fa
Feedback
JEECHOOTA BEEKTOTAA

JEECHOOTA BEEKTOTAA

رفتن به کانال در Telegram

SHARE WAALI YAA GONUU ERGAA GUDDAA BAARACHUU DANDENYA. Hordoftootaa channel kana yoo qabaatani karaa kanaani nuu dubbisaa. @beeka24

نمایش بیشتر
563
مشترکین
+224 ساعت
+137 روز
+5730 روز
آرشیو پست ها
YAADOLEE ║  DADAMMAQIINSAA 12: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 《1》Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha" 《2》Steve Jobs - "Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuu nama kan biraa hin balleessin" 《3》Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha" 《4》Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin" 《5》Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate" 《6》Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u" 《7》Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa" 《8》Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan" 《9》Audrey Hepburn - "Wanti kamiyyuu ni danda'ama" "Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible" 《10》 Maya Angelou - " Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan" 《11》Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte" 《12》Anymore - "Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakkaa'aman godhi"

DEEBI'ANII KA'UU — Nick Vujicic ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ "Daa'ima waggaa saddeetii ta'een of ajjeesuun anarra jira jedheen yaade. Sababiin isaa abdii hin qabun ture. Kanaaf harka kennuun yaale, abdii kutachuu. Yennaa umuriin koo waggaa kudhanii, bishaan mana keessa jiruun of ukkaamsee of ajjeesuuf yaaliin godhe. Abbaa kootti, "bashannanuu barbaadeenii"n jedheenii. Garuu dhugaa dhaan jiraachuu dhaabuun barbaade. Na gaheera ture. Namoonni waan gadi na qabaniif baay'ee natti ulfaate. Ani nama guutuu fi gahaa akkan hin taane amanuun eegale. Nama dadhabaa fi nama kufe akkan ta'e amanuun eegale. Nama namoonni jaalatan yookiin sifeeffatan tasa ta'uu akkan hin dandeenyen amanuu eegale. Haalan keessa ture jijjiiruu hin dandeenye, guyyaa tokko ganama ka'ee, 'harkaaf lukan barbaada, harkaaf luka naa kenni!' jechuu hin dandeenye. Gaaffiiwwan qaba ture, garuu deebii hin qabu ture. Abbaa koof haadha koo "maalif kun ta'e?" Jedheen gaafadhe. Ogeeyyii fayyaadhaan "maalif kun ta'e?" Jedheen gaafadhe. Hin beekani. ➢ Jireenya keessatti wantoonni to'annoo kee ala ta'anii ati jijjiiruu hin dandeenye, kan waliin jiraachuuf dirqamtu jiru. Filannoon nu qabnu lama:   ➀. Harka laachuu (abdii kutachuu) yookiin   ➁. Deemsa keenya itti fufuu. ➢ Kanaaf yommuu kuftu maal goota? Deebitee kaata. Kana namni hundi beeka. Sababiin isaas yoon deemuu eegale bakka fedhe nan gaha. Garuu sittan hima, jireenya keessatti yeroon tokko tokko jira, yeroon ati kuftee deebitee ka'uuf garuu jabina itti dhabdu. Ani gajjallaa kanan jira, lafatti galagalee. Harkaaf luka hin qabu. Deebisee ka'uu dhaaf waan hin danda'amne ta'uu qaba, garuu miti. Argitee, deebisee ka'uu dhaaf si'a dhibba deddeebisee nan yaala, yennaa dhibba yoo naaf milkaa'uu baate, abdii yoon kute deebisee nan ka'a jettee yaaddaa? Lakki, garuu yoo naa milkaa'uu baate, irra deebi'ee yoon yaale, ammas ammas irra deddeebi'ee yoon yaale hamman yaaluu koo itti fufetti yennaa hunda carraa deebisee ka'uu nan qaba. ➢ Hamma abdii kuttee harka laattutti kun dhuma miti, ammallee abdii qabda. Arrabsamuun, mana caccabaa qabaachuun akkam akka ulfaatu hin beeku, garuu laphee cabe qabaachuun akkam akka ta'e beeka. Kophaa ta'uun maal akka ta'e beeka. Garuu kun dhuma akka hin taane akka beektun barbaada. Haalli ati itti xumurtu murteessaadha. Ciminaan xumurtaa? Yoos cimina itti deebitee kaatu argatta,.... akka ani ka'e kana." Haasaa 'Nick Vujicic' walgajjii irratti taasise. Akkan irraa baradhe, irraa baratta jedhee abdiin qaba. Aniif ati ciminaan xumurraa laata?    @beeka24    @beeka24

✧ BEEKUMSI humna siif kenna. AMALLI GAARIIN garuu kabaja siif kenna. ◈ Amalli gaariin obsa qabaachuu si barsiisa. ◈ Amalli gaariin waan si hin madaalle si tuffachiisa. ◈ Amalli gaariin gorsee si deebifata. ◈ Amalli gaariin milkaa'ina biraan si gaha. ➠ Amalli gaariin akka ati of sirreessitu sitti hima. Beekumsi qabaa barbaada. Beekumsi akkaataa qabataa wallaalan burqaa oftuulummaan irraa maddu ta'a. ✧ BEEKUMSI humna siif kenna. AMALLI GAARIIN garuu kabaja siif kenna

♡Yeroo qabdu waan dhabdu hin seetu. Yeroo dhabdees waan argattu hin seetu. Yeroo rakkatte waan  ballattu hin seetu. Yeroo ballattees waan rakkattu hin seetu. Yeroo cunqurfamte waan jalaa baatu hin seetu. Yeroo jalaa baate waan cunqurfamuuf teeysu hin seetu. Siitu sehe malee takkalleen akka jirtutti hin haftu. ♡Gaafa haalli siif mijjate waan guddaa hawwitee gaafa mijjaan hammaatte waanuma argiteef hawwiif kaayyoo tee jijjiirta yoo tahe kaayyoon kee kaayyoo laafaa baraafii bariin isa jijjiirtu waan taheef kaayyoo akkanaa jijjiiri kun eeysaanuu sin gahuutii ! ☆Hamilee jabaa qabaadhu ! barri hammaatuus, jireenyi ulfaatuus, waan guddaa hawwi.  Baraatu fidee baraatu taraan ja'iitii ifitti odeeysi. ♤Guyyaatu fagoo, ulfaataa, jabaafii waan hin dandahamne sitti fakkeeyse malee dhugaan jiru akkasii mitiitii hubadhu. ☆Hamileen tee hin kufin ! Hamilee tanaan laafaan meeqa jabaateeti jabaan meeqa laafee hafeetii jabeenya hamilee tana hubadhu !

GORSA GABAABAA ▬▬▬▬▬▬▬▬ 1. Hin yaadin akka malee! 2. Hin aarin obsi malee! 3. Hin abaarin gorsi malee! 4. Hin boo'in kolfi malee! 5. Hin jarjarin hubadhu malee! 6. Hin jaallatin qorattu malee! 7. Hin amanin jaaladhu malee! 8. Hin jibbin sababa malee! 9. Hin barreessin beektu malee! 10. Hin odeessin argitu malee! 11. Hin sodaatin dubbadhu malee! 12. Hin sobin dhugaa malee! 13. Hin taa'in hojjedhu malee! 14. Hin dhabin argadhu malee! 15. Dubbiftee hin dhiisin share godha

Hojii Ofiitti Milkaa'uu       Кυтαα 2ffαα ▬▬▬▬▬▬▬▬ Qarshii qabaachuuf hojjechuun dirqama, hojjechuuf ammoo dandeettiif tooftaan barbachisaadha. ➦ Hojii tokko hojjechuuf tooftaalee barbaachisoo 10:     →→→→↓↓↓↓↓ ➊. Iccitii itti namaa waliin hojjettu malee iccitii hojii keetii gonkumaa namaaf hin himin! ➋. Waan si harka hin geenye abdattee hin gammadin! Yoo dhabde ni miidhamta. ➌. Hojii gosa tokko qofa hojjechuun bakka yaadde hin geessu; waan dandeessu hunda hojjedhu! ➍. Waan xiqqoo hojjetteen mul'achuuf hin ariifatin, hojiin kee iyyuu si mul'isaati. ➎. Kana dura hojiin kee yoo siif hin milkoofne isa yaaddee of hin jeeqin sababa kufaatii keetii sana irraa baradhu malee! ➏. Yoo dandeesse nama gargaari malee maallaqa liqeessuu hin heddummeessin, maallaqa kees dhabdee nama sanas dhabdaati. ➐. Waan hojjattu hunda irratti nama fakkeenya godhattu qabaadhu! akka isaa/ishee ta'uuf osoo hin taane isa/ishee caaluuf hojjedhu! ➑. Waan guddaa bor hojjettu ilaaltee xiqqoo har'aa hin tuffatin yookiin hin balleessin! maaliif seete, xiqqoon kun guddaa sana bira gahuuf riqicha ce'uumsaati. ➒. Waan hojjechuuf yaadde dursitee hin odeessin! Namni qabeenyaan si caalu suma irraa dhaga'ee si dursuu danda'aati. ➓. Yoo dandeesse abbaa ogummaa waan tokkoo ta'uuf yaali! Maaliif seete? Ogummaan akka qarshii miti, argattee kaatee hin dhabdu. 11. Kaayyoon kee yoo galma siif gahe of qofaaf hin jiraatin! Lammii keetiif waan gochuu dandeessu hunda godhi maaliif seete: ●️ Dandeettii osoo qabuu kan carraa dhabetu jira, karaa itti argisiisi! ●️ Maallaqa osoo qabuu kan nama (hiriyaa) dhabetu jira, amanamiif! ●️ Waan hunda hojjechuu osoo danda'uu kan roorroon itti heddummatetu jira waan ta'eef siif jira jedhii aantummaa kee mul'isiif! #ɪɴᴠɪᴛᴇ ʏᴏᴜʀ ғʀɪᴇɴᴅs @beeka24      🔺Join us 🔺     ♡        ❍ㅤ     ⌲    ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ 

Hojii Ofiitti Milkaa'uu       Кυтαα 1ffαα ▬▬▬▬▬▬▬▬ 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐇𝐨𝐣𝐣𝐞𝐭𝐭𝐮𝐭𝐭𝐢    ⌲ 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐢𝐢𝐟 ⌲ 𝐆𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐃𝐡𝐚𝐛𝐝𝐚? ❏ Hojii hojjettutti kan gammachuu dhabduuf sababoota jiran keessaa kanneen ijoo ta'an: ➊. Hojii hojjennu maatii keenyatu nuuf filate: Biyya keenyatti wanti baratame jira. Maatiin yeroo nuyi mana barnootaa keessa turre, jabaadhuu baradhuu doctor, barsiisaa, enginer yookaan waan biroo taata jedhanii nu gorsaa turan. Nutis wanta isaan jedhan kana barannee xumurree hojii eegalla. Garuu hojichatti gammachuu dhabna. Maaliif beektaa? Ati wanta isaan ta'i siin jedhan, isaan sodaa fi kabajuuf jettee waan ofii ta'uu feetu dhiistee isa isaan jedhan taate. ➲ Barataan daldala fedhuu fi dandeettii isaa qabu jira. Maatiin garuu akka inni doctor ta'u fedhu. Barataan doctor ta'uu fedhu jira; maatiin garuu akka inni enginer ta'u fedhu. Akkasittiin kan kaayyoo dhalatteef, dandeettii fi ergama kee utuu hin raawwatin addunyaa irraa dabartu. Bara kee guutuu hojii kennaa kee hin taane hojjechaa, muddamaa fi dhiphinaan jiraatta. Akkamitti namni muuziqaaf dhalate doctor ta'ee hojichatti gammadee jiraata? Akkamitti namni daldalaaf dhalatee barsiisaa ta'ee gammadee jiraata? Maatiin waan ofii jireenya isaanii keessatti ta'uuf yaadanii dadhaban akka ijjoolleen isaanii wanta isaan yaadan sana ta'aniif ijoollee isaanii gorsu, akkasuma dirqisiisu. Nama gaddisiisa! ➲ Kennaa abbaan kee qabu ati tasuma qabaachuu hin dandeessu. Kennaan dhukkuba daddarbaa miti; yookaan akka dhukkuboota tokko tokko sanyii dhaan hin darbu. Biyya kanatti barattoonni kennaa isaanii jiraataa jiran muraasa. Isaan jireenya isaaniitti hedduu  gammadoodha. Barataan waan fedhu baratu muraasa. Warreen kaan maatiitu filataaf! ➋. Kennaa ofii wallaaluu: Hojii kennaa kee hin taanetti tasa gammachuu argachuu hin dandeessu. Maallaqa hamma feete irraa argadhu garuu gammachuu dhugaa qabaachuu hin dandeessu. Dhugaa kana namoonni beekan muraasa. ➌. Barataan mana barnootaatti barnoota kennaa isaa akka beekuu fi beekee irratti akka hojjetuuf manni barnootaa isa hin barsiifne: Ministeerri barnootaa barnooti achitti baratamu qofti gahaa akka hin taane waan hubate hin fakkaatu. Barataan akka kutaa jalqabaa seeneen kan inni barsiifamuu qabu A,B,C tti aansee waa'ee kennaa yookaan kaayyoo uumama isaa ture. Barataan baay'een biyya keenyatti University xumuree erga hojii argatee iyyuu waa'ee kennaa fi kaayyoo uumama isaa hin beeku. Kan inni beekuu danda'u yoo of dhaggeeffatee fi barnoota soft Skill yoo argate qofadha. ➛ Barsiisaan barsiisaa haa ta'u! ➛ Daldalaan daldalaa haa ta'u! ➛ Muuziqeessaan muuziqeessaa haa ta'u!... ➲ Eeyyeen yoo akkas ta'e qofadha kan hojii ofiitti gammachuu fi dandeettii addaatiin milkaa'anii jireenya boonsaa jiraatan. Hojii jaallattu itti gammadda. Sababa itti gammadduuf jabaattee hojjetta. Jabaattee hojjennaan jireenya gammachiisaa jiraatta; maallaqa gahaa argatta. ➲ Kennaa ofii eeggachuuf yookaan beekuuf umuriis ta'e hojii kamirrayyuu jiraattee, kennaa kee baastee irratti hojjechuu ni dandeessa. Hojii kamillee hojjechaa kennaa ofii beekuu ni dandeessa. Kanaaf kennaa kee beeki kennaa kee irratti hojjedhu! ➲ Waan ta'uuf dhalanne haa taanu. Kennaa keenya baafnee irratti haa hojjennu. Jireenya gammachuu qabu haa jiraannu! ➲ Kennaa keessan kan hin arganne, akkamitti akka kennaa ofii argatanii fi kennaa ofii beekuuf maal akka godhamuu qabu irratti barnoonni kenninu jira; namoonni barnoota irra jiranis jiru. Kanneen fedha qabdan kottaa baradhaatii kennaa keessan irratti hojjedhaa jireenya gammachuu qabu jiraadhaa. ➲ 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐚𝐧𝐝 𝐬𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚!       🙏🙏🙏 @beeka24

photo content

photo content

nagaa koo jiraa nagaa kessaan jirtuu. wantaa harawaa tokkoo isin fide jiraa bot gaaffilee isin barbadani hundaa Kaani isinif hojjatu qabadhe dhufee jiraa namni kamiyyuu bot kanaa argachuuf namoota 100 add telegram kanaa irrati goodhe booda inbox me

"𝐍𝐚𝐦𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐃𝐮𝐫𝐬𝐚" ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➨ 𝙼𝚊𝚊𝚕𝚕𝚊𝚚𝚊 𝚐𝚊𝚑𝚊𝚊 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚝𝚝𝚎𝚎, ➨ 𝙼𝚊𝚗𝚊 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚝𝚝𝚎𝚎, ➨ 𝚄𝚏𝚏𝚊𝚝𝚊 𝚖𝚒𝚒𝚍𝚑𝚊𝚐𝚊𝚊𝚜 𝚞𝚏𝚏𝚊𝚝𝚝𝚎𝚎, ➨ 𝙽𝚊𝚖𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚢𝚘𝚘 𝚑𝚒𝚗 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚗𝚗𝚎, 𝙼𝙰𝙰𝙻 𝙶𝙰𝚃𝙸𝙸 𝚀𝙰𝙱𝙰? ❏ "𝙽𝚊𝚖𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊𝚗 𝚑𝚞𝚗𝚍𝚊 𝚍𝚞𝚛𝚜𝚊" 𝙼𝚊𝚍𝚊𝚊𝚕𝚕𝚒𝚒𝚗 𝚗𝚊𝚖𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒: → 𝙰𝚖𝚊𝚕𝚊 (𝚗𝚊𝚊𝚖𝚞𝚜𝚊) 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞, → 𝙷𝚊𝚛𝚒𝚒𝚛𝚘𝚘 (𝚠𝚊𝚕𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚍𝚑𝚞𝚏𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊) 𝚏𝚊𝚢𝚢𝚊𝚊𝚕𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚗𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊 𝚠𝚊𝚕𝚒𝚒𝚗 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞, → 𝚀𝚊𝚓𝚎𝚎𝚕𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚠𝚊𝚕𝚒𝚒𝚏 𝚢𝚊𝚊𝚍𝚞𝚞 𝚏𝚒 𝚐𝚘𝚌𝚑𝚞𝚞, → 𝙷𝚘𝚓𝚒𝚒 𝚑𝚊𝚖𝚖𝚒𝚗𝚊𝚊 𝚒𝚏𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊. 𝙴𝚎𝚗𝚢𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊𝚗 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚝𝚘𝚔𝚔𝚘𝚘 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚝𝚒𝚒𝚗 𝚖𝚊

Bakki Oolmaa keetii Murteessaa dha. -- Your location is crucial. -- Kabajamuu fi jaalatamuu keetiif iddoon oolmaa/argama kee murteessadha. -- Iddoo si madaalutti argamtaa? Mee fakkeenya kana haa dubbifnu! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Guyyaa tokko kanniisaa fi tisiisatu buna wal waamee wajjin haasa'uu jalqaban. ⁃ Utuma haasa'a hoo'aa keessa jiranuu tisiisni kanniisan "Ani kan na dhibee na dhiisuu dide dhalli namaa anaan maaf na jibba? Maalif akkan isaanitti dhiyaadhu hin fedhan? ⁃ Sin akka biraatti si jaallatu maalif akka keetti na hin kunuunsan? Nyaata isaanii irra yoon bu'e na ari'u. Yoon dhugaatii isaanii irra bu'es akkasuma. Wantan ani xuqe hin sooratan, hin dhugani,  ittuu ni gatu. Na ajjeesu dhaaf na dhabamsiisu dhaaf qoricha baay'ee fayyadamu. ⁃ Kan kee garuu faallaa kooti. Icciitiin isaa maali dha mee natti himi" jetteen. ➥ Kanniisnis haasa'a ishee hunda isaa gurra itti kennitee erga dhaggeeffattee booda gaaffii gabaabaa tisiisa sana gaafatte. ❓"Yaa Tisiisa nana mee OOLMAAN KEE EESSA DHA?" Jetteen jedhama. ✧ Ati hoo obbolee oolmaan kee eessa dha? Amma iddoon ati jirtu kunii fi hojiin ati hojjechaa jirtu kun si madaalaa? @Gaggeessummaa @GaggeessummaaBakki Oolmaa keetii Murteessaa dha. -- Your location is crucial. -- Kabajamuu fi jaalatamuu keetiif iddoon oolmaa/argama kee murteessadha. -- Iddoo si madaalutti argamtaa? Mee fakkeenya kana haa dubbifnu! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Guyyaa tokko kanniisaa fi tisiisatu buna wal waamee wajjin haasa'uu jalqaban. ⁃ Utuma haasa'a hoo'aa keessa jiranuu tisiisni kanniisan "Ani kan na dhibee na dhiisuu dide dhalli namaa anaan maaf na jibba? Maalif akkan isaanitti dhiyaadhu hin fedhan? ⁃ Sin akka biraatti si jaallatu maalif akka keetti na hin kunuunsan? Nyaata isaanii irra yoon bu'e na ari'u. Yoon dhugaatii isaanii irra bu'es akkasuma. Wantan ani xuqe hin sooratan, hin dhugani,  ittuu ni gatu. Na ajjeesu dhaaf na dhabamsiisu dhaaf qoricha baay'ee fayyadamu. ⁃ Kan kee garuu faallaa kooti. Icciitiin isaa maali dha mee natti himi" jetteen. ➥ Kanniisnis haasa'a ishee hunda isaa gurra itti kennitee erga dhaggeeffattee booda gaaffii gabaabaa tisiisa sana gaafatte. ❓"Yaa Tisiisa nana mee OOLMAAN KEE EESSA DHA?" Jetteen jedhama. ✧ Ati hoo obbolee oolmaan kee eessa dha? Amma iddoon ati jirtu kunii fi hojiin ati hojjechaa jirtu kun si madaalaa?

ATI┃• QAALII DHA. • Qabeenya hunda caalu addunyaan kuni si qabdi! • Eeyyeen si isa/ishee dubbisa kana dubbisaa jirtu! • MAALIIF OF XIQQEESSITEE ILAALTA ATI? ▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Namni keessa jiraatu yoo dhibe addunyaan kuniyyuu duwwaa dha. Wanti baay'ee qaaliin addunyaan kuni qabdu warqii yookiin daayimandii miti. NAMA DHA! Ati qabeenyi addunyaan qabdu kuni si bituu hin danda'u! Gatii guddaa qabda waan ta'eef waan xiqqoon of madaaluu dhiisi! Humna haareffadhuu gara hojiitti gali!

ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Addunyaan kun har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha. Jijjiirama fiduuf nama jalqabaa ta'i! Rakkina moo'achuufis nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii ati qabdu irratti hundaa'a. Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi! ➲ Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha. ➲ Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa. ➲ Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata. ➦ Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf. ➦ Kanaaf yeroo hundumaa Gammadi!

WANTOOTA ABJUU DHALOOTAA AJJEESAN! ▬▬▬▬▬▬▬▬ 1) Abdii kutannaa: Namni abdii kutate har'a qofatu itti mul'ata; fuuldurri isaa dukkana. Kanaafuu egereen kee borii akka hin dukkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu. 2) Gabaabsanii yaaduu: Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeessuu fi nu kuffisuu danda'u sirriitti kan nuti adda baafannu; fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu. 3) Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu: Sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baay'ee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo ta'e abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokko irra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha. 4) Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu: Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo ta'e hirkattummaa jalatti kufna; abjuu keenyatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti. 5) Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu: Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baay'ee murteessadha. Yeroon warqeedha. Itti fayyadamnaan boollaa nama baasa; itti hin fayyadamnu yoo ta'e garuu bool'a nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba. 6) Of tuffachuu: Dhalli namaa beekaas haa ta'u wallaalaa karoora mataa isaa ni qabaata. Akkasuma haa guddatu, haa xiqqaatu abjuu mataa isaa ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu wantoonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu. 7) Hiyyummaa kunuunsuu: Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu. Hiyyummaa kunuunsuun, karoora keenya karaatti hambisa, abjuu keenya dukkaneessa. Kanaafuu dhaloota hiyyummaa balleessu ta'uu qabna malee dhaloota hiyyummaa kunuunsu ta'uu hin qabnu. 8) Itti gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu: Hojii hojjennu keessatti itti gaafatamummaa qabnu sirnaan hin baanu yoo ta'e abjuu keenya irra dabarree abjuu dhalootaa dukkaneessuu dandeenya. Hojii hojjettu keessatti itti gaafatamummaa ofii beekuun mirga osoo hin taane dirqama. 9) Mul'ata qabaachuu dhabuu: Mul'atni hin bitamu. Mul'atni bifa hin filatu, kutannoo fi obsaan galma ga'uu gaafata malee! Kanaaf egaa humnaa fi jabinaan akkasumas garaa guutudhaan kallattii ittiin abjuu keenya dhugoomsinu duukaa bu'uun nu irra jiraata.

MOO'ATAA TA'I! BE WINNER ❍ Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu. ❍ Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu. ❍ Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha. ❍ Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada. ❍ Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha. ❍ Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha. ❍ Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena. ❍ Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu. ❍ Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu. ❍ Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an. ❍ Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu. Share ♻️ Join ♻️ 〽️Moo'ataa ta'i 〽️ ♡ ▪️Share & Forward For Your Beloved Freinds ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!

𝑯𝒖𝒃𝒂𝒅𝒉𝒖 !! 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒕𝒐𝒌𝒌𝒐 𝒒𝒐𝒇𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒙𝒊𝒚𝒚𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒕𝒕𝒖 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂 𝒉𝒆𝒅𝒅𝒖𝒖 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒔𝒂𝒏𝒂 𝒇𝒐𝒐𝒚𝒚𝒆𝒔𝒔𝒖𝒖 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂’𝒖 𝒎𝒂𝒅𝒅𝒊𝒔𝒊𝒊𝒔𝒖𝒖 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂. 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒋𝒊𝒋𝒋𝒊𝒊𝒓𝒂𝒎𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒅𝒖 𝒃𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒙𝒊𝒚𝒚𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒕𝒕𝒖 𝒔𝒊𝒓𝒓𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂.𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒉𝒖𝒏𝒅𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒔𝒊𝒊𝒇 𝒎𝒂𝒍𝒖 𝒇𝒊 𝒘𝒂𝒂𝒏 𝒔𝒊𝒊𝒇 𝒎𝒊𝒋𝒂𝒕𝒖 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒙𝒊𝒚𝒚𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒅𝒉𝒖!                                                                

💕💕JAALALA HIYYEESSAA💕💕                   ❤️KUTAA 1FFAA❤️ Seenaa dhugaa, qalbii nama rarraaftu😲😍        Ani Biniyaam'n jedhama, iddoon itti dhaladhee guddadhe hin beeku, kana yeroon jedhu magaalaa finfinnee barandaa/godaanaa tokko dura sharaa keessatti kaniin guddadhe. Abbaa koo hin beeku harmee koo na guddise, ammaas obboleessa koo Naatii kan jedhamu jira, harmeen teenya akka nuti hin beeloyne hin dheebonneef waan dandeessu hunda ni gooti, yeroo isin namaa gad taatan laaluu hin barbaadu nun jatti.     Harmeen tiyya waan argatte hunda ni hojjatti, mana sharaa qabaanullee harmeen tiyya hojii deddebi'aa M/nyaataa uffata hirribaa miicuu fii siree qulqulleessuu, achii deebitee hojii gara garaa biddeena tolchuufi uffata miicuu, baqqaa harmeen too guyyaa guutuu boqonnaa hin qabdu, anis amma xiqqo jabaadhee wanin jiruuf kophee dhiquu, karamellaa, kardii nin gurgura xiqqaatullee harmee koo nin gargaara, harmen tiyya barnoota koo irratti akkan jabadhu barbaddi.     Ijoollee soressaa waliin walqixa na gootee mana barnoota guddaa na galchite, isheen ofii dadhabaa anaaf mana barnotaatiif kaffaltii ji'aa kaffalti, barataa cimaa kutaa10ffaati, waanin barataa cimaa ta'eef barattoonnis barsiisanis na jaallatu hiyyummaan koo itti hin dhagahamu, anis hawwii harmee koo galmaan ga'uuf sirrittiin qu'adha yeroo boqonna kiyya harmee koo nin gargaara, mana barumsaati akkaan baheen uffata koo isa tarsaasa'e/urate san uffadheen gara dalagaa deema harmee koo gargaruun dirqama kiyya waan ta'eef.      M/barnotaa kenya kessatti nama qabbanaa'aa fi garaa laafeessa taate takkatu jira Melat jedhamti, yero tokko tokko an waanin laaqana hin arganneef kan ishee wajjin nyaanna, dhugumatti ishiin nama gaariidha, walitti dhiyeenyi keenya cimaa dhufe garuu anaafi ishiin eenyumman kenya walirraa fagoodha gonkuma walitti hin dhiyaatu ture garuu onnee lamaan keenyaa kessatti jaalalti uumamte💞.     Anaafii isheen jaalala jalqabne, ani ilmo miskiinaati ishiin ammo ilmoo sooreessaati jaalalaan garuu nuti lamaanuu walqixa soressa. Kan nama ajaa'ibu hiyyummaa koo osoo bektuu guyya tokkolle natti mufattee hin beektu yero hunda na waliin jirti. Manni sharaa kenya sunilleen dabbaree hin beeku, baqqaa nuti lamaanuu jaalalaan goflaa jenneeni jirra.      Kutaan barnotaa keenya tokko wan ta'eef barnotaan, sadarkaa fi bekkumsaan xiqqo wanin irra wayyaa ta'eef nin gargaara, anis hawwii fi fedhii harmee kiyyaa dhugoomsuuf sirrittin baradha kutaa 10ffa Maatrik qoramne, ganna ji'a lameen Melat mana hedduu hin baatu warri ishee mana bahuu waan hin hayyamnef, torbaanitti yeroo tokko wal argaa itti fufne, wal yaanne yeroo wal agarre nin gammada, ganna ji'a lamen osoon dalaguu, harmen tiyas dalguma san osoo daleyduu mana tokko qarshii100 kireffanne achi kessa jiraachuu jalqabne, amma lolaan dhufee hin dhufnee yaanni hin jiru baqqaa amma galata rabbiiti.     Melat maatiin ishii otuu hin argin uffataa fi meshaa waan isaan hin barbanne nuf fiddi natti toluu baatullee hin barbaadu jechuni hin fadhu, hin barbaadu yeroon ja'een ni gadditi ture kanaafin irraa callise. Dhufuun isaa hin oolu Fuulbanni ga'e firiin Matrikii/qorumsa kenyaa dhufe.......                            ◇◇Itti fufa...... Akka itti fufu yoo barbaaddan like godhaa.....👍 isiniin jaalladha❤️ galatoomaa🙏         ♡ ㅤ  ❍ㅤ 

♡Yeroo qabdu waan dhabdu hin seetu. Yeroo dhabdees waan argattu hin seetu. Yeroo rakkatte waan  ballattu hin seetu. Yeroo ballattees waan rakkattu hin seetu. Yeroo cunqurfamte waan jalaa baatu hin seetu. Yeroo jalaa baate waan cunqurfamuuf teeysu hin seetu. Siitu sehe malee takkalleen akka jirtutti hin haftu. ♡Gaafa haalli siif mijjate waan guddaa hawwitee gaafa mijjaan hammaatte waanuma argiteef hawwiif kaayyoo tee jijjiirta yoo tahe kaayyoon kee kaayyoo laafaa baraafii bariin isa jijjiirtu waan taheef kaayyoo akkanaa jijjiiri kun eeysaanuu sin gahuutii ! ☆Hamilee jabaa qabaadhu ! barri hammaatuus, jireenyi ulfaatuus, waan guddaa hawwi.  Baraatu fidee baraatu taraan ja'iitii ifitti odeeysi. ♤Guyyaatu fagoo, ulfaataa, jabaafii waan hin dandahamne sitti fakkeeyse malee dhugaan jiru akkasii mitiitii hubadhu. ☆Hamileen tee hin kufin ! Hamilee tanaan laafaan meeqa jabaateeti jabaan meeqa laafee hafeetii jabeenya hamilee tana hubadhu !

♡Yeroo qabdu waan dhabdu hin seetu. Yeroo dhabdees waan argattu hin seetu. Yeroo rakkatte waan  ballattu hin seetu. Yeroo ballattees waan rakkattu hin seetu. Yeroo cunqurfamte waan jalaa baatu hin seetu. Yeroo jalaa baate waan cunqurfamuuf teeysu hin seetu. Siitu sehe malee takkalleen akka jirtutti hin haftu. ♡Gaafa haalli siif mijjate waan guddaa hawwitee gaafa mijjaan hammaatte waanuma argiteef hawwiif kaayyoo tee jijjiirta yoo tahe kaayyoon kee kaayyoo laafaa baraafii bariin isa jijjiirtu waan taheef kaayyoo akkanaa jijjiiri kun eeysaanuu sin gahuutii ! ☆Hamilee jabaa qabaadhu ! barri hammaatuus, jireenyi ulfaatuus, waan guddaa hawwi.  Baraatu fidee baraatu taraan ja'iitii ifitti odeeysi. ♤Guyyaatu fagoo, ulfaataa, jabaafii waan hin dandahamne sitti fakkeeyse malee dhugaan jiru akkasii mitiitii hubadhu. ☆Hamileen tee hin kufin ! Hamilee tanaan laafaan meeqa jabaateeti jabaan meeqa laafee hafeetii jabeenya hamilee ta