Maaddaa Haraashii sh/Aadam Tuulaa
رفتن به کانال در Telegram
675
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز
آرشیو پست ها
Kan hojjate badhaafamu qaba
#Haawwanii fi #shamarran maaddaa haraashii sheekh #Aadam tuulaa #amirran hojii isanitti kenname qixa sirree ta'een hojjataniif #majliisa sheekh Aadam tuulaa irraa #badhaasni kennameefi jira akka #haawwaniitti warren hojii isanitti kenname qixa sirritti hojjatanii sadarkaa #tokkoffaa irra jiran
~amirran hawwan araddaa 03
#lammaffaa amirran hawwan araddaa #hassangeey
#Sadaffaa amirran haaawwan araddaa #suqul
#afuraffaan amirran araddaa #fandishaa
#Shanaffaan amirran haawwan araddaa #tuulaati
#akka shamarranitti
#tokkoffan amirran shamarran araddaa #hassangeey
#lammaffaan amirran shamarran araddaa 03
#Sadaffaan amirran shamarran araddaa #suqul
#afraffaan amirran shamarran araddaa #fandishaa
#Shanaffaan amirran araddaa #tuulaati
MAASHAA ALLAAH JABAADHAA AMAANAATU ISINIRRA JIRAA RABBIIN ISINIIF HAA LAAFFISU
~Qaamni si haphatee
Yoo dhabellee bifaa
~Abshiir guyyaa tokko
Dukkannii siif ifaa
~Bitaa sitti galee
Jijjiiramuus haalli
~Obsaa fi abdiidhaan
Of eega abshaalli
~Hawwii keessa keetii
Sodaa hin nyaachisin
~Sammuu teetilllee
Kufaatii yaachisin
~Akkuma ganamaafi
Galgalli wal jijjiru bakkaa
~Ifni sumaaf ifaa
Atiis guyaa takkaa
~Abdii kutatuudhaa
Beeki dhibee guddaan
~Irraa gara galii
Yeroo mara duydaan
~Akka garaa ofii
Obsanii argatuu
~Ballootti bahuuf
Xiqqo ni rakkatuu-----------2
https://t.me/shek_aadam
Maashaa Allaah muhaadaraa guyyaa arraa barattoota maaddaa haraashii sheekh #Aadam tuulaa kan yeroo ammaa bakka bu'aa isaa Sheekh #Daawwid mahamediin ademsifaa jiru warreen #araddaa 03 kessatti argaman guyyaa arraa sagantaa muhaadaraa qopheessuudhaan sheekkota garaa garaa irratti aferratanii sagantaa isaanii bifa bareedaadhaan magaalaa #maayaa city #masgida #booleetti gaggeessaniitu jiru sagantaa kana irratti bakka bu'aan sheekh Aadam_tuulaa sheekh -Daawwid mahamadii fi khadima sheekh Aadam_tuulaa kan turan sheekh Aliyyii maammadee ammas amiirri maaddaa haraashii #Taajir aminiiis argamani dhaamsa dhaamaniifiti jiru -------
Maashaa Allaah jabaadha
Nashiidaa afaan oromoo bareedduu yaa ulam'aa ulam'aa ulam'aa sochii teessan tam himne tam dhiifna meeqaantaamii ilmi barsiisuuf roorroo alagaan biyyaa baafame
Guutuu isii argachuuf linkii asii gadii kana tuqaa
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.youtube.com/@majlisashaadamtuulaa
WANTOOTA IBIDDA JAHANNAM IRRAA NAMA BARAARAN
Wantoonni ibidda jahannam irraa si baraaran Maal Faa Akka Ta'an Ni Beektaa ❓
1: Rabbi sodaatuu.
2: Haadhaa fi Abbaaf tola ooluu.
3: Salaata yeroo irratti salaatuu.
4: Wuduu'a godhatuu, keessattuu yeroo lubbuun jibbitu.
5: Zikrii baayyisuu.
6: Haalaa fi Amala gaarii qabaatuu.
7: Soomana soomanuu.
8: Dafanii janaabdaa ofirraa dhiquu.
9: Hajjii fi umraa godhuu.
10: Fira maxxanfatuu.
11: Waan gaaritti nama waamuu, ofiifis gaarii dalaguu.
12: Hamtuu irraa nama dhoorkuu, ofiifis irraa dhoorkamuu.
13: Rahmata Rabbii kajeeluu.
14: Sodaa Rabbiitiif boohuu.
15: Gara Rabbitti yaada toluu.
16: Salawaata nabirraatti buusuu baayyisuu.
17: Jecha "Laa Ilaaha illaLLaah" jedhu jechuu baayyisuu.
https://t.me/shek_aadam
#Beekaan faaya biyyaati.!
" Osoo Ulamaa'iin jiraachuu baatanii, silaa dhalli namaa akka beelladaa ta'a ture! { Hasan Al-basrii }
#Baakka bu'aa sheekh #Aadam tuulaa sheekh #Daawwid mahamad
Jechan ittiin ibsun dhabe beekaa beekkumsa isaa Dhaloota dhaalchisuuf hirriba dhabe.!!
Abbaa dhaamsa bareedaa abbaa amala gaariin hallame Kan akka aannanii fi bishaaniitti ilmii nama obaasu darasoota Kumaatamaan lakkaa'aman kan barsiisu.........
Hambaa Ulamaa'ota keenyaa.!
Sheekh #Daawwid mahmed
Umrii isaanii keessa barakaa haa kaayu Ilaahiin
HIN MIRQAANIN; HIN DHAABBATIN
Dalagaa toltuu takka waan hojjatteef hin mirqaanin, Yeroo hunda Mataa kee gad qabi. Rabbii keetiif jedhii of gad qabii jiraadhu. Karaa qajeelaa irra si oofee toltuu si dalagsiisuu isaatiif isa galatoomfadhu. Dandeettii keetiin osoo hin taane, heeyyama isaatiin waan san hunda dalaguu dandeette. Kanaafuu adaduma toltuu takka dalagduun, Rabbii kee galatoomfadhu malee, mirqaana keessa dabartee of hin faarsin.
Dalagaa gaarii takka akkuma dalagdeen bakkuma san dhaabbattee hin hafin. Dalagaa gaarii tan biraa heddu dalaguudhaaf sossohi. Waa’ee waan dalagdee san irra deebitee hin yaadin. Akkana dalagee jiras jettee of hin dhaadin. Namattis hin dubbatin. Namni akka si faarsus hin eegin. Wanti dalagdu hundi Rabbiif jecha ta’uu qaba. Inni waan dalagde hunda osoo waan takka irraa hin hir’isin dacha hedduun baay’isee sii kafala.
***
Kanaafuu waan toltuu takka yoo hojjatte, akka waan ofii keetii hojjattetti hin mirqaanin. Waan gaarii takka yoo hojjattes, tan biraa daran hojjachuudhaaf sossohi, Hin Dhaabbatin.
Rabbi dalagaa kheeyrii Nuu haa laaffisu
Nama dalagaa kheeyrii heddu hojjatu nu haa taasisu
Mul’ata Kee Cimsuu Yoo Barbaadde Dubbisii Itti Fayyadami
~Osoo agartuu yoo hin hubatin sitti himuun bu'aa hin qabu.
~Jiraachuun kee eennuunuu yoo hin fayyadin du'uun kee eennuunuu hin miidhu.
~Kayyoo malee namni jiraatuu jiruu horiitiin garaagarummaa hin qabu.
~Biyyi tiyya maal naa gootee osoo hin tahin ani biyya tiyyaa maal godhe jedhi.
~Jiruma tana keessaa osoo du'ee jechuu irra waan yeroo duutu si fayyadu qopheeffadhu.
~karoorfatuu qofa osoo hin taane karoora kee hojitti jijjiiri.
~Carraaqatuun bu'aa qaba osoo siree irrattis taatee.
~Teettee haasahuu qofarra cal'istee deemuutuu caala.
~Gowwaa ta'anii quufuu irra qaruutee ta'anii beelahuutu caala.
~Beekkumsi kee nama yoo hin fayyadin wallaalli kee eennuunuu hin miidhu.
~Lafti nama irraa qotee nyaatuu osoo hin ta'in ka irra ciisee nyaatu komatti.
~Suuta suutaan ka tarkaanfatu bakka guudda gaha.
~Mul 'ata dheeraa namni qabu nama hundaa caala osoo gabaabaa taheellee.
~Nyaachuuf qofa yoo jiraatte harreen garaagarummaa hin qabdu.
https://www.facebook.com/profile.php?id=100088730481996
Duniyaan Dhumtuudha Aakhiraan Ammoo Haftuudha !!
Jiruun duniyaa dhumtuudha
Namni irratti waaru hin jiru
Namuu du’ee irraa galuuf taa’a
Aakhiraan ammoo Caaltuu fii Haftuudha
Aakhiraan Iddoo irraa boodaati
Aakhiraan hin dhumtu
Tanaafuu jireenyi duniyaa kanarratti Aakhiraa teenyaaf Haa dalagannu.
Addunyaa fii Aakhiraas Rabbi nu Haa Milkeessu
#Majliisa sheekh #Aadam tuulaa kan yeroo ammaa bakka bu'aa isaa Sheekh #Daawwid mahamediin baratamaa jiru
~~akkuma beekkamu bakka bu'aan sheekh #Aadam tuulaa sheekh #Daawwid mahamad #dargageessa qaxalee ganaa #qubsumatti haajamu waan taheef hawaasni biyyaa qubsiisa isaa irrratti ga'ee isaanii bahachaa akkuma jiranitti tahe #barattoonni isaatis nutiis hawaasa biyyaa kheessaa hafuu hin qabnu jechuudhaan haaala kanaan maallaqa hanga dandeytii isaaniitti sassaabaa jiran Maashaa allaah jazaakumullahu kheyran
https://www.facebook.com/profile.php?id=100088730481996
Qubsuma tee Ollaa Nabiyyii Keenyaa(S.A.W) sihaa kaayyatu Rabbiin!
Gaafa nukeessa jirtu Umrii kee guutuu;
-Namummaa nubarsiifte
-Waliif rifachuu fi wal gargaaruu nu barsiifte
-Tokkummaa cimsuu nu barsiifte
-Firqaalee karaa jallinaatti nama yaaman hunda beekkumsaa fi Hayyummaa Rabbi sibadhaaseen akka isaan mataa olin qabanetti injifattee akka summii hawaasa keessa hin facaafne nurraa ittisaa turte.
-Karaa Haqaarratti cichuu fi dhugaaf qabsaahuu, Rabbi malee ilma namaatiif gadi jachuu dhabuu, Toohida nu barsiiftee Gama Rabbii keetii deemte!🙏
Khaaliqni Jannnatul-firdowsiin sibadhaasee ollaa Nabii sihaa kaayyatu Abbaa Keenya! Muftii islaamaa!
Har'a ammoo Warri Gaafa ati jirtu dandahee sidura dhaabbachuu hin dandeenye dirree walakkaa dhaabbatee iyyaa ooluus hin milkaahu. Sanyiin ati facaafte magartee waan jirtuu warra akkasii kana bakka irraa dhufanitti deebisuuf qophiidha.
Gaarri beekkuumsaa guddaan #muftii_sheikh_Aadam_Tuulaa takkaa isaa nama shahaadaa lamaan qabuun "Kaafira" jedhuun hin dhageenyees, hin arginees!!!
Abbaa nageenya Labsu!!
Abbaa Barnoota labsu!!
Abbaa hojii labsu!!!
Abbaa beekkuumsa labsu!!!
Abbaa ibaadaa labsu!!
Abbaa toowhiida labsu!!!
Abbaa tokkummaa labsu!!!
Abbaa jaalala labsu!!!
Abbaa gootummaa labsu!!!
Abbaa jeeynummaa labsu!!!
Abbaa kabajaa ilma namaa labsu!!!
Abbaa ulfina labsu!!!
Abbaa ...
Rabbiin rahmata isaa jala haa kaawwatu!!!
Aamiin Allaahumma Aamiin!!!
Nashiidaa bareedduu afaan oromoo bareedduu ergaa jabduu qabdu adeemsa barnoota maaddaa haraashii sheekh Aadam tuulaa irratti guutuu isi argachuuf
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.youtube.com/@majlisashaadamtuulaa
