cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

ZANUR TUBE

🌴رب زدني علما Sammu yaadan dhiphatte boqachisuuf Yaadaf @Hamzan99

نمایش بیشتر
فنلندة3 362زبان مشخص نشده استدین و مذهبی103 817
پست‌های تبلیغاتی
196
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-27 روز
-1130 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Repost from Dhugaan Dhufe
Gama Rabbii Tokkichati waamun itti fufaa... Ustaaz Muhammad Haasan Mashaallah https://t.me/Dhugaan_Dhufe
نمایش همه...
Repost from Dhugaan Dhufe
Kuni Qeeysii beekkamaa biyya Awustraaliyaa, Gould David kan jedhamu yemmuu ta'u, waggoota 45f mana Kiristaanaa keessatti erga tajaajilee booda har'a gara amantaa jalqaba irratti dhalate (Islaamummaa)tti deebi'uun, maqaa isaas gara - Abdur Rahman Gould jijjiirachuu isaa beeksisee jira. Allaahu Akbar ❤️☝️ A lifetime seeking the peace of God & the Quran has shown me that peace and truth rest in Islam. - Gould David / Dave Abdur Rahman Gould Madda: Ask A Muslim New Muslims المسلمون الجدد https://t.me/Dhugaan_Dhufe
نمایش همه...
Seequun gammachuu Kumaatamaan keessoo namaa jirtu ibsiti,akkasuma immoo,seequun rakkoo hedduu, kumatamaan keessoo namaa jirtu dhoksitii beeki. ila Namni bilchaataan,isa dubbatu firii qabu,isa hojjatu mallattoo qabu,isa jiraatu faayidaa qabu,isa boqatu seenaa qabu malee,huusa akka biimbii halkanii,gurra namaa irraa xiixu,kan osoo fuula kee duraa ari’uuf jettu,uf si kabalchiisee si madeessu sana mitii xiinxalli. Jaaloo irra hedduun namaa,haala kamiin akka hinjifachuu dandeessu si gorsuu dhiisee,akkamitti akka kuftu sitti himaa oolaa,isa gurri bitaa,ijji bitaatiifi harki bitaa qofti hojjatu jalaa baqadhu. Jaaloo Seenaa warra kufaniitiifi seenaa warra hinjifannoo galmeessanii dubbisii laali,seenaan garaa namaa hin laafuu argi,wanti seenaa dubbisaniif iimmoo,haaloo bahuuf osoo hin taane,waa irraa barachuufii taajjabi. Namana Falaasama,sa’a Buna nyaachisee Buna aananii irraa elmadha jedhu dhiisii,dhugaan walitti araaramuu bari. Hey Yoomuu taanaan,ijjannoo fedhii kee daangessu,garuu immoo,kan bilisummaa sammuu si kennu filadhuu seeqataa jiraadhu.
نمایش همه...
Duniyaa bituuf Aakiraa gurguruun fafa,uf ijaaruuf nama biraa diiguun cubbuudhaa beeki,lachuu uf dhabuu irraa burqaa,uf argadhu. ila Humna namaatiifi eenyummaa namaa osoo hin barin, nama wajji imaluu dhiisi,namni gariin sii ol jira,gariin immoo,sii gadi tahee,kiyyoo hin taane keessa galtaa uf qusadhu. Jaaloo Gariin namaa bishaan xiillaadhaa beeki,bahra keessaa waraabamee hin gognee laali,laga guddaa yaa’ee hin dhumnee taajjabi,burqaa taliilaa maddi isaa citee hin hafnee xiinxalli. Obbolaa Nama addaan filadhu,kan hujiif sii tahu,kan jiruuf sii tahu,kan hawaasummaaf sii tahu,kan Aakiraa keetiif sii tahu,kan biyyoomaaf sii tahu,kan gorsaa siif tahu, kan qorsa siif tahuu fi kan dhukkuba qubaa sitti tahu addaan baafadhuu wajji jiraadhu. Namana. Mee al tokko gadi dhaabbadhuu,nama yoo cinqiin si qabe,yoo tasa rakkoon si mudate,tasa dhukkubsatte, tasa rifatte yaadattee itti bilbilattu eenyuun akka tahe xiinxalli,inni yeroo cinqii yaadachuu dandeettu sun,Isa dhugaadhaan qabachuu qabduu hubadhu. Hey Namni sadihii beeki,kan akka nyaataa yeroo hunda si barbaachisu,kan akka qorsaa yeroo dhibamte qofa si barbaachisuufi kan akka dhukkubaa yeroo hundaa ufirraa eeguu qabdutu jiraa taajjabi. Ee Magan! Uffatni bareedaafi jabaan,eenyummaa ufiitii beeki,eenyummaan ufii,wayyaa miidhagaa kaawwatanii nama keessaan deemanii beeki.
نمایش همه...
Nama jaallattu akka hin dhabne tarkaanfiin fudhattu, nama jaallatu sana si dhabsiisuu malaa,haala irra jirtu toohadhu. Eeee “Bona dugda gubbatti na baatti,gana garaa jalatti na qabattii,jaalala Aayyoo tiyyaa gara wallaale”jette jedhan cakkeen jaldeessaa. Hey Ka harkatti qabatan,onnetti hin baatin,kan karaa irratti gatan,mataa irra uf hin baasin,hundaa,teessoo isaan malu kenniif. Jaaloo Dureessa cubbamaa irraa baqadhu,beekaa yakkamaa jalaa gori,lachuu xurii harkarratti baatanii,Salaamata siin jechuuf gulufanii,jalaa sokki. Namana Fir’awuni jabaa tahee,ani Rabbi ufiin hinjenne beeki, hawaasa inni keessa jirutu,wal-qabatee laamshoo taanaan,quufa kijibee daawwadhu,yoo ati laamsoo taate,akkuma fir’awunaa sana,sobni namaa si biratti dhugaa tahee,namni ittiin wal faarsaa argi. Kanaaf Tolli daangaa darbe,cal’iinsi bakka bira tareefi ijji haqa irraa dabde,gowwummaatti nama kaleessitii,sarara diimaa akka sirraa hin tuqamne barbaaddu,yeroo hundaa tikfadhu. https://t.me/Zanurtube
نمایش همه...
ZANUR TUBE

🌴رب زدني علما Sammu yaadan dhiphatte boqachisuuf Yaadaf @Hamzan99

"Aayata Kurnan Suuraa Kahf jalqabarratti arkaman namni Haffaze(qomatti qabate) Dajjaal irraa baraarame." Nabi Muhammadﷺ [Muslim 809] - Fitnaan(qormaanni) ulfaataan Masiihu-Dajjaal caale duniyaarra hin jiru. Aayta kanniin Haffazaa Dajjaal jalaa nagaya bahaa. *مَن حَفِظَ عَشْرَ آياتٍ مِن أوَّلِ سُورَةِ الكَهْفِ عُصِمَ مِنَ الدَّجَّالِ.* الراوي : أبو الدرداء.
نمایش همه...
Jarri jalqabnaan,ati xumuri. ila Si dabarsuuf lola sitti banan taanaan,jalaa dheessuu dhiisii,fuula keessa as koottuu,ati itti geessiif. Jaaloo Rakkoo tokko,hundee isaa bari,yoo rakkoon guddaa tahe,yeroo tokkoon fottoqsuuf yaaluu dhiisii,hidda isaa barbaadi,erga hidda isaa argatte immoo,dabaree dabareedhaan,hidda isaa jalaa ciri malee humna kee fixaa hin oolinii uf qusadhu. Obbolaa Yeroo garii,qormaata ati hin beeknetu si qunnamaa beeki,gaafa rakkoon tasa si mudate,al tokko ufirra dhaabbadhuu uf argi,humna kee sassaabachuufi hafuura liqimsuu baradhu,sana booda tasgabbiin murtii irra gahi. Namana Osoo furmaata rakkoo keetii hiikutti hin cehin dura, guyyaa itti furmaata kennuu jalqabaduufi guuyaa itti xumuruu dandeettu kaawwadhu,maal akka dursitee lasmshessuu fi sakaaluu qabdu kaawwadhu. Hey Dirree waraanaatti osoo hin bobba’in dura,qalamaani moo qawween rukutamuu qabaa isaa,adda baafadhu malee,dirree lolaa keessa dhaabbattee,na gargaaraa jettee lallabuun sirna mitii uf tiksi. Hohohoo Jiruun tee dirree lolaatii beeki,kan sitti dhukaasee si ajjeessuuf dhufaa jiru,hiyyummaa,beelaafi dheebuu, wallaalaafi sodaadhaa beeki,diina kee mana teettee eegnaan,si galaafataa,dursii dirretti bahii galaafadhu jechuun akkasii hubadhu. https://t.me/Zanurtube
نمایش همه...
ZANUR TUBE

🌴رب زدني علما Sammu yaadan dhiphatte boqachisuuf Yaadaf @Hamzan99

🔥 1
نمایش همه...
Log in to Facebook

Log in to Facebook to start sharing and connecting with your friends, family and people you know.

Dargagummaan faaya,dargaggummaan miidhaga, dargaggummaan humna,dargaggummaan waraana ibiddaa bahee,gubuuf taa’u,qaanqee si keessa jiru irraa qabsiifadhuu ibidda tahii as bahuu baradhu. ila Warra Rabbi dhaadhesse,dargaggeessa iimaanaan guuttame,dargaggeessa qajeellumni dabalameeftu jiraa gadi jedhii,seenaa dargaggoota sanaa dubbisii, akkas tahuu hawwi. Jaaloo Rabbiin ol tahe,seenaa dargaggoota”As haabal kahf”hogguu nuuf himu,dargaggoonni sun,hedduminaan kudhan hin caalanii beeki,garuu immoo,hanga guyyaa qiyaamaatti irraa dubbatamaa jiraatuu daawwadhu. نحن نقص عليك نبأهم بالحق إنهم فتية آمنوا بربهم وزدناهم هدى . Jaaloo Jiddu deemaa hin barbaadin,siifi Rabbi jidduu dallaala hin buusin,seenaa jara sanaa dubbisii waa irraa bari, dargaggeessi komii,himannaa,hinaaffaa,jette jettee, boohicha,gadda,gadadoo,gabrummaa,jibbaafi cubbuu keessummeessuuf eddoo hin qabuu beeki, dargaggummaan بذل الندى وكف الأذى وترك الشكوى اجتناب المحارم beekaa xiinxalli,dargaggeessi nyaata isaa,hancufaan liqimsee deema malee,bishaan irratti dhuguuf yeroo hin gubuu daawwadhu,humna kee ukkaamsitee irra teettee,gaafa humna fixatte hin gaabbinii dhiisi. Namana Maanguddoota duraanii himachuu dhiisii,kaayyoo kee sirreessii gadi bahi,guyyaa kee borii bareechifadhu, har’a hojjadhu,diiniifi duniyaa namaan sii dhufu eeguu jalaa bilisa bahi. Hey Dargaggeessa laamshayaa,caccabaa,ganamuu ka’ee hamoommatu laalii,akkas tahuu jalaa baqadhu,joollee bahratti dhumaa jirturraa waa baradhu,harka kennuu diddaaf irbaata qurxummii galaanaa tahanii xiinxalli, “sinbirri sirba baayyiftu mana hin ijaartu”jedhanii gadi jedhii hojjadhu. Yoooo Qaama dila kana baattee,balbala namani sitti cufate laaluu dhiisii,foddaa banaa teettu argi,lubbuu tee sakaaluu baradhu,fayyaa kee tikfadhu,ijaarsa biyyaa, ijaarsa hawaasummaa,ijaarsa maatii keetii irratti gumaacha kennuu bari.
نمایش همه...
Bishaan qabbanaawaa qaama dhiqataa,kan qaamni isaa gubu hedduudhaa beeki. ila Dhugaa dubbannaan,haqa hojjannaan,dhara didnaan, cubbuu irraa fagaannaan,doofaan si caale,gowwaan bututaan sii olii hin jiru jedhamee yaaddamaa beeki, inni argitu kuni,irra caalaan isaa yoo dhodhooftee laalte,ni qillisaa,keessi isaa hoffaadhaa,shabbeena irra dhaabii daawwadhu. Jaaloo gaafa hanni,abshaalummaa tahee sitti dhufe, gaafa namummaan Meeshaan bakka bu’ee sitti dhufe,irraa achi siiqii kolfi,jogaa maratti mufattee,keessi kee akka si hin dhukkubne uf tiksi. Obbolaa irra caalaan,gogaa biraa uffatee sitti dabalamaa beeki gariin duruma lafaa dhufa isaa badaadhaa taajjabi, gariin hiddatu hadhaawaa quunceen xirooftii argi. Ekaa Nama si boochiseef kofluu dhaabi,nama kolfa kee si saamee,garaa nahuu dhiisi,nama ufiif jecha maqaa kee xureessu ira deemi,nama kalee ija kee jaamse, har’a ija sii hafteen duuka deemuu irraa uf qusadhu. Namana Uf dhabaan namaa,boolla takkatti yeroo lama kufaa argi,ufii garafamee ufumaa dhiifama gaafataa taajjabi, “haati gowwaa deette,hidhiin isii jalli madaadha”jechuun isa sanii argi.osoo gubattee hidhii xuuxxu mugdii xiinxalli,ana haa nyaattu. Hohohoo Nama yaadni isaa tortore irraa baqadhu,nama abjuun isaa liqimsuu qofa tahe jalaa gori,nama namooma isaa meeshaan jijjiiru hin amaninii gadi taa’i,nama qaamni isaa,cubbuun ijaarame bira hin dhaabbatanii irraa siqi Cubbuu gurguddoo barannaan,xixiqqoon aadaa sii taatii,waan si hin fakkaanne fakkaachuun fafaa irraa gori. https://t.me/Zanurtube
نمایش همه...
ZANUR TUBE

🌴رب زدني علما Sammu yaadan dhiphatte boqachisuuf Yaadaf @Hamzan99

👍 1