cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Bilchina sammuu

√√√√√√√ 💌💌💌 √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ❤️💚❤️ √√√√√√√

نمایش بیشتر
فنلندة2 376زبان مشخص نشده استدین و مذهبی49 012
پست‌های تبلیغاتی
1 638
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-77 روز
-1630 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Ecci.....😡😏 Of si tuffachiisaa jireenya jibbitaa Gadi jettee bultaa diinatu si bitaa... Dhiibbaan wal gurmeessee Fuulatti si fiigaa..... Dadhabbiikee mara libsuu takkaan diigaa...... Tiifuutu sijjeesa, Gaaddisatu si gubaa...... Yaaddon si huuqqisa, jechatu si hubaa..... Gaafas icci jettaa gaafas of tuffattaa Eenyummaa kee baaftaa, salphina uffattaa😰 ........ Buddeen sagal fixaa, Garaadhaa beeloftaa Kotteedhaan socho'aa, keessoodhaan eeloftaa Duumessi ulfaataa, wanti hundumtuu yakkaa..... Lama tarkaanfattaa, nageenya kee shakkaa... As laaltee achi laaltee, qilleensa bir'attaa..... Lootuun" shokok" jennaan, kiiloo shan hir'attaa😳 Gaafas ecci jetta, bifa kee xaragaa............. Yaadaan dhoqqee faaltee, ofitti maragaa... Yaa jireenyaa jetta, mormakee cabsitaa..... Sagal afuurfattee, dhiphina labsitaa............😠 ...... Egaa maal gootagaa, jiruun si faallessaa Osoo birraa yaadduu, gannaan si daallessaa Yaanni kee soorummaa, Gin kaboota ultaa Fedhiin kee xiyyaaraa, farda ooftee bultaa Huccuu haaraa feetaa, kan qabdu citaadhaa...... Ati mirgaan yaaddaa, jireenyi bitaadhaa.....😭 ...... Gaafa akkasii kanaa, Gaaf jireenyi burree Gaafa of oolfachuuf, gurgurattu surree....... Gaafas ecci jettaa, sururfattee laaltaa Bubbee wajjiin fiigdaa, eergama kee haaltaa.. Yaadaan baddaa baatee, takka boolla lixxaa Abdii kee sharaftaa, gurgurattee fixxaa........ Harkaan marii qabdee, yaadakeetiin mugdaa Ibicha cuunfitee, malakkeedhaan dhugdaa😂 Ecci.....😡😏 Of si tuffachiisaa jireenya jibbitaa Gadi jettee bultaa diinatu si bitaa... Dhiibbaan wal gurmeessee Fuulatti si fiigaa..... Dadhabbiikee mara libsuu takkaan diigaa...... Tiifuutu sijjeesa, Gaaddisatu si gubaa...... Yaaddon si huuqqisa, jechatu si hubaa..... Gaafas icci jettaa gaafas of tuffattaa Eenyummaa kee baaftaa, salphina uffattaa😰 ........ Buddeen sagal fixaa, Garaadhaa beeloftaa Kotteedhaan socho'aa, keessoodhaan eeloftaa Duumessi ulfaataa, wanti hundumtuu yakkaa..... Lama tarkaanfattaa, nageenya kee shakkaa... As laaltee achi laaltee, qilleensa bir'attaa..... Lootuun" shokok" jennaan, kiiloo shan hir'attaa😳 Gaafas ecci jetta, bifa kee xaragaa............. Yaadaan dhoqqee faaltee, ofitti maragaa... Yaa jireenyaa jetta, mormakee cabsitaa..... Sagal afuurfattee, dhiphina labsitaa............😠 ...... Egaa maal gootagaa, jiruun si faallessaa Osoo birraa yaadduu, gannaan si daallessaa Yaanni kee soorummaa, Gin kaboota ultaa Fedhiin kee xiyyaaraa, farda ooftee bultaa Huccuu haaraa feetaa, kan qabdu citaadhaa...... Ati mirgaan yaaddaa, jireenyi bitaadhaa.....😭 ...... Gaafa akkasii kanaa, Gaaf jireenyi burree Gaafa of oolfachuuf, gurgurattu surree....... Gaafas ecci jettaa, sururfattee laaltaa Bubbee wajjiin fiigdaa, eergama kee haaltaa.. Yaadaan baddaa baatee, takka boolla lixxaa Abdii kee sharaftaa, gurgurattee fixxaa........ Harkaan marii qabdee, yaadakeetiin mugdaa Ibicha cuunfitee, malakkeedhaan dhugdaa😂 https://t.me/+XeB7M1P2wmUyNWZk Via Chala Beyisa Caamsaa 30-2016
نمایش همه...
Repost from Barruu Beektotaa
1. 𝗦𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗸𝗲𝗲 𝘆𝗼𝗼𝗸𝗮𝗮𝗻 𝗼𝗹 𝘀𝗶 𝗸𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂 𝘆𝗼𝗼𝗸𝗮𝗮𝗻 𝗴𝗮𝗱𝗶 𝘀𝗶 𝗵𝗮𝗿𝗸𝗶𝘀𝘂𝘂 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮'𝗮. ╰──────────╮ Sammuun kee yoo hayyamte kaayyoo malee yaadaafi qormaata gidduutti utaala. Jireenya gammachuu caalaa hiika qabuu fi baay’ina irra qulqullina qabu filadhu. 2.𝗢𝗳𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲 𝗶𝘀𝗮 𝗱𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗶 ╰──────────╮ Ati akka warri kaan sii jedhanii itti yaadan miti.  Kanaaf Abjuu nama biraatiin jireenya jiraachaa hin dabarsin.  Yaada namoota biroo irraa adda ba'i.  Hariiroo keessan balaadhaaf saaxiluu ni mala.  Garuu jireenya siif dhugaa ta'e jiraachuuf karaa tokkicha. 3. 𝗕𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗫𝗶𝗻𝘅𝗮𝗹𝘁𝘂𝘂 𝘂𝘂𝗺𝗶𝗶 ╰──────────╮ Dhuma guyyaa tokkoon tokkoon kee irratti gadii taa'ii miiraa fi murtoo kee irratti xiinxali. Karaa xiinxaluudhan sagalee keessoo kee nii dhaggeeffata, dhuguma eenyu akka taate nii argatta, waan namoonni biroo jedhaniis ni gata. 4. 𝗗𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂 ╰──────────╮ Duudhaa namoota birootiin hamma of ibsitu, baayyee ofii kee dhaba deemta.  Jireenya dhugaa siif ta’e jiraachuuf, gatiiwwan si waliin walsimu barbaadii ittiin jiraadhu.  Oduu kee, miidiyaan ykn namoonni biroo waan ati iddoo guddaa kennituuf akka murteessan hin hayyamiin. 5. 𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗼𝗱𝗶𝗶𝘁𝗶𝗶 𝗴𝗼𝗱𝗵𝗶 ╰──────────╮ Yeroo boqonnaa keetiin wanti ati hojjettu waaʼee wanta iddoo guddaa kennitu waan baayʼee dubbata.  Yoo Maatiidhaaf iddoo guddaan keenna jette garuu guyyaa guutuu iddoo namnii biraa sif dhiheesse irratti dabarsite, gatii keetiin jiraachaa hin jirtu. Yeroo kee odiitii gochaa fi gatiiwwan kee yoo wal hin simne koorsii sirrii godhi. 6. 𝗡𝗮𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗸𝗲𝗲 𝗴𝗮𝘁𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗱𝗵𝗶𝗶𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗮 ╰──────────╮ Hawaasni kee yoo gammade, kana booda gammachuu guddaa argachuun kee hin oolu.  Hawaasa egeree barbaaddu fakkaatutti makami.  Namoonni hawaasa keessan keessa jiran gatiiwwan keessan ni qooddatuu? 7. 𝗙𝗮𝘆𝘆𝗶𝘀𝗮𝗮 𝘄𝗮𝗮 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮'𝗶𝗶𝗻 ╰──────────╮ Rakkoo nama hundaaf itti gaafatamummaa hin qabdu.  Yoo bishaan daakuu hin dandeenye nama bishaaniin liqimfamu baraaruuf hin yaalin.  Namoota gargaaruu akka dandeessu beektu gargaari. 8. 𝗠𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗶𝗻𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗼𝗼𝘁𝘁𝗶 𝗴𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱𝗶 ╰──────────╮ Milkaa'ina mataa keetii qofaan gammachuu yoo argatte gammachuu argattu daangeessita.  Milkaa’inaafi bu’aa ba’ii namoota birootiin gammachuu argachuu baradhu. 9. 𝗦𝗵𝗮𝗮𝗸𝗮𝗹𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘅𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂 ╰──────────╮ Bu'aa keessa akka badduu of hin hayyamin.  Milkaa'inni gabaasa guddinaa osoo hin taane qaama uumamaa jireenya keetii haa ta'u. 10. 𝗗𝘂'𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘅𝗶𝗶𝗻𝘅𝗮𝗹𝗶 ╰──────────╮ Awwaalcha mataa keetii irratti akkamitti akka yaadatamuu barbaaddu mee yaadi.  Addunyaa irratti dhiibbaa akkamii qabda?Dhaala kee ijaaruuf gocha kee walsimsiisi. https://t.me/Bilchina_Sammuu
نمایش همه...
Repost from Truth For Life
نمایش همه...
NAMA OGEESSA ▬▬▬▬▬▬▬▬ ❍ Ogummaan bakka hundatti gaggeessituu daandii milkaa'inaati. Namni ogeessi hin kufu. Inni ogummaa harkaa qabu bakka deeme hundatti jireenyi isaaf mijataadha. Ogummaa qabuun simatamee hojjetee of jiraachisa. » Inni ogummaa sammuu, yaadaa fi hubannaa qabu, bakka hundatti dawaa dha. Ogummaan yaada isaa furtuudha, gaggeessituudha, qajeelchituudha, hoggantuudha, Ogummaan Yaada keetii boqonnaa siif kenniti, gammachuu, ofitti amanamummaa siif laatti. » Carraa hundaan walii galuu, osoo hin sodaatin, osoo ceephoon isa hin mudatin, haala salphaatiin eenyu waliin jiraachuuf ogummaan kee si gargaarti. NAMA OGEESSA ✧ Ogeessi yaadaa waan hunda hubata. Osoo ati hin dubbatin adeemsaaf ilaalcha kee ilaalee si madaala, si beeka. Ogeessi hubatee raawwachuuf malee ilaalee dubbachuuf hin ariifatu. ✧ Kennaan nama hundaa adduma addaan uumamaan waan nuuf laatametu nu waliin guddatee hojiidhaan mul'ata. Hundi immoo kennaa isaa kana itti hin fayyadamu. Inni biraan immoo kennaa isaa kana daran bilcheessuf iyyuu hedduu tattaafata. ✧ Namni kamuu waan uumamaan kennameef ni qaba. Addunyaa jijjiiramaa keessa waan jirruuf waan dabalataan argannuu fi kan dhabnuuf kan dagannus jiraachuu mala. ✧ Ogeessi namaa isa uumamaan qabu irrattis dabalatee isa of dagate of yaadachiisa. Ogummaa dhaalchisa. Ogeessi arraba tola fuula ifa, hundaan walii gala. Garuu, yaada guduunfata. Of hooggana. Ofiifis isa cinaa jiruufis of eeggata. ✧ Ogeessi amala tola. Tooftaa ittiin injifatu, tooftaa ittiin waan yaadeef fedhe harkaan ga'atu, tooftaa ittiin galmas gahu cimsee beeka. ✧ Ogeessi namaa hin kufu. Karaattis hin hafu. Wacnii fi ilaalchi namaa isa hin hoogganu. Ogummaa sammuu isaatu isa hooggana. https://t.me/+XeB7M1P2wmUyNWZk
نمایش همه...
Bilchina sammuu

√√√√√√√ 💌💌💌 √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ❤️💚❤️ √√√√√√√

#Namoonni.....!!!!!!!!!! Namoonni Si gaddisiisanis ati immoo isaan gammachiisun gaarummaa isaan barsiisi!! Ammas #Diina_kee_jaaladhu!!! Diina kees jaalachuudhan moo'i malee diinummaadhan diinni moo'amu hin jiru. Yeroo kamuu jibbaan wanti ta'u hin jiru. Jibbi diina  sitti baay'isa #Jaalalli garuu moo'aadha, diina mancaasa meeshan guddaan osoo hin dhukaasin diinan moo'an jaalala qofa. ❤️ Eeyyeen jaalala qofa!!❤️ 🙏Maatii koo baay'een isin jaaladha! #galatoomaa!! Imalli itti fufa...........!!!!!!
نمایش همه...
Repost from Barruu Beektotaa
Adeemsa jireenya keessati warra kana yoo addaa baafatte ofii kees nama biroos eenyumaa isaanii sirnaan bartaa! Yaada + Gochaa = Amalaa waan ta'eef Gochaa isaanin yaada isaani tilmaamun sin rakkisuu! 1 ) NAMAA NAMAAF NAMAA :- Warri kun addunyaa har'a keessaa jiraata jirruu keessatti baay'ee hin argamaan yoo argamaanis carraa isaan dachee gubbaa jiraachuu isaanii muraasa. Namaa Namaaf Namaa warrii taa'an nama hundaaf nama gaariidha. Hiyyeessaa ykn sooreessaa jedhaani osoo addaa hin qodiin ija tokkoon nama maara ilaaluu. Qabaatani irraa waan hafeef nama gargaruu osoo hin taane isaa qabaan irraa namaaf hixaachuun waan isaan gammachiisuuf jechaa ofiif qofa gammaduu hin barbadaan namoota ciina isaani jiru ni mil'atuu. 2 ) NAMA NAMAAN NAMAA :- Isaan kun namoota salphaati jijjiiramuus ta'ee baduus danda'aanidha. Si miidhuu ykn si balleessuu irraatti hin xiyyeefaatan wantaa gaariidha jedhanii yaadan hundaa yeroo godhaan sammuun isaanii ni gammadaa. Garbummaas ta'e bilisummaa lamaan isaanii iyyuu isaan biraatti hiikaa hin qabu. Utuu ofii isaani hin jijjiirin namoota biro jijjiiruu barbaaduu. Osoo ofii isaani karoora fi kaayyoon hin jiraatin karoora fi kaayyoo sif baasuun akka ati itti jiraattu si gorsuu. Sammuun isaanii of jijjiiruu osoo hin taane yeroo hundaa nama biroo jijjiiruu irraatti hunda'aa. Falaasamaa jireenya gaariis ta'ee amma hundaatti fayyadaamu barbaaduu. Waan namnii ittin jedhe hundaa dhugaadha jedhu, Eeyyummaa isaani namoota biiroon itti himaama. Waan godhaanitti gabbuu ykn dhiifamaa gaafachuu hin danda'aan. 3 ) NAMA OFIIF NAMAA :- warrii kun carraan namaa waliin jiraachuu isaanii baay'ee gad-anaadha. Jireenya isaanii keessatti nama qeequuf ykn tufaachuuf sababooti qubsaa isaan hin barbachiisu. Isaan ifa arguuf osoo hin taane argamuuf barbaaduu. Rakkatooti deggersaaf yeroo isaanitti hixaatan salphaati gargaruuf fedhaa hin qabaan. Ofii isaanif qofa nama ta'aani akka dhalataanitti of ilaaluun gatii namoota biiro gad buusun kan isaani olkaafatu. Ofii argamuuf sin si miidhuu sababaa malee jiraachuun kee kolfuun kee isaan dhukkubsaa. Waan dachee irraa jiru hundii isaan biraatti utuu argamee barbaaduu. Badii isaanii hundaaf dhiifaama gaafachuun salphiina fi kiloo isaani waan gadii buusu itti fakkaata. Namnii hunduu toraa jireenya isaanin geggeeffamee utuu jiraate barbaaduu. Oggaanamuu irraa oggaanuu bayyee jaallatu. Ofiif qofa namaa ta'aani argamuu yoo rakkaate yoo dhiiste isaaniif mijoofnan sin qubaa hin qabaan dhimma isaaniis miti! https://t.me/Bilchina_Sammuu
نمایش همه...
👍 5 1
Gaaffii gaafateef Deebii Ruumiin kenne ❶Summiin maali? Wanta nu barbaachisu ol wanti ta'e hundi summii dha.Aangoo, qabeenya, hiyyummaa, aarii, araada, dadhabina, jibba, ofittummaa, jaalala, xiiqii ykn waan biraa ta’uu danda’a. ❷Sodaan maali? Innis qabatamaa ykn sirrii ta'uu keenya fudhachuu dadhabuudha. Yoo sirrii ta'uu dhabuu keenya fudhanne sodaan du’a ta’a. ❸Inaaffaan maali? Waan gaarii namoota biroo fudhachuu dhiisuudha.Waan gaarii namoota biroo yoo fudhanne nu kakaasa. ❹Aariin maali? Wantoota to'annaa keenyaan ala ta'an fudhachuu dhiisuudha. Sana yoo fudhanne obsaa ta'uu keenya agarsiisa. ❺ Jibbi maali? Jibba jechuun nama akka jirutti fudhachuu dadhabuudha. Haalduree tokko malee nama fudhachuu yoo dandeenye garuu jibbi sun jaalala ta'a. "Waan tokko gadi fageenyaa fi gadi fageenyaan yoo hubatte waan isa keessa jiru hunda ni hubatta." Jireenya moo'achuu yoo barbaadde ➊Namoota dureeyyii waliin hin taphatin, tapha qofa si waliin taphatu, akkamitti akka hojjettu si hin barsiisan. ➋Namoota abdii kutatan waliin hin taphatin, fedhii hojii kee ni hir'isu ➌Fira ykn hiriyoota waliin baay'ee hin deeminaa manni namaa mana namaa ta'uu beeki ➍Komii hojii irratti si mudatu hiriyoota kee ykn namoota wajjin hojjettu kamittuu hin himin. ➎Namni gad-aantummaan itti dhaga'amu yeroo hunda hojii kee qeeqa, akka si qeequuf bakka hin kenniniif. ➏Nama kamirraayyuu homaa hin fudhatin, yoo maatii kee ta'ellee, homaa sirraa hin fudhatin, Uumaan qofti si haa kunuunsu Horaa bulaa deebana!
نمایش همه...
2
Repost from Barruu Beektotaa
°Seeroota warqee(Top 15 Golden Rule) hariiroo nama walinni ilaalchisee hubachu qabdu: * 1.Dhaggeeffataa cimaa ta’i(Be an active listener):- •Deebii kennuu dura ilaalcha nama biraa dhugaadhaan dhaga’uun hubachuu qabdu 2.Amanamummaa fi iftoomina qabaachuu(Be honest and transparent) :- •Amanamummaan wal amantaa uumuu fi hariiroon cimsa deemuudha. 3.Gaarummaa fi kabajaan dubbadhu(Speak with kindness and respect): •Jechoonni nutti fayyadamuun ol kaasuu ykn diiguu waan danda’aniif ogummaadhaan filadhu dubbadhu. 4.Tilmaama hin godhin(Don't make assumptions):- •yeroo hunda gaaffii gaafachuu fi hubannoo dogoggoraa akka hin uumamneef ibsa barbaaduun qalbeeffachu. 5.Haasawa tokko tokkoon taasifamuuf yeroo rammadi(Set aside time for one-on-one conversations): •Hariiroo gadi fageessuuf yeroon qulqullina qabu barbaachisaa dha. 6.Galata ibsuu(Express gratitude): •Amala gaarii fi gocha nama biraa dinqisiifachuu fi beekamtii kennuu dubbii walinni keessatti murteessadha. 7.Garaadhaan dhiifama gaafadhu(Apologize sincerely): •Dogoggora kee irratti abbummaa fudhadhuu sirreessii sanan boodaa laphee irraa dhifamma godhi. 8.Garaa laafina agarsiisi(Show empathy): •bakka nama biraa of kaa’iitii miira isaa hubachuuf yaali malee hinmudaminni. 9. Komachuu fi salphisuu irraa fagaachuu(Avoid blaming and shaming): •komachuu bayyisuu dhiistee furmaata barbaaduu irratti xiyyeeffadhu. 10.Yeroo hundaa jechaa "ati" jedhu dhiistee "ani" jedhu fayyadamuu(Use "I" statements instead of "you" statements): kana jechuun Miiraa fi yaada keetiif itti gaafatamummaa fudhacha deemu qabda. 11.Yeroo barbaachisaa ta'etti boqonnaa fudhadhu(Take breaks when needed): •Yeroo miirrii ol ka'u duubatti deebi'anii wal hubacha deemuun murteessadha. 12.Sammuu banaa(Be open-minded): •yaada garaa garaa dhaggeeffachuu fi ilaalcha biroo gaarii ummachuun Wal hubachuuf Sammuu banaa qabachu. 13.Waadaa hordofuu(Follow through on commitments): Amanamummaan amantaa kan ijaaruu fi kutannoo agarsiisa. 14.Jireenya nama biraatiif fedhii agarsiisuu(Show interest in the other person's life): •waa’ee hojii bohaartii,fedhii fi hawwii isaanii gaafadhu. 15. Obsaa(Be patient): •Hariiroo cimaa ijaaruun yeroo fi carraaqqii gaafata,garuu ammoo bu'aan isaa gatii guddaa qaba. https://t.me/gulehas
نمایش همه...
👍 3
Dhaloonni kun garaagarummaa ilaalchaatti hanga hin amanetti eessa iyyuu hin ga'u.Waan irratti waliif gallu irratti waliif gallee dabarra. Waan irratti waliif hingalle ammoo akka irratti waliif hingalle waliif gallee ilaalcha walii waliif kabajnee waliin jiraanna.Ilaalchi dhuunfaa kiyya kanuma kiyya; keetis akkasuma. Ilaalchi keef kiyya wal dhiibuun anaaf ati wal dhabuu hin ta'u. Garuu; "Ilaalcha koo qofaatu sirriidha, waanan dubbadhu qofaatu haqa, akkana ta'i, akkasitti dubbadhu, akkanatti yaadi!....." jedhanii ilaalcha dhuunfaa ofii nama biroo irratti fe'uun wal garboomsuudha. Garaagarummaa ilaalchaa waliif kabajuunis dirqama ta'uu hubannee garaagarummaa ilaalchaa keenya moggaatti dhiisnee wal kabajnee jaalalaan waliin haa jiraannuu. Akkaataa itti nyaannu malee akkaataan itti yaadnu tasumaa wal hin fakkaatu.
نمایش همه...
👍 3 3