cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Urgooftuu Naardos Wed.1:12

Naardos jechuun Urgooftuu jechuudhaa. Anis Isiinis akka urgooftuu naardosittii urgaa’aa. Wed,1:12 Wed 4:14 fi yoh 12:3 Mar.14:3 Kaayyoon channeli Naardos sagalee Waaqayyo isaa jiraata kan wal dhageessisuudhaafi wal barsiisuudha. @Naardos jettanii arga

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
158
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

(Abjuu Mukkeen Sadii) #Repost Muka sadiitu ture. Lama kan dhaabbatan yoo ta'u tokko garuu jigee jira. Guyyoota jiran keessaa guyyaa tokko mukkeen kunneen abjuu jireenyaa isaanii (hawwii isaanii waliitti himatu turani. Mukni inni tokko akkas jedha, "Ani saaxinii ( cuftuu) ta'ee waan qaalii (mi'aahaa) addunyaa akka narra taa'u hawwii kooti "jedha. Inni lammaffaa immoo akkas jedha, " Ani doonii ta'ee, mootonni addunyaa akka narra taa'anii imalan nan barbaada "jedha. Inni sadafaas harkaa fuudhuun," Ani immoo qoricha ta'een nama baay'ee yoon fayyise kanaa ol homaa hin barbaadu "jedha. Sadanuu hawwii isaanii walitti himanii yeroo fixan warreen muka muran dhufani. Muka jigee sana fudhatanii deemani. Innis saaxinii ta'uun hawwii isaa yoo ta'ellee soofanii meeshaa horiin irratti nyaatu godhani. Isa lammaffaas dhufanii kutuun bidiruuf oolfatani. Hawwiin Doonii ta'uu jalaa hafe. Mukkeen lamaanuu hin aarani. Hawwiin isaanii kan jalaa hafe isaanitti fakkaate. Mukni inni sadaffaas tajaajila kamiifuu ooluu dadhabuun isaa baay'ee isa aarse. Waggoota muraasa booda, Kiristoos Yesuus gara biyya lafaa dhufa. Bakki Beeteleheem wan hin, jirreef dallaa horii keessatti dhalate. Haati isaa Maariyaam meeshaa horiin nyaata itti nyaatan irra martee isa keesse. Waan qaalii (mi'aahaa addunyaa kanaa irra akka taa'u kan hawwaa ture mukni kun qaalii fi mi'aahaa kan tale Kiristoos irra taale. Gooftaa Yesuus barsiisuuf yeroo deemuu bidiruutiin deeme. Bidiruun sun mootiin addunyaa akka narra taa'u muka nan barbaada jedhe dha. Mootiin moototaa irra taa'uun ittin imale. Hawwiin isaas galma gahe. Gooftaan keenyi Yesuus Kiristoos akka fannifamuuf yeroo itti faradame muka isa sadaffaa kutanii fiduun Kiristoosiin itti fannisani. Nama baay'eef qoricha ta'uun barbaada mukni jedhes hawwiin isaas galma gahee fannoo ta'uun fayyisaa fi qoricha kan ta'e Yesuus Kiristoosiin itti fannifamee nama hundaaf qoricha ta'e. Mukkeen sadanuu abjuun ykn hawwiin isaanii kan hafe yoo fakkaatellee, Waaqayyoo isa yaadan ol godheefi jira. Yaa saba gooftaa unuufis unu caalaa kan nuuf yaadu jira gooftaan. Waan abdii nama kutachiisu yoo baay'atellee yeroo hundumaa isaan abdii fi amantii guutuun isa eeguu akka dandeenyu nu haa gargaaru. #Ameen!#Eebbifamaa ━━━━━━━━━━ ➤ Join 🔺in🔺 ᔑᕼᗩᖇᗴ📖 ᔑᕼᗩᖇᗴ 🔻in🔻 ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ @Kaayyookoo @Kaayyookoo @Kaayyookoo 𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐦𝐲 𝐅𝐫𝐢𝐞𝐧𝐝𝐬 Comment: @Laabiwaangela_bot ┗━━━━━💞━━━━━┛
نمایش همه...
Waaqayyo inni bara baraa kun iddoo jireenya keetii ti; irreen bara baraas isa jala jira, inni diinota kee si duraa in oofa, ‘Isaan balleessis!’ in jedha*; Israa'el kophaa isaa bir'aa malee in jiraata, sanyiin Yaaqoobis, biyya midhaanii fi daadhii waynii baasu keessa, biyya waaqni fixeensa gad itti coccophsu keessas nagaatti in taa'a*. Yaa Israa'el, ati gammadi! Eenyu sabni akka kee Waaqayyo oolche? Gaachannii kee fi gargaarsi kee isa; billaan kee inni ulfina-qabeessis, diinonni kee si dura in quphanu, ati immoo iddoo isaanii isa ol jedhaa irra in ejjetta” jedhe*. Seera Keessa Deebii 33:27-29 ❤❤❤@Naardos❤️❤️❤️ ❤❤❤@Naardos❤️❤️❤️
نمایش همه...
:10 ; 1Tas 1:10 ; 2Tas 1:6-8 -Yeroo fiingeen afuufamu waldaan kristaanaa ni butamti. 1Tas 4:15-16 ; Luq 17:34 2Qor 12:2-6 ; Ibr 11:16 ; Yoh 11:31 NAMOOTNI BUTAMAN EENYU FAI? """""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" _Gooftaa dammaqanii kan eegan. _Jireenya qajeelaa kan jiraatan _Waaqayyoo fi waldaa kristaanaaf kan abboomaman. 1Phex 1:13-16 _Warri duaa kaans utuu lubbuudhaan jiranii gooftaa kan qabanidha. Mul 14:13 SABABA GOOFTAAN AKKA TASAATTI DHUFUU:- """"""""""""""" """""""""""" =Ija isaanii fi yaada isaanii namootni waan xiqqoo irratti waan hidhaniif. 1Tas 5:2-3 ; Mat 24:36-39 =Hara waan ittiin jiraachuuf hojjetanii argatan wabii waan isaaniif tau itti fakkaatee waan abdataniif. Mar 10:17 =Raajiin waaee kanaaf dubbatame waan jiruuf. 1Tas 5:2 ; Mul 22:7-12 AMANTOOTNI MAAL GOCHUU QABNA? A) Qophoofnee eeguu qabna. Mat 24:6-13 ; Luq 12:39-40 ; Mat 24:44 B) Dammaquu qabna. 1Tas 5:6 Mul 16:15 C) Dhimminee eeggachuu qabna. Mar 13:37 D) Jireenya toora ykn naamusa qabu jiraachuu qabna. E) Of bituu fi qixatti jiraachuu beekuu qabna. 1Tas 5:8 SIRNA YEROO OL BUTAMUU """""""""""""""""""""""""""""""""" ::Qulqullootatu qilleensa irratti gooftaa simata. 1Tas 4:17 ::Duaa kauu isa duraatu taa. Mul 1:20 ::Hirmaattuu ulfina isaatii taana. Rom 8:28-30 Waldaan kristaanaa yeroo ol butamtu wanta lama (2) tu taaaf :-Cidha hoolichaatti hirmaatti. Mul 19:5-8 Ibr 12:23 :-Gatii hojii isheetii badhaasa fudhatti. 2Qor 5:10 1Qor 3:8 Mul 19:9,22:14 Obboleessako obboleettiiko ammayyuu obsaan dubbisi. Waaqayyo si haa eebbisu! Warri tajaajila bua qabeessa hin laanne akka nama manni isaa jalaa gubatee qabeenyi isaa jalaa dhumee lubbuun isaa qofti hafeetti ilaalama. Hojiin namaa yeroo ibiddaan ilaalamu yoo hojiin isaa gubate iyyuu lubbuun isaa jireenya bara baraa in dhaalti. Rom 8:1 1Qor 3:12-14 Yeroon ol butamuu yeroo itti amantootni fuula yesus duratti dhihaatanii gatii isaanii fudhataniidha malee yeroo itti ifataman miti. Kanaafuu ol butamnaan ati bara baraan ni jiraatta. Sirriitti hubannaan dubbisi! # Dhoksaatti_dhufuu_fi_mullinatti_dhufuu_Yesus_ gidduu_waggaa_t orba_ (7)_tu_jira. Waggaa torba(7) jechuun # Sabaa_Subaa ee (torban torbaatamaffaa) jechuudha. -Waaee # sabaa_subaa ee ilaalchisee yaadota adda addaatu jira. @Namootni tokko tokko "subaaee jaatamii sagal(69) keessa jirra" jedhu. @Warri kaan immoo "subaaeen 69 dhumee bara waldaa kristaanaa keessa jirra" jedhu. @Warri kaan immoo, "torban torbaatamaffaan raawwateera" jedhu. @Nuti kana keessaa kan fudhannu "bara waldaa kiristaanaa keessa jirra" isa jedhudha. Subaaee tokko (1) jechuun waggaa torba (7) jechuudha. Dan 9:24-27 = Ijaaramuu dallaa yerusaalemii kaasee (eegalee) hanga ajjeefamuu masichaatti waggaa dhibba afuriif saddeettamii sadii (483) subaaeen 69 darbeera jechuudha. =Kristoos ajjeefamuu fi duuu isaatiin barri waldaa kristaanaa gidduu galuu isaatiin torbeen sun gargar citee ture. Mat 21:43 Erg 15:14 =Subaaeen tokko waggaa torba waan taeef hanga Yesus duetti subaaee 69 tu dhume. 7x69=483 taa. :-Waldaan erga ol butamtee booda subaaee tokko ykn waggaa 7 tu itti fufa. :-Yeroon kun yeroo gidiraa isa guddaa jedhama. Dan 12:1 :-Yeroo gidiraan inni guddaan xumuramu subaaee 70ffaa ykn waggaa 490 jedhama. 7x70=490 taa. :-Waggaa 490 booda bara mootummaa waggaa 1000 jedhama. 483/7=69 490/7=70 Waggaa 483 hanga 490 tti..... @jireenyahaaraa @jireenyahaaraa @jireenyahaaraa itti fufa
نمایش همه...
KUTAA 2FFAA """"""""""""""""" SIOOL YKN GAANNAM """""""""""""""""""""""""""" =Lamaan isaaniiyyuu boolla. -Siool, afaan Ibraayisxiitti # itti_gatamuu ykn # boolla jedhama. Siool ykn boolla kan jedhu: >kakuu moofaa keessatti yeroo jaatamii shan (65) tuqame. >kakuu haaraa keessatti yeroo kudha tokko (11) tuqame. *Siool lafa cubbamootni itti gatamani dha. Luq 16:19 *Siool, afaan Ibirootaatti # Innoom jedhama. Hikkaan isaa dachaa ykn boolla qilillee jechuu dha. Mar 9:43 *Siool, faallaa jireenya barabaraati. Mat 18:8-9 Kakuu haaraatti adabbiin barabaraa akkaataa adda addaatiin ibsameera. °Dhukkuba jedhameera. Yih 6 ; Mat 25 ; 2Phex 2:17 °Badiisaaf iddoo waaqayyo irraa adda bae jedhameera. 2Tas 1:9 ; Mat 7:21-23 =Lubbuun namaa bakka lama akka isheen dhaqxu macaafni ni dubbata. Innis Gara Jannataa fi Gara Siool. Luq 16:19 « JIRAATTOTA SIOOL """""""""""""""""""""""""""" :-Lubbuuwwan hin fayyine Mat 22:11 :-Ergamoota seexanaa 2Phex 2:4 :-Bakka jireenya Diyaabiloos Mat 25:41 ; Mul 20:10 « WARRI SIOOL KEESSA JIRAATAN """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""" ~Aasauu ni dandau. Luq 16:19 ~Waan darbe yaadachuu ni dandau. ~Dhagauu ni dandau SIOOL EESSA JIRA? ============= :-Siool, garaa lafaa keessa jira. 1Phex 3:19-21 ; Hisq 32:18-21 :-Warri # si ool keessaa firdiif ni kau.Namni cubbamaan erga itti faradamee gara # gaannam dhaqa. Hub :- Dhufee dhalachuun yesus afa- """""" an Grikiitti # Inkoojiintoo jedhama. :-Inni inni lammata deebiee dhufuuf nu abdachiise immoo # Puuriisiyaa jedhama. DEEBIEE DHUFUU YESUS KRISTOOS """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Dhufaatiin kristoos isa olaanaa abdii amantootaati. Mul 3:11 Dhufaan Yesuus handhuura abdii keenyaati LAMMAFFAA DEEBIEE DUFUU Yesus """""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" *Barri dhumaa kan inni irratti xiyyeeffatu 2ffaa deebiee dhufuu isaa irratti. *Dhufaatiin Gooftaa inni 2ffaan yeroo duuti itti xumuramudha. *Duatu golgoleeffama. 1Qor 15:26,54 « LAMMAFFAA DEEBIEE DHUFUU ISAA F I RAGAALEE MACAAFA QULQULU """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Yoh 1:45 =Ofii isaatii deebiee akka dhufu dubbateera Yoh 14:2-3 =Ergamootni dubbataniiru. Mul 1:7 =Lallabameera. 1:11 :-Yesus yeroo duuuf kae 2ffaa deebieen isin fudhadha jedhee bartoota abdachiiseera. Yoh 14:3,28 :-Phaawulos, Yesus ajaja guddaa dhaan samii irraa akka gadi buu dubbateera. 1Tas 4:16 Yoh 21:22 :"Ilmi namaa duumessa waaqa irraatiin yeroo dhufu in argitu" kan jedhu caafamee jira. Mat 24:30 ; Mul 1:7 AMALA DHUFAATII GOOFTAA """""""""""""""""""""""""""""""""""" # Gooftaan , maal fakkaatee dhufa? Akkamittis dhufa? ::Isumatu utuu hin jijjiiramin dhufa. ::Utuu arganii dhufa. Mat 24:30-31 ::Ulfina abbaa isaatiin dhufa. Mat 25:31 ::Mootii moototaa taee dhufa. Mul 19:16 «««««««««««««««««««««««««««««««««« »»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»» MILIKKITA DHUFAATII ISAA """""""""""""""""""""""""""""""""" ®Sochiin lafaa iddoo addaaddaatti tauu. Luq 21:11 ®Amantoota irra rakkinni gahuu. ®Ejjummaa fi halalummaan akkuma bara Nohii fi Looxiin baayachuu. Luq 17:26-30 ; Mat 24:36 ; 2Phex 2:7 ®Baayina dhiphuu irraa kan kae gufachuu amantootaa ®Waaee Yesusiif biyya llafaatti jibbamuu. Mat 24:9 ; Mar 13:5-13 ®Raajonni sobduun baayinaan kauu Mat 24:11 ®Ammeenyi biyya lafaa fi Waldaa Kristaanaa keessaa baayachuu. His 6:10 ; 2Xim 3:1-6 ®Wangeelli biyya lafaa irratti lallabamuu. Mat 24:14 ®Baayeen "ani Kristoosi" jedhanii kauu. Mat 24:23-28 ®Lolaa fi oduun lolaa dhagaamuu. Mat 24:6 ®Sabni saba irratti, mootummaan mootummaa irratti kauu. Mat 24:7 ®Namootni akka mataa isaaniitti deddeebiuun dhugaa irratti qoosuu. ®Itti fakkeessuun kan deddeebian baayinaan mulchuu. Mat 25:1-13 ®Jaalalli namoota keessaa qabbanaauu. Mat 25:12.. itti fufaa.............. KUTAA 3FFAA =Bifti dhufaatii yesuu bakka lama (2) tti qoodama. 1) Dhoksaatti dhufuu 2) Mulinatti dhufuu :-Dhoksaatti eenyuuf dhufaa? Mul 19:7-9 -Waldaa kristaanaaf dhufa. 1Tas 4:16-17 ; 2Tas 1:7-10 :-Maalif dhoksaatti dhufa? _Waldaa kristaanaa ishee dhiiga isaan bitamte gara isaatti sassaabuuf 1Qor 15:51-52 ; Yoh 14:3 ; Tito 2:13 ; Mul 3:10 -Gidiraa jalaa baasuudhaaf dhufa. 2P hex 2:9 ; Mul 3
نمایش همه...
Barnoota_bara_dhumaa KUTAA 1ffaa ««««««««««« Rom 8:8-25 Bara dhumaa jechuun bara booddee jechuudha. 1Qor15:24-28 BARRI DHUMAA YOOM JALQABEE? """"""""""""""""""""""""""" °Dhalachuu Yesus irraa kaaseeti. Gal 4:4 ; Ibr 1:2 *Biyyi lafaa jalqabaaf dhuma qabdi. Kanaafuu amma bara dhumaa keessa jirrnaa BARA DHUMAATIIF BUUURA KAN TAE MAALI? """"""""""""""" """""""""" =Kristoos jalqaba dhuma biyya lafaatti dhufe. =Bara dhumaa kanattis namootaaf due =Bara dhumaa kanattis hafuurri qulqulluun bue. Yoel 2:5 ; Erg 2:16-18 =Bara dhumaa kanattis waldaan kristaanaa hundeeffamte.Erg 2:1 WANTOOTA IJOO BARA DHUMAA """""""""""""""""""""""""""""""""""""""" :: Duuu fi duaa kauu -Duuti, namni tokko jireenya biyya lafaa irraa qabu yeroo itti raawwatu dha. Uum 3:14-19 , 7:22 -Jechi dua jedhu adda adda bauu kan agarsiisudha. -Dua kan fide irra daddarbaa namootaati. -Duuti eenyuuf kan hin hafne dha. GOSOOTA DUAA " Duuti bakka sadii (3) tti qoodama. #1) Dua foonii Yay 2:26 """"""""""""""" """""""""""" Dua foonii jechuun fooniif lubbuun gargar bauudha. #2) Dua hafuuraa """""""""""""""""""" Dua hafuuraa jechuun immoo utuu jiranii waaqayyoottii adda bauudha. Efe 4:16 #3) Dua bara baraa ykn dua 2ffaa """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Duuti bara baraa isa lubbuun waaqayyoon hin beekne bara baraan dhiphatu dha.Mul 21:8 «««««««««««««««««««««««««««««««««« SABABA DUAA """"""""""""""""""" -Sababni duaa cubbuu dha. 1Qor 5:12 Waan kanaan gadii hubannoodhaan dubbisi. JIREENYA EENYUMMAA GIDDU GALEESSAA """"""""""""""" <> Qaamaan duuu fi duaa kauu gidduu kan jiru dha. <>Sagaleen waaqayyoo waaee eenyummaa giddu galeessaa ni ibsa Luq 16:19-21 ;Mul 6:9-11 ; Lal 12:7 <> Qaamaan duuun booda jiraachuun akka jiru mirkaneessa. Luq 16:19-21 ; 2Qor 5:8 ; Filp 1:21-23 ; Luq 23:42-43 ; Mat 10:28 ; Mul 6:9-11 ; Lal 12:7 <> Gooftaan namicha isaa wajjin fannifameen «hara naa wajjin jannatatti galta» jechee itti himuun isaa, adeemsi jiraachuu itti fufee jiraachuu isaa ibsa. 2Qor 12:2-6 <> Fooniif lubbuun erga gargar baanii booddee , Carraan lubbuu namaa maal ta`a? Kan jedhu irratti ilaalchonni baayyeen ni calaqqisu. -Aanaa baabtistii kan jedhaman «Yeroo maalummaa giddu galeessaatti lubbuun sillimii keessa jirti» jedhu. -Warri Roomaa Kaatolikii imm oo «kan warra amananii kallattiidhaan gara gooftaa deemti» jedhu. Kan warra hin amaninii immoo piroograatoorii keessatti walitti qabamti» jedhu. -Warri guyyaa 7ffaa (Adiveentistii) immoo «Kan warra amananiis, kan warra hin amannees kan hin dammaqne dha» jedhu. -«lubbuun in baddi malee hin jiraattu» kan jedhanis jiru. :-Lubbuun namaa hin baddu, ofis hin jijjiirtu itti fuftee jiraatti. Yoh 5:28 ; Erg 2:27 ; Yoh 3:16 Jannata keessa jiraatti. Luq 16:19-31 ; Filp 1:20-21 Gooftaa wajjin jiraatti. Filp 1:23 Ofis, namas beektee jiraatti. Luq 16:19-31 itti fufaa......... 👇👇👇👇👇👇👇 @jireenyahaaraa @jireenyahaaraa @jireenyahaaraa @jireenyahaaraa 👆👆👆👆👆👆
نمایش همه...
Raajii Elsaayii fi Garboolee! ======================== Guyyaa tokko raajiin Garboolee bara dargaggummaa isaanii wangeela tajaajilaanii osoo miilaan lafa fagoo adeemaa jiranii dubaroota mi'a fardatti fe'anii gara manatti adeemaniin walitti dhufan. Maaloo daandiin nuyi deemnu baay'ee fagoo waan ta'eef maaloo qarshii 20'n boorsaa koo kana faradoo irratti naaf qaba jedheen. Dubaroonni kunis dargaggoo dhaaba bareedu kana arganii tole jechuun erga itti fe'aniifii booda qarshii 50 kaffalta jedhaniin. Innis deebisee lakki ani qarshii 20 qofan qaba, yoo diddan immoo mi'a koo irraa naaf buusaa jedheen. Isaaniis takka erga fagaatanii booda bosona guddatti dhufan. Dubaroonni kunis walii galanii asiif achi erga nama ilaalanii Garboolee dura goran. Yookan qarshi 50 kaffali yookan immoo nu lamaan keessaa nama bareedu filadhuutii wajjiin bosona kana keessa ciisi jedhaniin. Innis lakki ani nama bultoo qabu waan ta'eef waan akkasii hin godhu jedheen. Jarris cimsanii qaban. Achumaan raajichi waa'ee Elsaayi isaanitti hime. Nama nagaa osoo karaa darbaa jiruu moluu jedhanii itti ga'iisan. Namni Waaqayyoos dheekkamsan jara abaare. Isaan keessas namni 42 ni du'an. Kanaafuu, isinis nan dhiiftan taanaan kannisan isinitti waama jedheen. Jarris hanga garaan dhukubutti erga kolfanii mee maal akka fiddu ilaalla jedhaniin. Innis yaa kanniisota koottaa dubaroota kana hiddaa jedhee ofii mukarratti ba'e. Battalumatti kanniisoni 4,dhufanii dubarootarra marsan. Innis kanneen biraa dabaladhaatii baay'adhaa, hiddas jedhe. Kannisonnis baay'inaan dhufanii jara hiddan. Iyyanii maaloo yaa namichoo dhumne jedhan. Inni garuu isaan dhiisee sokke. Fardeen ba'ichas jijjigsanii bishaanitti nam'anii du'an. Garbooleenis boorsaa isaa fudhatee qajeele. Karattis konkolaataa dhaabanii fi tola gara manasaatti gale. Dubarootni sun fuulli bobbokokee gargaarsa namaan gara manaa adeeman. Eenyu namichi kana godhe jedhanii barbaadanis Garboolee argachuu hin dandeenye. Egaa namoonni baroota keessatti Waaqayyoof of kennanii jiraatan hojii akkasii hojjetu. Ulfina Waaqayyoof kan kennu kunoo goofticbi akkanatti wajjiin hojjeta. Barri itti hattoonnii fi yeyyoonii itti godaananiis as dhiyoodha. Madda: Kitaaba Qilxuu Dhagaarratti Biqile jedhuu Channel ilma namaa jedhuu kanaa hiriyyota keef ergii @ilmanamaa @ilmanamaa @ilmanamaa
نمایش همه...
seenaa wareegamtoota Abboota Amantii. 1)Barnaabaas:-ibbiddaan gubamee du'ee. 2)Vitaalaas:- fayyaatti awwaalamee du'ee. 3)Lugaas:-mukaa ejersaatti fannifamee du'ee. 4)maatiyaas:-in fannifamee,dhagaadhan fannoorrattii reebamee,qottoodhan mormattii fannoorrattii citee obbaaffatee. 5)Yihudaa Alfeewos:-ulleedhaan hammaa du'aatti reebamee obbaafatee. 6)Yaaqob Alfeewos:-gamoo mana qulqullummarraa gad- darbatamee miillisaa lamaan ergaa cabee ulleedhaan reebamee du'ee. 8)Barteelemoos:-ni reeban, gadi garagaalchanii fannisàan,fannoorratti osoo lubbuutti jiruu gogaa irraa baasani qottoon mormaatti kutaan. 9) Indiriyaas:- halkaan sadiif guyyaa sadii fannoorra oluudhaan du'ee. 10) Filiphoos:-mataa isaa fannootti hidhaani ,dhagaadhan fannoorratti reebani ajjeesan. 11)Yaaqob Zabdeewos:-mana hidhaa keessatti mormattii citee du'ee. 12)Phaawuloos:-mormaatti cituudhan du'ee. @ilmanamaa 13)Toomaas:-Allaanga sibilaa dimmeeffameen ergaa reebamee Zaayitaa danfee keessa buusun cinnaachasa Eboodhaan waraananii ajjeessan. 14)Simoon Alfeewoos:- fannifamee du'ee. 15)mariqoos:- lafarraa goototamee du'ee. 15)maatiwoos:-Akka fannifameetti lafatti waaqaranii mormaatti kutaan. Egaan yaa obboolataa ko nuhii qabsoo lubbuun lallabuu miti jireenyi keenya kristoosin lallabaa jiraa. nuhii garuu kristoos isaa fannifameen in lallabna, in labsinaa,dhugaa baana,aarsaa taanaa ,in deemna hangaa Adaaraa lafaattii Ameen... seenaa bartoota kanattiin wallitti deebinaa. Abbonni amantii wangeelaf jedhanii dhigaa isanii akka dhibayyutti dhangalaasani(×2) Qosaatti mitii kan waangeelli nuu biraan ga'amee Dhaamasuu guddadhan gaatituu itti baafamee(×2) @ilmanamaa @ilmanamaa
نمایش همه...
Dhuga Ba'umsa #Raajii Garboolee Hirpha Yeroo tokko Raajiin Garboolee maatii isaaniitiin mee gaaffii barbaaddan na gaafadhaa jedhaniiniin. Maatiin isaaniis deebisanii waan fedha keenyaa gaafachuun nuuf ni heeyyamamaa jedhaniiniin. Deebiinis raajichaas ni danda'amaadha. Gaaffii jalqabaa kan dhiyeesse muchaa angafaa kan taate Kennaadha. Ani shurraaba dhayuu jalqabee sababii fo'aan na jalaa dhumeef hojicha dhaabeera. Kanaafuu ammatti qarshii 180 na barbaachisa jette. Haati warraa isaanis xaafiin manaa dhumeera gatii ittiin bitu hin qabu waan ta'eef qarshii naaf kenni jedhan. Hunduu gaaffii dhuunfaa isaa dhiyeesse. Raajichis gaaffii keessan xumurtanii jedhanii maatii gaafatan. Hunduu eeyyeen jedhaniiniin deebisaniif. Raajiin Garboolee manaa gad ba'anii baala bargamoo funaananii fidan. Akka gaaffii gaafatamaniittis baalicha lakkaa'anii kennuufii yemmuu jalqaban ijoolleen isaanii maaliif nutti qoosta ? Nuti qarshii si gaafanne malee baala nuuf kenni hin jenne jedhaniiniin. Yeroo kana haati manaa isaanii dhimmicha gidduu galuun waanuma isaan isiniif Kennan fudhadhaa malee hin didiinaa jechuun ijoolleetti himan. Kunis sababii amantii raajiichi Waaqayyoottii qaban beekaniifi. Ijoolleenis tole jedhanii baalicha kennameef lakkaa'anii fudhatan. Achiis raajichi keessa isaaniitti yaa gooftaa ana hin qaanessiin, deebiinis ammuma ariifatee haa dhufu jedhan. Mee Adaaneech dhimma kanarratti Waaqayyoon nuuf kadhadhu jedhaniin. Isheenis kadhannaa yoo jalqabdu balballi isaanii rurrukatamuu eegale. Namarra Waaqayyo ulfina qabeessa waan ta'eef kadhata ishee xumurtee balballi yoo banamu namoonni sadi dhaabbatanii jiru. Inni tokko jara lamaanitti mana agarsiisuuf dhufe. Warri lamaan ol galanii mana taa'an. Manni hundinuu foolii baala bargamoon guutameera. Jarreenis nuti ergamnee waan dhufneef waan fidnee dhufne nurraa fuudhaa jedhan. Jarris raajicha arguu isaaniitti guddaa gammadanii kadhataa gabaabaa erga godhaniin booda nagaa itti dhaamanii sokkan. Waanti isaanii fidan hiikamee yemmuu ilaalamu deebii kadhannaa isaaniiti. Qarshii dhufe sanas raajichi hundumaaf akka gaaffii isaaniitti hiraniif. Kan irraa hafeen gatii gejjibaaf hambifatanii tajaajilatti sokkan. Egaa qajeelonni amantiin jiraatu kan jedhame dhuga akka ta'eef dhuga ba'umsi kun ragaadha. Kan amaneef waanti hundinuu ni danda'ama. Eebba argadhaa!! #Barnoota edduu argachuuf channel #ilma_namaa jedhuu akka hordofuu hirriyya kee afferii!! @ilmanamaa @ilmanamaa @ilmanamaa
نمایش همه...
“Waaqayyo gooftaan biiftuu dha, gaachanas; inni ayyaana, ulfinas in kenna; gooftichi wanta gaarii ta'e warra balleessaa malee deddeebi'an duraa hin hambisu.” — Far. 84:11
نمایش همه...
MADAA--MADAA FAYYISU •••••••••••••••••••••••••••••••• 1. Lubbuun dirree waraanaa ti; yoo foonni jireenya namaa dhuunfate, hafuurri namichaa callisuudhaan akka du'aatti guyyaa foon keessaa itti baatu eeggatti. 2. Gonfoon qoraattii irraa hojjetamee mataa Yesusitti kaa'ame kan mul'isu mallattoo cubbuu fi abaarsaa yoo ta'u, innis Yesus Kristos cubbuu fi abaarsa keenya ofitti fudhatee qullaa ta'uudhaan araara nutti argisiise. 3. Dubbiiwwan jajjaboo Yesus fannoo irratti dubbate: a) Elii Elii Lamaa sabaktanii... Mat 27:46 b) Yaa abbaa waan godhan hin beekanii isaaniif dhiisi.... Luq 23:34 c) Dhuguman sitti hima har'a anaa wajjin jannata keessatti in argamta....Luq 23:43 d) Yaa abbaa koo hafuura koo harka keettan kennadha...Luq 23:46 e) Haadha koo ilaa ilma kee...Yohaannisiin immoo "Ilaa haadha kee"...Yoh 19:26-27 f) Nan dheebodhe...Yoh 10:28 g) Fiixaan ba'eera...Yoh 19:30 4. Yesus fannoo irratti du'ee karaa afur madeeffame: - Qaama Isaa yeroo reeban - Gonfoo qoraattii mataa Isaa irraatiin - Cinaacha Isaa eeboon waraanan - Mismaaraan harkaa fi miilli Isaa mukatti waqaramuun 5. Madaa'uun Yesus Kristos fayyina keenya foonii fi hafuuraa ti. 6. Wangeelli Yesus Kristos Ofuma Isaatii fayyina, fiixaan ba'iinsa, madda duroomina keenyaa, bilisa ba'uu, milkaa'ina, eebba, haara'umsa, kallattii hundaan cabsanii ba'uu fi nagaa keenya dha. 7. Seexanni akka Yesus du'u waan hin barbaanneef namoota adda addaatti gargaaramee daandii sanaaf dhorkaa ka'aa ture; sababni isaa humna du'uu Yesusiin aangoon Seexanaa hurraa'a waan ta'eefi dha. Akeekni fayyina ilmaan namootaa fiixaan kan ba'uu karaa tokkichi fannoo irratti du'uu Yesusiin waan ta'eef Waaqayyo abbaanis dhimma kanaaf waan Isa ergeef Yesus nuuf du'ee nu oolchuuf hayyamamaa ta'e. 8. Jechootni Yesus Wangeela Yohannis keessatti "Ana" jedhee ittiin of ibse torban: - Ana buddeenni jireenyaa! - Ani ifa biyya lafaa ti! - Tiksee gaariin Ana! - Ana mukichi waynii Inni dhugaan! - Du'aa ka'uun jireenyis Ana! - Ana balballi hoolotaa! - Karichi, dhugaan, jireenyis Ana! ………… Wabii Kitaaba "Madaa'uu Yesus Kristos" jedhu keessaa fudhatame. Obboleessa keenya #Geetahuun_Immiruu kitaaba kana dhalootaaf gumaachuu keessaniif galatoomaa!!
نمایش همه...