun yeroo qofa bulchuu caalaa bu’a qabeessa. 🔥 3. Hojii Hamaa Guyyaa Sana Dursii Xumuri (Do the Day's Hardest Thing Early) 👉 Hojii tokko tursiisuu fi boodatti dhiisuun sammuu irratti ba’aa fi dhiphina uuma. Hojii yeroo hunda irraa baqachuu barbaaddu sana dursii fuuldura dhaabadhu. Kun amala hojii tursiisuu hir’isa; guyyaa kees injifannoodhaan jalqabuun ol'aantummaa ofitti amanamummaa fi kaka’umsa hojii kee ni dabala. 🎯 4. Kutaa Yeroo Xiyyeeffannoo Qabu Keessatti Jiraadhu (Live in Focused Blocks) 👉 Hojii hedduu yeroo tokko keessatti hojjechuuf yaaluun (Multitasking) hattuu tasgabbiin jireenya kee saamuudha. Kanaa mannaa yeroo kee qoodii, hojii tokko irratti qofa xiyyeeffannaa guutuu kenni. Yeroo hojii keessatti beeksisoota bilbilaa hin barbaachifne cufi. Hojii tokko irratti gadi fageenyaan hojjechuun guddina saffisaa fida. 🔋 5. Boqonnaa Akka Dirqamaatti Ilaali (Treat Rest as a Responsibility) 👉 Boqochuun yeroo balleessuu miti. Sammuun kee sirriitti akka hojjetuuf hojii gidduutti boqonnaa gabaabaa fudhadhu, qaama kee sochoosi, nyaata fayyaa qabu nyaadhu, akkasumas hirriba gaarii rafi. Sammuun gaariitti boqote hojii kamiyyuu saffisaa fi qulqullinaan hojjechuu danda’a. 🛡️ 6. Waan Sammuu Kee Keessa Seenu Eegi (Guard Your Mental Inputs) 👉 Odeeffannoon sammuu kee keessa seenu kamiyyuu yaada fi jireenya kee irratti dhiibbaa qaba. Kanaaf oduu gadduu fi abdii kutachiisu baay’ee hordofuu hir’isi. Haasaa faayidaa hin qabne fi wal-dhabdee humna kee fixan irraa fagaadhu. Kanaa mannaa, barnoota fi odeeffannoo si guddisu fi si kakaasu filadhu; waanti keessa seene hundi yeroo tokko alatti ni mul’ata. 🔍 7. Guyyaa Kee Of-Eeggannoodhaan Xumuri (Close the Day with Reflection) 👉 Xumura guyyaa irra caalaa jalqaba irraa barachuu dandeenya. Guyyaa kee yeroo xumurtu maal akka milkaa’e fi maal akka hin milkaa’in ilaali. Barnoota guddaa tokko guyyaa sana irraa fudhadhu. Bu’aa qofa osoo hin taane tattaaffii kee illee dinqisiifadhu. Akkasumas karoora salphaa guyyaa boruuf qopheessi. Of-eeggannoodhaan yaaduun guyyaa idilee gara ogummaa guddaatti jijjiira. 🌟 Ergaa Guddaa Guyyaa Har’aa “Sa’aatii 24 kee guutummaatti fayyadamuuf fi milkaa’ina argachuuf, guyyaa kee filannoo gaariidhaan jalqabi; xiyyeeffannaa kee waan tokko irratti qofa godhi; sammuu kee waan gaariidhaan soori; akkasumas guyyaa kee of-eeggannoodhaan xumuri. Jireenyi kee kan jijjiiramu xiyyeeffannaa har’a kennituun dha!” 💬 Gaaffii Guyyaa Har’aa: Qajeelfamoota 7 keessaa isa amma jireenya kee keessatti baay’ee barbaachisaa ta’ee fi har’a irraa jalqabdee fooyyessuu qabdu kami? 👇 Yaada kee nuuf barreessi! ✈️ Ergaa faayidaa kana nama yeroo isaa sirnaan bulchuu barbaadu waliin qoodi!