Gahaa Yadaa
AswrwbChannel kana irraa waanta Haraawa salphatii argachuu dandessa 👉 Quran fi hadisaa 👉Baruumsa islamaa 👉Da'aawale 👉 Nashidalee garaagara 👉 V/A islamaa 👉waan harawa maxamfamef 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @gahayada123 @gahayada123 @gahayada123
نمایش بیشترکشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
182
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز
- مشترکین
- پوشش پست
- ER - نسبت تعامل
در حال بارگیری داده...
معدل نمو المشتركين
در حال بارگیری داده...
Kijibaan maqaa wal xureeysuurraa haa if qusannuu
Rasuulli ﷺ “Namni kijibaan maqaa namaa balleeysu jannata hin seenu” Jedhan.
وعن حذيفة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : "لا يدخل الجنة نمام" ((متفق عليه)).
Bukhaariifi Muslimtu gabaase
Ammas Muslimni wal duubattis waliif dhaabbata, waliif tumsa, kabajaa walii tiysa.
Rasuulli ﷺ akkana jedhan:- “Namni kabajaa obboleeysa isaa kan Muslimaa tiyse, Rabbiin guyyaa qiyaamaa fuula isaa ibidda jahannamirraa tiysa”
حَدَّثَنَا أَحْمَدُ بْنُ مُحَمَّدٍ، أَخْبَرَنَا عَبْدُ اللَّهِ بْنُ الْمُبَارَكِ، عَنْ أَبِي بَكْرٍ النَّهْشَلِيِّ، عَنْ مَرْزُوقٍ أَبِي بَكْرٍ التَّيْمِيِّ، عَنْ أُمِّ الدَّرْدَاءِ، عَنْ أَبِي الدَّرْدَاءِ، عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ " مَنْ رَدَّ عَنْ عِرْضِ أَخِيهِ رَدَّ اللَّهُ عَنْ وَجْهِهِ النَّارَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ " . قَالَ وَفِي الْبَابِ عَنْ أَسْمَاءَ بِنْتِ يَزِيدَ . قَالَ أَبُو عِيسَى هَذَا حَدِيثٌ حَسَنٌ .
Jami` at-Tirmidhi 1931
Hoggaa namni si biratti baaxilitti maqaa Obboleeysa kee ykn obboleytii tee tan muslimaa xureeysu callistee bira hin dabrin; Sababaa ati isaaf dubbatteen Rabbiin fuula kee ibidda jahannamirraa tiysa.
Yaa Rabbi warra arraba ifii tiyfatu nu godhi. Hujii jannata seenuu nu dhoorkaa hunda irraa nu qulqulleeysi!
@Hamiltan_tv_hamile_ummataa || ሀሚልተን ቲቪ
@gahayada123
@gahayada123
@gahayada123
TOLLI RABBII GUDDAA KUMAA FI KITILA
Bismillah jedheetan
Dubbii koo eegalaa
Hamtuuf toltuu maraa
Isatu qeebalaa
Akkaan garaa laafaa
Akkaan mararfataa
Waa hunda osoo arguu
Irra dabarfataa
Dandeettii isaatin
Kan bishaan itichee
Lubbuu nutti godhee
Uumee nu biqilchee
Kan samii utubee
Kan dachii diriirsee
Kan halkaniif guyyaa
Wal faana hiriirsee
Isa gad nuuf roobsee
Dachii jiraachisuu
Sa'aa fi namallee
Asheeta nyaachisuu
Wa anzala
Minassamaa'i maa'aa
Lagnisaa hin gogu
Halkan guyyaa yaa'aa
Tottolchee nu uumee
Kan fayyaa nuuf kennee
Baasif xaarii kiyya
Naaf kafalaa hin jennee
Tollli rabbii guddaa
Kumaa fi kitilaa
Laakkaa'amee hin dhumuu
Akkam goona silaa
Osoo diinii qabnuu
Maaf taane jaahilaa
Ergamaa nuuf ergee
Diinii nu badhaasee
Kan ifaa nuu kennee
Dukkanaa nu baasee
Waa meeqa siif kennee
Waa meeqa siif laatee
Kan salaata diddu
Mee maaluma taatee
Lakkii yaa dargaggoo
Lakkii yaa shabaabaa
Jireenyi lafarraa
Baay'isee gabaabaa
Sheyxaanni beekeera
Mannisaa azaabaa
Kanaaf si dhamaasee
Karaarra si dhaabaa
Atis yaa abbaa koo
Atilleen yaa harmee
Dhiifama naaf godhaa
Tasa yoonin sarmee
Atis yaa shamarree
Isheen obboleettii
Naannoftee dabareen
Hundaa bira geettii
Hammam yoo cimtellee
Hammam yoo jabaattee
Nama hunda caaltullee
Qabeenyaan fagaattee
Qabeenyaaf jabeenyi
Nama hin oolchu du'aa
As gubbatti dhiisee
Biraa qabrii bu'aa
Wanti nurraa hin hafne
Kan nu waliin du'uu
Dukkana qabriitis
Kan nu waliin bu'uu
Dalagaa gaariidha
Kun dur carraaqannee
Osoo lubbuun jirruu
Buruuf ol kaawwannee
Kanaafuu salaati
Soomii zakaa baasii
Aalif ollaa kankee
Ibaadaadhaaf kaasii
Yeron ol kaawwadhu
Siinqii guyyaa boruu
Ilmaaf qabeenyi kee
Gaafas siif hin toluu
Kuun saayinsii baree
Kuun birriin of tuulaa
Bar akkana hin turree
Sahaaban rasuulaa
Lubbuu wareeganii
Diiniif laphee baatuu
Nagaaf rahmanni
Irra haa jiraatuu
Abubakar, Usmaan
Aliyyiif Umarii
Siraachaw yaamaaraa
Taammaanyoochuu marii
Hamzaa fi Kaalid faa
Ye jagnyoochuu jagnaa
Kan seenan dubbatu
Goota meeqa qabnaa
Daran dubbachuudhaaf
Anatu wallaalaa
Ilmi abbaan waa hin barin
Wallaaluma dhaalaa
Ka'aa diinii barraa
Diinii baru caalaa
Ilmooshee diiniidhan
Yoo hin guddisin haatii
Duudhaaf safuu gattee
Karaarratti yaatii
Atis haati ilmaa
Yaa haadha intalaa
Atis abbaan ilmaa
Yaa abbaa intalaa
Ilmaan kee diiniidhaan
Guddisuun siif malaa
Ta'uu baannan garuu
Bu'aansaa kasaaraa
Anaa badu jettee
Sumatu of abaara
Biqiltuu gadhaabuun
Yoo bishaan obaaftee
Itti dalleessitee
Yoo jala akaaftee
Daraaree fireessee
Kan firiidhaan kufuu
Ta'uu baannan gogee
Sitti ta'aa gufuu
Ilmaan kees diiniidhaan
Guddisuun siif malaa
Yookaan alabbahee
Nyaataaf sitti galaa
Dubbiin baay'atteefis
Harreetti hin fe'anii
Hayyoonni kaleessaa
Akkas nuun je'anii
Dhiifama naaf godhaa
Xumureera anii.......
@gahayada123
@gahayada123
@gahayada123
إعداد الأئمة والخطباء واجب شرعي لتقديم الدعوة وللمشاركة في توعية الأمة وتأهيلهم تأهيلاً علمياً وشرعياً بالمستوى الذي يتناسب مع حاجة المساجد والجوامع والعمل على رفع مكانتهم العلمية وإدخال المجال التقني من خلال تلقي الدروس والدورات للوصول إلى منسوبي المساجد في جميع مناطق إثيوبيا من واجب مجلس شؤون المسلمين ومما يذكر ويشكر لمجلس شؤون المسلمين في إقليم أوروميا إسنادهم رئاسة شؤون المساجد والدعوة والأئمة والخطباء لصاحب الفضيلة الداعية الموفق المسدد المؤيد بتوفيق من الله الشيخ أمين ابروا حفظه الله وعليه إن شاء كلية الدعوة لتثقيف الأئمة رجل مناسب في كان مناسب ،ومما يثلج صدر كل مسلم يحب الخير للبشرية ما قام به مشايخنا في منطقة (جمة) من إقامة دورة علمية للخطباء في المنطقة ومما قيل عن (جمة ) في ترجمة محمد نور الدين حسين الجماوي رحمه الله إمام المسجد الحرام ... -1391هـ من أرض الحبشة وكانت هذه البلدة من مراكز المسلمين.في التضامن الإسلامي ((مجلة الحج)) جـ8، السنة 25، صفر، 1391هـ ص(223).
وينبغي المشاركة من جميع الأقاليم في مثل هذه الدورة في المستقبل ليكون الخطيب والداعية داعية عالميا وليس محليا فقط، ومعلوم أن مشايخنا متميزون في ذلك وإمكاناتهم العلمية تسمح بتأهيل عدد كبير من جميع المناطق، ومنابر الجمعة لها دور قوي ومؤثر في نشر التوعية وكما ينبغي نشر الوعي والتمسك بوحدة الأمة والتحذير من التفرق بين المسلمين كتقسيم المجلس وتصنيف الناس إلى (السين) و(الصاد) وهذا غاية في الإفساد والله لا يحب الفساد وعلينا الاهتمام بالتأصيل الشرعي لفقه الانتماء والمواطنة في إثيوبيا ، وغرس حب الوطن والانتماء إليه ، وتفعيل دور الأئمة والخطباء والدعاة للقيام بواجبهم في بيان أهمية الانتماء والمواطنة،لتفويت الفرصة على من يتربص بنا من غير قبلتنا وملتنا
ونحن بحمد الله وبفضله نستطيع أن نشارك في حفظ أمن بلادنا ووحدتها ولدينا في مجلس العاصمةوضواحيها مساجد عديدة ويوجد في أوروميا نحو ثلاثين ألف مسجد وفي الصومال نحو عشرة آلاف يصلي المسلم بدون تمييز هذا من فضل الله علينا ينبغي المحافظة على ذلك بالقول والفعل ولدينا علماء ربانيون في المجلس نأخذ بتوجيهاتهم وهم يسعون للإصلاح بقدر المستطاع
وفي الختام هذا الأسبوع أسبوع مكتظ بالأحداث المؤلمة من انقلاب سيارة ونتج عن ذلك موت وجرح عدد من طلبة العلم رحمهم الله وما حصل في اليمن الميمون من حرق مجموعة من بني جلدتنا عليهم رحمة الله ومن فقه النوازل في عصرنا الحديث عن الهجرة غير الشرعية التي تؤدي إلى تعرض الكثيرين إلى الإصابة أو الوفاة وخاصة الغرق.
فقدان الكثير من الأموال التي تهدر عند دفعها في محاولة الهجرة غير الشرعية.يتعرض الكثير من الأفراد إلى عمليات النصب عند الهجرة غير الشرعية.قد يتعرض المهاجرون إلى الاعتقال والحبس والترحيل. ومن أسوء ماحصل المحرقة الفظيعة البشعة التي حصلت في اليمن الميمون مطلوب من مساجد إثيوبيا وكنائسها إرشاد أتباعهما أن حرمة حدود بلاد الناس مثل حرمة بيوتهم
وعلى الدولة الاهتمام بالمواطن وبدل الزج في السجون عليها فتح معاهد التعليم والتدريب لجميع الفنون وعلى حملة الأقلام إرشاد الناس وتوعيتهم من مخاطر الهجرة غير الشرعية
.وكتبه/ محي الدين شريف حسن
📚👉Kaayyoon keenya ilma namaa daandii qajeellummaa, gammachuu fi milkaa'inatti akeekuudha.
👉Galata galchuun bu’uura milkaa’inna fi gammachuuti. Galata galchuu dhiisu fi ganuun immoo bu’uura kufaati fi adabbiiti.
•Namoonni hojiif naamusa gaarii fi cimaa qaban namoota yeroo baay’ee milkaa’aniidha.
•Sa’aati tokkoof xiyyeefannoon hojii tokko hojjachuun sa’aati kudhaniif xiyyeefannoo malee hojjachuu caalaa.
•Yeroo takkaan wanta guddaa fi baay’ee hojjatanii dhiisu irra xiqqaattullee yeroo hundaa itti fufanii hojjachuutu caala.
•Fedhii cimaan wanta tokko hojjachuun nuffii (hifannaa) fi dukkana jireenyaa namarraa oofa, balbala carraa bana, hojiin qulqullinna akka qabaatu taasisa.
•Namni amanamummaa qabu nama balballi milkaa’innaa, gammachuu fi badhaadhinnaa banamtuufi.
•Daldala keessatti milkaa’u yoo barbaadde amala gaarii qabaadhu. Waadaa hin diigin, hin kijibin, nama hin gowwoomsin, nama hin ganiin, beellama kabaji, hin hatin. Maamiltoota kee kabaji, itti of hin tuulin, itti seeqadhu, amaanaa eegi, hin arrabsin, osoo isaanis ofis hin miidhin gatii madaallamaan itti gurguri. Amaloota Turkoota keessaa tokko yommuu namni wanta tokko bituuf itti dhufu, Baga dhuftan. Maal barbaaddu? Maal isin gargaaru? wanta jechuu barbaaddan jedhaa! fi kkf Amala gaariin nama simatu. Fuula guuraa yoo nama simatte namoonni sirraa dheessu.
👉channel "milkaa'ina Jireenyaa" kanaan nu hordofaan dhaamsa keenya!
👉 @gahayada123
@gahayada123
Ustaza Kenya Qaalii Rabbiin Janataan Haaqananisu Wlhi Hedun Gadee Rabbiin Obsa Nuf Haakanu
Mu'ujizaa qur'aanaa irraa kana beektuu laata?
➡ Qur'aana keessatti jachi "duniyaa" jadhu yaroo 115 yammuu ibsamu jachi "Aakhiraa" jadhu yaroo 115 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Malaaykaa" jadhu yaroo 88 yammuu ibsamu jachi "sheeyxaana" jedhus yaroo 88 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Namoota" jadhu yaroo 50 yammuu ibsamu jachi "Ergamtoota" jadhus yaroo 50 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Misooma" jadhu yaroo 50 yammuu ibsamu jachi "Badii" jadhus yaroo 50 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Zakaa" jadhu yaroo 88 yammuu ibsamu jachi "Barakaa" jadhus yaroo 88 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Dhalaa" jadhu yaroo 24 yammuu ibsamu jachi "Dhiira" jadhus yaroo 24 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Jireenya" jadhu yaroo 145 yammuu ibsamu jachi "Du'a" jadhus yaroo 145 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Hojii gaarii" jadhu yaroo 167 yammuu ibsamu jachi "Hojii baaxila" jadhus yaroo 167 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Namoota qajeeloo" jadhu yaroo 6 yammuu ibsamu jachi Namoota halkanii jadhus yaroo 6 ibsamee jira.
➡ Qur'aana keessatti jachi"salaata" adhu yaroo 5 yammuu ibsamee jiru salaanni nuti salaannus 5 dha.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Ji'oota" jadhu yaroo 12 yammuu ibsamee jiru waggaan tokkos Ji'oota 12 of keessaa qaba.
➡ Qur'aana keessatti jachi "Guyyaa" jadhu yaroo 365 yammuu ibsamee jiru waggaa tokko keessas guyyoonnii jiran 365 dha.
@gahayada123
Maqaan nabii keenyaa hadiisa sahiihatti.
{ ﻗﺎﻝ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ﻟﻲ ﺧﻤﺴﺔ ﺃﺳﻤﺎﺀ ﺃﻧﺎ ﻣﺤﻤﺪ ﻭﺃﺣﻤﺪ ﻭﺃﻧﺎ ﺍﻟﻤﺎﺣﻲ ﺍﻟﺬﻱ ﻳﻤﺤﻮ ﺍﻟﻠﻪ ﺑﻲ ﺍﻟﻜﻔﺮ ﻭﺃﻧﺎ ﺍﻟﺤﺎﺷﺮ ﺍﻟﺬﻱ ﻳﺤﺸﺮ ﺍﻟﻨﺎﺱ ﻋﻠﻰ ﻗﺪﻣﻲ ﻭﺃﻧﺎ ﺍﻟﻌﺎﻗﺐ }
" Ani maqaa shanini qabaa jedhan" rasuulli (s.a.w)
• Muhaammed • Ahmed
•Maahii • Haashir • Aaqib
☆ Maahii : jechuun kan rabbiin kufrii isaan lafarraa haqu/laffaaa qulqulleessu jechuudha.
☆ haashir: jechuun kan namni isa booda walitti qabmu jechuudha, kan qiyaamaa malee hin jirre.
☆ Aaqib : jechuun isa booda nabiyyiin hin jiru jechuudha.
•imaamu muslim asirratti dabalee maqaa biroo.
• Al-muqaffii • wa nabiyyu rahmaa waan jedhu irratti dabalee ture. aleeyhi salaatu wa salaa
@gahayada123
💻Wantoonni nabiyyoota fi Rusultoota ilma namaatiin adda taasisu maali?
Deebii:hedduudha isaan keessaa:
--Beeysisni rabbirraa isaanitti godhamuu.
--Ija isaanittu Rafa malee qalbiin isaanii hin raftu.
--Yeroo duuti isaanitti dhufte ni filachiifaman jiruu duniyaa irra turuu fi gara jiruu aakiraatti hiiquu keessatti.
--Dacheen qaama isaanii hin nyaattu.
--Bakkuma du'anitti awwaalaman.
--Beekkumsa malee qabeenya hin dhaalchifaman.
--Nabiyyiin dubartii hin jirtu.
--Bilisa tahuu,rabbiin takkaa gabra nabiyyii hin goone.
--Waa hundaahuu guutuudha, uumamaa fii amalaanis.
--Kadhaan isaanii awwaatamtuudha.
--Guyyaa qiyaamaa howdii/naanniga/qabaachuu.
--Manaamni isaanii hunduu dhugaa tahuu.
@gahayada123
#Garamitti_Deemaa_Jirra?
Mootummaa Duraanii Irraa Ka'ee hanga mootummoota amma jiraaniitti furmaatni Muslimoota Baha Afrikaa keessa jiraataniif mirgii fi fayyadamummaan (gaheen isaan biyya isaanii irratti qaban) isaanii kabajamuu dhabuun waa sadi'iif ture. 1. Tokkummaa/unity, 2. Diinagdee/economy, 3. Amantaa/Religious. Waa sadiin kana akka isaan hin qabaanne tokkummaa isaanii diiguun, diinagdee akka isaan hin horanne dhiibbaa irratti uumuun, Amantaan akka adda adda ta'an, wal-shakkiin akka jiraatuu fi amanamummaan akka hin jiraanne godhuun, firqaan Amantaa biraa akka biyya seenee bulchu gochuun ol-aantummaa, faayidaa, waan hunda irratti hogganummaa isaanii jalatti ummanni Muslimaa Afrikaa bahaa (East Africa) akka kufee jiraatu taasisanii jiru. Biyyoota baha Afrikaa keessaa sababa sadiin dubbannee dabarsine irratti hundaa'uun mootummoota hanga ammaa jiraniin dhiibbaan irratti godhamaa jiru keessaa tokko Itoophiyaadha.
Itoophiyaa keessatti Ummanni Muslimaa baay'inna qabaatus tokkummaa fiduu/uumuu, Diinagdeen ummata kana harka jiraatus tokkummaan dhabamuun akka dhaabbata/jaarmaya takka qabaatan taasisuu hin dandeenne. Ummanni Muslimaa Dhiibbaa jiruun Amantaa Islaamaatiif gahee irraa eeggamu bahachuu hin dandeenne. Keessattuu Amantaan walqabatee hanga ammaatti furmaatni takkas hin argamne...
@gahayada123
یک طرح متفاوت انتخاب کنید
طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.