cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Ⓜ️𝐚𝐥𝐤𝐚𝐚 𝐏𝐫𝐨𝐝𝐮𝐜𝐭𝐢𝐨𝐧

☎️ Phone number📱 +251713051858 👉DV2025 ni guunna 👈 Ⓜ️𝐚𝐥𝐤𝐚𝐚 𝐏𝐫𝐨𝐝𝐮𝐜𝐭𝐢𝐨𝐧 yoo hordoftan! Diraamaf bacoo adda adda Comedy ajaa'iba irra argattu 👉YouTube: https://www.youtube.com/@Malkaa_Production FACEBOOK: Malkaa Production

نمایش بیشتر
فنلندة2 498زبان مشخص نشده استفیلم‌ها
پست‌های تبلیغاتی
292
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Namni naaf hin beeku malee dhibeen tiyya hafuura kee dhabuu, ija tee dhabuudha. Manni kiyya kan oneef sagalee teetiifi waca kee san dhabeeti. Narraa taa'i niin dalagaa je'ee firraa sin danda'u duraan. Garuu amma rabshaa tee san hunda yaadeetiin dhukkubsachaa jira. Duraan Niin miica ju'u, niin dhiqa ju'u, niin bilcheeysa ju'u akka daa'imaatti firraa si sossobeetiin dalagaa mitii? Amma niin dalaga ju'u rabshaa tee san na hawwisiisa. " please narraa taa'i huccuun miicaa, "please narraa deem osoon ani manaa hin baane zuhrii azaanuufii" je'ee firraa si kadhchuu, "hubbii koo ? shaahii qofa danfiseetiin si bira dhufaati, dhuftee alawaadaa keeysatti nan jeeqinii asumatti na eegi je'ee si sossobachuu san hunda yaadeetiin addunyaa tana quufa. Eeysa akkatti turte? Maaliif alatti sitti dhiiti" jattee kan ati natti dheekkamtu sun hundi gaafa ati jirtu lola, jibbansa, hinaaffaa, shakkii fii knknf natti fakkaata ture. Garuu dhugaan jirtu ati akkasitti natti dheekkamuun sun ani nama tahuu fi tarree ilma namaa keeysa jiraachuu kiyya, akkasum namniin biratti gatii qabu jiraachuudha calaqqisiisa ture. Mee laali amma sa'aan fedhettiin baha, sa'aan fedheen gala. Namaatu na eegaa fi namaatu na barbaadaan na bira hin jirtu. Dhalummaa kiyya qofa kabajeetiin yaroon behee yaroon gala malee akkaan fedhetti, ooluus bakkaan fedhe buluus namni na gaafatu hin jiru. Kana jachuun ani hisaaba namaa keeysa hin jiru jachuudha. Galgala yaroon maramee firaasha kiyya sanirra ciisu bakka ati na cinaan ciisuu turte san if cinatti milladheen addunyaa tana jibba. Bakka kaleessa siin bareeddu tan arra duwwaa taatee lafatti laaleetiin icc je'ee addunyaa tana abaara. " Huccuun tee arrallee foolii tee qabdi. Fuunfadheetiin rafa. Hammadheetiin bula. Uffadheetiin jooraan. Akkam ooltan?
نمایش همه...
Namni naaf hin beeku malee dhibeen tiyya hafuura kee dhabuu, ija tee dhabuudha👌❤ By: Harargittii Yeeysan
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Google👍 Dhaabbanni Guugilii torbee kanaa kaasee akkaawuntiiwwan yeroo dheeraaf hojiirra hin jirre kan haqu ta'uu beeksiseera. Akkaawuntiiwwan banamanii tajaajila malee waggaa 2 fi sanaa ol turan kan haqu ta'uu ibseera. Murtoon kun Sodaa nageenyaa dhaabbaticharra ga'uu danda'u kan hir'isu ta'uu ibseera. Akkaawuntiiwwan tajaajila malee turan kunneen koodii mirkaneessaa abbaa Diijiitii lamaa kan hin fudhanne ta'uu mirkaneessera jedheera. Akkaawuntiiwwan kanneen fayyadamuun balaaf kan nama saaxilu ta'uus eereera. Baatii Hagayyaa darbee eegalee maamiltoonni Akkaawuntiiwwan cufamanii turaniif lakkoofsa iccitii isaanii akka ammayyeessan of eeggannoo erguu isaa yaadachiiseera. Gama biroon Akkaawuntiiwwan Yuutiiyuubii, Kaardiiwwan kennaa fi meeshaalee Diijitaalaan walqabatan kan hin haqamne ta'uu eeruu CNN gabaaseera.
نمایش همه...
- Hamman hubadheetti, deeggartoota gama lamaanii irraa duulli “dhayii-cabsii-barbadeessii” waggoota dabranii hedduu hir’achuun, yaadni araara deeggaruufi hawwiin nageenyi akka bu’uuf qaban yeroo kamuu caalaa guddatee jira. Ammas yaaliin marsaa lammaffaa milkaa’uu dhabuu isaatiif gamaa gamanatti quba akeekuun ololaan walmadeessuun miidhaa malee faayidaa akka hin qabne hubatamuu qaba. Kan fayyadu gamni ofii deeggaran mariitti akka deebi’uufi waan irraa eeggamu akka kennu jajjabeessuufi dhiibbaa gochuudha. Dhumarratti waan hubatamuu qabu tokkotu jira. Kunis mariin araaraa kun bu’aa dirree lolaa (battlefield) miti. Qaamni wal lolu lama marii araaraaf kan taa’u haala lama keessatti. Kan duraa, gareen tokko dirree lolaa irratti ol’aantummaa guddaa argachuun injifannootti yoo dhihaateefi gamni kaan guututti moo’amuun dura araaramuuf yoo murteessedha. Kan lammataa, gareen lachuu lola yeroo dheeraa boodas wal injifachuu yoo dadhabaniidha. Lolli WBOfi Mootummaa jidduutti godhamaa jiru bakka wal injifachuus ta’ee waldadhabuu hin geenye. Yeroo gabaabaa keessattis sadarkaa san waan gahus natti hin fakkaatu. Mariin kun kan dhufe dhiibbaa ummataafi hawaasa addunyaatiini. Keessattuu xiyyeeffannoon hawaasni addunyaa biyya keenyatti nagaya buusuuf agarsiisan kan hin eeggamneefi carraa guddaadha. Xiyyeeffannoon hawaasa addunyaa saffisaan jijjirama. Kanaafuu yeroo dhimmi keenya xiyyeeffannaa argate kanatti ariitifi gamnummaan itti fayyadamuun barbaachisaadha. Carraa kanatti fayyadamuu dadhabnee qisaasnaan garuu yeroo dheeraaf gaabbuuf teenya. Nu Haa Milkeessu
نمایش همه...
Dhimma Araaraa Yaaliin marsaa lammaffaaf WBOfi Mootummaa walitti araarsuuf biyya Taanzaaniyaatti godhame milkaa’uu dhabuun isaa ummata biratti gaddaafi capha hamilee guddaa ta’uun ifa. Gama ummataatiin Marsaa kanatti yoo xiqqaate qaamotni lameen waliigaltee lola dhaaburra ni gahu jedhee abdiin eegaa ture. Keessattuu ajajoonni waraanaa dirree lolaa irraa mariidhaaf dhufuun abdii araarri ni milkaaya jedhu akka malee ol kaasee ture. Marsaa 2ffaa kun akka kufaatii ( failure) guddaatti yeroo dhihaatu agarra. Hawwiin Marsaa kanatti waliigalteerra gahu jennee hawwiin qabaachaa turre milkaayuu baatus, bakka mariin kun irraa jalqaberraa yoo ilaallee karaa fagootu deemame. Sadarkaa araarri hin barbaachisu ykn hin danda’amu jedhurraa kaaneeti bakka hoggansi olaanaan qaamota lameenii wal fuuldura dhufee mari’achuu irra geenyeerra. Kanaafuu araarri kun saffisa nuti hawwinuun dhufuu dhabuun waan gaddisiisaa ta’us, abdii kutachuun garuu hin barbaachisu. Abdii kutachuus hin dandeenyu. Fala biraas hin qabnu. Kanaaf ammas mariin araaraa itti fufa jennee abdanna. Qaamota marii araara marsaa lammaffaa kanarratti hirmaataniifi maddeen gargaraa irraan waan hubadheefi dhimmoota marsaa itti aanuuf ni gargaaru jedhu armaan gaditti dhiheessuu fedha. - Marsaa 2ffaa kanarratti qaamonni lachuu araara buusuuf yeroo kamuu caalaa fedhii dhugaa qabaachaa akka turan mirkaneeffadheera ( genuinely committed). Kanarraa kan ka’e gamni lachuu akkuma ummataa marsaan kun labsii waliigaltee araaraatin xumurama abdii ( expectation) jedhu qabataniiti dhiyaatan. Hirmaattonni hundumtuu (WBO, Mootummaafi Jaarsoliinis) abdii araaraan xumuruu qabatanii waan dhaqaniif, bakka yaadan gahuu dhabuu isaaniitiin miira dallansuu keessa seenan. Sababa kanaanis marii marsaa itti aanuutiif bifa karra saaquun osoo hin goolabin addaan bahan. - Gamni lachuu miira gaariin araara buusuuf dhaqanis waan walirraa barbaadan (demands /concessions) kennuufi fudhachuuf garuu guututti qophii waan turan hin fakkaatu. Marsaa tokkoffaa irratti waan walirraa barbaadan walirraa hubatanii addaan bahan. Marsaa lammaffaa irratti ammoo waan waliif kennuu hin dandeenye (non starter) ta’an waan adda baafatan natti fakkaata. Kanaafuu, yoo waldhibdee kana nagaan furuuf ammas murannoo qabaatan, hojiin itti aanu qaamonni lachuu wantoota gamni kaan akka guutuuf gaafatan fooyyeessuun dhiheeffachuuf (modifying demands) qophaayuu qabu. Kana jechuun wantoota walfudhachiisuun hin danda’amne dhiibuun waldhanquu dhiisuu qabu. Marii araaraa keessatti waan hawwaniifi naan mala jedhanii yaadan mara argachuun hin danda’amu. Waan naan mala jedhanii yaadan hundaas dhabuun hin danda’amu. Qaamni lachuu jiddugaleessumaatti akka dhufuutu barbaadama. - Sababni guddaan araara danqaa jiru wanti walirraa barbaadan adda fagaachuu natti hin fakkaatu. Danqaan guddaan wal-amantaa dhabuudha (trust deficit). Seenaa hariiroo qaamota lamaaniifi aada siyaasa biyya keenyaa irraa ka’uun yoo laallu, wal-amantaa dhabuun isaanii waanuma eeggamuudha. Qaamonni alaa kan barbaachisaniifis rakkoon kun waan hubatamuufi. Araarsitoonni kunniin qaamota lamaan waliigaltee araaratiin gahuu qofa osoo hin taane, hojitti hiikkamuu (implementation) waliigaltichaatis mirkaneessuuf itti gaafatamummaa akka fudhatan waliigaltee keessa galchuun rakkoo walshakkii kana fooyyessuuf fayyada. - Qaamonni keessaafi alaa araarri ni dhufa jedhanii gaddaa turan amma ammoo fashale jechuun gammachuun burraaqaa jiru. Mariin marsaa biraa akka hin qindeeffamneefis danqaa uumuuf shiratti seenaa jiru. Hoggansi WBOfi Mootummaa ammas ijjannoo dubbii karaa nagayaan furuu yoo qabaatan, qaamonni nagaya hin barbaanne kun luuxanii akka hin seenne qaawwa hunda itti cufuu qabu. Dabalataanis gochaafi jecha carraa marsaa itti aanuu dhiphisu ykn fageessu irraa of qusachuu qabu. Kunis olola gama miidiyaafi lola dirree irraa hammeessuu dhabuu dabalata.
نمایش همه...
Ajajaa olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa [Kumsaa Dirribaa] Taanzaaniyaatti marii nagaa irra jiran tibbana marii karaa Zoom bakka bu'oota deeggartoota ABO-WBO waliin taasisaniin ‘’Oromoon hojiin ijaaramuu qaba,’’ jedhan. Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduutti guyyoota kudhanii oliif Tanzaaniyaa magaalaa Daare Es Salaamitti gaggeeffamaa jira. Mariin kun yoom xumurama kan jedhuu fi wal hubannaa akkamiirra gahameera kan jedhu ilaalchisee odeeffannoo gahaan hin kennamne. Yeroo jalqabaaf marii nagaa irratti qaamaan argamuun kan hirmaataa jiru Marroo Dirribaa [Kumsaa] Sadaasa 18, bara 2023 ‘’sa’a shayee irrattan dubbachaa jira’’ jechuun karaa Zoom ergaa dabarsan. Garuu waa’ee marii nagaa itti jiranii osoo hin ibsiin hafan. ''Warra siyaasa hin beektu, ijoolleedha, kaayyoo hin qabdu jedhamee tuffatamaa turetu har'a addunyaa kana dubbachiisaa jira. Waan hojjetameen nu madaalaa malee oduudhaan miti,'' jedhan. ''Waan amma deemaa jiru kana sana jechuu hin barbaadu. Naamusa isaas miti waan taheef. Garuu qormaata guddaatu fuuldura keenya jira. Kana beekaa.'' Ajajaa olaanaan ABO-WBO kun ‘’uummanni Oromoo hojiin wal haa dorgomu, arrabaan wal hin dorgomiin, mataa gadi qabachuun hojjedhaa, mul’achuun gatii hin qabu,’’ jedhe. Yeroo dheeraaf carraa miidiyaa hawwaasaa fayyadamuu bal'aa akka hin qabne kan hime Marroon, dubbiin isaa kun maricha irraa ka'uun moo yaada hawwaasaa miidiyaa irraa hubachuun, kana dubate kan jedhu ifa miti. Waa’ee deeggarsa maallaqaa deeggartoota isaanii biyya alaarraa argamuu yoo dubbatan '‘ani gamakoon maallaqniyyuu haa hafu jechaan jira, namuu ogummaa isaan haa ijaaramuu,’’ jedhan. Dabalataan maqaa isaaniin akka hin daldalamne gaafachuun ''namni yoo waliigaluu dadhabe, waliigaluu dhabuu keenya irratti waliigallee taa’uun ni danda’ama,’’ jedhe. ‘'Sirna ijaarrachuu feena, dhaloota dhufuuf biyya akkamii, sirna akkamii ijaarra kan jedhudha. Nuyi ni dabarra, garuu leegaasii akkamii keenyee dabarra kan jedhutu nu yaachisa’’ jedhe. Marroon maaliif dubbii maallaqaa akka kaasan ifa tahuu baatus, karaan hannaa jiraachuu eeran. Oromoon paartii biraas ijaarachuu danda’a jedhan. ''WBO qofa miti. Dhaaba tolfadhaa. Sabni bal’aan kun dhaaba baay’ee yoo qabaate ani mormii hin qabu. Maqaa WBOn garuu daldalamuu hin qabu. Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO irratti gama lamaaninuu namootni torba torba hirmaachaa jiru. Gama mootummaa Itoophiyaan Ambaasaddar Reedwaan Huseen fi ministira Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyos fi kaan hirmaachaa jiru. Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa, Maayik Haamer marii kana irratti hirmaataa jiru. Noorweyii fi Keeniyaanis IGAD waliin tahuun maricha abbummaan fudhachuun gaggeessaa jiru. Gama ABO-WBO'n ammoo Marroo [Kumsaa] Dirribaa fi itti aanaan isaanii Gammachuu Abbooyyee hirmaachaa jiru. Waggoota shanan darban kana keessa godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti rakkoo nageenyaa hammaateera. Mariin marsaa lammaffaa kun yeroo gaggeeffamaa jirutti waraanni humnoota nageenyaa mootummaa fi ABO gidduutti godhamus aanolee adda addaa keessatti cimee akka itti fufeeru BBC'n jiraattota irraa mirkaneesseera. Shawaa Lixaa, Dirree Incinnii iddoo jedhamu, Horroo Guduruu keessaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti guyyoota lamaan darban dhukaasni guddaan turuu odeeffateera. Yeroo mariin nagaa gaggeefamaa jirutti maaliif lolli kun jabaate kan jedhu ifa tahuu baatus, kun kan jalqabaa miti. Yeroo mariin marsaa duraa Zaanzibaaritti gaggeeffamaa turettis haalli wal fakkaataan mudateera. Mootummaan Itoophiyaa erga marichi jalqabee torbaniin booda karaa Ministeera Dhimma Alaa ibsa yoo kennu, marichi itti fufee jiraachuu ibse. Mata dureewwan marii maal akka tahan icciitiin qabamaniiru. ABO-WBO fi Mootummaa gidduutti mariin jalqabuun wal amantaa fi wal hubannaan akka jiraatu taasisuu danda'a. Marii marsaa duraa irrattis qaamolee lamaan wal hubannaan jiraachuu himaniiru.
نمایش همه...
Mootummaan Itoophiyaa wal dhabdee gidduu isaanii jiru karaa nagaa furuuf yeroo hunda qophii tahuu hima. Gaaffiif deebii kana dura BBC waliin taasisan irratti Ajajaa Olaanaan ABO-WBO, Marroo [Kumsaa] Dirribaa ''karaa gaaffii siyaasa Oromoo deebisuu danda’uun’’ waliigaltee nagaa irra gahuuf qophiidha,'' jedhanii ture.
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
'Oromoon hojiin wal haa dorgomu, oduun wal hin dorgomiin'- Marroo Dirribaa November 20, 2023
نمایش همه...
Fiilmii Afaan Oromoo haaraa mata dureensaa Koodee jedhu guyyaa har'aa magaalaa Finfinnee Hoteela International Ililliitti eebbifame. Aartist Waaqoo Geetachootiin kan qindaa'e Fiilmiin kun, sabseena Kolfisiisaa ykn koomedii ta'usaatu himame. Aartistoota Oromoo buleeyyiifi haaraa kan hirmaachise fiilmiin Koodee, seenessa hiriyummaafi amanamummaa jabeessuun akka ijaarame hirmaattonni qophichaa himaniiru. Qipheessaafi barreessaan fiilmii koodee Artist Milkeessaa Nagumaa yoo ta'u, fiilmicha qajeelchuufi taatoo duree ta'ee hirmaachuun ammoo Waaqoo Geetachoo qooda fudhateera.
نمایش همه...