cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Oro Art Gallery!

Mucucaachuu kootu qaxxisa tirachuu na barsiise! Koottaa waliin tirannaa! @sabo24

نمایش بیشتر
فنلندةزبان مشخص نشده استکتب
پست‌های تبلیغاتی
816
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
-630 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
نمایش همه...
Siin dagachuu hin dagadhu! Akka waan guutummaan koo, Siif qofaaf jedhamtee Murtee mataa kootitiin, Narratti erga muudamtee; Sababan aarsaa ta’ee, seeqakee arguuf abjootu Himachuun naatoo hin qabu, callisuuf obsa hin laatu! Bara guyyaan si kaasee, waa’een kee leellifamu; Owwaataa keen ture, isa dura bu’ee bakkakee waamamu! Maamilli siif baay’atee, yemmuu siif guggufan; Eegduu karra keen ture, isa karra banuuf karra itti cufan! Tariimmoo… Gaafa guyyaan sii miitee, waa’een kee hibboo taatu; Callisaa kee hin ta’u, isa siin dagachuu dagatu! Xiqqoo keessan! Feb 2, 2023 Finfinnee!
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Ilmi namaa hanga dachee kanarra jirutt dhugaarraa baqatee eessayyuu hin ga’u. Addunyaa irra jiraataniif nagaa lallabuun, nagaaf nageenyaaf jecha gad-jedhanii ususuun, gaafa dhugaan hawaasaa jal’ate immoo sagalee olkaasanii bookkisuun bilchina. Namoota akkanaatu dhugaa warra haqxi hanqaaqxeeti. @sabonart!
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
نمایش همه...
(Barreeffamni gadii kun, ittiin lixa kitaaba 'Sansakkaa Sakaalame' irraa fudhatame. Kutaa lamatti qoodameetu dhiyaachuuf jira. Itti dhiyaadhaa.)          #Kutaa1ffaa.... Nyaata malee hinjiraatani; kan hin nyaannes du’aadha…,lakki.…,ittuma didii nyaadhu siif wayya!” naan jedha gar-tokkeenkoo. Miirri dhageettiikoo silaa naannoon keessa jiraadhu qofaa osoo hintaane anaan dhageeffachuuttis duubatti hindeebi’uutii, yaada keessoo gar-tokkeekoo kana dhagahee afaan kaawwachuuf yoon hiixadhu, keessumtikoo “Nyaadhu,….nyaadhu….qalam godhi… guruc… liqimsi…kan daakamu daaki…mee afaan keessa naannessi …baraa’essis!” jedhee na haasofsiisaa turetu, “Sittaa hafu, akkas ta'aahoo gara afaan keetti hingeessin; harkakee mee ilaali gurbaa….hurgufamaa jirtaam, akka nama horii imaanaa nyaatee! Fuullikees baay'ee dukkanaa’uun fedhii nyaataa dhabuukee mirkaneessa” naan jedha. Nyaachuuf fedhiin dhabe; dhiisuufis, dhiisuun fedhii nyaataa naaf hindabalu. Fedhii ilaalee nyaata yoon balfes, nyaachuu garuu waanan dhiisu miti. Eeyyen, fedhii dhabee nyaata dhiisus, fedhii dhabuunkoo nyaata naaf hinta’u! Sa’a ibidda dhalten ta'e.…sa'a ibidda dhalte! Isheen gatuuf dhaladha, garaatu raafama. Hoosifachuufis ibiddadha, ni gubatti. Dhugummaa, “Nyaata malee hinjiraatani!” isa jedhu osoo hintaane, dirqama “Nyaachuu dhiisuu duubaan du’atu jira!” jedhu sodaadheen alalfadhee liqimsuuf yaale. Hammi bahu bahee kan liqimsituukoo gad darbummoo, tumannaa keemikaaloota garaachakoon iddoo dhufetti deebi'a. Hafteen bullaa'ee xuuxames, dhiigaan baatamee maashaakoo humneessee jabaataa na hingoone; sammuufis anniisaa ta'ee akkan ittiin hojjedhuuf na hinkakaafne; qaama miiraakoos hinmiireffachiifne. Gara dhabaa! Namoonni, “Maali, dhiqattee hinrirriittattuu? Fuullikee waanuma daaraa keessa oolchitee bulchitu fakkaata….daalachoo wayii!…harree firoomfattee?” naan jedhanii gorsa tuffiin makameen na dubbisu. Namni isaas maaltu isa dhibee? Kan itti tole daalachaa’aanuu bifa hora. “Biyyi itti tollaan kurupheenuu lakkuu dhalti!” jedhahoo mammaakaan. Nattimmoo hintolleefi. Ani nan jaaladhee fuula kanan badu? “Jaalatanii hingodoomani Waaqatu bedengerree nama uuma!” isa jedhamu namni maaf dagatee? “Nama biraa waa’eekoo maaltu dhibee?” Kunis of jajjabeessuumaaf malee, kaka’umsa keessakoon miti. Kanaaf ta’uu hinhafu, kan ani jechama waa’ee fuulakoo mirkaneeffachuuf dhamaatii eegale. Dhugummaa naan jedhanii ilaaluuf, fuullee fuulakoo duratti qabee yoon keessatti of ilaalu, ijakoo fuullee sanaa keessatti fuullichuman arge. “Ekkekkee …bada abbaa na dhalchee! …natu fuullee keessatti of ilaalemoo fuulleetu ijakoo keessatti of ilaalee?” jechaa, fuullee ofirraa darbadheen gara fuulakootti deebi'e. Bishaan qorraa bulluqsee ho'aammoo qorrisiisuun, dhiqxee baastuu (saamunaa) gosa garagaraan fuulakoo dhiqachuufan of mari’adhe. Bishaan qorraa argachuuf tabba bu'ee hinbaane; garuu qorraa ho’isuun yeroofi humna na gaafate. Kanaafis, anniisaa ho’aa bishaan kana ho’isu hin arganne; argamus, qodaan irratti bulluqu natti dhihoo hinjiru. Kanaaf, dhagaa soofee batteesseen, bishaan dirra isaarratti naqeen aduu keessa kaa’e. Dhagaan kunis, hamma unatu unatee hamma nan geenye naaf hambise. Kan hafte kanaan hangan danda’u ofan dhiqe, fuulichakoo! #Kutaa 2ffaadhaan itti fufa.~>>>>> @Orobook
نمایش همه...
#Kutaa 2ffaa Eddan dhiqadheefi osoo hindhiqatiin dura, ani ofirraa garaagarummaa tokko nan dhabe. Dhiqadhee boodas of hinjaalanne, ofitti hin urgoofne…ofittis cululuqee, ‘anaa duraafi kan ammaa” jedhee adda adda hinbaafne. Ta'us, akka duraanii namoonni quba natti hinqabani. “Dhiqadhee dibadhee natti hintolu; yoon dhiises natti hinbadu yoo ta'e, maaliifan bishaan mooyyeetti naqee tumuuf yaalaa…maaliifis dhagaa batteessuuf harkaa dhiigaa?” Kun, gaaffii keessakoo iddoo lamaafi isaa olitti hirame sanaan waliif dhiyaatudha. “Dhagnakootu immoo uffata haaraa ofirraa dhabe ta'uu hinhafuu laata?” Shakkii kanaan, moofaa narratti bara lakkaawwate ofirraa baaseen, haaraa kan nama biraa ergifadheen uffadhe. Uffanni haaraan kun, keessakoo haaressee hin argamne, ani ammallee akkuma duraaniiti! Ta’us, ofiif garaa hinkutanne. Kun hundi maaliif akka ta’aa jiru baruuf…bira gahuuf…sakatta’ee baasuuf…madda rakkoo baruuf, ifaajakoo adda hinkutne. “Ahaa kanaaf ta’uun hafu.….kamiif? …. namummaakoo isa callisaa kanakaa! Mee yoon dubbadhe naaf wayyaa laati?….eeyyen, gadi fuudhii haasa’i Aabboo! Maaliif ukkaamamta?” Akkanaan jechoota qindeeffadhee, arrabakoos qaradheen namuman argetti, kan taa'u faana taa'ee, kan deemummoo duubaan tuttuqee, “Obboleesso...o..o…obboleetti, mee dhaaphu” jechuun faana dhaapheen odeessuuttan ka'e. “Silaa dubbattee dubbiin sirraa hinbareeduuti, maal taate yaa ilma abbaa abaluu? Safuu haadhakoo...tuu!” jedhee xiqqaaf guddaan harkasaa waliin rurrukuchaa waan natti kolfun se'uu jalqabe. Kanaafuu, dubbachuus ta'e callisuu nan dhiise. Ofis ta’ee ofitti jijjiiree wanti naaf jijjiirame hinjiru. Ilkaankoo kolfaan wal oode, qaamnikoos kan duriirra of jibbe, fuuldurrikoo hurrii duumessaan haguugame. Kun hundi, ‘Yaa carraakoo!’ akkan jedhu na godhu. Baalleef qolli ijakootii, "Sirraa hinkaanu! Maalitti baataa?" waanuma jedhanii ijakoorraa olka'uu didan fakkaatu, akka waan shira xaxuu tokkoo! Nan fiigaaf kaachuukoo yoon eegale, iddooman eegalen jira, akka fiigicha abjuu keessaa. Abjuu! Hiixannaafi dhowwannaa abjuu san ta’e, jiruunkoo! Guyyoonni ani har’aan dura gaddaan dabarse baay’ee natti dhiyaatanii mul’atu. Kan na gaddisiisu hedduu yaadadheen, kan na gammachiisu xiqqumayyuu nan dagadhe. “Yaadachuu yaadadheen irraanfachuu dagadhe!” isa jedhan sana ta’e dubbiin. Namummaan ilma namaa, haalli nyaataafi dhugaatii, uffannaa, dubbannaafi kanneen akkasii biroon sansakkaa jedhamanii beekaman anaafillee kunneen sansakka; anisoo namaa! Haalota kana jijjiiree wanti jijjiirame dhibuun, kun hundi (Sansakkikoo) sakaalame (qabame,…hidhame) jechuudha!...SANSAKKAA SAKAALAME! Guyyaan dhufinnaa laata? Guyyaan akkamii? Yommuutti sansakkaan sakaalame hiikamee, sokoksaan suksuka isaa dhagahamu? Anaa mooji! ●Sansakkaan Sakaalame akkanaan imala eegala. Imalasaa guutuu argachuuf, kitaabichi gabaarra jira. Dubbisa gaarii! Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa! ©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022 @Orobook
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.