cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Dambalii Seenaa

ABO-WBOn haa waaruu !!!

نمایش بیشتر
فنلندة3 398زبان مشخص نشده استسیاست28 880
پست‌های تبلیغاتی
392
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+27 روز
+2130 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Haala Koonyaa Dhiha Oromiyaa Magaalaa fi naannoo Baadiyyaa Gimbii itti ta'aa jiru. Murni maafiyaa pp Maatii WBO Ijoolleen keessan  bosana jiran jechuun sassabanii  hidhuu, Kanneen hojjetoota Mootummaa tahan yoo eeruu hin kennitan tahe hojirraa isiin ariina jedhanii doorsisuu, Sakatta'iinsa konkolaataa geejjibaa baadiyyaa fi magaalaa keessatti taasisuu, Warra mana Gandaa keessa jiraataniin ijoolleen keessan bosana jiran mana Gandaa keessaa baasaa jiru. Bilbila Namaa sakatta'uu, bakka walgahii hundatti mormiin isaan mudachuu, Maatii ijoollee OBN waraabee gabaasuu, kaaniin Ijoollee keenya birrii miliyona 2 fi 3 nuuf erganii jiru jedhaa amanaa jechuun sodaachisuu, kaaniin immoo nuti ijoollee keenyaaf erginee jirra jedhaa jechuun dirqisiisuu, Torbee guutuu walitti fufiinsaan walgahiidhaan ummata dararuu, hojjoota mootummaa biiroo biiroo isaaniitti walgahii teessisuu, Kaabinooti ifaan ifatti "mattaa'aa" hanga kana kennaa jedhee fudhachuu, Sodaa tokko malee waajira keessa taa'ee gubboon hamma kafalamuuf himachuu, Ijoollee bosanaatu harka kennatee gale jedhani ijaaranii mana Gandaa fi qarshii kennanifii holola hojjachuuf yaaluu, Ummatni immoo kan galan jedhaman WBO miti jedhee walitti himuun shifitaa maqaa WBO Idilee fakkaatee ijaartedha jedhanii Ummati holola isaanii harkatti kuffisanii jiraachuu maddi itti dhiheenyaan haala kana hirdofaa ture Magaalaa Gimbii irraa nuun  gaheera. Sochiin qaama ABO-WBO/ WBO idilee fakkaataan taasifamaa jiraachuu fi uummanni kallattii qaamota Qindoominaa pp harkatti , Sochii WBO idile fakkaataa/ Shiftaa tahuu isaanii saaxilaa jiraachuuf sababa kanaa ABO-WBO kan ofiin jedhu ,WBO idile fakkaataa fi Qaamota qindoomina isaani ppn darara keessa jiraachuu odeeffanneerra.
نمایش همه...
👍 1
Barataa tokkottu ture. Abbaaf haadha waan hin qabneef nama isa gargaaru dhabee ofumaa barataas ofi gargaara ture. Yeroon isaa ganna waan tureef hanga manni baruumsaa banamuuf waan tokko tokkoo daldalee qarshii walitti funaannate baruumsatti deebiuuf yaade. Guyyaa tokko akka tasaa taee gaazexaa gurguruuf qabate magaalaa keessa deemuu eegale. Haatauu malee guyyaa sana gaazexicha namni isarraa bitu hin turre. Guyyaa guutuu naannawaa oolee garmalee beelawe. Fala barbaadee waan godhu yeroo dhabu mana namaatti goree duuu irra nyaata kadhachuuf murteesse. Mana nama tokkootti yeroo deemee balbala rukkutu intalli takka dhuftee balbala jalaa bantee maali barbaadde obboleessoo ittiin jette. Innis waan akkasii gaafachuun jalqaba waan itti taeef nyaata naaf kennaa jechuu dhiisee mee bishaan bishaan dhugaatii naaf kennitaa ittiin jedhe. Isheen takka dhaabbattee fuula isaa ilaalte. Maatiin ishees hedduu nama qabeenya qabu hin turre. Gara manaatti oli deebitee nyaata mana keessaa dhabde. Haatauu malee, bishaan inni gaafate osoo hin tain Aannan qabdee dhufteef. Inni rifatee ani bishaan jedhe maaliif aannaniif dirqamte? jedhee, meeqa siif haa kafalu jedhee gaafate? Isheen lakki waan tokkoyyuu hin kafaltu maatiin keenya rakkannuyyuu waan qabnuun nama akka keenya rakkataa gargaaruu gaafa daaimummaa irraa jalqabee na barsiiseera ittiin jette.Innis tole galatoomi jedhee hedduu galateeffatee biraa deeme. Erga turaanii bara 10 lakkaawanii booda mucichi baratee doktora ta`eera. Gaafa tokkoo isaa guyyaa hojii irraa boqonnaa irra jiruu hospitaala inni keessatti hojjatuu bilbilli bilbilameef. Ergaan bilbilaa akkas jedha ture maaloo maaloo ammaa kanaaf ogeessi baqaqsee hodhuu danda'u nu bira hin jiru waan ta'eef adaraa lubbuu namaa baraari ittiin jedhan. Kana booda innis garmalee ariifachaa gara hospitaalichaa deemee, oli galee dafee uffattee gara kutaa surgery seene. Yeroo seenu waan addaa tokko arge. Intalti gaafa sana aannan kenniteef dha kan du'aaf jireenya jidduu turte. Ishee baqaqsee hodhee turtii guyyaa muraasa booda ofi barte. Eessa akka jirtu yaaduu jalqabde. Gaafa ofi ilaaltu baqaqxee hodhamuu agarte. Doktorichi dhufee gaafachuu eegale. Isheen isa tasuma hin yaadatne. Garuu Doktor waan si gaafadhu qaba jetteen imimmaan dhangalaasaa. Maal maaltaate jedhee gaafate. Ani maatii hiyyeessa irraa dhaladhe, abbaan koo dhiyeenya kana adunyaarraa boqate.Anaa miti maatiin koo takkaa hospitaala guddaa akkanaa seennee yaalamee hin beeku. yoo dhibamnes mana yaalaaf mana qorichaa xixinnoo irraa dawaa bitanna malee. Amma harmee koottu mana abbaa qabeenyaa qulqulleessaa nu guddisaa jira. Kanaafuu baasii kana akka suuta jedhee kafalu naaf eeyyami ittiin jette. Innis dhageffatee mee maalumaafuu xalayaa mana baajataa irraa siif haa ergamuu deemii gali jedheen. Guyyaa muraasa booda Xalayichi ergameefii banuu sodaatte. Qarshii ani jireenya koo keessatti kafaluu hin dandeenye ta'uu Mala jettee yaadde haa sodaattu malee xalayicha banuuf dirqamte. Yeroo bantu xalayichi akkas jedha. Hunda dura fayyitee sadarkaa kana gahuuf rabbiif galata. Nuti hunduu eessaa kaanee eessa akka geenyu hin beeknu. Yaala keetiif gatii bahe tilmaamneerra. Sitti himuuf ni ulfaata. Haata'uu malee, ni yaadatta yoo ta'e guyyaa tokko barataan gaazexaa gurguru tokko dhufee bishaan si gaafatnaan, aannan kenniteef. Ati na dagattus ani akkuma argeen si bare. Ani mucaa gaafa sanaati. Anumaa sanatu Doktora har'a rabbiin wajjiin siyaale ta'e. Takkaa akka guyyaa sanaa beelawee, dheebodhees hin beeku. Osoo ati aannan sana naaf hin keennin haftee ani du'uus ni danda'a ture. Atis waan qabduun du'arraa na baraarteetta, anis waan qabuun du'arraa si baraaruuf yaaleera. Qarshiin kee guutuun aannan burcuqqoo tokkoo ati gaafa sana naaf kenniteen bakka bu'eera. Hunda isaa sirraa kafaleera , womaa hin yaadin, rabbi si haa fayyisu ittiin jedhe. Isheen gaddaaf gammachuun itti Wal makee imimmaan dhangalaaste...
نمایش همه...
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du'aa fi madoon adabuu beeksise. ONM-ABO Waxabajjii 27,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO'n Zoonii Kaabaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana weerartuu Abiy Ahimed mooraa ishee fi magaalaa keessa ari'uun akka baala mukaatti rasaasaan harcaasaa jira. Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Dareessaa jedhamutti Roobii kaleessaa Waxabajjii 26 ganama sa'a 1:00 irraa eegaluun lola jajjabeen WBO ergamtoota murna bilxiginnaa waliin hanga sa'a 8:00tti taasiseen loltoota maafi'aa PP du'a seenaa hin qabnee fi maaliif akka duutullee hin beekne 17 ajjeesuun 26 madoo dandammii hin qabneen adabeera. Tarkaanfii akkaan boonsaa korommiiwwan Kaabaa WBO'n waraana faashistii PP irratti fudhate kanaanis madoo ishee Oraalii tokkoon hospitaala Adaamaatti fe'achuun, tika bilxiginnaa namni maqaan isaa Ahimed Hasuu jedhamu dhalootaan ganda Baxxee kan ta'ee fi itti gaafatamaan milishaa aanaa Harxummaa Fursee Umar Imaam kan jedhaman dabalatee madoo cimaan kanneen adabaman keessatti kan argaman ta'uu fi yeroo ammaas du'aa fi jireenya gidduutti argamuu isaaniin mooraa sirnichaa keessatti gaddi guddaan uumameera. #Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa❗ Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
نمایش همه...
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du'aa fi madoon adabuu beeksise. ONM-ABO Waxabajjii 27,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO'n Zoonii Kaabaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana weerartuu Abiy Ahimed mooraa  ishee fi magaalaa keessa ari'uun akka baala mukaatti rasaasaan harcaasaa jira. Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Dareessaa jedhamutti  Roobii kaleessaa Waxabajjii 26 ganama sa'a 1:00 irraa eegaluun lola jajjabeen WBO ergamtoota murna bilxiginnaa waliin hanga sa'a 8:00tti taasiseen loltoota maafi'aa PP du'a seenaa hin qabnee fi maaliif akka duutullee  hin beekne 17 ajjeesuun 26 madoo dandammii hin qabneen adabeera. Tarkaanfii akkaan boonsaa korommiiwwan Kaabaa WBO'n waraana faashistii PP irratti fudhate kanaanis madoo ishee Oraalii tokkoon hospitaala Adaamaatti fe'achuun, tika bilxiginnaa namni maqaan isaa Ahimed Hasuu jedhamu dhalootaan ganda Baxxee  kan ta'ee fi itti gaafatamaan milishaa aanaa Harxummaa Fursee Umar Imaam kan jedhaman dabalatee madoo cimaan kanneen adabaman  keessatti kan argaman ta'uu fi yeroo ammaas du'aa fi jireenya gidduutti argamuu isaaniin   mooraa sirnichaa keessatti gaddi guddaan uumameera. #Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa❗ Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
نمایش همه...
👍 2
KAN SI HAFE UTUU HUBATTEE; KAN AGGAAMTE BIRA GAHUUF HUMNI SI DHAABU HIN JIRU! Barnoonni yaad qalbii ilma namootaa gabbisee milkii jireenyaa soroorsa. Akkuma deemsi gaariin tarkaanfii tokko irraa eegalu galmi kaayyoo hubannaa galma kaayyichaa irraa eegala. Waan galmaan gahuuf karoorsite irratti dursa hubannoo gadi fageenyaa qabaachuuti qabda. Utuu hin hubatiin qubaa hin gubatiin akka jedhamu, waan hin hubanne keessa seentee utuu hin hubatiin galma kaayyichaa balaa keessatti hin kuffisiin. Oromoon waggaa hedduu tolchee qabsaa'eera. Garuu sababa wallaaltonni fi galtoonni hedduun moona qabsichaa keessa ruuqamanii turaniif danqamaa as gaheera ammas itti jira. Riphee lo-laan icciita seera riphee lo-laa addunyaalessaa hordofee qabsoo saba isaa geggeeffachuuti qaba. Qabsoon riphee lo-laa addunyaalessaa kan waraa-naa fi kan siyaasaati. Lo-ltummaa keessatti riphee lo-laan hanga gaafa mootummaa ta'uutti of agarsiisuuti hin qabu, jireenyi isaa hundi icciitawaa ta'uuti  qaba. Tarkaanfiilee isa morkatan irratti fudhatu illee lakkoofsaan ibsuuti hin qabu, yoo barbaachisee argame qofa tarkaanfii fudhachee ibsuu danda'a. Miseensonni isaa suuraa fi viidiyoo haalaa fi bakka isaanii ibsu gonkumaa fuula miidiyaa haawwasaa irrattis ta'e af-dubbiin mirkaneessuuti hin qaban. Akka seera riphee lo-latti miseensi fuula miidiyaa hawwaasaa irratti of mul'ise akka waan dii-natti harka kennatee yookan icciita miseensotaa baaseetti adabbii cimaa keessummeeffata. Midiyaatti bahuun yoo barbaachisa ta'e hooggana akka dubbi himaa yookan dantaa siyaasaatu bahee haala yeroo irratti ibsa kennuu danda'a. Kuniyyuu kan ta'u sagalee qofaanidha. Isayyuu of eeggannoodhan godhama. Sababni isaa tikni suura yookan maqaa qofaan qabsaa'aa hin hordofu, tikni sagalee qabsaa'otaatiin qabsaa'ota nii hordofa. Yoo hooggansi tokko miidiyaa irratti bahee dubbatu sagaleen kun isa moo isa miti jechuun xiinxala geggeessuun adda nii baafata. Akka fakkeenyaatti namni tokko bilbila dhuunfaa isaatiin namni biroo yakka ajjee-chaa nama biroo irratti yoo qindeesse, sagalee isaatiin ilaalamee abbaa bilbilaati moo nama birooti jedhamee adda nii baha. Akkasumas hooggansi haasaa'aa godhu sagalee isaatiin ilaalamee adda bahuuti danda'a. Yoo hooggansi sun suurri isaa miidiyaa irratti argame immoo tikni isa dhabamsiisuuf hanga ganda dhalootaa isaatti deemuun qorannoo gadi fageenyaa geggeessiti. Fakkeenyaaf namni kun daa'imummaa isaatti amala akkamii qaba? Barnootatti akkami? Cimaadha moo laafaa ture?  Hawwaasa naannoo wajjiin akkami hariiroo gaarii qabaa? Hawwiin isaa yeroo ijoollummaa maal ture? Erga guddatee hoo? Jechuun odeessa walitti qabatti. Kun hundi qabsaa'icha dhabamsiisuuf malee ati goota jechuun dhadhaa isa dibuuf miti. Dirqama qabsoo qabsoo keessatti waliif qoodan kun abbaa cibraati, kun abbaa birgeediiti, kun abbaa muraasaati, fikkkf hundi yoo hojii tikaa morkataa ofiif salphisuu taate malee akka kiyyatti hin barbaachisu. Miseensi fi dhaabni qofti beeknan gahadha. Naamusi qabsoo akkasitti deemsifamus hin jirtu. Qabsoo keessatti qabsaa'aan afuura isaa dhokfatee qabsoo isaa geggeeffata, qabsichi immoo afaan baasee of himaa adeema. Qabsoo bara Fidaal Kaastiroo faa wabeeffachuu dhiifnee isuma as dhiyoo kan warra Afgaanistaanfaa wabeeffachuu dandeenya. Waggaa 20 guutuu qabsoo hadhaawaa geggeessanii injifannoon xumuratan, icciitiin injifannoo isaanii icciita riphee lo-ltummaa isaanii eeggatanii jala bu'anii hanga Kaabulitti fulla'an. Qabsaa'aan qabsoo irra jiru tokko galma qabsoo wallaaluun egeree qabsaa'ichaafis ta'e miiltoowwan isaatiif balaa guddaadha. Dhuguma milkaa'uu barbaadda taanan gad of deebisiiti hojii kee hojjedhu. Bilbilatu kan keeti malee wantoota ati bilbila keessa keessee itti fayyadamtu kan kee miti. Suuraa fi viidiyoo keetiin bilisummaa argamu homaa hin jiru.   Bilisummaa fi walabummaan gadi of deebisanii of abboomanii heeraa fi seeraaf bitamanii gatii baasuun argama. Akkan isinitti balleesse anuu beeka, egaa maalan godha kan bade kana caala! Booji'aa Caalii
نمایش همه...
Yeroo kamiyyuu caalaa ati faanaa namoomaa irra dhaabbattee mirga hireekeetii falmmachuu caalaa fuulaa waaqaatti waanti kabaajaa fi ulfina qabu hin jiru. Atis falmattee yoo oftaatee waankeerratti abbaa taatee yoo ajajjee addunyaanuu boquu gad qabattee kabajaa kaasuu guutuudhaan si safeeffatti. Hirreenkee waankee abboomee sun warra gabroomfataaf summiidha firaaf aanteekee sabakee isa si qanansiifatuuf ammoo gonfoo ulfinaati.Hireen sabakeetii namuusa namoomaa ati qabduun sabnikees fuula addunyaatti ittiin madaalama. Naamuusni ABO_WBO bakka bu'insaaf egereen uummata Oromoo keessatti ilaalamuudha, kanaaf Jaarmiyaan ABO_WBO akeekaaf kaayyoo isaa cinaatti naamusaa mirga namoomaas tolchee akka ija Addunyaatti toltutti tolfateen socho'a. #OROMIYAAN_BIYYA❗️🙏 Daandii D Jaallataa
نمایش همه...
Gootichi waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du'aa fi madoon adabuun meeshaalee hedduus irraa hiike. Irree fi gaachanni abdii sabaa WOB'n duula Irbuu Shinniggaan ergamtoota Abiy Ahimed irratti tarkaanfii guggubduu fi akkaan rifaasisaa fudhatuun injifannoo boonsaa galmeessu jabeessee itti fufe jira. ONM-ABO Waxabajjii 24,2024 abdii fi wanteen sabaa WBO'n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa haaraa Dareessa jedhamu keessatti kaleessa Waxabajjii 23,2024 galgala sa,a 11:00 irraa kaasuun lola ergamtoota murna bilxiginnaa waliin  halkan keessaa hanga sa,a 8:00tii taasisaa tureen waraana maafi'aa PP konkolaataa 10 maqaa  WBO balleessinaan dhufte irraa loltoota 18, battalatti ajjeesuun 25 madoo dandammii hin qabneen geggeesseera. Haleellaa Korommiiwwan Kaabaa WBO'n ergamtoota Abiy Ahimed irratti taasise kanaanis   Poolisii tokko jiraatti harkaan qabuun,  bireena tokko rasaasa bireenaa 200, qawwee AKM 5 rasaasa  AKM 300 waliin irraa hiikuun  moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii yoo taasisu. Kan hafte baaraguun reeffaa fi madoo ishee guurrachuun  humna dabalataa waammachaa jirti. Guutuu tarkaanfii kanaan walitti deebina. Lolli WOB'n Bilisummaa sabichaaf taasisu cimee itti fufa Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
نمایش همه...
ABO-WBOn haa waaruu !!! https://t.me/Dambaliiseanaa
نمایش همه...
01:09
Video unavailableShow in Telegram
3.61 MB
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.