cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Gadisa Oro-Hararge

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
710
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-67 روز
-1330 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Warreen:- 1. Dogoggorakee kaleessaa akka daawwitiitti si dura qabanii ittiin si cabsuu barbaadan, 2. Yeroo ofiif si barbaadan iyyanii si waammatan; yoo ati isaan barbaaddu gurra cuqqaallatan, 3. Siin gadi qabanii miira ol aantummaa argachuu fedhan, 4. Jireenyi isaanii hinaaffaan guutee fi 5. Sansalata balleessaa sitti marsanii jireenyakee to'achuu fedhan Warreen akkasii irraa fagadhu!! @Gadisaoro_hararge https://t.me/GadisaOroHararge
نمایش همه...
Warreen:- 1. Dogoggorakee kaleessaa akka daawwitiitti si dura qabanii ittiin si cabsuu barbaadan, 2. Yeroo ofiif si barbaadan iyyanii si waammatan; yoo ati isaan barbaaddu gurra cuqqaallatan, 3. Siin gadi qabanii miira ol aantummaa argachuu fedhan, 4. Jireenyi isaanii hinaaffaan guutee fi 5. Sansalata balleessaa sitti marsanii jireenyakee to'achuu fedhan Warreen akkasii irraa fagaadhu! https://t.me/Gadisaoro_hararge🙏
نمایش همه...

DUBBII HAYYOOTAA ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ๛ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti." — (Biilii Giraam) ๛ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa." — (Biilii Giraam) ๛ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu." — (Looyid Joonsi) ๛ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata." — (Shiikeeraa) ๛ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin." — (Ingilizoota) ๛ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu." — (Giriikota) ๛ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baay'ee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi." — (Araboota) ๛ "Beekumsi nyaata lubbuuti." — (Pilaatoo) ๛ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif." — (Abrahaam Liinkan) ❇️ @GadisaOroHararge ❇️
نمایش همه...
AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA? ✍Jiraachuuf jettee sobda. ✍Nyaachuuf jettee hatta. ✍️Gammachuudhaaf jettee ejjita. ✍️Sooreessa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru. ✍️Keessaan jiraadha jettee mana ijaarratta. ✍️Beekumsan argadha jettee ni baratta. ✍️Mucaan godhadha jettee fuuta naaf hin taane jettee hiikta ✍️Miilaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta. ✍️Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita. ✍️Mucaa tokko yoo qabaatte isa lammaffaa yaadda. ✍️Diploomaa yoo qabaatte digriidhaaf dhippata. ✍️Maastarsii yoo qabaatte PhD Yaadda. ✍️Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhippata. ✍️Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda. ✍️Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita.  ✍️Magaalaa naannoo kee yoo galtu Finfinne galuu hawwita. ✍️Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa,Ameerikaa hawwita. ✍️Ameerikaa yoo galte immoo pilaaneeti biraa arguuf wareegamta. ✍️Aangoon xiqqoo yoo qabaatte guddatti darbuuf dhiphatta. ✍️Bulchaa anaa yoo taate kan godinaa ta'uuf dhippata. ✍️ Bulchaa godinaa yoo taate Pirezdaantii ta'uuf yaadda. ✍️Pirezdaantii yoo taate ministeera muummee ta'uuf yaadda. Obboleessa koo obboleettii koo Guyyaa duutu yaaddee beektaa? Yooman du'a jettee of gaafattee beektaa? Of yaadadhu waan gaarii dalagi rabbii kee hin mufachiisin✍ https://t.me/Gadisaoro_hararge
نمایش همه...
Gadisa Oro_Hararge

https://t.me/Gadisaoro_hararge

@Gadisaoro_hararge

AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA? ✍Jiraachuuf jettee sobda. ✍Nyaachuuf jettee hatta. ✍️Gammachuudhaaf jettee ejjita. ✍️Sooreessa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru. ✍️Keessaan jiraadha jettee mana ijaarratta. ✍️Beekumsan argadha jettee ni baratta. ✍️Mucaan godhadha jettee fuuta naaf hin taane jettee hiikta ✍️Miilaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta. ✍️Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita. ✍️Mucaa tokko yoo qabaatte isa lammaffaa yaadda. ✍️Diploomaa yoo qabaatte digriidhaaf dhippata. ✍️Maastarsii yoo qabaatte PhD Yaadda. ✍️Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhippata. ✍️Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda. ✍️Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita.  ✍️Magaalaa naannoo kee yoo galtu Finfinne galuu hawwita. ✍️Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa,Ameerikaa hawwita. ✍️Ameerikaa yoo galte immoo pilaaneeti biraa arguuf wareegamta. ✍️Aangoon xiqqoo yoo qabaatte guddatti darbuuf dhiphatta. ✍️Bulchaa anaa yoo taate kan godinaa ta'uuf dhippata. ✍️ Bulchaa godinaa yoo taate Pirezdaantii ta'uuf yaadda. ✍️Pirezdaantii yoo taate ministeera muummee ta'uuf yaadda. Obboleessa koo obboleettii koo Guyyaa duutu yaaddee beektaa? Yooman du'a jettee of gaafattee beektaa? Of yaadadhu waan gaarii dalagi rabbii kee hin mufachiisin✍ https://t.me/GadisaOroHararge
نمایش همه...

𝖠𝗆𝖺𝗅𝖺 | 𝖭𝖺𝖺𝗆𝗎𝗌𝖺 𝖦𝖺𝖺𝗋𝗂𝗂 𝖰𝖺𝖻𝖺𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎 ╔═════════╗ ║ 𝐀𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 ║ ╚═════════╝ ༄ #𝐐𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐦𝐮 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐟𝐢𝐝𝐚. ༄ #𝐁𝐚𝐫𝐞𝐞𝐝𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐟𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐦𝐮 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐟𝐢𝐝𝐚. ༄ #𝐀𝐦𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐮 𝐠𝐮𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐟𝐢𝐝𝐚. 𝗡𝗮𝗮𝗺𝘂𝘀𝗮 𝗚𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝘁𝘂𝗾𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 7 | @Gadisaoro_hararge ➊. Naamusni nama milkeessa! ➋. Naamusni kabajamaa nama taasisa! ➌. Naamusni waliin jireenya hawaasaa naga qabeessa taasisa! ➍. Naamusni gaariin ofirra darbanii nama biroo akka qajeelchan nama taasisa! ➎. Naamusni burqaa walitti dhufeenyaa fi waliin jireenya ilma namaa lalisiisuudha! ➏. Naamusni gaariin galaa dhalootaati! ➐. Naamusa gaarii irraa maqaa gaariin argama! maqaa gaariin immoo siidaa onnee namaa keessa dhaabbatee dhaloonni irraa baratuudha.🌹🌷🌻 https://t.me/Gadisaoro_hararge
نمایش همه...
Gadisa Oro_Hararge

https://t.me/Gadisaoro_hararge

@Gadisaoro_hararge

MOO'ATAA TA'I┃BE WINNER ▬▬▬▬▬▬▬▬ ❍ Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu. ❍ Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu. ❍ Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha. ❍ Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada. ❍ Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha. ❍ Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha. ❍ Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena. ❍ Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu. ❍ Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu. ❍ Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an. ❍ Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu. ♡   ❍ㅤ   ⎙       ⌲ ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ https://t.me/Gadisaoro_hararge @Gadisaoro_hararge @Gadisaoro_hararge
نمایش همه...
Gadisa Oro_Hararge

https://t.me/Gadisaoro_hararge

@Gadisaoro_hararge

Hin jarjarin namakoo Faarsuu fii qeequufillee Hin murteessin tasumaa Wanta siif hin galle Na tilmaamuu dandeessa Garuu hin beektu waa'ee koo Waanuma kee yaadi Dhiisiitii Dhimma koo Hanga yerookee gubdu Wanta sin galchinetti Maaliif uf hin jijjiirtu Yaaddee akka namaatti An yoomuu sin ta'u Ana hin taatu atillee Waan addaa nuuf kenne Rabbi Anaaf siifillee Gaafa nu uf taanee Dhiisne waa'ee namaa Anaafii si mitiii Biyyuu ni jijjiirama https://t.me/GadisaOroHararge
نمایش همه...
OF AMANSIISI! ┃Yoo Shɑkkite Ni Kuftɑ! ┃Yoo Amɑnte Milkooftɑ! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ⁃ Milkɑɑ’inɑ Gonfɑchuuf Durɑ of ɑmɑnsiisi! ⁃ Wɑntɑ Guddɑɑ Yɑɑdi Wɑɑn Gɑɑrii ɑrgɑmsiisi!              "" ⁃ Hojii Irrɑ Oolchi Hɑwwiif Yɑɑdɑ Kee ⁃ Imɑlɑ Eegɑli Hin Gubin Yeroo kee              "" ⁃ Bɑkkɑ Guddɑɑ Gɑ’uu Atis Ni Dɑndeessɑ        Gɑruu……. ⁃ Dɑɑndiin Milkɑɑ’inɑɑ Obsɑ Bɑrbɑɑchisɑ              "" ⁃ Amɑnsiisi Sɑmmuu kee Hin Shɑkkin Dɑndeettii kee ⁃ Wɑɑn Xiqqoo Hin Yɑɑdin Guddisi Hɑwwii kee              "" Yoo Shɑkkite Ni Kuftɑ Yoo Amɑnte Milkooftɑ. https://t.me/GadisaOroHararge
نمایش همه...
Rift valley Harar compas😭 Sababa nageenyaan walqabatee Rift Valley rakkoo jira kanaaf hin dhufinaItti hin dhiyaatina hanga addan bate isinif ifomu😭😭 @GadisaOroHararge https://t.me/Gadisa_sabaa
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.