✨📚 قصة وعبرة 📚✨
#Seenaa_Nama_Boochistu.
#Eega Dubbiste booda #Share_Forward godhuu hin irranfatin
🌾 Gurbaa tokkootu Haadha Manaa isaa rukutuu barbaade. Yeroo baay'ee uleen eega rukutee booda osoo inni hin yaadin dingatatti harkatti duute. Inumaa inni adaba isii barsiisuu barbaadeeti. Eega isiin duutee booda maatii isii sodaate.
🐱 Mala tokkollee kan ittiin Hamtuu isaanii jalaa ittiin bahu hin arganne. Manaa isaatii baheeti, gara nama beekaa ganda isaanii tokko deemee dubbii kana itti hime. Namichi suniis karaan furmaataa ati qabdu" Nama bifa bareeduu tokko ittuma diddee qabdee keessumummaa eega bulchitee booda ,mataa isaa irraa murtee, Qaama isaa Mataa intala duutee bira keessa. Eegasii warra intalaatiin "Ani gurbaa kana isaa isii wajjiin zinaa godhuun arge ,of qabuu hin dandeenye akkasittiin ajjeese isaan lamaanuu " jedhiin " jedheen.
🐽 Gurbaan Yeroo tooftaa kana dhagahe Balbala mana isaa irra taa'ee nama karaa darbu eeguutti seene, hanga dargaggeessi tokko dhufutti. Itti bololeeti mana seensisee isa ajjeesse.
🌾 Yeroo warri intalaa Janaazaaf waamamanii dhufanii,ntala duutuu laalan; Akkaataa itti isaan ajjeesse itti odeessinaan, isaaniis ofirraa garagalan.
✍Namicha tooftaa kana gurbaaf mala kanaaf muca tokko kan guyyaa san manatti hin deebi'intu ture.
🙃Abbaan mucaa inni Mala yaadaan kun Rifateeti cinqamee, gara mana gurbaa intala ajjeesee san deemee. Malli inni itti hime sun hojiirra oolee jedhee isa gaafate. Gurbaaniis eeyyeen jedheen.
Namichiniis " Mee namicha ajjeeste san na argisiisi" jedheen.
😫Yeroo Mucaa gurbaan ajjeesse ilaale^^^ Kunoo Mucaan ajjeefame Ilma isaati^^^ . Sababaa mala Abbaa isaatiin Ajjeefame mucaan. magan Rabbitti.
📝Jecha Amiira Mu'umintootaa Alii bin Abiixaalib kan je'e san Nama yaadachiisti.***(( Namni Seeyfii Zulmii luqqifate ,isumaan ajjeefama. Namni obboleessa isaatiif boolla qote ofumaaf itti du'a. Namni Sitrii namarraa saaqe Oowraa isaa mana isaatu irraa saaqama. ........dheertuudha..****
👌Namni Hamtuu dalagu kan inni hamtuu hojjetu lubbu isaa irratti
👌Inni keeyrii dalaguus lubbuma isatiifi
👌Zulmii dalaguun Abbuma miiti.
✍By_HadithOfficial_member
#Share_forward
t.me/HadithOfficial