cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Walaloof baacoowwan 😁

Walaloowwan jaalalaa fi baacoowwan hidhii walitti nama hin qabachiisne yoo barbaaddan ...... YouTubehttps://www.youtube.com/@milkiitubes Yaadaaf qeeqa qabdan karaa @wabiif na biraan gahuu dandessu

نمایش بیشتر
فنلندة1 276زبان مشخص نشده استدین و مذهبی19 420
پست‌های تبلیغاتی
4 867
مشترکین
+824 ساعت
+307 روز
+15030 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Sookkisaa gogaa duugaa Shaggar nu yaafte sireen Bookkisaa korma Dhugaa Gargar nu baafte Hireen Waraabuullee waraabeeraa Bishaan Amboo taliila koo Waa yaaduullee si yaadeeraa Hacee Hundee Sibiila koo Daangaa kaa'an daangaa shiraa Kan daangessu dhaamsa firaa Daanga'e kaa karaan Amboo Naan ga'e kaa Garaan rakkoo Awwaallamtee akka raqaa Wallaallamtee murtiin haqaa Dhabamte kaa murtee sirriin Qabamte kaa turtee Birriin Waggaa Afur eegnee dhabne Guyyaa adii deegnee cabne Eeboon qaraa gogaa waraanti Yeroon dharaa dhugaa awwaalti Kulkulfataa madaa miilaa Maaltu baasa qoree malee Dhukkubsataa garaa dhiiraa Maaltu kaasa booree malee Fixxee ree? Waddeessa koo Waddeessa ji'a Onkololeessaa Lixxee ree? Addeessa koo Addeessa Urjiif Obboleessaa Citte kaa sakaallaan Fardaa Luugaman nyaachisa malee Bitte kaa Askaalaan Sangaa Tuulaman nyaachisa qalee Godan bu'e Laga oofuu Lagni guutee Dhagaa aarsa Ergan du'ee Muka soofu Erga duutee maal bu'aansaa? Barri Baraan sokkee Achis yoo fagaatu Hacee koo yaa Tokkee Seenaan sin dagatu Barri Baraan darba Baraan wal jijjiira Kan jiru waa arga Gootnis Lubbuun jira Yoo ijaarsi Lafaa Diigee burkutaa'ee Yoo ijaarsi nafaa Dhiigee hunkutaa'e Yoo biqiltuun mukaa Hundeedhaan buqqa'e Yoo imaltuun Lukaa Barruudhaa luqqa'ee Yoo riqichi jabaan Wal qixxeetti cite Yoo dhaabatee gabaan Gurguree wal bite Yoo ijaarsi gamoo Tureetoo dulloome Yoo dureessi Namaa Dhabeetoo hiyyoome Turtiin yeroo darbee Galmeen yoo haqame Kalee gaarii argee Har'a yoo laaqame Kan kee hin haqamu Kan Dhiigaan katabde Buqqa'ee hin gatamu Kan ati gad dhaabde Si yaadanna yoomuu Gola Onnee keessaa Seenaan kee hin dulloomu Hacee Ilma Hundeessaa @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
نمایش همه...
👍 5
#NAMOOTA__WAJJINIIN #NAGAADHAAN__JIRAADHU! Haa tolus haa badus Mijatus hammaatus Waan gaarii siif godhus Gaarii gochuu baatus Hiixatee siif kennus Didee si dhowwatus Garaansaa siif laafus Homaa sitti jabaatus Dhala namaa wajjin Jiraachuun dirqama Qofaa kee hin jiraattu Dandeessee matumaa. Takkaa si madeessee Booddee si fayyisa Al tokko si aarsee Simmoo gammachiisa. #Kanaafuu lubbuukoo Quuqama kee aadaa Waraansa kee obsaa Wajjiniin jiraatta Suma barbaachisa. Addunyaan qofaa kee Deemtee irra jiraattu Kanaan dura hin turre Sichis hin argattu. Hubadhu qalbii koo Mee malan siif mala Namaaf iddoo kenni Waan hundumaa caalaa Xinnaafis guddaafis Qabaadhu jaalala. #SOURCE____DIRECTON @walaloo430
نمایش همه...
https://t.me/cexio_tap_bot?start=1716323293166792 CEXP tokens farming major upgrade! Two is better than one! Join my squad, and let's double the fun (and earnings 🤑)! CEX.IO Power Tap! 🚀
نمایش همه...
CEX.IO Power Tap

🤩 Farm CEXP tokens and earn rewards! CEX.IO App makes it simple and secure to buy, exchange, and store cryptocurrencies

Photo unavailableShow in Telegram
Odeeffannoo wayitaawaa waa'ee Airdrop Cyrpto currency argachuu feetuu?
نمایش همه...
Airdrop
CYRPTO currency
Hamster combat
Oduu waa'ee tapswap
Nuufis susii hin turree Caldhisee lola hawwee Roorrisaa qolachuuf Loluuf kaasne qawwee Dantaa sabaa gannee Keenya hin caalchisnuu Gabrummaa ofii dhaalle Dhaloota hin dhaalchisnuu Sabaaf ofi kenninee Lubbuu qaalii laannaa Galfata jaallan kuftee Kudhaamannee baannaa Hin gannuu hin maqnuu Kaayyoo irratti cichinaa Dhiigaa fi lafee keenyaan Qabsicha itichinaa Jabaannee cimneetu Waan mara dandeenyaa Irratti ofi kitimneetu Kaayyoo galmaan geenyaa @walaloo430
نمایش همه...
9
Barbaachasaaf imallaa Maaliif callifnee teenyaa Deessuutoo wareegamee, Argannu malee hin dhiifnuu Dadhabnees yoo nuuf gamee, Dhugaa barbachaaf jecha Galmeen Seenaa haa dubbatuu Lubbuu itti wareegamee, Ammas barbaadaa jirra Dadhabnee abdii hin kunnu Daandiin haqaa saaqamee!! ******** Dhugaa bade barbaachaaf Baddaaf gammoojjii seennee, Boruufis abdii qabna Kan jiraannee har'a geenyee, Waaqayyo nu moosisaa Waanta haqaaf dhageenyee, Garaaf jiraachuuf jecha Bira hin tarru dandeenyee, Gooftaan boojuu nuuf fida Isa gurraan dhageenyee, Dhugaa dheebotaa hin hafnuu Sobdoota cinaa teenyee!! ******* Rifeensa miican malee Akkamiin gogaa haaduu, Deeggaraa baay'ee hin qabu Namni dhugaa barbaadu, Waaqayyo isaan balleessa Warra dhugaa awwaalee Soba magarsuuf yaadu, Manni hundaa haa lakkaa'uu Dhaloota dhugaaf jedhee Hirriba dhabee aaduu, Gumaa dhiiga dhalootaaf Kan dhugaa awwaalamee Waaqayyo haa barbaaduu (x2)!! ******** HORAA BULAA DEEBANA!! NAMA DHUGAAF FALMU; DHUGAAFIS JIRAATU TAHAA!! @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
نمایش همه...
3
DHUGAA GOLGAMTE.!!! ============================ Gannaaf bona hin jenne Danuun dirreerra jooraa, Bitaaf mirga gulaalaa Hunduu qabateetu tooraa, Waanta dhabne argannee Yoom madaan keenyi qooraa, Waatu waatiin miliqee Dhaloonni soquuf jooraa!! ******* Taa'u yaadaan imalaa Rafus abjuun barbaadaa, Jireenya itti dhabee Tikfachuuf Ulee Waadaa, Dadhabees hin boqonne Sagalee dhaggeeffachaa Holqa keessas barbaadaa, Imimmaan dhugaa roobsaa Caba lapheesaan aadaa, Safuu yaa barbaadaa dhugaa Kan hin sharafne waadaa, Dadhabee hin boqonne Dhugaa golgamteef aadaa!! ******** Kan dhabne osoo barbaannuu Warqees harkarraa gannee, Yaa gooftaa mul'isikaa Wanta dhaloonni dhabnee, Haqa bade soquuf jecha Haamileef qaamaan cabnee, Kichuu keenya ol deemaa Qarreefi Qeerrootti dhabnee, Ammas barbaacha hin dhiifnu Abdii keenya kutannee, Erga dhaloota qaalii Kumaatamaan itti dhabnee!! ********* Birraa dacheen nuuf qoorraan Saawwan Haroo obaafnee, Dabeettiin hin guddatiin Kan gumaa lammii hin baafnee, Gaaf-tokko ittiin mul'annaa Dhugaa awwaalaa baafnee, Taliila arguuf jirra Bishaan boora'e raafnee, Sirriitti dhimbiibbaa tolchii Lammaffaa akka hin dhamaafnee!! ******** Dhadhaan itti baay'ateef Buqqeen foon tahee hin beekuu, Namni Qotiyyoo bitee Naaf dhala jedhee hin eeguu, Sobduu dhugaa awwaaltu Gooftaan amma gingilchaa Buqqisee kaleefi ceekuu, Namni dhugaaf jiraatee Dhumni isaa badee hin beekuu!! ******* Dhugaa Waaqayyo Uumee Namni maaliif jallisaa, Danuun osoo awwaaluu Kaanis beekaa callisaa, Warri dhugaadhaaf falmu Foon maddii of qallisaa, Imala isaanii hin dhaabnee Faana miillaas luqqisaa, Dadhabus gadi hin teenyee Abdii qoorte gabbisaa!! Qilleensi Tulluu Koomtoo Leeqaatti gad-bubbisaa, Akkamiin dhiisnee teenyaa Dhugaatoo nu dubbisaa, Warra dhugaa awwaalee Soba summii magarsu Waaqayyo amma buqqisaa!! ****** Eessa dhokateeree dhugaan Samiin ol fuutee laataa, Dachee atis dubbadhu Lubbuu dhaloota qaalii Sitoo filatee nyaataa, Lafeen dhaloota danuu Wal irratti tuulamee Qoraan goge fakkaataa, Tulluu atis waa jedhii Tarii garakee dhufee Bulguun dhokatee nyaataa, Eenyuutiin amanannee Eenyuutiinis komannaa Daaraan Daakuu fakkaataa!! ********* Galaanattis gad buunee Qurxummii yoo gaafannuu, Tulluurrattis ol baanee Qilleensaan iyyaafannuu, Onneen dhugaaf muddamtee Sombis keessoon gubatee Hargansuu yoo baafannuu, Samiimoo dacheedharee Bakki dhugaa argannuu, Gucni dhugaa ifu malee Rafnee yoomuu hin boqonnuu, Hunduu tooraan callisee Beekaa kam haa gaafannuu?? ****** Dukkanni si haguugee Maaf bari'uu dheeratee, Hayyuun samii qoratuu Maaf si arguu dagatee, Barbaachakeef hin teenyee Hunduu galaa naqatee, Nuffee duuba hin deebinee Kaayyoo xiiqii godhatee, Beeluuf dheebuu hin komannee Mudhii isaa hidhatee, Dadhabbiin gaaraa cimtus Suuta jedhee tiratee, Imimmaan lakkuu buusaa Dafqaan fuula dhiqatee, Gatii dhugaa waan beekuuf Bu'aa dalgaa lagatee, Faayidaaf garaa hin hirre Lafeef dhiigaan kakatee!! ******* Dooniin cubbuu hin fagaattuu Bubbeetu itti bubbisaa, Hayyuu danuu abdannes Dhugaa qarshiin gurguree Galmee sobaa dubbisaa, Imimmaan haadha hiyyeessaa Gaaftokko isaan cubbisaa, Warra dhugaa awwaalu Waaqayyo tola hin dhiisuu Teessuma irraa gombisaa!! ******* Waajjira keessaa iyyaa Dhugaatu awwaalamee, Qulqulluun dhugaa uumaa Summii Sobaan faalamee, Dhaloonni boo'aa jiraa Dhugaan isaa sakaalamee, Gooftaan faraduuf jiraa Gatii imimmaan dhalootaa Harka isaan madaalamee, Amma diigamuuf jira Gamoon warra jallootaa Kan cubbuun ijaarame!! ******* Dhugaa barbaachaaf jecha Hayyuun dhalootaaf tahu Lubbuutii wareegamee, Gaaf-tokko ifa bahaa Haqni sobaan golgamee!!
نمایش همه...
👍 3
Repost from N/a
Daily cheaper kan guyyaa har'aa fi pixelverse tap bonus combat viidiyoo gabaabaadhaan ilaalaa hojjedhaa. https://youtu.be/w-eQSJte8-I?si=Q430bVlqtKBOZdRY
نمایش همه...
#update 🎲Hamster Combat Vs Pivel verse🗝️ Daily cheaper 1M & 5M Yeroo muraasa qofa kan kenname dafaa

#hamstercombat #updates #dailycheaper #bitcoinnews #notcoin #pixellab #pixeltap #pixeltapverse Kooddii ittiin hamster combo irraa coin Miliyoona 1 argatan dafaa ariitiidhaan irraa fayyadamaa. Daily chiper hamster Combo #tapswap #hamstercombo #yescoin #blum #notcoin Akkaataa 🐹 Hamster combat irraa coin miliyoona 5 salphaatti argannu #mortalkombat #hamsterkombat #bitcoin #cyrptocurrency Notice Age-restricted video (based on Community Guidelines) #hamster combat #binance #okx #pixeltap #odesitutube #movie #movie #pixelart #telegram #toncoin #pixelaward #notcoin #wallet #teeth #oldmovies #movieexplained #odesitutube #oromia24 #jawarmohamed #shortmovie #orotiktok #ethiopia #ethiopian #oromotiktokchallenge #rachuentertaiment #gemedashow #gammadaashow #rachutesfaye #yonimagnanewvideotoday #yonimaga #orthodox #habesha #protestantsongs #fiilmiigabaabaa #gemedashow #jawaar #oromia #oromo #artstvworld #mohaoromo #drama #nafyad #oronews #moviereview #gingilchaa #oromocomedy #oromoculture #movierecap #oda #gadaa #christianmedias #oromomusic #oromogospelsong #oromo_best_prank #ethiopianews #donkeytube Welcome to Odesitu tube. Baga nagaan gara Odesitu tube dhuftan wantoota barsiisoo fi bashannansiisoo akkasumas seenaalee dhugaa addunyaa keenyaa bifa fiilmii fi #oromotiktokchallenge #movieexplained #fiilmiigaggabaaboo #moviereview #comedianishetu #deadlydormitery #dormitery #comedianWaqo #comedy #dontjudgeabookbyitscover #teamabaabdi #abdinegara #abaabdi #movieexplained #faarfannaa_afaan_oromoo #faaruu_tube #oromoprotests #oromusic #oromummaa #movieexplainedinhindi #worldcup #dontjudgeabookbyitscover #oromomusic #oromiamusic #oromusic #oromuslim #muslim #orotiktok #shubisa #fiilmiigabaabaa

👍 3
MARAATUU TA'UU WAYYAA! Ofiisaa of sossobee Ofiisaa of dheekkama...! Ofiisaatti dubbatee Ofiisaattiis guunguma...! Dhiphina namaa hin qabu Ofii of ta'ee jiraata............! Yaadaaf yaaddoo dagachuuf Ka'ee MARAADHUU laata? Keessaan summii hin qabu Irraan fakkaatee fayyaa Isa keessi isaa nagaa MARAATU ta'uu wayyaa! Eenyu mirgasaa hin xuqu! MARAATUMMAAN walaba Kolfa gaararraa kolfuuf MARAATUU ta'uun qaba! @walaloo430 @walaloo430 @walaloo430
نمایش همه...
Repost from N/a
Kooddii Hamster daily cheaper fi akkaataa ittiin pixelverse hojjetan viidiyoo gabaabduu https://youtu.be/Xk1pYwUw5UY?si=tzSu3aa-v61QilgC
نمایش همه...
🗝️Kooddii Hamster Combat Vs Pivel verse🗝️ Daily cheaper 1M & 5M Daddafaa hojjedhaa irra darbinaan...

#hamstercombat #bitcoin #notcoin #pixellab #pixeltap #pixeltapverse Kooddii ittiin hamster combo irraa coin Miliyoona 1 argatan dafaa ariitiidhaan irraa fayyadamaa. Daily chiper hamster Combo #tapswap #hamstercombo #yescoin #blum #notcoin Akkaataa 🐹 Hamster combat irraa coin miliyoona 5 salphaatti argannu #mortalkombat #hamsterkombat #bitcoin #cyrptocurrency Notice Age-restricted video (based on Community Guidelines) #hamster combat #binance #okx #pixeltap #odesitutube #movie #movie #pixelart #telegram #toncoin #pixelaward #notcoin #wallet #teeth #oldmovies #movieexplained #odesitutube #oromia24 #jawarmohamed #shortmovie #orotiktok #ethiopia #ethiopian #oromotiktokchallenge #rachuentertaiment #gemedashow #gammadaashow #rachutesfaye #yonimagnanewvideotoday #yonimaga #orthodox #habesha #protestantsongs #fiilmiigabaabaa #gemedashow #jawaar #oromia #oromo #artstvworld #mohaoromo #drama #nafyad #oronews #moviereview #gingilchaa #oromocomedy #oromoculture #movierecap #oda #gadaa #christianmedias #oromomusic #oromogospelsong #oromo_best_prank #ethiopianews #donkeytube Welcome to Odesitu tube. Baga nagaan gara Odesitu tube dhuftan wantoota barsiisoo fi bashannansiisoo akkasumas seenaalee dhugaa addunyaa keenyaa bifa fiilmii fi #oromotiktokchallenge #movieexplained #fiilmiigaggabaaboo #moviereview #comedianishetu #deadlydormitery #dormitery #comedianWaqo #comedy #dontjudgeabookbyitscover #teamabaabdi #abdinegara #abaabdi #movieexplained #faarfannaa_afaan_oromoo #faaruu_tube #oromoprotests #oromusic #oromummaa #movieexplainedinhindi #worldcup #dontjudgeabookbyitscover #oromomusic #oromiamusic #oromusic #oromuslim #muslim #orotiktok #shubisa #fiilmiigabaabaa

یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.