cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

"Ka'i Qeerro!" Follow Us!! Twitter: twitter.com/Qeerroo2011/ Facebook: facebook.com/SQeerroo/ Instagram: instagram.com/Qeerroo2011/ Telegram: t.me/Qeerroo2011/

نمایش بیشتر
فنلندة310زبان مشخص نشده استسیاست3 472
پست‌های تبلیغاتی
17 419
مشترکین
+4324 ساعت
+2027 روز
+86630 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

👍 44 18🔥 2
Oduu Addaa (SQ-Caamsaa 22, 2024) Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo Ganda Caancoo keessatti Drone n Faashistii Abiy Ahimediin akka Uummata Oromoo fixxuuf bobbaate, boombii hedduu waliin maasii qonnaan bulas keessatti kuftee argamteetti.
نمایش همه...
25👍 9
Photo unavailableShow in Telegram
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa kaadhimaamtoota haaraa eebbisuun Dirqama itti aanuuf bobbaase. Jaarmiyaa ABO-WBO kaadhimaamtoota leenjii Siyaasaafi Loltummaa Leenjisuun bobbaasa turun beekamaadha. Jaarmiyichi Diinaa Qabsoo Oromoof yaadda ta'uun Fira qabsootti abdii hora jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Gidduu Galeessaa Birgeedii Aduu saafaa Kaadhimaamtoota Haaraa Eebbisuun dirqama itti aanuuf bobbaseera. Eebba Kaadhimaamtoota kana irraatti Itti Aanaan Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Jaal Jireenyaa Rabbumaa argamuuniru.
نمایش همه...
👍 75 23
25:31
Video unavailableShow in Telegram
Qophii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Caamsaa 14, 2024 galgalaatitti dhiyaadha!
نمایش همه...
👏 19👍 7 4
Photo unavailableShow in Telegram
Murni gidirsaan PP Mirga namummaa dhala namaa sarbuun rakkoo ulfaataa ilma namaarraan gahaa jira! (SQ-Caamsaa13, 2024) Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo Araddaa Gaara Abdullaatitti Abbaa Maatii Obbo Iisaa Abdii Ussoo jedhaman dirqamaan Mooraa Leenjii Waraanaa deemuu qabdu jechuun reebicha jajjabaa irratti raawwachuun bifa suuraan mul’atu kanaan miidhaa ulfaataa irraan gahanii jiru. Duulli ilmaan Oromoo Mooraa Leenjii Waraanaatti guuruu kun kan duraa olitti jabaachuudhaan Oromiyaa cufa keessaa Saala, Umurii fi fayyummaa osoo adda hin baasne kan guuraa jiran ta'uu Maddeen SQ bakkoota hedduurraa nuuf mirkaneessaniiru.
نمایش همه...
👍 38😭 27😢 14 3👀 1
Dargaggoota Waraanni Abiyyi Maqiitti mana hidhaatii baasee rashane!
نمایش همه...
😢 46👍 9🥰 6
Photo unavailableShow in Telegram
😢 39😭 14👍 12 11
Sirni nama nyaataan Abiyyi Oromoo lafarraa daguuguu jabeessee itti fufee jira. (SQ-Caamsaa 04, 2024) Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Magaalaa Maqii Ganda Odaa iddoo addaa dhaaba loonii jedhamuun beekkamutti darggaggoota lama ammaaf maqaa isaanii hin argatin, waajjira poolisiitii baasuun haala sukaneessaadhaan ajjeesanii maddeen SQf himani.
نمایش همه...
20👍 10😭 10😢 2
😭 69😢 10 5
#DUULA_GUYYOOTA_40tin Sabboontota Oromoo lafarraa duguguuf karoorfame akkuma itti fufeetti jira. (SQ-Ebla 29, 2024) Dargaggoo Milkii Wanduu Abbabaa Jedhama. Godiina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo Ganda Baadiyyaa Wallu Wadalaa (Wallu Sooma) Jedhamutti dhalatee guddaate. Baraata Sadaarkaa 2ffaa ture. Barnoota isaa irraa yeroo hedduu sababa Oromummaa fi Sabboonummaa isaa hidhamaa waan tureef garaa matii isaa biraatti deebi'ee bultii horate. Dhiheenyuma kana Maatii horate irraa hidhamuudhan Mana Hidhaa Baatii 9 ture . Erga Mana Hidhaa Bahee ammaa Baatii 5 ture. Manaa hidhaa magaala Walisooti argamu keessatti dararaama ture. Dheengadda Halkan jechuun 27/04/2024 sa'aatii 9tti bilbilanii Manaa Gadi Waamanii fuudhanii ittiin deeman. Maatiin akkuma durii mana hidhaa sanatti deebisan jedhee mana hidhaa magaala walisoo fi mana hidhaa kan Aanaa keessa gaafacha turan. Dubbiin Garuu akkas hin turre dargageessa ol adeema kana ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun Qe'ee irraa, maatii irraa yoo xiqqaate Kiloometra 15 fageessudhan Magaala Walisoo irraa gara Kibbaatti Gandaa Foduu Goraa jedhamutti Rasaasa itti roobsanii erga Ajjeesanii booda, ganda itti ajjeesanii baasanii Ganda biraatti geessanii karaa gubbaatti gatani Reenfi isaa halkan Kan Gatame guyyaa guutu Karaa Gubbaa Oole, Booda Maatiin Iyyaafannoo Hedduun Dhagahanii Dhufanii kaafatan. Eebla 28, 2024 gaggeessan isaa raawwate. Hireen Sabbontota Oromoo sirnaa faashistii Nazii kana keessatti ajjeefamuu, dhiigni qulqulluun dhangala’uu qofa.
نمایش همه...
👍 28😢 7