fa
Feedback
Qaroo Post

Qaroo Post

رفتن به کانال در Telegram

Qaroo Post is an Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country CHANNELIIN Qaroo Post ODEEFFANNOO WAYTAAWAA YEROO YEROOTTI SINIIF LAKKISA https://telega.io/c/QarooPost

نمایش بیشتر
2 565
مشترکین
-124 ساعت
-127 روز
-7630 روز
آرشیو پست ها
Baankiin Daldala Itoophiyaa ijaarsa manneen hojjettoota Daandii Qilleensaaf liqii birrii biliyoona 27.8 mallatteesse Baankiin Daldala Itoophiyaa ijaarsa manneen jireenyaa hojjettoota Daandii Qilleensa Itoophiyaatiif kan oolu waliigaltee liqii birrii biliyoona 27.8 taasiisuun isaa ibsameera. ​Waliigalteen Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi Baankii Daldala Itoophiyaa gidduutti taasifame kun, rakkoo manna jireenyaa hojjettoota dhaabbatichaa karaa furiinsa waaraa qabuun furuufi dhiyeessii faayinaansii barbaachisu mijeessuuf kan kaayyeffatameedha. ​Hoogganaan Hojii Raawwachiisaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasawu, dhaabbatichi kanaan dura rakkoo manneen hojjettootaa furuuf manneen 1,200 ijaarsisee dabarsuu isaa yaadachiisaniiru. Ammas hojjettoota dabalataa 5,000 ta'aniif ijaarsi manneen jireenyaa raawwatamaa akka jiru ibsaniiru. ​Madda: Kaappitaal @QarooPost

Amajjii 23 Irraa Jalqabee Meeshaalee Pilaastikaa Salphaa Fayyadamuu fi Oomishuun Seeraan Nama Adabsiisa Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo dhorkaan oomishaalee pilaastikaa tajaajila yeroo tokkoof qofa oolan irratti darbe Amajjii 23, bara 2018 (Tir 23, 2018 E.C.) irraa jalqabee guutummaatti hojiirra akka oolu fi tarkaanfii fudhachuu akka jalqabu beeksiseera. ​Qabxiiwwan Ijoo: ​📌 Daangaa Yeroo: Yeroon ceumsaa ji'oota jahaaf kenname Amajjii 23 (Tir 23) ni xumurama. Kana booda pilaastika salphaa oomishuu, biyya keessatti galchuu fi fayyadamuu seeraan nama gaafachiisa. ​📌 Dhiyeessii Filannoo: Warra waraqaa fi meeshaalee naannoof mijatoo ta'an biroo oomishaniif, maashinaroota galchaniif dhiifama qaraxaa fi dhiyeessii liqii mijeessuuf hojjetamaa jira. ​📌 Hojii To'annoo: Abbaan taayitichaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoomuun, raabsama pilaastikaa seeraan alaa gabaa keessatti mul'atu to'achuuf qophii xumureera. ​🚨 Hubachiisa: Daldalaan yookiin oomishaan kamiyyuu hamma Amajjii 23 tti qophii barbaachisu taasiisuun gara oomishaalee filannoo birootti akka ce'u waamichi dhiyaateera. @QarooPost

Biiroon Galiiwwan Finfinnee Hooggantoota fi Ogeessota 179 Irratti Tarkaanfii Fudhate Biiroon Galiiwwan Finfinnee baatiiwwan 5n darban keessatti hojjettoota 179 irratti tarkaanfii diisiippilinii fudhachuu isaa beeksiseera. ​Sababa Tarkaanfichaa: Hanqina tajaajila kennuu, yakka malaammaltummaa fi hojimaata badaa, akkasumas hir'ina naamusaa wajjin kan wal qabatuudha. ​Qaama Adabame: Hooggantoota 20 fi ogeessota raawwachiiftuun 159. ​Malleen Hordoffii: Hanqinaalee kallaattii kaffaltoota gibiraa (mystery shopping), kaameeraa neetworkii (surveillance camera) fi gamaggama raawwii karooratiin adda ba'anidha. ​Xiyyeeffannoo Fuulduraa: Tajaajiloota akka E-filing (Gabaasa gibiraa toora interneetiin), E-payment (Kaffaltii dijitaalaa) fi kenniinsa lakkoofsa eenyummaa kaffaltii gibiraa (TIN) ammayyeessuun, rakkina kaffaltoota gibiraa hir'isuu. ​Biiroon kun gara fuulduraattis hordoffii cimaa taasisuun hojii galii haqa qabeessa ta'een sassaabuu cimsaree akka itti fufu ibseera. @QarooPost

Weellistuu Veeroonikaa Adaanee Badhaasa "Zikomo Africa Awards" Irratti Injifannoo Galmeessite ​Weellistuun beekamtuun biyya keenyaa Veeroonikaa Adaanee badhaasa waggaa "Zikomo Africa Awards" irratti badhaasa "Weellistuu Dubartii Waggaa" (Female Artist of the Year) jedhu injifachuun badhaafamteetti. ​Veeroonikaan weellistoota dubartii beekamoo Afrikaa birootatti dorgomuun injifannoo kan argatte yoo ta'u, qophii badhaasaa kana irratti qaamaan argamuun badhaasa ishee fudhatatteetti. Injifannoon kun fakkii muuziqaa Itiyoophiyaa sadarkaa guutuu Afrikaatti ol kaasuun isaa ibsameera.

#Oduu_Addaatiin‼ Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartii Walooma Diimookraatawaa Tigraayi (Simrat) kan Pireezidaantii Bulchiin
#Oduu_Addaatiin‼ Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartii Walooma Diimookraatawaa Tigraayi (Simrat) kan Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraayi duraanii Obbo Geetaachoo Raddaan durfamu akka Paartii Siyaasaa Naannootti fudhatama kennuun galmeessuu beeksise. Paartiin Simrat angawoota Paartii Adda Bilisabaasaaa Ummata Tigraayi (ABUT) kan dhaabate yoo ta’u, Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraayi duraanii fi Gorsaa Dhimma Gaanfa Afriikaa Muummee Ministira Itoophiyaa Obbo Geetaachoo Raddaas akka Pireezidaantiitti filee jira. Paartiin galmee beekkamtii guutuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa biraa argate kun, Tigraayi keessatti kaayyoo siyaasaa haarawa fiduuf kan hojjetu ta’uufi qeeqa ABUT fi ADWUI irratti dhiyaatuufis deebii malu dhiyeessuuf hojjetas jedhameera. @QarooPost

"Godina Guraagee Bahaatti maatiin nyaata summaa’e nyaatan keessaa namootni torba du’uu hordofee poolisiin namoota kudhan to'annoo jala oolchuu ibse Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaatti miseensonni maatii tokkoo nyaata summaaye nyaatan keessaa namootni torba dhibamanii achumaan lubbuun isaani darbuu Koomishiniin Poolisii Naannochaa beeksise. Bakka Bu’aan Kutaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa Ittaanaa Kimaandar Yaaloo Tamazgeen, Godina Guraage Bahaa Aanaa Masqaan ganda Masarata Wagaraam ollaa Daashoo Qootoo jedhamutti taateen kun mudachuu ibsan. Ittaanaa Kimaandar Yaaloo, Sadaasa 15, 2025, galagala naannoo saatii tokkoo miidhamtoonni kun, waliin irbaata erga nyaatan booda dhibamuu eeranii, battala namootni kun dhukkubsatan namootni ollaa mana yaalaa geessuu dubbatan. Isaan keessaa ijoolleen maatii kanaa kan umrii waggaa 5, 7 fi 17 hospitaala battala gahan du’an jedhan. Kanneen hafan lubbuun hambisuuf yaaliin cimaan taasifamus borumtaasaa Sasaasa 16, 2025 miseensi maatii kanaa shamarreen ganna 14, dhiirri ganna 15 halkan naannoo saatii 11tti du’uu poolisiin naannichaa ibseera. Ammas daa’imni ganna 1, Sadaasa 18 yoo du’u, abbaan isaaniis itti fufuun Sadaasa 19 lubbuun isaanii darbee walii galaan namootni saddeet maatii kana keessaa taatee kanaan du’uu ibse. Haati Warraa maatii kanaa lubbuun hafan Hospitaala Miniliik Finfinneetti yaala irra jiraachuu kan eere Poolisiin Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa, ka’umsi nyaata maatii kanaa summeesse maal akka ta’e qorataa akka jirus ibseera. Bakka Bu’aan Kutaa Qorannoo Yakkaa Poolisiin Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa Ittaanaa Kimaandar Yaaloo Tamazgeen namoota nyaata kana summeessuun shakke kudhan to’annoo jala oolchee qorannaarra akka jirus ibsaniiru." Maddi: Addis standard @QarooPost

Tiraamp kantiibaa Niiw Yoork haaraa filame Zoohraan Maamdaanii waliin wal-arguufi. Pireezidaant Tiraamp kantiibaa Niiw Yoork haaraa filame Zoohraan Maamdaanii waliin Waayit Haawusitti wal-arguufi. Arrabsoofi jecha walitti darbachuu yeroo filannoo magaalattii jidduu isaanii deemaa tureen booda wal-arguuf jechuun isaanii kuni kan dhagahame. Namni umriinsaa 34 Zoohraan Maamdaanii Demokiraatik Soshaaliistii, jalqaba baatii kanaa kantiibaa Niiw Yoork tahuun filame. Filannoon dura magaalattiin ala beekamtii guddaa kan hin qabne yoo tahu, amma nama akka biyyaalessaatti maqaan dhahamu tahee jira. Tiraamp ''kantiibaan koministichi'' wal-arguuf akka gaafate himan, walgahiin kuni waajjira mootummaa Ovaal Ofiisitti taa'ama. Dubbii-himtuun kantiibaa haaraa filame kanaa kantiibaan haaraa filame pireezidaantii waliin wal-arguun aadaa dha jette. ''Kantiibaan haaraa Pireezidaanticha Waashingitanitti yoo argu waa'ee nageenna uummataa, diinagdeen of danda'uufi humna tajaajilaafi dhiyeessii bu'uura jireennaaf kaffaluu danda'uu, jiraattoonni miiliyoona tokko Niiw Yoork isa filatan irratti mari'achuuf jedha,'' jette dubbii-himtuun Dooraa Peekeek. @QarooPost

Senegaal keessatti tajaajilli wal-qunnamtii saalaa seeraan qindaa’ee hojiirra oola. Dubartoonni hojii wal-qunnamtii saalaa hojjetan eeyyama mootummaa fi kaardii adda ta’e fudhatu. Mootummaan Senegaal, dhibee daddarbaa HIV fi STIs to’achuuf, tajaajila hojii saalaa sirnaan galmeessuun hojiirra oolcha. Dubartoonni hojii saalaa hojjetan umriin isaanii waggaa 21 ol ta’ee yoo galmaa’an: Kaardii fayyaa (“carnet sanitaire”) ni fudhatuu Qorannoo fayyaa ji’a ji’aan seera qabeessa ta’een ni taasiisuu Kondhoomii bilisaa argatu; Leenjii fi odeeffannoo barnoota fayyaa ni fudhatu. Sirni kun akka qorannooleen agarsiisanitti, fayyadamummaa kondhoomii dabaluudhaan, tamsa’ina dhibee HIV dabalatee STDs to’achuuf gahee guddaa qaba. Kanaafuu, biyyatti keessatti rakkoo HIV uummata waliigalaa keessatti harka 1% gadii irratti deebisuuf sirni kun murteessaadha jechuun odeeffannoon ni ibsa. Haa ta’u malee, hojii saalaa hojjetan hedduun akka hin galmoofne fi rakkoon tuffii fi doorsisni jiraachuu gabaasni ni addeessa. @QarooPost

#Kinsey_Wolanski Jireenyi naaf ta'eera jette. Waggaa 6 dura tapha UCL Final 2019 #Liverpool fi #Tottenham gidduutti taphatame
#Kinsey_Wolanski Jireenyi naaf ta'eera jette. Waggaa 6 dura tapha UCL Final 2019 #Liverpool fi #Tottenham gidduutti taphatame irratti uffata baafattee qullaa dirree seenuun addunyaa rifachiiftee turte. Poolisiin erga qabee booda yoo qoratu.. "Ani naman miidhe hin qabu. You Tube koo fi Abbaa warraatiif #beeksifachuufin kana godhe. Kanaanis beekamtii argadhee of jijjiiruun barbaada jetteen. Guyyaa 2 booda gadhiisan. Yoo mana galtu namoota 3,970,000 ol tu Subscribe godheefii jira. Isheenis gammadde. Amma abbaa warraa isheen adda baateetti. Inni yakkaan shakkamee hidhaa jira. Isheen immoo #paayileetii taatee xiyyaara balaliisaa jirti. Dabalataan #Real_state qabdi. Amma jireenyi koo jijjiirameera. As gahuuf garuu wareegama guddaan kanfale jettee dubbatti. @QarooPost

Biddeen suuqii shaqaxaaleetti gurguruun dhorkame Magaalaa Finfinneetti biddeen suuqiiwwan meeshaalee shaqaxni itti gurguraman keessatti gurguruun dhorkamuu Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Finfinnee beeksise. Hoji Gaggeessaa Itti aanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Ingaa Irqataa suuqiiwwan meeshaalee keemikaala qaban akka saamunaa fa’aa keessatti gurguraman keessatti biddeen gurguruun fayyaa hawaasaaf hamaa ta’uu himan. Kanaafis kana booda suuqiiwwan kanneenitti biddeenaafi daabboo gurguruun dhorkaa ta’uu ibsan. Biddeeniifi Daabboon manneen nyaataa, manneen daabboo, mana biddeen gogaaf jedhamanii banaman fi manneen mi’eessituu qofaatti akka gurguramuu qaban eeran. Daldaltoonni bakka jedhameen alatti gurguran irratti adabbii barsiisaan akka irratti fudhatamu ibsuun hawaasnis qaamolee gocha akkasii irratti bobba’an yoo argu abbaa taayitichaaf eeruu akka kennu gaafataniiru. @Qaroopost

Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻 It's easy with Telega.io. As the leadi
Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻 It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches. ⚡️ Place your ad here in three simple steps: 1 Sign up 2 Top up the balance in a convenient way 3 Create your advertising post If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it. Start your promotion journey now!

Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Eessuman Ture jedhu kanatti dhiyaadhaa. https://youtu.be/HqulmEeswxw?si=REawP_NpawgtvsFx

Kurnan Torbee Jaalattoota Fiilmii akkasumas jaalattoota aartii maraaf bakka itti irraa beekumsa corattan kanatti goraa. Maatii ta’aa. https://youtu.be/IbPwCfNG-ko?si=WXfi4JLXbNNDokUA

Dhiimmoota Fiilmiin wal qabatan Yuutuubii kana irraa argattu. https://youtu.be/71a97weD8FA?si=xZIYelaIA3n52vDA

Fiilmii warreen jaalattan jirtuu? Fiilmota kanneen keessaa kamfaa ilaaltaniittu? https://vm.tiktok.com/ZMAfcwBvn/

Fiilmii guyyaa tokko qofa keessatti galii doolaara Miiliyoona 157 ol argate https://vm.tiktok.com/ZMAAaADE1/

Mootummaan baatii Fulbaanaarraa eegalee hojjettootaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesse Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesseera. Koomishiniin Siiviil Sarvisii Federaalaa ibsa baaseen, mootummaan haala jiruufi jireenyaa lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii dandeettiin biyyaa eeyyamu fudhachaa jiraachuu ibseera. Haaluma Kanaan mootummaan hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteessuu beeksiseera. Fooyya’iinsa Kanaan miindaan hojjetoota mootummaa inni gadi aanaan Birrii kuma 4 fi 760 irraa gara Birrii kuma 6’tti akka guddatu ibsameera. Miindaan hojjettoota mootummaa inni olaanaan ammoo Birrii kuma 21 fi 492 irraa gara Birrii kuma 39’tti kan guddatu ta’uun eerameera. Miindaan ka’umsa eebbifamtoota digirii jalqabaa Birrii kuma 6 fi 940 irraa gara Birrii kuma 11 fi 500’tti fooyya’a jedhameera. Miindaan hojjettoota mootummaa siiviil sarvisiin ala dameewwan garaagaraa keessatti bobba’anis kan fooyya’u ta’uu komishinichi beeksiseera. Fooyya’iinsi daballii miindaa kun baajata dabalataa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 ol gaafachuu kan ibse komishinichi, baasii mootummaa waliigala waggaatti miindaaf bahu Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 60’n gahuu hubachiiseera. @QarooPost

US namoota wal'aansaaf Gaazaarraa imalaniif viizaa kennuu dhaabde. Ameerikaan viizaa namoota Gaazaa irraa garas imalaniif kennaa turte kennuu dhaabuu ibsite. Jaarmiyaan dhimmi kun ilaallatu viizaa kennuun yeroof kan dhaabateef ''adeemsa jiru sirriitti qorachuuf akka ta'ee fi qajeeltoo yeroo ammaa tajaajila fayyaa xixiqqoo kennuuf jecha viizaan kennamu hubachuuf akka ta'e,'' X irratti ibse. Murtee Ameerikaa kana gareen mirga namoomaa Filisxeemiif falman balaaleffataniiru. Jaarmiyaan qarqaarsa daa'immanii Filisxeem- Palestine Children's Relief Fund jedhamu tarkaanfiin kun ''daa'imman Gaazaatti miidhaman gara US geessuun tajaajila fayyaa argatanii lubbuunsaanii akka baraaramu gochuu irratti miidhaa guddaa qaba,'' jedhe. Ameerikaan dhimma viizaa jiraattota Gaazaa irratti jijjiirama imaammataa kan ibsite erga rogeettiin warra sirna duriitti cichanii (far right) dhimma viizaa kana irratti qeeqa jajjabaa irra deddeebiin X irratti barreessiteeti. Viizaa namoota Gaazaa irraa imalaniif kennamu yeroof dhaabuutti Ministira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo galateeffatte. Jaarmiyaan qarqaarsa daa'immanii -Palestinian Children's Relief Fund sagantaa tajaajila fayyaa biyya alaan bara 2024 keessa daa'imman 169 Gaazaa keessaa baasuu ibse. Daa'immaan tajaajila fayyaa barbaadan kunneen gara Baha Jiddugaleessaa, Awurooppaa, Afrikaa Kibbaa fi Ameerikaatti geessuu ibse jaarmiyaan kun. Jaarmiyaaleen gargaarsa namoomaa dhiheessan erga Israa'el ji'a Bitootessaa keessa gargaarsa gara Gaazaa seenutti daandii cuftee nyaata ga'aa jiraattotaaf dhiheessuun hin danda'amne jedhu. Tarkaanfiin Israa'el kun jaarmiyaaleen miti-mootummaa jiraattota Gaazaa beelaan dhumaa jiraniif dhaqqabuun akka hin baraarre taasise jedhan. Mootummaan Israa'el ammoo gargaarsa namoomaatti karaa kan cufeef akka Hamaas nyaata hin fudhanneef jedhe. Garuu nyaata dhabuun du'aa kan jiran daa'imman Gaazaati. Jaarmiyaaleen gargaarsaa deeggarsa UN qaban hedduun, gareen mirga dhala namaaf falman fi gaazexeessitoonni Gaazaa keessatti beelaan uummanni dhumaa jira jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru. Xummura Adoolessa darbee kanatti miidiyaaleen idiladdunyaa kanneen akka AFP, AP fi Rooyitars Gaazaa keessatti gaazexeessitoonni beelaan dhumaa jiraachuu ilaachisuun wayita ibsan BBCn itti dabalamee ture. ''Ji'oota hedduuf gaazexeessitoonni waa hundarraa bilisa ta'an kunneen waan qabatamaan Gaazaa keessa jiru ijaa fi gurra addunyaan ga'aa turan. Amma isaanis akkuma namoota waa'eesaanii gabaasaa turaniitti dararaa argaa jiru,'' jedhan miidiyaaleen kunneen. Adoolessa darbe keessa Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp ''beelli inni sirriin Gaazaa keessa jira,'' jedhanii turan. Haata'u malee ammas qondaala ijoollee Gaazaa beelessuun himataman Beenjaamiin Neetaaniyaahuu faana hiriiranii jiru. @QarooPost

photo content