3 912
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز
در حال بارگیری داده...
کانالهای مشابه
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
ابر برچسبها
هیچ دادهای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
ژوئن '24
ژوئن '240
در 2 کانالها
مه '240
در 1 کانالها
Get PRO
آوریل '240
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '24
+1
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '240
در 1 کانالها
Get PRO
ژانویه '240
در 59 کانالها
Get PRO
دسامبر '23
+3
در 3 کانالها
Get PRO
نوامبر '23
+241
در 128 کانالها
Get PRO
اکتبر '23
+1 899
در 201 کانالها
Get PRO
سپتامبر '23
+864
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '23
+487
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئیه '23
+284
در 0 کانالها
Get PRO
ژوئن '23
+348
در 0 کانالها
Get PRO
مه '23
+180
در 0 کانالها
Get PRO
آوریل '23
+35
در 0 کانالها
Get PRO
مارس '23
+25
در 0 کانالها
Get PRO
فوریه '23
+59
در 0 کانالها
Get PRO
ژانویه '23
+284
در 0 کانالها
Get PRO
دسامبر '22
+67
در 0 کانالها
Get PRO
نوامبر '22
+73
در 0 کانالها
Get PRO
اکتبر '22
+37
در 0 کانالها
Get PRO
سپتامبر '22
+58
در 0 کانالها
Get PRO
اوت '22
+1 113
در 0 کانالها
| تاریخ | رشد مشترکین | اشارات | کانالها | |
| 13 ژوئن | 0 | |||
| 12 ژوئن | 0 | |||
| 11 ژوئن | 0 | |||
| 10 ژوئن | 0 | |||
| 09 ژوئن | 0 | |||
| 08 ژوئن | 0 | |||
| 07 ژوئن | 0 | |||
| 06 ژوئن | 0 | |||
| 05 ژوئن | 0 | |||
| 04 ژوئن | 0 | |||
| 03 ژوئن | 0 | |||
| 02 ژوئن | 0 | |||
| 01 ژوئن | 0 |
پستهای کانال
Repost from Dr. Alemayehu Hotessa🇪🇹
Affeerraa!
Chaanaalii seenaa keessan jijjiiru seenuu ni barbaadduu? Yoo gara chaanaalii kanaa dhuftan:
√ Dhimmoota amantii,
√ Dhimmoota hawaasummaa,
√ Dhimmoota xiinsammuu,
√ Gorsa hariiroo jaalalaa,
√ Barnootaa fi milkaa'ina, ....
√ Gorsa fedhii ofiin ofirraa baasuu (masturbation) dhaabuu irratti,
√ Keessattuu gaaffilee dhuunfaa bifa icciitiin keessan eeggameen deebii fi gorsa ajaa'ibaa ni argattu. Gorsa dhimmoota garaagaraa irratti 𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 (𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊, 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂, 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒕𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂) kennamaa jiru argachuuf liinkii armaan gadii kana tuqaa seenaa! 👇👇
https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2
Baga nagaan dhuftan! Welcome! Anaa dhufu!
| 2 | Dhuguma gaafan yuuniversiitii deemu si'a tokko qofa na hoqqisiise. Sana booda abbaan koo Waaqayyo anarraa balleesse. Galanni bara baraan isaaf haa ta'u. Abbaa koo! Gama biraatiin immoo harki koo yeroo dheeraadhaaf baay'ee diilalla'a ture. Namootni gaafa nagaa wal gaafannu "maal firiijii keessa bulte moo?" naan jedhu turan. Haalli kun baay'ee ana aarsa ture. Rakkina kanas qabadheen gara Waaqayyoo deeme. Narraa gate kaa abbaan koo! Ulfina haa fudhatu inni. Macaafi Qulqulluun (Far 34:4):
"Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase."
Egaa Waaqayyo warra garaa guutuudhaan gara isaatti dhiyaatan ni gargaara. Baay'een keenya gaafa nu beela'u nyaatuma argachuuf gara Waaqayyoo dhufna. Gara Waaqayyoo kan dhufuu qabnu waan barbaanne argachuu qofaaf osoo hin taane gara isaatti dhufuu keenya waan inni barbaaduufiidha. Ani gaafa yuuniversiitii eebbifamee bahe akkuma nama kamiiyyuu hojii barbaadaan ture. Beeksisa bahu hordofaa Waaqayyoon kadhadha ture. Haa ta'uu malee guyyaa tokko wanti hanga har'aatti ana ajaa'ibu tokko keessa kootti dhufe. Innis "Waaqayyo akka hojii naaf kennu qofaafin isa kadhadha moo?" kan jedhu ture. Yaadni kun dhugaa dubbachuudhaaf hariiroo ani Waaqayyo waliin qabu guutumaaguutuutti jijjiire. Sana booda maal jedhee akkan kadhadhe beektuu? "Yaa Waaqayyo ati yoo barbaadde ammaan tana hojii naaf kennuu ni dandeessa. Haa ta'uu malee waan ati hojii naaf kennituuf miti kanin si duukaa bu'u. Kana booda yoo barbaadde hojii naaf kenni; yoo hojii argachuu baadhes ani si jalaa hin ka'u" jedheen kadhadhe. Gaafa ilaalcha koo akka kanatti jijjiire Waaqayyo yeroo torbaan hin guunne keessatti hojii naaf kenne. Isaayyuu iddoo ani kadhannaaf deemetti beeksisni ana ilaallatu bahee argadhe. Wow! Maal ajaa'ibni akkasii! Kanaafuu, ija keenya waan argachuu barbaannu sana irraa kaasnee Waaqayyo irratti haa godhannu. Ija kee dafqa sana irraa kaasii Waaqayyoon barbaacha isa jalatti jilbeeffadhu. Dhuguma haalli kun hundi isaa jijjiiramee argita.
Carraa gaariin siif hawwa! Waan gara koo dhufteef guddaa galatomi. Egaa yaada siif kenne kanaan waan gaarii irra akka geessu abdiin qaba. Waaqayyo waan yaada keetii siif haa kennu.
Eebbaaf ta'aa!
Egaa waan na wajjiin turtaniif galatoomaa. Yoo isinitti tole hiriyoottan keessan as nuuf affeeraa. ( https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 ) Yaadaa fi gaaffii akkasumas dhimma gorsa irratti barbaaddan yoo qabaattan @DrAlemayehuHotessa jedhaa naaf barreessaa.
Ergaalee dabalataa argachuuf immoo miidiyaalee armaan gadii kana fayyadamuu ni dandeessu.
Feesbuukii:- https://www.facebook.com/alex.hotessa?mibextid=ZbWKwL
You tube:- https://youtube.com/@AlemayehuHotessa?si=fi4xmBmHk8Z8Pu0_
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@dralemayehuhotessa?_t=8kGcDmUs6Mf&_r=1
Telegram:- https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2
Eebbifamaa! 👆👆
𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂
𝑳𝒂𝒍𝒍𝒂𝒃𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 | 359 |
| 3 | Kiristaanaaf sodaa jechuun "Waaqayyo hin jiru" jechuu wajjiin wal hin caalu. Mee akka nama Gooftaa Yesuus amanee fayyeetti maal gochuu qabna?
e1. Waaqayyo akka si waliin jiru beekuu: Kiristaanni Waaqayyotti amanee isatti irkatee jiraata. Waan Macaafi Qulqulluun jedhuun gaggeeffama. Macaafi Qulqulluun maal jedha? (Isa 41:10):
"Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;
hin raafamin; ani Waaqa keetii.
Ani sin jabeessa; sin gargaaras;
ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba."
"Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu;
namni maal na gochuu dandaʼa?" Faarfannaa 118:6.
Namni waadaa ajaa'ibaa akkasii kana qabu gaafa sodaatu maal jedhama? Namni osoo sagalee Waaqayyoo akkasii kana dhaga'uu waan tokko sodaatu dhuguma Waaqayyotti amaneera jedhama? Mee of madaalii ilaali.
e2. Waaqayyotti amani: Carraan nuuti waan tokko itti sodaanne carraa ittiin Waaqayyotti amannuudha. Yeroo tokko tajaajilaaf halkan guutuu deemaa bulla turre. Lafti isaa baadiyyaa waan ta'eef gaafi gaafi osoo tajaajilluu lafti bariiti. Gaafi immoo halkan sa'aatii sagal faatti sagantaa xumurree daandii dheeraa kophaa koo gara manaa deema. Harka koo irraa Macaafa Qulqulluu malee homaa hin qabadhu. Keessi koo maal akka jedhu beektaa? Osoo bineensi halkan kanaan anatti dhufee iyyuu Macaafa kanaan isa rukuta innis ni du'a jedhee amana ture. Garuu kan isin ajaa'ibu guyyaa tokko iyyuu wanti nama rifachiisu na qunnamee hin beeku. Namootni dukkana sodaatan ni jiru. Sodaan akkasii niiktoofoobiyaa (Nyctophobia) jedhama. Ani garuu dukkana hin sodaadhu. Harmeen koo "maaliif halkaniin deemta?" jettee ana lolaa turte. Dhugaadha. Haa ta'uu malee ani Waaqayyo ana waliin akka jiru waan amanuuf sodaa tokko iyyuu keessa kootii hin qabu ture. Macaafi Qulqulluun (Far 56:3-4):
"Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,
Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu.
Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?"
Kanaafuu, carraa sodaatte kanatti fayyadamii Waaqayyoon amanadhu.
e3. Waaqayyo waliin nagaa qabaadhu: Sodaan nagaa keessa keetii balleessee jeequmsa keessa keetti guuta. Ati garuu Waaqayyo waliin nagaa qabaadhu. Nagaa isaas barbaadi. Keessi keeti Waaqayyo waliin nagaa qabaannaan nama waliinis nagaa qabaata.
e4. Nama jaalalaa ta'i: Jaalala keessa keetii qabaannaan obboleessa keeti yookiin obboleettii keeti akkuma keetitti jaallatta. Namni jaalala of keessaa qabu sodaa of keessaa hin qabu. Akkamitti obboleettii keeti sodaatta? Mana keeti keessa kan jirtus dubartiidhaam. Haati keeti dubartiidhaam. Sodaan waan gaarii miti. Macaafi maal akka jedhu beektaa? (1Yoh 4:18):
"Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti."
Jaalala keessa sodaan hin jiru. Ati karaa Kiristoos nama jaallatta waan ta'eef sodaan gidduu kana jiraachuu hin qabu jechuudha.
e5. Jabaachuu: Kiristaanni Kiristoosiin waan qabuuf ija jabaataadha. Macaafi Qulqulluunis akka nuuti jabaannu nu gorsa. Mee Waaqayyo maal jedhee akka Iyyaasuu gorse haa ilaallu: (Iya 1:9):
"Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Wanti Iyyaasuu sodaachisuu danda'u fuuldura isaa jira. Waaqayyo garuu "cimi, ija jabaadhu, ...hin sodaatin" jedhee isa gorse. Iyyaasuun osoo gorsa kana dhaga'uu osoo sodaatee kan itti gaafatamus kan miidhamus isuma. Kanaaf waan Waaqayyo jedhu dhaga'uudhaan hojiitti hiikuu qabna.
e6. Waaqayyoon kadhadhu: Barruu keeti keessatti "Waaqayyoon kadhadhees dadhabe" jette. Hin jedhamu akkas. Kadhannaa jechuun akka nuuti yaadnutti "waan barbaanne Waaqayyoon gaafachuu" qofa miti. Yeroo biraa bal'inaan ilaalla isa kana. Haa ta'uu malee ofii kee Waaqayyotti dhiyeessuu qabda. Waaqayyo abbaa gaariidha. Kadhannaa namaa ni dhaga'a. Yeroo jalqaba konkolaataa keessa taa'e nan diddige. Osoo haala kanaan jiruu yuuniversiitii iddoo fagoo na gahe. Egaa haalli kun ana sodaachisnaan Waaqayyoon kadhadhe. 👇👇 | 232 |
| 4 | Amma ati rakkinni akkasii kun si qunnamee jira. Rakkina si qunname kana keessaa bahuuf wal'aansa kana seeraan sitti fayyadamuu qabda. Amma ati dubartoota waliin haasa'uu nan sodaadha ilaalcha jedhu of keessaa baasuuf yaali. Yoo oolmaan keeti mana barumsaa keessa ta'e ijoolleen dubaraa baay'een ni jiru waan ta'eef isaan duukaa haasa'uu jalqabi. Hunda caalaa garuu "intentionally formed team" osoo qabaattee gaarii ta'a. "Intentionally formed team" jechuun garee dhimma ta'e wayiitiif beekaa uumne jechuudha. Gareen kun garee qo'annaa Macaafa Qulqulluu (Bible Study Group) ta'uu danda'a. Garee qo'annaa barnootaa ta'uu danda'a. Garee dhimma biraas ta'uu ni danda'a. Garee akkasii kana keessa seenii hariiroo uumi. Yeroo kanatti bilisaan haasa'uuf yaali. Ati amma nama fayyuu barbaaduudha. Kanaaf ija jabaachuu qabda. Tapha ijoollee shamarranii of keessaa qabu uumuudhaan taphachuun ni danda'ama. Nuuti yeroo tokko tokko ijoollee waldaa keenyaa waliin taanee laaqana waliin nyaannee sana booda walitti qabamnee ni taphanna. Haalli kun akka ati isaan waliin haasa'uuf carraa bal'aa argattu taasisa.
b) Wal'aansa of saaxiluu (Exposure therapy): Namootni rakkinni akkasii isaan qunname yeroo baay'ee of qabuudhaan beekkamu. Haalaa fi haasaa kamiiyyuu irraa of qusatu. Haa ta'uu malee rakkina kana keessaa bahuu yoo barbaadde ofii kee saaxiluu qabda. Of saaxiluun ati gochuu qabdu haaluma kamiiniyyuu balaaf si saaxiluu hin qabu. Isa kana irratti sirriitti of eeggachuu qabda. Fakkeenyaaf ijoollee waldaa keetii waliin bilisaan taphachuu ni dandeessa. Gaaffii gaafachuu ni dandeessa. Yaada isaan dhiyeessan irratti atis bilisaan yaada keeti dhiyeeffachuu ni dandeessa. Gareewwaan dhiirotaa fi dubartoota walitti fidan yoo jiraatan isaan kanatti of saaxiluu qabda. Of qusachuu hin qabdu. Gama biraatiin immoo ijoollee dubaraa naannoo keeti jiran waliin taphadhu. Haasaa gara cubbuutti isin hin geessine haasa'uudhaan rakkina kana keessaa of baasi.
c) Wal'aansa amalaa (Behavioural therapy): Yeroo tokko tokko amalli keenya gufuu nutti ta'uu ni danda'a. "Intala barnoota hin hojjannetti hin dhiyaadhu" ilaalcha jedhu of keessaa qabda. Ilaalchi kun immoo gara amaleeffannaatti guddatee jira. Amala kana sirreessuun gaarii dha. Ilaalcha kana of keessaa baasuun dirqama. Dhiirri hunduu barumsa irratti cimaa akkuma hin taane dubartootni hundis barumsa irratti cimoo miti. Nama tokko akkuma amalaa fi dandeettii isaatti qabachuun barbaachisaadha. Amalli namaa haalaa fi yeroo eeggatee jijjiiramuu ni danda'a. Yeroon kun yeroo ati ilaalcha hin taane of keessaa baastuudha. Jibba osoo hin taane jaalala ijoollee shamarraniitiif qabdu mul'isuu qabda. Ani amala kootti ijoollee dubaraa waliin taphachuu baay'een jaaladha. Amalli kun durumaa jalqabee ana keessa ture. Ejjaaf isaan hin barbaadu malee waliin taphachuuf, waliin qo'achuuf, waliin tajaajiluuf, waliin bunaafi shaayii jechuuf baay'een isaanitti dhiyaadha. Maaliif isa kana siin jedhe beektaa? Osoo hafuura ejjaa keessa hin galin qulqullummaan ijoollee dubaraa waliin yeroo dabarsuun ni danda'ama. Rakkinni dhiiraa fi dubartootaa garuu walitti dhufnaan waanuma wal qunnamtii saalaa kana yaadu. Nuuti akka nama Kiristoositti amanee fayyeetti laphee qulqullaa'aa qabaachuu qabna. Intala takka waamtee kaaffee teessanii yoo buna waliin dhugdan maal rakkoo qaba? Amala ejjaa keessa hin seenin malee ofiifis Waaqayyoofis isheedhaafis amanamtee waliin taphachuu qabda.
d) Wal'aansa fayyaa (Medical therapy): Haalli kun sirraa fooyya'uu yoo dide mana yaalaas deemtee yaalamuu qabda. Yaalli fayyaa ogummaa Waaqayyo namaaf kenneen dhimma fayyaa keenyaatiif bakka fala itti argannuudha. Ogeessota fayyaa itti siqnee dhimma kana mariisisuu qabna.
e) Wal'aansa hafuuraa (Spiritual therapy): Wal'aansi baay'ee barbaachisaa fi kan ati xiyyeeffannaa itti kennuu qabdu wal'aansa hafuuraati. Sodaan waan alaan arginuun yookiin dhageenyuun miira keessa keenyatti uumamuudha. Sodaan kun immoo amantii keenyaan faallaa kan deemu taanaan balaa guddaaf nu saaxila. Hafuurri nama tokkoo sodaadhaan rukutamnaan jireenya mo'ichaa jiraachuun hin danda'amu. 👇👇 | 141 |
| 5 | Haaluma kanaan namootni dubartii sodaatanis ni jiru. Sodaan akkasii jiinoofoobiyaa (gynophobia) jedhamuun beekkama.
Sodaan akkasii kun yeroo baay'ee kan uumamuu danda'u miidhaa karaa dubartootaa dhufa jedhanii yaadan sana sodaatanii gaafa isaan dubartoota irraa baqachuu jalqabaniidha. Namootni tokko tokko amala akkasii kana maatii yookiin naannoo isaanii irraas ni baru. Yeroo tokko tokko dubartootni miidhaa qaama dhiiraa yookiin dhiirummaa nama tokkoo irraan gahu raawwachuu ni malu. Namni daa'imummaa isaatti gochaa gadhee akkasii kana arge sodaa dubartootaa (gynophobia) horachuu ni danda'a. Yeroo tokko viidiyoo wayii akka tasaa naaf ergamee ture. Viidiyoon sun gochaa dubartootni (shan?) ta'anii dhiira tokko irratti raawwatan kan agarsiisu ture. Isaanis namticha tokko mataa isaa gad dhudhulchanii qullaa isaa fannisanii qaama saalaa isaa (penis) akka inni ka'u (erecting) godhu turan. Akka inni hin iyyineef afaan isaan pilaasteriidhaan hidhanii mana namni hin jirre keessa turan. Sana booda qaama isaa kaasanii ofii isaanii "masturbate" godhu turan. Yommuu fedhiin isaa dhufutti (sperm) mataa isaa gad gombisanii fannisaniiru waan ta'eef dhangala'aan sun akka afaan isaatti dhangala'u godhan. Gochaa baay'ee sodaachisaa fi jibbisiisaa ture. Gochaa kana kan raawwatan warra feeministoota (feminists) akka ta'an nan bare. Amma namni gocha kana arge sodaa dubartootaa (gynophobia) keessa galuu ni danda'a. Guyyaa tokkos dhugaa bahumsa dargaggeessa tokkoo dhaga'een ture. Innis akkas ture. Osoo inni karaa deemaa jiruu intalli garmalee bareeddu tokko konkolaataa qabattee itti dhufte. "Koottu sin gaggeessaa" jettee konkolaataadhaan fuutee deemte. Gurbichis bifa ishee kanas waan jaallateef ishee hordofee duukaa deeme. Egaa gara manaa seennee buna dhugdee deemta jettee gara gibbii bareedaa tokkoo lixan. Gaafa mana seenan dargaggoota akka ishii sadi malee namni biraa mana hin turre. Afran isaaniiyyuu ijoollee dubaraa waan ta'aniif gurbichi balaan ana irra gaha jedhee akka hin shakkine dubbata. Achumaan gurbicha gara kutaa ciisichaatti galchan. Qoricha qaama saalaa kaasu (Viagra) nyaachisan. Kana booda harka isaa hidhanii wal qunnamtii saalaa akka inni raawwatuuf dirqamsiisan. Hin raawwadhu akka hin jenneef rukuttaan jiru baay'ee ulfaata. Sodaa kanaan qaamni isaa akkamitti ka'a akka hin jenneef qoricha nyaachisaniiru. Akkaataa kanaan guyyaa meeqaaf akka ta'e hin beeku jireenya gurbichaatti taphatanii konkolaataadhaan fuudhanii iddoo wayiitti gatanii biraa deeman. Gurbaan kun torban tokko guutuu mana yaalaa ciisee akka yaalamaa ture dhugaa baha. Ergasii sodaan dubartootaa (gynophobia) akka isa qunname himata.
Gochaa akkasii kana namni argu foobiyaan isa qunnamuu danda'a. Gama biraatiin immoo hawaasa keessatti haala dhiirrii fi dubartootni akka walitti hin makamneef dhoowwu keessatti namootni guddatan foobiyaan akkasii isaan argachuu danda'a. Amalli nama tokkoos gara foobiyaatti nama geessuu ni danda'a. Kana jechuun sammuu keessatti ilaalcha hin taane keessummeessuun balaa mataa isaa qaba. Kanas ta'ee sana sodaan dubartootaa rakkina mataa isaa danda'eedha. Amma sodaan kun eessaa dhufe jennee faana soquu (qoruu) osoo hin taane haala gurbaan kun sodaa kana keessaa bahu fala faluufii wayya.
2. Fala: Sodaan dubartootaa (gynophobia) karaa hedduun jireenya namaa miidha. Hariiroo hawaasummaa fi gaa'elaa miidha. Hojii keenya miidha. Barnoota keenya miidha. Hirmaannaa jireenya waliinii miidha. Kanaafuu, maal gochuu qabna?
a) Wal'aansa haasaa (talk therapy): Namni sodaa dubartootaa (gynophobia) qabu tokko wal'aansa akkasii kana fudhachuu qaba. Haasaan jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaadha. Namni tokko kophaa isaa hin jiraatu. Nama waliin jiraata. Nama tokkoon dirqama mana tokko keessa jiraachuu hin qabu. Hariiroo gaarii nama kamiiyyuu waliin qabaachuun gaariidha. 👇👇 | 141 |
| 6 | "...sodaa dubartootaa qaba...."
Jireenyi namaa bu'aa bahii hedduu qabdi. Kuun bu'aa bahii kana injifatee saggoo milkaa'inaa irra dhaabbata. Inni kuun immoo keessatti kufee gangalachaa jiraata. Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta'u. Chaanaaliin kun ba'aa hin taane kan sammuu dhalootaa qabee isaan ajjeessaa jiru irraa kaasuuf kan hojjatuudha.
Ji'oota muraasa keessatti chaanaaliin keenya namoota kumaatamaan lakkaa'aman gargaaruu isaa walumaan beekna. Ammas carraa argattan hundumaan chaanaalii kana beeksisaa. Sagantaan kun dhiyootti gara "you tube" tti waan guddatuuf liinkii dhuma barruu kanaa irra jiru fayyadamuun "subscribe" godhaa. Akka yeroo viidiyoon haaraan gad dhiifamu akkasumas yeroo tamsaasa kallattii seenu isin jala hin dabarreef "notification" isaa banaatii "all" jedhaa. "Like" fi "comment" gochuudhaan chaanaalii kanas haa guddisnu. Karaa dandeessan hundaan na cinaa dhaabbadhaa!
Gaaffilee jireenya dhalootaa jeeqaa jiru karaa eenyummaan isaanii hin beekkamneen deebii itti kennaan jira. Deebii nama tokkoof kennamuun namootni baay'een barnoota argachaa akka jirtan shakkii hin qabu. Namootni haaraan gara chaanaalii kanaa dhufaa jirtan immoo osoo gaaffii keessan hin dhiyeeffatin dura barruulee kanaan duraa ol seenaa dubbifadhaa. Gaafa gaaffii naaf erguuf barbaaddan yaada keessan akka anaaf galutti godhaa barreessaa. Bifa barreeffamaa (𝐟𝐨𝐧𝐭) kana (𝐟𝐨𝐨𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚) fayyadamtanii yoo gaaffii naaf ergitan isin hin keessummeessu. Foontii normaalii (normal font) fayyadamaa.
Egaa har'as yaada haaraa qabadhee gara keessan dhufeen jira. Yaadni obboleessi koo naaf erge akka armaan gadii kanatti isiniif dhiyaatee jira.
"Nama waaqayyoo dhalootaaf kaasee edheen, amana. Dr, gaafii tokko qaba. Dhiifama guddaa wajjiin, Akka naa deebistan fedha.
Sodaa shamarrani,(phobia). Sodaa akkasi jireenya koo irra Akka jiruu, yeroo dhihoon bare. ijollumma kootti, jalqabnee hangan kutaa11 gahuutti, shamarra Kan hamma tokko jalladhu, yoo isheen barumsa hojjetti tahee duwwadha. Sababa ilaalcha dogogoraan kanaan, shamarra, yoo isaan barumsa hin yaalle, ijaan hin ilaaluu. Ilaalaalchi Kun dogogoraa ta'uu isaa, fi Namni kamuu akkata kanaan Akka hin madaalamnee , yeroo kutaa 12,hubbadhe. Egaa ilaalcha dogogoraa sana waani guddadheef, still shammarra duuka face to face haasahuu hin danda'uu. Kaninin hasahu, tgm fi social media qofani. Sun immo dhibba waan qabuu gara dhumaa kana dhiisa dhufe. Egaa gaafa shamarra tokko fulaa ta'uu, Akka nama saafa keessa jirutti dafqii narra yaa'aa yeroo kaan narra hin jiru. Yeroo shamarra biraa ta'ee gaafii jalalaaf, haasa'a jedhu, dhaqni koo guutuun naasuun rukutama. Iratti kadhadhees Nan dadhabee. Dafqaa kana qoricha qabaa jedhee , mana yaala deeme ture. Qorichi hin jiru, dafqii koos dhukuba Akka hin taanee natti Himani.
Rakko kana keessaa bahuuf, wantoota Ani godhe baay'edha. Ogeessa psychology bira deemeera. Faalii hin jiru.Sabab sodaadhuuf, hariiroo jalala kamuu jalqabuu hn barbaanne. As iratti dhimma biraa hasa'u(dhimmota barumsa fi Kan biraa yoo haasofnee)hin sodaadhu. Garuu dhimma jalaala hin haasahuu. Tarii waaqumatuu natti ergeera kan jedhus, Nan yaada. Kanaaf, maal naa wayya??"
Yaada obboleessa koo kan armaan gadii kana hubattanii jirtu jedheen yaada. Mee yaada gorsaa nama kanaaf kaa'uun barbaada. Dubbisa gaarii!
1. Sodaa: Sodaan miira namatti hin tollee fi baay’ee cimaa kan ta’e kan balaan jiraachuu isaa tilmaamuun ykn beekuudhaan namatti dhufuudha. Sodaan uumamuma namaa keessa jira. Sodaan gaariin akkuma jiru sodaan gaarii hin taanes ni jira. Waa'ee sodaa irratti wanti nama ajaa'ibu yeroo baay'ee wanti nuuti sodaannu tokko waan nurra hin geenneedha. Sodaan baay'een yaada (imagination) namaa keessatti uumama.
Sodaan daangaa darbe foobiyaa (phobia) jedhamuun beekkama. Foobiyaan sodaa waan tokkoo ykn haala tokkoo kan itti fufiinsa qabuu fi cimaa ta'ee jechuudha. Namootni dhiiga sodaatan ni jiru. Inni kun heemoofoobiyaa (hemophobia) jedhama. Namootni tokko tokko immoo bofa sodaatu. Innis "ophidiophobia" jedhama. Sodaa "OPDO" akka hin jenne garuu kkkk. 👇👇 | 195 |
| 7 | Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
┏━━━━━━━━━━┓
Gorsaa fi Barnoota
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Gaa'elaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Hikka Jalalaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Dhunfaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Mula'ata Kee bekku hin barbada
┗━━━━━━━━━━┛
Waliin barannee waliis haa barsiifnuu📚📚
❏ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███ | 310 |
| 8 | 𝑩𝒆𝒆𝒌𝒔𝒊𝒔𝒂!
𝑵𝒂𝒈𝒂𝒂𝒏 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝒉𝒖𝒏𝒅𝒖𝒎𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏𝒊𝒊𝒇 𝒉𝒂𝒂 𝒕𝒂'𝒖. 𝑩𝒂𝒈𝒂 𝒏𝒂𝒈𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒓𝒂 𝒄𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒖𝒇𝒕𝒂𝒏. 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊𝒏 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂 𝒈𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂 𝒈𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒆𝒓𝒈𝒂𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒄𝒊𝒄𝒄𝒊𝒎𝒐𝒐 𝒇𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒂𝒅𝒅𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒕𝒆𝒆 𝒊𝒔𝒊𝒏 𝒃𝒊𝒓𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒉𝒂𝒂 𝒋𝒊𝒓𝒂. 𝒀𝒐𝒐 𝒈𝒂𝒓𝒂 𝒄𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒖𝒇𝒕𝒂𝒏 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒅𝒊𝒊 𝒕𝒐𝒍𝒂𝒂𝒏 𝒏𝒊 𝒂𝒓𝒈𝒂𝒕𝒕𝒖:
1) 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊
√ 𝑯𝒂𝒓𝒊𝒊𝒓𝒐𝒐 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒂𝒂 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂
√ 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒊𝒏𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒇𝒖𝒓𝒎𝒂𝒂𝒕𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊
√ 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂 𝒅𝒖𝒓𝒂𝒂 𝒅𝒂𝒓𝒈𝒂𝒈𝒈𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒇
2) 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒙𝒊𝒊𝒏𝒔𝒂𝒎𝒎𝒖𝒖 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊
3) 𝑱𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂 𝒎𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒊𝒏𝒂𝒂 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖
4) 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒇𝒊𝒍𝒆𝒆 𝑴𝒂𝒄𝒂𝒂𝒇𝒂 𝑸𝒖𝒍𝒒𝒖𝒍𝒍𝒖𝒖𝒕𝒊𝒊𝒇 𝒅𝒆𝒆𝒃𝒊𝒊 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊
5) 𝑫𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒉𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒇𝒖𝒓𝒎𝒂𝒂𝒕𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊
6) 𝑴𝒖𝒍'𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂 𝒎𝒖𝒍'𝒂𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏
7) 𝑵𝒂𝒎𝒂 𝒋𝒊𝒋𝒋𝒊𝒊𝒓𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒕𝒂'𝒖𝒖
8) 𝑨𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒉𝒊𝒊𝒃𝒃𝒂 𝒂 𝒖𝒖𝒎𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖
9) 𝑰𝒋𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒕𝒕𝒊𝒊 (𝒄𝒂𝒑𝒂𝒄𝒊𝒕𝒚 𝒃𝒖𝒊𝒍𝒅𝒊𝒏𝒈)
10) 𝑨𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒏 𝒎𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒅𝒂𝒏𝒅𝒂'𝒂𝒎𝒖
11) 𝑪𝒂𝒓𝒓𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝒃𝒊𝒚𝒚𝒂 𝒂𝒍𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 (𝒔𝒄𝒉𝒐𝒍𝒂𝒓𝒔𝒉𝒊𝒑) 𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒈𝒖𝒖𝒕𝒂𝒏
12) 𝑻𝒆𝒌𝒏𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝒎𝒊𝒊𝒅𝒉𝒂𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂
13) 𝑶𝒈-𝑾𝒂𝒂𝒒𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 (𝑻𝒉𝒆𝒐𝒍𝒐𝒈𝒚)
14) 𝑺𝒊𝒓𝒏𝒂 𝑨𝒅𝒅𝒖𝒏𝒚𝒂𝒂 𝑯𝒂𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝑰𝒍𝒍𝒖𝒖𝒎𝒊𝒏𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊 666 (𝑵𝒆𝒘 𝑾𝒐𝒓𝒍𝒅 𝑶𝒓𝒅𝒆𝒓 𝒂𝒏𝒅 𝑰𝒍𝒍𝒖𝒎𝒊𝒏𝒂𝒕𝒊 666)
15) 𝑲𝒊𝒕𝒂𝒂𝒃𝒊𝒍𝒆𝒆 𝒋𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂𝒇 𝒏𝒖 𝒇𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒏 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒈𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒌𝒆𝒏𝒏𝒖𝒖 𝒇𝒊 𝒌𝒌𝒇
𝑲𝒐𝒐𝒕𝒕𝒂𝒂! 𝑫𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒐𝒍𝒊𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝒃𝒊𝒓𝒐𝒐 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒖𝒎𝒔𝒂 𝒐𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒉𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂. 𝑴𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝒉𝒊𝒓𝒊𝒚𝒐𝒐𝒕𝒕𝒂𝒏 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒓𝒂 𝒄𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒘𝒂𝒂𝒎𝒂𝒂. Galatomaa | 494 |
| 9 | 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊❤️
√ 𝑯𝒂𝒓𝒊𝒊𝒓𝒐𝒐 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒂𝒂 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂
√ 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒊𝒏𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒇𝒖𝒓𝒎𝒂𝒂𝒕𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊
√ 𝑮𝒐𝒓𝒔𝒂 𝒈𝒂𝒂'𝒆𝒍𝒂 𝒅𝒖𝒓𝒂𝒂 𝒅𝒂𝒓𝒈𝒂𝒈𝒈𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒇 | 170 |
| 10 | Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
┏━━━━━━━━━━┓
Gorsaa fi Barnoota
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Gaa'elaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Hikka Jalalaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Dhunfaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Mula'ata Kee bekku hin barbada
┗━━━━━━━━━━┛
Waliin barannee waliis haa barsiifnuu📚📚
❏ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███ | 240 |
| 11 | Oolmaa kee sirreeffadhu. Mana barumsaa keessatti, iddoo deemte hundatti "fataa" jechuuf hin kajeelin. Nuuti Hafuura Qulqulluudhaan warra "fataa" jenneedha malee warra cubbuudhaan "fataa" jechuuf waammamne miti. Gocha cubbamootaa hin kajeelin (Far 37:1). Ittis hin hinaafin.
Haala mijataa qabdu kana fayyadamii Waaqayyoon tajaajili malee iddoo ejjaaf (sharmuuxummaaf) si saaxilutti hin argamin. Tarii kana boodas yoo kaadhimaa qabatte iddoo qoommiitti (iddoo namni isin hin arginetti) beellama hin qabatin. Iddoo namni isin arguu fi iddoo namootni hin ejjinetti ta'uu qaba. Ati amma hiikamtee jirta. Gara hidhaa kanaatti deebitee deemnaan hidhaan sitti jabaata. Hiikachuuf sitti ulfaachuu danda'a. Be careful!
Gaa'ela isa dhugaa ijaarrachuuf Waaqayyoon kadhadhu. Hanga gaa'elaatti ofii kee qulqullummaan qabadhu. Haadha manaa gaarii ta'uuf Waaqayyoon kadhadhu. Innis abbaa manaa gaarii siif kenna. Gaafas Waaqayyoon galateeffachaa jiraattu. Mandara Waaqayyo keessa hin jirre keessaa bahii oolmaa fi yaada kee waan hafuuraa fi barnoota kee irra godhadhu. Nama gara keeti dhufe of eeggannaa cimaan qabi. Akka inni si hidduuf hin eeyyaminiif. Hunda caalaa Hafuura Qulqulluu gara keetti waammadhu. Sagalee Waaqayyoo haalaan dubbifadhu. Amma Waaqayyoon galateeffachaa gara qalbii jijjiirrachuutti deemi.
Carraa gaariin siif hawwa! Waan gara koo dhufteef guddaa galatomi. Egaa yaada siif kenne kanaan waan gaarii irra akka geessu abdiin qaba. Waaqayyo waan yaada keetii siif haa kennu.
Eebbaaf ta'aa!
Egaa waan na wajjiin turtaniif galatoomaa. Yoo isinitti tole hiriyoottan keessan as nuuf affeeraa. ( https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 ) Yaadaa fi gaaffii akkasumas dhimma gorsa irratti barbaaddan yoo qabaattan @DrAlemayehuHotessa jedhaa naaf barreessaa. Eebbifamaa! (...the END)
𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂
𝑳𝒂𝒍𝒍𝒂𝒃𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 | 623 |
| 12 | Wow akkam namatti tolaa jettee nyaatte. Kun dhuma dubbii ta'eef. Saamsoon intala warra Filisxeem (diina Israa'eel) argee jaallate. Ishee na fuusistan malee jedhee maatii isaa rakkise. Kunis kufaatii irra deebii hin qabne isatti fide. Daawwiti osoo haadha manaa baay'ee qabuu haadha manaa Ooriyoon argee jaallate. Kufaatii guddaa kufe. Seexanni galata hin qabu. Si kuffisnaan si bira darba. Garaa hin laafu. Har'a waan gaarii fakkeessee wanti inni sitti mul'isu hundi kaayyoo isaatiif jedhee kan bocame malee waan si fayyadu miti. Mukti Hewaan jaallattee nyaatte sun du'a fide. Daliilaan Samsoon jaallate sunis du'a itti fidde. Seexanaan michoomee kan milkaa'eef tokko iyyuu hin jiru.
Karaan seexanni ittiin namoota hedduu galaafachaa jiru tokko walitti hidhata lubbuu (soul tie) isa jennuuniidha. Harki baay'een namaa ejja keessa jiraatuuf nama sana waliin walitti hidhata lubbuu (soul tie) godhata. Walitti hidhatni lubbuu maal akka ta'e ibsuuf fakkeenyi salphaan re'ee fi qeerransa mana cufaa keessatti akka waan hidhuuti. Cal jedhaa yaadaa mee. Fardaa fi waraabessa mana cufaa keessatti walitti hidhuun maal akka fidu. Ati amma nama kana waliin walitti hidhamtee jirta. Wal dhungachuunii fi shaakala ejjaatiin yaadaan walitti hidhamtee jirta. Waaqayyo si gargaaree hidhaa isa dhumaa kan wal qunnamtii saalaatiin godhamu sana hin goone. Durbummaan dhiiga qaba. Nama hafuuraan tokko hin taaneef osoo durbummaa kee kennitee jiraattee hidhaa hafuuraa irratti dabalataan aarsaa dhiigaa laattaaf turte. Hidhaa kana ofirraa hiikuuf silaa gatii guddaa si kafalchiisa ture. Garuu karaa kanaan Waaqayyo abbaan kee, inni ati ijoollummaa keetiin tajaajilte sun si oolcheera.
Namni gara kee dhufe kun nama seexanni ergate akka ta'e hubachuuf waan inni sirraa barbaadu qofaa hubachuun gahaadha. Gaa'ela dura namni ejja (sharmuuxummaa) isin gaafatu hundi ergama seexanaa qabatee akka inni deemaa jiru hubachuu qabdu. Baay'een keessan "jaalala" jechuu ni dandeessu. Jaalalli akkasii hin jiru. Mucaan kun irra deddeebi'ee durbummaa kee fudhachuu barbaada. Durbummaa qabdaa? Jennaan eeyyeen jette atis. Yoon si waliin ciise malee hin amanu jedhe. Ati garuu mana yaalaa deemeen qorama jennaan dide. Kaayyoon nama kanaa akka ati durbummaa qabdu ilaaluuf osoo hin taane ergama inni hin beekne kan seexanni keessa isaa kaawwate sanaaf dhiiga barbaadaa akka inni jiru beekuu qabda. Sana booda dhiigni dhangala'u sun akka chaappaa fi mallattootti ilaallama. Ati amma dhiigaan nama kanaaf mallatteessite waan ta'eef hidhaa cimaa keessa galta turte. Kakuun dhiigaa waan salphaa isinitti hin fakkaatin. Kakuu seexanaa kana dhiisiitiyyuu kakuun Waaqayyoo iyyuu dhiigaan raawwata. Kakuun Moofaan dhiiga horiitiin raawwata. Kakuun Haaraan immoo dhiiga Yesuus Kiristoosiitiin. Argitee dhoksaan dhiigaa hammam akka ulfaatu. Haati manaa Musee daa'ima ishii sana dhagna qabdee Museedhaan "ati anaaf shirsa misirroo dhiigaati" jette (Ba'uu 4:35). Egaa dubbiin dhiigaa tun daqiiqaa gabaabaa kana keessatti kan dhumtu miti. Hundaafuu, yaa obboleettii koo! Waaqayyo si oolcheera. Ani kana booda dubartii amanàmtuu ta'uu nan danda'a? Eeyyeen ni dandeessa. Akkamiin?
4) Fala: Nama kana waliin osoo amantii isaa hin ilaalin jaallachuun keeti dogoggora guddaadha. Nuuti nama kamiiyyuu ni jaallanna; ni kabajna. Haa ta'uu gaa'ela waliin ijaarrachuuf hafuuraan tokko ta'uun dirqama. Ana miti kan jedhe. Macaafa Qulqulluu dha malee!
Wanti amma ati goote kun hundi isaa cubbuudha. Dafii Waaqayyoon araarfadhu. Mi'a ulfinaa iddoo salphinaatti gatte. Dafii fuudhii iddoo isaatti deebisi. Dafii bakka keeti kaleessaatti deebi'i. Ofille kabajii Waaqayyoonilleen kabaji. Hariiroo kana dhaabi. Homaa si hin fayyadu. Si miidha malee! Du'a hammattee "kana dhabuu hin qabu" hin jedhin. Erga Waaqayyoon araarfattee booda nama amanamtuu ta'i. Namaafis amanami. Waaqayyoofis amanami. Kana booda hidhii hin eeyyamamne hin dhungatin. Harki hin eeyyamaminiif harma keeti hin tuqin. Hidhiin hin eeyyamaminiif hidhii keeti hin tuqin. Waan ciiggaasisaa akkasii kana akka hin raawwanne araara dhugaa gali. Waadaa dhugaa gali Waaqayyoof. 👇👇 | 372 |
| 13 | Bofa baatanii Waaqayyo maal jechuu barbaadeeti jechuun of gowwoomsuu caalaa nyaatamuudhaaf/qalmaaf of qopheessuudha.
Egaa atis akka natti himtetti namni ati jaallatte sun "amantii kana jedhamu hin qabu" jette. Yaa obboleettii koo! Nagaadha mitii ati? Jechuun rakkoon fayyaan wal qabate hin qabdu mitii? Maaltu geessee nama kanaan walitti si hidhe? Isaayyuu immoo "baay'een jaaladha; dhabuu hin barbaadu" jetta. Namni akka namaatti namuma. Jaalalli waan kabajamaa dha. Namni sunis kabajamuu qaba. Haa ta'uu malee nuuti nama foonii qofa miti; jireenya hafuuraas qabna. Jireenyi hafuuraa keenya immoo Waaqayyo irratti hin boqonne taanaan jireenyi keenya foonii lafa kana irratti boqonnaa malee jiraata. Dhibeen namoota baay'ee hiyyummaa osoo hin taane jireenya hafuuraati. Jireenya kee lafa kana irrattis ol samii irrattis sirreeffachuuf as lafa irratti sirreeffachuu qabda. Amma nama kana fooniin jaallattee jirta. Hafuuraan garuu isin tokko ta'uu hin dandeessan. Hamma barbaade nama miidhagaa fi naamusa gaarii qabu yoo ta'e iyyuu hafuuraan siif hin ta'u. Gaa'elli immoo kakuu foonii qofa osoo hin taane kan hafuuraatis. "Foon tokko ta'u" inni jedhu sun fooniin tokko ta'uu osoo hin taane walitti hidhamsa umrii guutuu kan walirraa adda hin baane ta'uu isaati.
Ati amma osoo hin beekin bofatti maramte. Kana yommuun jedhu mucaan sana fooniin "bofa" jechuu koo miti. Mucaan nama kabajamaa fi jaallatamaadha. Haa ta'uu malee dhimmichi dhimma hafuuraa waan ta'eef anis hafuuraan jechaa jira. Kanaafuu, hafuurri keessan lamaan walitti hidhamuu hin danda'u. Mee sibiila ho'aa isaa qaama keetti hidhadhu. Osoo si hin miidhin suuta jedhee qabbanaa'a mitii? Qaama kee guggubee godaannisa sirraa hin badne sitti kaa'ee si boossisee sirraa qabbanaa'a. Yookiin si ajjeessuus danda'a. Ati amma sibiila ho'aa ofitti qabdee jirta. Lubbuun kees gubachaa jirti. Mee akkas haa jennu. "Sibiilli kun bar baay'ee gaariidha. Biddeena itti bilcheessinee nyaanna. Waan baay'ees nu fayyada. Kanaaf isa dhabuu hin qabnu ofitti qabachuu qabna malee" yoo jenne sibiila sana caalaa nutu miidhama. Nan gubadhe nan boo'a isa jetteef immoo amaluma sibiilichaati. Ni boossisa. Nama gugguba. Abdii nama kutachiisa.
Gama biraatiin immoo warri mana keessatti kasalaan (cileedhaan) abidda qabsiifannee nyaata ittiin bilcheeffannu ni beektu. Mana xiqqaa kan foddaa qilleensa baasu hin qabne keessatti gaafa fayyadamnu suuta jedhee lubbuu kee gara samiitti erguu danda'a. Kanaafiidha "silent killer" kan jedhameef. Dargaggootni hedduun aara hin barbaadamne mana keessatti (garaa isaanii keessatti) qabatanii osoo iyyi isaanii hin dhaga'amin dhumaa jiru. Nama kaleessa tajaajilu boru 'reeffa' argitu. Nama kaleessa gorsaa dhalootaa turetu haala kanaan nyaatamee du'aa fi jiruu gidduu jira. Seexanni wanti inni gara kee dhufuuf "ergama" isaa raawwachuuf malee si gargaaruuf miti. Ergamni seexanaa balleessuu, ajjeessuu fi qaluu dha (Yoh 10:10). Seexanni kaayyoo kanaan ala kaayyoo biraa si biraa hin qabu.
Rakkoon obboleettii keenyaa fi kan namoota hedduu karaa seexanni ittiin gara keenya dhufu wallaaluudha. Seexanni waanuma cinaa kee jiru waan ati jaallattu fayyadama. Waan ittiin si sobuu barbaade sana waan miidhagaa godhee sitti mul'isa. Obboleettiin koos "baay'een jaalladha; dhabuu hin barbaadu" jetti. Seexanni gaafa gara kee dhufu nama funyaan furrii kan ati hin jaallanne fakkaatee osoo hin taane nama ati badheetti fiigdee qabdee dhuungattu fakkaateeti. Ati gaafa argitu "wow nama kana argachuun qaba; dhabuu hin qabu" jetta. Maaliif alli isaa baay'ee bareeda waan ta'eef. Kana jechuun inni si sobaa jira jechuudha (Yoh 8:44). Ifa fakkaatee gara dukkanaatti si oofaa jira (2Qor 11:14). Erga gara keeti dhufeen booda waan keessa keetii hin badne keessa kee kaa'ata. Kanaafiidha namootni hedduun kaadhimaa isaanii wajjiin yeroo ejjaa dheeraa dabarsanii gaafa walirraa adda bahan "yeroo ajaa'ibaa waliin dabarsine" jedhu. Cubbuu laaqaa bahanii yeroo ajaa'ibaa jedhu. Seexanni cubbuu waan gaarii godhee sitti mul'isa. Gaafa bofa fakkaatee gara Hewaan dhufu mukuma iddoo jireenyaa ishii sana ture itti agarsiise. 👇👇 | 219 |
| 14 | Irra deeddebbin Kun ta'uu eegale of dhowwu dandeenye...Nan jaaladha jedhe sababan of amansiisef kana dhiisu dandenye...afuurrikoos keessikoos gad dhuma deemera 😭...Itti dabale xinsammu koorranis baala geessisera...... Yoon qaama salaan eejja hin rawwanne ta'eyyu afaanif yaadan rawwadhera kanaf ...deebise dubartii amanamtu ta'u hin danda'uu..😭 waaqno namaf cubbamtotafis dhufee naaf dhiisa ...sammunkoo garuu akkamitti naaf dhiisa ..qaama Koo irrattin cubbu rawwadhe akkamittin deebise of simadha.....bayye of jibbera confidencen yaada qabu dubbachuf ka'een deebi'e dhufe fuulakoo kan dhabbatu yakka kooti...bayye ofitti qana'a ofitti gaddas jira..hamma nama akkan geenye Fi yaada akkan lafarra jiraadhu duwwa natti dhagahama jiraa....wanti Ani beeku miira ulfaata to'atamu dandenye keessattu gaafa uffatakoo na irra harkisu sagalee iyya sababan dhageesisuf cubbu Isa bara baran keessa baane hin rawwanne kanaf xiqqon jaajjabadha ...garuu isuma kaniyyu gaafan yaaddadhu ofiin jibba maatiif bilbilun Akka duriitti namota waalin haasa'u qaneffadha ...malii furmaannikoo? kuno ji'a 5 giddutti waan uumamedha"
Yaada obboleettii koo akka armaan olii kanatti dubbistanii hubattanii jirtu jedheen abdadha. Anis yaada koo bifa armaan gadii kanaan isiniif qooduun fedha. Hunda caalaa immoo tokkoon tokkoon jecha ani dubbadhu Hafuurri Qulqulluun akka keessa galee humna itti godhu nan amana.
1) Nama akka garaa koo: Namoota Macaafa Qulqulluu keessatti argaman keessaa mootichi Daawwiti isa tokko ture. Daawwiti nama qulqulluu dha. Cubbuus hojjateera. Haa ta'uu malee amala Daawwiti keessaa kan baay'ee nama gammachiisu gaafa cubbuu hojjate dafee fuula Waaqayyoo duratti kufa ture. Akka nama bara kanaa cubbuu dhokfatee waliin hin gubatu. Cubbuu gaafa hojjatu eenyuun akka yakke sirriitti beeka. Kanaafiidha Macaafi Faarfannaa 51:4:
"Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera;
waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera;
kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha;
yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu." kan jedhuuf. Daawwiti eenyuun akka yakke ni beeka. Kanaaf gadi of qaba. Waaqayyos nama kanaan "nama akka garaa koo" jedheen. Atis eenyummaa kee isa Kiristoosiin argatte sanaa fi jireenya keeti wal bira qabdee gaafa ilaaltu sadarkaa siif hin malle keessa jiraachuu keeti hubattee cubbuu keeti ifatti baastee himachuun keeti waan baay'ee namatti toluudha. Waaqayyos baay'isee sitti gammada. Yoo jechoota ani amma siin jechuuf jedhu kana fudhattee hojiitti hiikte imimmaan ija kee gurraachesse kun saffisaan gara imimmaan gammachuutti siif geeddarama.
2) Hariiroo jaalalaa jalqabuu: Hariiroo jaalalaa jalqabuu fi ittiin jiraachuu irratti dhalootni harki baay'een rakkoo akka qabu argaa jirra. Dhimma kana irrattis waan baay'ee barreesseen jira. Kanaaf barruulee kanaan duraa akka wabiitti fudhadhaa! Irra deebi'aa dubbisaa! Namootni baay'een maqaa jaalalaatiin 'bineensa' waliin hariiroo godhatu. Yeroo kana jireenyi isaanii akka rooba lafa gogaa irratti roobeetti xuuxamee jalaa dhuma. Yaa obboleettii koo! Baay'een si kabaja. Haa ta'uu malee rakkina kee isa ijoo qabxii itti aanu irratti ilaalladhu. Rakkinni kun rakkina namoota hedduuti.
3) Ergama seexanaa: Ati nama gooftummaa Yesuusiitti amanuudha. Tajaajiltuudhas. Kana jechuun ati mi'a kabajamaadha. Mi'a safara 'booyyee' tti hin kaa'amneedha. Mi'a ulfina qabeessa. Mi'i ulfina qabeessi iddoo isaa beeka.
Gaa'elaaf nama jaallachuun homaa rakkoo hin qabu. Haa ta'uu malee inni ati jaallatte nama ta'uu fi bofa ta'uu isaa adda baafachuun barbaachisaa dha. Yeroo tokko intalli wayii kaadhimaa qabatte. Kaadhimaan ishii kun nama amanee hin fayyineedha. Guyyaa tokko Waaqayyo karaa Hafuura Qulqulluu abjuudhaan osoo ishiin meeshaa wayii pilaastika kurtuudhaan qabattee deemtuu argiti. Meeshaan kun gaafa ishiin ilaaltu kaadhimaa ishiiti. Xiqqoo turtee gaafa ilaaltu immoo bofatti jijjiirame. Kana booda isheenis hirriibaa dammaqxe. Paasterii waldaa bira deemtee waan argite sana itti himtee "Waaqayyo maal jechuu barbaadeeti?" jette jedhan. ...👇👇 | 197 |
| 15 | "....hiriyaa baay'ee jaalladhun qaba. Durbummaa nan qaba jennaan argu malee hin amanu jedhee na rakkisaa jira. Wal dhungannee ...."
Ayyaannii fi araarri Waaqayyoo hunduma keessaniif haa ta'u. Karaa chaanaalii 𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒆𝒎𝒂𝒚𝒆𝒉𝒖 𝑯𝒐𝒕𝒆𝒔𝒔𝒂 jedhu kanaa gaaffii dhalootni keessa isaatti qabatee ittiin miidhamaa jiru bifa icciitii isaa eeggateen deebisuuf yaalaa jirra. Namootni baay'eenis waan guddaa akka irraa baraa jirtan dhugaa bahaa jirtu. Egaa abbaan ogummaa kanaa Gooftaan galata haa fudhatu jechuun barbaada. Namootni gaaffii qabatanii ukkaamamaa jiran hedduun waan jiraniif chaanaalii kana hiriyoottan keessaniif "share" godhaa. Warri deebiin gaaffii keessanii isiniif deebitee fi warri gaaffii osoo hin gaafatin barreeffamoota as keessa jiran qofa dubbistanii waan irraa barattan dhuga bahinsa keessan osoo nuuf ergitanii nutti tola. Warri gaaffii qabdanis sodaa tokko malee dhiyeeffadhaa. Deebii yoo kennuu baadhes yaada isin gargaaru akkan isiniif kennu abdiin qaba. Eebbaaf ta'aa!
Obboleettiin koo gaaffii armaan gadii kana naaf ergitee jirti. Seenaa garaa nama nyaatuudha. Mee dubbisnee walitti haa deebinu. Dubbisa gaarii!
"Dr akkam jirtu ..channali keessan hordofu kanan eegale dhihoma kana garuu ... gaffilee bayyef deebi argaadhera ...wa guddas irra bufaadhera kanaf galannisa Isaa waqayyof ha tahuu...dhaloota itti dukkana'e bayyef karaa ta'a wanan jirtanif isiin jajjabeesus Nan jaaladha...gaffi kooti Yoon galee...
Ani barattu wagga jalqaabati umurinkoos 20 gaffi bayye qabadhus garuu ammaf bayye kan na dhiphise gaafachun barbaade .....Hirriya jaalala baati muraasa duraa Wal bareen qaba..hamma na jaalatu beeku dhiisus bayyen jaaladha dhabuus hin barbaadu wantonni nuhii irratti wali galle bayye yoo ta'a iyyu Ani jaalachu dhiisu dandenye sammu Koo amansiise dhiisus Nan dadhabe... 😭..
1) Ani fayyisu kiristos iyyesustti nama amanufi taajajiltu kuwaritis
..inni garuu amanti kana jedhamu keessatti qabame jiraatu hin qabu... Akkam godhu..?
2) Durbumma Akka qabdu baruun barbaada jedhe yeroo hunda waan na gaafatuf...yaadni Ani deebisufi Akka karaa oggeessa fayya lallu yoo na amanu dadhabe itti himus kana irratti bayye Wal Akka dhabnuf sababa ta'e Lollif walii galtee dhabuun keenyi inni gudda gaailaa malee Wal qunnamti saala rawwachu irratti....Yoon qaba jiraa jedhen eenyuf keessere Nan jaalattu ati kana caala namni gatii nama jaalattef baasa Kun sitti guddate Nan jedha...Yoon hin jiruu baqqa badeera jedhe immo erga jiranne maltuu badaaf akkas diddare too ati jirtuu akkamittin nama jaalanne bira deema jedha...Akka walitti hidhaminsa gaailaa malee Wal qunamtiin saala cubbu ta'e luqqisi kitaaba keenyarra jiruun itti himu yaalus...namotaf hirriyota nanno Isaa sababa dursaani Durbumma waliif Kennanin jireenya jaalala akkami akka jiraatan kaaset yaadakoo fudhachu dhiisa..har'a yoo walii galle boru Wal dhabnan sababni guddanis kanuma....sababota bayye akka inni nan jaalanne agarsiisan beekus Ani garuu itti hidhamera dhiisus him dandeenye..😭😭
3)Laman keenyu barnootaf sababa matii bira jiraannefi yeroo barbaadnetti Wal argu dhaf iddo barbaadnetti Wal argudhafis haala mijaata keessa jirra..yeroo bayye haasa'udhaf yaadan.. jenne bakki nuti filannu bakka dhoksafi bakka enyumtu nama jeeqnedha...
sababa kanan... rakko na mudaate a)...Wal qaqqabanna akkata malee Fi dhungoo afaanin taasifamuf saxilamee😭..
haasofne osoo walii galiin kan Wal dhunganne duwwa argina kunimmo jaalala waliif qabnu jenne waan fudhannuf yeroosif gammachu malee wanti inni nu giddutti uumu qabu...garuu gafaa adda baane galluu..Ani osoo manakoo hin gahiin karaamarrattin gabbif cephoon na qabe immiman robsaa galaa galee ...hamman dadhabutti of ciire bohee deebise dhiisa..itti Akka deebinetti ofitti himen waadaa ofiif galeen dhiisa.
bule jennan waan hunda irranfadhe fuula nama jaaladhu Suni ammas deebise arguufin hawwa...Kun jaalaladha...?😭😭....👇👇 | 263 |
| 16 | Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
┏━━━━━━━━━━┓
Gorsaa fi Barnoota
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Gaa'elaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Hikka Jalalaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Dhunfaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Mula'ata Kee bekku hin barbada
┗━━━━━━━━━━┛
Waliin barannee waliis haa barsiifnuu📚📚
❏ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███ | 455 |
| 17 | 3) Ani ammas isa nan jaaladha: yaa obboleettii koo! Har'as borus isa jibbuu hin dandeessu. Maaliif yoo jette nuuti akka kiristaanaatti nama kamiiyyuu jibbuu akka hin qabne Macaafi Qulqulluun nu gorsa waan ta'eef. Namni nama jibbu nama lubbuu ajjeesseedha jedha. Yoo nama jibbita ta'e nama nama ajjeesse waliin boru wal qixa sitti faradama waan ta'eef.
Haa ta'uu malee carraan gaa'elaa keessan akka hin deebinetti deemee jira. Nama kana jaalala obbolummaatiin yoo ta'e malee jaalala gaa'elaatiin jaalachuu hin dandeessu. Lakkii jaalaluma duraa sanatu na keessaa bahuu dide yoo kan jetta ta'e of keessaa baasi. Ulfa hin ta'in malee waan hin taane of keessaa baasuun ni eeyyamama. Amma yaada keeti nama kana irraa kaasii gaa'elaaf kadhannaa jalqabi. Hariiroo kan biraa ijaarrqchuuf yoo haalli sitti tole of eeggannaan jalqabi. Garuu lammata akka hin sobamneef of eeggadhu.
4) Nama kana of keessaa baasuuf: eeyyeen nama kana of keessaa baasi. Namni kun abbaa manaa dubartii biraati. Abbaa manaa keeti ta'uu hin danda'u. Sababiin isaas inni haadha manaa isaa sana hiikuu waan hin dandeenyeef. Kana booda faayilii isaa cufi.
Tarii namni kun waa sirraa fudhateera ta'uu mala. Waan akka maallaqaa kana faa sirraa nyaatee yoo isa sana deebistee isa gaafachuu barbaadde ragaalee maallaqa sana ittiin ergite qabadhu. Ragaa sanaan fala itti barbaaddadhu. Lakkii homaa wal irraa hin qabnu waan jaalalaan waliif goone irraa kan hafe yoo kan jettu ta'e yaadannoo nama kanaa of biraa balleessi. Waan ragaadhaaf qabattu irraa kan hafe waan isa si yaadachiisu hundumaa ofi biraa balleessi. Waaqayyoon kadhadhu. Fedhii Waaqayyoo waan hin taaneef hariiroon keessan diigameera. Gama biraatiin immoo Waaqayyo nama gaa'ela isaatiif hin amanamne kanaaf si kennuu hin barbaanne. Kanaaf akka udaan daa'immanii carqiidhaan qabee cinaatti isa deebise. Atis hanqina qabda faa ta'uu danda'a. Tarii hariiroo kana seeraan qabachuu hin dandeenye faa ta'a. Kanas ta'ee sana hariiroon keessan amma raawwateera. Kana booda sa'aatii waan nama kanaa yaaddu irratti waan biraa hojjadhu. Waan biraatiin of biizii godhi. Hiriyoottan biroo wajjiin yeroo kee dabarsi.
Namootni tokko tokko sababa hiriyaan isaanii waan hin taane isaan irratti hojjateef nama kan biroos ijuma sanaan ilaalu. Inni kun sirrii miti. Akkuma dhiirri 'sagaxeen' akka isaa lafa guute dhiirri gaariinillee guutee jira. Balleessaan nama sanaa kanuma isaati malee dhiirota kanneen biroo bakka hin bu'u. Ofuma isaa deemee badii akkasii kana hojjate malee nu miti kan isa ergate. Badii nama kanaatiif dhiirota 'miskiina' tokko tokko akka maqaa hin balleessineef jedheeti.
Egaa gorsi koo inni dhumaa Waaqayyo nama amanamaa isaa siif haa kennu. Atis hanga nama amanamaa sana argattutti obsi. Jireenya keeti qulqullummaan qabadhu. Haadha manaa gaarii ta'uu akka dandeessuuf Waaqayyoon kadhadhu. Waaqayyo irraas hin fagaatin. Namni tokko gaafa gara keeti dhufu sababiima heerumuu barbaadde qofaaf nama sana hin simatin. Waaqayyoon kadhadhuu fedhii isaa ta'uu adda baafadhu. Fedhii Waaqayyoo miti taanaan irraa baqadhu. Har'aaf asumatti nu haa gahu!
Carraa gaariin siif hawwa! Waan gara koo dhufteef guddaa galatomi. Egaa yaada siif kenne kanaan waan gaarii irra akka geessu abdiin qaba. Waaqayyo waan yaada keetii siif haa kennu.
Eebbaaf ta'aa!
Egaa waan na wajjiin turtaniif galatoomaa. Yoo isinitti tole hiriyoottan keessan as nuuf affeeraa. ( https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 ) Yaadaa fi gaaffii akkasumas dhimma gorsa irratti barbaaddan yoo qabaattan @DrAlemayehuHotessa jedhaa naaf barreessaa. Eebbifamaa! (...the END)
𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂
𝑳𝒂𝒍𝒍𝒂𝒃𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒏𝒈𝒆𝒆𝒍𝒂𝒂, 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂 𝑻𝒊𝒚𝒐𝒐𝒍𝒐𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝑶𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒔𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒘𝒂𝒂𝒔𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 | 612 |
| 18 | "...ani biyya alaan jira. Hiriyaa baay'ee jaaladhu tokkon qaba. Amma garuu inni fuudhee daa'ima tokko godhatee jira. Ammas nan jaaladha....."
Yooyyaa! Nageenni badhaadhaa? Baga Waaqi hunda keessaniif nageya kenne. Karaa chaanaalii 𝑫𝒓. 𝑨𝒍𝒆𝒎𝒂𝒚𝒆𝒉𝒖 𝑯𝒐𝒕𝒆𝒔𝒔𝒂 gaaffii ukkaamamaa dhaloota miidhaa jiruuf deebii kennuuf yaalaa jirra. Namootni baay'een gaaffii gaafachaa jirtu. Deebii nama tokkoof kennamu irraas waan baay'ee akka baraa jirtanis yaada keessan irraa hubachaan jira. Chaanaaliin namoota baay'ee bira akka gahuu fi dhiibbaa dhaloota irratti akka uumuuf isinis gama keessaniin nu cinaa dhaabbachuu hin dagatinaa. "React" godhaa! Hiriyoottan keessan as affeeraa!
Obboleettiin koo gaaffii armaan gadii kana naaf ergitee jirti. Mee gaaffii ishii ilaallee walitti haa deebinu.
"Nagan Waqqayoo siif haa ta'uu .barumsaa keesanif gudda galatomaa. Itti ansudhan dhimii gaaffi koti akkasi turee hiryaan qaba ture wagga 6 wajjin turee jaalalan haa ta'uu malee ani biyya alaan jiraa inni biyya keesaa jiraa amma garuu inni fudhe da'imaa tokko akka godhate dhaga'e surra gargaraas argee,ani ammayu jaalalaa isaati Baayeen midhama jiraa.yeroon biyya jiruu maatin isaas,kan koos hin bekku baaye nati ulfaate jiraa mee maali jettu?"
Gaaffiin obboleettii koo kan armaan olii kana fakkaata. Namoota gaaffii kanaan wal fakkaatu qabdaniif akkasumas obboleettii keenya kanaaf anis yaada gabaabaa kenneen darba. Yaadni koos kunooti:
1) Jaalala fageenyaa: ijoolleen biyya alaa jiran yeroo baay'ee waan akkasii kanatu isaan qunnama. Jireenya isaanii fooyyeffachuuf gara alaa erga deemanii booda hariiroon jaalalaa kunis waan isaan barbaachisuuf keessa galuu barbaadu. Haa ta'uu malee biyya ormaa waan jiraniif namuma biyya isaanii keessa jiru waliin karaa qilleensaatiin hariiroo uumu. Hariiroon namoota hedduu yoo kan milkaa'u ta'e iyyuu kan osoo hin milkaa'in hafu baay'ee dha. Inni kun immoo yeroo baay'ee ijoollee biyya Arabaa jiran irratti raawwata. Kanaafuu, wanti akkasii kun raawwachuun isaa waan hin eeggamne miti. Hanga nama sanaan wal fuutanitti hariiroo akkasii kana amanuun baay'ee ulfaata. Yeroo addunyaan karaa interneetiitiin tokko ta'aa deemaa jirtu kanatti namni karaa baay'een wal bara. Haa ta'uu malee of eeggannaa cimaa barbaada. Wanti boru laphee keenya cabsu akka nu hin qunnamneef dursinee of eeggachaa deemuu qabna.
2) Waa'ee hiriyaa kee fuudhee dhala godhatee argame sanaa: kun ammas si dinquu hin qabu. Innoo erga si jaallatee booda fuudhee mucaa godhate. Kanneen biroo garuu osoo ijoollee lama sadi qabanii nama hin fuudhin of fakkeessuun ijoollee biyya alaa ykn iddoo biraa jiran janaajjanatu. Amma wanti ati hubachuu qabdu tokko jira. Namni kun duruma iyyuu si jaalachuu isaa sirriitti hubattee jirtaa? Yeroo baay'ee dhiironni ijoollee biyya alaa jiran maallaqa irraa nyaachuuf ykn karaa isaanii gara biyya alaa bahuuf karaa gaa'elaa kanaan itti dhiyaatu. Haala kanaan kan nyaataman lakkoofsa hin qaban. Atis amma isaan kanneen keessaa tokko taatee jirta.
Namni kun osoo si jaallata ta'ee silaa waan akkasii kana sirratti hin raawwatu. Mee waan nama kanatti baaste tilmaami. Tarii maallaqa itti baastee jirta faa ta'a. Namni kun waan sirraa barbaade sana argannaan amma nama jaallatu waliin gaa'ela ijaarrate. Gabaabaadhumatti namni kun si hin jaallatu. Osoo inni si jaallata ta'ee fi dirqamni isin walirraa adda baasu wayii itti dhufee silaa siin mari'ata. Waliigaltanii isa jalqabdan walii galtanii diigdu. Amma garuu inni si dhiisee kaadhimaa biraa qabachuu bira darbee mucaas godhatee jira. Inni kun faayidaaf sitti siqe malee jibbaa fi tuffii guddaa akka inni si biraa qabu agarsiisa. Namni tokko si jibbinaan dirqama akka si jibbu sitti himuu hin qabu. Akkuma namni si jaallate gochaan sitti agarsiisu kan si jibbes gochaan sitti agarsiisa. Inni akka itti si jibbu waan amma godhe kana caalaa karaan inni itti siif mirkaneessu hin jiru. (...next page) | 379 |
| 19 | "....hiriyaa tokko illee hin qabu. Kophummaan na ajjeessuuf. Abjuun koo najalaa badeera. Maaloo na qaqqabaa...."
Yaada gorsaa asiin seenaa ilaalaa!
https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 | 662 |
| 20 | Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
┏━━━━━━━━━━┓
Gorsaa fi Barnoota
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Gaa'elaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Hikka Jalalaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Dhunfaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Mula'ata Kee bekku hin barbada
┗━━━━━━━━━━┛
Waliin barannee waliis haa barsiifnuu📚📚
❏ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███ | 660 |
