cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Galaana Walaloo

✍ Walaloo Jaalalaa ✍ Walaloo Haadhaa ✍ Walaloo Abbaa ✍ Walaloo Xiiqii ✍ Walaloo waliigalaa

نمایش بیشتر
فنلندة3 555زبان مشخص نشده استدین و مذهبی121 249
پست‌های تبلیغاتی
269
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+37 روز
+930 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Miidhama Oromoo Walloo Madaa ilmaan Worqituu Kan diinni bara baraan Boqonnaa isaan dhorkitu Miidiyaaf haa galatuu Nu-n dhoksine fageenyuu Osoo ijaan agarruu Osoo gurraan dhageenyuu.. Walloo mataa Oromoo Meedullaa tuu’oo nafaa Waamichaaf iyya jaraa Birmachuu dhabuun fafa Tokkummaa Oromummaatu Taajjabbii ta’ee hafa. Kanaaf.... Kan rafee jiru malee Bofti mataa'n ciniinuu Haa dammaqnu sabakoo Kallattii afraniinuu Bishaan mataa qaqqabe Miilallee hin hanqatuu Dhimmi Walloo waloodha Haa qaqqabnu takkatuu. Waloomnu nagaan teenya Seenaarraa haa laallannu Madoo obbolaa keenyaa Gargaarree haa yaallannu. Dhiibbaa qe’eetti dhufee Bara baraan nu miidhu, Imimmaan aayyoo keenyaa Ija lakkuudhaan jiidhu, Tokkummaan isa dhumaaf Wolirraa haa xaragnu Boolla Fnnoof nafnyaa Duuchinee haa maragnu. #Anis_Walloodha! ✍️..... #@Riyaad_Raayyaa @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
Qilleensatu na hanqata Akka dhukkuba laphee Onnee kiyya keessatti Maxxanteetta akka haphee Jaalalani siif qabu Situ dhabsiise gatii Qarshiidhaan na jijjiirtee Na dhiiftee deemte atii Kan koo qofaa si godhee Nikaadhaan si dhuunfadhe Si waliin bultii ijaaree Ilmaan horee dhuungadhe Kana ture abjuun koo Dur yaroon si jaalladhu Imimmaantu na hudha Har'a yoon si yaadadhu Gitintireen kufee Garaan na gubatee Guyyaa hamtuu dhufee Narraa si fudhatee Maaf na gattee deemtee Onnee Koo tarsaaftee Utuun si abdadhuu Jiruu Koo mancaaftee Bareedduu Koo jedhee Utuun si waammadhuu Hundarra caalchisee Utuun si jaalladhuu Hangan lubbuun jiru An sin irraanfadhuu Humaa nattin himne Wanta si mudate Waanan jedhun dhabe Garaan na gubatee Jaalala horiitu Narraa si fudhatee Jaalala Koo dhugaa Kan jijjiirte Qarshiini Beeki gaafa duutullee Sin simattu dachiini Utuun dhadhaa eegu Narraa keesse dhakaa Hojii Koo maleetti Natti baaste maqaa Jechashee fudhatee Hunduu natti ka'e Rakkina koof jecha Maqaan natti ba'e Nagaatti siin jedheera An sin miine jechaani Bu'aa dhamaati keeti Ni argatta dachaani Aareen Yoon gubadhes Ani humaa sin goonee Gaafas callisu koof Ofii koottan boonee Harka jabeefattee Na kabalte maddii Dirmammuun harka Kees Gaafasuma baddii Har'a yoo yaadattu Sidhuunfata gaddii Mirqaanaan argattu Yoo aarsite Naddii Jaalala koo dhugaa Har'a reef hubatta Namattin himattu Qofaa kee gubatta Dur afaan keetiin bu'u Yoomiyyuu sin jibbuuni Har'as maqaa ko dhooftee Naaf gamsiifta hirqinfuuni walaloon Anii namaa jaalalan midhaamef barreessee kun mudannoo keetiin waliin wal fakkaata yoo ta'e namaa jaallatuf share godhi. ✍... Simboo Oromoo Galatoomaa ! @GalaanaWalaloo @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
2
#Aduwaa Duula Baalchaa A/Nabsoo Ka’ee itti nu kaase Dirree Gabayyoo Gurmuu Madfii itti dhukaase. Hudhee; hafuura kutee Itaalii qabee laagaa Lola injifannoon gale Gooticha Abdiisaa Aagaa. Gorsi Qusee Dinagdee Goototaaf ta’ee galaa Dirree itti nu fure Tooftaan lola Abbaa Malaa. Haceen haqa baaseera Alagaan nurraas dhiltu Duula itti mirgaan gale Balaay Zallaqaa Qilxuu Mokonnin Guddisaa tiif Gootni Mikaa’il Alii Dirree itti faranjii Boojuun taasisan galii Gootummaan keenya ifa Har’aa miti barasuu Qoradhu seenaa jara Abbichuu fi Garasuu. Lafeedhaa itti cabnee Dhiigni keenya lola’ee, Lubbuu qaalii itti dhabnee Gootni meeqa kola’ee, Qarartoodhaan hin moone Hobobsuun akka reettii, Eeboof gaachanaan lollee Aarsaadhaan qolle jeettii. Paastaaf buphaa ormaatti Nuti biyya hin gurgurre. Daamaaf bulloo yaabbannee~Riqicha Aduwaa ceenee Xaaliyaanii hunkurre. Baandaan gaafas baqate Har’a dhiichisus Wacee Hin daganne, in dagatuu Dhaloonni dhaamsa Hacee. Seenaa keenya tikfachuu Nuuf dhaamee deeme irbuu Aduwaaf sirbuu taanaan Oromoodha kan sirbuu! ✍️.... Riyaad Raayyaa tiin. #Dhangaa_Walaloo @GalaanaWalaloo @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
-- kee kiyya taanan----- - kan kee kiyya taanan kan koos hunduu keetii Na fudha fudhadhuu akka barbaaddettii - eenyumaan kee anaa eenyummaan koos simaa kiyya silaa keetii lama maaf jedhamnaa - Tokko nuun yaa jedhan Bak deemne hundattii Kan kee kiyya taanan kan koo hundi keetii @GalaanaWalaloo @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
Namni waa beeku🗣 - Namni waa beeku Boruuf kan akeeku Ofiif galee kakuu Cimee kan carraaqu Yoomiyyuu hin ceequ - @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
Harmee koo Si haa barbaadan dhufanii Gaafan dubbiif shakkame Gartokkee keeti ani Dhiiga keerraan argame! Hiika onnee namummaa Harmee kiyya yaa deessee Maqaa koo dha'iin namni Maqaa kee achi fageessee! Safara lapheefi ribuu Gaarummaa kee sanaafi Si cinaatti waamamuun Ulfinadha anaafi! - - Otuu dafqi kee cobuu Jirbii rakkinaa footee Ana bixxillee xiqqoo Guddistee nama goote Dhala koo - cuucee koo jettee Afaan nadhii dubbatta Furrii fi xurii koo wajjin Arraabdee na dhungatta! Sin jaalladha yoon jedhe Kan kee hin baasu gatii Naaf jiraadhu harmee koo Eenyummaa koodha ati! #Share @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
🥰 2 1
Beellama male dhufuuf Daandii nutti cirata, Nuti dheessinee fiigna Duuti nutti tirata_🚶‍♂️ @GalaanaWalaloo @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Afaan keetin qofa "Sin jaaladha" jechuu dhiisi Akkan si amanu gochaan na argisiisi ~ By @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
👏 1
Suma yaadni koo hin qabu yaada biraa Onneen koo onnee keef waadaa galee jira ~ Koottuu na ilaali qaamni koo keeti Lapheen shan shantama sumaaf rukutti @GalaanaWalaloo @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
👍 2🔥 2
Photo unavailableShow in Telegram
Ani ~ Si jibbe naan jedhe Tokko lafaa ka'ee Na jibbuu isaatiin Wantan aaru se'ee ~ Ani hin muufanne Na jibbeera jedhee Nan dinqine naanoo Jechisaa na hudhee ~ Jibbuun xiqqaachudha Namummaarraa bu'uu Hafuura baafachaa Dhabbidhumaan du'uu ~ Ani jireenya koon Waan tokkon hubadha Hiikaan nama ta'uu Nama jaalachuudhaa ~ @Kaachaalluu @GalaanaWalaloo
نمایش همه...
👍 8 1
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.