Creative Dev
رفتن به کانال در Telegram
Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev
نمایش بیشتر2 445
مشترکین
-124 ساعت
-157 روز
-10230 روز
آرشیو پست ها
2 445
🚨OF EEGGANNOO GODHAA ! 🚑
Account telegram nama hedduu hack tahaa jira !
❌Link garagaraa kanneen telegram dhaan isinitti ergaman hin tuqinaa!!
❌Tuqtani keessa seennaan battalumatti account telegram keessan ni dhabdu yookiin account telegram keessan nama biraa harka gala jechuudha ‼️
Akkuma nama biroo harka galeen ammoo garee isin keessa jirtanii fi chaanaalota isin admin irratti taatan hundarratti fedhii keessaniin alatti wantoota garagaraa gadhiisu. Akkasuma hiriyyoota keessan kanneen contact isaanii telegram irraa qabdan hundaaf odeeffannoo sobaa fi wantoota fokkisoo tahan erguuf!!
📇Yeroo ammaa kana garee hedduu irratti maxxansaa waan jiranif baayyee babal'achaa jira wanti kun.
Kanaf of eegadhaa!!
Odeeffannoo dabalataaf
👇
@lionslab99
2 445
🚨OF EEGGANNOO GODHAA ! 🚑
Account telegram nama hedduu hack tahaa jira !
❌Link photo irratti argitan akkasii kana hin xuqiinaa !
❌Tuqtani keessa seentani jennan battalumatti account telegram keessanii nii dhabdu yookiin account telegram keessani nama biraa harka gala jechuudha hack taatu ‼️
📇Yeroo ammaa kana group hedduu irratti maxxansaa waan jiranif baayyee babal'achaa jira waanti kun
So kanaf of eegadhaa
@Kennaapost. @Kennaapost
T.me/Kennaapost
2 445
Yaa Rahmaan kiyya, namni karaa kee jabeessee qabatee xiqqaate hin jiru. Ilmi namaa maal naan ja'aa dhiisee, siin wal dhabuurraa if tiiysuu naaf laaffisi. Karaa jaalattu irratti na tiiysi yaa Allaah🖤?
2 445
Nowadays, you don’t need a Software Engineering degree to be called a software engineer. The trend has changed people focus more on your skills than your degree. Most companies don’t ask about your education; they care about what you can actually do.
@lionslab99
2 445
Repost from Soora Qalbii
🌿 Fayyaa fi Jireenya Fayyummaa: Sirna Jireenya Dheeraa fi Gammachuu Qabu
Seensa
Yeroo ammaa kana, addunyaa saffisaan jijjiiramuu keessatti, namoonni hedduun waan guddaa tokko irra dagatu — fayya isaanii. Namoonni baay’een maallaqa, aangoo fi gammachuu addunyaa duukaa deemu; garuu yoo fayyaan dhabame, jireenyi hiika isaa dhabata.Fayyaa fi jireenyi fayya-qabeessi qofa hojii jimaa miti — sirna jireenya guutuu dha: nyaata, rafuu, yaada, fi tasgabbii sammuu of keessatti hammata.> “Fayyaan alaa keessaa ka’a.” — Robert Urich
🥗 1. Maalummaa Fayyaa fi Jireenya Fayyummaa
Fayyaan jechuun dhukkuba irraa bilisa ta’ee qaama fi sammuu nagaa qabaachuu dha.Jireenyi fayya-qabeessi (fitness) immoo…
https://www.huzeyf.tirushop.com/🌿-fayyaa-fi-jireenya-fayyummaa-sirna-jireenya-dheeraa-fi-gammachuu-qabu/
2 445
Website jechuun maali?
Website'n iddoo interneetaa keessatti odeeffannoo tajaajila addaa tokko kennuuf qophaa’eedha.
Website jechuun fuula interneetaa (web pages) walitti hidhame kan odeeffannoo, suuraa, viidiyoo, tajaajila, ykn hojii adda addaa fayyadamtootaaf dhiyeessuu dha. Websitichi fuula hedduu qabaachuu danda’a; fuulli hundi walitti hidhamee web server irra kan qubatuudha. Website tokko interneeta irraa URL (fknf: www.example.com) fayyadamuun ni argama.
Website maaliif nu barbaachisa?
• Odeeffannoo tamsaasuuf — dhimma murtaa'aa tokkorratti tajaajilaa fi odeeffannoo gara namoota hedduutti geessuuf. Fknf www.forbes.com,
• Bittaa fi gurgurtaaf — Website E-commerce yoo qabaanne tajaajila bittaa fi gurgurtaa sadarkaa idil-addunyaatti geggeessuu dandeenya. Fknf Amazon, Alibaba fi kkf.
• Beeksisaf — dhaabbilee daldalaa, dhaabbilee barnootaa fi hojjattootaa dhaabbilee garagaraatiif meeshaa beeksisaa cimaa dha. Fknf https://www.mit.ed, https://www.ox.ac.uk, www.harvard.edu, www.stanford.edu fi kkf.
• Waliigaltee fi qunnamtii raawwachuuf — Email, contact forms, live chat fi kkf fayyadamuudhaan qaamotaa fi namoota garagaraa gidduutti walitti hidhata uuma.
• Sadarkaa ammayyaa fi amanamummaa guddisuu
Website’n: dhaabbataaf imala ammayyaa agarsiisa, Professionalism isaa dabala, Amanamummaa sab-qunnamtii irratti uuma.
Namni ykn dhaabbanni website mataa isaa qabatee dhiyaate yeroo hedduu amanamtii ol’aanaa argata.
Hojiiwwan hedduu haala dijitaalaatiin raawwachiisuuf nu dandeesssisa.
Fknf: E-learning, Online registration, Online payment, Booking, Download materials fi kkf karaa salphaadhaan nuuf raawwachuu danda’a.
Kanaaf hojii hedduu namaaf salphisa.
• Walitti qabama namootaa (community) uumuuf. Fknf miidiyaalee hawaasaa kanneen akka facebook, tiktok, youtube, x, Instagram fi kkf.
Tokkoon tokkoon karaalee website 'n ittiiin nu fayyadu kunneen hundinuu kallattii garagaraatiin galii mataa keenyaa nuuf galchuu danda’u. Barruu fi odeeffannoo garagaraa barreessuu, beeksisa hojjachuu, bittaa fi gurgurtaa ittiin raawwachuu fi tajaajiloota dhaabbilee garagaraatiif fayyadamuu dabalatee roga hunda irraa galii dhuunfaa keenyaa argachuu dnadeenya!!
Website akkamiin ijaarama ( how to develop website )?
Maxxansi kun waan dheerateef kutaa itti aanuun walitti deebina!!
@lionslab
2 445
Web Development maali? Faayidaan isaahoo? Dhuguma ogummaa nama fayyaduu? Addunyaa yeroo ammaa keessatti hammam barbaadama? Akkamitti baranna? Eessaa baranna hoo? Gaaffilee kanneenii fi kan birootiifis deebii kan kan tahu maxxansa kanatti aanu keessatti barruu gabaabaa fi salphaa tahe akkasuma kan sirnaan ibsuun qabadhee isiniif dhufa Inshaa Allaah!!
Qophaawaa!!
@lionslab99
2 445
Dhiheenya kana barnoota digrii kan barachaa jirtaniin dabalatatti ogummaawwaan dijitaalaa kanneen yeroo wajjiin deeman, kan addunyaan ammatti itti haajamtu, kan isilleen sirritti irraa fayyadamtan hanga dandeessanitti baradhaa je'eetiin ture. Ammaas irra deebi'eetiin isiniin ja'aa carraa lafarratti barachuutis tahe kan karaa online tiin barachuu yoo argattan hanga danda’ametti haala mijjeeyfadhaa ogummaa garagaraa baradhaa obboleeyyan keenya.
Tiyooriin nuti mooraa barnootaa keessatti waggootaaf barannu hangas mara addunyaa ammaa waliin nu hin deemsistu. Yeroo addunyaa irratti roga maraan teekinooloojiin waa hunda salphisaa jiru kanatti ammoo kan si barbaachisu ogummaa (Skill) qabaachuudha malee digrii qabaachuu qofaa miti. Dandeettii ati qabduu fi hojii ittiin hojjatteetu ilaalama malee tiyoorii ati barattee miti.
Giddumaanuu namni tokko yoo ogummaalee dijitaalaa kanneen akka Website Development, mobile application development, digital marketing, vedio editing, graphic design fi kkf baratee ogummaa isaatis sirritti gonfate, addunyaa tanarra biyya fedhe jiraatus bakkuma jiru taa'ee dhaabbilee addunyaa kanneen biyyoota biroo keessa jiranii waliin illee akka hojjachuu danda'u qabu qabduu? Qunnamtiin intarneetii jiraannaan bakka barbaadde teessee hojii barbaadde hojjattee of jijjiiruu dandeessa!!
Inshaa Allaah hanga danda’ametti iddoowwan barnoota kanniin irraa argachuu dandeessanii fi ogummaawwan kanneen isin gonfachuusanis fuulduratti eeruu isiniif kennaa kan deemnu taha.
Kallattii hundaan of jijjiiruuf qophaawa!!
✍️ Ararso Mohammed
#DigitalEra
#Digitalisation
#AI
#WebDevelopment
@lionslab99
2 445
Barataan tokko umrii isaa waggaa 4 tti barnoota eegale haa jennu. Waggaa 3'f oolmaa daa'immanii baratee waggaa 7 ffaa isaatti barumsa isaa kutaa 1ffaa eegale. Ergasii kutaa 1 hanga 12 gaafa barate umriin isaa 12 + 6 = 18 taha. Kana keessaa waggaa 15 barnoota irratti fixee quba qabaadhaa!!
Sana booda carraa sagantaa fooyya'insaa (Remedial) barachuu argatee waggaa 1'f isa barate. Walitti 18 + 1 = 19 gahee jira umriin isaa. Sana booda barnoota dirqii jalqabaatiif yoo xiqqaate waggaa 4 yoo baay'ate ammoo waggaa 7 itti fudhata. Kanaanis yoo walitti daballu gadaanaan waggaa 19 + 4 = 23 , ol'aanaan ammoo waggaa 19 + 7 = 26 taha.
Giddumaan akkuma xumuruuf waggaan tokko isaaf hafeen waggaa tokkoof galee barsiisummaadhaan tajaajila akka kennu itti murtaa'e. Amma ammoo gadaanaan 23 + 1 = 24 , Ol'aanaan 26 + 1 = 27 taha. Amma yeroon barataan tokko digrii 1ffaa qofa barachuuuf gube yoo ilaalle waggaa giddu galeessaan gadaanaan waggaa 21, ol'aanaan ammoo waggaa 24 barumsa waan jedhamu irratti xumure.
Mee amma yaa jara keenya digrii tokko baratanii Itoophiyaa keessatti hangas mara faaydaan akka hin jirre walumaan beeynaa saniif jecha hangana wal laffaasisuun kun maaliif barbaachise? San gubbaa inni galtanii barsiiftanii deebitan jettan sun ammoo hamilee kamiin barataan waggaa tokkoof barumsarraa fagaate deebi'ee qormaata bahumsaa (Exit Exam) dhaaf qophaawa?
Sana gubbaan qormaatni jireenyaa kan kan eega inni eebbifamee bahee isa mudatu, barbaachi hojii kan inni qabsoo wal qabuun maal akka tahummoo akkam ja'anii akka dubbatan nama wallaalchisa!!
Gabaabumatti..........
2 445
Repost from EYOB TECH
📹Namooti YouTube channel subscribers 1.5k ol kan qabu akkasumas watch hours 1k ol kan qabu bitaa jira sababa taheef keessan na dubbisaa amma
🕯TO DAY'S OLD GROUP PRICE
➿➿➿➿➿➿➿➿➿➿➿
✅2016-2022 ➡️ 1600 birr($9)✔️
✅2023 ➡️ 1300 birr
✅2024⬇️
✅January ➡️ 600 birr
✅February ➡️600 birr
✅March ➡️ 500 birr
✅ April ➡️ 400 birr
✔️May ➡️ 300 birr
✔️June ➡️150 birr
✔️July ➡️ 100 birr
✔️August➡️ 100 birr
➿➿➿➿➿➿➿➿➿➿➿➿
Namooti keessan na dubbisatani isinif dafee deebisuu dide ammas irra deebiaa messenge naf barressaa 🙏
💡Web rejected taanan gatin in qannasa✈️Dm ➡️ @Eyob_Inbox Or ➡️ @Eyob_Degefe
2 445
Nama dursee subscribe Godhe
Nama 3f kaardii Abbaa 25 Badhaasna.
As tuqaa Subscribe Godhaa
👇👇👇
https://youtube.com/@addis_entertainment1?si=ql1HTQem7dvpLqCO
2 445
Repost from Soora Qalbii
Future of AI in Africa’s Business Sector
Fuuldura Artificial Intelligence (AI)
Tajaajila Daldalaa Afrikaa Keessatti
Seensa
Afrikaan yeroo ammaa gara tajaajila dijitaalaa saffisaa ta’eetti ce’aa jirti. Artificial Intelligence (AI)tajaajila daldalaa, qonnaa, fayyaa, e-commerce fi bankingiitti jijjiirama olaanaa fidaa jira guutuu dubisuuf as tuqii👇.…
https://tinyurl.com/yk9vbc63
2 445
Sagantaa ajaa'ibaa hayyoota ajaa'ibaa waliin
● Gorsa
● Daعwaa
● Walaloo
● Nashiidaa
● Tapha
Kanneen dabalatee sagantaaleen bohaarsoo fi bashannansiisoo tahan hedduutu qophaa'ee isin eegaa jira.
Hin hafnuu hin hafinaa!!
@obumsj1
2 445
Nama dursee subscribe Godhe
Nama 3f kaardii Abbaa 25 Badhaasna.
As tuqaa Subscribe Godhaa
👇👇👇
https://youtube.com/@addis_entertainment1?si=ql1HTQem7dvpLqCO
2 445
DIRREE DHAWAA!
Araddaan Afran-qalloo
Onni Baabbilee’f Alaa,
Qe’een Oborraa’f Dagaa
Isheen Oromoof dhalaa,
Seenaafi seera kamiin
Somaalee jala galaa..?
Ulfoo jaalala malee
Jibbi si keessa'n jirre
Biiftuu barii Oromoo
Dirree Dhawaa, yaa dirree..
Dhawaa Elemoo Muudee
Ka’umsa maqaa keetii
Ormi akkamiin dagattee
Si’iin nu saamuu feetii?
Seena qabeettii lafaa
Manguddoo umriin qaataa
Handhuuraa Oromootaa
Kan ormaa akkamiin taata?
•••
Guddina kee inaafee
Oromummaa siin jibbee,
Warri har’a si saamuuf
Rukuchiifatu dibbee,
Dhangaggoo fi Calanqoo
Qullubbiif Haramaayaa
Qarsaa, Kombolchaaf, Huursoo
Ollaakee eessa kaayaa?
Uumaatoo keenya godhee
Nuun marsee si diriirsee,
Alagaan maaf dhama’a?
Daba kuma hiriirsee...
•••
Dahoon guyyaa rakkinaa
Goototaaf wabii taate,
Gucni aartii Oromoo
Dungoon dukkana-baate,
Gaazni qabsoo sabichaa
Qaanqeen jalqaba kaate,
Dirreen; dirri Oromoo
Dirmammaa’ee dhaanamaa
Qe’een uumamaan keetii
Alagaatti waamamaa?
Osoo argaa dhageessuu
Cuqqaalamtee teessaaree?
Ormaaf golaa gad-baatee
Diinqa kankee keessaaree?
Gaaffiin koo dhalootaafi
Deebii isiniifan dhiisaa,
An waa-koo ormaa'n kennu
Irra turuu dadhabu - du’eefiin jala ciisa!
✍️.... Riyaad Raayyaa tiin!!
2 445
Yaa Allaah... Qalbii sodaa tee hin qabnerraa, du'aa'ii hin dhagahamerraa, Lubbuu qananii teetitti hin gammannerraa, beekkumsa nama hin fayyadne irraa sittiin maganfadha yaa Rahmaan!.❤️🩹🖇
@lionslab99
2 445
Barattoonni keenya muummee barnootaa degree ittiin barachaa jirtan qofa irratti of dhiiftanii hin taa'inaa!! Yoo dandeessan department biraa department keessan cinaatti baradhaa. Yoo san dadhabdan ammoo leenjiiwwan gaggabaaboo garagaraa fudhachuun ogummaalee garagaraa yeroo gabaabaa keessatti gonfadhaa. Ogummaawwan yeroo waliin deeman kanneen addunyaa ammaa irratti bu'aa guddaa isiniif argamsiisuu dandahan baradhaa ittiinis of jijjiiraa!!
Yeroo ammaa kan babal'inni intarneetii akkanatti waa hunda barachuuf haala mijjeesse kana keessatti gosa barnootaa tokko qofaan taa'uun barbaachisaa miti. Saniifuu carraa argattan hundaan waan haaraya barachaa deemaa.
Ogummaalee fageenya irraa barachuun danda’amu keessaa muraasni:
🫵Website Development
🫵Mobile Application Development
🫵Vedio Editing
🫵Graphic Design
🫵Digital Marketing
fi ogummaaleen birootis hedduudha.
2 445
Repost from Furtu Technology
https://barataa.kaayyoo.com/kaayyoo-miliqe-kutaa-1ffaa/
Asoosama gabaabaa
2 445
Repost from Soora Qalbii
“Top 10 AI Tools for Students in 2025”
■ Top 10 AI Tools for Students in 2025: Tajaajiloota Artificial Intelligence Barattootaaf Faayidaa Guddaa Qaban
■ Seensa
Yeroo ammaa kana, Artificial Intelligence (AI) addunyaa barnootaa keessatti jijjiirama guddaa fideera. Barattoonni carraa qabu — hojii isaanii salphisuuf, qorannoo saffisaan geggeessuuf, fibarnoota isaanii haala ammayyaan qopheessuuf. Bara 2025 keessa, AI tajaajiloota barattoota gargaaran hedduu baraachuf guutuu isa liinki kana gadii 👇👇 tuqii irraa fayadami
https://tinyurl.com/yck23xwb
اکنون در دسترس! پژوهش تلگرام ۲۰۲۵ — مهمترین بینشهای سال 
