cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Adem Dhalate 😘

Madda yaada haarayaa, waan haaraya irratti arkattu.👏 Yaadaatu nama nama godha. 👌 Where you may get new ideas on new issues.👍

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
239
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-27 روز
-230 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

4_5771582519858171848.m4a4.62 MB
Repost from Fugug Forum
Oomisha Jimaa gabaa alaatti dhiyaaterraa galiin Miliyoonni 248.36 argame. Itoophiyaan bara baajataa 2015 ALI tti oomisha Jimaa gara biyyoota alaatti ergame irraa galii Doolaara Amirkaa Miliyoona 248.36 argatte. Galiin tun tan bara dabree waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu Maallaqaan Doolaara Miliyoona 44.24 kan gad bu'ee fi Parsantaan ammoo parsantii 36.7 gad bu'eeti jira. Biyyoonni oomishni jimaa bara 2015 ALI tti itti argame; Somaaliyaa, Jibuutii, Israa'il, Keeniyaa, Seeraaliyoon, koongoo, Maadagaskaarii fi Burundiidha. Sababoota galiin jimaarraa argamu akka irratuuf sababa tahan keeysaa: Kontorabaandii, Qaraxa dacha dachaa, hanqina naamusa daldalaa, beekkamtii Komishinii Gumruka Itoophiyaa ( Ethiopian Customs Commision ) tiin alatti keellaawwan hin barbaachifne heddummaachuu maqaa dhawuun ni danda'ama jechuun Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhiinsa Naannolee beeysise. Bara baajataa dhufutti bu'a qabeeysummaa daldala jimaa / galii daldala jimaa irraa argamu guddisuuf Sirna Daldalaa saffisaa fi mijjaawaa tahe diriirsuun, roga kanaan rakkoolee jiran furuuf ammaan qaamolee Daldalaa fi kutaa hawaasaa dhimmi ilaallatuu wajjiin marii taasisuun qindoominaan hojjachuu irratti kan argamu tahuu Ethiopian Ministry of Trade and Regional Integration ibseeti jira. Fugug Forum Hagayya 31,2023. Finfinnee https://t.me/fugugeconomicforum
نمایش همه...
Fugug Forum

Kaayyoon Akkaataa Oomishaa, Ittifayyadamaa fi daldalaa irratti mariyachuun kallattii fuulduraa kaayuudha.

Repost from Fugug Forum
Photo unavailableShow in Telegram
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Waa takkalleen fiddan Ciqilee dhungadhaa ! 💪 🧠💰 🤑 💸 💲 🪙 💶 Waan hin beeynen beeynuu Tan beeynuus waan beeynuu, Silaan beeynuu beeynee Beekaa keenya eeynee,🤔 Silaa waliin qeeynee Beekuu keenyaas beeynee, Gamtaadhaan wal eeynee Galma milkiin dheeyne, Amma ifuun beeynuu Dukkanaan wal eeynaa, Mataan mataan goonuu 🧠 Miila mataan keenya, 🦵 Miilli maaliif tahe Ol jiraatuus mataa? Beekaa maaliif dhahe? Hayyootaas ni gataa,🥱 Ijaa gurran qabu👁👂 Sammuun miilaa eeysa? 🙆 Bakka saniin dabu Maaliin wal sirreeysa? 🤷‍♀️ Miila keenya beeynee Ifii olin keenyuu, Bakkan taaneen dheeynee Silaa namuun deeynu, 😑 Kutaan miilaa jilba Gama gadiin koomee, Sammuu maaliif jibba? Silaahuu if qoomee, 😪 Qaamni jiruun isaa Sammuuf taligamuu, Miila hojjachiisaa👣 Mataaf haa ergamuu, 🦲 Miilaan mataan hooynu Uumamaan wal faallaa, 🤗 Kiishaan malan dhooynu💸 Hayyummaan wal caalla,🤦‍♂️ Akkaana yoo diddan Miila mataa godhaa,🤸‍♀️🤸 Waa takkalleen fiddan Ciqilee dhungadhaa. 💪 Adem Dhalate Hagayya 13,2023. Finfinnee
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
"...Si sobuuf didichaa 🏃‍♂️ Hin amanin daftee..." 🙌 ⚖⚖🔍🔎⚖⚖🔎🔍⚖⚖🔎🔍 Ilmi namaa lama ✌ Gaari yokaan hamaa, Osoo beeytuu samaa Na yayyaamta gamaa ? 🗣 Gaarii garaan beeyta Afaan laaluu mitii, Mi'aan deeyma seeta Garaan saa iccitii, Ijaan laalan meeta Garaan namaa miti,👹 Hunda firraa beeki Addaan laalii nama, Itti nuuf akeeki Kan qabne quuqama, 😠 Gaafa hundan beeytuu Guyyaan dhiiraa tokkoo, Dhabdee gaafa deeydu Taatee abbaa rakkoo, 🥲 Fira duraan eeydu Gaafa dhabde irkoo, Yoo hanqatte weeyduu Mataan keetuu kookkoo, 😈 Hundaaf if wareeydu Si godhatan hookkoo, Hanga gaafa deeyduu Sumaan ja'an foonkoo, 😱 Dhiirti guyyaa hamaa Si dhiifteen godaanne, Rakoo fi rakkama Keetiis kan sodaanne, 🫂 Namni dhugaa sani Kaan maqaatu namaa, Gaafa siif qananii Si yaammatan gamaa, 👋 Eega addaan baafte Rakkoon gingilchitee, 🔍 Dhama jalaa kaafte Tooftaan dagalchitee, 🩺 Gocha saa itichaa Diroo namaa raaftee,🙂 Raqa moo riqichaa Duuba dhadhaa baaftee? Meeyxuus siif ililchaa Dammaqi ni raftee, Si sobuuf didichaa Hin amanin daftee, ✍ Baruuf hin jerjerin Namni nama dhibaa, Bartuus hin ergarin Yoo tahees kijibaa, 😒 Dafii jala bu'ii Namaaf addaan baasii, Garaaf yaadaan gu'ii Cal jechuun albaasi, 🤫 Gochi namaaf himaa Arrabni ni dhimaa,👅 Dubbiin siqqirimaa Beekaan tuqin jimaa.👊 Adem Dhalate Adooleysa 17,2023. Finfinnee
نمایش همه...
Repost from Fugug Forum
Xiinxala Rakkoo Daldala Jimaa irratti miidiyaan Addis Standard dhiheeyse 👇 Qonnaan bultoota, al-ergitoota #Jimaa Oromiyaa keessa jiran rakkoowwan walxaxaa harka galfannaa mootummaatin uumamaniin rakkachaa jiru. Qonnaan bultoota fi al-ergitoonni Jimaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman sababa dambii mootummaan irra kaa’een rakkoo hawaas-dinagdee hin eegamne isaanirra geessisaa jira. Bu’aan dambii mootummaa kanaas damee kana keessatti qonnaan bulaa irraa kaasee hanga dhaabbilee al-ergii hojjatan hunda irratti dhiibbaa uumeera. Qonnaan bulaan FU AD Ahimad godina Harargee Bahaa Magaalaa Awwadaay irraa yaada isaa Addis Standard tti himeen, "gatiin jimaa kan duraan birrii 2000 hanga 3000tti gurguraa turre gara birrii 200-500tti gadi bu'e jira,” jedhe. Qonnaan bultoota qofa osoo hin taane daldaltootas miidhaa jira jechuun ibseera. Akkasumas hojjettoonni jireenyi isaanii oomishaa fi daldala jimaatiin walqabatu hoji dhabdummaaf kan saaxilaman yoo ta'u, maatii fi namoonni hojjettootaa fi daldaltoota kanaan deeggaraman hundi jireenya isaanii dhabanii beelaa fi gadadoodhaaf saaxilamu," jedhe. Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaa ganda Ugaas Leenchaa keessa kan jiraatu qonnaan bulaan Ibraahim Mohaammad Adem jedhamu gama isaatiin, qonnaan bultoonni horii isaanii gurguruu fi muka irraa cilee oomishuun gurgurtaaf tolchuutti akka jiran hime. "Maatii keenya jiraachisuuf jecha beeladoota keenya hunda gurgurree jirra, manni keenyas duwwaa dha. Wareegamni kun kaffalamus ammallee jireenya keenya fooyyessuu hin dandeenyu," jedhe. Addis Standard Afaan Oromoo Guutuu Xiinxala kanaatiif👇 https://oromoo.addisstandard.com/xiinxala-qonnaan-bultoota-al-ergitoota-jimaa-oromiyaa-keessa-jiran-rakkoowwan-walxaxaa-harka-galfannaa-mootummaa-uumeen-rakkachaa-jiru
نمایش همه...
Xiinxala: Qonnaan bultoota, al-ergitoota Jimaa Oromiyaa keessa jiran rakkoowwan walxaxaa harka galfannaa mootummaa uumeen rakkachaa jiru 

Gabaa Jimaa godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaatti argamu Abdii Biyyansaatiin  @ABiyenssa Finfinnee, Adoolessa 14/2023 - Qonnaan bultoota fi al-ergitoonni Jimaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman sababa dambii mootummaan irra kaa’een rakkoo hawaas-dinagdee hin eegamne isaanirra geessisaa jira. Bu’aan dambii mootummaa kanaas damee kana keessatti qonnaan bulaa […]

Repost from Fugug Forum
Photo unavailableShow in Telegram
Jeequmsa Gabaa Jimaa irratti xiinxala gadifagoon maxxanfameeti jira. “Our survival is intertwined with the khat market’s success. If it fails, we fail.” ~Khat Farmer on Addis Standard Read for more from👇 Addis Standard https://t.me/addisstandard/4551 Fugug Forum https://t.me/fugugeconomicforum
نمایش همه...
Repost from Fugug Forum
Photo unavailableShow in Telegram
Guyyaa jummaa galgala calallii marsaa itti aanuuf suur-sagaleen dorgommiif dhiyaatu ni maxxanfama. Dorgomtoonni rakkoo ummata keeysaniitiif quuqamtanii badhaafamuuf suur-sagalee hojjattanii nuuf ergitan hedduu Galatoomaa. 🙏 CARRAA GAARII !!! Koree Badhaasa Sosochii Magariisaa (The Green Movement Award) Fugug Forum https://t.me/fugugeconomicforum
نمایش همه...
Repost from Fugug Forum
Photo unavailableShow in Telegram
Quba qabduu?🤔 HORDAAN GALUUF CARRAAN jira ! GUYYAAn DABALAMEE JIRA. Dorgommii Badhaasa Sosochii Magariisaa Suur-sagalee(Video) rakkoo hawaasa keeysanii ibsitu qopheeysuun dorgomtanii akka badhaafamtaniif afeerramtan turtan. Garuu  hanga ammaa Suur-sagaleen ergaman gahaa waan hin tahiniif guyyaan 3 akka dabalamu murteeyfameeti jira. Telegram Adem Dhalate irratti ergadhaa 👇 @AdemDhalate DORGOMAA BADHAAFAMAA 🙏 Koree Badhaasa Sosochii Magariisaa (The Green Movement Award Competition) Fugug Forum
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.