fa
Feedback
Kello Media

Kello Media

رفتن به کانال در Telegram

Alagarraa bilisummaa kajeeluu osoo hin taane, qawwee qofaan hadheeffatanii loluutu bilisa nu baasa!

نمایش بیشتر
1 512
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-117 روز
-6430 روز
آرشیو پست ها
Zoonii Giddu Galaatti Birgeedichi Barii barraaqaan iyyisisee irraa hikaa jira. Milkeessi Waaq

Shira Diinaa Saxiluun Itti Fufa Kibba lixa shaggar Aanaa sadeen sooddotti kaabinoonni Hojii basaasummaan Firaa fi Gosaan wal  ijaaruun sochii WBO ooltee bultee isaa fi QBO dura dhaabbachuun WBO Fi uummata walitti buusuuf sochii garaagaraa adda durummaan hojjachaa jiran. Kaabinonni SHAGGAR CITY Ta'uun Hojii Diinummaatti Jiran Keessaa 1ffaa. Hubannaa Obsee - Ganda goda duula. 2ffaa  Asaffaa Lammeessa - Ganda duula 3ffaa. Gosayee Birmajii - Ganda adaadi horoo 4ffaa. Nagash Taammiruu - Ganda Tolee Balakasi . 5ffaa. Wandimu Bonsa - Ganda Tolee Baalakasi 6ffaa. Nagaasa Taaddaala - Ganda  Ibbayyoo muudanaa 7fffaa. Adaana Abarraa - Lakkuu shaggar city keessa taa'un adda dureedhan shira QBO irratti Bulchaa aanaa sadan sooddoo Warqinaa Waliin xaxaa kan jiran yoo ta'u. Aanaa sadeen sooddoo kan jiran immoo 1ffaa Roobii caalaa -ganda tolee daalootaa. 2ffaa Hirphasa mazaagiya - ganda Tolee daalootaa 3ffaa Taarraqaa Tasfayee - ganda tolee daalootaa. 4ffaa Baacaa Tashooma - ganda algaa wasarbii. 5ffaa Alamuu Tulluu Fi Biifaa Tulluu - ganda tolee baallakasi 6ffaa Malaaku Indaalaa -ganda Qanyiiraa labuu ....Qomcee 6ffaa Mulee Tasfaayee - ganda Eebisa Lakkuu yoo ta'an Uummata Aanaa sadeen sooddoo uummata hojii isaa malee shira siyaasaa hin beekne siyaasatti galchanii ficcisiisuu fi halkanii guyyaa dhama'aa akka jiran qabatamaan barre jirra. Kanaaf hawaasi keenya hojii kaadiren gara isheef jecha itti jirtu balfuun hojii idilee keessanitti akka fulleeffattan isiniif dhaamna. Oromiyaan Biyya WBOn Haa Waaru IUOf

Dhaloota Finfinnee, Dirre Dawaa, Matakkal Moyaalee fi Walloo Oromiyaa jalatti hin deebifannetu, Asab deebifachuu qabna, nii duulla, Asab deebifanna, Galaana diimaatti irreeffanna maaloo maaloree jedhee dhiitee dhiichisa. Asabiin eenyuuf deebifta? Warra Finfinnee, Dirre Dawaa, Matakkal, Walloo, fi Moyaalee sirraa fudhateef duultee deebiftaa? Taa! of hin agarreen raafuu lagatti jedhan! Dursa kan keef falmi! Falmii deebifadhu! Finfinneen ati keessatti lafa dhiittee suura ka'aa ooltee galtu kun bu'uura seeraatiin kan ka'e miti. Maqaan qofaan kan qofaadha. Kanaaf isa maqaa qofa ta'e kana gochatti jijjiiri. Bu'uura seeraatiin kan kee taasisi. Waan keessatti dhiichisaa ooltu qofaaf kan kee akka hin taane liqimsi. Utuu taa'aa hin qabaatiin teessoo hin barbaadiin! Kee ormatu irraa nyaatee ofirratti deebifata. Ati immoo utuu kan kee hin deebifatiin qe'ee namaa deemuuf cidha garboomfataa dhiichifta. Ajandaa garboomfataa galagalchitee dubbisuun ofiis joonjessitee saba mataa hiita. Maraammartoo keessaa bahii kan kee irratti xiyyeeffadhu jechuun dhaamsa kooti!

Oromoon impaayera maqaa isaan saba biroo irratti ijaaramus ta'e; impaayera isarratti ijaaramee Oromummaa fi Oromiyaa ballee-ss-uuf wixxifatu har'as borus hadheeffatee nii morma! Impaayerri diig-ama irra jirtu golga Oromummaatiin Oromiyaa fi saba biroo irratti bayyaannachuu hin qabdu!

Galaana Diimaa deebifachuu dura qaamoota Oromiyaa kan turan kan akka Finfinnee, Matakkal, Dirre Dawaa, Walloo fi Moyaalee Oromiyaa jalatti deebifachuutu dursa! Kanaaf dhaloonni waan isa hin ilaallannetti waree-gamuu kaffaluu hin qabu jennee falmina. Waan falmannu beeknaan waan dhabne falminee deebifanna. Dire Dawaan qaama Oromiyati jechuun jechaan qofa osoo hin taane gochaan kan bu'uura seeraa hordofe ta'ee argamuuti qaba. Finfinneen kan Oromooti jechuun jechaan qofa osoo hin taane bu'uura seeraatiin mirkanaa'ee agarsiifamuuti qaba. Walloo, Matakkaa fi kkkfn illee akkas ta'uuti qaba. Abiy Dirre Dawaan qabeenya Oromooti waan jedhe qofaaf osoo hin taane dubbiin sun dhugaa ta'ee seeraan yoo tumfame qofaadha. Hanga seera qabeessummaan isaa mallattaa'ee Oromiyaa jalatti hin bulletti Finfinnee, Dire Dawaa, Walloo, Matakkal, fi Moyaaleen kan alagaati. Kan godhachuuf immoo dula alagaa duuluu irra duula isa kan keetii, isa si jalatti hafe sanaaf duuli, Asab deebifachuun dura Finfinnee, Dirree, Moyaalee, Matakkalii fi Walloo deebifadhu. Kanaa alatti ajandaa garboomfataa baattee iyyaa hin ooliin!

Injifannoo Birgeedii Uurjii Lixaa Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Magaalaa Fiinchootti Birreenii irraa luqqisuun Waaqa Diimaa Argisiisee. Bireenicha irraa luqqises "Uurjii Lixaa" Jedhee moggaseera. "Birgeediin Uurjii Lixaa : Akka Leenji'etti Lolaa Akkuma Loluttis Leenji'a!"

~Biyya Tokko ~Afaan Tokko ~Amantii Tokko Impayeera Itoophiyaa jala hiriirra waarri jettan kanaaf deebi akkam qabduu ? Moo akkuma Warebeessaa "Kan garaa malee kan maqaa yoomi na dhibee" dha.

Akka qabsoon Bilisummaa Oromoo eeyyamu fi akeekutti malee, akka lukkeen garboomfataa jettutti nagaan dhufu gonkumaa hin jiraatu! Naga booressitoonni nagaa buusanii hin beekan!

W30'n Zoonii Lixaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu fi Aalgee Saachiitti hedduu ajjeesee 9 harkaan qabeera💪 IUOf

Oromoon Hanga Yoomitti Itoophiyaa Suphuuf Dhumaa? Kan faandoon akkas lafarra gangalchiite ittin dhadattu kun harkii caaluu Or
+1
Oromoon Hanga Yoomitti Itoophiyaa Suphuuf Dhumaa? Kan faandoon akkas lafarra gangalchiite ittin dhadattu kun harkii caaluu Oromoo dha jedhamaa jira. Kan irraa hafee ijoolle kibbaati. Wan galata hin qabneef aarsaa hin kaffaliin.

Gaafa bakakkichi bu'uu eegalu kan qabdee dhiistu wallaluurraa atiis bakka jirtuutti qophiin ta'i.

Dhaamsa ariifachiisaa akka sin galle WBO. gantoonni garee jaal baajaajii jedhamuun of waamtu kan duraan shurrubbee waliin turte aanaa guduruu keessa turte amma 3f sadiin magaalaa shaambuu keessaa bahani humna ibsaa darbaniru sa'aatii lama irraatti gara aanaa horroo bakka eengadda dhumtetti deemaa jirti naannoo gitiloo geesseetti milshoota dheengadda leenjii bahani fuutee deemaa jirti hordoofi. Dhahi jalaa

Gubaan aadaa Kuushota hundaati. Ibsaa qabsiisanii ittiin birraa simachuun kiristaanummaa dura waggaa dheeraaf shaakalamaa ture. Masqaliin bade jedhame kan argame baatii Caamsaa keessa. Garuu ayyaana gubaa Kuushotaan walirra oolchuuf gara Fulbaanaatti as butanii akka kabajan hayyichi Birruu Tsaggaayee barreessee ture. Ayyaanota walitti harkifaman: Gubaa - Masaqala Taaboree - Dabirataabor Booranticha - Lidataa Sirna ayyaanni gubaa Oromoo biratti itti kabajamuu fi Ortodoksiin itti kabaju yoo ilaalles baay'ee walirraa fagaata. Oromoon sirna guutuun kabaja. Fakkeenyaaf akka naannoo ani itti dhaladheetti guyyaa gubaa, 1) Mukti damaraa bakkanniisaa fi laaftoodha. Muka kana dallaa qe'ee, dallaa loonii fi cichaa gubbaatti damaru. 2) Mana ni haru, daaraa geemmii jalaa qulqulleessu. Dallaa loonii haaraa ijaaru. 3) waatiin haadha jala oolti. Horiin kaloo keessa oolti. Manaa dhangaan akka addaatti qopheeffama. Ancootee, marqaa, foon, booka . . . Dhangaan ni daddarbatama, bookni ni dhibaafatama. Nyaanni quufamee maaddiin guutuu ta'ee buluu qaba. Masqalaa fi galgalli waakkii hinqabu. 4) Sirbi masqalaa torban lamaaf sirbama. Dibbeen qarree gubbaa halkan halkan durbi rukuttu onnee jaalalaa dargaggeessa keessa bulcha. Gammachuu fi aaragalfii guddaadha. 5) Galgalli damaraa, gubaan ganama. Gubaa galgalaa hawaasi hin beeku. 6) Simbirri masqalaa waggaatti takkaa dhuftee daaraa gubbaatti mul'atti. Simbirri masqalaa yoo mul'achuu didde ni hooddatama. 7) Duudhaan kunneen Ortodoksii biratti baay'ee hin beekamu. Ayyaanichi waanuma Ortodoksiin aantummaa qabaataa tureef booda keessa abbummaa ayyaana kanaa adda dhuunfate yoo ta'e malee ayyaanichi kan Kuushotaati.

WBOn aanaa Boojjii Coqorsaa keessatti diina adabuu qawwee irraa hiike ONM-ABO | Fulbaana 19,2025 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Lixaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa bulchiinsa magaalaa Fiigaa keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti har’a Fulbaana 19 fudhateen waraana diinaa hedduu du’aa fi madoon adabee jira. Tarkaanfii laalessaa kanaanis qawwee AKM 13,  rasaasa  3000, uffata fi qophii waraanaa irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira. Injifannoon Uummata Oromoof!

#Oduu Injifannoo #WBO Zoonii G/G lixa shaggar aanaa #Meettaa Wal Qixxee #ganda Sandafaa jedhamtu keessatti 3 ol eerguudhan wa
#Oduu Injifannoo #WBO Zoonii G/G lixa shaggar aanaa #Meettaa Wal Qixxee #ganda Sandafaa jedhamtu keessatti 3 ol eerguudhan warra hafte lilmee dandammii hin qabne waraneera. #IUOF!

Dhimma kitaaba daftaraan barreesse K/Abiyyi itti of waamu kanaan wal qabatee buchullooni fi jala deemtoni PP akka hojjeettoni
+2
Dhimma kitaaba daftaraan barreesse K/Abiyyi itti of waamu kanaan wal qabatee buchullooni fi jala deemtoni PP akka hojjeettoni mootummaa kitaaba kana dirqiin bitaanif kaa godhamaa jiru eeruun baayyen keesson nu dhaqabaa jira. Hangootti dhimma baatanii warri taate kanatti kan hirmaata jirtan "Abbaatu of mara" jedhe boofni.

#Dhaamsa_Of_Eeggannoo Imaltoonni #Naqamtee ➡️ #Giddaa Ta'e Giddaa⬅️ #Naqamtee Akka Hin Imallee!

Deemi mirkaneffadhu Salaalee Hospitaalli kuyyuu madoo milishaa fi RIB tiin guuteera. caraanaa jira.

Qabi Irratti Shawaa kabaatti adda durummaan hiriira Impayeera kan anjeessaa jirtu konkolaata lama waliin daaresse of duuba deebise jira.

🎼Kumaandoowwaan WBOti,Humna Furgaatuu #Cibraa Birbirsa Gooroo,Warra diinaf yaaddoo tana waliin turtii gaarii qabaadhaa. Walitti deebiin hin oolu....Muloo,Caancoo,Sululta hanga Burrayyuu,Sandaafa,Jidda.......taphichi itti fufa! JL Barii