cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

DIRREE BOOHARTII🟥🟦

✓Qoosaafi Baacoo adda addaa...😆 ✓walaloo kolfaan😆 ✓Qoosaa gaggabaaboo 😃😃... ✓Jechoota hayyootaafi gorsa Beektotaa ✓Memes kolfisiisoo ✓ Baga nagaan gara dirree boohartii Dhuftan

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
10 738
مشترکین
+7124 ساعت
+1407 روز
+21930 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Worroonni fedha qabdan hojjadhaa coin kana level ol guddisa level 12 booddee jijjiiruu ykn gurguruu dandeessu https://t.me/spinnercoin_bot/app?startapp=r_2081591
نمایش همه...
SpinnerCoin

New P2E game powered by TON and based on unique NFT.

👍 3 3🔥 3
Repost from Kaachuu Promotion
Photo unavailableShow in Telegram
Lakkoofsa kamtu dursa guuta?
نمایش همه...
1
2
3
4
5
6
7
Imimmaan ishee gaddakoo ana dagachiisa, ana isa bo’ee gaddasaa dagachuun itti ulfaatu, ana isa keessatti dhuqqubsatuuf, ana isa keessatti dudu’uuf waan bo’aa jirtu anatti fakkaata, wayi ana bada ana Latii Peter Heylig! Lalisee dabalatee namoonni sun mucaa argan fakkaataa, sagaleen isaanii gidduutti callise, an keessakootti “maaloo Waaqayyo……..” jedhee waan baayyee jedhee Waaqayyoon kadhadhan ture, ofiikoof kadhataa hin turre, ofiikoof dhiphataa hin turre, reefuu waa’een mucaa ana dhiphisee, dhiphinakoo keessatti Waaqayyoon waamuu jalqaba… Itti Fufaa Kutaan xumuraa B’n bor maxxanfamaa Gaaddisaa Taasisaatiin Finfinnee Oromiyaa
نمایش همه...
18👍 7
Fayyaa ta'uukee gaafa karaa basaastota isa jala jiranii dhaga’u anaan ana ajjeesuuf ture, garuu mucaakoof jedheen waan ana irraa hin eegamne raawwadhee isa amansiise. Ergasii namtichi sun siin akka waan ati faallaa mootummaa biyya Amerikaa deemtuutti, akka waan ati garee shororkeessaa Alshabab waliin hojjettuutti holola sobaa uumuun dhaabbata isaa CIA’tti gabaase. Erga sanaa jalqabee waggaa kana guutummaa sochiin ati gootu dhaabbata sanaan to’atamaa ture, hanga gaafa xiyyaarri kun garagaluutti ija kaameraa jala turte, uffanna ati uffattu irratti ‘microcamera’,SIGINT fi wantoonni sagalee waraaban biroon kaan uffata ati uffattu irratti, mana ati jiraattu, bakka ati ooltutti hidhamanii hordofamaa turte.” Jettee osoo isheen waan ta’e mara duuba deebitee anatti himaa jirtuu dargaggeessi tokko harganaa dhufee, “Burtukaan mucaan jedhamtu tokko si barbaaddi” jedha Laliseen. Haasan Lalisee, dhugaankoo dubbatamaa jiru qilleensa ta’ee lubbuukoo ana keessa tursaa jira, hafuurri anatti deebi’aa jira, dhugaan dhuguma jireenya laatti. Isan Afaan dargaggeessa sanaa irraa Burtukaan sagalee jedhu dhaga’e, Akka sibiilli ana waraanee jiruu fi ana irra tuulamee jiru dagadheen olka’uuf ture, dhukkuubbii hamaa anatti dhagaa’ameenan hafuura dhabee gadi ciise, a’aa… Laliseen fiigdee dargaggeessa sana faana sokkite. Saa’atii muraasa booda Burtukaaniin wasaasaa walii qabanii dhufan, muka harbuu guddaa damee isaa xiyyaarri sun irraa caccabsee jiru Jala ana fuuldura ciibsan, ana irraa sibiila sana goggototuu jalqaban, dargaggeessi sun namoota lubbuun hafan biroos waame, sibiila sana ana irraa walgargaaranii guuruu jalqaban. Sibiila ana waraanee jiru hunduu ana keessaa baasuuf sodaannaanin dunuunfadhee ofkeessaa luqqise, achumaan ofwallaalee ciise. Yeroon ofbare ka'u Burtukaan ana cinaan ciisaa jirti, irra deddeebi’ee waamus ana jalaa hin owwaattu, isheen of hin bariin jirti. lubbuun garuu keessa jira. Qorichoota yeroo balaaf jedhamanii xiyyaara sana keessa turan Laliseen fuutee Burtukaaniif laatte, Laliseen waa’ee fayyaa hanga tokko beekti, osoo Yeroosiin ulfooftee barumsa addaan hin kutiin dura muummee fayyaa keessaa ‘Anesthesia’ kan jedhamu barataa turte. Burtukaan akkuma ofbartuun “Yeroo..Yero…” jechuu jalqabde. Anatti waan isaa gaaffii ta’e, Maaliif Akka Burtukaan Yeroosiin waamtu dafee naaf hin galle, Laliseef garuu galee ture. “Mucaankoo si faana turee? Mucaankoo kutaa ati keessa turte keessa turee? Wayyoo…. “ Jechaa gara caccabaa xiyyaara sanaatti kaatti Laliseen. Aduun dhiya geesse akka waan aarii qabduu ija diimeffattee dachee ilaalaa jirti, an Isa Yeroos xiyyaara sana keessa jiraachuu dhaga’e osoo aduun lixxee lafti hin dukkanaa’in , ifti ana ganee lafti anatti dukkana’e, lubbuun hafee yoona ga’ee kana dhaga’uukoottan gaabbe. Ka’ee caccabaa xiyyaaraa sana keessa barbaaduun haa hafuu bakkan jiruu mataa olqabachuun anatti ulfaatee jira. Namtichi hamaan sun Lalisee qofaatti, Burtukaanii fi Yeroosiin immoo walfaana xiyyaara sana keessaa kutaa garaagaraa keessatti akka hidhee ture hubachuun ana hin rakkisne, kan hubachuun ana rakkise maaliif hunda keenya walfaana fuudhee akka deemaa jiruudha. Maaliif akka Lalisee qofaatti hidhe, maaliif Burtukaaniin immoo Yeroos faana hidhe, anaan immoo maaliif akkasumaan fuudhee deemaa jira, maaf ana hin hiine, silaa xiyyaarri kun hin garagalu ture, maaliif akka kun ta’e hubachuu hin dandeenye, sana irratti immoo Laliseen bakka Yeroos jiru wallaaltee turuun ishees gaaffiidha, gaaffii yoo lubbuun turan deebii argatu. Laliseen iyyitee namoonni lubbuun hafan akka dirmatanii gargaaran goote, xiyyaara sana keessa mucaa barbaadu, xiyyaarri sun erga lafa dhayee saa’atiin 12 darbuuf deema, akka mucaan sun ta’u yaaduun anatti ulfaate, yaaduu dhiisuunis hin danda’amu,.. Burtukaan imimmaan malee hoomaa dandeessee dubbataa hin jirtu, garuu kaleessa irra harra anaaf wayya, kolfuu dhabdus boo’ichi ishee anaaf daawwaadha.
نمایش همه...
👍 9
🍂 Burtukaan 🌿 Kutaan xumuraa waan dheerateef bakka lamatti qoodee maxxansuuf dirqameen jira. Warreen karaa garaa garaa ana faana taatanii ana jabeessaa jirtaniif; kabaji, jaalallii fi galanni an qabu guddoodha. Baayyee isaaf bor walitti deebina, dubbisa gaarii!! 🍂 Burtukaan🌿 (Kutaa xumuraa) Laliseen caccabaa xiyyaara sanaa ana irraa kaastee, jala ana baasuuf gaafa jettu an dideen sibiila isheen ana irraa harkistu ofitti harkisa. “An jiraachuu hin barbaadu, Nama du’aa foon uffatee deemu ta’ukoo irra, foonkoonis du’uu anaaf wayya, ana oolchuuf hin dhiphatiin kun anaaf carraa gaariidha, ana oolchuukee caalaa ana oolchuu dhiisuukeetu gammachuu anaaf kenna” Jedha an haafurakoo ana keessaa dhumaa jirtu, walitti harkisee fide. “Du'uu hin qabdu Latii! Waan ati akkas jechaa jirtuuf anaaf gala, waan ati abbaa murtii ofitti taatee, du'a ofitti muraa jirtuuf anaaf naaf gala, soba dhugaa fakkaatee sitti mullataa jirutu jira, dhugaa sitti hin mullatiintu jira. Dhugaakee argaa hin jirtu, waan badii qabdu sitti fakkaataa jira. Ati badii hin qabdu, eyyee ati badii hin qabdu, dhugaakee ati hin beektu, dhugaakee Isa dhugaakee dhoksetu si caalaa beeka” jetti Laliseen hanga dandeesse sibiilota ana irra tuulamanii jiran ana irraa kaasaa, dhiibaa, dhiibamaa, dhiigaa, darbatamaa, kufaa..harkisaa.. “An riqicha jireenya irraa du’aatti geessu gubbaan jira, kanaan booda walargaan natti hin fakkaattu, sekendota dhumaa an qabu kana keessatti, ana oolchuuf yaaluu caalaa dhugaa jirtu anaaf himi, dhugaa qabadheen bakka dhugaa dhaqaa, gaaffiin amma si gaafadhu anaaf deebisi, deebii dhugaa anaaf galaasi! An deemsa hin deebi’amne deemuuf karaa bu’eera” jedha an baayyee of dadhabaa, hafuura dhabaa ofwallaalaa dhufeera. “Tole maal gaaffiinkee, maal siif ta’uu, bakkakee du’uu, si miti anatoo du’aa jiraa” naan jetti Laliseen sibiilota sana anarraa guurtee kaasuu irraa abdii kutattee ana cina gadi teessee, natti jettee, imimmaan ishee dhiigakoon makaa. “Gaaffiinkoo an deebiisaa fudhee deemuu barbaadu; tokko- galgala hora Harsadii maddiitti namticha hamaa sana waliin waliigaltee ana ajjeesuuf turte, maal taateeti? Akkamitti namticha sana waliin walii galtee ana ajjeesuuf murattee kaate? Lammaffaan; Abbaa Burtukaan kan ajjeese eenyuudha? Akkamitti miidiyaatti baatee kan abbaa Burtukaan ajjeese Latiidha jechuu dandeesse, akkamitti soba hanga kana ga’u ana irratti garaa jabaatte dubbatte? Yoo Isa kaan dagatte, Isa an maqaakeef, barumsakoo irraa kaadhee, waggaa sadii mana amala sirreessaa keessatti dabarse akkamiin dagatte? Akkamiin ammas mana hidhaatti ana deebisuuf soba akkanaa sobde? Sadaffaan; Mana viillaa sana eessaa fuutee itti galte eenyuutu itti si galche, eenyuun ajjeesuuf qabdii itti fudhatte? Arfaffaan; Akkam Yoon du’e Yeroosiin bakka abbaa fi haadhaa buutee hin guddistaa? Dhugaakoo itti himtaa?” Jedhee itti fufee gaaffii tokko qofa dabalee gaafachuuf osoon jedhuu hafuurrikoo ana dadhabe, mataakoo xiqqoo olqabadhee jiru, ofdadhabeen ciisee aadaa, deebiif ishee dhaaggeeffadha. “Ati ana jibbitu iyyuu an waanan si jaalladhuuf, hamaa tokkoyyuu waanan yaadee si irratti raawwadhe hin qabu. Waan hunda isaa dhalakee, dhalakoon, lubbuukee lubbuukoon ana sodaachisanii akkan gocha hamaa kana hunda godhu ana godhan malee ati dur ana beekta mitii onneekoo? Onneenkoo akkuma durii qulqulluudha, akkuma durii si jaallatta. Jaalalaaf jedheen hojii jibbaa hojjedhe, malee si jibbee miti. Galgala hora Harsadii sana Maddiitti akkan si ajjeesuuf kan ana dirqisiise namticha hamaa sana ture. Namtichi Burtukaaniin hedduu waan jaallatuuf siin dhabamsiisee Burtukaaniin kan isaa godhachuu barbaada ture. Anis akkan si jaalladhu sirriitti beekaa kanaaf inaaffaa keessakoo jirutti fayyadamee siin dhabamsiisuuf yaalaa ture. An garuu Burtukaan waliin fayyaa taatee halaalatti si jaallachaa hafuu anaaf wayya malee hanga fedhe yoo ta’e, an Akka ati miidhamtu hin barbaadun ture. Galgala sana hora Harsadii Maddiitti beekan xiyyitii addakee cina dabarsee irreekee rukute. Isatti waan ati duute itti fakkaatee gammadee ture.
نمایش همه...
👍 6
Photo unavailableShow in Telegram
Asoosama Burtukaan kutaa xumuraa "A" Yeroo muraasa booddee 🔥 React gochaa nu eegaa ✍️
نمایش همه...
21👍 8👏 2🥰 1
New coin warronni fedhii qabdan hojjachuu dandeessu https://t.me/spinnercoin_bot/app?startapp=r_2081591
نمایش همه...
SpinnerCoin

New P2E game powered by TON and based on unique NFT.

👍 5🔥 1
If you have notcoin or dollars chat me on 👇👇👇👇 @Biyyakoo2 @Biyyakoo2 Don't doubt me guys✅
نمایش همه...
😁 1
Photo unavailableShow in Telegram
Asoosama Burtukaan kutaan xumuraa waan dheerateef bakka lamatti qoodamee jira. Kutaan xumuraa marsaan jelqabaa har'a galgala isini biraan geenya.
نمایش همه...
👍 22 3👏 3😁 2
Repost from Kaachuu Promotion
Photo unavailableShow in Telegram
Lakkoofsa kamtu dursa guuta?
نمایش همه...
👍 2
1
2
3
4
5
6
7
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.